Adeemsa dhimmoota yakka malaammaltummaa
Adeemsichi gareelee adda addaa sadii kan qabu ta’ee, akka kanaa gadiitti gahee hojii isaanii waliin ibsamaniiru
Garee Simannaa Odeeffannoo Dhimmoota Yakka Malaammaltummaa
Gareen kun Abbaa Alangaa, Ogeessa Simannaa Eeruu fi Qondaala simannaa Eeruunkan gurmaa’e ta’ee, hojiilee akka:
Eeruu/odeeffannoo/ gocha yakka malaammaltummaa fuudhuu, funaanuu, calaluu, murtii kennuu fi qorannaaf dhiyeessuu
Odeeffannoo/Eeruuwwan/yakka Malaammaltummaa hooggantootaa fi itti aantoota hooggantootaa Manneen Hojii mootummaa Aanaa fi Magaalaa, Maahandisoota Manneen hojii mootummaa Aanaa/ Bulchiinsa Magaalaa; hojjatoota Manneen Hojii mootummaa godinaa; hojjatoota dhaabbilee misooma mootummaa sadarkaa Damee ykn godinatti jiran; Gaggeessitoota fi Miseensoota Boordii jaarmiyaalee uummataa godinicha keessa jiraniin raawwataman irrattii dhufan simachuun ijoo addaan ni baasa, ni xiinxala, garee qorannaatiif ni dabarsa;
Odeeffannoo/Eeruuwwan/ yakka malaammaltummaa Miseensoota Qajeelcha Poolisii Godinaa; Miseensota Poolisii manneen sireessaa sadarkaa Godinaa ykn Aanaa; Pireezidaantii fi Abbootii seeraa Mana Murtii Aanaa; Itti gaafatamaa fi Abbootii Alangaa Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa; Ajajaa fi Miseensota Poolisii Aanaa/magaalaa tiin raawwataman irrattii dhufan simachuun ijoo addaan ni baasa, ni xiinxala, garee qorannaatiif ni dabarsa;
Dhimmoota yakka malaammaltummaa biroo Maanuwaaliin ykn dookumantii JBAH kanaan ifatti Aangoo Mana hojii Abbaa Alangaa Waliigalaatiif ykn Waajjira Abbaa Alangaa Aanaaf hin kennamne irratti odeeffannoo/eeruuwwan dhufan simachuun, ijoo addaan ni baasa, ni xiinxala, yakka malaammaltummaa ta’uu fi dhiisuu addaan ni baasa, garee qorannaatiif ni dabarsa; yakka malaammaltummaa kan hin taane irratti murtii ni kenna.
Garee Qorannoo fi Himannaa Dhimmoota Yakka Malaammaltummaa
Gareen kun Abbaa Alangaa qofaan kan gurmaa’e ta’ee, hojiilee akka:-
Eeruu/Odeeffannoo/ gocha yakka malaammaltummaa garee simannaan calalame irratti qorannaa yakkaa qorataa poolisii waliin gaggeessuu
Hojiiwwan qorannaa qixa seeraa fi mirga namummaa shakkamtootaa eegeen raawwatamaa jiraachuu ni hordofa, iddoo qaawwi/rakkoon/ jirutti tarkaanfii sirreeffamaa ariifachiisaa ni fudhata.
Shakkamtoota sadarkaa Godinaa fi Aanaatti ragaan irratti qulqulla’e akkaataa seeraatiin to’annaa jala akka oolan ni taasisa.
Galmee qorannoo yakka malaammaltummaa Godina ykn Aanaa irraa dhihaate irratti murtii kennuu;
Galmee qorachuun murtiilee akka himata yakkaa hundeessuu, SDFY 42(1A)’n ragaan yoo hin jirre cufuu, SDFY 38(c)’n qorannoo dabalataaf qajeelchuu, SDFY 39’ qorannoo adda kutuu, SDFY 41qajeelfama kennuu, ykn gaafachuu,
Himannaa fi ciraa mana murtiitti dhiyeessuun beellama qabsiisuu
Xalayaa waamichaa baasisuun himataamaa fi ragaa seeraa guyyaa beellamaatti akka dhiyaatan taasisuu
Himata yakka malaammaltummaa M/Murtiitti dhiyaate irratti Falmii gaggeessuun Murtii kennisiisuu
Mana Murtiitiin yemmuu ajajamu dhaga’a dhimmaa duraa irratti ibsa barreeffamaa kennuu (Written statement on the Preparatory hearing)
Falmii Idilee geggeessuuf ragaa fi ijoo dubbii adda baasuun qophaa’uun dhaddacha seenuu, ragaa dhageessisuu fi dhaggeeffachuu, ajaja M/Murtii kennu raawwachuu
Gaaffii mirga wabii yakka malaammaltummaan walqabatee dhihaatu irratti falmii geggeessuu;
Odeeffannoo argachuun gocha yakkicha adda baasuu
Deebii /Yaada/ mirga wabii gaafatame irratti qopheessuu
Dhaddacha seenuu falmii gaggeessuun, ajaja kenname dhaggeeffachuu
Falmii Ol-Iyyannoo dhimma yakka malaammaltummaan walqabatee
Murtii kenname irratti gareen mari’achuu
Ol-iyyannoo yeroo seeraan taa’e keessatti gaafachuu
Komii Ol-Iyyannoo Qopheessuun MMWO qaqqabsiisuu
Keessummeessaa Iyyannoo dhiyaatu
Iyyata Eegumsa Eeruu kennitootaa fi raga baatota irraa dhiyaate keessummeessuun tarkaanfii fudhachuu
Iyyata Idilee (iyyata eeruu kennitootaa fi raga baatotaan ala dhiyaatu) simachuun abbaa dhimmaa keessummeessuu
Garee Hordoffii fi Deebisiisa Qabeenya Bu’aa Yakka Malaammaltummaa
Gareen kunis Abbaa Alangaa qofaan kan gurmaa’e ta’ee, hojiilee akka:-
Qabeenya bu’aa yakka Malaammaltummaa ta’an adda baasuun uggursiisuu,
Galmee yakkaa irratti qabeenyi akka dhaalamu taasisuu; raawwii isaa hordofuu;
Galmee yakkaa irratti falmii qabeenyaa gaggeessuun dhimmicha lafa irra kan harkisu yoo ta’e, himannaan hariiroo hawaasaa akka irratti hunda’uuf Adeemsa hojii Dhimmoota Hariiroo hawaasaatiif dabarsuu.
Qabeenya akka gurguramu ykn akkanumaan galii akka ta’u Manni Murtii murteesse qaama murata’eef/ dhimmi ilaallatuuf/ galii akka ta’u gochuu, hojiirra oolmaa isaa hordofuu.
Qabeenya bu’aa yakka Malaammaltummaa ta’ee iddoo gara garaatti dhoksamee jiru hordofamee mootummaaf galii akka ta’u taasisuu, raawwii isaa hordofuu.