GAA’ILAA FI GAA’ILAAN ALA AKKA DHIRSAA FI NIITIITTI WALIIN JIRAACHUUADDA BAASUU KEESSATTI YEROO WARAQAAN RAGAA GAA’ILAA HIN JIRRERAKKOOLEE QABATAMAAN MUDATAN

Jemal Qumbii

LL.B (Yunivarsiitii Addis Ababaa), Abbaa Seeraa Mana Murtii Ol’aanaa fi Leenjisaa Inistiitiyuutii Leenjii Ogeessota Qaamolee Haqaa fi Qo’annoo Seeraa Oromiyaa, I-meelii: jomo.roba@yahoo.com

Seensa
Walquunnamtiin seera duratti beekamtiin gaa’ilaa kennamuuf tokko bu’uura Seera Maatii Oromiyaa (amma booda SMO) boqonnaa 3ffaa keessatti tumameen sirnoota sadan keessaa karaa isa tokkootiin yoo raawwatame qofa akka ta’e tumamuun isaa ni beekama.
Kanaaf, walquunnamtiin tokko gaa’ila dha kan jedhamu hundeeffamni isaa akkaataa sirna siivilii ykn sirna amantaa ykn immoo sirna aadaa walfuutonni filataniitiin kan raawwatame yoo ta’e dha. Kun immoo yeroo gaa’illi ragga’e jiraachuu isaa irratti falmiin ka’e firiiwwan ijoo qulqullaa’uu qaban keessaa akkaataa waliin jireenya dhiira tokkoo fi dubara tokkoo osoo hin taane akkaataan waliinjireenyi/walquunnamtiin isaanii ittiin raawwatame isa murteessaa ta’uu isaa agarsiisa. Gama biraatiin, gaa’ila akkaataa olitti ibsameen osoo hin raawwatin dhiirri tokkoo fi dubarri tokko akka dhirsaa fi niitiitti waliin jiraachuudhaan walquunnamtii adda ta’ee fi seera durattis beekamtii qabu uumuu nidanda’u. SMO boqonnaa 8ffaa ykn Seera Maatii Federaalaa fooyya’e (ammaan booda SMF) boqonnaa 7ffaa keessatti akka tumametti walquunnamtiin akkasii kun gaa’illi osoo hin raawwatamiin akka dhirsaa fi niitiitti waliin jiraachuu jedhamee beekamtiin kennamuudhaan bu’aawwan hordofsiisus diriirfamanii jiru.
Seeronni kun kallattiidhaan kan tumanis dhiirri tokkoo fi dubartiin tokko gaa’ila osoo hin raawwatiin akka dhirsaa fi niitiitti waliin jiraachuun isaanii walquunnamtii maatii adda ta’e seera duratti kan uumu akka ta’e dha 2. Innis walquunnamtii dhiira tokkoo fi dubartii tokko jidduutti uumamu danda’an kan seerri maatii beekamtii kenneef inni duraa fi bu’uuraa gaa’ila yoo ta’u, inni lammaffaa fi addaa immoo gaa’ilaan ala akka dhirsaa fi niitiitti waliin jiraachuu dha. Waliin jireenyi kun akkuma gaa’ilaa mirgaa fi dirqamni waliin jiraattota irratti hordofsiisu kan jiru yoo ta’u, kunis karaalee maatiin ittiin hundeeffamu keessaa isa tokko waan ta’eef tasgabbii fi nageenya maatii sanaafis akkuma gaa’ilaatti eegumsi seeraa kan godhameef akka ta’e ogeessotni ibsan ni jiru3

Gama biraatiin, ogeessotni seeraa biroo immoo akka jedhanitti seerri maatii beekamtiin inni warra akka abbaa warraa fi haadha warraatti osoo gaa’ila hin raawwatiin waliin jiraataniif kenne akkuma nama kamiiyyuu yommuu waliin jiraatan akka walgargaaranii fi yommuu waliin jireenyi isaanii waggaa sadii fi ol ta’e dhama’a waliin qabaachuu danda’u tilmaama jedhu irraa kan ka’e qabeenya waliinii ilaalchisee beekamtii kennaaf malee karaalee maatiin ittiin hundeeffamu keessaa isa tokko akka ta’eetti iddoon seerri itti tume ykn raggaase hinjiru4
.
Yaadonni kunniin bu’uura tumaalee seera maatii ilaallataniin yommuu xiinxalaman
walquunnamtii gaa’ilaan ala akka dhirsaa fi niitiitti waliin jiraachuu akka karaa hundeeffama maatiitti seerri gonkumaa beekamtiin kenneef hin jiru jechuudhaaf yaada amansiisaa ta’ee hin mul’atu. Sababoonnis:

Tokkoffaa, hundeeffama maatii ilaalchisee SMO kwt 128-129 jalatti akkaataa gaa’ilaan ala waliin jireenyi dhirsaa fi niitummaa ittiin hundaa’uu fi ittiin mirkanaa’u tumuun alattis dhorkaan raawwii gaa’ila firooma dhiigaa fi gaa’ila keessatti SMO kwt. 27 fi 28 jalatti ibsame walquunnamtii gaa’ilaan alaa akka dhirsaafi niitiitti waliin jiraachuu irrattis raawwatamummaa akka qabu seerumti kun kwt.130 (2) jalatti tumuun isaa hundeeffama walqunnamtichaaf eegumsaa fi beekamtii kennuu isaa kan agarsiisuu dha.

Lammaffaa, gama bu’aawwan hordofsiisaniitiinis gaa’illi dhuunfaa walfuutotaa fi qabeenyaisaanii irrattis dirqamootni hordofsiisu kan jiran yoo ta’u, gaa’ilaan ala akka dhirsaa fi niitiitti waliin jiraachuunis walkabajaa fi waldeeggarsa waliin jireenyichi gaafatu guutuudhaafdirqama kan uumu ta’uun isaa waliin jiraattonni akkuma nama kamiiyyuu osoo hin ta’inakkuma warra gaa’ila raawwataniitti dirqamoota kana bahuu akka qaban waan agarsiisuufkunis seerichi beekamtiin walquunnamtii kanaaf kenne jiraachuu isaa kan cimsuu dha.

Sadaffaa, abbummaa daa’imman walquunnamtii kana keessatti dhalatanii mirkaneessuuilaalchiseetis SMO kwt.134 jalatti bu’uura tumaalee seerichaa keewwattoota 142-147’tiin kan ilaalamu ta’uu kan tume yommuu ta’u, abbaan daa’ima walqunnamticha keessatti ulfaa’amee

ykn dhalatee namicha akka abbaa warraatti haadha daa’imichaa waliin jiraachaa ture akka ta’e akkuma isa gaa’ila keessatti ulfaa’amee ykn dhalateetti tilmaamni seeraa kan fudhatamu ta’uu seerichi kallattiidhaan kwt.142 jalatti tumee jira. Kunis seerichi walquunnamtii gaa’ilaan ala akka dhirsaa fi niitiitti waliin jiraachuu irraa maatii uumamuuf eegumsaa fi beekamtii kennuu isaa mul’isa. Haaluma walfakkaatuun, hariiroowwan olitti ibsaman kanaan alatti hariiroowwan kan biroo dhiiraa fi dubara tokko jidduutti godhaman seera duratti bu’aa wayiituu kan hin qabne (beekamti seeraa kan hin qabne) ta’uu SMO kwt.139 (1) jalatti ifaan kan tumames yaaduma kana kan cimsuu dha.

Haata’u malee, walquunnamtii gaa’ilaan ala akka dhirsaa fi niitiitti waliin jiraachuu kanaaf beekamtiin seerri kenne isa gaa’ilaatiin walqixa ykn tokkoodha jechuu akka hin taanehubachuun kan barbaachisu yoo ta’u, yaadni gama kanaan ogeessotni tokko tokkotarkanfachiisanis guutumatti amansiisaa fi bu’uura seeraa kan qabu ta’ee hin mul’atu.Sababiin isaatis walquunnamtiiwwan lameeniifuu beekamtii fi eegumsi seerri kenne ykn godhe walqixa ykn tokkuma taanaan barbaachisummaa gaa’ilaa gaaffii keessa galchuu akkata’e ifaan hubatama.

[arm_form id=”101″ form_position=”center” assign_default_plan=”1″ logged_in_message=”You are already logged in.”]

Sababiiwwan kana irraa ka’uudhaan walquunnamtiiwwan lameeniifuu seerichi akka madda argama maatiitti beekamtii fi eegumsa bu’uuraa kan godheef yoo ta’ellee bu’aan walquunnamtiin gaa’ilaan ala dhirsaa fi niitummaan waliin jiraachuu dhuunfaa waliin jiraattotaa fi qabeenya isaanii irratti hordofsiisu kan gaa’ilaa irra xinnaa ta’uu fi eegumsi godhamuufis akkasuma kan gaa’ilaan qixa akka hin taane 5 yaadni dhiyeessu caalatti seera qabeessaa fi amansiisaa fakkaata.

[arm_account_detail social_fields=”” label=’first_name,last_name,display_name,user_login,user_email,gender,country,description,’ value=’First Name,Last Name,Profile Display Name,Username,Email Address,Gender,Country/Region,Biography,’]

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Google photo

You are commenting using your Google account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: