Tamsaasa fm mhaagj Bitootessa 17/2013

Tamsaasa fm bitotessa 17/2013

tamsaasa camsaa 24/2013 hubannoo seeraa wa'e qaama bilisa baasu habeus corpus kuta tokkoffaa FM MHAAG Jimmaa Attorney

Habeas Corpus (Qaama Bilisa Baasuu) Seensa Uumama waan hundaa ta’eet jalqaba irraa ka’ee hanga sadarkaa dhummaa qaqqabbutti sadarkaawwan adda addaa keessa darbuun isaa dirqama ta’a.Sadarkaawwan adda addaa keessa yommuu darbu immoo waantoota baay’ee fooyyeessaa itti dabalaa irraa hir’isaa bakka galma isaa gaha jechuudha. Akkuma dhimmoota biroo adeemsi armaan oliitti taa’e seeraafis kan tajaajilu ta’a.Sababa kanaatin seerotni adda addaa yeroo adda addaa dhimmoota garaagaraa irratti yommuu fooyya’anii bahan arguun qofti raga gahaadha.Waa’een seeraa yommuu ka’u yeroo hunda kan wajjin ka’u waa’ee mirgaati.Kana jechuun hanguma guddini seeraa dabalaa deemu kabajamuun mirga namaas wajjin guddachaa deema. Akka idila addunyaatti guddina seeraatif ta’ee mirga namoomaatif sanadootni gumaacha guddaa gumaachan baay’ee ta’anus akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1215 biyya Ingiliiziitti kan bahe Maagnaa Kaartaa,Bara 1789 Sanada Mirgootaa Ameerikaa,Diklaareshinii Mirga namoomaa Faransaay bara 1789 akkasumas Konveenshiniin Jeneevaa bara 1864 bahan warra adda durummaadhaan caqasamaniidha.Sanadootni kun egaa guddina seeraatiifis ta’ee mirga namoomaatif dhagaa bu’uraati jechuun ni danda’ama. Mirgi namoomaa mirga heeraan eegumsi taasifameefidha.Mirgi kun immoo daangaa seeraa taa’een alatti sarbamuus ta’ee mulqamuu hin danda’u.Haa ta’u malee darbee darbee mirgootni kun yeroo seeraan ala sarbaman ni mul’ata.Kunis seeraan ala qabamuun,Seeraan ala hidhamuun akkasumas seeraan ala bakkaa bakkatti socho’uu dhoorkamuudhan.Yeroo kanatti egaa furmaata seerri kaa’e keessaa tokko qaama bilisa baasuu(Habeas Corpus) dha.Kanaaf barreeffama kana keessatti yaadrimee isaa,seenaa dhufaati fi muuxannoowwan biyyoota biro kan ilaalaman ta’a. — Send in a voice message: https://anchor.fm/mhaagj/message
  1. tamsaasa camsaa 24/2013 hubannoo seeraa wa'e qaama bilisa baasu habeus corpus kuta tokkoffaa
  2. tamsaasa fm MHAAGJ caamsaa 23/2013 wa'ee tamboo ilaalchisee seerrii maal jedha
  3. Tamsaasa fm mhaagj caamsaa 2013 hubannoo seeraa seera godaansaa irrattii
  4. Tamsaasa fm mhaagj caamsaa 17/2013
  5. Tamsaasa birootessaa 29 2013 fm mhaagj toraa inteerneetii

Waa’ee Araaxaa Seerrii  Maal jedha

1.1 Seensaa

Qabenya Horachuun mirgoota Heera Mootummaa keessatti tarraa’an keessaa isa tokko yommuu ta’u qabeenya horachuun immoo dhimma akkaa salphaatti raawwatamu waan hin taaneef bu’aa bahii baay’ee fi dhamaatii guddaa kan barbaadudha. Gama biraatin immoo qabenyaa  namnii dadhabbii fi xaarii baay’en horate (argate) namoonni tokko tokko  immo  qabenyaa kana karaa seeraan alaa kan ofii gochuun karaa qaxxamuraatiin duroomuuf tattaafiiwwan adda addaa kan godhan yommuu ta’uu faallaa namoota kanaa immoo Namoonnii qabenyii isaanii jalaa fudhatame  immoo waan qabaniif  gadhiisan  wallaalanii jirenyi maatii isaanis jeeqamee maatiin isaanii  bittinaa’anii keessa darbaniis lubbuu ofii hanga balleessutti kan qaqqaban ta’uu rakkina akka  biyyaattis  akka naannoottis  bal’inaan mul’atuudhaa.

Magalota gurguddoo keessattii yeroo ammaa  liqaa araxaatiin qarshiwwan miliyoonaan lakkaa’amu kennamee  dhala sana irraa argamuun karaa qaxxamuraan namoonnii durooman lakkofsaan baay’achaa jiru.Gochi kun immoo dinagdee hawaasaa fi tasgabbii biyyaa irratti  midhaan innii qaqqabsiisu  salphaa kan hin jedhamne  ta’uu isaatiin  dabalatattii  gocha seeraan  ala ta’ee fi  duudhaa ummataa wajjin kan hin deemne ta’ee argama.

1.2. Hiikoo Araxaa

Seera yakkaa keenya irratti hiikoon jecha araaxaa ifaan kan jiru ta’uu baatus galumsa keeyyatichaa irraa garu hubachuun ni danda’ama.Seera yakkaa keenya bara 1996 fooyya’ee bahee irratti Boqonnaa 3 Yakkoota Mirga Qabenyaa irratti  raawwataman jedhu jalatti kutaa 3ffaa mata duree yakkoota rakkoo yaadaa yookiin namaa bu’ura godhachuun raawwataman  jedhuu  3 keessaa 1 araxaadha.Bu’uura seera yakka kwt 712(1) araxaa jechuun rakkoo gadi aantummaa yookiin rakkina maallaqaa yookiin dadhabina yaadaa yookiin muuxannoo yookiin dandeetti dhabuu miidhamaa bu’uura godhachuun dhala eyyamame  yookiin maallaqa liqeessun yookiin mallaqa liqeessen qabenya  madaalawa hin taane bakka isaa akka kennu gochuun yookiin  waadaa galchuu ta’uu hubanna.

Namoonni dhuunfaa yeroo adda addaa  hanqina maallaqaa isaan mudatuuf yeroo barbaadanitti liqaa maallaqaa  hanga barbaadan caarraa Baankii  irraa argachuu  dhabuu danda’u.Yeroo kanatti rakkina isaan mudate furuuf gara addunyaa liqiitti kan galan yommuu ta’u kanaaf  immoo filannoo biraa waan hin qabneef dhimmoota dhiyaataniif fudhachuun alatti  filannoo biraa dhabudhaan  walqabatee liqeessitoota  isaani irraa dhala  seeraan taa’e  caallatti qarshii /maallaqa  liqeeffachuuf waliigalu yookiin wabii cheekii akka kennan  dirqamuu.

1.3. Dhala seeraan eeyyamameen ala/dhala seeraan alaa jedhu daangaan isaa hangamitti?

Odeeffannooon toora intarneetii irra jiru akka muldhisutti:-

 <<Interest  is the price paid for the use of other’s capital fund for a certain period of time>>

Kun gara Afaan Oromootti dheedhidhuma isaa yommuu jijjiiramu<<Dhala jechuun kaappitaala nama biro yeroo muraasaaf sababa faayyadamaniif kaaffaltii raawwatamuudha>>.Yaada barreessaati).Hiikoo kana irraa akka hubannutti dhala jechun maallaqa nama biraa irraa fudhannee(liqeeffannee) yeroo muraasaf fayyadamuu keenyaaf kaffaltii raawwatamu ta’uu hubanna.Egaa waa’ee hiikoo dhalaa gahaa ta’uu baatus hanga kana yoo jenne itti aansinee immoo  dhalli seeraan eeyyamame hangami kan jedhu ija seera biyya keenyaatin ilaalla.

Seera Hariiroo Hawaasaa keewwata 1751 irraa akka hubannutti dhala waliigalticha keessatti  hin caqasamne irratti liqeeffataan waggaatti 9%(dhibbeentaa sagal) kaffaluu kan danda’u ta’uu ibsa.Dabalataan immoo keewwata 2479(1) qaamotni waliigaltee raawwatan lamaan dhala waggaa 12 %(dhibbentaa kudha lamaa) olitti waliigaluu kan hin dandeenye ta’uu isaati.Dubbisa keewwattoota kana lamaanii irraa hubachuun kan danda’amu dhalli kamiyyuu ka’umsi isaa 9% (dhibbeentaa sagal) yommuu ta’u baaxiin isaa immoo 12 %(dhibbentaa kudha lamaa) ta’uu hubanna.Kanaan walqabatee dhimmi biraa ka’uu danda’u dhalli shallagamuu kan qabu waggaatti? moo ji’aani? kan jedhu dhimma deebii argachuu qabuudha.Kana irratti keewwattoonni rogummaa qaban keewwata 1751 fi 2479 dha.Akkaataa keewwatoota kanaatti dhalli Shallagamuu kan qabu waggaatti malee ji’atti akka hin taane irraa hubachuu dandeenya.

Kanaan walqabatee dhimma kana irratti Dhaddachi Ijibaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa Jildii 15ffaa lakk.galmee 80119 irratti namni tokko ji’aan dhala %10(dhibbentaa kudhan) shallaguun maallaqa kan liqeesse yoo ta’e ulaagaa yakka Araaxaa ni hundeessa jechuun murtii dirqisiisaa kenneet(laatee) jira.Dabalataan Jildii 17ffaa lakk.galmee 102711 ta’e irratti murtii kenneen qaamotni waliigaltee raawwatan waliigaltee isaanii irratti dhalli ji’aan kan shallagamu ta’uu kan caqasan yoo ta’e waliigalteen sun fudhatama kan hin qabne ta’uu ibseera.Kanaaf seerota armaan iloo fi murtiiwwan kennaman irraa kan hubachuu dandeenyu dhalli shallagamuu kan qabu waggaatti ta’uu dha.

Kanatti aansudhaan immoo yakki Aaraaxaa akkamitti qaawwa seeraa dawoo godhachuudhaan akka raawwataman ilaalla.

2. Yakkii Araaxaa seera dawoo godhachuun kan rawwatamu karaa lamaanii

  1. Cheekii Mallaqa hin qabne kennuu fi
  2. Waliigaltee liqaa mallateessuun  yakka  rawwatamuudhaa.
    1. Cheekii Mallaaqa Hin qabneen Araaxaa Rawwatamu

Cheekiin Hojii daldalaa keessatti hojimaata seera qabessaa  namoota baay’ee  jidduutti raawwatamuudha.Haa ta’u malee liqeessitootni Araaxaa namoota hanqina maallaqaa qaban barbaadanii qarshii dhala seeraan alaa qarshii haadhoo liqeessan faana walitti ida’uun liqeeffataan cheekii maallaqaa gahaa hin qabne akka kennaniif taasisuun cheekii hojii seera qabeessaaf karoorfame hojii seeraan alaatif oolchaa jiru.Araaxaa liqeessitootni dawoo cheekitiin namootni liqeeffatan maallaqa isaanii yeroon deebisuufi yoo didan(dhiisan) yookiin yoo dadhaban himannaa hariiroo hawaasaa irratti banuudhaan manni fi qabeenyi isaanii akka gurguramu gochuun dabalatatti yakkaan immoo poolisidhaaf eeruu kennuun akka himatamanii hidhaman gochaa jiru.Seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 693(1) irraa akka hubachuun danda’amutti namni kamiyyuu cheekiin yeroo baankiif dhiyaatutti maallaqa gahaa itti ajaju kan hin qabne ta’uu osoo beekuu cheekii kan kenne yoo ta’e hidhaa salphaa yookiin akka cimina dhimmichaatti hidhaa cimaa waggaa 10 hin caalle fi adabbii maallaqaan kan adabamu ta’uu hubanna.Tumaa seeraa kana dawoo godhachuun liqeessitootni namoota cheekii gogaa barreessan yakkaan waan himatan fakkeessun sodaachisuun liqeeffattootni immoo hidhaa sodaachuun qabeenya qaban gurguruun yookiin immoo Araaxaa biraa liqeeffachuun maallaqa isaaan irra jiru kaffaluuf oso asii fi achi jooranuu maraammartoo kana keessaa bahuu dadhabanii maatii isaanis rakkoo guddaaf kan saaxilan baay’edha.Gama kanaan seerri ifa ta’e osoo jiruu miidhamaan dhuunfaa akkaawuntii baankii (Bank Account) himatamaa maallaqni akka keessa hin jirre osoo beekuu gowwoomsuun kan hin jirre waan ta’eef cheekii maallaqa hin qabne kennuun mataa isaatin yakka miti jedhanii ogeessotni seeraa falman jiru.Haa ta’u malee cheekii maallaqa gogaan(maallaqa hin qabne) yakka daldala sirna baankii fi akka waliigalaatti dinagdee biyyaa irratti raawwatamu waan ta’eef kana ittisuuf jecha seerri sanadoota socho’an irratti eegumsa gochuuf cheekii gogaa kennuun gocha yakkaa ta’uu tumeera.Kanaan walqabatee dhaddachi Ijibaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa Jildii 12ffaa lakk.galmee 55077 irratti cheekiin kennamuu qofa osoo hin taanee dugda duuba isaa waliigaltee maaltu jira jedhanii xinxaluu dhiisuun kaayyoo seera daldalaa kwt 717 bu’ura kan hin godhanne jechuun murtii kennee jira. Kanaan walqabatee yakkichi jalqabamee kan xummuramu cheekiin nama kaffalamuuf yeroo qaqqabetti maallaqa dhabuun isaa yommuu beekamu ta’uu dhaddachi ijibaataa lakk. Galmee 67947 irratti murtii dirqisiisaa kenne irraa hubachuun ni danda’ama.   

  • Waliigaltee Dawoo Godhachuun Araaxaa rawwatamu

Waliigaltee dawoo godhaachuun Araaxaan kan rawwatamuu qaamootiin walii galtee raawwatan dachaa maallaaqa  wal harkaa fuudhanii yookiin maallaqa wal harkaa fuudhani  dachaa lamaa akka liqeeffatan fakkeessanni waliigaltee  isaanii irratti caqasuun  guyyaa fi bakka waliigalticha  irratti caqasame irratti kaffaluuf barbaadee fi jaallatee waraqaa walii galtee irratti akka mallateessuu gochuudha.Kana jechuun fakkeenyaaf qarshii 50,000 kan liqeessee yoo ta’e akka waan 100,000 liqeffatee fakkeesse mallatteessuu jechuudha.Bu’uuruma kanaan Araaxaa kaffaluu dadhabanii mannii fi qabeenyi  isaani ajaja M/Murtiin kan jala gurgurame baay’eedha.

  • Waliigaltee dawoo godhachuudhaan falmiwwan dhayaatan  ija seera H/H tiin yommuu ilaalluu yeroo baay’ee Araaxaafi  waliigaltee liqaa dawoo godhachuun falmii dhiyaatu fi  galmicha irratti  ilaalchota  dachaa  jiranidha .
  • Innii jalqabaa Waliigaltee mirkaneessuu kan ilaallatuudha.

Kana jechuun walii galteen jira bu’uura waliigalteetiin liqaa isaa haa kaffalu kan jedhuu yommuu ta’uu kana mirkaneessuuf bu’uura waliigaltee liqaa fi akkasumas waliigalteen liqaa  yommuu taasifamu ragootaa  turan caqasunii.Kanaaf S/H/H/ Kwt 1731 ibsuuf kewwatoonni dhiyaatan S/H/H / kwt 2003, 2005 fi 2006 dha.

Kewwattootaa akka armaan gaditti ilaalla

kwt 1731:- Bu’aa waliigaltee ilaalchisee

  • Walii galteewwan bu’uura seeraatiin hundaa’an qaama waliigale jiddutti seera ta’u.
  • Jechoonni walii galtee keessatti argaman kan qaamonni waliigaltee uuman itti waliigalaniidha.

Kwt. 2003 walii galteewwan bifa barreeffamaan haa taasifaman jedhaman irratti barreeffamni kun kan tarsa’e, kan hatame, kan bade ta’uun isaa hanga hin mirkanoofnetti waliigaltee ragadhaan ykn tilmaama sammuutiin hubachiisuu, mirkaneessun hin danda’amuu.

Kwt 2005 –Barreeffamnii waliigaltee mirkaneessuuf gahaa ta’uu

  • Sanada barreeffamaa irratti jechoonnii argaman akkasumas guyyaa barraa’e qaamota walii mallateesse jiddutti ragaa gahaa amantaan itti kennamuudha.

KWT – 2006; Ragaa mormii

  1. Jechoota barreeffama keessatti argaman mormuun kan danda’amuu jechichi isuma kana qaama jedhu kakachiisuudhaan qofa.
  2. Jechoota barreeffama keessatti tarraa’aniif (argamaniif)ragaa nama ykn tilmaamaa sammuu dhiyessun hin danda’amu.

Kewwattonni kun waa’ee waliigaltee mirkaneessu fi bu’aa  isaa fi waliigalteen barreeffamaa jiru fedhaa fi barbaadee hanga  mallateessutti fi walii galteen hanga hin banneeti fi hin tarsaaneetti  raawwatiinsa qabaachuu agarsiisu.

Haata’uu malee amma ka’aa kan jiru qarshii 30,000 fuudhanii akka 60,000 fudhatanitti mallateessisuudha.Kanaaf rakkoowwan kanaaf furmaanni maali kan jedhu qaamoleen haqaa hundi gahee isaanii bahuu qabu kan jedhuufi hawaasnis dhimmoota kana irratti eeruu qaamolee kanaaf kennuun tumsa gochuu qabu kan jedhu yaada xummuraati.

Mulugetaa Magarsaa

Godina jimmaatirraa.

Published by Mana Hoji AA Godina Jimma. የጅማ ዞን አቃቤህግ መስሪያቤት

This is the official website of Jimmaa zone attorney office, ⚖️wee strive to insure justice for our community⚖️

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: