Seera Yakkaa MFDI bara 1996 bahe, labsi lakk. 414/96

Dhaamsa MHAAGJ.

Kabajamtoota Abbootii Alangaa Naannoo kenyaa, kabajamtoota Abbootii seeraa, kabajamtoota barttaootaafii qorattoota seeraa, kabajamtoota qaamolee haaqaa, kabajamtoota websayiti mana hoji abbaa alangaa hordoftan daawwatan minseensa ta’un hirmaattaan marti kessanuu, akkuma kanaan dura jeennee kaayyoofii galmii website mana hoji Abbaa alangaa godina jimmaa ittin banamee keessaa innii hangafaa heeraafii seera biyya kenyaa haala salpahadhaan akka argaman taasisuun, abbootii alangaa fi abbootii seera godinaafi naannoo kenyaa seerota kanniin haala salphaa argatanii akka itti fayyadamaniifii akkasumas hawaasa godina kenyaafis ta’e ummata oromootif hubannoo seeraa akka qabaatuu taasisuun haawaasaafi ummata kenya seeroota biyyaa kabajee kabajchisuu danda’u gochuun galma kenya hangafaa waan ta’ef, galmaa kana fiixaan baasuuf jecha heeroota biyya kenyaa hera motummaa federaalaafii kan motummaa naannoo Oromiya dabalatee labsiwwan danbilee qajelfamotaafi murtoolee mannen murtii murtoo abbotii alangaa mana hoji kenyaatin galmeelee qorannaa yakkaa irratti bu’ura SDFY keww 42n cufaman pdfn isinif maxxansaa turuu kenay niyaadatama. Haaluma kanaan Seera yakkaa amma ittiin hojjetamaa jiruu afaan oromodhaan hikanii maxxansuun waan barbaachisee argameef hikkaa seera yakkaa bara 1996 bahee guutuu isaa isinif maxxansinee jirraatii download godhachuun dubbisuu dabalatee marsaritii hawaasaa kessan irratti sher gochun akka walin gettan yoo isinif dhaamnuu misensaafi hordoftoota website kenyaa ta’un waan maxxansinuu maraa kara email kessanin akka isin dhaqabuf follow fi subscribe gochuun nu jajjabessa jenna.

Garee komnikeeshini MAna Hoji AA Goinad Jimmaa.

Seensa 

Labsii Lakkoofsa 414/1996 Seera Yakkaa Mootummaa Federaalaa Demokiraatawaa Rippaabilikaa Itoophiyaa

Seensa

Seerri Adaba Yakkka bara 1949 bahe hojii irra ooluu erga jalqabee gara jaarraa walakkaatti siqee jira. Yeroo kana keessatti jijjiiramni bu’uuraa kan siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa Itophiyaatti taasifamanii jiru. Kanneen keessaas, walqixxummaan amantiiwwanii, sabaa, sablammootaafi ummattotaa, mirgaafi bilisummaawwan dimokiraasummaa lammiileefi jiraattotaa, akkasumas mirgi namoomaa, keessumattuu, mirgootni kutaalee hawaasaa kan akka daa’immaniifi dubartootaa waliigalteewwan addunyaalessaa Itoophiyaan fudhatteefi Heera mootummaatiin beekamtii argaachuun isaanii adda durummaan kan tuqamuu dandaa’anidha. Jijjiirama kan hunda booda raawwiin seera adaba yakkaa bara 1949 akka itti fufu taasisuun fudhatamummaa hinqabu.

Qaawwaan Seera adaba yakkaa duraanii irratti mul’atu inni biroon yakkoota guddinni teeknooloojiifi haalawalxaxaa jireenyi ammayyaa fide qixa barbaachisaa ta’een hammachuu dhabuu isaati. Kanneen akka uggura xiyyaaraa, yakkoota kompuutaraafi maallaqaa sababa yakkaatiin argame seera qabeessa fakkeessuun dhiyeessuu (money laundering) kan fakkaatan seerri adaba yakkaa duraanii kun kan hin ilaalle ta’uu isaati. Kana malees, yakkoota malaamaltummaafi baala sammuu namaa adoochan waliin wal qabatanii yakkoota raawwataman ilaalchisee, yeroo ammaa rakkoo cimaa geessisaa waan jiraniif, biyya keenya irra darbee sadarkaa ardiifiaddunyaalessaatti gama bahiinsa seeraatiinis ta’e hordoffiitiin xiyyeeffannoo kan argatan ta’anii kan mul’atan yoo ta’anis yakkoonni kun sadarkaa yaaddessummaa isaaniitiin seera adaba yakkaa duraanii keessatti haala gahumsa qabuun hin hammatamne. 

Dhimmi callisaan bira darbamuu hin qabne kan biroo, gochoonni barmaatilee boodatti hafoo ta’an  dubartootaafi daa’imman irratti miidhaafi gadadoo ol’aanaa kan geessisan ta’uu isaanii Seerrii Adaba Yakkaa duraanii beekamtii kennuu dhabuu isaati. Dhugaadha; aadaan ummattootaa akka kabajamu Heerri mootummaa ni tuma. Barmaatilee miidhaan isaanii saayinsiidhaan mirkanaa’e garuu Heerri Mootummaa hin deeggaru. Akkasumas, seerri uummattootni itti hin amanneefi hindeeggarre yeroo hedduu hojii irra waan hin oolleef seera akkasii baasuun faayidaa akka hinqabne dhugaa dha.Haata’u malee, yeroo tokko tokko qaamni seera baasu seera ammayyaa baasuun hawaasa barsiisuufi hoogganuun aadaa miidhaa geessisan irraa akka of qusatu taasissuun  adeemsa falaasama qophii seera yakkaatiin deeggaramudha.   

Kana malees, tumaaleen seera yakkaa seerota Negaariit Gaazexaa adda addaa keessatti bibbittaannaa’anii jiran hanga danda’ametti iddoo tokkotti walitti qabuun seera waliigalaa baasuun ni deeggarama. Akkasumas, Seerri adaba yakkaa idilee fi Seerri adaba yakkaa addaa fooyya’ee bahe dhimmoota wal fakkaatan irratti wal cina akka hojjatu taasisuun walqixxummaa lammiilee hubannoo keessa kan hingalchine waan ta’eef, seerri yakkaa waliigalaa tokko jiraachuun isaa hojmaatni akkasii akka hafu taasisa.

Hanqinaalee armaan olitti ibsaman hambisuun seera yakkaa guutuu ta’e baasuuf kutaalee  biyyattii hundatti  sochii ol’aanaan taasifameera.Wixinee seera yakkaa Ministeera Haqaafi Inistiitiyuutii Haqaafi Qorannoo Sirna Seeraatiin qophaa’an irratti mareen taasifameera. Ogeessonni seeraafi fayyaa, ogeessonni sammuu, dhaabbileen barnootaa adda addaafi waldaaleen ogummaa yaada kennuun bahiinsa seerichaatiifgumaacha ol’aanaa taasisaniiru. Ummattoonni biyyattii Finfinneefi naannoleetti dame hojii hundaafi waldaalee isaanii irraa bakka bu’oota isaanii erguun walgahiiwwan bakka adda addaatti gaggeeffamaniin wixineewwan  seerichaa irratti yaadota faayidaa qaban dhiyeessuu danda’aniiru. Yakkoota kanneen akka butii, dirqisiisannii gudeeduufi hanna cimaa irrattii adabbiin isaa kan cime adda durummaan yaada ummataa bu’uura godhachuudhaani. Kana malees, qabiyyee seera yakkaa kana gabbisuuf yaadawwan beektota seeraafi seeronni biyyoota alaas ta’e muuxannoowwan jiran sakatta’amanii jiru.

Dhuma irrattis qabxiin osoo hin ibsamne bira hin darbamne dhimma akkaataa murtii adabbii iitii kennamuti. Manneen Murtii dhimmoota walfakkaatan irratti adabbii walfakkaataa karaa itti murteessan mijeessuun barbaachisaa waan ta’eef tumaalee seerichaa irratti jijjiiramni gurguddaan tokko tokko taasifameera. Tumaaleen seera yakkaa kenninsa murtii adabbii walxaxaafi rakkisaa godhan akka fooyya’an taasifamaniiru. Manneen Murtii dhimmoota  salphaa ta’an irraa hanga isa cimaatti   haala of eggannoo qabuun qoratanii tokkoon tokkoon dhimmaatiif murtii adabbii barbaachisaa ta’e murteessuuf tumaan isaan dandeessisu keessatti hammatameera. Akkaataa sirrummaa murtii adabbiifi walfakkaatummaa isaa mirkaneeessuufis ta’e to’achuuf kan dandeessisu qajeelfamni (maanuwaaliin) akkaataa murtii adabbii akka bahu ni taasifama.

Qabxiin akkaataa murtii adabbii waliin walqabatee ka’uu qabu kaayyoon seera yakkaa nageenyaafi tagabbii hawaasaa eeguu ta’uu isaati. Hawaasicha kan eegus yakki akka hin raawwatamne ittisuudhaan yoo ta’u, kanas karaa galmaan gahu keessaa tokko adabbiidha. Raawwattootni yakkaa adabamuun isaanii akka yakka biraa raawwachuu irra of qusatan isaan taasisa. Gara fuula duraattis namoota yakka raawwataniifis akeekkachiisa ta’a. Gama yakkoota muraasaatiin adabbiin hidhaa yookiin du’aa kan raawwatamu yoo ta’es hubannoon inni duraa balleessitootni yeroodhaaf yookiin itti fufinsaan hawaasa irratti yakka akka hin raawwanne ittisuudha.  Akkas yommuu ta’us, adabbii du’aa irraa kan hafe balleessitootni adabbiin hidhaa umuriiguutuu itti murtaa’e yoo ta’anillee adabbii isaanii osoo hin fixiin korooraan gadi lakkifamuu ni danda’u. Gama yakkoota tokko tokkootiinis murtiin adabbii osoo hin kennamin yookiin adabbiin yoo murtaa’es osoo hin raawwatamiin balleessitootni daangaadhaan gadi lakkifamuu ni danda’u. Kunis balleessitootni jireenya nagaa akka gaggeessan kantaasisu yoo ta’u; seerri yakkichaa yakkamtoonni balleessaa isaaniirraa akka barataniif iddoo ol’aanaa kennuu isaa agarsiisa. Balleessitootni yommuu mana sirreessaa jiranillee hidhamanii akka dararaman taasisuu manna, mana sirreessaatii yommuu bahan hojiiwwan ogummaa adda addaa isaan fayyaduun akka leenji’aniifi barumsa qalamaa akka baratan taasisuun haaromsa  balleessitootaatiif tilmaama guddaa seerri yakkaa kun qabu kan mirkaneessudha.

Seerri yakkaa kun waa’ee dhimmoota kanaa ifaan tumuun isaa Manneen Murtii adabbii yommuu murteessan kaayyoo seerichaafigalmaadda addaa adabbii tilmaama keessa akka galchan yaada keessa galchuun akka ta’e beekamuu qaba.

Yaaliin cimaan kun hundi taasifamee seerri yakkaa fooyya’e kun mootummaan biyyattii fi sirni uummattoota isaa, nageenyii fi tasgabbiin isaa, akkasumas, mirgii fi bilisummaan lammiilee fi jiraattotaa kabajamuu isaa akka mirkaneessu itti amanama.

Seerri yakkaa kun guddina diinagdee biyyattii ariifachiisuuf kan dandeessisuufi sirni gabaa bilisaa tasgabbaa’a ta’e akka cimu taasisuurra darbee biyya keenyatti sirni haqaa sirrii ta’e akka diriiru kan deeggaru ta’uun isaa waan itti amanameef bu’uura Heera Mootumaa Federaalaawaa Dimokiraatawaa Rippaabiliikaa Itoophiyaa Keewwata 55 (1) fi (5)tiin kan kanatti aanu labsameera.Mana Hoji AA Godina Jimma⚖️🇪🇹⚖️

Published by Mana Hoji AA Godina Jimma. የጅማ ዞን አቃቤህግ መስሪያቤት

This is the official website of Jimmaa zone attorney office, ⚖️wee strive to insure justice for our community⚖️

One thought on “Seera Yakkaa MFDI bara 1996 bahe, labsi lakk. 414/96

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: