Gita mirkanessa Ragaa Dhimma Yakkaa: yaadrimeef xinxala dhimmaa. Pdf

Xinxala kana kan Qophesse.

Milkii Makuriyaa abbaa seeraafi ILQSOtti qorataa se
  • Mhaagj
Seensa 

Manneen murtii keessatti Sadarkaa ragaan tokko balleessummaa nama yakkaan himatamee itti mirkaneessuu qabu irratti hubannoon walfakkaataan hin mul’atu. Yaadrimeewwan gita mirkaneessa ragaa sirnoota seeraa koman loo fi kontineentaalii gidduutti akkasumas biyyoota sirna seeraa walfakkaataa hordofan keessattillee hojiirra oolmaa fi hiikkaa gara garaa qabu. Seerotnii fi heerri keenyas ragaan seeraa dhiyaatu balleessummaa himatamaa sadarkaa kanatti mirkaneessuu qaba jechuun ifatti waanti kaa’an hin jiru. Ibsa biraatiin, dhimma yakkaa irratti ragaan abbaa alangaa dhiyaatu milkaa’uudhaaf baay’inas ta’e qulqullina /gahuumsa/ qabaachuu qabu seerri bitu hin jiru. Kun immoo ogeessotni qaamolee haqaa naannichaa, keessattuu abbootiin seeraa, gita mirkaneessa ragaa yakkaa kana kallattii gara garaatiin akka ilaalan godheera. Kunis amanamummaa sirna haqaa naannichaa irratti akkasumas mirgootaa fi bilisummaawwan bu’uuraa lammiilee irratti dhiibbaa mataa isaa fidaa jira. 

Join 755 other followers

Galmeen Mana Murtii Olaanaa Godina Arsii Lixaa lakkoofsi isaa 106951 ta’e falmii yakka ajjeechaa cimaa hammeenyummaan raawwatame jedhame kan ilaallatu dha. Dhimmi xiinxalamuuf yaadame kun rakkoon armaan olitti ibsame hangam hammaataa akka ta’e agarsiisuu ni danda’a yaada jedhuun kan filatame dha. Haaluma kanaan, xiinxalli dhimmaa kun muuxannoo manneen murtii biyyoota gara garaa, hiikkaa fi qabiyyee yaadrimeewwanii fi bu’uura qajeeltoowwan gita mirkaneessa ragaa kanneenii, heeraa fi seerota biyya keenyaa akkasumas barmaatilee jiru gabaabinaan kan dhiyeessu ta’a.  

Dhimmicha Gabaabbinaan

Dhimma xiinxalame kanaaf ka’uumsi himannaa abbaan alangaa godina Arsii lixaa gaafa 14/03/2003 himatamtoota nama lama irratti Mana Murtii Olaanaa Godinichaatti dhiyeessee dha. Himannoon abbaa alangaa akka ibsutti himatamtootni nama Raamatoo Galatoo jedhamu gaafa 12/11/2002 guyyaa keessaa sa’a 9:00 irratti himatamaan 1ffaan gajaraan mormaa fi cinaacha irra rukutee, himatamaan 2ffaan gajarumaan mogolee bitaa irra rukutuun waliin ta’uun harka,lukaa fi qaama isaa haala gara jabina qabuu fi saalfachiisaa ta’een  cicciruun itti yaadanii ajjeesaniiru. Dabalataanis abbaan alangaa yeroo ibsu ‘‘reenfi du’aa akka hin fudhatamnee fi hin qoratamne waan godhaniif himatamtootni kun yakka ajjeechaa cimaa hammeenyummaan raawwataniiru’’ jechuun S/Y bara 1996 bahe kwt 32(1 (A)) fi 539(1(A)) jalatti himateera. Manni murtii dhimmicha ilaales himatamtootni gochaa jedhame raawwachuu waan waakkataniif, ragaa abbaa alangaa dhagaheera. 

Ragootni abbaa alangaa 1ffaa fi 2ffaan jecha ragummaa kennan keessatti, du’aa fi himatamtootni lola akka hin qabaannee fi guyyaa fi sa’aatii himata irratti caqasame kana irratti osoo afur ta’anii karaa deemaa jiranii bakka himata keessatti caqasame kanatti himatamtootni lamaan bosona keessaa isaanitti bahanii, himatamaan 1ffaan morma du’aa mirgaa gajaraan dhahee kuffisee, bakka kufetti cinaacha mirgaa gajaraan dhahuu fi himatamaan 2ffaan mogolee du’aa bitaa gajaraan dhahuu raaganiiru. Sana boodas gajaraan harkaa fi miila du’aa tumanii gara qe’ee isaaniitti harkisanii deemuu ibsaniiru. 

Ragooleen kun himatamtootni waan gajaraan isaanitti fiiganii fi harka duwwaa waan turaniif halaala dhaabbatanii akka ilaalan ragaa bahaniiru. Ragooliin kun waliin dhaabbatanii kan ilaalaa turan ta’uu yoo dhugaa bahan illee gaaffiiwwan mana murtiitiin gaafatamaniif yeroo deebii kennan ragaan 1ffaan metra 50, ragaan 2ffaan immoo metra 20 irraa fagaatanii kan ilaalan ta’uu dubbataniiru. Reenfi du’aa akka hin argamnes rageessaniiru. Ragaan abbaa alangaa 3ffaan jaarsummaa taa’uun alatti waanti beeku kan hin jirre ta’uu ibseera. Abbaan alangaa, ragaan hafes kanuma beeka waan jedhaniif ragaan abbaa alangaa 4ffaan osoo hin dhagahamiin hafeera. Galmicha keessaa akka hubatamutti ragaan bareeffamaas ta’e ragaan biraa miidhamaan du’uu agarsiisu dhiyaate yookin akka dhiyaatu ajajame hin jiru.

Manni murtichaas ragaa namaa abbaa alangaa erga dhagahee booda himatamtootni ragaa ittisaa akka dhiyyeeffatan ajajeera. Manni murtii kunis ragaan himatamaa 1ffaa waan hin dhiyaatneef bira darbuudhaan ragaa ittisaa himatamaa 2ffaa dhagaheera. Ragooleen ittisaas jecha ragummaa kennaniin guyyaa himatamaan du’e jedhame caqasuudhaan himatamaan 2ffaan sa’a 8:0011:00’tti isaan waliin awwaala kan oole ta’uu dubbataniiru. Ragaan ittisaa 1ffaan gaaffilee gaafatameef deebii yeroo kennu awwaalcha waliin deeman kana irratti reeffi bakka awwaalaa kan gahe sa’a 9:30 tti yoo jedhu, ragaan ittisaa 2ffaan reeffi bakka awwaalaa kan gahe sa’a 10:30’tti jedheera. Gama biraatiin ragaan ittisaa 2ffaan gaaffii qaxxaamuraa abbaan alangaa ‘yoo jidduun deemee ajjeesee dhufe hoo beektaa’ jedhee gaafateef ‘‘hin beeku’’ jechuun deebiseera.

Manni Murtiis, ragaa dhiyaatan madaaluudhaan ragooleen abbaa alangaa himatamtoota lameenittuu mirkaneessanii osoo jiranii ragooleen himatamaa 2ffaa dhiyaatan irraa ittisanii waan hin jirreef himatamtoota lameenirrattuu murtii balleessummaa kennuun tokkoon tokkoon isaanii irratti adabbii hidhaa waggaa 15 dabarseera. Himatamtootnis murtii kenname irratti komii qaban M/M/W/O Dhaddacha Kibbaatti oliyyata dhiyeeffataniiru. Dhimmichis oliyyannoon dhiyaatee osoo jiruu namni himatamtootni gara jabummaan cicciranii ajjeesan jedhame /du’aan/ lubbuun jiraachuu isaaafi yakki himatamtoota kanaan irratti raawwatame tokkollee kan hin jirre ta’uu irra gahameera. Manni murtii oliyyata dhagahus iyyatni argamuu du’aa ibsu erga dhiyaatee booda ijoo kana mirkaneeffachuudhaan gara falmiitti osoo hin galiin himatamtoota bilisaan gaggeeseera.  

Himatamtootni kunneen badii isaanii tokko malee balleessaa jedhamuun adabbiin itti murtaa’ee jira. Sababa seeraan ala yakkamtoota ajjeechaa lubbuu taasifamaniif miidhaa hamilee isaanirra gahuu fi hidhaa itti murtaa’e raawwachuuf mirga bilisummaa qaamaa sarbaman irraa himatamtoota

bayyanachiisuuf furmaatni seeraa tokko taa’uu hin qabuu laata? Manneen murtii dhimmicha oliyyataan ilaaluu danda’an oliyyatni dhiyaate kan dhiyeessisu miti jechuun erga murteessanii yookin murtii mana murtii olaanaa erga cimsan booda himatamaan kan argamu osoo ta’ee, carraa fi furmaatni seeraa himatamtootni qaban maal ta’uu danda’a ture? Gaaffileen kunneen dhimma qabatamaa kana waliin walqabatanii sammuu nama hundumaa keessatti kan uumamanii dha. Dhimmootni kunneen bilisummaawwan bu’uuraa dhala namaatiin waan walqabataniif xiyyeeffannaa fi uwwisa seeraa argachuu akka qaban ni amanama. Haa ta’u malee, akkuma seensa keessatti ibsamuuf yaalame, fuulleffannaa xiinxala dhimmaa kanaa kan ta’u ‘manni murtichaa himatamtoota kanaan ofirraa ittisaa’ jechuu fi murtii balleessummaa kennuuf ragaan dhiyaate balleessummaa himatamtootaa gita /sadarkaa/ barbaadamutti mirkaneesseeraa? gaaffii jedhuun dhimmoota walqabatani dha.

Published by Mana Hoji AA Godina Jimma. የጅማ ዞን አቃቤህግ መስሪያቤት

This is the official website of Jimmaa zone attorney office, ⚖️wee strive to insure justice for our community⚖️

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: