Proc no 149 upto 190

FDRE Government the 1st 10 years Proclamations in zip folder pdf available

 Mannii Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmaa Karraa websiitii ofiselawaatiin labsiilee Mottuummaa Fedeeraalaa lakk 1 (1988) kaasee hangaa labsii lakk 488 (1997) labsiilee woggaa kurnaan jalqabaa labsamaan fayilii zip folder kanaan isiniin gahee jiraa. biiliisaafii haala salphaadhaan bufachuun fayyadamaa jimmaa Zone Attorney offiicial website deliver to you the FDRE PROC from no 1 1996 488 2005 in 12 zipped folder. you can download it free almost 480 pdf in one place.

2016 FDRE proclamation

fdre proclamation 2017-2018

FDRE proclamation 2019-2020

FDRE proclamations proclaimed in 20

legal matters app

https://mhaagj.org/product/legal-matters-app/

Check out “M/H/A/A/A/G/Biilaa”

https://play.google.com/store/apps/details?id=com.ethiomapps.guddeyabila

Qajeelfama Aangoo fi Gahee Hojii Dameewwan Dhaabbii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lakkoofsa 16/2013 pdf.

Qajeelfama Aangoo fi Gahee Hojii Dameewwan Dhaabbii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lakkoofsa 16/2013 pdf.

CUUNFAA RAKKOOLEE TARSIMOO FI HANQINAALEE RAAWWII HOJII IRRATTI MUL’ATAN ADDA BAASUUN KALLATTII FURMAATA AKEEKUU pdf.

CUUNFAA RAKKOOLEE TARSIMOO FI HANQINAALEE RAAWWII HOJII IRRATTI MUL’ATAN ADDA BAASUUN KALLATTII FURMAATA AKEEKUU pdf.

Labsi MNO kan bara 2011

Labsile MNO bara 2012

Odessaa

Mannii Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmaa Gamaggamaa Rawwii hojii bara 2013 fi karoora bara 2014 irrattii guyyota lamaaf taasiisaa turee har’a golabamee.

Odessaa

Manni hojii abbaa alangaa godina jimmaa gamaggama rawwii hoji bara 2013 fii karoora hojii bara 2014 gaggessaa jiraa.

Odeessa.

Odessaa. ==== Mannii Hojii abbaa alangaa godina gamaggamaa raawwii hojii bara 2013 irrattii marii gaggeessee. ===== Gamaggama raawwii Hojii sadarkaa Naannootti gaggeeffameen Manneen Hojii Abbaa Alangaa Godinaalee hundaa keessaa Manni Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmas raawwii hojii gaarii galmeessisuun Sadarkaa lammaffaa bahee geeba badhaafamuun isaa ni yaadatama. Haaluma kanaan abbotiin alangaa mana hojii godina jimmmaas har’a gaafa guyyaa 8/12/2013 raawwii hojii fi sadarkaa argamee irrattii mari’achuun ciminaafi hanqinaa adda baafatee bara hojii 2014ttii sadarkaa amma irra jiirruu ol akka ittii fiduu danda’amuu irrattii mari’ateeraa.

Wixinee Dambii Sirna Dhimota HH Dantaa Ummataafi motummaa naannoo Oromiya Dirirsuf Qopha’ee pdf and docx

Lakkoofsa__/2013 Wixinee Dambii Sirna Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa Dantaa Ummataa fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa Diriirsuuf Qophaa’e Aangoon dhimma hariiroo hawaasaa dantaa uummataa fi mootummaa Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaatiif kenname karaa qulqullinna, si’oominnaa fi bu’a qabeessa ta’een hojiirra oolchuuf sirna diriirsuun barbaachisaa waan ta’eef; Akkaataa Manneen hojii Mootummaa, Dhaabbilee Misooma Mootummaa, Jaarmiyaalee Uummataa fi Ogeessotni seeraa isaanii dhimma hariiroo hawaasaa Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa fi caasalee isaa sadarkaan jiran waliin qindoominnaan itti hojjatan akkasumas hojii fi itti gaafatamummaa isaanii seeraan murteessuun waan barbaachiseef; Ulaagaalee ogeeyyiin seeraa Manneen Hojii Mootummaa, Dhaabbilee Misooma Mootummaa fi Jaarmiyaaleen Uummataa keessatti hojjatan guutuu qabanii fi Sirna to’annoo, hordoffii fi deeggarsa taasifamuu qabu diriirsuun barbaachisa ta’ee waan argameef; Akkaataa Labsii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Lakkoofsa 214/2011 keewwata 27(1)’tiin Dambiin kun bahee jira. Kutaa Tokko Tumaalee Waliigalaa 1. Mata Duree Gabaabaa Dambiin kun, “Dambii Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa Dantaa Uummataa fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Lakkoofsa__/2013” jedhamee waamamuu ni danda’a. 2. Hiika Akkaataan jechichaa hiika biroo kan kennisiisu yoo ta’e malee Dambii kana keessatti: 1) “Abbaa Alangaa” jechuun nama ogummaa Abbaa Alangummaatiin akka tajaajilu bu’uura Dambii Bulchiinsaa fi Naamusa Abbaa Alangaatiin muudamee Mana Hojichaa keessatti hojjetu dha. 2) “Baasii” jechuun durgoo ragaa baatotaa, baasii qabeenya sababa himannaa yookiin falmiitiif dhorkamee tursiisuuf bahu fi raawwii keessatti to’atamee tursiisudhaaf bahu, baasii waraqaa waamichaa qaqqabsiisuu, hiikkaa afaanii, gatii footoo koppii, baasii mala filannoo birootiin dhimmoota hariiroo hawaasaa xumuruuf bahu kamiyyuu kan hammatu ta’a. 3) “Dhaabbata Misoomaa Moo¬tummaa” jechuun Dhaabbata Misooma Mootummaa kan mootum¬maan naannichaa guutumatti yookiin gar-tokkeen gahee ab¬baa qabeenyummaa keessaa qabu dha. 4) “Jaarmiyaalee Uummataa” jechu¬un haalawwan kamiiniyyuu miseensota yookiin ummata ir¬raa maallaqa yookiin qabeenya walitti qabame yookiin tajaajila ummataaf yaadamee maallaqa yookiin qabeenya walitti qabame yookiin qaama biroo qabeenya biroo kana bulchu yookiin kub¬baaniyyaa roga qabeessa ta’e kan dabalatu damee dhuunfaa ta’ee: (a) Dhaabbata Amantaa; (b) Dhaabbata Idil-Addunyaa; fi (c) Dhaabbata yookiin Paartii Si¬yaasaa; (d) Afooshaa yookiin haala wal fakkaatuun waldaa qabiyyee aadaa fi amantaa qaban hin dabalatu. 5) “Labsii” jechuun Labsii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa hundeessuuf bahe Lakkoofsa 214/2011 fi fooyya’iinsa isaa Labsii Lakkoofsa 236/2013 dha. 6) “Mala Filannoo Biroo” jechuun Manneen hojii mootummaa walii isaanii jidduutti yookiin manneen hojii mootummaa fi qaama biroo jidduutti yookiin harka qalleeyyii fi qaamolee biroo jidduutti dhimmoota hariiroo hawaasaa irratti waldhabdee keessa yoo seenan waliigaliinsaan, araarsuu yookiin waltaasisuu yookiin jaarsummaa fayyadamuudhaan mala ittiin waldhabdeen hiikkamu dha. 7) “Mana Hojii Mootummaa” jechu¬un Manneen Hojii Mootummaa Naannichaa guutummaan guu¬tuutti yookiin gar-tokkeen baa¬jata mootummaa naannichaatiin bulan yookiin sadarkaa kamittuu hojiiwwan mootummaa naan¬nichaa kamiiyyuu kan keessatti raawwatamu dha. 8) “Mana Hojii” jechuun Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa fi caasaa isaa sadarkaan jirani dha. 9) “Naannoo” jechuun Naannoo Oromiyaati. 10) “Namoota Deggersa Addaa Barbaadan” jechuun namoota haala kamiinuu dantaa hariiroo isaanii kabachiifachuu hin dandeenye kanneen akka: (a) gocha yakkaatiin mi¬idhaan irra gahee; (b) Sababa umurii isaatiin dantaa hariiroo hawaasaa kabachiifachuuf humna hin qabne; (c) sababa qaama miidhamummaa isaatiin dantaa hariiroo hawaasaa kabachiifachuu hin dandeenye; (d) sababa dubartummaa ishiitiin qabeenya qabdutti fayyadamuun dantaa hariiroo hawaasaa kabachiifachuu hin dandeenye fi (e) Harka qalleeyyii jechuudha. 11) “Ogeessa Seeraa” jechuun nama barumsa seeraatiin eebbifame ta’ee, Manneen Hojii Mootummaa yookiin Dhaabbilee Misooma Mootumaa yookiin jaarmiyaalee Ummataa keessatti tajaajila ogummaa seeraa kennuudhaaf qacarame; kan bakka bu’e yookiin kan muudamee dha. 3. Ibsa Koornayaa Dambii kana keessatti jechi koornayaa dhiiraatiin ibsame kan dubartiis ni dabalata. 4. Daangaa Raawwatiinsaa Dambiin kun dhimmoota hariiroo hawaasaa dantaa uummataa fi mootummaa Naannichaa kabachiisuun walqabatee Manneen Hojii Mootummaa, Dhaabbilee Misooma Mootummaa, Jaarmiyaalee Uummataa fi Namoota Deggersa Addaa Barbaadan irratti raawwatiinsa ni qabaata. Kutaa Lama Sirna Tajaajila Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa Dantaa Uummataa fi Mootummaa Kutaa Xiqqaa Tokko Gosa Tajaajilaa fi Qaama Kennamuuf 5. Qajeeltoo Waliigalaa 1) Manneen hojii mootummaa yookiin dhaabbileen misooma mootummaa kamiyyuu dhimmoota hariiroo hawaasaa dantaa uummataa fi mootummaatiin walqabatee gocha raawwachuun yookiin qunnamtii taasisuun dura ogeessa seeraa mana hojii isaanii yookiin akka barbaachisummaa isaatti Mana Hojichaa mariisisuu qabu. 2) Manneen hojii mootummaa fi dhaabbileen misoomaa mootummaa kamiyyuu Waliigaltee bulchiinsaa osoo hin raawwatin dura wixineen waliigaltichaa Mana Hojichaatiin gulaalamuu qaba. Waliigalteen Mana Hojichaatiin hin gulaalamin raawwatamuu hin danda’u. 3) Manni hojii mootummaa yookiin dhaabbatni misooma mootummaa kamiyyuu Mana Hojichaa irraa hayyama yookiin bakka bu’ummaa osoo hin argatin dhimmoota hariiroo hawaasaa dantaa mootummaa fi ummataa irratti himannaa hundeessuu, deebii kennuu yookiin falmii gaggeessuu hin danda’u. 4) Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 fi 3 jalatti kan tumame jiraatus, Manni Hojichaa tajaajila waliigaltee gulaaluu fi falmii gaggeessuu qoodee Mana hojii mootummaa yookiin dhaabbata misooma mootummaatiif bakka bu’ummaan kennuu ni danda’a. 5) Dhimmoota hariiroo hawaasaa irratti waldiddaan manneen hojii mootummaa yookiin dhaabbilee misooma mootummaa gidduutti uumamu kamiyyuu yaada murtii Manni Hojichaa kennuun kan raawwatamu ta’a. 6) Waldiddaan dhimmoota hariiroo hawaasaa dantaa uummataa fi mootummaa Mana hojii mootummaa yookiin dhaabbata misooma mootummaa fi qaama biroo gidduutti uumamu mala filannoo birootiin hiikamuu kan danda’u hayyama Mana Hojichaatiin qofa ta’a. 6. Gosoota Tajaajila Kennamuu 1) Tajaajilli dhimmoota hariiroo hawaasaa dantaa ummataa fi mootummaa kennaman kanneen armaan gadii ta’u: (a) gorsa seeraa; (b) Wiixinee waliigaltee qopheessuu fi gulaaluu; (c) Mala filannoo biroo fayyadamuun waldiddaa hiikuu; (d) himannaa fi falmii Hariiroo; (e) Dhimmoota hariiroo hawaasaa Abbaan Alangaa seerota birootiin irratti aangeeffame kan biroo. 7. Qaamolee Tajaajilli Kennamuuf Qaamoleen tajaajilli dhimmoota hariiroo hawaasaa dantaa ummataa fi mootummaa kennamuuf kenneen armaan gadii ta’u: 1) Manneen Hojii Mootummaa yookiin Dhaabbilee Misooma Mootummaa yookiin Jaarmiyaalee Uummataa fi 2) Namoota Deggersa Addaa Barbaadan. Kutaa Xiqqaa Lama Tajaajila Gorsa Seeraa 8. Akkaataa Dhiyeessii Gaafii Tajaajila Gorsa Seeraa 1) Gaafiin tajaajila gorsa seeraa qaamolee dambii kana keewwata 7 jalatti ibsamaniin dhiyaatu caasaa Mana Hojii Abbaa Alangaa aangoo tooraa qabutti kan dhiyaatu ta’a. 2) Gaafiin tajaajila gorsa seeraa kan dhiyaatu qaamaan yookiin karaa bakka bu’aa isaatiin bilbilaan, poostaadhaan yookiin karaa miidiyaa dijitaalaa Manni Hojichaa fayyadamuun ta’u ni danda’a. 3) Manni Hojichaa gaafii gorsaa afaaniin, bilbilaan yookiin miidiyaa dijitaalaatiin dhiyaatu xaalayaadhaan deeggaramee akka dhiyaatu ajaju ni danda’a. 4) Qaamni gorsa seeraa gaafatu kamiyyuu Manni Hojichaa deebii barreeffamaaan akka kennamuuf gaafachuu ni danda’a. 5) Kan keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti ibsame akkuma jirutti ta’ee, qaamni tajaajila gorsaa gaafatu gorsa jalqaba kennameefitti kan hin quufne yoo ta’e caasaa Mana Hojichaa sadarkaa itti aanutti gaafii isaa dhiyeeffachuu ni danda’a 9. Ulaagaa Manneen Hojii Mootummaa, Dhaabbilee Misooma Mootummaa yookiin Jarmiyaalee Ummataa Tajaajila Gorsa Seeraa Gaafatan Guutuu Qaban Manneen hojii mootummaa, dhaabbilee misooma mootummaa yookiin jarmiyaaleen ummataa tajaajila gorsa seeraa yemmuu gaafatan: 1) Dhimmichi ergama, kaayyoo, aangoo fi gahee hojii isaaniitiin kan walqabatu ta’uu qaba. 2) Qabiyyeen gaaffiichaas iftoomina kan qabuufi haala yaada murtee kennuu dandeesisuun dhiyaachuu qaba. 3) Qaamni gorsa seeraa gaafatu kamiyyuu ragaa yaada murtee kennuuf dandeesisu akka dhiyeessu Manni Hojichaa yoo gaafate dhiyeessuuf dirqama qaba. 10. Ulaagaa Namootni Deggersa Addaa Barbaadan Guutuu Qaban 1) Namni tajaajila dhima hariiroo hawaasaa barbaadu harka qalleeyyii yoo ta’e: (a) Ragaa harka qalleeyyii ta’uu isaa agarsiisuu Mana Murtii Hawaasummaa ganda keessa jiraatu irraa dhiyeeffachuu qaba. (b) Dhimma dhiyeesse irra dantaa kan qabu ta’uu qaba. (c) Dhimmi isaa mana murtiitti akka dhiyaatu fedhii kan qabu yoo ta’e uunka yookiin guca Mana Hojichaatiin qophaa’e irratti fedhii isaa mallattoodhaan ibsachuu qaba. (d) Tajaajilicha kennuuf waraabbii ragaa harka isaa jiru akka dhiyeessu Manni Hojichaa yoo gaafate dhiyeessuu qaba. 2) Harka qalleeyyii kan hin taane yoo ta’e ulaagaa keewwata kana keewwata xiqqaa 1(b-d) guutuun akkuma jirutti ta’ee ragaa sababa qabeenya qabanitti akka hin fayyadamne isaan taasise ibsu dhiyeeffachuu qabu. 3) Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 jalatti kan tumame jiraatullee, gocha yakkaatiin miidhaan irra kan dhaqqabe yoo ta’e, ragaa haala isaan keessa jiran agarsiisu dhiyeessuudhaaf hin dirqaman. 11. Tajaajila Gorsa Seeraatiin Walqabatee Gahee Mana Hojichaa Manni Hojichaa: 1) Gaafiin tajaajila gorsaa dhiyaate ulaagaa barbaachisu guutuu ni mirkaneeffata; ragaa ni qabata; 2) Ulaagaaleen barbaachisan kan hin guutamne yoo ta’e, guutamanii akka dhiyaatan ni taasisa; akka barbaachisummaa isaatti ragaan akka dhiyaatu deggarsa ni taasisa; 3) Tajaajila gorsa seeraa gaafatame istaandaardii yeroo kaa’ame keessatti ni kenna; 4) Barbaachisa ta’ee yoo argame, gaafii gorsa seeraa Namoota Deggersa Addaa Barbaadan irraa dhiyaate abukaatoo ramaduun tajaajila gorsaa bilisaan akka argatan taasisuu ni danda’a; 5) Abukaatoon bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa 4 tiin tajaajila gorsa bilisaa akka kennu taasifame sirnaan hojjachuu isaa ni hordofa. Kutaa Xiqqaa Sadi Tajaajila Dhimmoota Waliigaltee fi Mala Filannoo Biroo 12. Akkaataa Wixineen Waliigaltee Itti Qophaa’u, Dhiyaatuu fi Gulaalamu 1) Wixineen waliigaltee kan qophaa’u ogeessa seeraa manneen hojii mootummaa, dhaabbilee misooma Mootummaa yookiin Jarmiyaalee Ummataatiin ta’a. 2) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti kan tumame akkuma jirutti ta’ee, Manni hojichaa faayidaa uummataa fi mootummaa ni kabachiisa jedhee yoo itti amane wixinee waliigaltee qopheessuu keessatti hirmaachuun deeggarsa ogummaa taasisuu ni danda’a. 3) Gaafiin gulaallii wixinee waliigaltee manneen hojii mootummaa, dhaabbilee misooma mootummaa yookiin akkaataa barbaachisummaa isaatti jarmiyaalee ummataa Mana Hojichaa aangoo tooraa qabutti kan dhiyaatu ta’a. 4) Wixineen waliigaltee gulaalliif Mana Hojichaatti kan dhiyaatu xalayaadhaan ta’ee haard-kooppii fi sooft-kooppiin dhiyaachuu qaba. 5) Manni Hojii Abbaa Alangaa gaafiin gulaallii wixinee waliigaltee dhiyaateef adeemsa gulaallii keessatti deeggarsa caasaa olii ni barbaachisa jedhee yoo itti amane caasaa Mana Hojichaa sadarkaa olii isatti aanu mariisisuu ni danda’a. 6) Yeroon wixineen waliigaltee keessatti gulaalamu amalaa fi qabiyyee wixinichaa irratti kan hundaa’u ta’a. Raawwiin isaa qajeelfama bahuun kan murtaa’u ta’a. 13. Akkaataa Mala Filannoo Birootiin Waldiddaa Hiikuun Itti Dhiyaatu 1) Qaamoleen Dambii kana Keewwata 7 Keewwata Xiqqaa 1 jalatti caqasaman kamiyyuu waldhabdeen dhimmoota Hariiroo hawaasaa yoo uumamu Mana Hojichaatti barreeffamaan beeksisuu qabu. 2) Manni Hojichaa dhimma hariiroo hawaasaa bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa 1’tiin isa dhaqqabe akkaataa seera yookiin waliigaltee keessatti tumamameen mala filannoo biraatiin akka xumuramu gochuu ni danda’a. 3) Manni Hojichaa waldhabdee dhimma hariiroo hawaasaa qaamolee Dambii kana keewwata 7 keewwata xiqqaa 2 jalatti ibsamaniin walqabatee jiru qaamolee waldhaban mariisisuun mala filannoo birootiin akka xummuramu taasisuu ni danda’a. 4) Manni Hojichaa dhimmi hariiroo hawaasaa bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa 2 fi 3 tiin mala filannoo biraatiin akka xumuramu kan taasisu fedhii garee waldhabdootaa gaafachuu fi mariisisuudhaan ta’a. 5) Qaamolee waldhabdoota keessaa gareen tokko yoo dide yookiin fedhii isaa kan hin ibsine yoo ta’e dhimmichi mala filannootiin akka furamu fedhii akka hin qabnetti fudhatamee karaa mana murtiitiin akka ilaalamu ni taasisa. 6) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 hanga 5 jalatti kan tumame jiraatus, Manneen hojii mootummaa yookiin dhaabbilee misooma mootummaa jidduutti waldhabdeen kan uumamu yoo ta’e, Manni Hojichaa dhimmichi mala filannoo birootiin akka xumuramu ni murteessa. Qaamoleen waldhabanis murtii Mana Hojichaa fudhachuun hojiirra oolchuu qabu. 7) Qaamni sadaffaan murtiin yookiin bu’aan adeemsa mala filannoo birootiin kennamu yookiin argamu na miidha jedhee amanu kamiyyuu mala filannootiin murtiin osoo hin kennamin dura Mana Hojichaatti iyyata isaa dhiyeeffachuu ni danda’a. 8) Manni Hojichaa garee mala filannoo biroo fayyadamuun waldhabdee hiiku kan hundeessu ta’a. Raawwiin isaa Qajeelfama bahuun kan murtaa’u ta’a. Kutaa Xiqqaa Afur Tajaajila Falmii Hariiroo Hawaasaa 14. Adeemsa Gaafiin Himannaa fi Falmii Hariiroo Hawaasaa Ittiin Dhiyaatu 1) Qaamoleen Dambii kana keewwata 7(1) jalatti ibsaman gaafii falmii dhimma hariiroo hawaasaa isaan irratti dhiyaates ta’e ofii isaaniitiif dhiyeessuu barbaadan akkuma dhimmichi uumameen Mana Hojichaa aangoo tooraa qabutti xalayaadhaan dhiyeessuu qabu. 2) Qaamoleen Dambii kana keewwata 7 keewwata xiqqaa 2 jalatti ibsaman gaafii falmii dhimma hariiroo hawaasaa Manni Hojichaa bakka bu’ee akka falmuuf iyyannoo dhiyeeffachuu ni danda’u. Raawwiin isaa Qajeelfama bahuun kan murtaa’u ta’a. 3) Qaamni Manni Hojii akka falmii hariiroo hawasaa gaggeessuuf gaafii dhiyeeffatu kamiyyuu ragaalee barbaachisoo waliin dhiyeessuu qaba. 4) Waldhabbiin dhimma hariiroo hawaasaa qaamolee dambii kana keewwata 7(1) fi 7(2) jiran jidduuttii yoo uumame Manni Hojichaa qaamolee keewwata 7(1) jalatti ibsaman ofii isaatiin bakka bu’ee kanneen keewwata 7(2) jalatti ibsamaniif immoo abukaatoon bakka bu’ee bilisaan akka tajaajilu ni taasisa. 15. Baasii fi Kasaaraa 1) Baasii fi kasaaraan dhimmoota hariiroo hawaasaa keessatti mudatu Manneen hojii mootummaa yookiin dhaabbilee misooma mootummaa yookiin jaarmiyaalee uummataatiin kan haguugamu ta’a. 2) Dhimma Manni Hojichaa bakka bu’ee falmii geggeessu irratti murtiin abbaa idaa kan kennamu yoo ta’e maallaqa yookiin qabeenya murtiin idaa itti ta’anii fi baasii dhimma kanaan walqabatee murtaa’u kan kaffalu mana hojii mootummaa yookiin dhaabbilee misooma mootummaa yookiin jaarmiyaalee uummataa bakka bu’amee falmameef ta’a. 3) Baasii fi kasaaraan tajaajila dhimma hariiroo hawwaasaa nama deeggarsa addaa barbaadee kan haguugamu, nama tajaajilicha gaafateen ta’a. 4) Keewwata kana keewwata xiqqaa 3 jalatti kan tumame jiraatus, namni tajaajila deeggarsa addaa barbaadu baasii fi kasaaraa kaffaluu kan hin dandeenye yoo ta’e, caasaa Mana Hojichaa tajaajilicha kennuun kan haguugamu ta’a. 5) Caasaan Mana Hojichaa bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa 4’tiin baasii fi kisaaraa haguuge dhimmichi nama bakka bu’ameef kan murtaa’e yoo ta’e, baasii fi kisaaraa kaffalee ture kan deebifatu ta’a. 6) Manni hojichaa baasii fi kisaaraa Namoota Deggersa Addaa Barbaadan uwwisuuf kan oolu fandii deeggarsa seeraa Namoota Deggersa Addaa Barbaadanii hundeessuu ni danda’a. 7) Namootni Deeggarsa Addaa Barbaaduun gara mana hojichaatti iyyatan adeemsa keessa dandeettii yookiin humna qabaachuu isaanii manni hojichaa yoo mirkaneeffate beeksisuudhaan falmii hariiroo addaan kutuu ni danda’a. Kutaa Sadi Hojii fi Itti Gaafatamummaa Qaamolee Adda Addaa 16. Hojii fi Itti Gaafatamummaa Mana Hojichaa Dhimmoota hariiroo hawaasaa dantaa uummataa fi mootummaa Manneen Hojii Mootummaa, Dhaabbilee Misooma Mootummaa fi Jaarmiyaalee Ummataa Naannichaa ilaalchisee Manni Hojichaa hojii fi itti gaafatamummaa armaan gadii ni qabaata: 1) Karoorri hojii isaanii haala qindaa’een akka qophaa’u ni taasisa; ni hordofa; ni gamaaggama; duub-deebii ni kenna; 2) Raawwii hojii isaanii ni deeggara; ni to’ata; ni hordofa; 3) Akkaataa barbaachisummaa isaatti qaamaan argamuun daawwanna raawwii hojii taasisuun duub-deebii ni kenna; 4) Raawwii galmeelee dhimmoota hariiroo hawaasaa aangoo isaanii ta’e ni sakatta’a; bakka hanqinni jirutti tarkaanifii sirreeffamaa ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa; 5) Hojmaata hojii dhimmoota hariiroo hawaasaa ni diriirsa; akka hojiirra oolu ni taasisa; 6) Waltajjiiwwan gamaaggama raawwii hojii ogeessa seeraa isaanii ni gaggeessa; kallattii ni kaa’a; duub-deebii ni kenna; 7) Wurmaa’iinsa, caasaa, mindaa fi faayidaa ogeessa seeraa ni qorata yookiin ni qorachiisa; qaama dhimmi ilaalutti akka dhiyaatu ni taasisa; yemmuu hayyamamu hojiirra akka oolu ni taasisa; ni hordofa; ni to’ata; 8) Qacarriin, ramaddiin, jijjiirraa fi guddinni sadarkaa ogeessa seeraa akkaataa seeraatiin raawwatamuu isaa ni hordofa; bakka hanqinni jirutti tarkaanifiin sirreeffamaa ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa; 9) Raawwii hojii ogeessa seeraa ni maadaala; bakka hanqinni jirutti tarkaanfiin sirreeffamaa ni fudhata; akka fudhatamu qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa; 10) Gahumsaa fi bu’a qabeessummaa raawwii hojii waliigalaa dhimma hariiroo hawaasaa isaanii ni madaala; ni hordofa; ni to’ata; 11) Iyyannoo fi Komii taajaajila dhimma hariiroo hawaasaa isaaniin kennamu irratti dhiyaatu ni keessummeessa; furmaata ni kenna yookiin kallattii ni kaa’a; akkaataa hojimaataatiin raawwatamuu isaa ni hordofa; ni to’ata; 12) Dandeettii raawwachisummaa ogeessa seeraa cimsuuf leenjiiwwan adda addaa ni kenna; akka kennamu ni taasisa; bu’a qabeessummaa isaa ni hordofa; 13) Dantaa hariiroo hawaasaa uummataa fi mootummaa kabachisuuf qaama dhimmi ilaalu waliin qindoominaan ni hojjeta; 14) Hojiiwwan biroo dhimma hariiroo hawaasaa bu’a qabeessa taasisan ni hojjeta. 17. Hojii fi Itti gaafatamummaa Manneen Hojii Mootummaa fi Dhaabbilee Misooma Mootummaa Dhimmoota hariiroo hawaasaa dantaa uummataa fi mootummaa ilaalchisee Manneen Hojii Mootummaa fi Dhaabbilee Misooma Mootummaa fi akkaataa barbaachisummaa isaatti jaarmiyaaleen uummataa hojii fi itti gaafatamummaa armaan gadii ni qabaatu: 1) Karoora hojii qopheessuun Mana hojichaaf erguun yemmuu mirkanaa’u hojiirra ni oolcha; 2) Raawwiin hojii Mana hojichaa waliin akka gamaaggamamuuf haala ni mijeessa; kallattii gamaggamaan kaa’amu hojiirra ni oolcha; 3) Gabaasa raawwii hojii Mana Hojichaaf ni dhiheessa; duub-deebiiwwan kennameef hojiirra ni oolcha; 4) daawwannaan hojii dirree taasifamuuf deeggarsa ni taasisa; duub-deebii kennamu hojiirra ni oolcha; 5) Ragaawwan hojiin wal qabatan hammayyeessee ni qabata; Manni hojichaa yemmuu gaafatutti ni kenna; 6) Leenjiwwan dandeettii raawwachisummaa ogeessa seeraa isaanii cimsan adda baasuun Mana Hojichaaf fedhii ni dhiyeessa; 7) Hojii fi itti gaafatamummaa dambii kanaan kennameef hojiirra oolchuuf deeggarsa ni taasisa; 8) Qajeelfama hojii Mana Hojichaan itti kennamu ni raawwata. 9) Waliigaltee bulchiinsaa kamiyyuu raawwachuun dura wixineen waliigaltichaa Mana Hojichaatiin akka gulaalamu ni taasisa; sirreeffama barbaachisu ni taasisa; 10) Dhimmoota hariiroo hawaasaa bakka bu’ummaadhaan Mana Hojichaa irraa kennamuuf irratti himata ni hundeessa; deebii ni kenna fi falmii ni gaggeessa; 11) Dhimma hariiroo hawaasaatiin walqabatee ragaalee fi sanadoota barbaachisoo ta’an mana hojichaatiif ni dhiyeessa; 12) Dhimmoota itti himataman ilaalchisee akkuma himatni isaan dhaqqabeen Mana Hojichaatti ni dhiyeessa; 13) Himata dhiyaate irratti waraqaa waamichaa himatamaa fi ragaa ni dhaqqabsiisa; 14) Baasii adda addaa fi kisaaraa akkasumas murtii idaa dhimma hariiroo hawaasaatiin walqabatee mudatu ni uwwisa; 15) Qabeenya himatamaa raawwiidhaaf barbaachisan adda baasuun ni dhiyeessa; 16) Bu’a qabeessummaa dhimma hariiroo hawaasaatiif Mana Hojichaa waliin qindoominaan ni hojjeta. Kutaa Afur Ulaagalee fi Naamusaa Ogummaa Ogeessa Seeraa Kutaa Xiqqaa Tokko Qajeeltoo Bu’uuraa, Ulaagaa fi Ragaa Ogeessa Seeraa Ta’uuf Barbaachisan 18. Qajeeltoowwan Bu’uuraa Qacarrii Ogeessa Seeraa 1) Qacarriin ogeessa seeraa kan gaggeeffamu dorgommiin ta’a. 2) Qacarriin ogeessa seeraa haala loogii irraa bilisa ta’e, iftoomina qabuu fi itti gaafatamummaa mirkaneessuun gaggeeffamuu qaba. 3) Dorgommiin qacarrii taasifamuu miidhamtootaafi dubartootaaf akkaataa seerota rogummaa qabaniitiin dursi kennamu qaba; 19. Ulaagaalee Ogeessa Seeraa Ta’uuf Guutamuu Qaban Ulaagaaleen seerota birootiin tumaman akkuma jirutti ta’ee, namni kamiiyyuu Mana Hojii mootummaa yookiin Dhaabbilee Misooma Mootumama keessatti Ogeessa Seeraa ta’ee qacaramuuf yookiin ramadamuuf ulaagaalee armaan gadii guutuu qaba: 1) lammii Itoophiyaa kan ta’e; 2) umriin isaa waggaa 18 fi isa oli kan ta’e; 3) dhaabbata barnootaa seera barsiisuuf beekamtii qabu irraa yoo xiqqaate seeraan diploomaa yookiin levelii afur (level IV) fi isa ol kan qabu; 4) Afaan Oromoo dubbachuu, dubbisuufi barreessuu kan danda’u; 5) naamusa ol’aanaa kan qabu; 6) Yakka malaammaltummaa, amantaa hir’isuu, hanna fi gowwoomsuun raawwachuun mana murtiitti himatamee kan hin adabamne yookiin erga adabame booda akkaataa seera rogumaa qabuutiin kan moggaafame; 7) dhibee hojii ogummaa seeraa hojjachiisuu dhorku kan hin qabne; fi 8) qormaata kennamuuf kan darbu. 20. Ragaalee Ogeessa Seeraa Ta’anii Qacaramuuf Dhiyaachuu Qaban Namni kamiiyyuu Mana Hojii mootummaa yookiin Dhaabbilee Misooma Mootumama keessatti Ogeessa Seeraa ta’ee qacaramuuf yookiin ramadamuuf ragaaleen armaan gadii dhiyeeffachuu qabu: 1) Ragaa barumsaa; 2) Bara 2003 fi sanii as barumsa seeraa digirii kan eebbifame yoo ta’e, ragaa Qormaata Bahiinsa Barnoota Olaanaa darbuu isaa agarsiisu; 3) Kanneen leveliidhaan eebbifaman yoo ta’ee ragaa gahumsa ogummaa; 4) Dhaabbata fayyaa beekamtii qabu irraa ragaa bu’aa qormaata fayyaa; 5) Ragaa yakka irraa bilisa ta’uu isaa mirkaneessu bu’aa qorannoo mallattoo qubaa yookiin ashaaraa qaama ragaa kana kennuuf aangoo qabu irraa; 21. Kakuu Raawwachuu 1) Namni ogeessa seeraa ta’ee qacaramu kamiyyuu hojii jalqabuun dura kakuu itti aanu raawwachuu qaba. Ani_________, guyyaa har’aa ogeessa seeraa ta’ee yemmuun qacaramu biyyaa fi Naannoo kootiif amanamaa ta’uuf, heeraa fi seerota mootumma Federaalaa fi Naannichaa kabajee kabachiisuun ol’aantummaan seeraa akka mirkanaa’u hojjachuuf, duudhaalee naamusa ogummaa ogeessa seeraa kabajuun hojii koo akkaataa seeraatiin qofa itti gaafatamummaa ol’aanaadhaan raawwachuuf, dantaa hariiroo hawaasaa uummataa fi mootummaa kabajuu fi kabachiisuuf, kabaja ogummaa koo fi icciitii hojii eeguun dhiibbaa tokko malee amanamummaan, haqummaan, gahumsaan, sodaa yookiin loogii tokko malee hojii koo raawwachuuf waadaa nan seena. 2) Namni kakuu keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti ibsame raawwachuuf hayyamamaa hin taane kamiiyyuu ogeessa seeraa ta’ee hin qacaramu; qacarriin isaas ni haqama. 3) Kakuun raawwatame ogeessa seeraa kakuu raawwateen mallattaa’ee galmee dhuunfaa ogeessichaa keessa taa’uu qaba. 22. Mindaa fi Faayidaa Ogeessa Seeraa 1) Mindaa fi faayidaa ogeessa seeraa kan murtaa’u qorannoo Manni Hojichaa taasisu irratti hundaa’ee ta’a. 2) Kan keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jaltti tumame akkuma jirutti ta’ee mindaa fi faayidaan ogeessa seeraa mindaa fi faayidaa sadarkaa gita hojii ijoo mana hojii mootummaa, dhaabbata misooma mootummaa yookiin jaarmiyaa ummataa ogeesichi keessatti hojjatuu gadi ta’uu hin qabu. Kutaa Xiqqaa Lama Qajeeltoo Naamusa Ogummaa Ogeessa Seeraa 23. Amanamummaa Ogeessi Seeraa kamiiyyuu: 1) amaanaa sababa ogummaa isaatiin itti kenname eeguu; 2) hojii isaa seeraa fi hojmaata mana hojii isaa bu’uura godhachuun raawwachuu; 3) Dhimmoota hariiroo hawaasaa dantaa uummataa fi mootummaatiin walqabatee gochi seeraan alaa raawwatamuu isaa yoo beeke yookiin arge itti gaafatamaa hojii dhiyoo yookiin Mana Hojii Abbaa Alangaa sadarkaa isaatti jiru barreeffamaan beeksisuu qaba. 24. Haqummaa Ogeessi Seeraa kamiiyyuu: 1) waadaa seene kabajee haqaan haqaaf hojjachuu; 2) gocha waliin dhahuu irraa bilisa ta’uu; 3) Waliigaltee yommuu wixineessu, himannaa fi deebii yoo dhiyeessuufi falmu dhugaafi ragaa qabatamaa irratti hundaa’u; fi 4) Yeroo hundumaa dantaa hariiroo hawaasaa uummataafi mootummaa kabachiisuuf tattaaffii barbaachiisu taasisuu qaba. 25. Al-Loogummaa Ogeessi Seeraa kamiiyyuu hojii ogummaa isaa yemmuu raawwatu gartummaa fi loogii bifa kamiiyyuu irraa walaba ta’ee seera qofa bu’uura godhachuun hojjachuu qaba. 26. Ejjennoo Qabaachuu Ogeessi Seeraa kamiiyyuu hojii ogummaa isaatiin walqabatee: 1) Dhimma itti amaneef hanga dhumaatti ejjannoo cimaa qabaachuu; 2) Gorsa seeraa sirrii fi madaalawaa ta’e kennuu; 3) Yeroo ragaa fi odeeffannoo sassaabuu akkasumas falmii gaggeessu mirgoota namoota kabajuu; 4) Namni kamiiyyuu hojii isaa keessa seenee dhiibbaa hin malle akka geessisu hayyamuu hin qabu. 27. Iftoomina Ogeessi Seeraa kamiiyyuu dhimma hojii isaatiin walqabatee tajaajilamtoota, miiltoo hojii, hooggansa mana hojii isaa fi Mana Hojichaatiif odeeffannoo guutuu, sirrii fi ifa ta’e kennuu qaba. 28. Icciitii Eeguu 1) Ogeessi Seeraa kamiiyyuu: (a) odeeffannoo yookiin ragaa sababa hojii isaatiin argate hojii idilee isaa karaa seera qabeessa ta’een raawwachuuf barbaachisaa yoo ta’e malee icciitii eeguu qaba; (b) dhimma sassaabbii ragaafi odeeffannoo yookiin himannaan isaa hin xumuramnee fi adeemsa murtii haqaa gufachiisuu danda’u irratti ibsa kennuu yookiin maxxansuu yookiin dabarsuu irraa of qusachuu; (c) Mana hojii isaa erga gadi lakkisee yookiin iddoo biraatti erga jijjiiramee boodas sababa hojiitiin yookiin haala biroo kamiiniyyuu icciitiiwwan beeke eeguu qaba. 2) Keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti kan tumame jiraatus; balleessaa saaxiluuf jecha qaama dhimmi ilaaluuf odeeffannoowwan icciitummaa qaban beeksisuun akka icciitii baasuutti hin ilaalamu. 29. Ittigaafatamummaa Ogeessi Seeraa kamiyyuu qajeeltoowwan naamusaa darbuudhaan badii raawwatuuf kan itti gaafatamu ta’a. 30. Dantaa Uummataa fi Mootummaaf Dursa Kennuu Ogeessi Seeraa kamiiyyuu: 1) humnaa fi dandeettii qabuun dantaa hariiroo hawaasaa mootummaa fi uummata kabachiisuuf tattaaffii taasisuu; 2) faayidaa dhuunfaa isaa, kan maatii isaa, kan qaama yookiin garee biroo osoo hin taane faayidaa uummataa fi mootummaa bu’uura godhachuun hojii isaa raawwachuu; fi 3) Hojiiwwan biroo hojii idilee isaatiin walitti bu’uu danda’an kamiyyuu hojjechuu irraa of qusachuu qaba. 31. Seera Kabajuu Ogeessi Seeraa kamiiyyuu: 5) daangaa aangoo fi hojii Mana hojii isaatiif seeraan kenname keessatti hojii isaa hojjachuu; 6) Seeraa fi hojimaata bu’uura godhachuun hojii isaa raawwachuu; fi 7) Qajeelfama seera qabeessa ta’e itti gaafatamaa isaa yookiin Mana Hojichaa irraa kennamuuf raawwachuu qaba. 8) Qajeelfamni akkaataa keewwata kana keewwata xiqqa 3’tiin ogeessa seeraatiif kennamu barreeffamaan akka ta’u ogeessichi yoo gaafate barreeffamaan kennamuufii qaba. 9) Qajeelfamni bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa 3’tiin kenname seera waliin kan wal faallessu ta’uu ogeessichi yoo itti amane kanuma qaama qajeelfamicha kenne barreeffamaan beeksisuun hojiirra oolchuu irraa of qusachuu qaba. 10) Qajeelfamni bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa 3’tiin tiin kenname seeraan ala yoo ta’e, qaamni qajeelfamicha kennes ta’ee kan raawwate seera rogummaa qabuun kan itti gaafatamu ta’a. 32. Fakkeenyummaa Ogeessi Seeraa kamiiyyuu gochaafi jecha isaatiin kabaja qabaachuu, namoota kabajaan keessummeessuufi hojii ogummaa seeraa kabachiisuun hojjachuu qaba. 33. Hariiroo Ogeessi Seeraa Qaamota Biraa Waliin Qabaachuu qabu Ogeessi Seeraa kamiiyyuu: 1) jireenya dhuunfaa fi hawaasummaa isaa kabaja hojii ogummaa seeraatiin wal simsiisuu; 2) hojii isaatiin walqabatee kennaa yookiin keessummeessa kamiyyuu fudhachuu irraa of eeguu; 3) nama dhimma isa biraa kallattiinis ta’ee al-kallattiin qabu irraa maallaqa liqeeffachuu yookiin liqeeffachuuf yaaluu irraa of eeguu; 4) Hojii dallaalummaa yookiin faddaalummaa raawwachuu hin qabu. 34. Gahumsa Hojii Ogeessa Seeraa Ogeessa Seeraa kamiiyyuu: 1) seerota yeroo yeroon bahan beekuu fi leenjii qophaa’u irratti hirmaachuun gahumsa isaa gabbifachuu; 2) Dhaddacha seenuun dura qophii gahaa taasisuufi uffannaa kabaja dhaddachichaa madaalu uffatee argamuu; 3) Beekumsa, dandeettiifi cimina dhuunfaa hojii ogummaa seeraa qixa barbaadamuun hojjechuu isa dandeessisu qabaachuufi yeroo yeroon fooyyeffachaa deemuu. Kutaa Xiqqaa Sadi Hojii fi Itti gaafatamummaa Ogeessa Seeraa 35. Hojii fi Itti gaafatamummaa Hojii fi itti gafatamummaan seerota birootiin kennameef akkuma jirutti ta’ee, ogeessi seeraa kamiyyuu hojii fi itti gaafatamummaa armaan gadii ni qabaata: 1) Dhimma hariiroo hawaasaa bu’uura Dambii kanaatiin bakka bu’ummaan kennameef amanamummaa fi haala naamusa ogummaa isaa kabachiisuun rawwachuu qaba; 2) Dhimma hariiroo hawaasaa ilaalchisee qajeelfama Manni Hojichaa kennuuf fudhatee hojiirra olichuu qaba; 3) Karooraa fi Gabaasa raawwii dhimma hariiroo hawaasaa mana hojichaaf erguu qaba; 4) Dhimma hariiroo hawaasaatiin walqabatee rakkoolee fi hanqinaalee mudatan Mana Hojichaaf beeksisuu qaba; 5) Qaajeeltoowwan naamusaa dambii kana keessatti tumaman kabajuu fi kabachiisuu qaba; 6) Hojiiwwan biroo mana hojichaan itti kenname ni raawwata. 36. Itti gaafatamummaa Seeraa Ogeessi Seeraa kamiyyuu seeraa fi qajeeltowwan naamusa ogummaa karaa faallessuun kan hojjatu yoo ta’e akkaataa seerota rogummaa qabaniin kan itti gaafatamu ta’a. Kutaa Jaha Tumaalee Adda Addaa 37. Sirna Komiin Ittiin Dhiyaatu Kenniinsa tajaajila dhimma hariiroo hawaasaa Dambii kana keessatti tumamaniin walqabatee qaamni komii caasaa Mana Hojichaa irraa qabu komii isaa akkaataa armaan gadiitiin dhiyeeffachuu ni danda’a: 1) Qaamni tajaajila dhimma hariiroo hawaasaa caasaa Mana Hojichaa sadarkaa aanaa yookiin magaalaatti kenname irratti komii qabu komii isaa mana hojii abbaa alangaa godinaatti dhiyeeffachuu ni danda’a; 2) Qaamni tajaajila dhimma hariiroo hawaasaa caasaa Mana Hojichaa sadarkaa Godinaatti kenname irratti komii qabu komii isaa Mana Hojii sadarkaa naannootti argamutti dhiyeeffachuu ni danda’a; 3) Komii dhiyaate irratti murtiin Abbaa Alangaa Waliigalaatiin kennamu isa dhumaa ta’a. 38. Dirqama Deeggarsa Kennuu Qaamni dhimmi ilaalu kamiyyuu hojiirra oolmaa Dambii kanaatiif deeggarsa kennuuf dirqama qaba. 39. Aangoo Qajeelfama Baasuu Dambii kana hojii irra oolchuudhaaf Manni Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Qajeelfama baasuu ni danda’a. 40. Seerota Raawwatiinsa Hin Qabaanne Dambiin, qajeelfamnii fi barmaatileen hojii Dambii kanaan walfaalleessan kamiyyuu dhimmoota Dambii kana keessatti hammataman irratti raawwatiinsa hin qabaatan. 41. Yeroo Dambichi Hojiirra Itti Oolu. Dambiin kun ___bara 2013 irraa eegalee hojiirra kan oolu ta’a. Finfinnee, Waxabajjii____, Bara 2013 Shimallis Abdiisaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Baga Gammaddan Baga Gammanne

Mannii Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmaa gamaggamaa raawii hojii bara 2013 akka Abbaa Alangaa Waligala Oromiyaattii godhameen sadarkaa lammaffaa qabachuun isaa ibsameeraa. Sadarkaa kana qabachuu kennaaf ammoo gumaachii abbootiin alangaa godinaas ta’ee aanaalee hojjettootni deggarsaa mana hoji AA Godinichaas ta’e kan mannee hojii AA Aanaalee Qorattoonnii Polisii fi qaamooleen mana hojichaa walin qindoominaan hojetan martuu gumaacha ol’aanaa ta’e waan qabdaniif sadarkaan kuni sadarkaa kessaniis jechaa baga gammaddan baga gammannee isinin jeennaa. Bara hojii 2014 ttii ammoo haanqiinoota kenya foyyeessuufi cimina mana hojichaa ammoo daran guddisun sadrakaa kenya foyyeeffachuufi tajaajila mana hojii kenyaa si’omsuufi qaroomsuun dhaqabamumma hawaasa kenyaa sadrkaa ol’aanaa ta’eettii akka guddisuuf carraaqnu waadaa isinif galla.

Karoora Garee Komnikeshini MHAAGJ kan bara 2014.

  Mana Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmaatti Karoora Waggaa Garee Komnikeeshinii Mana Hojii Abbaa Ala gaa Godina Jimmaa.   Waxamajjii 2013 Jimmaa, Oromiyaa   Baafata. Baafata                                                                                                                                                                                 fula                                                Boqonnaa Tokkoffaa   1                                      Kuutaa Waligalaa karoorichaa. 1 1.1.     Seensa  1 1.2.     Ergama Mul’ataafii Duudhaalee  2   1.2.1.    Ergama (Mission) 2   1.2.2.    Mul’ataContinue reading “Karoora Garee Komnikeshini MHAAGJ kan bara 2014.”

STANDARDS OF PROFESSIONAL RESPONSIBILITY ANDSTATEMENT   OF THE ESSENTIAL DUTIES AND RIGHT OF PROSECUTORS pdf

STANDARDS OF PROFESSIONAL RESPONSIBILITY ANDSTATEMENT   OF THE ESSENTIAL DUTIES AND RIGHT OF PROSECUTORS IAP pdf

Oduu olmaa dhaddachaa.

Himatamaan yakka ajjechaa cimaa raawwatee MMOGJttii himatamee adabbii hidhaa cimaa waggaa 20n adabameeraa. .Mana Murtii Ol’aanaa Godina JimmaatiifJimmaa Himataan:-Abbaa Alangaa Godina JimmaaHimatamaan: Rashaad Abbaa Diggaa Abbaa Galaan, Umuriin waggaa: – 37, Hojii:- Q/bulaa, Sad.barumsaa:- 5ffaa, Haala Maatii:-qaba,Teessoon isaa Aanaa Manchoo Ganda Warabboo WarqotaaYakkichii: Seera Yakkaa RDFI bara 1996 keewwata 539(1)A irra darbuudhaan Yakkaa Ajjeechaa NamaaContinue reading “Oduu olmaa dhaddachaa.”

Murtii Dhadacha Ijibbaata MMWO jildi 8ffaa pdf

Manneen Murtii Oromiyaa tajaajila abbaa seerummaa bu’a qabeessa ta’e kennuun amantaa uummataa akka horatan taasisuun hojii murteessaa galma yeroo dheeraatti qabamee irratti hojjatamaa jiru ta’uun ni beekama. Galma kana milkeessuu keessattis qulqullina tajaajila abbaa seerummaa mirkaneessaa deemuun hojii guddaa xiyyeeffannoo ol’aanaa argatee dha. Qulqullina tajaajila abbaa seerummaa mirkaneessuufis hojiiwwan gurguddoo hojjatamaa jiran keessaa tokko tilmaamamummaa murtiiwwanii fi wal fakkeenyummaa hiikkoo seeraa dabaluu akka ta’e beekamaa dha. Murtiiwwan barsiisoo ta’an maxxansuu fi raabsuun immoo milkaa’ina hojii kanaa keessatti iddoo ol’aanaa kan qabu ta’uun wal nama hin gaafachiisu.
%d bloggers like this: