Kunii Websaayitii Ofiseelaaw
Waajjira Abbaa Alangaa Godina Jimmaatii
Websaayitiin Ofiseelaa Waajjira Abbaa Alangaa Godina Jimmaa Bara 2013 kessattii kan banamee yommuu ta’u erga websaayitiin kenya kuni banamee Heera Motummmaa Federaalaa fi Kan Naannoolee sagalii dabalatee labsii motummaa federaalaa lakkofsa 1/1987 irraa kaasee jiran hundumaayyuu akkasumas labsilee MNO hundumaa dambiif qajelfamoota dabatlatee dokumantoota seeraa kuma kudhashan caaluu maxxansuudhaan haawaasa bal’aadhaaf gahuu dandenyee jirraa
lakk Bilbilaa Waajjiraa
+251-47-111-0484

Waa’ee Kenya
Waa’ee Waajjira Abbaa Alangaa Godina Jiimmaa
Waajjirrii Abbaa Alangaa Godina Jimmaa Bu’ura Labsii Mana Hojii Abbaa Alangaa waligalaa Oromiyaa Hundessuuf Bahee bu’ura godhachuun sadarkaa godinaattii kan hundaa’ee yommuu ta’u, dirqama seeraa Tajaajila ogummaa abbaa alangummaa iftoominaafi itti gaafatamummaa qabu kennuun godinni Jimmaas Godina olantummaan Heeraa fii seeraa ittii mirkanaahee akka ta’uuf, hoojii tajaajila abbaa alangummaa si’ataa ta’e hawaasaaf kennuuf waajjira hundaa’eedha.
Websayiti Waajjira Abbaa Alangaa Godina Jimmaa Maaltu adda godha ..
waajjirri abbaa alangaa godina jimmaa haala adda ta’en qaamoolen seeraa kan jechuunis Abbootin Alangaa, Abbotin Seeraa, Abukaatoleen, Barattonnii Barsisonniifii Qorattoonnii Seeraa websaayiitii kana irrattii akkaawuntii dhunfaa ofii ykn pejii jarmiyaa isaanii banachuun bekkumsa seeraa akka walif hirruu carraa guuddaa ta’ee umee jiraa kanaafuu saanduuqa asitii argitan kana fayyadamuun galmaahaa jechaa waamicha kenya isiniif dhihessina.
Tajaajila Nurraa Argattaan
Waajjirrii Abbaa Alangaa Godina Jimmaa dirqama seeraa labsiidhaan ittii kennammee bahaachuuf jechaa adeemsaalee afur jalattii haawsaa kenya tajaajilaa jira. ademsaaleen kunninis kan ramaan gaditii ilaalaa

Garee Ademsa Yakkota Addaa Addaa
Waajjira Abbaa Alangaa godina Jimmaa Jalatti Ademsii Innii Tokkoo adeemsa Garee Yakkoota Adda Addaa Yommuu ta’u garee kanaan tajaajila Haqa hawaasaa mirkaneessuu kessatti yakkoota haawaasa irrattii raawwatamu addaan baasuun mana murtiitti dhiheessuun yakkamtoota adabsiisuun haaqa haawaasa kenya saffisaanifi qulqullinaan garee tajaajilaa keennudhaa. Qabatama waggoota kurnan dabarsine kessattii galmeewwan yakkaa woggaa Woggaan dhibba caaluu mana mmurtiitti dhihessuun yakkamtoota kan adabaman ta’un isaa gabaasa adeemsa garee kanaa irraa kan hubachuun danda’amuu dha. Haaluma kanaan tajaajila garee kanaan kennamuun waajjirri abbaa alangaa godina jimmaa akka Oromiyaa sadarkaa ol’aanaa akka qabaachuu danda’u shoora olaanaa ta’e garee taphachuu danda’eedhaa.

Ademsa Yakkota Malaamatummaafii Taksii
Waajjira Abbaa Alangaa godina Jimmaa Jalatti Ademsii Innii Biraa adeemsa Garee Yakkoota Malaamaltummaa fi taaksi Yommuu ta’u garee kanaan tajaajila Haqa hawaasaa mirkaneessuu kessatti fi yakkoota haawaasa malaammaltummaa fi gibiraa motummaa irrattii raawwatamu addaan baasuun mana murtiitti dhiheessuun yakkamtoota adabsiisuun haaqa haawaasa kenya saffisaanifi qulqullinaan garee tajaajilaa keennudhaa. Qabatama waggoota kurnan dabarsine kessattii galmeewwan yakka malaammaltummaa fi gibira motummaa irratti rawwataman adda baasuufi calalun qorannoo yakkaa erga taasifamen boda yakkamtoota hhedduu manamurtiiti adabsisufi qisaasama mallaqaa gosa yakka kanaatin motummaa mudachu danda’u hambisuu kessatti hojii ol’aanaa ta’e hojjetameen maqaafi sadarkaan waajjira abbaa alangaa godina jimmaa akka Oromiyaatti fakkeenyummaa akka godhatuf shoorri gareen ademsa yakkoota malaamaltummaa fi taaksii wajjira kenyaa taphatee olaanaa ta’un isaa gabaasaaleen baroota darban irraa kan hubachun danda’amuu dha..

Garee Ademsa Galmessaa Ragaalee
Waajjira Abbaa Alangaa godina Jimmaa Jalatti Ademsii Innii Biraa adeemsa galmessaa ragaalee fi sanada mikranessaa yommuu ta’u

Garee Adeemsa Haariroo Haawaasaa
Dhimmoonni Hariiroo Hawaasa dantaa ummataa fi manneen hojii mootummaa dhabbilee misoomaa mootummaa jaarmiyaalee ummataa namoota harka qalleeyyii ta’anii akka kabajamuuf labsii lakk 214/2011 bahe labsii lakk 236/2013 foyyaa’een bahee tumameera
Manni hojii Abbaa Alangaa fi caasaalee isaa sadarkaa sarkaan..
Dabalata waligaltef sanada ilali

Ergaa Obboo Sisay Eddessaa
Ittii Gaafatamaa Waajjira Abbaa Alangaa Godina Jimmaa
Waajjirrii Abbaa Alangaa Godina Jimmaa dirqama seeraa qabuu duguugee bahaachuun hawaasa kenyaaf tajaajila si’aawaa ta’e keennuun biyyaafi naannoo kenya akka goroottii godina Jimmaa akka gooreetti biyyaafi naannoo ol’aantummaan seeraa ittii kabajamee ta’uu isaa mirkaneessuuf hojiiwwan gurguddoo hojjetaa jiraa. Kanniin keessaa akka adeemsaattii gareen ademsa yakkoota adda addaa, gareen adeemsa yakkoota malaamaltummaa, gareen ademsa Hariiroo hawaasaa fi gareen adeemsa galmeessaa ragaaleen akka adeemsa mana hojichaattii hojilee gurguddaa ta’an hojetamaa jiraachuu isaa ifaadha. Kanaaf immoo akka Oromiyaatti mannii hojii Abbaa alangaa godina jimmaa sadarkaan waggoottan shananiin as qabatee argamuu agarsiisa tokkoo. Bara hojii 2013 mannii hojii kenyaa akka oromiyaattii sadrkaan lammaffaa qabachuun isaa sadarkaa raawwii mana hojii kenyaa kan garsiisuudhaa.
Obboo Sisaas Eddessaa
Ittii Gaafatamaa Waajjira Abbaa Alangaa Godina Jimmaa
