Barruu xinxala seeraa kana kan qophessee Abdusalam Mohammed.
Godina Jimmaattii AA Aanaa Sigimoo.
Seensa Waligalaa barruu kanaa
Akkuma beekkamu tumaaleen seera yakkaa baay\’inaan hojiirra ooluu fi yeroo baay\’ee qabatama hojii keessattis walfalmisiisaa ta\’e tumaalee seera yakkaa biyya keenyaa yakkoota qaamaa fi fayyaa namaa irratti raawwatamuun walqabatee jiru isa tokkoo dha. Garaagarummaa ejjannoo Tumaalee kanneniin dhiphisuun walqabatee dhaddacha ijibbaataatiif dhimmi dhiyaatee murtaa\’e baay\’inaan hin mul\’atu. Haa ta\’u malee dhiheenya kana murtiin dhaddachi ijibbaataa Mana murtii waliigalaa Federaalaa dhimma tumaa seera yakkaa kwt 555 fi 556 ilaalchisee murtii dirqisiisaa kenne immoo daran falmisiisaa fakkaata. kunis dhimma dhiyaateef ilaalchisee murtee yemmuu kennan yakki tokko miidhaa qaamaa cimaa kwt 555 ta\’uuf meeshaan fayyadamuu akka ulaagaa ta\’eetti tahuu qaba yaada jedhu of keessatti kan calaqqise waan ta\’eef .
Barreeffamni gabaabaan kunis dhimma murtii dhaddacha ijibbaataa kanaan kenname ilaalchisee yaada ogummaa bu\’uura seera yakkaa biyya keenyaa jalatti kaa\’ameen maal fakkaata jedhu irratti kan qophaa\’ee yoo ta\’u gaaffileen barreeffachichaan deebisuuf yaalamus ;
- Maalummaan miidhaa qaamaa cimaa fi salphaa itti yaadamee raawwatamuu seera yakkaa keenya jalatti haala kamiin ibsama.?
- Dhimma Namni yakki miidhaa qaamaa irratti raawwatamee lafeen isaa cabee fi cabuun isaas mana yaalaan mirkanaa’e ragaan mana yaalaa dhiyaate, kan kufuu qabu S/Y RDFI kwt 555(c) jalatti moo 556(1) jalatti ?miidhaa qaamaa cimaaa 555(c) jalatti himata banuuf yakkichi meeshaan raawwatamuu fi haala biraan raawwatamuun ulaagaa dha ? kan jedhu dha.
- Garaagarummaan kwt seera yakkaa 555 fi 556(1),556(2)a,b fi c maali ?
Xinxala seeraa barressun yoo nuf ergitan bekkamti isinif keennuun gulaallee kan isinif maxxansinuu ta\’a
mana hoji abbaa alangaa godina jimmaa.

⚖️MHAAGJ⚖️