⚖️Justice ought to be timely delivered, but at the same time the judgement rendered by a court, which are the means for delivery of justice, should be framed in the best possible manner..
Mohamed Refiq

akka seensaattii
Dhimmi mana murtiiti dhihaatu kamiyyuu akka haala isaatti xummura kan argatu barreessa abbaa seerummaan (judicial writing) waan ta’ef abbaan seeraa kamiyyuurraa barreessutti eggama. Barreessii abbaa seerummaa kunis ibsitoota murtii abbaa seerummaa moggaaffama ‘ajaja’, ‘decree’ fi murtii (judgment) jechuun beekaman kan hammatuudha. Moggaaffama kanaan murtiin abbaa seerummaa kennamu mirga bitaa fi mirgaa (lubbuu, bilisummaa fi maallaqa) irratti bu’aalee adda addaa kan hordofsisudha. Amaluma hojii abbaa seerummaa ta’ee manni murtii bitaa fi mirga keessaa isa tokkoof ni murtessa; isa kaan irratti immo ni murteessa. Kanaaf murtiin gareen tokko garee kaan mohuu isaa ibsudhaan kan barreeffamudha. Inni itti murtaa’ee ammo maaliif jechuun isaa hin oolu. Maalif akka irratti murtaa’ee sababa isaa waliin beekuuf mirga mirga ol’iyyannoo burqu qaba. Murtinis haala mirga kana dhugoomsuu dandayuun barreeffamu qaba. Kana malees inni itti murtaa\’es ta’e namni kamiyyuu murtichaa fi sababa murtichaa maal akka ta’e ibsa dabalataa tokko malee akka hubachuu dandayuuf murtiin qooqa salphaa fi ifa ta’en barreeffamu qaba.
Manni murtii hawaasa mana murtiitin ala jiru wajjiin sararri ittiin wal-qunnamu keessaa tokko murtidhaani. Hawaasni jabinnaa fi laafinna manneen murtii kan madaalus ta’e manneen murtii irrattii amantaa kan gatuu murtumma kanaanii. Kanaaf murtii barreessuun hojii abbaa seerummaa isaa muummee fi hojii of eggannoo ol’aanaa barbaaduudha. Manni murtii hawaasaaf tajaajila haqaa kennuuf qaama dhaabatee yammuu ta’u haqa kanaas kan bulchuu murtii kennuudhaani. Kallattii kanaan hawaasni manni murtii ariitiin/dafee murtii akka keennuu qofa osoo hin taane murtiin mana murtichaa kan qulqullina qabu akka ta’u barbaadu.
Qulqullinnii murtii wantoota adda addaa irratti kan hundaa’ee ta’us kana keessaa tokko barreessa murtiitti. Barreessii murtii ammoo beekumsa seeraa qofa osoo hintaane dandeetti/ogummaa murtii barreessuu kan gaafatuudha. Dandeettiin/ogummaa kun ammoo beekumsa seeraa qofaan kan argamu osoo hin taane shakaallii yeroo dheeraa fi muxannoon kan argamuudha. Haala kanas oggeessi seeraa tokko:
“Judgment writing is an art by itself and can not possibly acquired in any perfection without adequate knowledge, long practice and experience” jechuun haala dansaa ta’en kaayaniru.
Dandeettii/ogummaa murtii barreessuu gabbifachuun tattaafi fi cimina tokko tokko abbaa seeraa kan gaafatu ta’us akka waliigalatti murtii gaarii ta’e tokko barreessuuf qabxiilee abbaan seeraa tokko hubachu qabu jiru. Kana waan ta’ef qulqullina murtilee manneen murtii keenyaa mirkanessuf barreessa murtii irratti hubannoo abbootii seeraa cimsuun barbaachisaadha. Qabiyyee fi raawwannaa seerota barreessa murtii ilaallatanii fi kallattii kanaan qabatamaatti rakkowwan jiraniis sakatta’un murteessadha. Kaayyon Barruu kanaas kanuma
⚖️MHAAGJ⚖️