Waajjira AA God Jimmaattii Odeffannoo Adeemsa hoojii Dhimmota Hariiroo Haawasaa. Pdf
Mana Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmaa
Lakk bilbilaa 0471118971/0471110484
በጅማ ዞን አቃቤ መስርያ ቤት
Adeemsaa Hojii Dhimmoota Hariiroo Hawaasa
የፍትሐብሔር ጉዳዮች የስራ ሂደት
Dhimmoonni Hariiroo Hawaasa dantaa ummataa fi manneen hojii mootummaa dhabbilee misoomaa mootummaa jaarmiyaalee ummataa namoota harka qalleeyyii ta’anii akka kabajamuuf labsii lakk 214/2011 bahe labsii lakk 236/2013 foyyaa’een bahee tumameera
Manni hojii Abbaa Alangaa fi caasaalee isaa sadarkaa sarkaan
– Manneen hojii mootummaa
– Dhaabbilee miisoomaa mootummaa
– Jaarmiyaalee ummataan
– Namoota harka qalleeyyii ta’ani deeggarsaa adda isaan barbaachisummaa keessummatiyyuu dubartoota da’immaan qaama miidhamtoota fi maanguddoota kan ta’aniif
1. Tajaajilaa gorsaa seera ni kennaa himannaa ni dhiyeessaa,gudduus ni lixaa deebii ni kennaa,dhorkii nu baasiisaa,ni falmaa,murtii ni raawwachiisa.
2. Wixinee waliigaltee manneen hojii mootummaa fi jaarmiyaalee ummataa ni gulaala ykn ni qopheessa
3. Waldiddaa yoo uumamee Addemsaa mala filannoo biroon hiikuu kuniis
Waldiddan manneen hojii mootiummaa gidduutti ykn mana hojii mootummaa fi nama/qaama biro giddutti yoo umamee dhimmichaa gara mana murtiitti dhiyeessuun duratti.
Waldiddan manneen hojii mootummaa giddutti ykn mana hojii mootummaa fi nama/qaama birpp gudduutti yoo umamamee dhimmichaa gara mana murtitti dhiyeessuun duraatti.
– Mala waliigaliinsaatiin (Negotiation)
– Mala waltaasiisuun ykn araaraatiin (mediation)
– Mala jaarsummaatiin (Arbitration)
Fayyadamuudhaan waldhabdeen akka hiikamuu taasiisuudha.
1.1 Ulaagalee qaamni tajaajila gorsa seera argachuu barbaaduu guutuu qabu
– Dhimmicharraa dantaa/mirgaa qabachuu isaa raga agarsiisuu dhiyaachuu qaba.
– Ragaa nama fi sanada dhimmichaa mirkaneessuu danda’uu dhiyaachuu qaba.
– Namni harkaa qalleessaa ta’e raga hiyyummaa mana murtii hawaasummaa gandarraa dhiyaachuu qaba
Dubartotni daa’immaan qaama miidhamtootni maanguddootni qabeenyaa qabaatanillee
– qabeenyichaarratti ajajuuf haala hin dandeenyee irra jiraatuu isaani raga agarsiisuu gandarraa yoo dhiyeetatan tajaajila argachuu ni danda’u
– Garuu gochaa yakkaatiin miidahaan qaama cimaan irra dhaqqabee ragaa hiyyumaa agarsiisuu dhiyeefachuuf hin dirqaman
1.2 Ulaagaalee wixinee waliigaltee manneen hojii mootummaa gulaaluu ykn qopheessuu ilaalchisee guutamuu qabu
– Waliigaltee manneen hojii mootummaa barreefaman qophaa’ee dhiyaachuu qaba.
– Qabiyyee waliigaltichaa ergama,kaayyoo aangoo fi gahee mana hojichaatiin waliitti hin buunee fi safuu hawaasa hin tuqinee ta’uu qaba.
– Ragaalee sandaa barabaachiisoo ta’anii hundaa waliin walqkabatee dhiyaachuu qaba.
– Waliigaltichii gulaalamuu ykn qophaa’ee laakkofsaa guyyaa mallattoo hoogganaa ykn I/A/hoggannaa fi caappaa mana hojichaa qabachuu qaba
1.3 Dirqama fi itti gaafatamummaa manneen hojii mootummaa jaarmiyaalee ummataa fi namootni harkaa qalleeyyii dhimmaa hariiroo hawaasarratti qaban
– Ragaa mana hojii A/A hojii jechaa gaafatee kamiyyuu dhiyeessuu qaban
– Qajeelfkama mana hojii Abbaa Alangaa irra hojiif jechaa kennamuu raawwachuu qaban
– Waraqaa waamichaa himatama (de/kennaa) fi raga nama dhaqqabsiisuu qaban
– Manneen hojii mootummaa deegarsaa konkolataa bobba’aa baasii adda addaa barbachiisuu fi
– Kaffalitti durgoo raga battoota baasii fi kasaraa falmii keessatti mudatuu hundaa haguuguu qaba.
– Namootni harka qalleeyyii ta’ani ilaalchisee kaffalitti abba seerummaa fi kasaraa murtee manni mjurtii garee abba mirgaatiif dhummarratti murteessuun alaati
– Baasii fi kasaara falmii keessatti muddamuu goonkumaa kaffaluu kan hin dandeenyee ta’ee yeroof mana hojii A/Alangaatiin haguugamee dhummarratti hundi isaa heerregamee kazeenaa mootummaatiin galii taasifama.
Hojiiwwan tajaajilaa A/Alangaa hin kenninee
– Dhaabbataa amantaa dhaabbataa siyaasaa yookiin paartii
– Dhaabbataa idila adduunyaa
– Afooshaa fi waldaa qabiyyee isaa aadaa fi amantaa ta’aniin alaatti
Galatoomaa
Dantaa Mootummaa fi Ummataa
waliin taanee Hakabachiifnuu