Posted in Barruu xinxala seeraa, Pdf

Barruu Xinxala Seeraa PDF

Qophessaan Obboo Abdusalam Muhammad

Abbaa Alangaa
Obboo Abdusalam hogganaaa MHAAAS

GALMEE YAKKAA MURTII ABBAA ALANGAATIIN CUFAMUU FI BU’AA SEERAA HORDOFSIISU ILAALCHISEE XINXAALA SAKATTA’INSA SEERAA

QOPHEESSAAN :Abdusalaam Mahaammad Hasan

Abbaa Alangaa Aanaa Sigimoo

http://mhaaas.wordpress.com

BOQONNAA TOKKO
SEENSA
YAADA WALIIGALAA ;-Galmee Murtii Abbaa Alangaatiin cufuu


Bu’uura Labsii lakk.214/2011, Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Hundeessuuf baheen aangoofi gahee hojii Mana Hojichaa gama qorannaa yakkaa gaggeessuu, qorannaa yakkaa hoogganuu fi Galmee qorannoo irratti bu’uura seeraatiin Murtii kennuun ifaan taa’ee jira . seera Deemsaa Falmii yakkaa biyya keenyaa jalatti gahee Abbaa Alangaa galmee qorannoo waliin walqabateee murtii kennuu akka danda’u .Akkasumaas JBAH dhimmoota yakka adda addaa irra deebiin qoratamee bahe jalattiis Gaheen abbaa Alangaa Galmee qorannaa yakkaa waliin walqabatee hojmaata ifa ta’een deeggaruun tajaajila si’ataafi qulqullina qabu kennuun Labsicha hojiirra oolchuuf taa’ee jira.
Gahee fi Aangoo Abbaa Alangaatiif seeraan kenname keessaa Galmee Yakkaa adeemsa qorannoo irra jiruu fi kan qorannoon isaa xumurame irratti murtii kennuun isa tokkoo dha. Galmeen qorannoo tokko mirga nama baayyee kan ofkeessatti hammatee dha . mirga nama yakkaan shakkamee, mirga miidhamaa dhuunfaa fi dantaa mootummaa ykn ummataa qabaachuu danda’a. kanaaf Xiyyeeffannaa guddaadhaan dhimma ilaalamuu qabu akka tahe hubachuun barbaachisaa dha.
Akka qajeeltootti Namni Yakkaan miidhamee fi Ummatni bal’aan tilmaamni sirrii isaan qaban namni yakka raawwate seeraaf dhiyaatee haqni akka bahuudha.Tilmaani kunii fi mirgi miidhamaa sababa shakkamaan seeraaf dhiyaatee himatamee haqni hin mirkanoofneef wanta caljedhamee bira darbamuu miti. mirgootni kunii fi Tilmaamni kunneen akka garee hundaafu qixa ta’eetti madaalliin isaa eegamuu qaba.
Barreeffama qorannoo gabaabaa kanaanis galmee qorannoo cufuu fi bu’aa galmee qorannoo cufuun qaamolee kanneen irratti qabu ,ilaalchisee seera sakatta’uun hanqina jiru kan ilaallu ta’a.

1.1 Hima Rakkoo


Galmee yakkaa qorannoo irra jiruu fi qorannoon isaa xumurame bu’uura seeraatiin cufuun Aangoo fi gahee Abbaa Alangaatiif seeraan kenname ta’uun beekkamaa dha. Haa ta’u malee yeroo baay’ee Qabatama hojii keessatti kan beekkamu bu’uura S/D/F/Y keewwata 42(1a)tiin sababa Ragaa Gahaan himata dhiyessisu hin jiru jedhuun galmee cufuu dha. Akkasumaas Dhimmoota biroo galmeen qorannoo ittiin cufamu ykn himannaa dhiyeessuu dhiisuuf sababa ta’an irratti hubannoon walfakkaataan hin jiru. Sababnisaas dhimmootni kunniin haala hunda hammatee fi Iftoomina qabuun seera deemsa falmii yakkaa amma hojiirra jiru keessatti kaa’amuu dhabuu dha. Akkasumaas Wixineen Seerri deemsa Falmii yakkaa fi ragaa yeroon mirkanaa’uu dhabuu irraa kan ka’ee fi Labsii 214/2011 mana hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa hundeessuuf bahe hojiirra oolchuuf Dambii fi qajeelfamni ifa tahe qorannoon yakkaa ittiin hogganamu bahuu dhabuun hanqinni seeraa gama kanaan uumamaa jira. waan ta’eef Barreeffama kanaan Gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii barbaaduuf Sakatta’insa seeraa gaggeessuun Hanqinoota seeraa xinxaaluuf Yaalla.
Gaaffiiwwan kunneenis ;
• Galmee qorannoo cufuun ykn Himannaa dhiyeessuu dhiisuun maal akka ta’ee fi haalotni ykn ulaagaan seeraan tarraa’an galmee qorannoo cufuuf ykn himannaan akka hin dhiyaanne murteessuuf bu’uura ta’an maal akka ta’e haguuggii seeraa biyya keenyaa fi Muuxannoon biyyoota biroo ni ilaalama.
• Faayidaa Ummataatiif jecha haalli galmee qorannoo yakkaa itti addaan citu fi himannaan itti hin dhiyaanne maal akka ta’e haguuggii seeraa biyya keenyaa fi Muuxannoon biyyoota biroo ni ilaalama.
• bu’aan seeraa Galmee qorannoo cufuu ykn Himannaa dhiyeessuu dhiisuun hordofsiisu maal akka ta’e haguuggii seeraa jiru waliin ni ilaalama.
• Bu’aa Murtii A/Alangaa Galmee cufuun walqabatee qaamni murtii abbaa alangaatti hin quufne mirga akkamii qabaata. fkn miidhamaan dhuunfaa,Poolisiin,


1.2 Kaayyoo Gaggeessa Qorannoo
Qorannoon kun Murtii Galmee qorannoo Yakkaa bu’uura seeraatiin cufuu Abbootii Alangaa ilaalchisee hanqinaalee gama seeraatiin jiran sakatta’ee adda baasuun Abbootiin alangaa dirqama isaan irraa eegamu haala kamiin bahuu akka qabanii fi deeggarsa mootummaan taasisuu qabu maal akka ta’e akeekuun hojiin haqa baasuu qulqullinaa fi saffina barbaadamuun akka hojjetamuuf gumaacha taasisa. Galmee qorannoo irratti murtii kennuu ilaalchisee hanqinaalee gama seeraa jiran qulqulleessuu fi furmaata hanqinaalee akeekuu dha.
1.3 Faayidaa Qorannoo
Qorannoon kun adeemsa kaayyoo qorannoo armaan olitti tarreeffaman galmaan gahuu keessatti Galma Gahinsa sochii qorannoo yakkaa haqa baasuuf taasfamuu fi Faayidaa ummataa fi mootummaa kabajchiisuuf bu’aalee deeggaran ni gumaacha. Hanqinaalee seeraa keessatti mul’atan adda baasuun fi Hubannoo Walfakkaataa uumuun dandeettii raawwachiistummaa Abbootii Alangaa cimsuun, hojiin Qorannoo yakkaa fi murtii haqaa kennisiisuu haala qulqullina, fi dhaqqabummaa qabuun akkasumas haala amantaa uummataa horachuu danda’uun akka hojjetamu deeggarsa taasisa. Haaluma kanaan, hojiin gaggeessa qorannoo kanaa faayidaalee gama hojii qorannoo yakkaa fi murtii haqaa kennisiisuu akka Mana Hojii Abbaa Alangaatti hojjetamu ilaalchisee hubannoon jiru akka cimu gochuutti dabalee hanqina hog-barruu gama kanaan jiru dhiphisuu keessatti gahee guddaa taphata.

Mana Hoji AA Godina Jimma. የጅማ ዞን አቃቤህግ መስሪያቤት's Friends


1.4 Daangaa Qorannoo
Seerri qorannoon kun irratti xiyyeeffatu seera Galmee qorannoo yakkaa cufuu ykn himannaa dhiyeessuu dhiisuu ilaalchisee sadarkaa biyya keenyaatti jiruu fi seera sadarkaa naannoo keenyaatti jiru kan ilaallatu sakatta’uu tahee qabatama Raawwii hojiirra oolmaa seeraa fi hojimaataa tokkoon tokkoo manneen hojii A/A Federaalaa fi Naannoo gadi fageenyaan kan xinxaaluu miti.
1.5 Mala Qorannoo
Qoranannoon kun mala qorannoo akkamtaa bu’uura godhachuun gaggeeffame. Seerota akka labsiilee, qajeelfamootaa, fi maanuwaalotaa, barreeffamoota biroo galmee qorannoo yakkaa cufuu fi himannaa dhiyeessuu dhiisuu wajjiin hidhata qaban sakatta’insa taasisuun ilaalamee jira. Haaluma kanaan, seerota bahanii hojiirra jiran,Wixinee seeraa, fi hogbarruu rogummaa qaban, akkasumaas marsariitii adda addaa sakatta’uun hanqinaalee gama seeraa mul’atan fi mul’achuu danada’an adda baasuu fi furmaata akka argatan akeekuu irratti hojjetameera.
1.6 Caaseffama Qorannichaa
Qorannoon kun kutaa Afuritti kan qoodamee dha. Kutaa tokkoffaan Seensa olitti ilaalame yommuu ta’u ,kutaa lammaffaan sakatta’a ogbarruu fi seerotaati.Kutaa Sadaffaan Sakatta’a ogbarruu Muxannoo biyyoota biroo muraasaati .Kutaa Afraffaa fi inni dhumaa Bu’aa galmee qorannoo cufuun fi himannaa dhiyeessuu dhiisuun hordofsiisuu ilaalchisee sakatta’insa seera biyya keenyaatii fi Akkasumaas argannoowwan gurguddoo akka Yaada guduunfaatti bakka itti dhiyaatanii fi Furmaataa akeekaman kan hammatee dha.
1.7 Hanqina Qorannichaa
Qorannoon tokko yommuu gaggeeffamu Baasii fi yeroo gahaa argachuun dhimma muteessaa dha. Haa ta’u malee Barreeffama gabaabaa kana qopheessuuf yeroo boqonnaa sanbataa fi dilbataa gabaabaa jiru irraa aarsaa godhamee kan gaggeeffamee fi Maddi ragaa hunda galeessa waan hin taaneef hanqina baay’ee waliin dhimmoota ilaalamuu qabu hundaa kan of keessatti hammate miti. Irra caalatti barreeffamichi ka’umsaaf ni ta’a jedhamee kan qophaa’e ta’uu hubachuun gaarii dha.


BOQONNAA LAMA
GALMEE QORANNOO YAKKAA CUFUU FI HIMANNAA DHIYEESSUU DHIISUU: SAKATTA’INSA OGBARRUU FI SEEROTA BIYYA KEENYAA


2.1 GALMEE QORANNOO YAKKAA CUFUU
Sirna haqa yakkaa biyya keenyaa jalatti Galmee qorannoo cufuu hiikkoon kallattiin kenname jiraachuu baatuus Haalawwan galmeen qorannoo tokko itti cufamu , tarreessuun ibsamee jira.
Gaaleewwan ‘Galmee qorannoo yakkaa cufuu’ , ‘Galmee qorannoo Poolisii Cufuu’ , ‘Galmee qorannoo addaan kutuu’ ,fi ‘Qorannoon yakkaa addaan cituu’ jedhu iddoo galumsaa waljijjiiruun bakka kan walbu’uu fi Yaadrimee walfakkaataa kan ibsan yoo ta’u, adeemsi qorannoo yakkaa xumura irra osoo hin gahin bu’uura seeraatiin addaan cituu isaa kan agarsiisanii fi haalota itti addaan citu imaammata,seeraa fi hojimaata qorannoon yakkaa ittiin hogganamuun tarreeffamee jiru irratti hundaa’uun murtii Abbaa Alangaa kan barbaadaniidha. Fkn Seerri deemsa Falmii yakkaa biyya keenyaa Keewwata 39 jalatti Galmee ‘qorannoo Poolisii Cufuu’ jechuun fayyadamamuun,Labsii lakk.214/2011,kwt 7(8) jalatti ‘Qorannoo addaan kutuu’ ,Maanuwaalii Yakkoota Adda Addaa MHAAWO kwt 81 jalatti ‘galmee qorannoo addaan kutuu’ ,Imaammata haqa yakkaa biyya keenyaa lakk.3.9 jalatti ‘qorannoon yakkaa addaan cituu’, fi Wixinee Seera deemsa Falmii Yakkaa fi Ragaa biyya keenyaa kwt 156 jalatti ‘Galmee qorannoo Cufuu’ jechuun Fayyadamamee jira.
Garuu asirratti wanti dagatamu hin qabne haalotni(ulaagaawwan) seeraa murtiin Galmeen qorannoo ittiin cufamu ykn qorannoo addaan kutuun irratti hundaa’uu fi murtiin himannaa dhiyeessuu dhiisuu irratti hundaa’ee kennamu daangaaa ifa tahe kan hin qabne fi darbees iddoo lamaanitti kan argamuu dha. kuni kan agarsiisu galmichi sadarkaa kamirattuu osoo jiruu haalotni kun jiraachuu hubatamnaan Baasii fi yeroo mootummaa qusachuuf ykn Faayidaa ummataatiif jecha. galmee qorannoo addaan kutuu ykn erga qorannoon dhume booda illee yoo hubatame himannaa dhiyeessuu dhiisuun akka danda’amu dha.
Akkuma beekkamu Seera biyyattii bahan kamiyyuu duuba Imaammatni waan jiruuf ykn seerri imaammata biyyattiin hordoftu irraa waan madduuf jalqaba Imaammata haqa yakkaa jiru sakatta’uun barbaachisaadha.
Imaammata Haqa Yakkaa Mootummaa Federaala Dimokiraatawaa Republika Itoophiyaatiin bara 2003 bahe lakk. 3.9 jalatti haalota qorannoon yakkaa itti addaan citu ibsamee jira.
3.9 Haalota qorannoon yakkaa itti addaan citu ; Adeemsi qorannoo yakkaa haalota itti addaan citu ilaalchisee seerotni bahan dhimmoota ijoo armaan gadii bifa hammateen bocamuu qaba. Isaaniis ፡-
(A) Abbaan Alangaa sababni gahaan seeraan adda bahee tumame jiraachuu yommuu amane adeemsa qorannoo yakkaa gaggeeffamaa jiru akka addaan citu gochuu qaba. Qorannoon yakkaa kamiyyuu yakkichi baraarsaan ykn darbiinsa yeroon hafaa yoo tahe,kanaan dura mana murtii aangoo qabuun murtii dhumaa kan argate yoo ta’e,yakka raawwachuu dhabuun isaa haalonni shakkisiisan yoo qunnaman ykn Abbaan Alangaa Waliigalaa Faayidaa ummataatiif jecha ajaja yoo kenne addaan cita.
(B) Hidhaa salphaadhaan ykn bu’uura seeraatiin Iyyannoo dhuunfaan qofa kan adabsiisanii fi nama dhuunfaa qofarratti yakkoonni raawwataman miidhamaa dhuunfaa fi shakkamaa gidduutti araarri yoo raawwate dhimmicha irratti qorannoon ykn himanni gaggeeffamaa jiru kaka’umsa ykn gaafatamummaa qaamolee kanaatiin addaan cita.
(C)Ajaja Abbaa Alangaatiin qorannoon addaan cite ,adeemsi isaa addaan cituuf haalli sababa ta’ee ture yoo jijjiirame ykn yommuu hafaa ta’e Ajaja Abbaa Alangaa Waliigalaatiin iddoo addaan citerraa akka itti fufu ykn eegalu gochuun ni danda’ama
Seerri deemsa Falmii yakkaa biyya keenyaas Keewwata 39 jalatti Galmee qorannoo Poolisii Cufuu jechuunis ;A/Alangaa Galmee qorannoo Poolisii kan cufu shakkamaan; A) yoo du’e ykn B)Umurii waggaa 9 gad yoo ta’ee ykn C)seera addaa jalatti ykn seera mootummaa Idil-adunyaa ykn mirga himatamuu dhabuu sababa Diplomaasawaa . jechuun bifa tarreeffamaan kaa’ee jira,.
Galmee qorannoo yakkaa irratti murtii galmeen haa cufamuu ykn qorannaan addaan haa cituu kennuun Aangoo fi Gahee hojii abbaa Alangaatiif seeraan kenname keessaa isa tokkoodha. Kuniis bu’uura Labsii mana hojii Abbaa Alangaa waliigalaa Oromiyaa hundeessuuf bahe Labsii lakk.214/2011 kwt7(8) fi Labsii Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa lakk.943/2008 kwt 6(3a) jalatti bifuma walfakkaatuun ifaan tumamee jiruun Aangoo Abbaan Alangaa Murtii Galmee qorannoo irra jiru ykn adeemsa qorannoo ilaalchisee kennuu waliin walqabatee haala itti aanee jiruun tumamee jira.
….Seerota biraatiin aangoon Poolisiif kenname akkuma eegametti ta’ee, dhimmoota yakkaa aangoo Mana Murtii Naannichaa ta’an, akkasumas dantaa mootummaafi ummata Naannichaatiin walqabatee Magaalaa Finfinnee keessatti raawwataman irratti qorannoo yakkaa gaggeeffamu ni hooggana; ni hordofa; faayidaa ummataa bu’uura godhachuun yookiin dhimmichi yakkaan kan hin gaafachiisne ta’uun ifatti yammuu beekkame qorannoon jalqabame akka addaan citu yookiin qorannoon yakkaa addaan citee ture akka itti fufu ni taasisa; barbaachisaa ta’ee bakka argametti qorannoon yakkaa akka jalqabamu ni taasisa ; jechuun kaaya. Haa ta’u malee hiikkoon Faayidaa Ummataa ykn Haalonni(sababoonni) Faayidaa ummataatiif jecha qorannoon yakkaa eegalame itti addaan cituun danda’amu labsiiwwan lamaaniinu hin tumamne.
Kana Malees Maanuwaalii JBAH Daarektooreetii Yakkoota Adda Addaa MHAAWO Bara 2011 irra deebi’ee bahe kwt 81 jalatti galmee qorannoo addaan kutuun walqabatee akka itti aanutti caqasamee jira.
Kwt 81 Galmee Qorannaa Addaan Kutuu
Abbaan Alangaa sababoota armaan gadii irratti hundaa’uudhaan galmee qorannaa addaan kutuu ni danda’a:
(a) qorannoon yakkaa osoo gaggeeffamaa jiruu shakkaamaan kan du’e yoo ta’e;
(b) umuriin shakkamaa waggaa sagalii gadi ta’uun isaa yoo mirkanaa’e;
(c) shakkamaan dhimma amma qorannaa irra jiruun kanaan dura himatamee bilisa bahuu yookiin adabamuun isaa kan mirkanaa’e yoo ta’e;
(d) dhimmi qorannaan irratti gaggeeffame darbiinsa yerootiin kan daangeeffame yoo ta’e;
(e) shakkamaan dhimma qorannaan irratti gaggeeffamaa jiru irratti qaama qorannaa biraatiin yookiin dhimmuma kana irratti himanni yakkaa mana murtiitti dhihaatee qorannaa yookiin falmii irra jiraachuun isaa yoo mirkanaa’e;
(f) shakkamaan mirga himatamuu dhiisuu yoo qabaatee fi sababni seeraa mirgi kun ittiin ka’u kan hin jirre ta’uun isaa yoo mirkanaa’e;
(g) shakkamaan yakkicha ilaalchisee sababa jecha ragummaa isaa kenneen himannaa keessaa bilisa akka ta’uu yoo murtaa’e;
(h) Abbaan Alangaa Waliigalaa faayidaa uummataaf jecha galmeen qorannaa akka addaan citu yoo ajaje;
(i) shakkamaa argachuun kan hin danda’amneefi yakki inni raawwate bu’ura seera deemsa falmii yakkaatiin bakka inni hin jirretti ilaalamuu kan hin dandeenye yoo ta’e.
Seera deemsa Falmii Yakkaa kwt 39 jalatti galmee qorannoo poolisii cufuu ilaalchisee Faayidaa ummataatiif jecha galmee qorannoo Poolisii Cufuun akka danda’amu wanti ibsame hin jiru. Gama biroon Labsii Mana hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Hundeessuuf bahe lakk.214/2011 ,keewwata 7(8) jalattis Abbaan Alangaa ….faayidaa ummataa bu’uura godhachuun yookiin dhimmichi yakkaan kan hin gaafachiisne ta’uun ifatti yammuu beekkame qorannoon jalqabame akka addaan citu ….ni taasisa jechuun Caqasamee jira. Haa ta’u malee Labsicha jalatti hiikkoon Faayidaa Ummataa ykn Haalonni Faayidaa ummataatiif jecha qorannoon yakkaa eegalame itti addaan cituun danda’amu hin tumamne . Labsii kana hojiirra oolchuuf illee dhimmicharratti Dambiin ammatti bahee hojiirra jiru hin jiru.
Galmee qorannoo Cufuun walqabatee Wixinee seera Deemsa Falmii yakkaa fi Ragaa Biyya keenyaa yeroo dheeraaf osoo hin mirkanaa’in jiru yoo ilaalle
Wixinee seera deemsa falmii yakkaa fi Ragaa kana keewwata 156 jala kan jiru yoo ilaalle;
Kwt 156 .Galmee qorannoo cufuu ,Shakkamaan :

  1. kan du’e yoo ta’e
  2. .yeroo yakki raawwatametti umriin waggaa 9 kan hin guutin yoo ta’e
  3. dhimmi ittiin shakkame yakka yoo hin ta’in
  4. 4.Yakki ittiin shakkame kan darbiinsa yeroon daangeffame ,dhiifama ykn baraarsaan hafaa kan ta’e yoo ta’e
  5. 5.Kanaan dura himatamee bilisa kan bahe ykn murtiin balleessummaa kan itti kenname ykn mana murtiin dhimma ilaalamaa jiru yoo ta’e ykn
  6. 6.Dhimmichi araaraan ,walta’insaan ykn tarkaanfii furmaata filannoo biroon murtii kan argate yoo ta’e Abbaan Alangaa galmee qorannoo ni cufa . jechuun tumamee jira.
  7. Hanqina Wixinee kanaas yoo ilaalle ‘Abbaan Alangaa Waliigalaa faayidaa uummataaf jecha galmeen qorannaa akka addaan citu yoo ajaje’ galmeen qorannoo addaan cituu danda’a kan jedhu hin hammatamne akkasumaas haalota qorannoon yakkaa faayidaa ummataaf jecha ittiin addaan citu hin tarreessine waan taheef haala kanaan yoo mirkanaa’e akkuma SDFY amma hojiirra jiruu gama kanaan qaawaan seeraa uumamuu danda’a waan taheef hammachiisuun barbaachisaa dha.
2.2 HIMANNAA DHIYEESSUU DHIISUU

Abbaan Alangaa murtii himannaa dhiyeessuu dhiisuu murteessuun walqabatee wixineen seera deemsa Falmii Yakkaa fi ragaa biyya keenyaa maal hammate ,gaafa mirkanaa’etti furmaata maal akeeka kan jedhu ilaaluu yaalla.
Keewwata 157 . Haalota himannaan itti hin dhiyaanne . Abbaan Alangaa:
1.Shakkamaa balleessaadha jechisiisuuf ragaan dandeessisu hin jiru jedhee yoo amane
2.Ragaan jiraatuus Faayidaa ummataatiif jecha seera kana kwt 158 irratti hundaa’uun himatni akka hin dhiyaanne yoo murteesse.
3.Gochi shakkamaan raawwate yakkicha kan hundeessan firiiwwan dubbii seeraawummaa , qabatamaa gochaa fi kutaa yaadaa bakka tokkotti kan hin guutne yoo ta’e .
4.Shakkamaa argachuuf kan hin danda’amnee fi bakka shakkamaan hin jirretti himatni kan hin ilaalamne yoo ta’e.


Akkuma Galmee qorannoo cufuu arman olitti ilaalle Sirna haqa yakkaa biyya keenyaa jalatti himannaa dhiyeessuu dhiisuus hiikkoon kallattiin kenname hin jiru. Haa ta’u malee Haalawwan galmeen qorannoon xumurame himannaan itti hin dhiyaanne tarreessuun ibsamee jira.
Himannaa yakkaa dhiyeessuu dhiisuun sadarkaa galmeen irratti argamu irratti hundaa’uun adda baasuun ni danda’ama. sababnisaas dhimma galmee tokkoo himannaa dhiyeessuu fi dhiisuun kan ka’u erga qorannoon isaa xumurame waan ta’eef.
Galmee yakkaa qorannoon isaa xumurame irratti murtii galmeen haa cufamuu kennuun ykn himannaan akka hin dhiyaanne murteessuun Aangoo fi Gahee hojii abbaa Alangaatiif seeraan kenname keessaa isa tokkoodha. Kuniis bu’uura Labsii mana hojii Abbaa Alangaa waliigalaa Oromiyaa hundeessuuf bahe Labsii lakk.214/2011 kwt7(26) jalatti ifaan tumamee jiruun Aangoo fi gahee Abbaa Alangaa keessaa Galmee qorannoo yakkaa irratti bu’uura seeraatiin Murtii ni kenna .kan jedhu. Murtiin Abbaan alangaa bu’uura seeraatiin Galmee qorannaa irratti kennu immoo Himata banuu qofa akka hin taane beekkamaa dha. Akkasuamaas Labsii Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa lakk.943/2008 kwt 6(3c) jalatti Abbaan Alangaa Galmee qorannoon isaa xumurame keessa isaa qoratee Ulaagaan Seera deemsa Falmii Yakkaa jalatti jiran yeroo guutaman Ragaa fi seera irratti hundaa’ee murtii Galmeen hin himachiisuu ykn galmeen haa cufamuu ni kenna jechuun tumamee jira.
Galmeewwan qorannoon isaa xumurame irratti murteewwan kennaman ilaalchise akka tumametti galmee qorannoo yakkaa qoratee murtee tahuu qabu kennuu,himannaa qopheessuu fi shakkamaa irratti mana murtii aangoo qabutti himannaa dhiyeessuun aangoo fi ittigaafatamummaa Abbaa Alangaa qofa akka tahe , Abbaan Alangaa Galmee qorannoo yakkaa qoratee murtii himannaan haa hundaa’uu ykn hin hundaa’inii yeroo murteessu dhimmichi mana murtiitiif yoo dhiyaate himatamaa balleessaa kan taasisuu danda’u ragaa gahaa fi Faayidaan Ummataa jiraachuu fi Jiraachuu dhabuu mirkaneeffachuu ittigaafatamuummaan irra jiraata. Abbaan Alangaa Dhimma yakkaatii waliin walqabatee ragaalee dhiyaatan madaaluuf ,himannaawwan dhiyaatan bu’a qabeessummaa fi himannaas Faayidaa ummataatiif jecha ulaagaawwan ykn haalota himanni itti hin dhiyaannee waliin kan walsimatu ta’uu murteessuuf kan gargaaru qajeelfama hojmaataa Abbaan Alangaa Waliigalaa qopheessee hojiirra akka oolu ni taasisa .
Imaammata Haqa Yakkaa Biyya keenyaa lakk. 3.11 jalatti dhimma yakka irratti murtii himanna dhiyeessuu dhiisuu ilaalchisee Abbaan Alangaa Kennuu Qabu akka itti aanutti kaayamee jira.
‘Dhimma Yakkaa irratti murtiilee himannaa dhiyeessuu dhabuu Abbaan Alangaa himanni hin bu’uureffamin ykn murtii galmeen haa cufamuu kennuuf sababni seera qabeessi irratti hundaa’uu qabu seeraan ifa ta’ee tarraa’ee taa’uu qaba. Sababoonni seera qabeessi tarraa’u kunneen qabxiilee ijoo ta’an itti aanan kan hammatu ta’a. Isaanis ፡-
(A) Abbaan Aalangaa Shakkamaa balleessaadha jechuuf kan dandeessisu ragaa gahaa kan hin qabne tahuu yoo hubate,
(B) Shakkamaan bakka hin jirretti himanni ilaalamuun kan hin danda’amne yoo ta’e.
(C) Shakkamaan mirga addaa himatamuu dhabuu kan qabu ta’ee mirgi kun yoo irraa ka’uu baate (D) Shakkamaan yoo du’e
(E ) Shakkamaan yeroo yakka raawwatu sanatti umuriin isaa yakkaan kan hin adabsiine yoo ta’e (F) Shakkamaan dhimmi ittiin shakkame yakka yoo hin taane
(G ) Yakki shakkamaan raawwate haal-dureewwan osoo hin kennamin darbiinsa yerootiin kan dhoorkame ykn baraarsi ykn dhiifamni kan godhameef yoo tahe.
(H) Shakkamaan yakkichumaan kana dura himatamee bilisa kan bahe ykn murtiin balleessitummaa kan itti kenname ykn Mana murtiin dhimmisaa ilaalamaa kan jiru yoo ta’e
(I) Gochi Yakkaa Shakkamaan ittiin shakkame seera yakkaatiin kan hayyamame ykn kan hin adabsiifne fi dhiifama kan kennisiisu yoo ta’e .
(J) Shakkamaan gocha yakkaa shakkameen tasuma ittigaafatamummaan ala haala ta’een tahuu Yaala fayyaan kan mirkanaa’e yoo ta’e
Haa ta’u malee sababoota seera qabeessa olitti ibsaman bu’uureffachuun Galmee qorannoo cufuuf sababa kan ta’een kan walfaallessu Ragaan Faallaa yoo argame Abbaan Alangaa Galmee deebi’ee sochoosuu ni danda’a. jechuun ibsa.
Imaammaticha lakk.3.12 jalatti Faayidaa ummataatiif jecha dhimmoota himanni hin dhiyaanne lakk.3.11 jalatti sababoonni himannaa dhiyeessuu dhiisuuf tarreeffame akkuma eeggametti ta’ee shakkamaa balleessaa taasisuuf kan dandeessisu ragoonni gahaan jiraatullee himanni dhiyaatu faayidaa ummataa kan hin eegsifne ta’uu Abbaan Alangaa Waliigalaatiin yommuu itti amanamu Abbaan Alangaa himannaa dhiyeessuu dhiisuu danda’a.Abbaan Aalngaa Faayidaa ummataatiif jecha himannaa dhiyeessuu dhiisuu murteessuuf haalonni dandeessisu seera deemsa Falmii yakkaatiin fi Qajeelfama Abbaa Alangaa Waliigalaatiin bahu keessatti tarreeffamee kaa’amuu qaba. Faayidaa ummataatiif jecha dhimmootni himanni hin dhiyaanne ulaagaawwan ijoo armaan gadii qabaachuutu irra jiraata. Isaaniis ፡-
(A) Yakki raawwatame baay’ee salphaa ta’uun seerri ifaan yoo tume fi himanni yoo hundaa’ee adabbiin murtaa’u gorsaa,Akeekkachiisa,Ceepha’uu ta’uu Abbaa Alangaa Waliigalaatiin yoo amaname
(B) Shakkamaan sababa Umriin dulloomeef ,ykn dhukkuba irraa fayyuu hin dandeenyeen qabameef dhimmasaa mana murtiitti hordofachuu kan hin dandeenye yoo ta’e
(C) Yakkichi ulfaataa ta’uus shakkamaa fi miidhamaa dhuunfaa gidduu sababni yakkaa uumame Murtii Bulchiinsa haqa yakkaa Idileen kennu irra Seerota Aadaa fi Dhaabbata aadaatiin furmaata waaraa argata jedhamee Abbaa Alangaa Waliigalaatiin yoo itti amaname .
(D) Dhimmichi Adeemsa himannaa keessa yoo darbe Nageenya Biyyoolessaa ykn Walitti dhufeenya Idil Adunyaa kan miidhu taha jedhamee yoo itti amaname
(E) Hidhaa salphaadhaan ykn bu’uura seeraatiin iyyannoo dhuunfaatiin kan adabsiisu fi nama dhuunfaa irratti yakkoota raawwatamee ta’ee miidhamaa dhuunfaa fi shakkamaa gidduu araarri raawwatamee yoo ta’e
(F) Himannaan dhiyaachuun miidhaa walgitaa fi walmadaalaa hin taane kan hordofsiisu yoo ta’e (G) Gochi Yakkaa raawwatame hidhaa salphaan kan adabsiisuu fi miidhichi gadi aanaa ta’ee himatamaan badiisaa amanee miidhamaa dhuunfaa ykn Abbaa mirgaa kan ta’an ifatti dhiifamaa yoo gaafatee fi miidhaa qaqqabsiise deebisee sirreessuuf qophii yoo ta’e
(H) Sababa kamiinuu yakki raawwatame mana murtii aangoo qabutti osoo hin dhihaatiin hafuu isaatiin wayitawaafi barbaachisummaan isaa kan dhabe yoo ta’e
(I) Yakki raawwatame salphaafi miidhaan gahe gadi aanaa ta’ee shakkamaan gochi inni raawwate amala yakkaa hin qabu yaada jedhuun hubannaa guutuu dhabuun kan raawwate yoo ta’ee fi k.k.f dha.
Gama Biraatiin Seeruma Deemsa Falmii Yakkaa kwt 42 Jalatti akka ibsametti Haalota himannaan dhiyaachuu hin qabne
1)Himannaan dhiyaachuu kan hin qabne ;
A) Abbaan Aalangaa Shakkamaa balleessaadha jechuuf kan dandeessisu ragaa gahaa kan hin qabne tahuu yoo hubate,
(B) Shakkamaan bakka hin jirretti himanni ilaalamuun kan hin danda’amne yoo ta’e.
C) Yakki shakkamaan raawwate darbiinsa yerootiin kan dhoorkame ykn baraarsi ykn dhiifamni kan godhameef yoo tahe.
D) Abbaan Alangaa dhimmicha Himachuu dhiisuu sababa Faayidaa Ummataatiif akka ta;e ajaja Ministeeraan ykn ajaja harka isa jala jiruun yoo tahe
2) Bu’uura biroo kamiinuu Abbaan Alangaa himannaa dhiyeessuu dhiisuu hin danda’u.
3)Abbaan Alangaa dhimmoota Mootummaa irratti dhiibbaa uumuu danda’an irratti yoo ministeeraan ajajame himannaa dhiyeessuu ni danda’a. jechuun tumameee jira,
Tumaa seera deemsa keewwata armaan olii keewwata xiqqaa lama yoo ilaalamu haalli biroo kan abbaan alangaa himannaa dhiyeessuu itti dhiisuu waan hin jirre fakkaata.
Imaammata Haqa Yakkaa biyya keenyaa armaan olitti ilaalle lakk.3.12 jalatti Abbaan Alangaa Faayidaa ummataatiif jecha himannaa dhiyeessuu dhiisuu murteessuuf haalonni dandeessisu seeraan ifa ta’ee Seera deemsa Falmii yakkaatiin fi Qajeelfama Abbaa Alangaa Waliigalaatiin bahu keessatti tarreeffamee kaa’amuu qaba jechuun ibsamee jira. Haa ta’u malee SDFY Keewwata 42(1D) jalatti Abbaan Alangaa Ministeeraan[ yeroo ammaa Abbaa Alangaa Waliigalaan] yoo ajajame sababa Faayidaa ummataatiif himannaa dhiyeessuu dhiisuu akka danda’u ifaan caqasuus Labsiin Mana hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Giddugaleessa yeroo Mootummaa cehumsaa Itoophiyaa Lakk.39/1993 keewwatni 24(2) SDFY kwt 42/1/d, fi 42(3) ifaan haqee jira. Labsicha jalattiis faayidaa ummataatiif jecha haalotni himannaa dhiyeessuu dhiisuun itti danda’amu hin teenye .
Maanuwaalii yakkoota adda addaa MHAAWO bara 2011 bahe keewwata 94 jalatti immoo haala himannaan itti hin dhiyaanne ilaalchisee akka itti aanutti ibsamee jira.
Keewwata 94. Haala Himannaan Itti Hin Dhiyaanne
1) Ragaa gahaan shakkamaa balleessaa taasisuu danda’u jiraatus himanni dhihaatu faayidaa uummataa kan hin eegsifne ta’uu Abbaan Alangaa Waliigalaa yeroo itti amanu himanni dhiyaachuu dhabuu ni danda’a.
2) Faayidaa uummataatiif jecha sababoonni himanni itti hin dhihaanneef isaan ijoo ta’an keessaa kan armaan gadii eeruun ni danda’ama.
(j) Shakkamaan sababa umuriin isaa dulloomeef yookiin dhukkuba fayyuu hin dandeenyeen qabameef dhimma isaa mana murtiitti hordofuu kan hin dandeenye yoo ta’e;
(k) Himata dhiheessuun maatii yookiin hawaasa irratti dhiibbaa madaalawaa hin taane kan hordofsiisu yoo ta’e;
(l) Sababa kamiinuu yakki raawwatame mana murtii aangoo qabutti osoo hin dhihaatiin hafuu isaatiin wayitawaafi barbaachisummaan isaa kan dhabe. Fakkeenyaaf, yakkichi salphaa ta’ee yeroo yakki itti raawwatameefi yeroon qorannoon itti eegalame baay’ee wal irraa kan fagaate yoo ta’eefi dhimmicha irratti himata dhiheessuun himatamaa adabsiisuun faayidaa kan hin qabne yoo ta’e;
(m) Yakki raawwatame salphaafi miidhaan gahe giddu galeessa yoo ta’eefi shakkamaan gochi inni raawwate amala yakkaa hin qabu yaada jedhuun hubannaa guutuu dhabuun kan raawwate yoo ta’e;
(n) Sababni yakkaa shakkamaafi miidhamaa giduutti uumame murtii karaa bulchiinsa sirna haqaa yakkaa idileetiin kennamu caalaa seerota aadaafi dhaabbatoota aadaatiin furmaata dhumaa argata jedhamee hooggansa ol’aanaadhaan kan amanameefi Abbaan Alangaa bu’uruma kanaan yoo ajajame;
(o) Dhimmichi adeemsa falmii keessa darbuun isaa nageenya biyyaa yookiin walitti dhufeenya idil-adduunyaa kan miidhu ta’a jedhamee hooggansa ol’aanaadhaan kan amanameefi Abbaan Alangaa bu’uruma kanaan yoo ajajame. Jechuun tarreeffamee jira.

  1. shakkamaan mirga addaa himatamuu dhabuu kan qabu ta’ee mirgi kun kan irraa hin ka’in yoo ta’e ykn
    6.Shakkamaan sababa dhibee sammuu ykn rakkoo fayyaa kan birootiin adeemsa falmii hubachuu,hordofuu ykn ofirraa ittisuu kan hin dandeenye yoo ta’e murtii hin himachiisuu kennuutu irra jiraata.
    Keewwata 158. Faayidaa ummataatiif jecha.himata hundeessuu dhabuun akkaatuma dhimmicha haala addummaa isaatti qajeelfama Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa baasu irratti hundaa’ee:
  2. Gochi yakkaa shakkamaan raawwate seerotaa fi dhaabbatoota Aadaatiin haala fooyyee qabuun furmaata kan argatu yoo ta’e
  3. Himatni yoo hundaa’e walitti dhufeenya idil Adunyaa ykn nageenya biyyoolessaa kan miidhu yoo ta’e ,
  4. Sababa kamiinuu yakki raawwatame mana murtii aangoo qabutti osoo hin dhihaatiin hafuu isaatiin wayitaawummaa fi barbaachisummaa isaa kan dhabe yoo ta’e
    4.Himatni hundaa’uun bu’aa isaarra miidhaan ol’aanaa kan hordofsiisu yoo ta’e .Abbaan Alangaa Faayidaa ummataatiif jecha .murtii himata hundeessuu dhiisuu kennuu danda’a .
    Keewwata 159 . murtii himata hundeessuu dhabuu yeroo kennuu sirni hordofuun irra jiraatu Abbaan Alangaa;
  5. Seera kana keewwata 157 keewwata xiqqaa 1 irratti hudaa’ee murteen kennamu gahumsa ragaa irratti hundaa’uun ta’ee murteedhuma kana kan jijjiirsisu ragaa Haaraa yoo argate murtee isaa fooyyessuun ajaja barbaachisaa ni kenna. ,
    2.Seera kana keewwata 157 bu’uura keewwata xiqqaa 5 tiin murtee kennuun dura shakkamaa mirga himatamuu dhabuu isaa akka irraa ka’u gaaffii qaama ilaallatuuf ni dhiyeessa.
    Akka Waliigalaatti Tumaalee seeraa deemsa falmii yakkaa,imaammata haqa yakkaa fi maanuwaalii armaan olii irraa wanti hubatamu, Akkaata sirna seeraa biyya keenyaatti Galmee qorannoo cufuuf ykn himannaa dhiyeessuu dhiisuuf haalotni bu’uura tahan baayyeen akka jiruu fi hiikkoon kallattii fi tarreeffamni fixataa tahe akka hin jirree dha. Akkasumaas Faayidaa ummataatiif jecha galmee qorannoo cufuun ykn himannaa dhiyeessuu dhiisuu haalonni dandeessisan seeraan bifa iftoomina qabuun tarraa’ee kan hin caqasamnee ta’uu fi innumti Abbaa Alangaa Waliigalaatiin yoo itti amaname qofa akka ta’ee fi Abbaan Alangaa dhimmicha qabate akka barbaade irratti murteessuu akka hin dandeenye agarsiisa.

BOQONNAA SADI
MURTII GALMEE QORANNOO ADDAAN KUTUU FI HIMANNAA DHIYEESSUU DHIISUU ILAALCHISEE MUUXANNOO BIYYOOTA BIROO
3.1 Muuxannoo Biyya Ingilizii
Biyya Ingilaanditti Poolisiin gahee dachaa qaba. Poolisiin qorannoo yakkaa gaggeessuu qofa osoo hin taane ,himachuun falmii gaggeessuu danda’a. kunis kan ta’u hamma dhimmicha abbaa Alangaatiif dabarsuttii dha.
Akkaatuma kanaan sadarkaa qorannootti Poolisiin galmee cufuu ykn qorannoo addaan kutuu danda’a. Sadarkaa Jalqabaatti Poolisiin dhimmicha kufaa gochuuf aangoo ni qabaata .Shakkamaa himachuu irra akeekkachiisuuf murteessuu danda’u, Salphumatti kana caalaa itti adeemuu dhiisuuf murteessuu danda’u. Akkasumaas abbaan alangaas dhimmichi osoo qorannoo irra jiruu qajeeltoo ulaagaa sadarkaa ragaa fi faayidaa ummataa koodii tajaajiala Abbaa Alangummaa sirna mootii (code for crown proscution service) keessatti tarraa’ee hojiirra oolchuun akka qorannoon addaan citu murteessuu danda’a. Falmii yakkaa Adeemsa dhagahaan duraa harka caalu poolisiin kan gaggeeffamuu dha. kana jechuun Abbaan Alangaa guutumatti gahee keessaa hin qabu jechuu miti .
Abbootiin Alangaa Poolisii fi Qorattoota biroo kallattiin qorannoo sababawaa ta’uu malu,Ulaagaawwaan ragaalee,adeemsa himannaa duraa ,tarsiimoo qorannoo hundumaa ilaalchisee gorsa ni kenna. kuni kan hammachuu danda’u goch yakkaa fi baay’ina shakkamtoota qorannoon irratti gaggeeffamuu qulqulleessuu ykn daangaa qorannoo dhiphisuu dha. Gorsi kun Poolisii fi qorattootni qorannoo isaanii yeroo murtaawaa keessatti xumuruun adeemsa falmii bu’a qabeessa gaggeessuuf gargaara. Abbootiin Alangaa Poolisii ykn qorattoota biroo ajajuu hin danda’an Garuu, Abbaan Alangaa yaada gorsaa kennuun kallattiin qorannoon gaggeeffamu sirrii ta’e inni kenne hordofamuu dhabuun ykn odeeffannoo gaafachuu dhabuun yeroo galmee irratti murtessuu dhiibbaa akka qabu itti himuu dha. Abbootiin Alangaa yoo danda’ame laafina ragaa suphuun akka danda’amu Ulaagaa isa xiqqaa ragaan guutuu qabu bu’uura godhachuun adda baasuu qaba. dhimma qorannoo dabalataatiin ragaan isaa cimuu hin dandeenyee , Ulaagaa Madaallii Ragaa guutuu hin dandeenye ykn Faayidaa Ummataatiif jecha dhimmicha itti fufuun hin barbaachifne dafanii qorannoo isaaa dhaabuu qabu. Akkaataa Sections 23 fi 23A of the Prosecution of Offences Act 1985 (“the POA”) Abbaan Alangaa heyyama mana Murtiitiin ala Falmii yakkaa itti fufuu dhaabuu akka danda’u aangoo kenneefii jira.Falmii itti fufuu dhaabuun kun gareen falmitootni mana murtiitti dhiyaachuu fi dhagaya dhimmaa hambisa. kun himatamaan hamma dhagaya itti aanutti turuun osoo hin barbaachisin battalumatti akka gadi dhiifamu dandeessisa.Sababoota kanaaf gosoota falmii itti fufuu dhaabuu keessa inni kun irra filatamaa dha.
Erga Altokko poolisiin adeemsa falmii yakkaa eegale dirqamni falmicha harkaa fuudhuu kan Abbaa Alangaati. Abbaan Alangaa galmee erga fudhate booda falmicha itti fufuu ykn dhiisuu murtii kenna.
Abbaan Alangaa Murtii kana kennuuf qajeeltoo koodii Abbaa Alangaa ‘code of practice for crown Proscutors’ jedhamu keessa jiru hoiirra oolcha. Qajeeltoon kunis ‘Full code test principple ‘ jedhamuun beekkama. Aangoon Falmii yakkaa itti fufuu dhiisuu kun karaalee falmiin yakkaa itti fufuu dhiisuu baay’ee keessaa isa tokkoo dha.
full code test Principle [Qajeeltoo Koodii Guutuun Yaaluu]
A two‐stage test, under the Code for Crown Prosecutions, applied by a prosecutor when determining whether an offender is to be charged with an offence. The first stage is consideration of the evidence. If the case does not pass the evidential stage it must not go ahead no matter how important or serious it may be. If the case does pass the evidential stage, the prosecutor must proceed to the second stage and decide if a prosecution is needed in the public interest.
Qajeeltoon kun qajeeltoo Yaalii sadarkaa dhimmi tokko ulaagaa gahumsa ragaa fi Faayidaa Ummataa kabajchisuu fi dhiisuu mirkaneeffachuuf keessa darbuu qabuu dha.
Akka Qajeeltootti Ittigaafatamummaan falmii yakkaa ittifufuu ykn dhaabuu kan Abbaa Alangaati. Abbaan Alangaa itti fufinsaan dhimma galmee yakkaa irra deebiin ilaaluun haalli jijjiiramu kamuu yoo jiraate ilaalcha keessa galchuu qaba. Abbaan Alangaa falmichi kan itti fufuu hin qabne tahuu yoo hubate ,dhimmichi carraaa jalqabaa irratti dhaabbachuu danda’a. Murtiin falmii dhaabuu jalqaba irratti yeroon kennuun keessattuu shakkamaan to’annoo jala yoo jiraate barbaachisaa dha. Yeroo tokko tokko yoo Abbaan Alangaa Murtiin duraan kenname bu’uura irraa dogoggora ta’uu yaade Murtii Abbaan Alangaa (Poolisiin yoo aangeffame ) jalqaba himata bane falmii itti fufuuf kenne jijjiiruun sirrii ta’uu danda’a.
Murtiin bu’uura seeraatiin himata kufaa gochuu ykn itti fufuu dhiisuu Abbaa Alangaatiin kan darbu ta’ee yoo falmiin yakka raawwatame jedhame sanaa bu’uura seeraa kan hin qabne yoo ta’e( firii dubbii yakkicha hundeessan kan hin qabne yoo ta’e) ykn Akkaataa Adeemsaan Hafaa kan tahe[darbiinsa yerootiin,himatamaan du’uun,yakkamaan kan hin beekkamne yoo ta’e, fi k.k.f]. Amaloota ijoo Sirna biyya Ingilizii keessa Abbaan Alangaa Aangoo bilisummaan falmii yakkaa gaggeessuuf ykn gaggeessuu dhiisuuf murteessuu qabaachuu dha.Abbaan Alangaa himachuuf hin dirqisiifamu. Kun akkuma jirutti ta’ee ,Seerri Tajaajila Abbaa Alangummaa kana hundeesse Koodiin qajeeltoo aangoon bilisummaan murteessuu[discretion to proscute principle ] kun ittiin tarraa’u akka tumamu kaa’a. Koodichiis kan agarsiisu Murtiin falmii yakkaa gaggeessuu kun sadarkaa lamaan ta’uu akka qabuu dha. Jalqaba Abbaan Alangaa Ragaan Gahaan dhiyaachuu danda’u jiraachuu mirkaneeffachuu qaba. ..qabatamaan adabsiisuu danda’uu. ta’uu baannaan dhimmicha qabatee itti fufuu hin qabu. Lammaffaarratti Ragaa gahaa qabaatee adabsiisuu yoo danda’ellee himanna dhiyeessee falmii iiti fufuun faayidaa ummataa kabajchiisuu fi kabajchiisuu dhabuu mirkaneeffachuu qaba. kun akkuma jirutti ta’ee Koodichi haalota baay’ee himannaan dhiyaachuun falmiin itti fufuu qabuu fi gama kaaniin immoo haalota baay’ee falmiin itti fufuu hin qabne tarreessee jira. Manni Murtii immoo yoo qajeelfamni koodii keessatti hammatame qixa sirriin hojiirra hin oole Aangoo dhimmicha irra deebiin ilaaluu [ Judicial review] gaggeessuun ilaaluu qaba. Bu’aa Gahee hojii qooddachuu Tajaajila Abbaa Alangaa fi Poolisii gidduu jiru irraa kan ka’e Murtiin Aangoo Falmii gaggeessuu ykn dhiisuu sadarkaa lamatti hojiirra kan ooluu dha. Altokko Poolisiin yeroo falmii himata hundeessuun ykn hundeessuu dhiisuu murteessu fi Ammaas Abbaa Alangaan yeroo falmicha itti fufuu ykn ittifufuu dhiisuu murteessu dha. Poolisiin yemmuu murtii jalqaba murteessu carraa shakkamaa akeekkachiisa idileen gadi lakkisuu qabu. Ulaagaawwan Poolisiin shakkamaa himachuu irra akeekkachiisaan yeroo gadi lakkisan Hojiirra Oolchan Qajeelfama Ofiiseelawaa (official guidelines) Mana hojii ol’aanaa isaaniitiin tumamee tarraa’ee jira. Qajeelfama ykn Gaayidlaayinii kana keessatti haalotni baay’een kan koodii Abbootii Alangaa keessatti tumamaniin walfakkaatan caqasamanii jiru .
Akkuma olitti ibsuuf yaalame Abbaan Alangaa dhimmicha eegaluu ykn itti fufuu kan danda’u sadarkaa koodii guutuun yaaluu{ The Full Code Test}lamaan yoo darbe qofaa dha. Sadarkaan lamaan kuniis sadarkaa ragaan ilaalamu fi ittiaansee kan dhufu sadarkaa Faayidaa ummataati . qajeeltoon kun kan hojiirra oolu ;qorannoon erga xumuramee boodaa ykn osoo qorannoon hin xumuramin dura yoo abbaan alangaa ragaan asichi dhufu ykn wanti qabatamaan falmii itti fufuu ykn dhiisuu irratti tarii dhiibbaa uumu danda’uu jiraachuu dhabuu hubatee dha. Dhimmoota baay’ee irratti abbaan Alangaa erga ragaan gahaan himachuuf dandeessisu jiraachuu hubatee booda kan Faayidaa ummataa jiraachuu ilaaluu ,Haa tahu malee yeroo itti osoo ragaan hundi hin ilaalamne galmichi Faayidaa ummataatiif jecha himachuun kan hin barbaachifne tahuu hubatamuutu jira. yeroo haalli akkanaa qunnamu abbaan alangaa dhimmichi kan itti fufuu hin qabne ta’uu murteessuu danda’a. Abbaan Alangaa murtii akka kanaa irra gahuu kan qabu erga yakkummaan isaa bal’inaan ilaalamee murtaa’ee fi odeeffannoo guutuu sakatta’insa faayidaa ummataa taasisee boodaa dha. Yoo Abbaan Alangaa murtee kana kennuuf odeeffannoo gahaa hin qabaanne qorannoon itti fufuu fi murtiin booda irra akkaata yaalii koodii guutuu [full code test] hojiirra oolcheen ta’uu kan qabuudha…
….Sadarkaa Ragaa(Evidential stage ] yoo ilaalamu ; Abbaan Alangaa Ragaa gahaa tokkoon tokkoo shakkamtootaa tokkoon tokkoo himataa jalatti balleessaa isaan taasisuu qabatamaan jiraachuu mirkaneeffachuu qaba. ittisni maal ta’uu danda’a,carraa balleessaa taasisuu himatamntootaa irratti dhiibbaa uumuu danda’a moo miti kan jedhu hubachuu danda’uu qaba.dhimmi sadarkaa ragaa kana darbuu hin dandeenye hammamuu dhimma yakka ulfaataa fi ho’aa[sensitive] yoo ta’ellee itti fufamuun irra hin jiraatu. tilmaamni balleesaa taasisuu kan irratti hundaa’u Abbaan alangaa xinxaallii ragaa dhama qabeessa ifatti mul’atuu fi salphumatti hubatamu[objective assesment] taasisuu dhiibbaa ragaan ittisaa fi odeeffannoon biraa shakkamaan dhiyeessee isaan irratti hundaa’uu malu. Kana jechuun Abbaan seeraa ykn dhaddachi ifaa fi bilisaa,alloogummaa qabu fi sababaawaa ta’e dhimmicha sirritti seera irratti hundaa’ee ilaale carraan himata dhiyaateen himatamaa balleessaa taasisuu dhiisuu ol’aanaa dha. . Sadarkaa Faayidaa Ummataa [The Public Interest Stage] . Dhimma kamiyyuu irratti yoo ragaan gahaan himachiisu jiraate ykn himachuu dhiisuuf yoo ta’e Abbaan Alangaa itti fufee himachuun kan barbaachisu ta’uu fi dhiisuu Faayidaa ummataa ilaaluu qaba. dhimmi tokko Sadarkaan Ragaan yaaluu altokko dabarraan battalumaan himannaan gonkuma itti fufamee hin beeku. Abbaan Alanagaa Himannaan kun Faayidaa ummataa kan kabajchiisu ta’uu fi dhiisuu ilaaluutu irra jiraata. Faayidaa Ummataa yommuu Murteessu Abbaan Alangaa gaaffiiwwan armaan gaditti tarraa’an ilaalcha keessa galchuu qaba. Haalota faayidaa ummataaf rogummaa qaban ,haalonni kunis haalota Faayidaa ummataa Kallattii qajeelfama rogummaa qabuu fi imammata Daarektara Abbaa Alangaan Bahe keessatti tumamee waliin Abbaan Alangaa xinxaalaa waliigalaa Faayidaa ummataa akka godhu dandeessisa. Gaaffiiwwan Addeessituun barreeffama armaan gadii Abbaan Alangaa tokkoon tokkoo gaaffiiwwanii debisuun haalotni Faayidaa ummataa kabajchiisuuf himachuu fi dhiisuu ilaalchisee dhiibbaa uuman jiraachuu adda baafata. Tarreeffamni gaaffiiwwan kanneenis Fixataa [exhuastive] miti. akkasuma gaaffiiwwan hundi dhimma hundumaa keessatti rogummaa hin qabaatan. Ulfaatinni tokkoon tokkoo gaaffiitiif kennamuu fi Haalonni dhiibbaa uumu adda baafamanis firii dubbii fi barbaachisummaa dhimmichaan garagara kan ta’uu dha.Haalli Faayidaa ummataa tokko mataasaatiin kanneen biroo faallaa isaatiin jiran caalaa ulfaatina qabaachuu danda’a. Kanaafuu Abbootiin Alangaa Tokkoon tokkoo gaaffiiwwan armaan gadii ilaalcha keessa galchuu qaba. Isaaniis : a) Yakki raawwatame hammam ulfaataa dha? hammuma yakki raawwatame ulfaataa ta’u ,himannaan isaas barbaachisuu danda’a. abbaan alangaa yeroo kana xinxaalu balaafamummaa shakkamaa fi miidhaa gahe ilaalcha keessa galchuu qaba.
b) Balaafamummaan shakkamaa hammami? Hammuma balaafamummmaan shakkamaa ol’aanaa tahu himatamuun isaa barbaachisa. Balaafamummaan murtaa’uu kan danda’uun:
i. sadarkaa hirmaanna shakkamichaa yakka keessatti .
ii. Hammamtaa inni yakka raawwachuuf qophaa’e ykn karoorfate
iii. Hamma gocha yakkaa irraa inni fayyadamaa ta’e ,
iv.Kanaan dura yakkaan himatamee itti murtaa’uu fi ykn mana murtiin ala dhimma isaa kufaa ta’uu fi osoo wabiin jiruu yakka raawwachuu ykn osoo ajaja mana murtiin jiruu yakka raawwachuu
v. yakkichi kan raawwatamaa ture ykn kan ittifufuu danda’u,irra deddeebii’amaa kan tahuu malu. vi. Umriin shakkamaa fi Bilchina Shakkamaan balaafamummaa gadaanaa qabaachuu danda’a ,shakkamichi yoo dirqisiifame ,sarbame,humna isaatti akka malee fayyadamame, keessattuu miidhamaa yakkaa ta’uunii fi yakka isaan raawwataniin kan walqabatu. Abbaan Alangaa akkasumaas shakkamaan yeroo yakka raawwatutti miidhaa fayyaa qaamaa ykn sammuu ykn qaama miidhamummaa/hir’ina qaamaa/ qabaachuu fi dhiisuu ilaaluu qaba. haalota muraasa keessatti kun jiraachuu jechuun himannaan hin barbaachisu. Haa ta’u malee Abbaan Alangaa ulfaatiinni yakkichaa maal akka ta’e hubachuu isa barbaachisa. shakkamaan tarii deebi’ee kan yakka raawwwatu ta’uu fi dhiisuu, fi Ummataaf eegumsaa fi dawoo seeraa ta’uu ykn namoota shakkamaa kana eeganiif dawoo seeraa ta’uun barbaachisaa dha.
c) Haalonnii fi Miidhaan miidhamaa irra gahe kan akkamiiti?
• Haalli miidhamaan irra jiru baay’ee murteessaa dha. Haalli saaxilamummaa miidhamaa hammuma dabale ykn miidhamummaan yaaduun hammuma dabale himannaa ittifufuun barbaachisaa ta’a. Kuni kan hammatu yeroo sadarkaan Amanamummaa ykn Aaangoo gidduu shakkamaa fi miidhamaa jiraate.
• Carraan Himannaan itti fufuu ol’anaa dha yoo yakkichi yeroo raawwatamu sanatti miidhamaa ummata tajaajilaa jiru irratti raawwatame..
• ammaas himannaan barbaachisaa ta’uu danda’a,yoo yakkichi loogii bifa kamuu qabatama ykn tilmaamaa sabummaa miidhamaa,ykn lammummaa,saala,qaama miidhamummaa,umrii,amantii ykn yaada itti amananiif ,eenyummaa saala miidhamaa ykn shakkamaan miidhamaa humna isaa akka malee fayyadame ykn jibbanna qabu miidhamaa amaloota kanneeniin kaka’uun agarsiise.
• Abbaan Alangaa ammaas yoo tarii himannaan dhiyaachuun fayyummaa qaamaa ykn sammuu miidhamaa dhuunfaa irratti dhiibbaa qabaate ilaaluu barbaachisa ,yomiyyuu hubachuu kan qabu ,ulfaatina yakkichaa,,jiraachuu tarkaanfii addaa fi carraan falmii himannaa osoo miidhamaan dhuunfaa itti hin hirmaatin gaggeeffamuu jiraachuu.
• Abbaan Alangaa dhiibbaa yakkichaa ilaalchisee yaada miidhamaan dhuunfaa ibse ilaalcha keessa galchuu qaba. Iddoo barbaachisaa ta’etti Yaadni kun yaada maatii miidhamaa dhuunfaas kan hammatuu dha.
• Haata’u malee Tajaajilli Abbaa Alangaa sirna mootii [crown proscutors service] or[CPS] haala Abukaattoon dhuunfaa maammila isaaniitiif raawwatuun walfakkaatuun miidhamaa dhuunfaa ykn maatii isaatiif hin raawwatu. fi Abbaan Alangaa Yaada waliigalaa Faayidaa ummataa giddu galeessa godhachuu qaba.
d) Umriin shakkamaa fi bilchinni isaa yeroo yakka raawwatutti maal ture? What was the suspect’s age and maturity at the time of the offence?
• Sirni Haqa Yakkaa daa’immanii fi dargaggoo ga’eessoota irraa haala addaatiin ilaala. Umrii shakkamaatiif ulfaatina addaatu kennamaaf yoo umriin daa’ima ykn dargaggoo Waggaa 18(kudha saddeeti )gadii ta’e.
• Faayidaaf nageenya daa’immanii ykn dargaggoo caalatti kabajchiisuun ilaalcha keessa galuu qaba. kun kan hammatu yoo tarii himatamuun isaanii egeree isaanii irratti dhiibbaa ulfaatina yakkichi geessisuun walhin gitne kan gessisuu danda’uu fi dhiisu ta’uun ilaalamuu qaba.
• Abbaan Alangaa Kaayyoo Ijoo Haqa yakkaa dargaggoo irratti xiyyeeffachuu qaba. kuniis Daa’imman fi dargaggoon akka yakka hin raawwanne ittisuu irratti xiyyeeffachuun . Abbaan Alangaa dirqamoota Koonveenshinii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii bara 1989 A.L.A bahe ,Koonveenshinii Mirga daa’immanii [CRC] jalatti kaa’ame xiyyeeffannaan hojiirra oolchuu qaba.
• Abbaan Alangaa bilchina shakkamaa ilaaluutu irra jiraata. Akkasumaas dabaliinsa umrii isaa [their chronological age], dargaggoon ga’eessii bilchinni isaa walakkaa diigdamoota isaatti waan itti fufuuf.
• Hammuma umriin dargaggoo xiqqaatu carraan himatamuun barbaachisuu isaa xiqqaata.
• Haata’u malee haalli shakkamaan umriin isaa waggaa 18 gadi ta’uu ykn bilchina dhabuun jiraatuus Faayidaa ummataatiif jecha himatamu jiraachuu danda’a. kunis kan hammatu yoo:
i.Yakki raawwatame ulfaataa ta’e
ii. Kuusaan galmee shakkamaa duraan qabu filannoon mijataan himachuu dhiisuu kan hin jirre ta’uu yoo akeeke fi
iii. Amanuun [karaa mana murtiin ala dhimmichi xumuramu] amala yakka raawwachuu ittiin furamuu irra ture dhabamuun yoo jiraachuu baate .
e) Hawaasa irratti dhiibbaa akkamii qabaata?
• Hammuma dhiibbaan hawaasa irratti yakkichi qabaatu ol’aanaa ta’u himachuun barbaachisaa ta’a.
• Yakkichi hawaasa keessa jiraachuun haala addaatiin hawaasichuma sana miidhuu danda’a.kuni immoo ulfaatina yakkichaa dabala.
• Hawwaasni hawaasota iddoo argama murtaa’een hiikameen kan daanga’ee akka hin taanee fi garee ummataa kan amaloota,muuxannoo ykn dhufaatii[dugda-duubee] hamma ta’e waliin qooddatu,garee hojii dabalachuu danda’a.
• Ragaan dhiibbaa hawaasaa qabaachuu dhimmichaa karaa ibsa dhiibbaa hawaasaa[a Community Impact Statement] argamuu danda’a…
f) Himannaan deebii walgitaa dhaa ,Is prosecution a proportionate response?
• Himannaa dhiyeessuun bu’aa argamuun walgituu fi dhiisuu hubachuuf kan armaan gadii rogummaa qaba:
i. Baasiin Tajaajila Abbaa Alangummaa sirna mootii [CPS] fi sirni haqa yakkaa bal’aan keessattuu yeroo akka caalchifameettii [excessive] ta’etti ilaalamu yemmuu adabbii murtaa’uu malu kamiyyuu irra darbaa ta’etti ulfaatinni kennamuuf. Abbaan Alangaa faayidaa ummataa haala kana qofa irratti hundaa’ee murteessuun irra hin jiraatu. Haalota Faayidaa ummataa gaaffiiwwan Koodii Tajaajila Abbaa Alangaa Sirna mootii[CPS] keewwata 4.14 armaan olii a) hamma g) jiran yeroo ilaalamu keessatti xiyyeeffannaa kennuun barbaachisaadha. Garuu Baasii ilaaluun murteessaa kan ta’u yeroo xinxaala waliigalaa Faayidaa ummataa taasifamee dha.
ii. Dhimmoonni himannaa dhiyeessuun kan falmamuun irra jiraatu akkaataa qajeeltoo hoggansa dhimmaa bu’a qabeessaa [principles of effective case management]tti. Fkn dhimma shakkamtoota baay’ee hammate adeemsa baay’ee dheeraa fi walxaxaa ta’e hambisuuf ,himannaan shakkamaa muummee qofa irratti hundaa’uu danda’a.
g) Maddi odeeffannoo eegumsa barbaadaa ?
• Dhimma Yommuu mirga addaa Faayidaa ummataa raawwatiinsa hin qabne yeroo adeemsi falmii himannoo gaggeeffamu dhimmichi gadifageenyaan ummataaf banaa ta’uun yoo barbaachise kan madda odeeffannoo miidhuu danda’u,dhimma qorannoon gaggeeffamaa jiru,Hariiroon idil-addunyaa,ykn nageenyi biyyoolessaa ofeeggannoon addaa taasifamuu qaba. Dhimma akkanaa itti fufiinsaan gamaggamaa deemuun barbaachisaa dha.
3.2 Muuxannoo Biyya Faransaay fi Beeljiyeemii
Abbaan Alangaa Biyya Faransaay Yakka beekumsa isaa qabu ilaalchisee tarkaanfii maal akka fudhachuu qabu ni gamaggama[kwt 40 CPP(criminal Procedure Proclamation)] .Akkuma kana bifa walfakkaatuun biyya beeljiyeemittis Aangoon bilisummaan Murteessuun himachuu fi dhiisuu ‘Code d’instruction Criminelle’ keessatti kaa’ameeti jira. Biyya Faransaay fi Beeljiyeemitti Murtiin seera hojiirra oolchuu fi filannoon murtii himachuu baratamaan akka aangoo qaama raawwachiiftuu kan Abbaa Alangaa to’atuuf aangoo qabuutti ilaalamaa turee jira. Akka Qaama yaaddama kanaatti Yaadni murtiin Abbaa Alangaa dhimmarratti kennu to’annoo Mana murtii olta’uun argamaa ture. Garuu ,haalli hirkattummaa Abbaa Alangaa daangessuu kun Gahee qaama Abbaa seerummaa akka qabaatutti akka lakkaawamu hordofsiisee ture. Kun immoo sochiin garagaraa murtiin abbaa alangaa daran akka iftoomina qabaatu taasisu uumamaa dhufe. Akkasumaas murtiin Abbaa Alangaa akkuma biyya Ingilizii to’annoo garagaraa qaama alaa jalatti kufaa dhufe. Akkuma olitti ilaalle qindeessi haarawni Biyya Beeljiyeem ,Gaayidlaayiniin dhimmoota imaammata himannaa ilaalchisee Koollejjii ‘College des procurers’ tiin bahuun Weebsaayitii Ministeera Haqaa Biyyattii irratti maxxanfamee jira. Biyya Faransaayitti ammallee dhimmichi iftoomina sadarkaa kanaatiif hin geenye. Haa ta’u malee sababoonni murtiin Abbaa Alangaa baay’inaan irratti hundaa’u bal’inaan kan beekkamuu fi ifaan ifatti mariyatamu fi kitaaba seeraa keessatti taa’aniiru. Dabalataan Ministeerri Haqaa biyya Faransaay yeroo yerootti Xalayaa ofiiseelawaa[official circulars] kan Gorsa Abbaa Alangaatiif gosoota yakkaa murtaa’e ilaalchisee maal akka gochuu qaban ibsu ni baasa. Faransaay keessatti ,yoo baayyee turuu baatees biyya beeljiyeemittis sochiin Aangoo Abbaa Alangaa dhimma himachuu dhiisuu ykn kufaa gochuu Daangessuuf taasifamaa ture. Bara 1998 Keewwata 40 CPP,kan akka Madda Aangoo Abbaa Alangaa Biyya Faransaay himata dhiyeessuu dhiisuuf qabu tume Abbaan Alangaa dhimma yakka Saalqunnamtii fi sarbaminsaa ilaalchisee himachuu yoo dhiise Sababa akka kaayu taasisuuf Fooyyeffamee ture.Yeruma walfakkaataa yaaliin hin milkaayin seera Abbaan Alangaa dhimmoota hundumaa ilaalchisee himannaa dhiyeessuu dhiisuuf sababa akka kaayu tumu jijjiiruuf taasifamee ture. Haala kanaanis mirga lammiilee abdii kutatan idileessuun Abbaan Alangaa Waliigalaa[olaanaan] naannoo murtii Abbaan Alangaa jalaa himannaa dhiyeessuu dhiisuu murteessuun kenne irra deebi’ee akka ilaalamuufif akka gaafatan taasise jira.
Hanqina Iddoo fi yeroo qabnu irraa kan ka’e muxannoo biyyoota kanneenii kana caalaa baballisuun ibsuu hin dandeenye.
BOQONNAA AFUR
BU’AA MURTII GALMEE QORANNOO CUFUU FI HIMANNAA DHIYEESSUU DHIISUU :SAKATTA’INSA SEERA BIYYA KEENYAA
4.1 Bu’aa Galmee qorannoo Cufuun Hordofsiisu
Galmeen Qorannoo Yakkaa tokko cufamuun dhimma salphumatti ilaalamee bira darbamuu miti .sababnisaas Mirgaa fi dirqama qaama adda addaa ofkeessaa waan qabuuf bu’aa seeraa hordofsiisu qabaachuu danda’a.
Imammata Haqa Yakkaa Biyya keenyaa fi Seera Deemsa Falmii Yakkaa biyya keenyaa jalatti bu’aa Galmee qorannoo cufuun ykn qorannoo yakkaa addaan kutuun hordofsiisu ilaalchisee wanti ifaan tumame hin jiru. Seerri deemsa Falmii Yakkaa biyya keenyaa keewwata 39 jalatti Haalota Galmee qorannoo Poolisii cufuuf sababa ta’an erga tarreesse booda keewwata xiqqaa 2 jalatti Akka itti aanutti caqasee jira. ”Art 39(2) The provisions of Art. 43-45 shall not apply where the case file is closed under this Article” jechuun ibsa. Tumaan kun kan ibsu Tumaaleen seera deemsaa Falmii Yakkaa kwt 43-45 jalatti tumaman galmee qorannoo keewwata 39 kana jalatti cufamaniif raawwatiinsa akka hin qabaanne dha. kana jechuun tumaa kwt 44 jalatti bu’aa galmee himannaa dhiyeessuu dhiisuun hordofsiisuu dabalatee jechuu dha. kun immoo Galmeen qorannoo Poolisii kwt kana jalatti abbaa Alangaatiin cufamuun bu’aa seeraa hordofsiisu waan hin qabne fakkaata. Keewwatuma olii kwt xiqqaa 3 jalatti Abbaan Alangaa Galmee erga cufee Garagalcha isaa Abbaa Alangaa Waliigalaaf, Miidhamaa dhuunfaaf[yoo jiraate] fi Qorataa Poolisiitif erguu qaba jechuun caqasuus Murtiin Abbaa Alangaa keewwata kana jalatti kennu murtii isa dhumaa ta’uu fi dhiisuus wanti ibsame hin jiru . Tarii wantoonni galmeen keewwata kana jalatti cufamuuf bu’uura ta’an ifaa fi wantoota beekkamaa ta’uus, murtii kanatti qaamni hin hin quufne jiraachuu danda’a waan ta’eef Namni Murtii Abbaa Alangaatiin galmee qorannoo poolisii jalaa cufame mirga isaan waliin walqabatee komii yoo qabaate bu’aan seeraa inni hordofsiisu irratti tarkaanfii filannoo maali akka qabu hin ibsamne. Seerichi Murtiin Abbaan Alangaa keewwata kana jalatti kennu Shakkamaa fi ciraan [yoo jiraate] ilaalchisee maal tahuu akka qabu wanti ibsame hin jiru.
Haa ta’u malee Dhimmicha Kallattiidhaan adda bahee galmee qorannoo ilaalchisee taa’uu baatuus Labsii Abbaa Alangaa Waligalaa Federaalaa lakk.943/2008 keewwata 18 jalattii fi Labsii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Hundeessuuf bahe lakk.214/2011 keewwata 19 jalatti Murtii Abbaan Alangaa kennu irratti namni hin quufne mirga iyyata Abbaa Alangaa ol’aanu Sadarka adda addaarratti argamuuf dhiyeessu akka danda’u ni tuma. Labsiiwwan kun lamaan akka itti aanutti haala walfakkaatuun kaaya..
Mirga Iyyata Dhiyeeffachuu
1) Namni murtii Abbaan Alangaa kenne irratti komii qabu kamiiyyuu iyyata isaa itti gaafatamtoota Abbaa Alangaa sadarkaan jiraniitti dhiyeeffachuuf mirga ni qabaata;
2) Itti gaafatamaan iyyatni dhiyaateef dhimmicha hatattamaan qulqulleessee murtii kennuu qaba. Dhimmicha qulqulleessuuf koree ogeessota dhimmi ilaalu hammate hundeessuu ni danda’a.
3) Itti gaafatamaan iyyaticha qorate seeraafi ragaa caqasuudhaan murtii Abbaa Alangaa jalaatiin kenname daangessuuf, jijjiiruuf, fooyyessuuf, diiguuf, cimsuuf yookiin qaama dhimmicha jalqaba ilaaletti deebisuu ni danda’a.
Garuu Murtiin Abbaa Alangaa Waliigalaatiin kennamu murtii dhumaati moo filannoo biraa jiraachuu wanti ibsame hin jiru. Fkn namni murtii Abbaa Alangaa Waliigalaatti hin quufne maal ta’a. gara mana murtii deemuu danda’a. moo miti kan jedhu hin ibsamne .
Bu’aa Galmee Qorannoo cufuu waliin Walqabatee Wixineen seera Deemsa Falmii Yakkaa fi Ragaa biyya keenyaa yeroo mirkanaa’etti hamma ta’e tokko furmaata waan akeeku fakkaata. Wixinichi Keewwata 160 fi kwt itti aananii jiran jalatti Bu’aa Galmee qorannoo cufuun fi Himannaa dhiyeessuu dhiisuun qabu ilaalchisee keewwatuma walfakkaataan ifaan kaayee jira. Kutaa itti aanu jalatti gadi fageenyaan ilaaluuf yaalla.
4.2 Bu’aa Murtiin Abbaa Alangaa Galmee qorannoon isaa Xumurame irratti himannaa dhiyeessuu dhiisuu kennamu hordofsiisu
Murtiin himannaan dhiyeessuu dhiisuu SDFY kwt 42 jalatti kennamu barreeffamaan sababa galmeen cufamuuf ifaan taa’uu akka qabuu fi garagalchi isaa miidhamaa dhuunfaa ykn bakka bu’aa isaa fi Qorataa Poolisiitiif ergamuu akka qabu tumaa seerichaa irraa hubachuun ni danda’ama. Bu’aa murtii himannaa dhiyeessuu dhiisuuf kennamu ilaalchisee Seerri Deemsa Falmii Yakkaa Biyya Keenyaa Keewwata 44 jalatti kan ibsame dhimma galmee himannaa dhiyeessuu dhabuu sababa Ragaan gahaan shakkamaa balleessaa taasisu hin jiru ykn hin dhiyeessisuu jechuun galmeen cufamu qofa ilaallata. keewwatichi dhimma bakka lamatti keewwattoota xixiqqaa lamatti qoodee kaaya . kuniis dhimma Iyyannoo dhuunfaan qofa dhiyaatu fi dhimma Iyyannoo Dhuunfaatiin qofa hin dhiyaannetti qooduun ilaala. Keewwatni 44(1) dhimma iyyannoo dhuunfaa qofaan dhiyaatu ilaalchisee Sdfy kwt 44(1) akka itti aanutti caqasee jira.
”Where the public prosecutor refuses to institute proceedmgs under Art. 42 (1 (a) in relation to an offence punishable on complaint only, he shall authorise in writing the appropriate person mentioned in Art. 47 to conduct a private prosecution. A copy of such authorisation shall be sent to the court having jurisdiction.” Keewwatni xiqqaan kun dhimma iyyannoo dhuunfaa qofaan dhiyaatu ilaalchisee Abbaan Alangaa Murtii himannaa dhiyeessuu dhiisuu yeroo murteessu barreeffamaan namoota sirrii dhimmi isaan ilaallatu kwt 47 jalatti tarraa’an kan akka miidhamaa dhuunfaa,bakka bu’aa seeraa isaa, haadha manaa ykn abbaa manaa bakka walibu’uun , bakka bu’aa seeraa qaama miidhamtoota, ogeessa seeraa dhabbata namummaa seeraa qabuu Aangessuun garagalchi isaa Mana murtii Aangoo dhimmicha ilaaluu qabuuf akka ergamuu qabu ibsa.
Seerri Deemsa Falmii Yakkaa biyya keenyaa Keewwatni 44(2) dhimma Iyyannoo dhuunfaa qofaan hin dhiyaanne ilaalchisee kan tumamee jiru immoo Labsii Mana hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Giddugaleessa yeroo Mootummaa cehumsaa Itoophiyaa Lakk.39/1993 keewwata 24(2)tiin ifaan Haqamee jira.
Labsiin Mana hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Giddugaleessa yeroo Mootummaa cehumsaa Itoophiyaa Lakk.39/1993 kun addatti bakka keewwata seera deemsa Falmii yakkaa haqamee waa jechuu baatuus Namni murtii Abbaan Alangaa sadarkaa jalaa jiruun kennametti hin quufne Abbaa Alangaa Sadarkaa olaanuu jirutti Mirga iyyata dhiyeeffachuu akka qabu Labsicha keewwata 19 jalatti akka itti aanutti ni tuma.
”Art 19. Right to petition
where any person or organization dissatisfied with any decision of a subordinate Attorney, such person or organization has the right to institute a petiton to a Superior Attorney.
Art 20. Power of superior Attorney .
A Superior Attorney of the Office of the Central Attorney General may amend, suspend, alter, revoke or confirm decisions made or measure taken by an attorney suhordinate to him” .
Namni ykn Dhaabbanni murtii Abbaan Alangaa jalaa kenne irratti komii qabu kamiiyyuu iyyata isaa Abbaa Alangaa sadarkaa olaanuutti dhiyeeffachuuf mirga ni qabaata; Abbaan Alangaa olaanaan Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa giddu galeessaa murtii Abbaa Alangaa jalaatiin kenname ykn tarkaanfii fudhatame , fooyyessuu, daangessuu, jijjiiruu,diiguu, cimsuu ni danda’a. jechuun kaaya.
Labsiin Abbaa Alangaa Waligalaa Federaalaa lakk.943/2008 keewwata 18 jalattii fi Labsii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Hundeessuuf bahe lakk.214/2011 keewwata 19 jalattis labsicha olii waliin hamma ta’e yaaduma walfakkaatu kaa’a.
Dhimmoota bu’aa Galmee qorannoo cufuu fi Himannaa dhiyeessuu dhiisuun hordofsiisu ilaalchisee Wixinee Seera Deemsa Falmii Yakkaa fi Ragaa Biyya Keenyaa jalatti maaltu ibsame Namni Murtii Abbaan Alangaa kennetti hin quufne, maal gochuu qaba ,shakkamaa fi ciraa ilaalchisee hoo maal taha kan jedhu, Hanqinaalee gama kanaan jiru cufuu irratti wixinichi gaafa mirkanaa’e furmaata maal akeekuu danda’a kan jedhu akka itti aanutti ilaalla.
Wixinee Seera Deemsa Falmii Yakkaa fi Ragaa Biyya keenyaa kwt 160 jalatti Bu’aa Galmee qorannoo cufuu ykn Himannaa dhiyeessuu dhiisuu ilaalchisee akka itti Aanutti ibseera.
”አንቀጽ ፻፷ የምርመራ መዝገብ መዝጋት ወይም ክስ አለመመስረት ውጤት
፩. ዐቃቤ ሕግ የምርመራ መዝገቡን ከዘጋ ወይም ክስ ላለማቅረብ ውሳኔ ከሰጠ እና ተጠርጣሪው በማቆያ ወይም በማረፊያ ቤት የሚገኝ እንደሆነ እንዲለቀቅ ትእዛዝ ይሰጣል፤ የጊዜ ቀጠሮውን የሚከታተለው ፍርድ ቤት እንዲያውቀው ያደርጋል፡፡
፪. ዐቃቤ ሕግ የምርመራ መዝገብ መዝጋት ወይም የክስ አላቀርብም ውሳኔ ሲሰጥ ከጉዳዩ ጋር የተያዘ ኤግዚቢት ወይም ሌላ ንብረት ላይ በሕግ መሠረት ተገቢውን ውሳኔ ይሰጣል፡፡
፫. ዐቃቤ ሕግ የምርመራ መዝገብ መዝጋት ወይም ክስ አላቀርብም ውሳኔ በጽሑፍ ለበላይ ኃላፊው፣ ለመርማሪው፣ ለግል ተበዳይ እና ለተጠርጣሪው ያሳውቃል፡፡
አንቀጽ ፻፷፩ (161) በዐቃቤ ሕግ ውሳኔ ላይ ስለሚቀርብ አቤቱታ
፩. በዐቃቤ ሕግ ውሳኔ ቅር የተሰኘ መርማሪ ፖሊስ ወይም የግል ተበዳይ ወይም ወኪሉ ወይም ተጠርጣሪው ወይም ጠበቃው ቅሬታውን ደረጃውን ጠብቆ ላለው የበላይ ዐቃቤ ሕግ ሊያቀርብ ይችላል፡፡
፪. በዚህ አንቀጽ ንዑስ አንቀጽ ፩ መሠረት የውሳኔ አቤቱታ የቀረበለት የበላይ ዐቃቤ ሕግ እንደ አስፈላጊነቱ ውሳኔውን ለማጽደቅ፣ ለማሻሻል፣ ለመሻር ወይም ተጨማሪ ምርመራ እንዲደረግ ሊወስን ይችላል፡፡
፫. ጠቅላይ ዐቃቤ ሕጉ የሚሰጠው ውሳኔ የመጨረሻ ይሆናል፡፡
Keewwata 160. Bu’aa Galmee qorannoo cufuu ykn Himannaa hundeessuu dhiisuu
1.Abbaan Alangaa Galmee qorannoo yoo cufee ykn himannaa dhiyeessuu dhiisuuf murtee yoo kennee fi Shakkamaan iddoo tursiisaa ykn mana amala sirreessaatti kan argamu yoo ta’e akka gadi lakkifamu ajaja ni kenna. Manni murtii yeroo beellamaa hordofu akka beeku ni taasisa.

  1. Abbaan Alangaa Galmee qorannoo yoo cufu ykn murtee himannaa dhiyeessuu dhiisuu yeroo kennu ciraa dhimmichaa waliin walqabatuu ykn qabeenyaa biroo irratti bu’uura seeraatiin murtii barbaachisaa ni kenna.
  2. Abbaan Alangaa Murtii Galmee qorannoo cufuu ykn himannaa dhiyeessuu dhiisuu barreeffamaan hogganaa ol’aanaa isaatiif,qorataa Poolisiitiif ,miidhamaa dhuunfaa fi shakkamaaf ni beeksisa.
    Keewwata 161 Iyyannoo Murtii Abbaa Alangaa irratti dhiyaatu ilaalchisee
    1.Murtii Abbaa Alangaa kan komate qorataan Poolisii ,ykn miidhamaan dhuunfaa ykn bakka bu’aan isaa ykn Shakkamaan ykn Abukaatoon isaa komicha Abbaa Alangaa ol’aanuu sadarka sadarkaan jiruuf dhiyeessuu danda’a.
  3. Keewwata kana keewwata xiqqaa tokko jalatti Abbaan Alangaa ol’aanaan iyyatni dhiyaateef Akka barbaachisummaa isaati murticha cimsuu,fooyyessuu,Haquu ykn qorannoon dabalataa akka taasifamu murteessuu danda’a.
  4. Murtiin Abbaan Alangaa Waliigalaa kennu kan dhumaa ta’a. jechuun kaa’amee jira.
    Wixinicha jalatti bu’aa Galmee qorannoo cufuun ykn qorannoo yakkaa addaan kutuun hordofsiisu ilaalchisee Yakkoota Iyyannoo dhuunfaa dhiyeessuu qofaan ilaalamaniin walqabatee haala SDFY keewwata 44(1) jalatti A/Alangaa galmee yeroo cufu miidhamaa dhuunfaa ykn bakka bu’aa isaanii aangessuun cufuu… jedhu hin hammanne .
    Wixinichi yeroo mirkanaa’etti bu’aa Galmee qorannoo cufuu ykn himannaa dhiyeessuu dhiisuun walqabatee Hamma tokko furmaata tahuu danda’a. Garuu asirratti Murtiin Abbaan Alangaa Waliigalaa kennu kan dhumaa ta’uun Mirga haqa argachuu Heera Mootummaatiin beekkamtiin kennameefi waliin yeroo ilaalamu mirgicha waaan daangesse fakkaata.
    4.3 YAADA GUDUUNFAA FI FURMAATAA
    Galmee qorannoo cufuu fi himannaa dhiyeessuu dhiisuun maal akka ta’ee fi haalonni galmee qorannoo cufuu fi himannaa dhiyeessuu dhiisuu ilaalchisee tarraa’an ,Faayidaa ummataatiif jecha Galmee qorannoo cufuu fi himannaa dhiyeessuu dhiisuu maal akka ta’e sakatta’a ogbarruu fi seerotaa jalatti ilaalamee jira. Muuxannoo biyyoota biroo muraasaa Biyya Ingiliziii, Faransaay fi Beeljiyeemii Galmee qorannoo cufuu fi Himannaa Dhiyeessuu dhiisuun walqabatee haala isaan seera isaanii keessatti iftoominaan tumatan gabaabinaan hamma ta’e gubba gubbaa[high light] isaa kutaa sadi armaan olii jalatti ilaaluuf yaalamee jira. Akkasumaas Kutaa afraffaa fi isa dhumaa aramaan olii jalatti Bu’aa seeraa Galmee qorannoo cufuu fi himannaa dhiyeessuu dhiisuun hordofsiisu ilaalchisee sakatta’insi seera biyya keenyaa xinxaalamee jira.
    Kanatti aansuun xinxaala seeraa gaggeeffame irraa ka’uun argannoowwan gurguddoon maal akka ta’anii fi hanqinaalee mul’atan furuuf maal hojjatamuu akka qabu akeekuuf ni yaalla.
    4.3.1 Yaada Guduunfaa
    Argannoowwan qorannoo kanaa akka itti aanutti gabaabinaan dhiyaatee jira.
    • Imaammatni Haqa yakkaa biyya keenyaa Haalota qorannoon yakkaa itti addaan citu ; Adeemsi qorannoo yakkaa haalota itti addaan citu ilaalchisee seerotni bahan dhimmoota ijoo bifa hammateen bocamuu qaba jechuun wantoota hammatamuu qaban tarreessuus Seerrii deemsa Falmii Yakkaa biyya keenyaa hojiirra jiru erga bahe yeroo dheeraa ta’uu wajjiin dhimmoota ijoo ta’an haala iftoomina qabuun hin hammanne.
    • Galmee qorannoo yakkaa irratti murtii galmeen haa cufamuu ykn qorannaan addaan haa cituu kennuun bu’uura Labsii mana hojii Abbaa Alangaa waliigalaa Oromiyaa hundeessuuf bahe Labsii lakk.214/2011 kwt7(8) fi Labsii Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa lakk.943/2008 kwt 6(3a) jalatti bifuma walfakkaatuun Abbaan Alangaa faayidaa ummataa bu’uura godhachuun yookiin dhimmichi yakkaan kan hin gaafachiisne ta’uun ifatti yammuu beekkame qorannoon jalqabame akka addaan citu yookiin qorannoon yakkaa addaan citee ture akka itti fufu ni taasisa; barbaachisaa ta’ee bakka argametti qorannoon yakkaa akka jalqabamu ni taasisa jechuun ifaan tumamee jira.Haa ta’u malee hiikkoon Faayidaa Ummataa ykn Haalonni(sababoonni) Faayidaa ummataatiif jecha qorannoon yakkaa eegalame itti addaan cituun danda’amu labsiiwwan lamaaniinu hin tumamne.
    • Labsiin kana hojiirra oolchuuf illee dhimmicharratti Dambiin ammatti bahee hojiirra jiru hin jiru.
    • Wixineen seera deemsa Falmii yakkaa fi ragaa biyya keenyaa fuuldura ni mirkanaa’a jedhamee abdiin eeggamulleen Galmeen qorannaa cufuu waliin walqabatee haalota qorannoon yakkaa faayidaa ummataaf jecha ittiin addaan citu hin tarreessine Abbaan Alangaa Waliigalaas faayidaa uummataaf jecha galmeen qorannaa akka addaan citu yoo ajaje’ galmeen qorannoo addaan cituu danda’a kan jedhullee hin hammatamne.
    • Himannaa Dhiyeessuu dhiisuun walqabatee Imaammata Haqa Yakkaa biyya keenyaa armaan olitti ilaalle jalatti Abbaan Alangaa Faayidaa ummataatiif jecha himannaa dhiyeessuu dhiisuu murteessuuf haalonni dandeessisu seeraan ifa ta’ee Seera deemsa Falmii yakkaatiin fi Qajeelfama Abbaa Alangaa Waliigalaatiin bahu keessatti tarreeffamee kaa’amuu qaba jechuun wantoota ijoo hammatamuu qabu tarreessuun ibsamee jira. Haa ta’u malee Seera Deemsa Falmii Yakkaa biyya keenyaa jalatti wanti ifaan tarreeffame hin jiru.
    • SDFY Keewwata 42(1D) jalatti Abbaan Alangaa Ministeeraan[ yeroo ammaa Abbaa Alangaa Waliigalaan] yoo ajajame sababa Faayidaa ummataatiif himannaa dhiyeessuu dhiisuu akka danda’u ifaan caqasuus Labsiin Mana hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Giddugaleessa yeroo Mootummaa cehumsaa Itoophiyaa Lakk.39/1993 keewwatni 24(2) SDFY kwt 42/1/d, fi 42(3) ifaan haqee jira. Labsicha jalattiis faayidaa ummataatiif jecha haalotni himannaa dhiyeessuu dhiisuun itti danda’amu hin teenye .
    • Akka Waliigalaatti Tumaalee seeraa deemsa falmii yakkaa,imaammata haqa yakkaa fi maanuwaalii armaan olii irraa wanti hubatamu, Akkaata sirna seeraa biyya keenyaatti Galmee qorannoo cufuuf ykn himannaa dhiyeessuu dhiisuuf haalotni bu’uura tahan baayyeen akka jiruu fi hiikkoon kallattii fi tarreeffamni fixataa tahe akka hin jirree dha. Seera Deemsa Falmii Yakkaa biyya keenyaa keessatti immoo bifa iftoomina qabuun haalonni kunneen tarreeffamee kan hin jirree dha. Imammatni Seerri maal hammatee akka akka bahu akeekuuf malee mataasaatiin seera miti. Maanuwaalin hojii immoo bifa seeraatiin kan qophaa’ee waan hin taaneef humni dirqisiisummaan isaa Laafaa dha.
    • Akkasumaas Faayidaa ummataatiif jecha galmee qorannoo cufuun ykn himannaa dhiyeessuu dhiisuu haalonni dandeessisan seeraan bifa iftoomina qabuun tarraa’ee kan hin caqasamnee ta’uu fi innumti Abbaa Alangaa Waliigalaatiin yoo itti amaname qofa akka ta’ee fi Abbaan Alangaa dhimmicha qabate akka barbaade irratti murteessuu akka hin dandeenye agarsiisa.
    • Seera Deemsa Falmii Yakkaa biyya keenyaa jalatti bu’aa Galmee qorannoo cufuun ykn qorannoo yakkaa addaan kutuun hordofsiisu ilaalchisee wanti ifaan tumame hin jiru.
    • Wixinee Seera Deemsa Falmii Yakkaa fi Ragaa biyya keenyaa jalatti bu’aa Galmee qorannoo cufuun ykn qorannoo yakkaa addaan kutuun hordofsiisu ilaalchisee Yakkoota Iyyannoo dhuunfaa dhiyeessuu qofaan ilaalamaniin walqabatee haala SDFY keewwata 44(1) jalatti kaa’ameen hin tumamne.
    4.3.2 Yaada Furmaataa
    Hanqinaalee Seeraa armaan olitti adda bahaniif qorannoon kunYaadota Furmaataa armaan Gadii akeekeera.
     Galmee Qorannoo Cufuun Walqabatee :
    • Adeemsi qorannoo yakkaa haalota itti addaan citu ilaalchisee seerotni bahan dhimmoota ijoo bifa hammateen bocamuu qaba jechuun wantoota hammatamuu qaban Imaammata haqa yakkaatiin kaa’ame tilmaama keessa galchuun Wixineen Seera deemsa Falmii Yakkaa fi ragaa biyya keenyaa keessatti haala iftoomina qabuun hammachiisuun barbaachisaa dha.
    • hiikkoon Faayidaa Ummataa ykn Haalonni ykn sababoonni Faayidaa ummataatiif jecha qorannoon yakkaa eegalame itti addaan cituun danda’amu ilaalchisee labsiian Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa hundeessuuf bahe Hojiirra oolchuuf Dambiin bahuun bifa ifa ta’een tarreessuu qaba.
    • Wixineen seera deemsa Falmii yakkaa fi ragaa biyya keenyaa Galmee qorannaa cufuu waliin walqabatee haalota qorannoon yakkaa faayidaa ummataaf jecha ittiin addaan citu irratti haala amma jiruun yoo mirkanaa’e qaawa uumamuu danda’a waan ta’eef haalota qorannoon yakkaa faayidaa ummataaf jecha ittiin addaan citu bifa iftoomina qabuun Hiikkoo Faayidaa ummataas hammatee mirkanaa’uu qaba .
     Himannaa Dhiyeessuu dhiisuun walqabatee
    • Imaammata Haqa Yakkaa biyya keenyaa armaan olitti ilaalle jalatti Abbaan Alangaa Faayidaa ummataatiif jecha himannaa dhiyeessuu dhiisuu murteessuuf haalonni dandeessisu seeraan ifa ta’ee Seera deemsa Falmii yakkaatiin fi Qajeelfama Abbaa Alangaa Waliigalaatiin bahu keessatti tarreeffamee kaa’amuu qaba jechuun wantoota ijoo hammatamuu qabu tarreessuun ibsamee jira waan ta’eef Wixineen Seera deemsa Falmii Yakka fi Ragaa biyya keenyaa Akkaatuma imaammataan akeekameen haalota Faayidaa ummataatiif jecha himannaa dhiisuu murteessuuf dandeessisan ifaan hammachiifamee mirkanaa’uun barbaachisaa dha.
    • Dambiin Labsii Mana Hojii Abbaa Alangaa hundeessuuf bahe hojiirra oolchuuf fuula dura bahu keessatti Maanuwaaliin Yakkoota Adda Addaa MHAAWOtiin bahe hojiirra oolchuuf Maanuwaalichi Humna dirqisiisuu akka qabaatuu fi Maanuwaalichaatiin hojjachuu dhabuun Ittigaafatamummaa kan hordofsiisu ta’uu ifatti tumamuu fi irratti hojjatamuu qaba.
     Bu’aa Galmee qorannaa fi Himannaa dhiyeessuu dhiisuun hordofsiisuun walqabatee
    • Wixinee Seera Deemsa Falmii Yakkaa fi Ragaa biyya keenyaa jalatti bu’aa Galmee qorannoo cufuun ykn qorannoo yakkaa addaan kutuun hordofsiisu ilaalchisee kan hammatame akkuma jirutti ta’ee Yakkoota Iyyannoo dhuunfaa dhiyeessuu qofaan ilaalamaniin walqabatee haala SDFY keewwata 44(1) jalatti A/Alangaa galmee yeroo cufu miidhamaa dhuunfaa ykn bakka bu’aa isaanii aangessuun cufuu… jedhu hammatee osoo mirkanaa’ee gaariidha.

Leave a Reply