Yakkoota Namaan Daldaluu Fi Godaantota Seeraan Ala Daangaa Ceesisuu Ittisuu fi To’achuu.

Qophessaan:- Anwar A.

AA God jimmaa, LL.B LL.M
suuraa AA Anwar A.

Midiyaa mana hojii abbaa alangaa godina jimmaattii galmaahuun leenjii hubannoo seeraa argadhaa.

1. Qabiyyee Barruu kanaa.

  1. Yakkoota namaan daldaluu jechuun maal jechuudha?
  2. Yakkoota Godaantoota seeraan alaa daangaa ceesisuu jechuun maali jechuudha?
  3. Ulaagaa osoo hin guutiin namaa biyyaa erguu?
  4. Seeroota biyyaa keessaa fi idil-adduunyaa dhimmaa kanaa akkamitti hiikuu?

2. Haala waliigalaa Godaansa

  • Akkaa aduunyaatti Waggaa Waggaa dhaan namoota 800,000 ta’an gochaa namaa daldaluu irratti raawwatamaa (akka Mootummaa Amerikaa qortateetti).
  • Nammota 41,200 kan ta’aan bara 2011 miidhamaa ta’uu isaanii adda bahaniiru.Kuni jechuu namoota %5  ta’an qofaatti miidhamtuu isaanii beekamaa jechuudha. (akka Mootummaa Amerikaa qortateetti).
  • Bu’aa gocha namaa daldaluu irraa argamuu waggaa waggaadhaan Billoonaa Dollaraa 31 (ILO 2005)
  • Namootaa 250,000 ta’anii seera ala Europaa keessatti galuu.(EU).
  • Baay’inaa namooni miidhamaan keessaa dubartoota %80 ni ta’uu kan keessaa immoo % 50 daa’imaan dha ( dubartoota 18-24) ni ta’a.
  • Bakkaa ka’umsaa Afrikaa keessumaatuu Itoophiyaa biyyaa tokkoodha.

3. Daldaltoota

1. %52 dhiraa, 42% dubartoota fi %6 lamaanuudha.

2. %56 miidhamtootni ni beeku,%46 miidhamtootni hin beeknuu.

3. Nammota yakkaa kanaa raawwachuuf gurmaa’aniin raawwatamaa. (Criminal groups Snakehead, Yakuza, Albanian Mafias)

4. Maatii, hirriyoota fi firootan isaaniin ni raawwatamaa.

1.4. Namoonni maalii Godaanuu

  1. Hiyyummaa fi barbaachaa jireenyaa fooyya’aa, Ekonomii irraa kan ka’ee godaanuu (dubartootni caalaa saaxilamoodha).
  2. Waraansa Balaa Uummamaa. Fkn Tsunami 2004 Boxing days South-east Asian Countries sold their child to the rest of the world, Due to Smugglers are there.
  3.  Loogiin godamuu  Discrimination against a certain groups.Eg.Women
  4. Bakkaa gahumsaa irratti namoota daldalamaan/godaanan fedhiin jiruu. Fkn Sagagalunmmaadhaaf barabaadamuu, daldala saal qunnamtiif (sexual trade), Gatii gadii-anaa dhaan warshaa keessaa hojachisuu.
lenjii hubannoo seeraa 2

2. Hiikkaa fi Maalummaa

Yakka Namaan Daldaluu? Seera gocha namaan daldaluu kana to’achuuf akkasumas ittisuuf bahe labsii lakk. 1178/2020 kwt. 3 (1) jalatti hiikkoo kenname kana keessatti wantoota gurguddoo gocha yakka namaan daldaluu ibsuuf dhagaa bu’uuraati jedhaman ykn taatee raawwatame tokkoof ulaagaa madaallii gochicha yakka namaan daldaluu taasissuu danda’an jedhaman akkaataa armaan gadiitti iddoo sadiitti qooduun tarreessuun ni danda’ama. Isaan kanas iddoo sadiitti qoodnee ilaaluun ni danda’ama. Innis;

1ffaa. Adeemsa (process/Action) 

Filannoo (recruitement)Ø  Keessummeessuu (harboring)Ø  Iddoodhaa iddootti sochoosuu (moving)Ø  Qeebbaluu (obtaining)Ø  Tursuu (maintaining a person)Ø

2ffaa. Maloota (means)

 Humnaan (by force)Ø  Gowomsaan (by fraud)Ø  Sodaachisuun (coercion)Ø

3ffaa.Bu’aa (end)/ Purpose Element that is Exploitation

  Fedhiin ala akka nama tajaajilaniif (involuntaryØ servitude)  Idaan qabamuu (debt or bondage)Ø  Garboomuu (slavery)Ø  Daldala quunnamtii saalaaf ooluu (sex tradeØ

Gochi yakka namaan daldaluu jedhamu yakkoota biroo waliin walbira qabnee yoo ilaallu gochaalee mataa isaanii danda’anii yakka ta’uu danda’aan sadarkaa garaagaraa keessatti kan qabate ta’uu isaa qoqqooddii taasifame kana irraa hubachuun ni danda’ama.

Qoqqooddii raawwatame kunis dhimmoota adeemsaa fi sadarkaa isaan keessa darban kana irratti hundaa’uun gochi raawwatame haguuggii keewwata kanaa jalatti kufuu danda’a jechuf ni fayyada. Akkasumas namoota sadarkaa garaagaraa gochaan kun keessa dabrutti hirmaatan adda baasuun itti gaafatamaa taasisuuf kan nu gargaaru ta’a. Dabalees haala fi sadarkaa hirmaannaa isaanii irratti hundaa’uun itti gaafatamumaan isaaniis kan adda bahu ta’a jechuudha. Bu’uura kanaan malummaa yakkichaa fi adeemsa walxaxaa yakkichaa adda qooduun yoo hin ilaalle hirmaattota yakkichaa fi sadarkaa hirmaannaa isaanii adda baasuun itti gaafatamaa taasisuun baay’ee nama rakkisa.

Hiikkoo boqonaa 1ffaa keessatti kenname kana irraas hubachuun kan danda’amu gochaan namaan daldaluu kun gochaa tokko osoo hin taane walitti hidhamiinsa gochaalee garaagaraa kaayyoo fi galma tokko gahuuf yaada walfakkaataa ta’een raawwatame ta’uun isaa ni hubatama. Kunis hiikkoo kenname irraa kaanee yommuu ilaallu dhimmi kun dhimmoota akka karaa kamiinuu seera cabsuun kallattinis ta’e alkallattin gochaa namaan daldallu ykn seeran ala daangaa ceesisuu raawwachuu, sadarkaa gargaartummaan gochaalee kunniin raawwachuu, gochaan kun akka raawwatamuuf gurmeeffamuu ykn gurmuulee yakka raawwachuuf dhaabatan keessatti hirmaachuun qajeelfama kennuu, ykn karaa kamiinuu raawwii yakkichaa akka babal’atuuf jajjabeessuu ykn raawwii yakkichaaf akka oolu beekaa gumaacha kennuu kan jedhan hunda of keessati qabatee kan jiru ta’uu isaa irraan kan ka’e walitti hidhamiinsa gochalee hedduu ta’uun ni hubatama jechuudha.

Qoqqooddii armaan olii irratti hundoofnee qabiyyee yakkichaa yommuu ilaallu, sadarkaa jalaqabaa irratti gochaan raawwatu gochaa akkamiiti isa jedhu yommuu ta’u gochaaleen kunniinis kanneen akka miidhamtoota raawwii yakkichaaf filachuu, iddooa iddootti geejjibuu, namoota gochi kun irratti raawwate ykn raawwachuuf adeemu simachuu, dhoksuu fi kkf nama raawwatedha. Haa ta’u malee gochaaleen amma tarreessine kun of danda’un itti gaafatamummaa yakka namaan daldaluu fiduu kan hin dandeenye ta’uu isaaniiti. Kana jechuun gochootni tarreeffaman kun of danda’uun tumaa seera yakkaa biroo jalatti yakka biroo ta’uu danda’u malee qofaa isaaniitti ulaagaa tumaa yakka namaan daldaluu kan hin guutne ta’uu isaa hubachuun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf; gochi nama iddooa iddootti geejjibuu kaayyoo garmalee itti tajaajilamuu kan hin qabne yoo ta’ee yakka namaan daldaluu ta’uu hin danda’u.

Sadarkaa lammffaa irratti gochaaleen kun mala akkamiitiin raawwataman gaaffii jedhu yommuu ta’u ulaagaan kun kan inni gaafatu bu’uura maaliin akkaataa akkamiin gochaaleen sadarkaa tokkoffaa keessatti tarreeffaman kun raawwataman kan jedhudha. Bu’uuruma kanaan gochaleen kunniin maloota ittiin gargaaramuun raawwatame kanneen akka gowomsuu, dorsiisuu, humanaan dirqisiisuu, aangootti garmalee gargaaramuu ykn miidhaaf saaxilamuu miidhamaatti garmalee gargaaramuun kan raawwatan yoo ta’edha.

Ulaagaaleen kunniin lamaan guutamaniillee sadarkaa itti aanutti gochaaleen kunniin maaliif raawwataman kan jedhu agarsiisuun barbaachisaa ni ta’a jechuudha. Bu’uuruma kanaan sadarkaa sadaffaa irratti gochaaleen kunniin yaada garmalee itti tajaajilamuuf ykn dirqiin itti gargaaramuuf jedhu kan of keessatti qabatee raawwatame yoo ta’e yakka namaan daldaluutiin itti gaafatamummaa ni hordofsiisa jechuudha.

Gocha raawwatame (material or physical element of the crime)

Tokkoffaa irratti gochi raawwatemu kun gochaalee kanneen akka miidhamtoota filachuu, geejjibuu, daddabarsuu, dhoksuu, fi miidhamtoota kana simachuu keessaa tokko kan of keessatti qabate ta’uu qaba. kanneen keessaa tokko gochi yakka namaan daldaluu of keessatti kan qabate ta’uu qaba. Kun hin ta’u taanaan haala addaan seeraan yoo tumame malee gochaa kanaan gocha namaan daldaluu jechuun hin danda’amu. Kanas tumaa kana kwt. 3 (3) jalatti daa’imman kaayyoo garmalee itti tajaajilamuu jedhuuf namni filate, iddoo iddootti geejjibe, dhoksee fi simate haala addaatiin of danda’e itti gaafatamummaa yakkaa fiduu akka danda’u ni ibsa. Haa ta’u malee dhimmoota biro ilaalchisee gochaaleen jedhaman kun raawwatamuun isaanii yoo mirkanaa’e iyyuu mataa isaaniitiin of danda’uun itti gaafatamummaa fiduu hin danda’an.

Lammaaffaa irraatti gochi tokko gocha namaan daldaluu ta’uuf yoo xiqqaatee xiqqaate humnatti, sodaachisuutti, butuutti, waliin dhahuutti, gowwoomsuutti, aangootti garmalee fayyadamuutti ykn miidhaaf saaxilamuu ykn wallaalummaa miidhamaatti, faayidaa kennuu fi fudhachuutti gargaaramuun kan raawwatamee ta’uu qaba. Gochaaleen tokkoffaa irratti ibsaman maloota lammaffaa irratti ibsaman kanatti gargaaramuun kan raawwatame yoo ta’e gochaan kun yakka namana daldaluu ta’uuf ulaagaa gochaa yakkaa guuteera jennee kaasuu dandeenya. Fakkeenyaaf nama filachuun qofaa isaa yakka ta’uu dhiisuu danda’a haa ta’u malee gochaan kun amaloota lammaffaa irratti ibsaman kanneen akka gowwoomsuun, sodaachisuu, butuutti fi kkf tti fayyadamuun kan raawwataman yoo ta’an garuu gochaan kun gara yakka namaan daldaluutti ce’uu danda’u ta’uu isaa agarsiisa.

Kutaa yaada sammuu (mens rea)

wa’ee kuutaa yaadaa (mens reaa) midiyaa mhaagj irraa dhaggeffadhaa.

Bu’uura seera yakkaa kwt. 23(2) tiin namni tokko yakka raawwate jedhamee itti gaafatamaa ta’uuf dursee kutaan yaada sammuu balleessaa raawwachuuf jedhu jiraachuun barbaachisaa akka ta’e ni kaa’a. Yakki namaan daldalu mirkaneessuu keessattis qajeeltoon kun raawwatiinsa kan qabudha. Armaan olitti gochaaleen namaan daldaluu kutaa gocha yakkichaati jechuun ilaalle yommuu raawwataman yaada sammuu akkamiin gaaffiin jedhu dirqama deebii argachuun namoota gocha kana raawwatan itti gaafatamaa taasisuuf baay’ee murteessaadha.

Kanaaf gaaffiin maaliif raawwate jedhu yaada sammuu “…miidhamtootatti garmalee tajaajilamuu…” (Exploitation of the victims) jedhu jiraachuun isaa hubatamuu qaba jechuudha. Kana jechuun dirqama miidhamtootatii garmalee tajaajilamuu (the real exploitation of the victims) jiraachuu qaba jechuu immoo akka hin taanes hubatamuu qaba.  Kunis jiraachuu yaada sammuu kanaaf argisiiftuu wantoonni ta’an mirkaneessuu ykn dhiheessuun qofti gahaadha dirqama miidhaan yaadame dhaqqabee mul’achuun kaayyoo seerichaa miti jechuudha.

Fakkeenyaaf gochi iddoo iddootti nama geejjibuu hanga kaayyoo miidhamtoota ykn godaantota daangaa ceesisuu of keessaa hin qabneetti mataa isaan yakka ta’uu dhiisuu danda’a, haa ta’u malee gochaan kun yoo kaayyoo garmalee miidhamtoota kanaan tajaajilamuu jedhu of keessaa kan hin qabne yoo ta’e yakka biraa ta’uu danda’a malee yakka namaan daldaluu ta’uu hin danda’u. Akkasumas yakki aangootti garmalee fayyadamuu of danda’e yakka namaan daldaluu miti, haa ta’u malee gochi kun gochaalee biroo fi kaayyoo namaan garmalee tajaajilamuu jedhu kaayyeffatee yoo raawwatame yakka namaan daldaluu ta’a. Kana irraa kaanee walqabsiiftuun gochaalee tumaa kana jalatti tarreeffamanii jiraanii kutaa yaada ‘miidhamtootatti garmale tajaajilamuuf’ jecha kan raawwatame ta’uu mala.

Yakkaan namaan daldaluu daa’imaani irratti yeroo raawwatamuu kayyoo kamiifiif raawwatamee kan jedhuu(For Which Expliotation ) raawwatamee kan jedhuu hubachisuun nurraa hin eegamuu.

Labichaa ket.6 jalatti . Presuming Purpose of Exploitation Where it is proved that a person recruit, transport, transfer, harbor, hide or receive another person using means mentioned under Article 3(2) of this Proclamation; or without using means mentioned commit such act against child; presumption may be made on basis of circumstantial evidence for which exploitation purpose the person committed such act.

“garmalee namatti tajaajilamuu” (exploitation) jechuun  gochoota kwt.jalatti tarreefamaan raawwachuu jechuudha,Kunis tajaajila sagaagalummaaf itti gargaaramuu , Dirqiin tajaajila humnaa akka kennan taasisuu, Garboomsuu fi haalota garboomsuu fakkaatan kamuu keessa jiraachisuu, Kutaa qaama isaanii kutuun irraa fudhachuun itti tajaajilamu fi kkf dha.

Godaantota Seeraan Ala Daangaa Ceesisuu

Godaansa seeraan alaa kallattii nageenya biyyaa fi mirga godaantotatiin yoo ilalle, yakki seeraan ala daangaa ceesisuu kun yakka cabiinsa seeraa qofa ilaallatu osoo hin taane birmadummaa daangaa biyyaa irratti gocha raawwatudha. Kallatti mirga godaantotaatiin yoo ilaallu seerri dhimmi kana irratti bahu mirga godaantonni iddooa iddootti socho’uun jireenya isaanii geggeeffachuu, hojii hojjechuu fi kkf. heraan beekamtii argate garmalee haala daangessuun osoo hin taane sochiin godhamu kun karaa seera biyyatti godaansa ilaallatu (immigration laws) tilamaama keessa galche akka ta’u taasisuuf gumaacha guddaa waan qabuufidha.

Dhimma kana labsiin 1178/2020 kwt. 8 jalatti tumaa jiru irratti hundaa’uun seeraan ala daangaa ceesisuu kan hundaa’u fi eegalu waliigaltee daangaa ceesisuuf jedhuun godaantootaa fi namoota daangaa ceesisan gidduutti bu’aa qarshii ykn wantoota biroo argachuuf taasifamunidha. Kana irratti hundaa’uun gochi tokko yakka seeraan ala godaantota daangaa ceesisuu ta’uu isaaf akka agarsiiftuutii fudhatamuu kana danda’an iddoo sadiitti qoodnee ilaalu dandeenya;

Yakka godaantota seeraan ala daangaa ceesisuun itti gaafatamaa ta’uuf dirqama kutaan yaada sammuu (mens rea) jedhu maaliin ibsamuu danda’a kan jedhu dhimma adda bahee beekamuu qabudha. Kana jechuunis kallatti himatamaan gocha jedhame kana kan raawwate bu’aa barbaadee raawwachuu isaa wanti agarsiisu danda’u jiraachuu mala yaada jedhudha, ykn bu’aa dhaqqabe dhufuu danda’a jedhee tilmaamuun kan irra ture yoo ta’e qofa itti gaafatamaa ta’a jechuudha. Gama Kanaan gocha godaantota seeraan ala daangaa ceesisu beekaa ykn ta’e jedhuun ykn itti yaaduun yaada sammuu faayidaa kallattiis ta’e alkallatti kamiinuu argachuuf kan raawwatame ykn raawwachuuf qophiin kan taasifame ykn raawwachuuf kan yaalame yoo ta’e qofa itti gaafatama.

Gama biroon waliitti dhufeenyii fi garaagarummaan yakka namaan daldaluu fi seeraan ala godaantota daangaa ceesisuu jidduu jiru hubannoo yakkoota kanneen lamaan adda baasuu fi gochaalee walfakkaatoo yakkicha keessatti haammatamanii jiran hubachuuf kan gargaaru waan ta’eef akka itti aanuutti adda baasuun danda’ama;

Fedhii miidhamtootaa: – yakki godaantota seeraan ala daangaa ceesisuu kun bifuma waliigalaatiin kan inni eegalamu fedhii miidhamtoonni daangaa ce’uuf kennatan irraati haa ta’u malee gochaa seeraan alaa namootni daangaa ceesisan raawwataniin kan ka’e fedhiin kenname kun akka fedhii isaanii hin laanneetti ykn hiikkoo hin qabneetti kan fudhatamu ta’a malee gochaa seeraan ala daangaa ceesisuu raawwatame kana seera qabeessa taasisuuf hin gargaaru. Gama biroon ammoo ammoo gochaan namaan daldaluu ilaalchisee fedhiin miidhamtootaa akka kennameetti iyyuu hin ilaalamu.

Daangaa biyyooleessaa kan ce’e: – hiikkoo keessatti akkuma ibsame daangaa nama ceesisuu jechuun namni tokko karaa seeraa ala ta’een daangaa ce’uun biyya biroo akka seenu taasisuu ykn haala mijeessuudha. Kanaaf gochi kun biyya tokkoo gara biyya biraatti daangaa biyyoolessaa cehuu kan barbaadudha. Gama biroon ammoo yakki namaan daldaluu dirqama daangaa cehuu kan of keessatti qabu miti. Yoo qabaates seera qabeessummaa fi dhabeessummaan daangaa ceesisuu kun faayidaa hin qabu.41 Kanaaf gochi yakka seeraan ala daangaa ceesisuu kun yeroo hundumaa biyyaa biyyatti kan jedhu yommuu ta’u yakki namaan daldaluu jedhu garuu dirqama daangaa ceesisuu jedhu hin qabu. 

Dirqiin itti tajaajilamuu (exploitation): – walitti dhufeenyi nama daangaa ceesisuu fiØ goodaanaa kan inni xumuramu gochi daanga ceesisuu qindaa’ee erga raawwatamee booddeedha. Kanfaltiin daangaa ceesisuus kan kanfalamu dursee ykn erga daangaa ceesisamee booddee ta’uu danda’a. Namni seeraan ala daangaa nama ceesisu kaayyoo ykn yaada sammuu miidhamtoota erga daangaa ceesisee booddee dirqiin itti tajaajilamuu jedhu of keessaa hin qabu.

Madda bu’aa: – agarsiiftuun guddaan yakki tokko yakka namaan daldaluudha ykn seeraan ala daangaa ceesisuudha jechisiisu, madda bu’aa yakkicha irraa argatamudha. Maddi bu’aa yakka seeraan ala godaantota daangaa ceesisuu kanfaltii tajaajila miidhamtoota irraa iddoo iddootti sochoosuu ykn daanga ceesisuun argamu irraati. Yakka namaan daldaluu ilaalchisee bu’aa kan argamu miidhamtoota to’achuun akkasumas dirqiin itti tajaajilamuu ykn tajaajila addaa addaaf oolchuun galii argamu irradha. Saababii kanaafis yakka raawwatoonni hanga isaanii danda’aameettis bu’aa argachuuf maloota addaa addaatti fayyadamuun miidhamtoota to’annoo isaanii jala akka turan taasisuu.

Gaara yakka godaantota seeraan ala daangaa ceesisuutti yommuu deebinu gochi jedhame kun sadarkaa akkamii irra yoo gahee jedhe seeraan itti gaafatamummaa fiduu danda’a gaaffii jedhu yoo ilaallu; yakkichi guutummaan gutuutii yoo raawwatame ykn yoo yaalame, akkasumas sadarkaa qophii irras yoo jiraates nama gochicha raawwate, yaale fi raawwachuuf qophii taasise itti gaafatamaa taasisuu kan danda’u ta’uu isaa tumaa kwt. 5 labsii 909/2007 irraa hubachuun ni dandaa’am.

Published by Mana Hoji AA Godina Jimma. የጅማ ዞን አቃቤህግ መስሪያቤት

This is the official website of Jimmaa zone attorney office, ⚖️wee strive to insure justice for our community⚖️

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: