Tamboofii Seera

Barruu Xinxala Seeraa

barruu kana Seeroonii kenya wa’e tamboo mal jedhanii kan jeedhuu abbaa alangaa godina jimmaa anaa cora botor kan ta’an Obboo mulugeetaa megersaadhaan qophaa’e

garee komnikeshinii mana hojii abbaa alangaa godina jimmaa.

seensa

Tamboo xuuxuun nama xuuxu irrattis haa ta’uu bakka namoonnii baay’een argamanitti xuuxuun rakkoo fayyaa  kan qaqqabsiisu ta’uu odeffannoon madda adda addaa irraa argamuu ni mul’isa(muldhisa).Kana qofaa osoo hin taanee waraqaawwan tamboon itti samsamamu irratti barreeffamni tamboon du’aaf nama saaxilaa, tamboon dhibeewwan  kaansariinama qabsiisa jedhu barreeffames kan argamuu yommuu ta’ukun miidhaa tamboon qaqqabsiisuu kan akeekuudha.

Qorannoo Dhaabbani Fayyaa Addunyaa (WHO) yeroo adda addaa  taasisuu irratti akka mul’isutti(muldhisutti) namonni miiliyoona 8 tti  tilmaamaman  sababa  tambootiin akka guutuu addunyaatti kan du’an yommuu ta’u kana keessaa namootni miliyoonni 1.2 ta’an namoota hin xuuxnedha.Akkasumas gama diinagdeetin immoo  Doolaara Ameerikaa Biiliyoona 500 tilmaamamu  miidhaa qaqqabsiisaa jira.Bu’uura qorannoo kanaatiin rakkinootni kun kan uumaman biyyoota guddatanitti ta’us yeroo ammaa garuu sababa adda addatiin biyyoota hin guddanneettis rakkoon kun kan babaldhachaa(babal’achaa) jirudha.Rakkinni kun babal’achuu irraan kan ka’e hawaasni addunyaa tamboo to’achuu irratti ejjannoo walfakkaata akka qabatan tasisee jira.

Yeroo Jalqabatif A.L.Awuropaa bara 2003 Dhabbanii Fayyaa Addunyaa(WHO) tooftaawwan tamboo to’achuuf dandeessisuufi biyyoota miseensa ta’an dirqama irra kaa’u <<Framework convention on tobacco control>> yookiin sanada waligalee tamboo to’achuuf bahee mirkaneesse.Haa ta’u malee waliigaltee kana hojiirra oolchuf mariin kan jalqabame bara 1995 ture.Seenaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kaassatti konvenshiniin kun konveenshinii yeroo gabaaba keessatti  hojii irra ooledha.

Biyyi keenyaa Itioophiyaan Guraandhala 25 bara 2004 waligalticha mallatteessiterti .kana buu’uura godhachuudhaan labsiin lakk. 661/2001 kan bahee ta’uus booda irra garuu labsiin Lakk. 1112/2011 bahuu danda’eera. kana qofa osoo hin taanee labsii 661 irratti hundaa’uun Manni marii ministeerotaa dambii lakk. 229/2007 baasuudhaan hojii irra ooluu danda’eeraa.

TamboonMiidhaa Qaqqabsiisu  Yoom Beekame?

Tamboon rakkoo fayyaa kan ta’uu jalqabe waggaa dheeraa  ta’eera.Tamboo xuuxuudhaan rakkoon hargansuu,qufaasisuun yeroo hunda waan muldhatu ture.Jalqama bara qaroominaa keessa beektotni amantaa Musliima  Lixa Afrikaa miidhaa tamboo xuuxuun qaqqabsiisu beekanit turan.Kanaaf ragaan immoo barreeffamni isaa biyya Timbuktuutti argama.Bara 1700 keessa tamboo ujummoo fayyadamuun xuuxuun dhibee kaansarii afaanii akka fidu bira gahame.Dhuma bara 1800 fi jalqaba bara 1920 keessa walitti dhufeenyi tamboo fi kaansarii gosa hedduu irra deddeebin muldhachuu jalqabe.Gabaasni jalqabaa walitti dhufeenyi tamboo fayyadamuu fi dhibee sombaa dhuma bara 1800 irratti taasifame.Bara 1880’moota keessa warshaan tamboo oomishu biyya Ameerikaa Kibbaa keessatti oomishamun tamboon baay’inaa fi gatii salphaan akka oomishamuuf sababa waan ta’eef tamboo xuuxuun waan baratame ta’uu danda’era.kun immoo warraaqsa tamboo xuuxuu dhoorkaniif ka’umsa ta’e.Booda irra immoo tamboo fayyadamuu fi gurguruun dhiibbaa jala seenee.Bara 1912tti Doktorri Biyya Ameerikaa Ayizak Adlar jedhamu nama yeroo jalqabaatif tamboo xuuxuun dhibee kaansarii sombaa kan  qabsiisuu ta’uu  qorannaadhan mirkaneesse yaada kennuu danda’eera..Waraana Addunyaa 1ffaa dura dhibeen kaansarii kan badaa beekamu hin turreeyyu haa ta’u malee waraana booda garuu tamboo xuuxuun waan baratameef ka’umsa dhibee kaansarii ta’uun isaa beekame.

Rakkoo Yeroo Dheeraa Tamboo Xuuxuun Fidu

  • Dhibee onnee:-Tamboo xuuxuun mallattoon miidhaa inni onnee fi ujummoo dhiigaa irratti qaqqabsiisuu baay’ee si’ataadha.Daqiiqaa tokko keessatti rukuttaan onnee dabaluu jalqaba.Karbon mono oksaayidin haara tamboo keessaa bahu dandeettii dhiigni oksijinii baachuu danda’u irratti dhiibbaa qaba.Keemikaalotni haara tamboo keessaa bahu ujummoo dhiigaa dhippisuun dhibee onneef nama saaxila.
  • Rakkoo kalee fida:-Tamboo xuuxuun dhibee kaansaari kalee hordofsisa.kaleen akka miidhamuuf gahee guddaa qaba.
  • Dhibee infiluweenzaaf saaxila:-Dhibeen kun yeroo jalqabaatifbiyya Israa’elitti raayyaa ittisa biyyaa keessatti qorannoo taasifameen kan beekame yommuu ta’u namoota 168 tamboo xuuxan keessaa %68.5 dhibee kanaan qabamuu danda’aniru.
  • Dhibee Afaan keessaa:-Namni tamboo xuuxu kaansarii afaaniif waan saaxilamuuf afaan nama tamboo xuuxuu foolii ajaa’aa qaba.Kanaaf sababa kan ta’u miidhaa ilkaan,arrabaa fi hidhii irra qaqqabuuni.
  • Dhibee Sombaa:-Namoonni tamboo xuuxan carraan dhibee sombaatin qabamuu isaa baldhaadhaa.Namoota tamboo hin xuuxne faana yommuu walbira qabamee ilaalamu namni guyyaatti tamboo 20 xuuxu carraan dhibee sombaatin qabamuu isaanii dacha 2 hanga 4 ta’a.
  • Rakkoo wal-hormaataa:-Tamboo xuuxuun ovarii irratti miidhaa qaqqabsiisa.Miidhaan isaa baay’ina tamboo xuuxamuu fi dheerina yeroo xuuxamuu irratti hundaa’a.Nikootinii fi keemikaalli biro tamboo keessatti argamu walhormaatni akka hin uumamneef karra banu.Kana qofa osoo hin taane qaama walhormaata dhiiraa irrattis dhiibbaan inni qabu daran ol’aanaadha.Dabalataan immoo dubartoonni ulfi tamboo kan xuuxan yoo ta’e daa’imni dhalatu rakkoo fi hirdhina(hir’ina) qaamaa adda addaatif kan saaxilamu ta’a.

Miidhaa yeroo Gabaabaa

  • Hargansuu Badaa(Bad Breath)
  • Humna dadhabsiisuu
  • Dandeetti dhandhamuu fi fuunfachuu hirdhisu(hir’isuu)
  • Qufaasisuu
  • Yeroo dheeraaf hargansuu dadhabuu

Labsiin 1112/2011 hiikoo jecha tamboo jedhuu kennuu baatus keewwata 30 irratti garuu oomisha tamboo jechuun gariinis ta’u guutummaan guutuutti baala tamboo irraa qophaa’ee xuuxuudhaan,ol-Harkisuun,Alanfachuun,Fuunfaachuun ykn karaa biraan wanta fudhatamu jechuudhaa hiikoo itti kennera.

Dhorkaawwan

Labsii kanaa fi Dambii keessatti dhorkaawwan gama adda addaatin taa’ee jira kanaaf dhorkaawwan kana tarreedhuma seericha keessa taa’aniin akka armaan gadiitti ilaalla.

Eeyyama Malee Hojii Tamboo Hojjachuu

  • Namni kamiyyuu qaama raawwachiiftuu irraa eeyyama addaa osoo hin argatin oomisha tamboo oomishuu,gara biyya keessaa galchuu ykn jumlaadhaan raabsuun dhorkaadha.
  • Meeshaa Elektirooniksii Nikootiiniin itti kennamuu ykn bu’aa teknolojii Tamboo(sijaaraa) faana walfakkaatu gara biyya keessaa kaayyoo daldalaatiif galchuu, oomishuu, gurguruuf dhiyeessuu ykn gurguruun
  • Namnii biqiltuu tamboo biqilchus ykn oomishu kamiyyuu tamboo biqilchuu ykn omishuun midhaa hojjatootaa fi naannoo irraan gahu ittisuuf to’achuuf dirqama qaba.
  • Oomisha Tamboo Qabiyyeen isaa qaama rawwachiiftuun dhorkame gara biyyaa galchuun,jumlaadhaan raabsuu,gurguruu ykn gurgurtaaf dhiyeessuun dhorkaadha.
  • Oomishaa ykn fichiisiisaan oomisha tamboo,qabiyyee oomisha tamboo fi dhimmoota kanaan walqabatan ilaalchisee odeeffannoo qabaachu kan qabuu ta’e qaama rawwachiiftuun yommuu gaafatamu kennuuf dirqama qaba.Oomishaan ykn fichiisiisaan yommuu dirqama tumaa kanaa raawwatu odeffannoon qaama raawwachiiftuf kennu iccitii daldalaa seeraan eegumsi taasifameef yoo ta’e kunis barreeffamaan yoo ibsameef qaamni raawwachiftuun icciti daldalaa kana eeguuf dirqama qaba.
  • Namnii kamiyyuu barreeffamaan ykn waraqaa oomishichii ittiin maramu dhandhama dabalata akka qabuu ibsuuf ibsuu baatus dhandhama addaa kan qabu ta’uu
  • Wantoota omishichaa faana tuttuqqi qabaniin fakkii tamboo ykn mi’aa dhandhama jijjiruu kan qabate
  • Qabiyyeen oomisha tamboo fayyaaf kan fayyaduu ykn miidhaa fayyaa irraatti fidan kan hirdhisaan(hir’isan) kan akkaa Vayitaminii fuduraafi kuduraa, amiino asidii, kaaffeen,toorin ykn si’essituu  kana fakkaatan, faatii asiidii fayyadan ykn humnaa fi cimina kennuun kan walqabatan  si’eessitoota akkanaa kan qabatee ta’u
  • Haalluu haara tamboo jijjiiru kan qabu ykn oomisha tamboo ulaagaa qaama raawwachiiftuun bahuu biro kan hin gunnee oomishuu, gara biyyaa seensisuu, jumlaan gurguruu, raabsuu ykn qinxaaboon rabsuun dhorkaadha.

 

 

tamboo-wana5

Dhorkaa Bakka Itti Xuuxamuu

  • Bakka kamiyyuu namoonni baay’ataan,bakka hojii bakka geejjiba ummataa,bakkaa mana jirenyaa waliinii,bakka tajaajila waliinii kamitiyyuu tamboo xuuxuuu fi fayyadamun dhorkaadhaa.
  • Bakkeewwan armaan olitti caqasaman irratti hanga meetira 10 ummataaf banaa ta’aniifi karaa balbala, foddaa ykn bakka qillensa galchuu danda’uu birootti tamboo xuuxuun dhorkaadha.
  • Bakkaa Armaan olitti caqafaman akkuma jirutti ta’anii dhaabbata fayyaa, dhaabbata mootummaa,adda durummadhaan daa’immaniifi tajajila nama umuriin isaa waggaa 21 gadiif oluu M/Barumsaa, dhabbata barnootaa ol’aanaa,bakka oolmaa dargaggoo,paarkii bashannanaafi bakkeewwan biroo Qaamaa raawwachiiftuun ykn to’attoota fayyaa namootaatiin ibsamuu keessatti tamboo xuxuun ykn fayyadamuun dhorkadhaa.

Yeroo Baay’ee Tamboo Bakkaa Namonnii Baay’een argamanitti Xuuxun Dhorkaa akkaa ta’eef yakka ta’uun isaa namoota Baay’een kan dubbatamuudha.Haa ta’uu malee tamboo bakka namoonnii baay’een argamanitti xuuxuudhaan garuu namni himatamees adabamees jiraachuu isaa garuu ragaan hin jiru.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa sanada waliigaltee sirna tomboo ittiin to’atan baase keewwata 4 irratti fi seensa labsii 1112/2011 irraa akka hubachuun danda’amutti tamboo bakka namoonni baay’een argaamanitti xuuxuun kan dhorkameef sababoota lamaani.

tamsaasa camsaa 24/2013 hubannoo seeraa wa'e qaama bilisa baasu habeus corpus kuta tokkoffaa FM MHAAG Jimmaa Attorney

Habeas Corpus (Qaama Bilisa Baasuu) Seensa Uumama waan hundaa ta’eet jalqaba irraa ka’ee hanga sadarkaa dhummaa qaqqabbutti sadarkaawwan adda addaa keessa darbuun isaa dirqama ta’a.Sadarkaawwan adda addaa keessa yommuu darbu immoo waantoota baay’ee fooyyeessaa itti dabalaa irraa hir’isaa bakka galma isaa gaha jechuudha. Akkuma dhimmoota biroo adeemsi armaan oliitti taa’e seeraafis kan tajaajilu ta’a.Sababa kanaatin seerotni adda addaa yeroo adda addaa dhimmoota garaagaraa irratti yommuu fooyya’anii bahan arguun qofti raga gahaadha.Waa’een seeraa yommuu ka’u yeroo hunda kan wajjin ka’u waa’ee mirgaati.Kana jechuun hanguma guddini seeraa dabalaa deemu kabajamuun mirga namaas wajjin guddachaa deema. Akka idila addunyaatti guddina seeraatif ta’ee mirga namoomaatif sanadootni gumaacha guddaa gumaachan baay’ee ta’anus akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1215 biyya Ingiliiziitti kan bahe Maagnaa Kaartaa,Bara 1789 Sanada Mirgootaa Ameerikaa,Diklaareshinii Mirga namoomaa Faransaay bara 1789 akkasumas Konveenshiniin Jeneevaa bara 1864 bahan warra adda durummaadhaan caqasamaniidha.Sanadootni kun egaa guddina seeraatiifis ta’ee mirga namoomaatif dhagaa bu’uraati jechuun ni danda’ama. Mirgi namoomaa mirga heeraan eegumsi taasifameefidha.Mirgi kun immoo daangaa seeraa taa’een alatti sarbamuus ta’ee mulqamuu hin danda’u.Haa ta’u malee darbee darbee mirgootni kun yeroo seeraan ala sarbaman ni mul’ata.Kunis seeraan ala qabamuun,Seeraan ala hidhamuun akkasumas seeraan ala bakkaa bakkatti socho’uu dhoorkamuudhan.Yeroo kanatti egaa furmaata seerri kaa’e keessaa tokko qaama bilisa baasuu(Habeas Corpus) dha.Kanaaf barreeffama kana keessatti yaadrimee isaa,seenaa dhufaati fi muuxannoowwan biyyoota biro kan ilaalaman ta’a. — Send in a voice message: https://anchor.fm/mhaagj/message
  1. tamsaasa camsaa 24/2013 hubannoo seeraa wa'e qaama bilisa baasu habeus corpus kuta tokkoffaa
  2. tamsaasa fm MHAAGJ caamsaa 23/2013 wa'ee tamboo ilaalchisee seerrii maal jedha
  3. Tamsaasa fm mhaagj caamsaa 2013 hubannoo seeraa seera godaansaa irrattii
  4. Tamsaasa fm mhaagj caamsaa 17/2013
  5. Tamsaasa birootessaa 29 2013 fm mhaagj toraa inteerneetii

1.Amala Namaa Yookiin naamusa namaa sirreessuf

Ogeessonni fayyaa gama kanaan qorannoo taasisan akka ibsanitti uumama isaanii ta’ee daa’imman waan ija isaanitiin argan gochuuf yookiin raawwachuuf ariifatu.Daa’imman akka yaadama isaanitti waanti namni jabaan(namni guddaan) raawwatu  hunduu sirriidha jedhanii fudhatu.kanaaf tamboo bakka namni baay’atutti xuuxuun bakka sanatti daa’immanis argamu danda’u waan ta’eef waanti kun sirrii fi waan isaan fayyadu fakkaatee itti muldhata.Yeroo sana gocha tamboo xuuxuu kana ofii isaanitiif raawwachuuf fedhiin isaan keessatti dhalachuu danda’a.Kanaaf ogeessonni kun akka agarsiiftutti kan kaasan immoo daa’immaan maaliif xuuxuu akka jalqaban yommuu gaafataman yaaliidhaaf,waan nama qaroomsuu nutti fakkaate,namni jabaan yommuu xuuxuu argeen kan jedhaniifi sababoota biroo caqasuu isaanii akka ragaatti kaasu.As irratti daa’imman tokko tokko rakkina yeroof isaan mudatuu furuuf  jedhanii tamboo xuuxuu jalqaban jiraachuun isaanii dagatamuu hin qabu.Fakkeenyaaf daa’imman sababa adda addaati maatii isaanii irraa adda bahanii jireenya karaa irraa gaggeessan qorra halkan halkaniitif jecha  tamboo xuuxuu jalqabanii booda keessaa bahuu dadhaban kaasuun ni danda’ama.Kanaan walqabatee namoonni tamboo xuuxan jechoota akka daa’immani fi namni biro gocha isaan raawwatan kana deeggaruuf haasa’u.Kunis tamboo xuuxuun sammuu nama si’eessa,nyaatni akka dafee bullaa’u taasisa(digestion) jechuun haasaan sobaa yookiin dogoggorsiisaan isaan dubbatan nama baay’ee balaaf saaxilee jira.

Kana ta’uu isaatin bakka namoonni baay’atanitti tamboo xuuxuun kan dhorkameef daa’imman amala(naamusa) hin barbaachifne qabatanii akka hin guddanneefi.

2.Miidhaa namoonni tamboo xuuxan namoota biro irratti qaqqabsiisan hirdhisuuf

Tamboon akkuma beekamu waan qilleensa faana haala salphaan makamuu danda’u waan ta’eef qilleensi immoo yeroo gababa keessatti bakka baay’ee fi nama baay’ee bira qaqqaba waan ta’eef tamboo qilleensatti makame baatee bakkaa bakkatti socho’a jechuudha.Kanaaf namoonni tamboo xuuxan hanguma rakkoo fayyaa of irraan gahan rakkoo fayyaa nama hin xuuxne irraan gahu.Namootni hin xuuxne gaasota summaa’oof ,keemikaalota xixiqqoo haara tamboo keessatti argamaniin hanguma namoota xuuxanii miidhaan irraa gaha waan ta’eef seerichi kan baheefis namoota hin xuuxne eeguf jecha kan dhorke.Akkuma waliigalaatti kaayyoon seera kanaa dhaloota amma jirus ta’ee dhaloota gara fulduraa ilaalchisee rakkoowwan gama diinagdeetin,hawaasummaatin akkasumas faalama qilleensaa irraa eegufi.

Dhorkaa Bakka Gurgurtaa

  • Nama umuriin isaa waggaa 21 gadi ta’etti kallaatinis ta’eeal’kallatiin tamboo gurguruun hindanda’amu nama umuriin isaa kanaa gadi ta’es gurgursiisuun hindanda’amuu.
  • Bakkeewwan labsii kana keessaatti tamboo xuuxuun dhorkaman hanga meetiraa 100 keessatti tamboo gurguruun dhorkaadha.
  • Bitaafi gurguraan bakka/haala wal-arguu /walittidhufuu hin dandeenyeen oomisha tamboo gurguruun akka gurguramu haala mijeessuun dhorkamaadha.
  • Baay’inni tamboo tokko 20 ta’e kan hin banamne ykn baay’ina ykn ulfaatina qaama raawwachiftuun baasuun ta’a.

Dirqama Ibsa fi Haala Samasama Oomishaatin Walqabatu

  • Oomishni tamboo kamiyyuu ulaagaa biroo qaamni raawwachiiftuun baasuu fi yeroodhan kan jijjiramu akeekkachiisa faana barreffamaa fi fakkii qalama qabuun waraqaa tamboo ittin samsaman irratti qabaachuu qaba.
  • Akeekkachiifni fayyaa fulduraaf duubaan hanga %70 (dhibbeentaa torbaatamaa ) gadii kan hin taanee haguuguu qaba.
  • Waraqaa Tamboon ittiin samsamamu karaa alaatiin barreeffamnii itti barraa’u amala, rakkoo fayyaa irraan gahuu haala dogoggorsaa ta’een ibsuu, midhaan gostii tamboo tokko gosa tambii biraa irraa  qaqqabsiisuu xiqqaa ta’uun ibsuun beeksiisuun dhokaadha.
  • Oomisha tamboo kam irrattu kallatiidhaanis haa ta’uu al-kallatidhaan midhaa gadii anaa kan qaqqabsiisuu ta’uu ibsuun dhorkaadha.

DhorkaaBeeksiisaan wal qabatu

  • Gosa oomisha tamboo kamiyyuu kallaatinis ta’e alkallatiin beeksiisuun dhorkadha.
  • Gosa oomisha tamboo kamiyyuu beeksiisuun, Piroomot gochuuf ispoonsara ta’uun dhorkadha.
midiyaa mhaagj

Tarkaanfiiwwan

Qaamni dhoorkaawwanii fi dirqamoota labsii kana fi dambii keessatti hammataman darbee(cabsee) argame tarkaanfi adabbiin itti Fudhatamu labsiidhuma kana keessatti hammatamee jira.Kunis tarkaanfii bulchiinsaa fi adabbii yakkaa ti

Tarkaanfii Bulchiinsaa

Tarkaanfiin buulchiinsaa akkuma balleessaa,miidhaa fi baay’ina badichaatti kan hundaa’u ta’ee tarkaanfichi garuu akeekkachiisa barreeffamaatii kaasee hanga eeyyamni daldalaa haqamuutti kan qaqqabu ta’a.Yoo balleessaa irra deddeebin raawwate hojii kana keessatti akka lammaffaa hin hirmaanne dhorkamuu danda’a.

Oomishichaan walqabatee yeroo muraasaaf akka gara biyyaa hin seenne dhorkiin irratti bahuu danda’a.Dabalataan immoo oomishichi gara biyya keessaa seenee jira taanaan baasii abbaa qabeenyichaatin akka biyya dhufetti deebi’u taasifama .Biyya keessa seenee kan raabsame yoo ta’e immoo akka deebi’ee sassaabamuu,akka manca’uuyookiin immoo akka karaa seera qabeessaan dhaalamuu taasifama.Oomisha rakkoo qulqqulinaa qabu yoo ta’e hanga samuudni fudhatamee laburaatooriidhaan sakatta’amee qulqqullumaan isaa mirkanaa’utti akka hin raabsamne dhorkamuu danda’a.

Adabbii yakkaa

  • Qulqulinaan walqabatee dhorkaawwan jiran darbuun adabbii hidhaa salphaa waggaa 3 hin caallee fi adabbii maallaqaa qarshii 200,000(kuma dhibba lama) hin caallen hordofsiisa.Hir’ini(hirdhinni) uumame fayyaaafi lubbuu namaa irratti miidhaa ol’aanaa kan qaqqabsiisu yoo ta’e adabbii hidhaa waggaa 7 hin caalle fi adabbii maallaqaa 500,000(kuma dhibba shan) hin caalle ta’a.
  • Qaama to’atuuf deeggarsa gochuu dhiisuun adabbii hidhaa salphaa waggaa 1-waggaa 5 hordofsiisa..
  • Dhorkaawwan beeksisaan walqabatu namni cabse adabbii salphaa baatii 3 gadi hintaanee fi adabbii maallaqaa 30,000(kuma soddomaa)-100,000(kuma dhibba tokkoo) gahuun adabamuu danda’a.
  • Qaamni ispoonsara godhe beeksisicha qopheesse ,kan maxxanse,kan dabarse yookiin karaa biro kamiiniyyuu namni hirmaate hidhaa waggaa 3 hin caalle fi adabbii maallaqaa 50,000(kuma shantamaa) gadi hin taanen adabama.
  • Dhorkaawwan bakka tamboon itti xuuxuumu  fi itti gurguramu darbanii argamuun ilaalchisee bakka gurgurtaa dhorkametti gurguruun hidhaa salphaa baatii(ji’a) hin caalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii 5000(kuma shan) hin caalleen adabama.Bakka dhorkametti xuuxuun immoo adabbii maallaqaa qarshii 1000(kuma tokko) hin caalleen adabama.
  • Bakkeewwan tamboo xuuxuu gurguruun itti dhorkametti gachaawwan kun dhorkamuu barreeffamaa fi fakkiiwwaniin akka hin raawwatamne tarkaanfii barbaachisaa namni hin fudhanne adabbii hidhaa salphaa baatii(ji’a) sadii hin caalleen yookiin adabbii maallaqaa 1000(kuma tokkoo)-10,000(kuma kudha)gahuun adabamuu danda’a.
  • Qabiyyee tambootiin walqabatee dhorkaa jiru namni darbe adabbii hidhaa baatii(ji’a)3 –waggaa 3 fi adabbii maallaqaa 1000(kuma tokkoo)-200,000(kuma dhibba lama) adabama.
  • Namni nama umuriin isaa waggaa 21 hin guunnef tamboo gurgure,akka fayyadamu taasise akkasumas kenne adabbii baatii(ji’a) 3 gadi hin taaneen yookiin adabbii maallaqaa hanga qarshii 3000 (kuma sadii) gahuun adabama.
  • Qabiyyee tamboo ilaalchisee odeeffannoo qabachuu fi guutuudhaan walqabatee dirqamoota jiran cabsuun adabbii hidhaa salphaa waggaa 1-waggaa 3 fi adabbii maallaqaa qarshii 50,000(kuma shantama) gadi hin taanen adabama.
  • Dirqamoota labsii kana keessatti hammataman kan cabse(darbe) qaama namummaan seeraan kennameef yoo ta’eadabbiin dabalataa dhaabbatichi dhorkamuu,akka cufamu yookiin akka diigamu murtaa’uu danda’a.

Guyyaa Ayyaana Kabaja Tamboo

31 may,world no tobacco day

  • Dhabbataa Fayyaa Addunyaa bara 1987 jalatti biyyootni miseensa Yaaa’in Fayyaa Addunyaa(World Health Assembly) resolushinii WHA40.38ta’e irratti Bitootessa  29bara 1988 guyyaa tamboo xuuxuu irraa bilisaa akka idila addunyaatti (a world no smooking day)akka kabajamuuf waamicha taasiset ture.Kaayyoon isaa immoo akka guutuu addunyaatti namootni tamboo xuuxan  sa’aatii 24’f oomisha tamboo irraa akka of qoqqoban taasisuudha.
  • Bara 1988 Resolution WHA42.19 ta’e irratti Yaaa’in Fayyaa Addunyaa(world health assembly)guyyaa ayyaana tamboo waggaa waggaadhaan waxabajjii akka kabajamuu dabarse.
  • Akka biyya keenyaatti guyyoota akka biyyaattis akka addunyaatti kabajnu baay’ee akka qabnu nan beeka haa ta’u malee rakkoo odeeffannoo haa ta’uu hin beeku guyyaan tamboo xuuxuu irraa bilisaa yommuu kabajamu hin argines hin dhageenyes.Seerotni keenya eessa dhaqaniin gaaffii kooti.

a world no smooking day every year on 31 may

Mulugeetaa Magarsaa

Horaa Bulaa

 

Murtii Dhadacha Ijibbaata MMWO jildi 8ffaa pdf

Manneen Murtii Oromiyaa tajaajila abbaa seerummaa bu’a qabeessa ta’e
kennuun amantaa uummataa akka horatan taasisuun hojii murteessaa
galma yeroo dheeraatti qabamee irratti hojjatamaa jiru ta’uun ni beekama.
Galma kana milkeessuu keessattis qulqullina tajaajila abbaa seerummaa
mirkaneessaa deemuun hojii guddaa xiyyeeffannoo ol’aanaa argatee dha.
Qulqullina tajaajila abbaa seerummaa mirkaneessuufis hojiiwwan
gurguddoo hojjatamaa jiran keessaa tokko tilmaamamummaa
murtiiwwanii fi wal fakkeenyummaa hiikkoo seeraa dabaluu akka ta’e
beekamaa dha. Murtiiwwan barsiisoo ta’an maxxansuu fi raabsuun
immoo milkaa’ina hojii kanaa keessatti iddoo ol’aanaa kan qabu ta’uun
wal nama hin gaafachiisu.

Rate this:

Murtii Barsiisaa Dhadacha Yakkaa MMOGJtin kennamee

Himata 1ffaa keessatti  himanni dhiyaate “Seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 539(1)(a) irra darbuudhaan Godina Jimmaa Aanaa Maannaa ganda Meexxii iddoo addaa kaampii jedhamee waamamutti gaafa guyyaa 08/01/2013 tilmaamaan halkan keessaa sa’atii 2:00 yemmuu ta’u, miidhamtuu duutuu Hajaraa Abbaa Saambii jedhamtu sababa ‘daa’imni garaa kootti baadhu kan safaa Kaliifaati jettee maqaa naxureessiteef ‘ jedhuun haaloo qabatee miidhamtuu ulfa garaatti baattee jirtu kan daa’ima ishee Zaakir Baahir waliin gara mana jireenya ishee galaa jiru daandii irratti eeggatee koottu qarshii siif kenna jedhee gara bosonaa fuudhee deemee gajaraan morma ishee qalee waan ajjeeseef yakka ajjeechaa sukkanneessaa raawwateen himatameera” kan jedhu yemmuu ta’u, himata 2ffaa keessatti immoo himanni dhiyaate Seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 27(1) fi 539(1)(a) irra darbuudhaan guyyaa fi iddoo himata 1ffaa irratti caqsametti himatamaan ta’e jedhee nama ajjeesuuf itti yaadee miidhamaa dhuunfaa maqaan isaa Zaakir Baahir jedhamu haadha isaa miidhamtuu dhuunfaa himata 1ffaa irratti caqasamte duutuu Hajaree Abbaa Saambii waliin gara mana ofii galaa jiranii gajaraadhaan eda haadha miidhamaa ajjeeseen booda miidhamaa kanas ajjeesuudhaaf gajraadhaan irree gurmuu isaa gara mirgaa, maddii isaa gara mirgaa,morma isaa gara duubaa,harka isaa mirgaa,ciqilee gara bitaa haala sukkanneessaa ta’een irra deddeebiidhaan rukutuun erga ciccireen booda miidhamaa ajjeesee jira yaada jedhuun bakkuma kufetti dhiiseenii deemus boromtuu isaa gaafa 09/01/2013 ganama keessaa tilmaamaan sa’atii 1:30 yemmuu ta’u, namni Miftaahuu jedhamu tuubboo lolaa keessatti isa argeenii baasee du’a irraa baraarus gocha yakka yaalii ajjeechaa sukkanneessaa ta’een himatamee jira” kan jedhuu dha…..

Rate this:

Carraa interneetiin fiidee fayyadamuun hubannoo seeraa keennuun irrattii akka MHAAGJ maal hojjechaa jirraa

===== 1.1.        Seensa Jaarraa 21ffaa amma keessa jirruu kuni jaarraa addunyaan ittii tokkomtee (the century of globalization) ta’un isaa waan hubatamuu dha. Kanaaf immoi sababoota adda addaa jiraataniis Sababni hangafaa fi isa dura toora interneetii fayyadamuun platformoonnii hawaasaa adunyaa walittii hidhan heedduun umaamuu isaaniitiifi. Kunis marsariitii website adda addaa dabalatee marsariitiiwwan haawaasa heedduun interneetii irrattiiContinue reading “Carraa interneetiin fiidee fayyadamuun hubannoo seeraa keennuun irrattii akka MHAAGJ maal hojjechaa jirraa”

Rate this:

Published by Mana Hoji AA Godina Jimma. የጅማ ዞን አቃቤህግ መስሪያቤት

This is the official website of Jimmaa zone attorney office, ⚖️wee strive to insure justice for our community⚖️

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: