Barruu Raawwii Murtii seera hariiroo haawaasa pdf

\"\"

Seensa Waliigalaa
Falmiin hariiroo hawaasaa uumama isaatiin mirgi nama dhuunfaa kan keessatti kabajamuu fi
dantaa hawaasaa bal’aa kan of keessaa hin qabne waan ta’eef falmii dhuunfaa jedhamee
beekama. Namni mirgi koo tuqame jedhu himannaa mana murtii aangoo qabutti dhiheessuun
manni murtiis adeemsa seeraan tumame hordofuun dhuma irratti murtii kan kennu yoo ta’u,
murtii kennuun qofti garuu mirga nama miidhamee kabachiisuu hin danda’u. Murtiin manni
murtii kennu bu’uura seeraa kan qabuu fi raawwatamuu kan danda’u ta’uu qaba. Haa ta’u malee,
kun qofaan galma ta’uu hin danda’u. Ciminni mana murtiis kan ittiin madaalamu murtii
murteessuu qofaan osoo hin taane, murtii ofii isaatii murteesse abbaa mirgaatiif raawwachiisuu
yoo danda’eedha. Olaantummaan seeraa mirkanaa’eera jechuun kan danda’mus murtiin mana
murtiin kenname raawwatamuu yoo danda’e qofaadha. Murtiin mana murtiin kennamu kun
haala haqa qabeessaa fi adeemsa sirrii keessa darbee akka raawwatuuf seera dhimmicha
qajeelchu qabaachuun barbaachisaadha. Kana dhugoomsuuf raawwii murtii hariiroo hawaasaa
ilaalchisee qaamni seera baasu haala kamiin geggeeffamuu akka qabu Seera deemsa falmii
hariiroo hawaasaa biyya keenyaa bara 1958 bahe kwt.371- 461 jalatti bal’inaan tumeera.
Haa ta’u malee, qabatama manneen murtii keenyaa yeroo ilaallu, tumaaleen kun haala kaayyoo
yaadame galmaan ga’uu danda’uun hojiirra oolaa jiru jechuun hin danda’amu. Kunis abbootiin
seeraa keenya tumaalee raawwii murtii ilaallatan kanneen qixa barbaadameen hubachuu dhabuu,
akkasumas seerichi bakka tokko tokkotti ifa ta’uu dhabuu fi qaawwaa qabaachuu isaa irraa akka
ta’e hojimaata jiru irraa hubachuun ni danda’ama. Fakkeenyaaf, manneen murtii keenya, raawwii
murtii qarshiin walqabatee iyyannoo raawwii dhihaatu, tarree qabeenyaa(haala manni murtii
deggersa ittiin gaafatamu) hin qabne ofitti fuudhanii keessummeessuun M/A/Idaa dhaddacha
irratti raawwachuu yoo dhabe qabeenya isaa barbaacha M/A/mirgaa waliin yeroo rakkatanii fi
sababuma kanaan galmeen raawwii lafa irra yeroo harkifatu kan mul’atuudha. Gama biraan,
M/A/Idaa hidhamee raawwachuu hin qabne hidhamee akka raawwatu yeroo taasisan fi galmee
raawwii irratti akka feeteen nama hidhuun bal’inaan kan mul’atuudha. Qabeenyi murtiin abbaa
idaa raawwiif qabamuu danda’an kanneen akkamiiti kan jedhu irrattis hubannoo gahaa dhabuun
qabeenyi raawwiif qabamuu hin dandeenye yeroo qabamuu fi caalbaasiin yeroo gurguramu ni
mul’ata. Akkasumas eenyutu qabeenya raawwiif qabame irratti mormii dhiheessuu danda’a kan
jedhuu fi mirga dursaa abbootii mirgaa ilaalchisee hubannoo walfakkaataan abbootii seeraa bira

\"\"

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

%d bloggers like this: