Posted in Uncategorized

Barruu Xinxala seeraa.

Barrun kuni xinxala Murtii Dhadacha Ijibbaata Federaalaa Lakk 16816 ta’e irrattii taasifamee. Seera Yakkaa bara 1996 bahee kewwata 555 fi 556 bu’ureffachuun xinxala godhamee dha.

Qophessaan:- Abdussalam Mohammed

Mana Hojii AA God jimmaattii Abbaa Alangaa Aanaa Sigimoo
1.1 seensa.

Akkuma beekkamu tumaaleen seera yakkaa baay’inaan hojiirra ooluu fi yeroo baay’ee qabatama hojii keessattis walfalmisiisaa ta’e tumaalee seera yakkaa biyya keenyaa yakkoota qaamaa fi fayyaa namaa irratti raawwatamuun walqabatee jiru isa tokkoo dha. Garaagarummaa ejjannoo Tumaalee kanneniin dhiphisuun walqabatee dhaddacha ijibbaataatiif dhimmi dhiyaatee murtaa’e baay’inaan hin mul’atu. Haa ta’u malee dhiheenya kana murtiin dhaddachi ijibbaataa Mana murtii waliigalaa Federaalaa dhimma tumaa seera yakkaa kwt 555 fi 556 ilaalchisee murtii dirqisiisaa kenne immoo daran falmisiisaa fakkaata. kunis dhimma dhiyaateef ilaalchisee murtee yemmuu kennan yakki tokko miidhaa qaamaa cimaa kwt 555 ta’uuf meeshaan fayyadamuu akka ulaagaa ta’eetti tahuu qaba yaada jedhu of keessatti kan calaqqise waan ta’eef .
Barreeffamni gabaabaan kunis dhimma murtii dhaddacha ijibbaataa kanaan kenname ilaalchisee yaada ogummaa bu’uura seera yakkaa biyya keenyaa jalatti kaa’ameen maal fakkaata jedhu irratti kan qophaa’ee yoo ta’u gaaffileen barreeffachichaan deebisuuf yaalamus ;
• Maalummaan miidhaa qaamaa cimaa fi salphaa itti yaadamee raawwatamuu seera yakkaa keenya jalatti haala kamiin ibsama.?


• Dhimma Namni yakki miidhaa qaamaa irratti raawwatamee lafeen isaa cabee fi cabuun isaas mana yaalaan mirkanaa’e ragaan mana yaalaa dhiyaate, kan kufuu qabu S/Y RDFI kwt 555(c) jalatti moo 556(1) jalatti ?miidhaa qaamaa cimaaa 555(c) jalatti himata banuuf yakkichi meeshaan raawwatamuu fi haala biraan raawwatamuun ulaagaa dha ? kan jedhu dha.
• Garaagarummaan kwt seera yakkaa 555 fi 556(1),556(2)a,b fi c maali ?

Midiyaa Mana Hojii AA Godina Jimmaa

Maalummaa yakka miidhaa qaamaa cimaa fi salphaa itti yaadamee raawwatamuu seera yakkaa keenya jalatti yoo ilaallu
Yakki miidhaa qaamaa gosoota yakkaa qaamaa fi fayyaa namaa irratti raawwataman keessaa tokko;ta’ee Mirga bilisummaa fi nageenya qaamaa mirga namoomaa Heerri Mootummaas ta’ee tumaawwan walii galtee idila addunyaa biyyattiin mallateesiteen fudhatama argatee sarbuu dha. Seerri yakkaa keenyas haguuggi kenneefi jira.
Miidhaa Qaamaa Cimaan
Kwt 555. Namni kamiyyuu itti yaadee;
a. Lubbuu miidhamaaf haala yaaddeessuun yokiin qaama yokiin sammuu isaa irra mudaa yeroo maraa fiduun nama biro irratti miidhaa kan geesssise yoo ta’e yoki,
b. Qaama yokiin kutaa qaamaa yokiin qaamolee miiraa barbaachisoo ta’an nama biro keessaa tokkko kan hir’ise,akka hin tajaajille kan taasise yokiiin,hala suukanneessaa fi ifatti mul’atuun bifa isaa kan balleesse yoo ta’e yokiin
c. Karaa biroo kamiiniyyuu miidhaa yokiin dhukkuba cimaa nama biro irraan kan gahe yoo ta’e ,
Akka haala dubbichaafi akka ulfaatina miidhichaaatti hidhaa cimaa waggaa kudha shan hin caalleen yokiin hidhaa salphaa waggaa tokkoo gadi hin taaneen ni adabama. jechuun tumamee jira.


Seerri yakkaa keenya yakki kun ‘kana’ jechuun hiikkoo itti kennuu baatuus Seerichi jiraachuu yakkichaa adda baafachuuf akka ooluuf qofa bu’aawwan yakkichi hordofsiisuu qabu tarreessee kaa’uf yaalee jira.
• Kana irraa kan hafe seerichi gosa miidhaawwan kanneenif hiikaa hin kennu.
• Yakka ta’e jedhamee qaamaa yookin sammuu namaa irraatti miidhaa cimaa geessisuuf raawwatamuu dha.
• Haalli raawwii yakkichaas cimaa, hammeenyummaa kan qabuu fi miidhaan geessissus cimaa dha.
• Kanaaf, miidhaan gahe tokko akka midhaa qaamaa cimaatti kan lakkaa’amu miidhaan kun:
 qaamni nama miidhaan irra gahe sun Haala uumaan isa uumteen guutee argamuu irraa dhaabbin yoo hir’ise yookin
 Lubbuu miidhamaaf haala yaaddeessuun yokiin qaama yokiin sammuu isaa irra mudaa yeroo maraa fiduun nama biro irratti miidhaa kan geesssise
 Dhaabbiin bifa isaa yoo balleesse ykn
 dhaabbiidhaan akka hin tajaajille yoo taasisee .
 miidhaa ykn dhukkuba cimaa irraan gahe dha.
Keessattuu immoo gaaleewwanii fi jechootni s/y kwt 555(b) jalatti seerichi miidhaa kana ibsuuf fayyadame ilaaluun barbaachisaa dha.
• qaama hir’isuu
• tajaajila akka hin kennine gochuu fi
• bifa balleessuu
• miidhaa ykn dhukkuba cimaa irraan gahuu kan jedhu irraa kan hubatamu gosti miidhaa qaamaa s/y kwt 555/ a, b, ykn c jalatti haguuggamu ciminaa fi dhaabbataa ta’uu miidhaa gaheeti.
Miidhaa qaamaa salphaa 556 yoo ilaalle
• Yakka qaama nama irratti miidhaa geessisuuf yaadamee raawwatamuu dha. Haa ta’u malee, haalli raawwii isaa fi miidhaan gocha kanaan gahu salphaa kan ta’ee dha.
Keewwatni 556 miidhaa qaamaa salphaa iti yaadamee raawwatamu ilaalchisee akka kanaa gadiitti ibseera.
Kwt 556 Miidhaa qaamaa salphaa

  1. Namni kamiyyuu haalaawwan keewwata 555 jalatti ibsamaniin ala ,itti yaadee qaama yokiin fayyaa namaa irratti miidhaa kan geessise yoo ta’e,
    Iyyannoon dhuunfaa yommuu irratti dhiyaatu hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalleen yokkiin adabbii maallaqaatiin ni adabama.
    2.Gochichi himannaa yakkaa dhiheessuun kan adabsiisuu fi adabichi hidhaa salphaa ji’a jahaa hanga waggaa sadii gahuu danda’u kan ta’u;
    a.Balleessichi miidhaa kan geessise summiidhaan yokiin meeshaa ajjeesuun yokiin meeshaa biroo miidhaa qaamaa geessisu danda’u kamiiniyyuu fayyadamuun yoo ta’e yokiin
    b.Balleessichi dirqama oogummaa yokiin kan biro cabsuun miidhaa kan geessise yoo ta’e yokiin
    C.Miidhamtichi dadhabaa ,dhukkubsataa yokiin ofirraa ittisuu hin dandeenye yoo ta’eedha.jechuun caqaseera.
    Mee dhimmoota keewwattoota miidhaa qaamaa kana lamaaniin haguugaman caalatti hubachuuf dhimma qabatamaa dhaddachi ijibbaataa Mana Murtii waliigalaa Federaalaa Jildii 24ffaa lakk.galmee 168166 ta’e irratti murteesse haa xinxaalluu;
    Murtichi hamma tokko kallattiidhaan afaan amaaraa irraa gara afaan Oromootti hiikamu akka itti aanutti yaalamee jira ;
    { Dhimmichi Iyyataa Obbo Yiggazuu Burzee fi Deebi kennaa A/Alangaa Biiroo Haqaa Naannoo Sabaaf sablammootaa fi ummattoota kibbaa gidduutti falmii gaggeeffame ilaalchisee murtee kenname yoo ta’u,}
    {…..dhimmi falmisiisaan kun kan eegale Naannoo Sabaaf sablammootaa fi ummattoota kibbaatti Mana murtii sadarkaa jalqabaa Magaalaa Arbaa Minciitti dhiyaate iyyataan ammaa (himatamaan) obbo Yiggazuu Burzee Seera yakkaa kwt 555(c) irra darbuun fulbaana guyyaa 17, bara 2009 halkan irraa sa’aatii 4:00 yoo ta’u Ganda Wuhaa minci Giroosarii Ibaayaa keessatti miidhamaa dhunfaa Tsaggaa Wayshoo jedhamu boksii fi testaadhaan gara bitaa lafee areeddaa rukutuun lafeen boqoo isaa gara bitaa akka cabu taasisuu isaatiif yakka miidhaa qaamaa cimaa raawwateera jedhamuun himatni irratti dhiyaatee jira. Manni murtichaa dhimmichi jalqaba dhiyaateef bitaaf mirga walfalmisiisuun kewwaticha jijjiiruun kwt 556(1) jalatti ofirraa ittisi jechuun jala murtii keenne booda ragaa ittisaa dhagahuun ragaa namaa fi barreeffamaa madaaluun himatamaa bilisa jechuun gaggeesse irraa komachuun deebi kennaan ammaa (himataan A/A) Mana murtii olaanaa naannawa Gaamootti ol’iyyata dhiheeffatuus manni murtichaa komicha fudhachuu dhiisuun iyyaticha haqee jira. Itti fufuun deebi kennaan murtii kenname mormuun Dhaddacha Ijibbataa Mana murtii waliigalaa naannichaatti iyyata ijibbaataa dhiyeessee manni murtichaa bitaaf mirga erga walfalmisiisee booda murtii mana murtii jalaa diiguun himatamaan yakka A/Alangaa himata irratti dhiyeesse raawwachuun isaa mirkanaa’e jira .Himatamaan ragaa ittisaa dhiyeeffateen ofirraa hin ittisne jechuun kwt seera himatni jalatti dhiyaate kwt 555(c)jalatti murtii balleessitummaa kennee jira. Manni murtichaa yaada adabbii bitaaf mirgaa erga fudhatee booda adabbicha bu’uura qajeelfama adabbii lakk.2/2006tiin herreguun Himatamaa adabbii hidhaa cimaa waggaa lamaa fi ji’a sadiin akka adabamu murteessee jira.Iyyatni Ijibbaataa ammaa kan dhiyaate murtii mana murtii jalaatiin kenname kana mormuun kana akka sirratuufidha.
    Iyyataan Mana murtii jalaatiin dogoggora raawwatmeera jedhu tarreessuun kan dhiyeesse yoo ta’u.Qabxiileen bu’uuraa komii isaa akka waliigalaatti yoo ilaalamu,Manni murtii waligalaa dhaddachi ijibbaataa naannichaa yakka raawwachuun koo osoo hin mirkanaa’in murtii balleessummaa akkasumaas Ragaa bitaa fi mirgaa haalli itti madaalee fi murtii manneen murtii jalaa lameeni diiguuf sababni inni kenne qajeeltoo bu’uuraa madaalli ragaa kan hin hordofne tahuun murtichi dogoggorri seeraa bu’uura kan irratti raawwatame tahuu ibsuun akka sirratu gaafachuu isaa kan agarsiisuu dha.dhimmichi qoratamee dhaddacha ijibbataa kanaaf akka dhiyaatu murtaa’uun deebi kennaan dhiyaatee barreeffamaanis falmii gaggeessee jira.
    Dhufaatiin dhimmichaa gabaabinaan qabiyyee olitti ibsame kan hammate yoo ta’u ,dhaddachi kuniis iyyata ijibbataa iyyataan dhiheeffate ,murtee iyyata ijibbataa kanaaf sababa ta’e fi tumaalee rogummaa qaban waliin ilaaluun ni dhiyeessisa jechuun ijoo dubbii qabate qofa qoratee jira.Akka qorannetti Galmichi Ijibbaataaf ni dhiyeessisa yoo jedhamu ijoo dubbii qabameen Iyyataa ammaatiin gochi yakkaa raawwatameera jedhame Haalli raawwii fi Meeshaa gochicha raawwachuuf fayyadamame irratti hundaa’uun balleessaadha jedhamuu kan qabu kwt seera yakkaa kwt 555(c) ?dha moo kwt seera yakkaa 556(1) bu’uura godhachuun?kan jedhu iyyataan boksii fi testaadhaan rukutuun qaama miidhamaa dhuunfaa irra miidhaa qaqqabsiisuu ilaalchisee manneen murtii jalaatiin falmii gaggeeffameen ragootaan kan mirkanaa’e yoo ta’u ,dhimmi adda durummaan deebii barbaachisu garuu firii dubbii ragootaan mirkanaa’e irratti hundaa’uun keewwata seera yakkaa rogummaa qaban dhimma adda baasuuti.
    Dhimma harkaa qabu irratti manneen murtii jalaatti kan dhagahaman jecha ragummaa ragootii abbaa alangaa yoo ilaalamu iyyataan iddoo fi yeroo himata keessatti ibsametti himatamaa waliin mana dhugaatiitti bashannanaa osoo jiranuu mana fincaanii gahee yoo deebi’u Hiriyaa isaanii dhukkubsatee baajaajii keessa ciisu Himatamaan bahi jennaaniin miidhamaan dhuunfaa baajaajiin keenya jedhee yoo itti dubatu himatamaan si’a tokko boqoo bitaa boksiidhaan fi testaadhaan rukutuusaa ragoomanii jiru.Ragaan ittisaa himatamaa immoo sibiilli laameraa rukutuun miidhaa akka irraan gahe ibsuun jecha ragummaa isaanii kennaniiru. Miidhaan qaqqabuu kan agarsiisu ragaan mana yaalaas dhiyaatee galmeen walqabachuu hubanneerra.Waan ta’eef Firii dubbii mirkanaa’e irraa iyyataan iddoo,yeroo fi tarreeffama haala raawwii yakkichaa himata keessatti ibsame irratti hundaa’uun Miidhamaa dhuunfaa kan ta’e Tsaggaa Waysoo boksii fi testaan kan rukute ta’uun ragaa A/Alangaatiin kan mirkanaa’e ta’uun,Gama iyyataatiin ragaan ittisaa dhiyaatee gama A/Alangaatiin ragaa namaa fi sanadaa dhiyaaten kan ragooman firii dubbii yakkichaa gaaffii keessa galchuun irra ittisuu kan hin dandeenye ta’uun mnneen murtii jalaatti dhimma mirkanaa’ee dha.
    Amma dhaddacha kanarratti dhimmi deebii barbaadu Iyyataadhaan raawwatamuusaa gochi yakkaa mirkanaa’e kun kan haguugamu kwt seera yakkaa 555 jalatti? moo kwt seera yakkaa 556(1) jalatii dha? qabxii jedhuu dha.dhimma harkaa qabnu irratti gochichi kan raawwatamee fi Iyyataan ammaa miidhaa qaqqabsiisuuf meeshaan itti Fayyadame ilaalchisee dhugumatti yakka miidhaa qaamaa cimaati ? moo miidhaa qaamaa salphaa kan hundeessuu dha?kan jedhu adda baasuun akka danda’amuuf Gochicha raawwachuuf iyyataan meeshaan fayyadame,kutaan qaamaa miidhamaa dhuunfaa gochichi irratti raawwatame ykn miidhaan irraa gahe akkasumaas haalli raawwii yakkichaa ilaalamuu kan qabu dha
    Bu’uurumarraa yakki tokko raawwatame kan jedhamu yakkicha kan hundeessan firiiwwan dubbii seeraa, gocha qabatamaa ,fi yaada sammuu raawwataa gochichaa iddoo tokkotti guutamanii yoo argaman qofaa akka ta’e labsii lakk.414/1996 seera yakkaa kwt 23(2) jalatti ifaan tumamee jira.kana waan ta’eef gocha tokko yakka dha jedhee murteessuuf firiiwwan dubbii seeraa, gochaa, fi yaada sammuu walitti qabamuun iddoo tokkotti argamuun dirqama. Firii dubbii seeraa kan jedhaman dhimmichaaf rogummaa qabu jedhamanii tumaalee caqafaman guutumaa guututti hundeessuuf qabxiilee guutamuu qabu yoo ta’u,Firii dubbii gocha qabatamaa fi firii dubbii yaada sammuu kan jedhaman immoo walduraa duubaan gochicha raawwachuu ykn raawwachuu dhiisuu fi kutaa yaada sammuu waliin haalota seeraan kaa’ame kan ilaallatu ta’uun beekkamaa dha.Kan biraa falmiin yakkaa namni tokko ofirraa akka ittisu ykn balleessaa jedhamuu kan danda’u Abbaan alangaa dirqama seeran irra kaa’ame diiqama hubachiisuu kan bahate tahuun yoo mirkanaa’e tahun beekkamaa dha. S/d/f/y kwt141 akkaataa tumaan itti bocamee fi qabiyyeen isaa , tumaaleen S/d/f/y kwt 111 fi 112 walitti qabamee yoo ilaalamus dhimma yakkaatiin Abbaan Alangaa akkaatuma himannichaatiin haala gahaa ta’een dirqama hubachiisuu akka qabu kan hubatamuu dha. ulaagaa madaallii ragaa seeraan kaa’ame kana bu’uura godhachuun gochi yakkaa raawwatamuu, eenyummaa nama gochicha raawwate,raawwii irrattii sadarkaa hirmaannaa mirkaneessuun dirqama ta’a. Abbaan alangaa kutaa yaada sammuu himatamaa hubachiisuu kan danda’u raawwii gochichaa mirkaneessuun yoo ta’u , raawwii gochichaa irraa , namni gochicha raawwate yakkicha yeroo raawwatu haala yaada sammuu raawwatichaa qaamni murtii kennu hubachuu kan danda’u ta’uun kan amanamuu dha.
    Qabiyyee fi hafuura seeraa kana qabannee gara dhimma harkaa qabnuutti yoo deebinees Qabiyyee galmichaa irraa hubachuun akka danda’ametti gochichi raawwatameera jedhame iyyataan raawwatamuun dhimma mirkanaa’e yoo ta’u,iyyataan gocha yakkaa kana raawwachuuf meeshaan fayyadame kan hin jirree fi boksii fi testaadhaan kan rukute ta’uun ragoolee abbaa alangaatiin dhiyaataniin kan mirkanaa’e ta’uun sadarkaa firii dubbiitti manneen murtii jalaatiin dhimma mirkanaa’ee dha.
    Miidhaa qaamaa cimaan itti yaadamee raawwatamu bu’uura seera yakkaa kwt 555(c)tiin raawwaticha gaafachiisu kan danda’u gochichi ta’e jedhamee karaa biroo kamiiniyyuu miidhaa qaamaa cimaa ta’e ykn dhukkuba nama biroo irra kan qaqqabsiise akka ta’e kan agarsiisuu dha. Namni tokko yaada olitti caqasamee fi raawwii gochichaa irratti hundaa’uun yakka raawwatee yoo argamee fi haalumti kun ragaan yoo mirkanaa’e himatamaan kwt kana jalatti balleessaa jedhamuu kan danda’u ta’uun qabiyyeen seerichaa ni agarsiisa.
    Dhimma harkaa qabnu irratti Iyyataan ammaa miidhamaa dhunfaa kan ta’e Tsaggaa Wayshoo irratti itti yaadee qaama miidhamaa kanaa irratti miidhaa kan qaqqabsiise yoo ta’u, miidhaa kan qaqqasiise booksii fi testaadhaan ta’uun fi miidhaa cimaa ta’e ykn dhukkuba miidhamaa irraan qaqqabsiisuun kan hin mirkanoofne ta’uun ,gochi kun seera yakkaa kwt 555 jalatti kan kaa’ameen ala waan ta’eef gochi iyyataan ammaa raawwate seera yakkaa kwt 556(1)jalatti tumaa kaa’ame irra darbuu akka ta’e kan agarsiisuu dha.
    Waan ta’eef gochi yakkaa iyyataan raawwate mana murtii jalaatiin murtiin balleessitummaa tumaan seeraa kan hin haguugne ta’uun Dhaddachi ijibbaataa mana murtii waliigalaa naannichaa iyyataa kwt seera yakkaa 555(c)jalatti balleessaa dha jechuun adabbii murteessuun isaa sirrii waan hin taaneef ,gocha yakkaa iyyataan raawwachuun mirkanaa’e seera yakkaa 556(1)’n tumaa seeraa kaa’ame irra darbuun balleessaadha jenneerra…….}

Dhimma armaan olii yoo ilaalle Dhaddachi ijibbaataa Mana murtii waliigalaa Federaalaa dhimma dhiyaateef ilaalchisee murtii keessatti yeroo ibsan;
Murticha keessatti qabxiin bu’uura komiif sababa ta’e tokko Akkaataa Madaalliin ragaa qajeeltoo bu’uuraa madaallii ragaa kan hin hordofne ta’uu ibsuun ,
Gama tokkoon dhimmi adda durummaan deebii barbaachisu garuu firii dubbii ragootaan mirkanaa’e irratti hundaa’uun keewwata seera yakkaa rogummaa qaban dhimma adda baasuu akka ta’e fi Gama kaaniin immoo …..Firii dubbii mirkanaa’e irraa iyyataan iddoo,yeroo fi tarreeffama haala raawwii yakkichaa himata A/A keessatti ibsame irratti hundaa’uun Miidhamaa dhuunfaa kan ta’e Tsaggaa Waysoo boksii fi testaan kan rukute ta’uun ragaa A/Alangaatiin kan mirkanaa’e ta’uun,Gama iyyataatiin ragaan ittisaa dhiyaatee gama A/Alangaatiin ragaa namaa fi sanadaa dhiyaaten kan ragooman firii dubbii yakkichaa gaaffii keessa galchuun irra ittisuu kan hin dandeenye ta’uun manneen murtii jalaatti dhimma mirkanaa’e tahuu ibsee jira.
Kana irraa kan hubatamu ragaan namaa fi sanadaa (mana yaalaas) bu’uuruma himannaa abbaa alangaatiin kan mirkaneessan akka ta’ee dha.Kunis miidhaa miidhamaa dhuunfaa irraa gahe ilaalchisee boqoon bitaa isaa cabuu ragaa mana yaalaatiin dhuguma mirkanaa’e taanaan keewwatni seera yakkaa jalatti kufuu qabu baay’ee kan nama walfalmisiisu miti.
Kaayyoo Barreeffama kanaatiif immoo Ijoo dubbii dhaddachi kun qabatee fi xinxaala ulaagaa miidhaa qaamaa cimaa SY kwt 555 adda baasuuf murticha keessatti calaqqise qofa irratti xiyyeeffanna .

  1. Ijoon dubbii qabatame gaaffii biroo kan uumuu dha. kunis
    …ijoo dubbii qabameen Iyyataa ammaatiin gochi yakkaa raawwatameera jedhame Haalli raawwii fi Meeshaa gochicha raawwachuuf fayyadamame irratti hundaa’uun balleessaadha jedhamuu kan qabu kwt seera yakkaa kwt 555(c) ?dha moo kwt seera yakkaa 556(1) bu’uura godhachuun? jechuun ijoon dubbii kan qabatan yoo ta’u.
  2. Xinxaala murtichaa keessatti akka ibsametti
    …..Qabiyyee fi hafuura seeraa kana qabannee gara dhimma harkaa qabnuutti yoo deebinees Qabiyyee galmichaa irraa hubachuun akka danda’ametti gochichi raawwatameera jedhame iyyataadhaan (Himatamaa jalaatiin ) raawwatamuun dhimma mirkanaa’e yoo ta’u,iyyataan gocha yakkaa kana raawwachuuf meeshaan fayyadame kan hin jirree fi boksii fi testaadhaan kan rukute ta’uun ragoolee abbaa alangaatiin dhiyaataniin kan mirkanaa’e ta’uun sadarkaa firii dubbiitti manneen murtii jalaatiin dhimma mirkanaa’ee dha… jechuun ibsa.
    Qabxiilee lamaan olii kana irraa wanti hubatamu Ejjannoon Dhaddacha ijibbaataa MMWF kun ulaagaa miidhaa qaamaa cimaa seera yakkaa kwt 555 jalatti kufu adda baasuuf qabu meeshaa gocha yakkaa raawwachuuf itti fayyadamame akka ta’ee dha.
    Akkuma jalqaba irratti ilaaluuf yaalle Seera yakkaa biyya keenyaa kwt 555 miidhaa qaamaa cimaa itti yaadamee raawwatamu yoo ilaallu
    Seerri yakkaa keenya yakki kun ‘kana’ jechuun hiikkoo itti kennuu baatuus Seerichi jiraachuu yakkichaa adda baafachuuf akka ooluuf qofa bu’aawwan yakkichi hordofsiisuu qabu qofa tarreessee kaa’uf yaalee jira. Keessattuu immoo gaaleewwanii fi jechootni s/y kwt 555 jalatti seerichi miidhaa kana ibsuuf fayyadame ilaaluun barbaachisaa dha.
    • Lubbuu miidhamaaf haala yaaddeessuun yokiin qaama yokiin sammuu isaa irra mudaa yeroo maraa fiduun
    • qaama hir’isuu
    • tajaajila akka hin kennine gochuu fi
    • bifa balleessuu
    • miidhaa ykn dhukkuba cimaa irraan gahuu kan jedhu irraa kan hubatamu gosti miidhaa qaamaa cimaa s/y kwt 555/ a, b, ykn c jalatti haguuggamu kun gosa miidhaa qaamaa salphaa itti yaadamee raawwatamu irraa kan itti addaan baafnu miidhaa qaqqabe ykn bu’aawwan gochi yakkichaa hordofsiise qofa irratti hundaa’uun akka ta’ee , meeshaanis ta’ee waan biraatiin yoo raawwatame. Ragaa mana yaalaa qofa ilaaluun miidhaan qaamaa akkamii akka qaqqabe adda baasuun kan danda’amuu dha. meeshaa qofa irratti hundoofnee adda baafamuu qaba yoo jenne,kaayyoo seera yakkaa galmaan gahuun hin danda’amu. haqaatu jallataa. raawwataan yakkaa badii raawwateef adabbii walmadaalaa argachuu hin danda’u waan ta’eef.fkn nama kaballaan gurra nama duuche ,boksiidhaan ilkaan nama irraa cabse, qubaan ija nama jaamse fi kkf. meeshaan hin fayyadamne kanaaf seera yakka 555 jalatti kufuu hin qabu yoo jenne kaayyoo haqaa galmaan gahuun hin danda’amu. As irratti falmiin yeroo tokko tokko ka’u kutaa yaada sammuu raawwatichaan walqabatee ti. kuniis jalqabamu irraa namni tokko yeroo qaama namaa salphaatti miidhamuu danda’u irra miidhaa qaqqabsiisuuf gochicha raawwatu bu’aan gochichaa maal akka ta’u cimaa dha moo salphaa akka ta’u itti yaadeetuma akka raawwatu tilmaamuun nama kamiyyuu waan rakkisuu miti. dhimmi armaan oliis kanaan adda miti himatamaan Boksii fi Testaadhaan gaafa boqoo irraa nama rukutu bu’aan isaa miidhaa cimaa akka qaqqabsiisu itti yaadeetuma raawwate,fuulli namaa qaamolee salphatti miidhamuu danda’u baay’ee qaba. yeroo boksiin rukutu ilkaan ykn ija yoo ta’ees gaafa boksiin rukutu san yaadni sammuu himatamticha miidhuma qaamaa cimaa geessisuu akka ta’e ifa.
    Dhimma olitti ibsame jalatti Ragaan sanadaa( mana yaalaa) miidhaa miidhamaa ilaalchisee fayyeera osoo jedhe illee lafeen isaa cabee fi cabuun isaas mala yaalaan mirkanaa’e garuu adeemsa yaalaa taasifameefin fayyee fayyeera jedhamee ragaan mana yaalaa osoo dhiyaates, kan kufuu qabu S/Y RDFI kwt 555(c) jalatti malee 556(1) jalatti miti. Sababnisaas Yakki miidhaa qaamaa yakka bu’aan isaa yeruma gochisun raawwatamutti argamu/instantenous crimes/ dha. S/Y kwt 25/1/[yeroo fi iddoon yakki itti raawwatame iddoo fi yeroo yakkamaan gocha yakkaa itti raawwateedha.] . Kanaafuu yeroo rukutamu cabnaan yoo ergasii fayyeellee kwt 555 jalatti kufa. Dabalataanis lafeen cabe tokko yoo fayye jedhamellee akka duraatti hin deebi’u. kana malees Kan adabamu yaada sammuu raawwataa gochichaa yeroo gochi sun raawwatamu ture waan ta’eefidha.
    Qabxiin biroo dhimma armaan oliitiin walqabatee ka’u haalli ulaagaa meeshaa fayyadamuu fi dhiisuu qofaan dhaddachi ijibbaataa miidhaa qaamaa cimaa kwt 555(c) fi miidhaa qaamaa salphaa 556(1)jalatti adda baasuuf fayyadameedha.Garaagarummaa keewwattoota kana lamaanii yoo ilaalle ;
    garaagarummaan isaa kan irratti hundaa’u ,meeshaa yakkichi ittiin raawwatame qofa osoo hin taane miidhaa qaqqabe ykn bu’aa gochi yakkaa raawwatame irratti hundaa’uun akka ta’ee keewwattan lamaan dubbisuun ni hubatama, Miidhaan 555(c) jalatti ibsame miidhaa cimaa fi meeshaan raawwatamus waan biraan raawwatamuus bu’aa gocha yakkichaatu ilaalama 556(1) immoo meeshaan osoo hin taane haala biraatiin kan raawwatamuu ta’uus kwt 555 irraa adda baasuuf adda durummaan kan ilaalamu cimina miidhaa qaqqabeeti. Kunis;tumaa keewwatichaa yoo ilaallu;
    Kwt 556 Miidhaa qaamaa salphaa
  3. Namni kamiyyuu haalaawwan keewwata 555 jalatti ibsamaniin ala ,itti yaadee qaama yokiin fayyaa namaa irratti miidhaa kan geessise yoo ta’e,
    Iyyannoon dhuunfaa yommuu irratti dhiyaatu hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalleen yokkiin adabbii maallaqaatiin ni adabama.
    Gaaleen kwt 556(1) jalatti ….haalawwan kwt 555 jalatti ibsamaniin ala ….jedhu kan agarsiisu keewwattan lamaan adda baasuuf miidhaan qaqqabe cimaa ykn salphaa ta’uun ulaagaa ta’uu agarsiisa. osoo kanaan adda baasuuf yaaduu baatee seera baastonni ….haalawwan kwt 555 fi 556(2a,b,c) jalatti ibsamaniin ala…jechuun seera kana tumuu wanti isa daangessu hin turre.
    Garaagarummaan kwt seera yakkaa 555 fi 556(1),556(2)a,b fi c yoo ilaalamu.
    Tumaawwan S/Y RDFI kwt 555 fi 556(2)(a) adda kan bahan cimina ykn salphina miidhaa gaheen qofa osoo hin taane meeshaa yakkichi ittiin raawwatame irratti hundaa’udhaan ta’uu qaba .
    Yakki miidhaa qaamaa cimaan meeshaa gosa kamiinuu haa raawwatamu ykn meeshaan ala haala kamiinuu haa raawwatamuu Cimina miidhaa qaqqabee ilaaluun kan ittiin bulu tumaa S/Y RDFI kwt 555 yoo ta’u, yakki miidhaa qaamaa salphaan garuu meeshaa ittiin raawwatame(556(2a), dirqama irra darbamee raawwatame(556(2b) ,ykn haala nama yakkichi irratti raawwatamee(556(2c) irratti hundaa’uun kan ilaalamuu dha.
    S/y kwt’n 556 miidhaa qaamaa salphaa kewwattoota xixxiqqaa 1 fi 2 jalatti gosa lamatti adda qoodeera. Lamaan isaanii immoo waanti tokko taasisus adda godhus ni jira.
    • Tokkummaan Isaanii yakka miidhaa qaamaa salphaa ta’uu isaaniti.
    • Kun kan hubatamu kewwattootni xixxiqqan kunneen lamaan kan wal-irratti rarra’an ta’uu isaaniirraayi ykn cita xiqqaa keewwata tokkoo ta’uu dha.
    Garaagarummaan yakka Miidhaa qaamaa kwt 556/1/ ykn 556/2/ jalatti kufuu cimina ykn salphina miidhaa gahee osoo hin taane, meeshaa yakkichi ittiin raawwatame,(556(2a) dirqama darbamee yakkichi rawwatamee(556(b) ykn haala nama yakkichi sun irratti raawwatamee (556(2c)) dha. Lamaan isaatu yakkuma Miidhaa Qaamaa salphaa ilaallatu.

One thought on “Barruu Xinxala seeraa.

  1. Hojii gaarii nama boonsu fi namatti abdii guddaa uumudha.Jabaadhuu rabbi humna siif haa ta’u.Hojii gammachiisaa biraatin so eegna.

Leave a Reply