Posted in Uncategorized

Barruu Qo’annaa Seeraa.

Federeeshina Itiyoophiyaa Kessattii qodinsa angoo bulchinsa qabenya umaamaa ilaalchisee.

qo’annaa qabatama MNOtti hundaa’ee.

Yaada Waliigalaa  

Heerri Rippaabilika Dimokraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa [1] , sirna mootummaa dimokraatawaa federaalawaa biyya keenya keessatti hundeesseera.[2] Sirna mootummaa federaalawaa keessatti yoo xiqqaate mootummaalee lamatu jira: Mootummaa federaalaa (giddu-galeessaa) fi mootummaalee naannoo jechuu dha. Aangoon mootummaa, jechuunis aangoon seera tumuu, aangoon seera hiikuu fi aangoon seera raawwachiisuu mootummaa giddu-galeessaa fi mootummaa naannoo gidduutti heeran adda qoodama.2 Heerri RDFI kwt 5155 keessatti dhimmoota akkamii irratti mootummaan federaalaa fi mootummaaleen naannoo aangoo seera baasuu akka qaban ifatti adda baasee jira. Haaluma kanaan, mootummaan federaalaa fi mootummaan naannoo, dhimma walfakkaatoo muraasa irratti lamaanuu aangoo seera tumuu bakka itti qaban jira [3] , dhimmoota tokko tokko irratti ammoo mootummaa Federaalaa qofatu aangoo seera tumuu qaba[4], ammas dhimmoota kan biroo irratti aangoo seera tumuu mootummaalee naannootiif waliin kennameera.[5]  

Mootummaaleen kanneen walaba ta’anii (autonomous) bu’uura heeratiin aangoo isaaniif kenname hojiirra oolchuu danda’u.[6] Mootummaaleen sadarkaa lamaan irra jiran aangoowwan addaan isaanii qoodamee jiru walii kabajuun gahee hojii walii keessa seenuu irraa ofqusachuu qabu jechuu dha.[7] Aangoo heeran qaama tokkoof kenname keessa qaamni biraa kan seenu taanaan olaantummaan heeraa fi seeraa akka hin kabajamne taasisuutti dabalee, qabeenyi uumamaa qaama qabeenya sanatti dhiyoo jiruun akka hin hogganamne akkasumas dantaan uummataa akka hin mirkanoofnee fi dimokiraasiin akka hin baballanne gocha taasisuu dha.[8] 

Dhimmoota qoodinsi aangoo heera RDFI tiin mootummaa federaalaa fi mootummaalee naannoo gidduutti qoodame keessaa tokko bulchiinsa qabeenya uumamaati. Qabeenyi uumamaa qabeenya lafa irratti, lafa jalatti ykn lafa keessatti uumamaan argamuuf fedhii dhala namaa guutuuf uumaa irraa kenname yoo ta’u, qabeenyi kun albuudota, bishaan, bosona, lafa, gaasii uumamaa fi kanneen kana fakkaata kan hammatu dha.[9] Itoophiyaan biyya qabeenya uumamaan badhaate yoo taatu[10] achi keessatti qoodni Naannoon Oromiyaa qabu daran olaanaa dha. Bu’uura heera RDFItti aangoon itti-fayyadamaa fi kunuunsa qabeenyaa uumamaa irratti seera tumuu mootummaa federaalaatiif kan kenname yoo ta’u, aangoon qabeenya uumamaa bulchuu akka hojjetu qofatti kan aangeffame ammoo mootummaa naannoo qabeenyi sun keessatti argamu dha.  

Seerotni qabeenya uumamaa kan akka qabeenya bishaanii, qabeenya albuudaa fi qabeenya bosonaa irratti mootummaa federaalaatiin tumamanii jiran aangoo qabeenya uumamaa bulchuu mootummaan naannoo Oromiyaa qabu kan mulquu fi sarbu yoo ta’u, itti-fayyadama, bulchiinsaa fi kunuunsa qabeenya uumamaa kanneen irratti akkasumas faayidaa mootummaan naannoo Oromiyaa fi uummata naannichaa irratti miidhaa geessisuu irratti argama. [11]  Fakkeenyaaf, mootummaa federaalaatiin labsiileen labsaman, labsiin bulchiinsaa fi ittifayyadama qabeenya bishaanii lak. 197/92 fi labsiin hundeeffama manneen maree fi abbootii taayitaa sulula laggeenii lak.534/99 qoodinsa aangoo seera tumuu heeraan daangaa itti godhame kan cabsuu fi faayidaa gara garaa mootummaan naannoo argachuu malu kan dhabsiisu akka ta’etti ibsuun ni danda’ama.[12] Gamaa biraan, labsii misooma albuudaa lak. 678/2002 aangoo albuuda bulchuu mootummaalee naannoo irraa kan fudhate ta’uu hubachuun kan danda’amu yoo ta’u, hayyama hojii albuudaa garaagaraa hojii albuudaa gurguddaa fi xixiqqaa Oromiyaa keessa jiru keessaa 76 (torbaatamii jaha) kan tahu irratti hayyama kan kennee jiruu fi bulchaa jiru mootummaa Federaalaati.[13] Kanarraan kan ka’e Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi uummatni naannichaa faayidaa qabeenya albuuda naannichaa irraa argachuun isaaniif malu sirnaan akka hin arganne taasisuu irra darbee qabeenyichuma irrattiyyuu miidhaan akka qaqqabu taasisaa jira.[14] Dabalataanis, labsiin eegumsa, misoomaa fi itti-fayyadama bosonaa lakk. 1065/2010 bulchiinsa bosonaa ilaalchisee aangoo mootummaa federaalaa fi naannolee gidduutti qoqqoodee kan jiru yoo ta’u, bosona faayidaan isaa akka biyyoolessaa fi addunyaatti qabu olaanaa ta’e ykn bosonichi mootummaa nannootiin sirnaan kan hin eegamnee fi hin misoomne yoo ta’e mootummaa federaalaa kan bulchu akka ta’e tumee jira.[15] Kun immoo aangoo qabeenya bosonaa Mootummaan Naannoo Oromiyaatiif heeraan kenname kan sarbu ta’ee mul’ata.  

Qorannoon kunis, bulchiinsa qabeenya uumamaa ilaalchisee aangoo mootummaan naannoo Oromiyaa qabu maal akka ta’ee fi mootummaa naannichaa irraa aangoo seeraan ala mootummaa federaalaan fudhatamee fi dhiibbaa dhaqqabsiisaa jiru adda baasuu irratti kan xiyyeeffatu yoo ta’u, gama kanaan rakkoowwan qabatamaan dantaa fi faayidaa mootummaa fi uummata naannichaa irra gahaa jiru sakatta’uun yaada furmaataa kan akeeku ta’a.  

One-Time
Monthly
Yearly

Make a one-time donation

Make a monthly donation

Make a yearly donation

Choose an amount

$1.00
$5.00
$10.00
$5.00
$15.00
$100.00
$5.00
$15.00
$100.00

Or enter a custom amount

$

Your contribution is appreciated.

Your contribution is appreciated.

Your contribution is appreciated.

DonateDonate monthlyDonate yearly

Leave a Reply