Barruu Xinxala Seeraa Murtii MMF dhadacha Ijibbaata irarttii taasifamee. Pdf

Dhimmootni RTD dhaan ilaalaman mirga of irraa ittisuu shakkamaa kan hin sarbine ta’uu seerotaa fi Murtii dhaddacha Ijibaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa Jildii 17ffaa Lakk.Galmee 100712 ta’e irratti kenname
Barruu:- Xinxala Seeraa.

Qophessaan:- Mulugeta M.

Bitootessa 2013
Jimmaa, Oromiyaa

https://youtu.be/0glebW9EFh8
1.1. Seensa waligalaa
Namni himatame akkuma nama kamiyyuu mirgoota daangaa seeraa keessatti kabajameef qaba.Mirgoota kana keessaa mirga murtii saffisaa argachuun isa tokkoodha.Mirgi kunis Heera Mootummaa Federaalaa Dimookraatawaa Rippublika Itoophiyaa keewwata 20(1) irraa hubachuun ni danda’ama.Gama biraatin immoo dhimmi yakkaa osoo wal-irraa hin ciccitin yeroo gabaabaa keessatti kan dhagahamuu fi xummuramuu qabu ta’uu seera deemsa falmii yakkaa irraa hubachuun ni danda’ama.Kana qofa osoo hin taane seerota idila addunyaa biyyi keenya mallateessite keessa tokko kan ta’e Konveenshiniin Mirga sivilii fi siyaasaa mirga kanaaf beekkamtii fi eegumsa kenneet jira.Haa ta’u malee gaalee yeroo gabaabaa jedhu kun hiikoof kan saaxilame waan ta’eef dhimmuma walfakkaataa irratti murtiin kennamu garaagarummaan guyyootaa,torbanii fi darbees baatidhaan lakkaa’amu akka uumamu ta’eet jira.Kana Furuudhaaf jecha immoo yaadrimeen Tooftaa Saffisa Adeemsa Falmii Yakkaa (TSAFY) yookiin RTD (Real time Dispach) jedhu hojii irra ooluu danda’eera.Haa ta’u malee gama ogeessota adda addaatin ilaalchi fi hubannoon yaadrimee kana irratti muldhatu(mul’atu)murtiiwwan adda addaa akka kennamaniif sababa ta’aat jira.
Garaagarummaa ilaalchota dhimma kana irratti muldhatan (Mul’atan) keessaa mirga of irraa ittisuu himatamaa dhiphisaa, hanga murtiin dhumaa kennamutti mirga qulqulluu ta’ee tilmaamamuu himatamaa sarbaa.Mirga Abukkaattoo isaa faana mari’achuu sarba kan jedhan isaan ijoodha.Kanuma bu’ura godhachuudhaan dhugumayyuu tooftaan Saffisa Adeemsaa Falmii Yakkaa(TSAFY) yookiin RTD mirga of irraa ittisuu(ragaa ittisaa dhiyeeffachuu) himatamaa sarba moo? hin sarbu? kan jedhu barreeffama kana keessatti kan ilaallu ta’a.

Seenaa Dhufaatii
Adeemsi murtii battalaa (TSAFY) yookiin RTD dhuma bara 1994(GC) irratti biyya Faransaayitti kan jalqabamee fi booda irra gara guutuu Faransaayitti kan babaldhate(babal’ate) ta’uu odeeffannoowwan gama kanaan barreeffaman ni muldhisu(Mul’isu).Booda irra immoo bara 2006(Gc) biyya Yunaayitid Kingdam(UK)tti moggaasa ‘Next Day Justice’ jedhuun jijjiirama guddaa akka fide himama.Biyya Faransaayitti “Real Time Dispatch” Britaaniyaatti “Next Day Justice”kan jedhamu adeemsa addaa osoo hin taane tooftaa addaati.(RTD is not a special procedure as such.It is rather a technique).Yeroo baay’ee dhimmootni kun hojii irra kan oolan yakkoota harhaaf harkatti qabamaniifi.
Akka Biyya keenyaatti yeroo jalqabaatif dhimmi kun kan hojiirra oole biyya Harargeetti kabaja Ayyaanaa Gabreelii Qullubbiitti.Ergaa ennaa sanaati jala bultii Barkumee Itoophiyaatii jalqabee Magaalaa Finfinneetti kan ittiin hojjatamaa jirudha.Kana Qofaa osoo hin taane Biyya Hawaasaatti kabaja ayyaana Gabreeli irratti yakkoota harkaa fi harkaa irratti adeemsi kun kan baldhinaan itti hojjatamaa jiruudha..
Muuxannoo Biyya Ambaa
1.Faransaay:-Biyyi kun wixinneessituu yaada kanaa akka taate ni beekama.
Ulaagaawwan biyya kanatti itti fayyadaman yoo ilaallu
 Dhimmichi RDT’f mijataa ta’uu qaba
 A/A fi Himatamaan /Abukaattoon isaa dhimmichi RTD dhaan akka ilaalamu waliigaltee irra gahuu qabu.
 Gochi Yakkaa raawwatame hidhaa waggaa 7 olii kan hin adabsiifne ta’uu qaba
 Himatamaan Abokaattoo ittisaa faana dhiyaachuu qaba.
 Dhimmi guyyaa 1tti hin xummuramu yoo ta’e himatamaa hanga guyyaa 5tti to’annaa jala tursiisuun ni danda’ama.
2.Biyya Inglaand
 Aangoo Poolisiitii
 Aangoo galmee cufu qaba.
 Poolisiin dhimmichi adeemsa seeraa keessa darbuu qaba jedhe yoo itti amane A/Alangaatti dabarsa.
 Jalqaba dhimmichi RDT dhaan kan ilaalamu ta’uu seeraan tumamuu qaba.
 Aangoo M/Murtii Maajistireetii jalatti kan kufu ta’uu qaba.
 Hanga hidhaa baatii 6’tiin kan adabsiisu ta’uu fi
 Himatamaan gocha yakkaa kan raawwate ta’uu amanuu qaba.
3.Muuxannoo Biyya Keenyaa
Immaamata haqa yakkaa bara 2003 bahe irratti qaamotni haqaa yakkoota harkaaf harkaa qabiyyeen ragaa isaanii walxaxaa hin taanee fi yakkoota biroo sirna gabaabaan yeroodhuma sana M/Murtiif dhiyaatanii murtii akka argatan hojiimaata hojii irra oolchu jechuun ibsee jira.
Yakka harkaa fi harkaa fi yakkoota biro adeemsa gabaabaadhan akka ilaalaman murteessuuf aangoo kan A/A ta’uu ibsa.Kana yommuu murteessu garuu haala waliigala yakkichaa,qabiyyee fi dandeetti ragaa akkasumas fedhi miidhamaa fi shakkamaa ilaalcha keessa kan galche ta’uu seera deemsa falmii fi seerota biroo keessatti ifaan tumama ergaa jedhu qaba.Haa ta’u malee seera deemsa falmii yakkaa keessatti yakkoota harkaa fi harkaatin walqabatee haala eeru fi himannaan itti dhiyaatu ilaalchisee s/d/f/y/keewwata 21(1) jalatti yakkoota iyyannoo dhuunfaatin dhiyaatan irratti eerus ta’ee himannaa dhiyeessu osoo hin barbaachisin himannaa dhiyeessun ni danda’ama ergaa jedhu qaba kun hamma ta’e dhimmichi akka saffisaan ilaalamu furmaata kan kaa’e fakkaata haa ta’u malee yeroo hammamii keessatti isa jedhu hin ibsine.
4.Naannoo Oromiyaa
Jiijjiiramni Bu’uraa Adeemsa Hojii(JBAH)’n bara 2006 fooyya’ee bahe akka ibsutti dhimmi tokko RTD dha jedhamee ilaalamuuf ulaagaawwan guutamuu qaban:-
 Yakka harkaa fi harkatti qabaman
 Gocha yakkaa raawwatamee qoratamuun sa’aatii 48:00 keessatti himatni M/Murtii yoo dhiyaate
 Bu’aan ragaa teeknikaa yookiin taaktikaa deeggaramuu qabu sa’aatii 48:00 keessatti walqabatee dhiyaachuu yoo danda’e
 Yakki raawwatame miidhaan isaa fulduratti bu’aa gara biraa kan hin hordofsifne ta’uun isaa yoo mirkanaa’ee beekame.
Kanaaf barreeffamoota armaan olii irraa akka hubannutti dhimmichi raawwatamee sa’aatii 48 keessatti mana murtii dhiyaatee yoo murtii argate ta’uu hubanna.Haa ta’u malee gama kamiin mirga of irraa ittisuu himatamaa sarba kan jedhu irratti garaagarummaa ilaalchaa yoo ta’e malee seerichi waanti ifaan kaa’u jiraachuu baatus waanti ifaan hin dhorkamne immoo akka eeyyamametti lakkaa’ama qajeeltoo jedhu fudhachuudhaan me dhimma armaan gadii kana haa ilaallu.
Xinxala dhimmaa
Murtii Dhaddacha Ijibaataa M/M Waliigala Federaalaa Jildii 17 lakk.galmee 100712 irratti
Dhimmootni RTD dhaan ilaalaman mirga of irraa ittisuu himatamaa kan hambisu danda’an himatamaan karaa ifa ta’een mirga of irraa ittisuu isaa kan dhiise ta’uu yoo mirkaneesse qofa.
Murtiin dhaddachi kun kenne jildii 17ffaa lakk.galmee 100712 irratti yommuu ta’u dhimmichi kan jalqabe waamamaan ammaa iyyataa ammaa irratti himannaa dhiyeesse bu’ura godhachuudhani.Kunis iyyataan ammaa seera yakkaa MFDRI bara 1996 bahe keewwata 669(2) irra darbuun badhaadhina hin malle ofii argachuuf yookiin nama biroof argamsiisuuf yaadee gaafa guyyaa 18/02/2006 tilmaamaan guyyaa keessaa sa’aatii 6:00 yommuu ta’u kutaa addaa Kolfee Qaraaniyoo Aanaa 02 bakka addaa dhaabbata oomisha bu’aa pilaastikaa Kaarra Qoree Dagaamaan jedhamu keessatti Hojii Gaggeessaa(dura bu’aa) ta’ee qacaramee osoo hojjachaa jiruu qabeenya miidhamaa dhuunfaa Amaara Abrahaam kan ta’an pilaastika meeshaa dheedhii kophee karaxixi dhibba tokkoof shantama,gatiin karaxixix tokkoo qarshii 1100(kuma tokkoof dhibba tokko) waliigala tilmaama qarshii 165,000(Kuma dhibba tokkoo fi jahaatamii shan) baasu fudhatee himatamaa 2ffaa obbo Darajjee Fiqaaduutti kan gurguree qabame waan ta’eef yakka hannaa cimaa raawwateef himatame kan jedhudha.Himatamaanis M/Murtii dhiyaatee himannaan A/A dubbifameefi akka hubatu erga taasifamee booda jecha amantaa fi waakki gaafatamee kan waakkate waan ta’eef A/A ragoota himannaa isaa mirkaneessaniif dhiyeessee dhageessiseera.
Kana booda ragoonni A/A irratti kan mirkaneessan ta’uu hubachuun ragaa ittisaa fedhii iyyataatin kan bira darbe ta’uu caqasuun keewwatuma A/A himate jalatti balleessaadha erga jedhee booda bu’ura qajeelfama adabbiitin xinxaluu isaa caqasee hidhaa cimaa waggaa 8 fi baatii 5 akka adabamu murteesse.Iyyataanis murtii kana komachuun M/Murtii Ol’Aanaa Federaalaatti dhiyeeffachuun bitaaf mirgi erga wal falmaniii booda murtiin balleessuma Mana Murtii jalaa kan cime ta’us murtii adabbii kenname irratti garuu akkaataa qabiinsa sababoota adabbii cimsanii fi salphisan irratti dogoggorri kan jiru ta’uu fi dogoggora sana kan sirreesse ta’u ibsuun iyyataa hidhaa cimaa waggaa 6 fi baatii 6 tin akka adabamu murteesse.
Iyyatni ijibaata amma dhiyaate kun murtii kana komachuun yommuu ta’u qabiyyeen bu’uraa iyyatichaas manni murtii jalaa raga ittisaa nan qaba osoon jedhuu raga ittisaa iyyataa osoo hin dhagahin kan darbe A/A yakkichi raawwatamuu isaa hin mirkaneessine,yakki raawwatamee jedhamee fi keewwatni caqasame kan wal hin simne fi murtiin adabbii kenname sirri miti sababoota jedhan kan qabateedha.Iyyatichi qoratamee mirgi raga ittisaa himatamaa kan bira darbame sirrii ta’uu fi dhiisuu isaa qulqulleessuuf dhaddacha kanatti akka dhiyaatu kan taasifame yommuu ta’u waamamaanis dhiyaatee bitaaf mirgi barreeffamaan akka walfalman taasifameera.Akkasumas galmeen haadhoon mana murtii jalaa akka dhiyaatu taasifameera.
Jalaa Dhufaatin dhimmichaa gabaabinaan akka armaan olittii ibsame yommuu ta’u dhaddachi kun falmii bitaaf mirgaa murtii iyyata ijibaataaf ka’umsa ta’e tumaalee seeraa faana mirkaneessun ni dhiyeessisa jechuun ijoo qabame faana akka itti aanutti qorateera.
Iyyataan balleessaadha kan jedhame ragoota A/Alangaa dhiyeefateen iyyataan ragaa ittisaa hin qabu akka jedhe barreeffamaa fi jechaan mana murtiif mirkaneesse ta’uu garagalcha murtii Mana Murtii jalaa irraa hubanneerra.Iyyataan sadarkaa ijibaatatti immoo ibsi mana murtii jalaa kun fedhii isaanitiin ala galmaa’u fi raga ittisaa dhiyeeffachuuf gaaffii dhiyeeffatanii kan ture ta’u ibsuun falmaniiru.
Bu’urumaan mirga namoota himatamanii seeraan eegameef keessaa tokko raga isaan irratti dhiyaate kamiyyuu ilaaluu,ragoota isaan irratti dhiyaatan gaafachuu,ragaa ittisaaf isaan fayyadu dhiyeeffachuu yookiin dhiyeessifachuu akkasumas ragoonni isaani dhiyaatanii akka dhagahamaniif gaafachuu akka ta’e Heera Mootummaa FDRI keewwata 20(4) kan tume yommuu ta’u mirgi kun bu’ura Heera Mootummaa keewwata 9(4) tin waliigalteewwan Idila Addunyaa qaama seera biyyatti ta’en eegumsi kan taasifameef ta’uu waliigaltee Mirga Sivilii fi Siyaasaa keewwata 14(3)(B) irraa hubachuun ni danda’ama.Mirgi himatamaa tumaalee kana jalatti ibsaman kan hubachiisu himatamaan tokko ragaa hin taaneen balleessaa akka hin jedhamnee fi gama himataatinis ragaan dhiyaate yoo ta’e gama isaatin gocha balleesaa kan hin raawwannee fi qulqulluu ta’uu isaa ibsuu haala itti danda’u ta’uu dha.Kanaaf himannaa isa irratti dhiyaateef ittisa dhiyeeffachuuf waantoota barbaachisoo ta’anii fi yeroo gahaa argachuu akka qabu seerichi ni hubachiisa.Himatamaan mirga of irraa ittisuu heera mootummaan eegumsi taasifameef akka seeraan fayyadamu gochuun(Taasisuun) itti gaafatamummaa mana murtii ta’uu hafuura fi qabiyyee tumaa heera mootummaa keewwata 13(1) fi (2) irraa dhimma hubannuu dha.Kana ta’uu isaatin mirga of irraa ittisuu himatamaa bira darbuun kan danda’amu himatamaan mirga isaa kan itti hin fayyadamne ta’uu ifaan mana murtiif yommuu mirkaneessu qofa akka ta’e hafuura tumaalee irraa kan hubannuudha.Himatamaan mirga isaa dhiisuu bakka hin mirkanoofnetti garuu himatamaan mirga of irraa ittisuu dhiisera ibsa jedhuun manni murtii xinxala isaa irratti qofa caqasun seerummaa kennuun adeemsa sirrii miti.
Dheerina dhimmoota hambisuuf jechuudha tooftaan adeemsa murtii battalaa RTD kaayyoon isaa bu’uraa dhimmoota raga walxaxaa hin qabne haala salphaan murteessuf hojiimaata diriirsuun alatti mirgoota himatamaa heera mootummaa fi seerota biro raawwatinsa qabaniin egaman haala miidhuu danda’uun hojii irra oolchuu akka hin taane ni beekama.Kana ta’uu isaatin mirgootni seeraan eegamanii fi adeemsi seerummaa galumsa seeraatin hoojirra olchuun seerummaa kennuun alatti dhimmi tokko adeemsa murtii battalaa RTD bu’ura godhatee dhiyaachuu isaatin qofa kan hafu miti. Adeemsa murtii battalaa RTD bu’ura godhachuun dhimmi ilaalamu mirga of irraa ittisuu himatamaa dhiisuuf kan dandeessisu himatamaan mirga isaa kana haala shakkii hin uumnen dhiisuu isaa yoo mirkaneessedha.
Dhimma qabannetti yommuu deebinu manni murtii jalaa dhimmicha kan ilaale hojimaata adeemsa murtii battalaatin yommuu ta’u iyyataa balleessaa kan taasise raga A/Alangaatin itti mirkanaa’ee ragaa ittisaa akka qabu gaafatamee ragaa ittisaa nan qaba jechuun dhaddachaaf jechaafi barreeffamaan kan mirkaneesse sababa jedhuun ta’uu qabiyyee murtii irraa ilaallerra.Barreeffamni mana murtii jalaa kun iyyataan karaa tokkoon barreeffamaanis ta’ee jechaan ragaa ittisaa nan qaba jechuu kan agarsiisu yommuu ta’u gama biraatin immoo iyyataan raga ittisaa kan hin qabne ta’uu ibsuu kan mirkaneessedha.Barreefama mana murtii jalaa iftoomina dhabe kana dhugummaa isaa hubachuuf jecha galmee haadhoo dhiyeessifnee ilaallerra.Galmee mana murtii jalaa akka ilaaletti manni murtii jalaa iyyataadhaan jala murtii of irraa ittisi onkololeessa 28 bara 2008 dhaddacha ooleen yommuu kennu Jala Murtii guca/foormii dursee qophaa’een guutamee kan kenname yommuu ta’u qabiyyeen isaas iyyataan ragaa ittisaa hin qabu jechuun ibsuun kana kan ibse immoo dhaddacha irratti barreeffamaa fi jechaan ta’uu kan ibsu ta’us iyyataan jechaan ibsuu isaa Jala murtiin ala waraqaa dhaddachaa irratti kan hin galmoofne barreeffamaan mirkaneessera jechi jedhus sanadoota galmicha keessa jiran keessa kan hin jirre ta’uu dhaddachi kun hubateera.Kana ta’uu isaatin manni murtii jalaa foormii jala murtiif fi murtii dursee qophaa’e yommuu guutu jechootaa fi gaalewwan qalamaan(iskiribtoodhaan) haqee iyyataan ragaa ittisaa hin qabu jedhe jechaa fi barreeffamaan mirkaneessera jechuun raga ittisaa dhagahuu kan darbe ta’us ragaan kana mirkaneessu dhabamuun isaa galmee haadhoo mana murtii jalaa irraa hubanneerra.Karaa kanaan dhimmicha yommuu ilaallu iyyataan mirga seeraan eegameef mirga ragaa ittisaa dhageessifachuu manni murtii jalaa kan darbe iyyataan ifatti mirga isaatti fayyadamuu dhiisuu osoo hin mirkaneeffatin ta’uu isaatin murtiin dhimmicha irratti kenname dogoggora seeraa bu’uraa ta’e kan qabu ta’ee argineerra.
Yaada Xummuraa
Kanaaf akka waliigalaatti dhimmoota armaan olitti tarraa’an yommuu cuunfinee ilaallu muuxannoowwan biyya alaa keessattis ta’ee akka biyya keenyaatti jiran irratti dhimmi tokko adeemsa murtii battalaa(RTD) dhaan ilaalamuun isaa mirga of irraa ittisuu himatamaa kan hin sarbine ta’uudha.Dabalataan xinxala dhaddacha ijibaata kanaa irraa kan hubannu dhimmichi adeemsa murtii battalaatin(RTD) dhaan ilaalamuun isaa qofti mirga of irraa ittisuu himatamaa kan hin sarbine ta’uudha.Haa ta’u malee mirgi kun kan bira darbamuu danda’u himatamaan ifaan ifatti mirga kanatti fayyadamuu kan hin barbaanne ta’uu haala shakkii hin uumneen jechaa fi barreeffamaan yoo ibseedha.Kana jechuun akka qajeeltotti dhimmotni adeemsa murtii battalaatin (RDT) ilaalaman mirga of irraa ittisuu hin sarban garuu immoo haala addaatin himatamaan fedhii yoo qabaate bira darbamuu danda’a fedhii isaa kanas ifaan yoo ibse qofa ta’a jechuudha Kanaaf mirgi of irraa ittisuu himatamaa mirga heera mootummaa biyya keenyaanis ta’ee seerota idila addunyaa biyyi keenya mallatteessitee keessatti eegumsi taasifameef kana hojii irra oolchudhaan walqabatee garuu of-eeggannoo qaamni hunduu taasisuu akka qabuudha.Sababni isaammoo yakkoota RTD dhaan ilaalaman irratti dhimmichi RTD dhaan ilaalamun isaa qofti mirga of irraa ittisuu himatamaa kan hin sarbine ta’uu hubatamee qaamoleen haqaa hundi gahee isaanii bahachuu akka qaban hubatamuu qaba.
Mulugeetaa Magarsaa
Aanaa Cooraa Botor
Jimmaa Oromiyaa.
.

Rate this:

Yakkoota Namaan Daldaluu Fi Godaantota Seeraan Ala Daangaa Ceesisuu Ittisuu fi To’achuu.

Qabiyyeen barruu kanaa irraa bu’ana argaamuu, namni barru kana dubbisun, Yakkoota namaan daldaluu jechuun maal jechuudha? Yakkoota Godaantoota seeraan alaa daangaa ceesisuu jechuun maali jechuudha? Ulaagaa osoo hin guutiin namaa biyyaa erguu? Seeroota biyyaa keessaa fi idil-adduunyaa dhimmaa kanaa akkamitti hiikuu?

Rate this:

Covid 19 directive no 30/2022 pdf

Directive No 30/2020
A DIRECTIVE ISSUED FOR THE
PREVENTION AND CONTROL OF
COVID-19 PANDEMIC pdf…
WHEREAS, it has become necessary to
provide the particulars of prohibited
activities and duties to be imposed on
individuals to prevent and mitigate the
impact of COVID-19
NOW, THEREFORE, this Directive is
issued by the Ethiopian Public Health
Institute in accordance with Article 72 (2)
of the Food and Medicine Administration
Proclamation No. 1112/2019, Article 55(3)
of the Food, Medicine, and Healthcare
Administration and Control Proclamation
No. 661/2009, and Article 98 of the Council
of Ministers Regulation on Food, Medicine,
and Healthcare Administration and Control
No. 299/2013.

Rate this:

Mirga shakkamtootaa fi dirqama daldaltoota. Barruu xinxala seraa pdf

https://youtu.be/0glebW9EFh8
1.1. Seensa
Biyyootni addunyaa garaagaraa haala guddina,dinagdee,siyaasa fi ulaagaawwan biroo bu’ura godhachuudhaan sirna dinagdee adda addaa kan hordofan ta’uun isaanii ni beekama.Kunis sirna dinagdee ajajaan(karooraan) hogganamu(command economy),sirna dinagdee gabaa bilisaa(free market economy) fi sirna dinagdee makaa(mixed economy) fi kkf jedhamuun beekamu.
Sirna Dinagdee Ajajaan(karooraan) Hoogganamu jechuun sirna mootummaan meeshaa oomishamu,hangam akka oomishamu fi gatii oomishni sun ittiin gurguramu itti murteessu jechuudha.
Sirna gabaa bilisaa Jechuun sirna dhiyeessi fi fedhii irratti hundaa’u ta’ee to’annaa mootummaa muraasa ta’een kan hoogganamuudha.walumaagala gabaa waljijjiiraa fedhii irratti hundaa’e ta’uu hubanna.
Sirna dinagdee makaa kun immoo makaa sirnoota lamaan armaan oliiti.
Bu’uruma kanaan biyyi keenya akkuma biyyoota biroo sirna diinagdee hordoftu qabdi.Kunis sirni dinagdee biyyi keenya hordoftu sirna gabaa bilisaati.Akkuma beekamu sirnichi kan hoogganamu fedhii fi dhiyeessii irratti yommuu ta’u hirmaannaan mootummaa kan daanga’e (muraasa) ta’uu hubanna.Sirni kun immoo akka biyya keenyaatti sadarkaan guddina isaa hanga kana kan hin jedhamne waan ta’eef rakkinoota walxaxaa adda addaa yommuu saaxilamu ni muldhata.
Yeroo baay’ee gara suuqiwwan daldalaa yommuu seennu sababoota hin beekamneen gatiin meeshaawwanii garaagarummaa guyyaa fi sa’aatii keessatti dabalee muldhata.Kun immoo gama shammattootaatin komiiwwan adda addaa akka ka’an sababa ta’aat jira.
Sababoota gatiin akka dabalu taasisan
Sababoonni armaan gadiitti tarraa’an gatiin meeshaalee akka dabaluuf dhimmoota ka’umsa ta’an akka ta’e odeeffanoon toora intarneetii irrraa argame ni muldhisa.
1.Oomisha :-Akka biyyaattis ta’e akka addunyaatti oomishni yoo xiqqaate gatii dabaluu danda’a.kana jechuun biyyootni dinagdeen guddatan oomisha isaan barbaachisu oomishuu yoo dadhaban oomisha sana gabaa addunyaa irraa bitachuuf dirqamu yeroo sana gatiin oomishaa dabaluu danda’a.Bara 2014 biyyi Hindi sababa rakkoo uumamaatin ruuzii oomishuu hin dandeenye sababa kanaan fedhiin ruuzii dabalee.Fedhii ruuzii dabale ture kana gabaa addunyaa irraa bitte sababa kanaan hanqinni ruuzii akka addunyaatti waan uumameef sun immoo gatiin ruuzii sadarkaa hin eegamneen akka dabaluuf sababa ta’e.
2.Gatii Oomishaa:-Gatiin oommishaa galtee oomisha sanaaf fayyadan irratti kan hundaa’udha.Kunis firii,xaa’oo,bishaan,meeshaalee oomishaa fi haala qilleensaati.Dabalataan immoo gatiin meeshaa gurguramu tokko baasii meeshaa kana oomishuuf bahe kan dabalatu ta’a.(baasii humna namaa,baasii meeshaa dheedhii,baasii kuusaa,baasii suphaa fi kkf kan dabalatu ta’a.)
3.Hirdhina(Hir’ina)bakka kuusaa:-Bakki kuusaa gahaa ta’e dhabamuun qulqulina meeshaa fi gatii isaa irratti dhiibbaa qaba.Yeroo baay’ee qonnaan bulaan sodaa kanaatif jecha fedhii oomishuu isaanii gadi bu’a.Kanaaf jecha yeroo baay’ee mootummaan magaalota gurguddoo irratti kuusaa qopheessa ta’us garuu kunis gahaa ta’uu dhaba.
4.Haala gabaa:-Akka biyyaatti immaamatni mootummaa hala gabaa to’atu jiraachuu dhabamuun isaa Oomisha irratti kan itti dadhabu qonnaan bulaa ta’ee osoo jiruu daldaltoonni naamusa hin qabne qonnaan bulaa fi uummata jidduu seenudhaan gatii oomishaa daran akka dabalan karra banaafii jira.
5.Rakkoo kominikeeshini:-Rakkoon kominikeeshinii gatiin oomishaa akka dabalu carraa uuma.Kana jechuun bakka hanqinni oomishaa hin jirreetti akka waan hanqinni oomishaa uumame fakkeessun namootni muraasni fayyadamuun gatiin oomishaa(meeshaa) akka dabalu taasisu.
6.Oomishni biyyatti galuu fi biyyaa gara biyya alaatti ergamu walmadaaluu dhiisuu.
Dhugaan jiru kana ta’ee osoo jiruu daldaltoonni tokko tokko bakka hanqinni oomishaa hin jirreetti yookiin sababootni biroo gatiin akka dabalu taasisan bakka hin uumamnetti daldaltoonni oomishaa fi tajaajila irratti gatii dabalu waan ta’eef kun immoo gufuu sirna gabaa keenyaa akka ta’e raga gahaadha.Kana qofa osoo hin taane sirni daldalaa keenya namoota muraasaan qofa kan qabame ta’uun isaa akkasumas shammattootaaf oomisha qulqulina hinqabnee fi sadarkaa isaa hin eegganne dhiyeessuu,oomishaaf gatii baay’ee ol ka’aa dhiyeessu,oomisha waan ormaa faana makuun gurguruufi daldalli seeraan ala fi kkf kan baay’atu ta’uun sirna gabaa miidhaa jira.
Kana irraa hubachuun kan danda’amu rakkinootni kun gama tokkoon sirna gabaa bilisaa biyyattii daran kan miidhu ta’uu isaatiin dabalatatti rakkoon shammattoota irraan gahu ol’aanaa dha.Kanaaf dinagdee keenya jilbibbiidhaan deemu itti fufsiisuuf rakkoo gama dorgommii daldalaa fi mirga shammattootaa irratti muldhatu furuuf gama hawaasaatinis ta’ee daldaltoonni mirgaa fi dirqama isaanii beekanii akka tarkaanfatan mootummaanis gama isaatiin gahee isaa akka bahu daangaa seeraa kaa’anii deemun barbaachisaa ta’a.
Seenaa dhufaatii
Akka addunyaatti sarbama mirga shammattootaa karaa adda addaatiin gahu ittisuufi to’achuuf akkasumas mirgi shammattootaa sarbamee yoo argame immoo beenyaa seera qabeessa akka argataniif hojiimaata fi eegumsi seeraa karaa qindaa’aa ta’een hojii irra ooluu kan jalqabe Akka Lakkoofsa Awurooppaatti bara 1962 biyya Ameerikaatti.
Dabalataan immoo bara 1985 yaa’iin waliigalaa Mootummoota Gamtoomanii walgahii taasiseen qajeelfama eegumsa shammattootaa qopheessun mirga shammattootaa eegsisuuf ulaagaa gadi aanaa barbaachisu tumuudhaan eegumsi shammattootaa guutuu addunyaatti xiyyeeffannoo akka argatu taasiseera.Bu’uruma kanaan biyyootni addunyaa adda addaa seerota mirga shammattootaa eegsisan adda addaa baasun hojii irra oolchuu erga jalqabani oolanii bulaniiru.
Akka biyya keenyaatti mirga shammattootaatin walqabatee labsiin 329/95 kan bahe yommuu ta’u itti fufuudhaan labsiin hojiimaata daldalaa fi eegumsa shammattootaa lakk. 685/2005 bahuu danda’eera.Dhuma irrattis labsii duraan ture haquudhaan labsiin dorgommii daldalaa fi eegumsa shammattootaa lakk.813/2006 bakka bu’uu danda’eera.Labsii kana keessattis eegumsa shammattootaa ilaalchisee tumaawwan adda addaa kan of keessatti qabate yommuu ta’u tumaalee kana bifa/gosa lamatti qoodnee ilaaluu dandeenya.Inni duraa tumaalee mirga shammattootaa tarreessan yommuu ta’u inni lammaffaa immoo dirqama daldaltoonni qabaniidha.

Hiikkoo shammattootaa
<>
Shammattoota jechuun nama meeshaa yookiin tajaajila dhuunfaatti fayyadamuuf bitu jechuudha(yaada barreessaa)
Labsii lakk.813/2006 keewwata 2(4) jalatti shammattoota jechuun nama uumamaa warshaadhaaf yookiin deebisee gurguruuf osoo hin taane gatii isaa ofiin kan kaffalu yookiin namni biraa kan kaffaluuf ta’ee tajaajila ofii isaatif yookiin maatii isaatiif meeshaa yookiin tajaajila bituu jechuudha.Dubbisa keewwata kanaa irraa ulaagaa sadii arganna.
1.Meeshaa yookiin tajaajila bituu qaba.Meeshaa daldalaa yommuu jedhamu meeshaalee gurguramuu bitamuu yookiin kireeffamuu yookiin meeshaalee socho’ani hojiin daldalaa namoota jidduutti ittiin raawwatamu kamiyyuu kan ilaallatu yommuu ta’u maallaqa yookiin sanadoota amala maallaqaa qabanii fi qabeenyota hin sochoone hin dabalatu.
2.Meeshaa daldalaa yookiin tajaajila sana ofii yookiin maatii isaatiif kan itti fayyadamu malee meeshicha meeshaa dheedhii warshaatif yookiin deebisee gurguruuf kan bitu yoo ta’e akka shammattootaati hin fudhatamu.
3.Bittaa kan raawwatu nama uumamaa ta’uu qaba.Qaamni seeraan namummaan kennameef kan akka baankii,waldaaleen meeshaa daldalaa tajaajila ofii isaanitiif bitan ille akka shammattootaati hi lakkaa’aman.
labsii 813/2006 keessatti mirgaa fi dirqamoota tarraa’an akka armaan gadiitti ilaalla
Mirga shammattootaa
1. Waa’ee qulqulinaa fi gosa meeshaa yookiin tajaajila bitanii Ibsa yookiin odeeffannoo sirrii fi gahaa ta’e argachuu.
2.Mirga meeshaalee yookiin tajaajila filatanii bituu
3.Qulqullina yookiin filannoo biroo jiru ilaaluun yookiin gatii irratti marii(falmii) meeshaa yookiin taajaajila bituu taasisuun akka bitu kan hin dirqisifamne ta’uu.
4.Daldalaa kamiinuu kabajaan keessummeeffamuu gocha arrabsoo,doorsisoo,sodaachisoo fi maqa balleessii irraa mirga eegamuu.
5.Meeshaalee daldalaa yookiin tajaajila bituu yookiin fayyadamuu isaatiin miidhaa irra qaqqabeef meeshaalee daldalaa yookiin tajaajiloota dhiyeessun walqabatee oomishtummaan,fichisisuun,gurgurtaa jumlaatiin,gurgurtaa qinxaabotiin yookiin karaa biroo kamiiniyyuu namoota dhiyeessii irratti hirmaatan qeenxeen yookiin waliin beenyaa akka kaffalaniif yookiin mirgoota kanaan walqabate mirga gaafachuu qaba.
Bu’uruma kanaan shammattoonni kamiyyuu karaa daldaltootaatiin sarbama mirgaa irra gahuu fi sababa kanaan miidhaa irra gahuuf dhaabbata eegumsa shammattootaatti himannaa dhiyeessuun daldaltoota mirga isaa sarban irratti himannaa hariiroo hawaasaa banuun beenyaa gahaa argachuu mirga qaba.Shammattoonni komii akka dhiyeessaniif sababoota sarbama mirgaa keessaa tokko meeshaa daldalaa yookiin tajaajila irratti hanqinni yoo jiraate yookiin miidhaa yoo irraan gahaniidha.Meeshaan daldalaa bite hanqina yoo qabaate yookiin miidhaa yoo irraan gahan meeshichi akka jijjiiramuuf yookiin maallaqani isaa akka deebi’uuf qaama gurgureef gaafachuu mirgi shammattootaaf kan kenname yommuu ta’u tajaajila irratti hanqina kan arge yoo ta’e tajaajilichi lammaffaa kaffaltii malee akka kennamuuf yookiin kaffaltiin raawwatame akka deebi’uuf gaafachuu mirga qaba.Kana haa ta’u malee seerri akkanatti ifaan tumee osoo jiruu suuqiiwwan adda addaaatti garuu barreeffamni meeshaan gurgurame hin deebi’u jedhu ifaan barreeffamee argina.Haa ta’u malee labsichi ifaan akka kaa’ee jirutti meeshaa bitame irratti hanqinni yommuu muldhatutti(mul’atutti) barreeffama akkanaafi gochaawwan biro kana fakkaatanin osoo hin taane shammattootaa fi daldalaa jidduu waliigalteen jiraatullee mirgi shammattootaaf kenname kun kan hafu hin ta’u.
Dirqama Daldaltootaa
Mirgoota shammattootaa armaan olitti caqasaman akka hin sarbamneef ulaagaawwan daldaltoonni guutuu qaban labsiin kun tarreessee jira.Isaanis
1.Dirqama gatii meeshaa fi tajaajilaa ibsuu.Kana dura baratama tureen daldaltoonni gatii meeshaa gurguranii yommuu maxxansan hin muldhatu.Kun immoo gabaan akka iftoomina dhabu gochuu isaatiin dabalatatti shammattoota gocha gowwomsaaf kan saaxiluudha.Kanaaf daldalaan hundi gatii meeshaa yookiin tajaajila kennu kaffaltiiwwan seera qabeessa (taksii fi gibira) dabalatee karaa ifa ta’een maxxansuu qaba.
2.Dirqama ibsa meeshaa gurguruu kennuu.Ibsa meeshaa gurguruu yommuu jedhamu maqaa meeshaa,bara itti oomishame,biyya itti oomishame,qulqullina isaa,bara tajaajilli isaa itti xummuramu,warshaa fi maqaa fi teessoo fichisiistotaa,ulaagaa sadarkaa biyya keenyaa kan guute ta’uu,daldalaan waa’ee meeshaa gurguree wabummaa inni kennu fi dhimmoota biro kanaan walqabatan jechuudha.Kanaaf daldaltoonni hunduu tarree ibsa meeshaa armaan olitti caqasaman meeshaa irratti maxxansuu yookiin waraqaa addaa irratti barreessee shammattootaaf kennuu qaba.Tarreen ibsa kanaa kan barreeffamuu qabu afaan Amaariffaa fi Ingiliffaan ta’ee haala salphaan kan adda bahu (gadi lakkisu) ta’uu hin qabu.
As irratti qabxiin ka’uu qabu biyya sirna federaalaa hordoftuu fi uummata afaan adda addaa (sabdanneessaa fi afdaneessa) ta’e keessatti haala kanaan caqasamuun isaa kan madaallii kaasu hin ta’u.Sababni isaa immoo namni(shammattootni) afaan armaan oliitti caqasaman hin dandeenye(hin beekne) hoo maal ta’uu qabu? kan jedhuuf furmaanni taa’e hin jiru.Haa ta’u malee haala naannichaa,aadaa fi duudhaa uummataa bu’ura godhatee osoo hojii irra oolee dhama qabeessa ta’a.Fkn’f Naannoo Oromiyaa keessatti Afaan Oromoos dabalatee afaanota biros haala giddugaleessa godhateen ta’uu qaba(yaada barreessaa).
3.Nagahee kennuu fi haftee nagaheewwanii waggaa 10’f (kudhaniif) qabachuu(olkaawwachuu) yommuu ta’u daldalaan meeshaa gurguruuf bite ykn tajaajilaaf nagaheewwan fudhatee waggaa 10’f (kudhaniif) qabatee tursiisuu qaba.
4.Dirqama of ibsuu:-Daldalaan kamiyyuu maqaa daldalaa isaa bakka ifatti muldhatutti maxxansuudhaan dabalatatti bu’ura gaaffii shammattoonni dhiyeessaniin of ibsuu fi odeeffannoo shammattoonni barbaadan kennuu dirqama qaba.
5.Dirqama Beeksisa daldalaatin walqabatu:-Beeksisni daldalaa taasifamu kamiyyuu waa’ee meeshaa yookiin tajaajila daldala sanaa soba yookiin dogoggorsiisaa ta’uu hin qabu.kunis baay’ina,amala meeshichaa,burqaa meeshichaa,ulfaatina,haala itti oomishame,guyyaa tajaajila dhaabuu,mallattoo qulqullinaa fi waan gatiin gadi bu’ee gurguramu fakkeessun beeksisa hojjachuu dhorkamaadha.
6.Dirqama wantoota sirrii hin taane fi dogoggorsiisan irraa of qusachuu.Kana jechuun labsicha keessatti mata duree gochaawwan dhoorkaman jedhu jalatti kan ibsame yommuu ta’u kun immoo dirqama daldaltootaa ta’a jechuudha.Kunis
 Biyya meeshaan daldalaa itti hojjatame dogoggorsuun ibsuu
 Meeshaa yookiin tajaajila daldalaa biroo karaa dogoggorsaa ta’een ibsuu
 Shammattoota jidduutti loogii hin taane raawwachuu
 Meeshaa safartuu seeraan alaa fayyadamuu
 Waliigaltee wabummaa gurgurtaa meeshaa yookiin tajaajilatin walqabatu bahuu dhiisuu
 Shammattoonni meeshaa yookiin tajaajila biraa akka bitaniif meeshaa biraa hin barbaanne wajjin akka bitan dirqisiisuu
 Faayidaa Shammattootaatif yoo ta’e malee meeshaa yookiin tajaajila daldalaa hin gurguru jechuu.
 Tooftaa gurgurtaa Piraamidii gaggeessuu.kana jechuun shammataan tokko meeshaa yookiin tajaajila yoo bitu yookiin buusii maallaqaa yoo taasise maallaqa dabalataa kan argatu fakkeessanii yookiin faayidaa akkanaa kan argatu ta’uu ibsuun shammataan kun meeshaa akka gurguruf shammattootni isatti aananii meeshaa yookiin tajaajila bitan yookiin buusii buusan yoo baay’achaa deeman maallaqa yookiin faayidaa dabalataa waan inni argatu fakkeessanii tooftaa gurgurtaan itti raawwatamuudha.
 Haaromsii fi suphaan meeshaa daldalaa irratti raawwatamu sadarkaa isaa isa beeksisaniin gadi yookiin haala guutuu hin taanen raawwachuun gochaawwan dhorkamaniidha.
Mirga Shammattootaa sarbuun bu’aa inni hordofsiisu
Shammattoonni mirga akkamii akka qaban armaan olitti kan ilaalledha mirgoota kana sarbuun immoo itti gaafatamummaa hariiroo hawaasaa,bulchiinsaa fi yakkaa hordofsiisu akka armaan gadiitti ilaalla.
1.I/Gaafatamummaa (Bu’aa) Bulchiinsaa
Himanni itti gaafatamummaa bulchiinsaa kan dhiyaatu Abbaa Taayitaa Dorgommii Daldalaa fi Eegumsa shammattootaatif yommuu ta’u murtiin kan kennamu qaama A/seerummaa A/Taayitichaatin kennamefin ta’a.A/Taayitichaa shammattoota irratti miidhaa gahuu erga qulqulleeffatee booda akka beenyaa argatan,eeyyamni daldalaa daldaltootaa akka dhorkamu yookiin haqamu,gochi sirrii miti jedhame akka adda citu yookiin akka dhaabbatu gochuu akkasumas daldalaan dirqamoota tarree 3ffaa irra jiran sarbe yoo argame galii gurgurtaa waggaa irraa adabbii maallaqaa % 5- %10 (dhibbeentaa shan- dhibbeentaa kudhan) adabamuu danda’a.
2.I/Gaafatamummaa(Bu’aa) Hariiroo Hawaasaa
Meeshaan yookiin tajaajilli shammattoonni bitan hirdhina(hir’ina) yoo qabaate meeshaa daldalaa walfakkaataan akka jijjiiramuuf (bakka bu’uuf) yookiin kaffaltiin tajaajilaa akka deebi’uuf yookiin kaffaltii malee tajaajila akka argatan gaaffii daldalaa gaafataniif deebii argachuu dhabuu isaanitin miidhaa isaan irra gahuuf beenyaa akka kaffaluuf yookiin qaamota biro meeshaa daldalaa irratti hirmaatan gaafachuu mirga qabu.
3.I/Gaafatamummaa (Bu’aa) Yakkaa
Labsichi adabbii yakkaa ilaalchisee tumaa waliigalaa fi tumaa addaa qabateera.Namni daldalaa ta’e yookiin daldalaa hin taane kamiyyuu tumaalee labsichaa,dambii labsicha raawwachiisuuf bahan yookiin beeksisa uummataa darbee yoo argame adabbii maallaqaa 5000-50,000 fi hidhaa salphaan kan adabaman yommuu ta’u karaa biraatin labsichi gochaawwan dhorkaman adda addaatiif adabbii adda addaa kan tume yommuu ta’u,kanneen keessaa daldala piraamidii gaggeessun meeshaa daldalaa nageenyaa fi fayyaa namaatif balaa ta’e ,burqaan isaa hin beekamne,sadarkaan qulqullina isaa gadi bu’e,kan summaa’e,yeroon tajaajila isaa darbe yookiin waan ormaa faana walitti makame daldalaaf dhiyeesse yookiin gurgure adabbii maallaqaa fi hidhaa salphaa yookiin hidhaa cimaan adabamuu danda’a.Kanaaf sarbama mirga shammattootaatif labsichi filannoowwan sadii kaa’et jira.
Gaheewwan Qaamolee Adda Addaa
1.Gahee mootummaa
Uumama sirna diinagdee biyyi keenya hordoftu ta’eet mootummaan gaheen inni daldala keessatti qabu waan muraasa.Sunis haala gabaa to’achuu ta’a.Mootummaan haala gabaa to’achuu kan danda’u immoo immaamata,tarsimoo fi seerota adda addaa dhimma kana irratti xiyyeeffatan baasuni.Yeroo baay’ee garuu biyya keenya keessatti kan muldhatu seerota baasuu qofa,seeroni bahan hojii irra ooluu fi dhiisuu isaanii sakatta’u fi tarkaanfii sirreeffamaa fudhachaa deemuu irratti qaawwa baldhaatu muldhata.Kana qofa osoo hin taane seeronni bahan iftoomina dhabuu.Akka fakkeenyaatti labsiidhuma kana keessaa keewwata 24(1)(b) yoo fudhanne meeshaa daldalaa gabaa irratti hirdhina qabaachuun isaa ministeerichaan beeksisa uummataatin ibsame nama daldalaa hin taane hanga tajaajila ofii isaatif yookiin maatii isaatif oolun caalaatti meeshaa kuusuun yookiin dhoksuun dhorkaadha jedha.Kana irratti ciroon hanga taajila nama tokkoo yookiin maatii isaatii jedhu hangam akka ta’e seerri ifa waan hin keenyeef yeroo baay’ee hiikoof saaxilamaa ta’uu isaatin magaalota irratti abukkattoon dhuunfaa himatamaa bakka bu’ee falmu ijoo kana yeroo kaasan ni muldhata.
Dabalataan keewwata 34 irratti naannoleen qaama dhimma kana irratti kennu qaama A/Seerummaa qabu hundeessuu danda;u jedhus dhimmootni kun baay’inaan Manneen Murtii idileetti ilaalamaa jira kunis qaawwa labsichaati.Kanaaf mootummaan gahee isaa seerota ifa ta’an baasuun bahuu qaba.
Gahee Miidiyaalee
Uummanni biyya tokkoo taatewwan biyya isaanii keessatti ta’an mirga odeeffannoo argachuu (access to information) heera mootummaan eegumsi taasifameef qabu.Kanaan walqabatee oolmaa haala gabaa hordofuudhaan yeroo yerootti odeeffannoo uummata biraan gahuudhaan akka daldaltoota isa gowwomsuuf deeman irratti dammaqee hirmaatu taasisuun rakkoo gama kanaan uumamu furuun kan danda’amu yoo miidiyaaleen gahee isaanii bahaniidha.
Gahee Ogeessota seeraa
Kanaan walqabatee ogeessotni seeraa hubannoo hawaasaa kallatti adda addaatin kennuun akka mirgaa fi dirqama isaanii hubatan gochuun ni danda’ama.Haa ta’u malee yeroo ogeessotni seeraatu seerota bahan irratti hanqinni hubannoo isaan mudatu ni muldhata kanaaf gama kanaan rakkoowwan jiran furuuf immoo qaamotni dhimmi kun ilaalatu leenjiwwan yeroo yeroon kennuun beekumsa ogeessaa gabbisuun dirqama ta’a.Dabalataan immoo yeroo eerun dhiyaatutti xiyeeffannoo addaa itti kennuun akka dhimmichi yeroo gabaabaa keessatti furmaata (murtii) argatu gochuun dirqama ogeessota kanaati.
Gahee Uummataa
Rakkoo kanaan walqabatee jalqaba miidhamaa kan ta’u shammattoota(uummata) waan ta’eef yakki yeroo raawwatamee argamutti guddinaafi xinneenya yakkichaa ilaalcha keessa osoo hin galchin odeeffannoo qaama dhimmi ilaallatuuf hatattamaan kennuu barbaachisa.Kanaan walqabatee uummatni Magaalaa Finffinnee fakkeenya ta’uu danda’u.Sababni isaa immoo geejjiba taaxii irratti daballiin saantima 15 yoo jiraate waan fe’et dhufa malee hin kaffalani sababa kanaan immoo abbootin qabeenyaa,konkolaachiftoonni akkasumas gargaartonni sababa gahaa malee (kallattii mootummaan dabarsuun alatti) daballii akka hin taasifne isaan dirqisiisa.Faallaa kanaa bakkeewwan biro yommuu ilaallu garuu dachaa taarifa kaffalamuu qabu yoo gaafataman illee ni kaffalu.Kanaaf sababa kan ta’u immoo walitti dhufeenya abbootii qabeenyaa,konkolaachiftoonni qaama mootummaa(qaamolee seeraa raawwachiisan) faana qaban irraa ka’uun dubbannus bu’aa hin qabu jechuun abdii kutuu irraan kan ka’e waan ta’eef dhimmi kunis dhimma xiyyeeffannoo barbaadudha.
Gahee Ministeera Daldalaa
Dhimma kanaan walqabatu sadarkaa Federaalaatti kan hoogganu Ministeera Daldalaa fi Industirii yommu ta’u akka Naannotti immoo Biiroo Daldalaa ta’a.Kanaaf qaamni kun beeksisa uummataa yeroo yeroodhan(ji’a ji’aan) yommuu baasu qaama hundaaf akka qaqqabu taasisuun dirqama isaa ta’a.Sababni isaa immoo yeroo A/A himannaa banuuf jedhee yookiin bane beeksiisni uummataa kun dhabamee beellama hin barbaachifne yeroon itti kennamaa jirutu jira.Kana qofa osoo hin taane yeroo qorannaan taasifamu beeksisa uummataa kana barbaachatti yeroon beellamaa hin barbaachifne gaafatamaa jira waan ta’eef kun immoo sarbama mirga namaatif akkasumas kiraa sassaabdummaadhaaf karra bana waan ta’eef beeksisoonni bahan dafanii qaama dhimmi ilaalatu bira akka qaqqabu gochuun rakkoo kana furuun ni danda’ama.

Rate this:

Wa’ee Araaxaa Seerrii kenya maal jedhaa? pdf & fm audio transmission.

1.1 Seensaa

Qabenya Horachuun mirgoota Heera Mootummaa keessatti tarraa’an keessaa isa tokko yommuu ta’u qabeenya horachuun immoo dhimma akkaa salphaatti raawwatamu waan hin taaneef bu’aa bahii baay’ee fi dhamaatii guddaa kan barbaadudha. Gama biraatin immoo qabenyaa  namnii dadhabbii fi xaarii baay’en horate (argate) namoonni tokko tokko  immo  qabenyaa kana karaa seeraan alaa kan ofii gochuun karaa qaxxamuraatiin duroomuuf tattaafiiwwan adda addaa kan godhan yommuu ta’uu faallaa namoota kanaa immoo Namoonnii qabenyii isaanii jalaa fudhatame  immoo waan qabaniif  gadhiisan  wallaalanii jirenyi maatii isaanis jeeqamee maatiin isaanii  bittinaa’anii keessa darbaniis lubbuu ofii hanga balleessutti kan qaqqaban ta’uu rakkina akka  biyyaattis  akka naannoottis  bal’inaan mul’atuudhaa.

Magalota gurguddoo keessattii yeroo ammaa  liqaa araxaatiin qarshiwwan miliyoonaan lakkaa’amu kennamee  dhala sana irraa argamuun karaa qaxxamuraan namoonnii durooman lakkofsaan baay’achaa jiru.Gochi kun immoo dinagdee hawaasaa fi tasgabbii biyyaa irratti  midhaan innii qaqqabsiisu  salphaa kan hin jedhamne  ta’uu isaatiin  dabalatattii  gocha seeraan  ala ta’ee fi  duudhaa ummataa wajjin kan hin deemne ta’ee argama.

1.2. Hiikoo Araxaa

Seera yakkaa keenya irratti hiikoon jecha araaxaa ifaan kan jiru ta’uu baatus galumsa keeyyatichaa irraa garu hubachuun ni danda’ama.Seera yakkaa keenya bara 1996 fooyya’ee bahee irratti Boqonnaa 3 Yakkoota Mirga Qabenyaa irratti  raawwataman jedhu jalatti kutaa 3ffaa mata duree yakkoota rakkoo yaadaa yookiin namaa bu’ura godhachuun raawwataman  jedhuu  3 keessaa 1 araxaadha.Bu’uura seera yakka kwt 712(1) araxaa jechuun rakkoo gadi aantummaa yookiin rakkina maallaqaa yookiin dadhabina yaadaa yookiin muuxannoo yookiin dandeetti dhabuu miidhamaa bu’uura godhachuun dhala eyyamame  yookiin maallaqa liqeessun yookiin mallaqa liqeessen qabenya  madaalawa hin taane bakka isaa akka kennu gochuun yookiin  waadaa galchuu ta’uu hubanna.

Namoonni dhuunfaa yeroo adda addaa  hanqina maallaqaa isaan mudatuuf yeroo barbaadanitti liqaa maallaqaa  hanga barbaadan caarraa Baankii  irraa argachuu  dhabuu danda’u.Yeroo kanatti rakkina isaan mudate furuuf gara addunyaa liqiitti kan galan yommuu ta’u kanaaf  immoo filannoo biraa waan hin qabneef dhimmoota dhiyaataniif fudhachuun alatti  filannoo biraa dhabudhaan  walqabatee liqeessitoota  isaani irraa dhala  seeraan taa’e  caallatti qarshii /maallaqa  liqeeffachuuf waliigalu yookiin wabii cheekii akka kennan  dirqamuu.

1.3. Dhala seeraan eeyyamameen ala/dhala seeraan alaa jedhu daangaan isaa hangamitti?

Odeeffannooon toora intarneetii irra jiru akka muldhisutti:-

 <>

Kun gara Afaan Oromootti dheedhidhuma isaa yommuu jijjiiramu<>.Yaada barreessaati).Hiikoo kana irraa akka hubannutti dhala jechun maallaqa nama biraa irraa fudhannee(liqeeffannee) yeroo muraasaf fayyadamuu keenyaaf kaffaltii raawwatamu ta’uu hubanna.Egaa waa’ee hiikoo dhalaa gahaa ta’uu baatus hanga kana yoo jenne itti aansinee immoo  dhalli seeraan eeyyamame hangami kan jedhu ija seera biyya keenyaatin ilaalla.

Seera Hariiroo Hawaasaa keewwata 1751 irraa akka hubannutti dhala waliigalticha keessatti  hin caqasamne irratti liqeeffataan waggaatti 9%(dhibbeentaa sagal) kaffaluu kan danda’u ta’uu ibsa.Dabalataan immoo keewwata 2479(1) qaamotni waliigaltee raawwatan lamaan dhala waggaa 12 %(dhibbentaa kudha lamaa) olitti waliigaluu kan hin dandeenye ta’uu isaati.Dubbisa keewwattoota kana lamaanii irraa hubachuun kan danda’amu dhalli kamiyyuu ka’umsi isaa 9% (dhibbeentaa sagal) yommuu ta’u baaxiin isaa immoo 12 %(dhibbentaa kudha lamaa) ta’uu hubanna.Kanaan walqabatee dhimmi biraa ka’uu danda’u dhalli shallagamuu kan qabu waggaatti? moo ji’aani? kan jedhu dhimma deebii argachuu qabuudha.Kana irratti keewwattoonni rogummaa qaban keewwata 1751 fi 2479 dha.Akkaataa keewwatoota kanaatti dhalli Shallagamuu kan qabu waggaatti malee ji’atti akka hin taane irraa hubachuu dandeenya.

Kanaan walqabatee dhimma kana irratti Dhaddachi Ijibaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa Jildii 15ffaa lakk.galmee 80119 irratti namni tokko ji’aan dhala %10(dhibbentaa kudhan) shallaguun maallaqa kan liqeesse yoo ta’e ulaagaa yakka Araaxaa ni hundeessa jechuun murtii dirqisiisaa kenneet(laatee) jira.Dabalataan Jildii 17ffaa lakk.galmee 102711 ta’e irratti murtii kenneen qaamotni waliigaltee raawwatan waliigaltee isaanii irratti dhalli ji’aan kan shallagamu ta’uu kan caqasan yoo ta’e waliigalteen sun fudhatama kan hin qabne ta’uu ibseera.Kanaaf seerota armaan iloo fi murtiiwwan kennaman irraa kan hubachuu dandeenyu dhalli shallagamuu kan qabu waggaatti ta’uu dha.

Kanatti aansudhaan immoo yakki Aaraaxaa akkamitti qaawwa seeraa dawoo godhachuudhaan akka raawwataman ilaalla.

2. Yakkii Araaxaa seera dawoo godhachuun kan rawwatamu karaa lamaanii

1.     Cheekii Mallaqa hin qabne kennuu fi

2.     Waliigaltee liqaa mallateessuun  yakka  rawwatamuudhaa.

2.1. Cheekii Mallaaqa Hin qabneen Araaxaa Rawwatamu

Cheekiin Hojii daldalaa keessatti hojimaata seera qabessaa  namoota baay’ee  jidduutti raawwatamuudha.Haa ta’u malee liqeessitootni Araaxaa namoota hanqina maallaqaa qaban barbaadanii qarshii dhala seeraan alaa qarshii haadhoo liqeessan faana walitti ida’uun liqeeffataan cheekii maallaqaa gahaa hin qabne akka kennaniif taasisuun cheekii hojii seera qabeessaaf karoorfame hojii seeraan alaatif oolchaa jiru.Araaxaa liqeessitootni dawoo cheekitiin namootni liqeeffatan maallaqa isaanii yeroon deebisuufi yoo didan(dhiisan) yookiin yoo dadhaban himannaa hariiroo hawaasaa irratti banuudhaan manni fi qabeenyi isaanii akka gurguramu gochuun dabalatatti yakkaan immoo poolisidhaaf eeruu kennuun akka himatamanii hidhaman gochaa jiru.Seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 693(1) irraa akka hubachuun danda’amutti namni kamiyyuu cheekiin yeroo baankiif dhiyaatutti maallaqa gahaa itti ajaju kan hin qabne ta’uu osoo beekuu cheekii kan kenne yoo ta’e hidhaa salphaa yookiin akka cimina dhimmichaatti hidhaa cimaa waggaa 10 hin caalle fi adabbii maallaqaan kan adabamu ta’uu hubanna.Tumaa seeraa kana dawoo godhachuun liqeessitootni namoota cheekii gogaa barreessan yakkaan waan himatan fakkeessun sodaachisuun liqeeffattootni immoo hidhaa sodaachuun qabeenya qaban gurguruun yookiin immoo Araaxaa biraa liqeeffachuun maallaqa isaaan irra jiru kaffaluuf oso asii fi achi jooranuu maraammartoo kana keessaa bahuu dadhabanii maatii isaanis rakkoo guddaaf kan saaxilan baay’edha.Gama kanaan seerri ifa ta’e osoo jiruu miidhamaan dhuunfaa akkaawuntii baankii (Bank Account) himatamaa maallaqni akka keessa hin jirre osoo beekuu gowwoomsuun kan hin jirre waan ta’eef cheekii maallaqa hin qabne kennuun mataa isaatin yakka miti jedhanii ogeessotni seeraa falman jiru.Haa ta’u malee cheekii maallaqa gogaan(maallaqa hin qabne) yakka daldala sirna baankii fi akka waliigalaatti dinagdee biyyaa irratti raawwatamu waan ta’eef kana ittisuuf jecha seerri sanadoota socho’an irratti eegumsa gochuuf cheekii gogaa kennuun gocha yakkaa ta’uu tumeera.Kanaan walqabatee dhaddachi Ijibaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa Jildii 12ffaa lakk.galmee 55077 irratti cheekiin kennamuu qofa osoo hin taanee dugda duuba isaa waliigaltee maaltu jira jedhanii xinxaluu dhiisuun kaayyoo seera daldalaa kwt 717 bu’ura kan hin godhanne jechuun murtii kennee jira. Kanaan walqabatee yakkichi jalqabamee kan xummuramu cheekiin nama kaffalamuuf yeroo qaqqabetti maallaqa dhabuun isaa yommuu beekamu ta’uu dhaddachi ijibaataa lakk. Galmee 67947 irratti murtii dirqisiisaa kenne irraa hubachuun ni danda’ama.   

2.2.Waliigaltee Dawoo Godhachuun Araaxaa rawwatamu

Waliigaltee dawoo godhaachuun Araaxaan kan rawwatamuu qaamootiin walii galtee raawwatan dachaa maallaaqa  wal harkaa fuudhanii yookiin maallaqa wal harkaa fuudhani  dachaa lamaa akka liqeeffatan fakkeessanni waliigaltee  isaanii irratti caqasuun  guyyaa fi bakka waliigalticha  irratti caqasame irratti kaffaluuf barbaadee fi jaallatee waraqaa walii galtee irratti akka mallateessuu gochuudha.Kana jechuun fakkeenyaaf qarshii 50,000 kan liqeessee yoo ta’e akka waan 100,000 liqeffatee fakkeesse mallatteessuu jechuudha.Bu’uuruma kanaan Araaxaa kaffaluu dadhabanii mannii fi qabeenyi  isaani ajaja M/Murtiin kan jala gurgurame baay’eedha.

–         Waliigaltee dawoo godhachuudhaan falmiwwan dhayaatan  ija seera H/H tiin yommuu ilaalluu yeroo baay’ee Araaxaafi  waliigaltee liqaa dawoo godhachuun falmii dhiyaatu fi  galmicha irratti  ilaalchota  dachaa  jiranidha .

–         Innii jalqabaa Waliigaltee mirkaneessuu kan ilaallatuudha.

Kana jechuun walii galteen jira bu’uura waliigalteetiin liqaa isaa haa kaffalu kan jedhuu yommuu ta’uu kana mirkaneessuuf bu’uura waliigaltee liqaa fi akkasumas waliigalteen liqaa  yommuu taasifamu ragootaa  turan caqasunii.Kanaaf S/H/H/ Kwt 1731 ibsuuf kewwatoonni dhiyaatan S/H/H / kwt 2003, 2005 fi 2006 dha.

Kewwattootaa akka armaan gaditti ilaalla

kwt 1731:- Bu’aa waliigaltee ilaalchisee

–         Walii galteewwan bu’uura seeraatiin hundaa’an qaama waliigale jiddutti seera ta’u.

–         Jechoonni walii galtee keessatti argaman kan qaamonni waliigaltee uuman itti waliigalaniidha.

Kwt. 2003 walii galteewwan bifa barreeffamaan haa taasifaman jedhaman irratti barreeffamni kun kan tarsa’e, kan hatame, kan bade ta’uun isaa hanga hin mirkanoofnetti waliigaltee ragadhaan ykn tilmaama sammuutiin hubachiisuu, mirkaneessun hin danda’amuu.

Kwt 2005 –Barreeffamnii waliigaltee mirkaneessuuf gahaa ta’uu

–         Sanada barreeffamaa irratti jechoonnii argaman akkasumas guyyaa barraa’e qaamota walii mallateesse jiddutti ragaa gahaa amantaan itti kennamuudha.

KWT – 2006; Ragaa mormii

1.     Jechoota barreeffama keessatti argaman mormuun kan danda’amuu jechichi isuma kana qaama jedhu kakachiisuudhaan qofa.

2.     Jechoota barreeffama keessatti tarraa’aniif (argamaniif)ragaa nama ykn tilmaamaa sammuu dhiyessun hin danda’amu.

Kewwattonni kun waa’ee waliigaltee mirkaneessu fi bu’aa  isaa fi waliigalteen barreeffamaa jiru fedhaa fi barbaadee hanga  mallateessutti fi walii galteen hanga hin banneeti fi hin tarsaaneetti  raawwatiinsa qabaachuu agarsiisu.

Haata’uu malee amma ka’aa kan jiru qarshii 30,000 fuudhanii akka 60,000 fudhatanitti mallateessisuudha.Kanaaf rakkoowwan kanaaf furmaanni maali kan jedhu qaamoleen haqaa hundi gahee isaanii bahuu qabu kan jedhuufi hawaasnis dhimmoota kana irratti eeruu qaamolee kanaaf kennuun tumsa gochuu qabu kan jedhu yaada xummuraati.

Mulugetaa Magarsaa

Rate this:

App MM Aanaa kiramuu kana app store irraa download godhadhaa

APP kuni app Mana Murtii Aanaa Kiiramuu tin kan hojjetamee hawaasaf play store irrattii gadi lakkifamee dhaa. App kana download godhadhaa yaada kessaniis isaaniif keennaa hojii manneen murtii kenyaan hojjetamuu walif bekkamtii keennuu wal cimsuu qabnaa. Muxannos irraa fudhadhaa. MMurtii Ol’aanaa Godina Jimmaa Sisay wa’e app kanaa Mana murtii Aanaa Kiiramuu Manni murtii Aanaa KiiramuuContinue reading “App MM Aanaa kiramuu kana app store irraa download godhadhaa”

Rate this:

Tamsaasa fm mhaagj Bitootessa 17/2013

Waa’ee Araaxaa Seerrii  Maal jedha 1.1 Seensaa Qabenya Horachuun mirgoota Heera Mootummaa keessatti tarraa’an keessaa isa tokko yommuu ta’u qabeenya horachuun immoo dhimma akkaa salphaatti raawwatamu waan hin taaneef bu’aa bahii baay’ee fi dhamaatii guddaa kan barbaadudha. Gama biraatin immoo qabenyaa  namnii dadhabbii fi xaarii baay’en horate (argate) namoonni tokko tokko  immo  qabenyaa kana karaaContinue reading “Tamsaasa fm mhaagj Bitootessa 17/2013”

Rate this:

Barruu xinxala Murtii dhaddacha ijibbaata Federaala. Pdf

HAALA MIRGI WABII ITTIIN DHOORKAMU SEERA DEEMSA FALMII YAKKAA  ITOOPHIYAA  KEEWWATA  67(A)  Vs  MURTII DHADDACHA IJIBBAATAA  MANA MURTII WALIIGALAA FEDELAALAA  JILDII 12FFAA LAKK.GALMEE  IJIBBAATAA 59304 TA’  IRRATTI KENNAME  pdf

Rate this: