Posted in Articles in eglish, Pdf

Barruu xinxala Murtii dhaddacha ijibbaata Federaala. Pdf

HAALA MIRGI WABII ITTIIN DHOORKAMU SEERA DEEMSA FALMII YAKKAA  ITOOPHIYAA  KEEWWATA  67(A)  Vs  MURTII DHADDACHA IJIBBAATAA  MANA MURTII WALIIGALAA FEDELAALAA  JILDII 12FFAA LAKK.GALMEE  IJIBBAATAA 59304 TA’E  IRRATTI KENNAME 

Qopheessaan Abdusalam M. (MHAAGJti AA Aanaa)

Xinxalli barruu kana irrattii godhamee ijjennoo seeraa abbaa barru kana qophesseeti.

Garee Komn MHAAGJ.

1.1. Seensa

Akkuma beekkamu Mirgi Wabii mirga bu’uuraa heera mootummaatiin beekkamtii argatee dha. Heera Mootummaa Federaalaa  Dimokiraatawaa Rippablika Itoophiyaa kew.19(6) jalatti Qajeeltoon jiru mirgi wabii shakkamaadhaaf eegamuu akka qabuu dha. Haa ta’u malee mirgi wabii mirga daangaa hin qabne (absolute right) miti. Mirgi kun haala addaan seeraan tumameen dhoorkamu danda’a ykn mirkaneessa wabii gahaa ta’e akka dhiyeessu  taasifamuu danda’a. Seerota haala addaatiin mirga wabii tuman keessaa Seerri deemsa falmii yakkaa isa tokkoo dha. Seerri deemsa Falmii Yakkaa Kewt. 67 haala  addaa (Exception to the principle ) dha. Inumaayyuu Haala addaa qajeeltoof qofa osoo hin taane Haala addaatiif adda (exception to the exception ) fakkaata . Sababni isaas shakkamtoota mirgi wabii isaanii SDFY kew.63 jalatti eeyyamamuufii danda’an  kew. 67 jalatti haalli itti dhoorkamuu danda’an ni jiraata waan ta’eefidha. Akka qajeeltoo hiikkoo seeraatti immoo seerri dhimma tokko haala addaatiin yeroo tumu haala dhiphina qabuun   hiikamuu  qaba.

Haaluma kanaan Barreeffama gabaabaa kanaan immoo dhimma mirga wabii SDFY keewwata 67(A) jalatti mirga wabii waliin walqabatee haalli mirgi wabii ittiin dhoorkamu ilaaluuf yaalla.

1.2. GAAFFII BARREEFFAMICHAAN DEEBI’UU QABU

SDFY KEW.67 haallan mirgi wabii itti dhorkamuu danda’an keessaa tokko 67(A) jalatti dirqama wabii irratti ibsame  kan  raawwatu ta’ee yoo hin mul’annee dha. Gaaffiin asirratti deebii barbaadu; –

  • dirqama wabii hin raawwatu jedhanii tilmaamuuf dhimmi ilaalamuu ykn mirkana’uu qabu maali?
  • Iyyataan dirqama barreeffamee wabii irratti ibsamee jiru kan raawwatu ta’ee yoo hin mul’anne 

Asirratti Abbaan Alangaa  kewt 67(A) caqasuun shakkamtoonni ykn  himatamaan miliquu waan danda’uuf jechuudhaan qofa  mirga wabii isaa nuuf haa dhoorkamu jedhanii dhiyeessu   akka hin qabne hubatamuu qaba..

 Abbaan Alangaa  Manni Murtii  shakkamtoonni miliquu danda’u jedhee tilmaamuu akka danda’u wanta qabatamaa ta’e mana murtiidhaaf dhiyeessuu qaba.

 Abbaan Alangaa  waa’ee   Amala himatamaa, Haala jireenya isaa (fkn,teessoo,maatii, iddo jireenya   dhabbata kan qabu ta’u),Nama naannoo kana gadhiisee miliqee iddoo kan biraatti jiraachuu danda’a  jedhamee kan shakkamu ta’uu fi dhiisuu fi kkf qorachuun

Yakka raawwatamee fi eenyummaa namichaa madaaluudhaan shakkamaan kun Mana Murtichaatti deebi’ee dhiyaatuu akka hin dandeenye ta’uu isaa tilmaamni akka fudhatamuuf carraaquu qaba.  Dhimma kanaan wal qabatee rakkoowwan jiran yeroo tokko tokko Ragaan deeggaruu dhabuun ni mul’ata.

  • Kanaafuu Wanta qabatamaa ta’e shakkamaan ykn himatamaan mana murtiitti dhiyachuu hin danda’u jedhamee shakkisiisuu danda’u jirachuun isaa sirritti qulqulla’uu qaba.

federashini-itiyo-fi-qodinsa-ango-qabenya-umaamaa pdf download hear.

1.3. DHIMMA QABATAMAA

Dhimma kana ilaalchisee dhimma qabatamaa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa dhaddacha ijibbaataatiin murtaa’e tokko Haa xinxaalluu;

Mirga Wabii waliin walqabatee Manneen murtii Mirga  wabii himatamaa dhoorkuuf baay’inni himannaa yakkaa ittiin himatamanii fi ulfatina yakkichaa ka’umsa godhachuu akka danda’amu  S/D/F/Y kwt 67(A)  ilaalchisee   Jildii 12ffaa Lakk.galmee IJibbaataa 59304  ta’e irratti  dhimma  Iyyattoota Jara  Obboo Ayyaalew Tasammaa  fa’aa nama sadi fi  Waamamaa Abbaa Alangaa Abbaa Taayitaa Galiiwwanii fi Gumurukaa  Itoophiyaa  obbo Isheetuu W/Samaayaat  fa’aa nama sadi gidduu turerratti  murtii manneen murtii jalaa cimsuun murteesse baay’ee gaarii fi keewwata kana ilaalchisee daran iftoomina kan uumee dha.

Dhimmichi sirritti akka hubatamuuf jecha Murtii dhaddachi Ijibbaataa Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa kun kenne  guutummaatti Akka itti aanutti gara Afaan Oromootti hiikamuuf yaalamee jira .

dhimmichi gochi yakkaa raawwatameera jedhamee himata dhiyaate hordofee gaaffii mirga wabii ka’e kan ilaaluu dha. Dhimmichaan Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti himataa kan ta’e Waamamaa ammaa ykn deebi kennaa A/Alangaaa  Abbaa taayitichaatiin Iyyattoota irratti himata bu’uuresseera.  Iyyataa ammaa 1ffaa irratti himata 11 Iyyataa ammaa 2ffaa  irratti himata shan  iyyataa 3ffaa irratti Himata 6(jaha) hundeessuu isaanii jala murtiin mana murtii jalaa ni addeessa. Iyyattoonni gaaffii mirga wabii kan dhiyeessan gochoonni yakkaa himata keeessatti ibsaman mirga wabii kan dhoorkisiisu miti jechuun yoo ta’u ,Abbaan alangaa immoo  gaaffii iyyattootaa kana kan morme iyyattoota irratti himatni dhiyaate waggaaa 15 ol adabsiisuu danda’a,Iyyattoonni wabiin yoo bahan dirqama wabii isaanii kabajanii mana murtii hin dhiyaatan ,yakka biroo raawwachuuu danda’u ,ragoota bituun ykn sossobuun ykn ragaa waan tahu balleessuu danda’u sababoota jedhuun S/d/f/y kwt 63,67/a/,/b/,/c/, caqasuudhaani .

Kana booda Manni murtii jalaa garee lamaan irraa falmii dhiyaatan qoratee iyyattoonni himatni yakkaa ittiin himataman ulfaataa ,daddabalamaa ta’uu isaaniitiif iyyattoonni mirgi wabii isaanii yoo kabajameef dirqama wabii isaanii kabajuu danda’u amantaa jedhu horachuu kan danda’amuu miti  sababa jedhu kennuunii fi S/D/F/Y kwt 67(A) qofa  caqasuun gaaffii mirga wabii iyyattootaa kufaa taasisee jira. Murtee kanaan waliigaluu dhabuun  iyyattoonni oliyyatasaanii  mana murtii waliigalaa Federaalaatti dhiyeeffataniis fudhatama hin arganne. Iyyatni Ijibbaataa ammaa kan dhiyaateefis murtii kana mormuudhaan jijjiirsisuufidha, Nutiis Abukaattonni iyyattootaa Waxabajjii 30,2002 iyyata barreeffamaan dhiyeeffatan ka’umsa godhachuudhaan Waamamaa dhiyessisiifne falmicha barreeffamaan akka taasisan goonee jirra. Iyyatichi Dhaddacha ijibbaataatiin akka ilaalamu kan murtaa’e gaaffii mirga wabii iyyattootaa manni murtii jalaa kufaa yeroo taasisu qabxiileen akka sababaatti qabatan s/d/f/y kwt 67(A) jalatti qabxii tuqame qabxii bu’uuressaa [firii dubbii keewwaticha bu’uureessan] ta’uu fi ta’uu dhabuu qorachuuf jecha. Waan ta’eefis gama kanaan Falmiin Abukaattonni iyyattootaafi Abbaan Alangaa dhiyeessan Murtii Iyyattichi irratti dhiyaateefi Seeraa waliin walbira qabnee ilaallee jirra. Manneen murtii jalaa Iyyattoota irratti tumaaleen caqasaman matuma isaanii wabii kan dhoorkisiisan akka hin taane dhimma hubatee fudhatee dha. Kana waan ta’eefis Iyyattoonni mirgi wabii isaanii akka eegamuufif mana murtii himaticha ilaaluuf gaaffii dhiyeessanii jiru.

abdusalaam-xinxaala-murtii-dhaddacha-ijibbattaa-jildii-24ffaa xinxala kanaan duuraa asii argadhaa.

Bu’uurarraa Mirgi wabii Mirga Heera Mootummaatiin eegumsa argate mirga bu’uuraa namoota qabamanii keessaa isa tokkoo dha. Heera Mootummaa  FDRI keewwata 19(6) jalatti namootni qabaman  wabiidhaan gadhiifamuuf mirga kan qaban ta’uu sadarkaa qajeeltootti kan kaa’e yoo ta’u ,mirgi heera mootummaatiin kabajame ‘mirgi bu’uuraa kun ‘ dhoorgamuu,daangeffamuu, ykn mirkaneessa wabii gahaa ta’e akka dhiyeessu kan taasisu tarreeffama seeraa rogummaa qaban biroo irratti hundaa’uun haala adda ta’een ta’uu akka qabu tumaan heera mootummaa kun ifaan agarsiisa. Mirgi wabii mirga bu’uuraa mirga heera mootummaa ta’uus mirga daangaa hin qabne osoo hin taane Akkaataa seeraatiin dhoorgamuu kan danda’uu dha. Waan ta’eefis Gaaffiin wabii fudhatama qabaa? moo fudhatamaa hin qabu ? kan jedhu irratti manni murtii mana murtii kennu ta’uu wajjiin gama kanaan seera addaa rogummaa qaban bu’uura godhachuun dhimmicha madaalee murtii kennuu akka qabu ifaa dha. Dhimma Harkaa qabnuun gaaffiin wabii iyyattootaa kan keessummeeffame S/D/F/Y kwt 67 bu’uura godhachuuni Tumaan kun haalota iyyata xalayaa wabummaatiin gadidhiifamuu itti hin danda’amne kaa’ee jira. Manneen Murtii jalaa Gaaffii wabii iyyattootaa fudhatama kan dhabsiise tumaa caqasame qubee ‘A’ jalatti haala kaa’ame caqasuudhaani. Dhugumatti Tumaan kun dirqama xalayaa wabummaatiin kaa’ame iyyattootni kan  raawwatan kan hin fakkaanne akka ta’e gaafficha kufaa taasisuun akka danda’amu agarsiisa.  Asirratti dhimmi ol’aanaan hubatamuu qabu garuu tumaa kana gama hojiirra oolchuutiin manni murtii sababootni ilaalcha keessa galchuu qabu maali ?ta’uu kan qabuu dha.  Manni Murtii wabii dhoorkuudhaaf haalotni tilmaama isaaf ka’umsa godhatu tumaa caqasameen ifatti hin kaa’amne . Akkana yoo ta’e himatamaan tokko mirgi wabii yoo eeggameef dirqama isaa kan raawwatu hin fakkaatu jedhamee tilmaama kan fudhatamu sababani gahaa fi seera qabeessa ta’uu kan danda’u ta’uu qaba jedhamee kan amanamu yoo ta’u sababootni gahaa fi seera qabeessa dhimmi jedhu haalota adda addaa  naannawa jiran fi Amala addaa dhimmichaa irraa ka’uun ta’uu akka  qabu Qabxii  manni murtii hubachuu danda’u jedhamee kan yaadamuu dha. Tumaan S/D/F/Y kwt 67 akkaataan itti bocamee fi qabiyyeen isaa akka waliigalaatti yoo ilaalamu Manni murtii mirga wabii haalota   itti dhoorgu kan hubachiisu yoo ta’u  sababoota manneen murtii haalota adda addaa irratti hundaa’uun madaalamuu kan qabanii dha. Gama dhimma qabanneetti yoo deebinuus manneen murtii jalaa gaffii mirga wabii iyyattootaa kufaa kan taasisan wabiidhaan yoo bahan dirqama wabummaa kabajanii argamu jechuudhaaf kan danda’amu miti sababa jedhuuni. Tilmaama kana bu’uurri isaa  himata iyyattoota irratti dhiyaate baay’inaa isaa fi cimina yakkichaa fi bu’aa inni hordofsiisuu dha. Manni murtii jalaa yakkoonni cimaa fi daddabalamaa ta’uu isaanii tilmaamichaaf ka’umsa godhatanii jiru.  Manni murtii sababoota kanneen irratti hundaa’uun wabii dhoorkaniiru. Sababa kana immoo ka’umsa akka hin godhatne  seeraan dhoorkamaa dha jechuun hin danda’amu. Seerichi mana murtiitiif Aangoon mana murtiitiif kan kenname ta’uun kan amanamu yoo ta’e , Manni murtii jalaa sababa seera qabeessa bu’uura osoo hin godhatin murtii kan kenne ta’uun mirkanaa’uu qaba.  Dhaddachi  ijibbaataa kuniis Heera Mootummaa FDRI Kwt 80(3)(A) fi Labsii Lakk.25/1988 kwt 10 irratti hundaa’uun Aangoo kennameefin  murtii dhumaa kamiyyuu dogoggora seeraa isa bu’uura qabu sirreessuu dha.  Waan ta’eefis Manneen murtii jalaa Heera Mootummaa FDRI kwt 19(6) fi S/D/F/Y kwt 67(A) irratti hundaa’uun murtiin kennan Aangoo seerri kenneef irratti hundaa’uun murtii kennan jedhamuu irraa kan hafe gama  akkaataa hiikkoo seeraa fi hojiirra oolmaa seeraatiin dogoggora seeraa bu’uuraa qaba jechuunin hin danda’amne.

 

Akka Waliigalaatti Dhimma armaan olii irraa kan hubatamu

Himatni yakkaa himatamtoonni ittiin himataman dhimmi shakkamaan ittiin shakkame  ulfaataa  fi ,daddabalamaa ta’uu isaaniitiif  himatamtoonni dirqama wabii isaanii kabajanii mana murtiitti deebi’uu hin danda’an jedhamee tilmaama fudhachuun mirga wabii dhoorkuun  akka danda’amu ,kana malees dhimmootni  biroo himatamaan dirqama wabii isaa kabajee mana murtiitti dhiyachuu hin danda’u jedhamee shakkisiisuu danda’u  jirachuun isaa sirritti qulqulla’uun yoo dhiyaate mirga wabii dhoorkisiisuun akka danda’amu hubatamuu qaba.

 

 

MHAAGJ

One thought on “Barruu xinxala Murtii dhaddacha ijibbaata Federaala. Pdf

Leave a Reply