Murtii Barsiisaa Dhadacha Yakkaa MMOGJtin kennamee

Abbaa Seeraa

                        Abdurahmaan Mohammad

                        Magarsaa Taaddasaa

                        Warraaqaa Teessisaa

Himataan: Abbaa alangaa, Gabayyoo Boggaalee, dhiyaateera

Himatamaan: Safaa Kaliifaa, abukaatoo ittisaa Kaafuuraa Mohammad waliin dhiyaateera

Galmee qorannee murtii kennineerra.

Murtii

Galmeen kuni banamee dhiyaachuu kan danda’e abbaan alangaa himata yakkaa gaafa 07/07/2013 barreesseen himatamaan yakka daddabalamaa lama raawwachuu isaa ibsuun waan himateefidha.

Himata 1ffaa keessatti  himanni dhiyaate “Seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 539(1)(a) irra darbuudhaan Godina Jimmaa Aanaa Maannaa ganda Meexxii iddoo addaa kaampii jedhamee waamamutti gaafa guyyaa 08/01/2013 tilmaamaan halkan keessaa sa’atii 2:00 yemmuu ta’u, miidhamtuu duutuu Hajaraa Abbaa Saambii jedhamtu sababa ‘daa’imni garaa kootti baadhu kan safaa Kaliifaati jettee maqaa naxureessiteef ‘ jedhuun haaloo qabatee miidhamtuu ulfa garaatti baattee jirtu kan daa’ima ishee Zaakir Baahir waliin gara mana jireenya ishee galaa jiru daandii irratti eeggatee koottu qarshii siif kenna jedhee gara bosonaa fuudhee deemee gajaraan morma ishee qalee waan ajjeeseef yakka ajjeechaa sukkanneessaa raawwateen himatameera” kan jedhu yemmuu ta’u, himata 2ffaa keessatti immoo himanni dhiyaate Seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 27(1) fi 539(1)(a) irra darbuudhaan guyyaa fi iddoo himata 1ffaa irratti caqsametti himatamaan ta’e jedhee nama ajjeesuuf itti yaadee miidhamaa dhuunfaa maqaan isaa Zaakir Baahir jedhamu haadha isaa miidhamtuu dhuunfaa himata 1ffaa irratti caqasamte duutuu Hajaree Abbaa Saambii waliin gara mana ofii galaa jiranii gajaraadhaan eda haadha miidhamaa ajjeeseen booda miidhamaa kanas ajjeesuudhaaf gajraadhaan irree gurmuu isaa gara mirgaa, maddii isaa gara mirgaa,morma isaa gara duubaa,harka isaa mirgaa,ciqilee gara bitaa haala sukkanneessaa ta’een irra deddeebiidhaan rukutuun erga ciccireen booda miidhamaa ajjeesee jira yaada jedhuun bakkuma kufetti dhiiseenii deemus boromtuu isaa gaafa 09/01/2013 ganama keessaa tilmaamaan sa’atii 1:30 yemmuu ta’u, namni Miftaahuu jedhamu tuubboo lolaa keessatti isa argeenii baasee du’a irraa baraarus gocha yakka yaalii ajjeechaa sukkanneessaa ta’een himatamee jira” kan jedhuu dha.

Himatamaanis dhaddacha irratti dhiyaatee eenyummaan isaa eda qulqullaa’een booda abukaatoo dhuunfaa dhaabbachuuf harka qalleeyyii ta’uu isaa waan ibseef abukaatoo mootummaatiin akka deeggaramu ajajni kennamee bu’uuruma kanaan himanni abbaa alangaa dubbifameefii akka galuuf eda taasifameen booda mormii sadarkaa duraa qabaachuu fi dhiisuun sisaa gaafatamee abukaatoon himatamaa mormii sadarkaa duraa hin qabnu” waan jedhaniif bira darbinee jecha amantaa fi waakkii isaa kan kenne yemmuu ta’u, jecha amantaa fi waakkii isaatiin “himata 1ffaa fi 2ffaa jalatti gocha jedhame raawwadheera, haata’uutii, gochicha kanan raawwadhe, jechuun haala raawwii isaa yeroo ibsu bakka guyyaa fi sa’atii himata keessatti ibsametti galgala sa’atii 2:30 yeroo ta’utti anaa mana hiriyaa koo Akbar Fatuulaa jedhamu deemaa jiruu karaatti mucaa himata 2ffaa keessa jiru waliin miidhamtuu isheen duute maqaan ishee Hajaraa Abbaa Saambii jedhamtu kuni karaatti natti dhufanii miidhamtuun kuni hiixattee morma koo naqabdee jennaan laftis dukkana waan ta’eef ani eenyuun akka ta’e utuu hin beekin miidhamtuu kana gajara itti gadhiifnaan qolee ishee irra dhahe. Miidhamtuun battaluma kanatti lafatti yeroo kuftu miidhamaa inni himata lammaffaa keessatti caqasame kuni saqqii koo dudduubbaa na qabee jennaan isas eenyummaa isaa utuu hin beekin gajaraan harka isaa gara qolee irra rukuteera. Kanumaan anis fiigee gara mana hiriyaa kootii dhaqe. Sana booda achuma mana hiriyaa kootii bulee ganama yeroon lafaa ka’u namni rukutamee du’uu isaa dhagahee fiigee gara Waajjira Poolisii Aanaa Maannaatti harka koo kennee. Ani waajjira poolisiitti jecha koo yoon kenne illee poolisiin yeroo galmeessu, Mana Murtii Aanaattis jecha koo yoon kenne illee Qorataan poolisii bu’uuruma asitti kenniteen ni kennita waan jedheef sodaadheen jecha koo sobaan kenne.” jechuun mirga isaa eegee haaleera.

Abbaan alangaas gama isaaniitiin himatamaan himata isa irratti dhiyaate mirga isaa eegee kan haale yoo ta’e illee ragooleen isaanii dhiyaatanii jiran akka jecha isaanii kennan bu’uura gaafateen ragooleen abbaa alangaa namoonni afur dhaddacha irratti dhiyaatanii dhugaa dubbachuuf eda kakataniin booda jecha ragummaa isaanii akka kanaan gadiitti kennaniiru.

Galmi kenya our objectives፣ እንደ ጅማ ዞን አቃቤ ህግ ፅፈት ቤት ግባችን FM MHAAG Jimmaa Attorney

Akka garee komnikeeshini mana hojii abbaa alangaa godina jimmaatti fm tora internetii irrattii tamsaafamuu banuun kenya galmiifi kayyoon isaa maalii — Send in a voice message: https://anchor.fm/mhaagj/message
  1. Galmi kenya our objectives፣ እንደ ጅማ ዞን አቃቤ ህግ ፅፈት ቤት ግባችን
  2. tamsaasa camsaa 24/2013 hubannoo seeraa wa'e qaama bilisa baasu habeus corpus kuta tokkoffaa
  3. tamsaasa fm MHAAGJ caamsaa 23/2013 wa'ee tamboo ilaalchisee seerrii maal jedha
  4. Tamsaasa fm mhaagj caamsaa 2013 hubannoo seeraa seera godaansaa irrattii
  5. Tamsaasa fm mhaagj caamsaa 17/2013

Ragaa abbaa alangaa 1ffaa ta’ee kan dhiyaate mucaa umuriin isaa waggaa kudhan ta’ee fi himata 2ffaa keessatti miidhamaa ta’e maqaan isaa Zaakir Baahir jedhamu jecha ragummaa isaa yeroo kennu haadha isaa duutuu waliin Magaalaa Yabbuu irraa gara manaatti utuu galaa jiranuu galgala keessaa sa’atii 2:00 yeroo ta’u, himatamaan kuni sila baatirii dhaamsee jiru ibsee dudduubba isaaniitiin itti dhufee baatirii isaa itti ibsuun koottaa birriin isiniif kenna jedhee yeroo isaan dhaqanu maaliif waree koo biyya irra kaafta jedheenii haadha isaa ala tokko gajaraan morma ishee irra kan rukute ta’uu isaa, kanumaan haati isaa lafatti kan kufte ta’uu, kanumaan miidhamaanis yeroo fiiguuf jedhu gajaraan harka isaa, garaa, irree qubaa fi gurra irra ka isa rukute ta’uu isaa fi hamma jaallate eda isa rukuteen booda dhiisee kan deeme ta’uu isaa, miidhamaanis yeroo sanatti yoo kurrifate illee namni isaaf birmachuu kan hin dandeenye ta’uu isaa, deemee tuubboo lolaan keessa yaa’u keessa galee achuma bulee boromtuu Miftaahuun isa argee nama waamee Hospitaala Yebbuu kan geeffame ta’uu isaa, gocha kanas kan raawwate himatamaa ta’uu sirriitti kan beeku ta’uu isaa, haati isaa rukutamtee du’uu ishees innumti namootatti kan hime ta’uu isaa fi namni reenfa ishee kan kaase ta’uu dubbateera.

Ragaa abbaa alangaa 2ffaa ta’ee kan dhiyaate namni Miftaahuu Abbaa duraa jedhamus gama isaatiin jecha ragummaa isaa yeroo kennu gaafa guyyaa 09/01/2013 ganama sana gajjallee sanaa midhaan qabaachuu isaa fi midhaan kana ilaaluuf deemee sanumaan tuubboo taankiin hojjete bishaan dabarsuuf dhiisuu isaa ilaaluuf yeroo itti goree ilaalu miidhamaan tuubboo kana keessa duubaan ciisee kan jiru ta’uu isaa, innis nahee dhaabbatee utuu jiruu namni Mohammad Hasan jedhamu itti dhufee jennaan mee koottu jedhee waamee yeroo ilaalanu harki mucaa citee kan jiru ta’uu isaa, innis Mohammad Hasaniin deemii nama naa waami jedhee kanumaan Mohammad Hasan deemee nama Fatuuraa Abbaa Duraa jedhamu waamee kan dhufe ta’uu isaa, kanumaan yeroo jarri dhufaanii mucaa ykn daa’ima kana tuubboo keessaa baasuuf kottu bahi ittiin jedhanu, mucaan ykn miidhamaan kunis ani hin bahu Safaan Sodaadha’ jechuu isaa, jarris dhaqanii biddeena wayii fidanii eda nyaachisaniin booda ‘maaltu si rukutee jedhamee yeroo gaafatamu ‘Safaatu akkas na godhe’ ana qofaa miti haati kootis rukutamtee duutee bosoqa jala ciisaa jirti jedhee asumaan mucaan tuubboo jalaa fuudhamee baatamee kan bahe ta’uu isaa, achumaan poolisiin Aanaa Maannaa irraa dhufee jennaan haadha barbaacha deemanii reenfa haadhaas kan kaasan ta’uu ibsuun dubbateera.

Ragaa abbaa alangaa 3ffaa ta’ee kan dhiyaate Fatuulaa Abbaa Duraa kan jedhamu gama isaatiin jecha ragummaa isaa yeroo kennu gaafa guyyaa 09, ganama barii gara mana isaatti dhufee kan isa kaase Mohammad Hasan Salamoon kan jedhamu yemmuu ta’u, mucaan tokko boolla lolaa keessa kufee ciisaa jira koottu ni deemna jedhee isa fuudhee kan deeme ta’uu isaa, yeroo deemanii bakka tuubboo jedhamee yeroo gahanu miidhamaa 2ffaan Zakii Baahir kan jedhamu achi keessa ciisaa jiraachuu isaa, kanumaan ragaan kunis boollaa kana keessa galee mucaa kana kan baase ta’uu isaa, yeroo kanatti mucaan kuni harki isaa rukutamee lafeen cabee garagalee kan jiru ta’uu isaa, maaltu sirukute jedhanii yeroo gaafatanus Safaa Kaliifaatu na rukute jedhee kan dubbate ta’uu isaa, Safaan yeroo sanatti birmatee dhufee waan tureef yeroo gaafatanu kan hin rukunne ta’uu isaa fi battalaumatti poolisiitti deemee harka kan kenne ta’uu isaa, haati mucaa kanaa Hajaree jedhamtus rukutamtee duutee gara gadiitti kan argamte ta’uu ishee ibsuun dubbateera.

kana males himatamaan Mana Murtii Aanaa Maannaatti dhiyaatee dhaddacha gaafa 11/01/2013 ooleen bu’uura s/d/f/y/lakk.35 tiin jecha amantaa isaa mana murtiitti kan kenne yemmuu ta’u,Miidhamtuun maqaan ishee Hajaree jedhamtu na dirqisiise jettee hiryoota koo fi maatii kootti waan maqaa na xureessiteef hirioota koo bira qaamuuf utuun deemuu gajara of harkaa qabuun qolee ishee irra si’a tokko rukutee fiigeen deeme.mucaa ishee waliin tures harka isaa irra gajaruma kanaan rukuteera” jechuun fedhii isaatiin jecha isaa kennee, jechi isaa kunis galmee kanaan wal qabatee jira.

Ragaan mana yaalaa du’a miidhamtuu 1ffaa ibsuu fi lakk.HUJ2732/106/13 ta’een kan gaafa 27/01/2013 barreeffameen madaan gadi lixe naannoo saantimeetira 20×6 kan ta’e morma ishee gara bitaa,miidhaa ujummoo, irree,narvii fi lafee mormaa mul’atu waliin kan qabdu ta’uu ishee fi sababni du’aa miidhaa cimaa ujummoo dhiigaa irra gahee fi sababa rifuutiin harganuu dadhabuu akka ta’e ni ibsa.

Ragaan mana yaalaa miidhamaa 2ffaa ilaachisee dhiyaates umuriin miidhamaa waggaa kudha ta’uu, irree isaa gara mirgaa irra baqaqiinsi saantimeetira 6×3 ta’u, naannoo bobaa isaa irra baqaqiinsa sm 5×3 ta’u, barruu harkaa gara dudduubbaa iddoo 1/3 irra cabiinsa lafee kan mul’atuu fi baqaqiinsa sm 8×2 qabaachuu isaa,miila isaa gara bitaaa jilbaa gadi irra iddpp 1/3 irra baqaqiinsa sm 3×3 ta’ee fi dhiiga ho’aa dhangalaa’aa jiru qabaachuu isaa, lafee cabee kan mul’atuu iddoo isaa gallakkisee waliin qabaachuu isaa, gateettii lamaan gidduu irra baqaqiinsi sm 3×2 ta’e jiraachuu isaa,jilba isaa gara mirgaa irra baqaqiinsa sm 5×2 ta’e jiraachuu isaa, iddoo miidhaan qaqqabe hunda irra dhiigni dhangalahaa kan ture ta’uu isaa fi kunumti yaalamee kan fayye ta’uu isaa ni ibsa.

Jechi ragoota namaa fi kan barreeffamaa kan kanaan olitti jiru ta’ee manni murtii kunis himata dhiyaate jecha amantaa fi waakkii akkasumas jecha ragaalee namaa fi barreeffamaa waliin qoratee eda ilaaleen booda himatamaan haala sukkanneessaa fi gara jebeenyummaa qabuun miidhamtuu maqaan ishee Hajaree Abbaa Saambii jedhamtu kan ajjeese ta’uun isaa himata 1ffaa jalatti, miidhamaa maqaan isaa Zakii Baahir jedhamu immoo qaamaa isaa bakka adda addaa irra miidhaa cimaa qaqqabsiisuun yaalii ajjeechaa sukkanneessaa kan raawwate ta’uu, gochawwan kunneenis keewwatuma lamaan ittiin himatame jalatti kan kufu ta’uun waan hubatameef himata lamaanuu jalatti bu’uura s/d/f/y/lakk.142(1) tiin  akka of irraa ittisu jala murtii kenneera.

Himatamaanis akka ragaa ittisaatti namoota sadii dhiyeeffate keessaa namoota lama kan dhageessifate yemmuu ta’u, ragooleen kunneenis akka kanaan gadiitti jecha ragummaa isaanii kennaniiru.

Ragaa ittisaa 1ffaa ta’ee kan dhiyaate Ariif Fatuulaa kan jedhamu jecha ragummaa isaa yeroo kennu guyyaa gochi kuni raawwatera jedhamee Shakkame gaafa 08/01/2013 ta’uu isaa, guyyaa sana himatamaa waliin halkan keessaa sa’atii 4:00tti gara mana jaraatti dhufee jennaan kan wal argan ta’uu, eda ciisee booda halkan sa’atii 4:00tti dhufee balbala rukutee jennaan kan irraa bane ta’uu isaa fi guyyaa sanatti kan waliin bulan ta’uu isaanii,boromtuu isaa ganam subii namni Mohammad Hasan jedhamu abbaa isaa dhufee mucaan tokko rukutamee booyii keessa kan ciisaa jiru ta’uu isaa abbaa isaatti himee kaasuudhaan himatamaa waliin bakka sana kan deeman ta’uu, himatamaan dura isaanii kan deeme ta’uu, mucaan rukutame kunis himatamaa kan isa rukute ta’uu isaa eeruu kan kenne ta’uu, yeroo kanatti himatamaan fiigee achi irraa kan bade ta’uu dubbateera.

Ragaa ittisaa 2ffaa kan himatamaa ta’ee kan dhiyaate namni Toofiq Huseen jedhamus jecha ragummaa isaa kan kenne yemmuu ta’u, bifuma jecha ragaa ittisaa 1ffaatiin walfakkaatuun kan dubbate waan ta’eef irra deebi’anii barreessuun barbaachisaa ta’ee hin argamne. Yoo barbaachisaa ta’e galmee keessaa dubbisuun kan danda’amuu dha.

Kana booda manni murtii kunis himatamaan of irraa ittiseera moo hin ittisne?qabxii jedhu akka ijoo dubbiitti qabatee jecha ragaalee bitaa fi mirgaa himata abbaa alangaa fi tumaa seera rogummaa qabu waliin galmee qorateera. Akka qoratee ilaalettis himatamaan yakka gocha daddabalamaa himata 1ffaa fi himata 2ffaa jalatti ibsame(lamaanuu 1ffaan gocha ajjeechaa sukkanneessaa, 2ffaan yaalii ajjeechaa sukkanneessaa) raawwachuu isaa guutummaa guutuutti utuu hin haalin ta’e jedhee itti yaadee kan raawwate akka hin taanee fi miidhamtuu 1ffaan mucaa ishee daa’ima himata 2ffaa jalatti ibsame waliin duubaan dhuftee morma isaa kan isa qabde ta’uu isaa fi innis eeynummaa isaa utuu hin beekin gajara itti gadhiifnaan lafatti yoo kuftu dhiisee kan deeme ta’uu isaa fi miidhamaa daa’ima umuriin isaa waggaa kudhanis haaluma kanaan kan rukute ta’uu isaa ibsuun mirga isaa eegee haaluu isaa hubanneerra. Himatamaan akkasitti mirga isaa eegee kan kan haale yoo ta’e illee duraan dursee jecha isaa mana murtii jalaatti bu’uura s/d/f/y/lakk.35tiin yeroo kennu miidhamtoota irratti gajaraan miidhaa kan qaqqabsiise ta’uu isaa, miidhaa kanas kan qaqqabsiise immoo miidhamtuun humnaan qabee na gudeede jettee maqaa waan isa balleessiteef akka ta’ee fi daa’ima kanas harka isaa irra bitaa ta’u mirga haala hin yaadanneen rukutee kan deeme ta’uu ibsuun dubbateera. Kana males ragooleen abbaa alangaa miidhamaa 2ffaa(daa’ima umuriin isaa waggaa 10) tahe Zakii Baahir kan jedhamu haadha isaa miidhamtuu 1ffaa Hajaraa Abbaa Saambii waliin utuu deemaa jiranii duubaan dhufee farankaa isiniif kenna jechuun gara baddaatti geessuun haadha isaa gajaraan qolee ishee gara duubaa irra rukutuun kan kuffise ta’uu isaa, eda haadha isaa tukutee kuffiseen booda immoo qaama isaa bakka adda addaa torba gahuu danda’u(akka ragaa mana yaalaa irraa hubatamutti) miidhaa qaqqabsiisuu isaa, kanumaan daa’imee boo’ii lolaan keessa deemu jala bulee namoonni ganama arganii booyii jalaa kan isa fuudhan ta’uu, kana booda mana yaalaatti baatamee lubbuun isaa kan hafe ta’uu kan mirkaneesse yemmuu ta’u, ragooleen abbaa alangaa 2ffaa fi 3ffaanis haaluma walfakkaatuun mucaan(daa’iimni himata 2ffaa keessatti ibsame) kuni ganama booyii lolaan keessa deemu keessaa kan baafame ta’uu isaa, yeroo ilaalanis qaama isaa bakka adda addaa irra miidhaan cimaan kan isa irra gahe ta’uu isaa, haati isaa miidhamtuu 1ffaanis duutee kan jirtu ta’uu ishee fi gocha jedhame kanas isas ta’e haadha isaa duutuu irratti kan raawwate himatamaa ta’uu isaa kan jaratti dubbate ta’uu fi himatamaan kunis birmannaa dhufee yeroo gaafatamu fiigee gara Waajjira Poolisii deemee harka kennuu isaa mirkaneessaniiru.Ragaan mana yaalaas miidhamtuu irra miidhaan cimaan kan gahe ta’uu isaa fi haala du’a ishee kan ibsu yemmuu ta’u, miidhamaa Zakii Baahir jedhamu irras miidhaan cimaan qaama isaa bakka adda addaa lakkoofsnaan naannoo torbaa fi isaa ol ta’e gahuu isaa ni ibsa.

Jechi ragoota abbaa alangaa kan namaa fi kan barreeffamaa kunis yeroo ilaalamu himatamaan yaada guutuu ta’een “miidhamtuu 1ffaan maqaa kan isa balleessite ta’uu ibsuun haaloo kan qabate ta’uu isaa fi haaloo kana qabachuun miidhamtuu karaa irratti isatti dhufte gajaraan haala sukkanneessaa  ta’ee morma ishee gara duubaa rukutee kan ajjeese ta’uu fi miidhamaa dhuunfaa himata 2ffaa keessatti ibsamee jirus haala sukkanneessaa ta’een qaama isaa bakka adda addaa irra rukutuun miidhaa qaqqabsiisuu isaa fi lubbuun miidhamaaf yaalumsa godhameen kan hafe ta’uu isaa kan mirkaneesuu dha. Gama biraatiin himatamaan gocha kana kan hin raawwanne ta’uu isaa fi ragoota isaa waliin kan bule ta’uu  ibsee karaa abukaatoo ittisaatiin ijoo dubbii kan qabsiifatee ture yemmuu ta’u, ragooleen ittisaa dhiyaatan himatamaan guyyaa jedhame kanatti  halkan keessaa sa’atii 4:00 yemmuu ta’u,mana isaanii dhufee kan isaan waliin bule ta’uu isaa yoo ibsan mana isaanii utuu hin dhufin dura yakka raawwachuu fi dhiisuu isaa kan hin beekne ta’uu isaanii fi inumaayyuu ganama himatamaa waliin birmatanii gara bakkichaatti deemuu isaanii fi himatamaan gochicha kan isaan irratti raawwate ta’uu isaa yeroo miidhamaan dubbatu kan dhagahan ta’uu ibsaniiru. Jechi ragootaa kunneen immoo yeroo ilaalamu jecha ragaalee abbaa alangaa shakkii keessa kan galche ta’ee hin argamne.Kanaafuu, himatamaan kun himata 1ffaa Seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 539(1)(a) jalatti himata 2ffaa jalatti immoo gocha yakka yaalii ajjeechaa raawwateen Seera yakkaa keewwata 27(1)(a) fi 539(1)(a) jalatti balleessaa dha jennee bu’uura s/d/f/y/lakk.149(1) tiin murtii balleessummaa kennineerra.

Yaada Adabbii

Abbaan alangaa adabbii ilaalchisee yaada kenneen  himatamaan kuni gocha yakka daddabalamaa(lamaanuu Seera yakkaa keewwata 53((1)(a)/ jalatti balleessaa kan jedhame yemmuu ta’u, gochi isaa kuni illee sadarkaa fi gulantaan kan baheef yemmuu ta’u, gochi isaa kun illee sadarkaa 2ffaa gulantaa 39ffaa jalatti kan kufu waan ta’eef gulantaa 39ffaa jalatti murtiin du’aa akka itti kennamu” gaafateera.

Abukaatoon ittisaa himatamaadhaa gama isaaniitiin yaada kennaniin himatamaan keewwata yakka daddabalamaa raawwateen balleessaa kan jedhame yoo ta’e illee himatamaan kuni umuriin isaa reefuu waggaa kudha torba ta’uun isaa, yakki inni tokko sadarkaa yaalii irratti kan hafe ta’uun isaa, rikoordiin yakkaa kan isa irratti hin dhiyaanne ta’uun isaa fi harka isaa illee qaama haqaatti kan kenne ta’uun isaa hubannoo keessa galee adabbiin oliyyataa haalaan salphatee akka itti kennamu” jechuun gaafaniiru.

Adabbii

Himatamaan yakkoota daddabalamaa lamaan balleessaa kan jedhamu yemmuu ta’u, yakkoonni lamaanuu(inni tokko sadarkaa yaalii irratti kan hafe ta’us) mata mataatti umurii guutuu ykn du’aan kan adabsiisu ta’uun isaa keewwanni jalatti balleessaa dha jedhamee Seera yakkaa keewwata 539(1)(a) ni ibsa. Tumaan seeraa kunis Qajeelfama Adabbii keessatti sadarkaa fi gulantaan kan baheefii jiru yemmuu ta’u, gochi himatamaa kunis yeroo ilaalamu himatamaan kuni dursee itti yaadee miidhamtuun himata 1ffaa jalatti argamtu na ulfeesse jettee ykn na dirqisiise jettee maqaa na balleessite jedhee haaloo qabachuun miidhamtuu maqaan ishee Hajaraa Abbaa Saambii jedhamtu gajara qabatee jiruun morma ishee gara duuba irra si’a tokko rukutuun baqaqiinsa qaamaa saantimeetira 20 fi gadi fageenyi isaa sm 6 dheeratu irraan gahuun haala sukkanneessaa ta’een kan ajjeese  ta’uu isaatiin gochi isaa kunis sadarkaa 1ffaa gulnataa 38ffaa jalatti kan kufuudha. Ka’umsi adabbii gulantaa kana jalatti ka’amee jirus adabbii hidhaa umurii guutuu akka ta’e hubachuun kan danda’amuu dha.

Gama biraatiin himatamaan kuni yakkoota daddabalamaa lama kan raawwate yemmuu ta’u, yakkoonni kunis (yakka inni himata 2ffaa jalatti ibsamee jiru sadarkaa yaalii irratti kan hafe yoo ta’e illee) adabbii du’aa ykn hidhaa umurii guutuu  gosa tokkoon kan adabiisanii dha. Akka qajeeltootti immoo yakkoonni daddabalamaan raawwatamanii yeroo argamanitti bilisummaa yookin lubbuu dhabsiisuun yakkoota adabsiisan keessaa sababa isa tokkootiin du’aan ykn hidhaa umurii guutuun ykn adabbii hidhaa gosa walfakkaataa ta’e kan adabsiisan ta’anii sababa isa tokkoon seericha kutaa waliigalaa keessatti adabbiin murtaa’e inni ol’aanaan yoo murtaa’u, murtiin kuni adabbiilee yakkoota daddabalamaa hafani hundumaa aguugee kan qabatu ta’uun isaa Seera yakkaa keewwata 184(1)(a) jalatti tumamee argama. Haaluma kanaan yakkoonni kunneen adabbii hidhaa umurii guutuu ta’een kan adabsiisan waan ta’aniif adabbiin hidhaa umurii guutuu himata 1ffaa jalatti akka ka’umsaatti fudhatame adabbii yakka himata 2ffaa jalatti raawwatame kan aguugu ta’a jechuu dha.

https://www.facebook.com/mhaagodinajimmaa

Tumaan Seeraa himatamaan balleessaa dha ittiin jedhames/Seera yakkaa keewwata 539(1)(a)/ kunis jalqabumaa ulfaataa fi cimaa ta’uu isaatiin sababoota adabbii cimsan fudhannee dabalataan kan hin cimsine yemmuu ta’u, sababoota adabbii salphisan ilaalchisee garuu gama abukaatoo ittisaatiin himatamaa irratti rikoordiin yakkaa kan hin dhiyaanne ta’uun isaa,gochicha eda raawwateen booda illee qaama haqaatti harka isaa kan kenne ta’uun isaa fi  umuriin himatamaadhaa waggaa kudha saddeetii gadi ta’uun isaa akka sababa adabbii salphisutti qabameefii adabbiin akka salphatuuf kan gaafatan yemmuu ta’u, himatamaa irratti rikoordiin yakkaa kan hin dhiyaanne ta’uun isaa amalli himatamaa hawaasa keessatti gaarii ta’uu isaa kan agarsiisu yemmuu ta’u, sababni kuni bu’uura s/yakkaa keewwata 82(1)(a) tiin adabbii himatamaa kan salphisuu dha. Kana males himatamaan qaamolee haqaatti harka isaa kennuun gama tokkoon gochicha irratti gaabbii kan agarsiise ta’uu waan mul’isuuf inni kunis bu’uura s/yakkaa keewwata 82(1)(d) tiin adabbii salphisuu dha. Dabalataan umuriin himatamaa waggaa kudha saddeetii gadi ta’uu isaa abukaatoon kan ibsan yemmuu ta’u, ragaan mana yaalaa Hospitaala Jimmaa irraa dhiyaates umuriin himatamaa dha waggaa kudha torbaa oli ta’uu akka danda’u waan ibsuuf umuriin himatamaa waggaa kudha saddeetii fi isaa ol ta’uu kan danda’u yemmuu ta’u, gama biraatiin immoo waggaa kudha torbaa ol waggaa kudha sadeetii gadi illee haalli ta’uu danda’u jiraachuu waan danda’uuf haala himatamaa fayyaduu danda’uun akka umuriin isaa waggaa 18 hin geenyetti fudhachuun adabbii isaa bu’uura s/yakkaa keewwata 56 fi 86 tiin akka sababa adabbii salphisu tokkootti fudhachuun dirqama ta’a jechuu dha.

Sababni adabbii salphisu tokko yeroo argamutti adabbiin himatamaa irratti kennamuudhaa qabu gulantaa tokkoon kan gadi bu’u waan ta’eef sababoonni adabbii salphisan sadeen gubbaatti ibsamanii jiran adabbii himatamaa irratti kennamuudhaa qabu gulantaa sadiin kan salphisan ta’a jechuu dha. Sababa kanaan adabbiin silaa himatamaa irratti kennamuudhaa qabu gulantaa 38ffaa irraa gara gulantaa 35ffaatti kan gadi bu’u ta’a. Gulantaa 35ffaa jalatti reenjiin adabbii ka’amee jiru hidhaa cimaa waggaa kudha jahaa fi ji’a jahaa hanga waggaa kudha sagalii fi ji’a jahaa gahuu kan danda’uu dha. Kanaafuu,himatamaas barsiisuu danda’a, namoota biroo illee akeekkachiisuu danda’a jennee kan yaadne himatamaan kan inni dhimma kanaaf kanaan dura hidhame yoo jiraate itti shallagameefii gulantaa 35ffaa(Qajeelfama Adabbii miiltoo 1ffaa) jalatti hidhaa cimaa waggaa 17(kudha torbaa) tiin akka adabamu jennee sagalee adda baatee hin qabneen murteessineerra.

Ajaja

  • Mirgi oliyyannoo eegamaa dha.
  • Manni Amala Sirreessaa Godina Jimmaa adabbii himatamaa irratti kenname bu’uura seeraatiin akka raawwachiisu ajajameera. Habarreeffamu
  • Galmeen cufameera.Mana galmeetti hadeebi’u jenneerra.

mallattoo abbotii seeraa hindubifamnee

Published by Mana Hoji AA Godina Jimma. የጅማ ዞን አቃቤህግ መስሪያቤት

This is the official website of Jimmaa zone attorney office, ⚖️wee strive to insure justice for our community⚖️

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: