Xinxala Murtii Dhadacha Ijibbaata Feederaala Lakk Galme 230508 irratii kennamee ilaalchisee Seeraafii Qabatama.

Xinxala Murtii Dhadacha Ijibbaata Feederaala Dagannoon tiraafikaa balaawwan naman uumaman (balaa nam-tolchee) jechuu dandeenyu kan akka addunyaatti miidhaa qaama, jireenya (lubbuu) fi qabeenya namaa irratti geessisaa jiru dha.Akka gabaasa Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa (World Health Orgination) Bara 2020 (A.L.A) baase agarsiisutti, addunyaa irratti waggaatti tilmaamaan namni hanga miliyoona 1.35 ta‘u balaa tiraafikaatiin lubbuu isaa Kan dhabu yoo ta‘u; namni hanga miliyoona 50 gahu immoo miidhaa qaamaaf saaxilama. Akka gabaasa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa kanatti, balaawwan tiraafikaa akka addunyaatti muudatan keessaa dhibbentaan 93 biyyoota guddataa jiran keessatti dha. Kana jechuun balaan tirkaafikaa baay’inaan Kan muudatu biyyoota guddataa jiran keessatti ta’uu fi haaluma kanaan ardiin afrikaa iddoowwan balaawwan itti baay’atu keessaa jalqaba irraa Kan jirtu ta’uu agarsiisa. Biyyi itoophiyaattis biyyoota ardii afrikaa keessaa tokko ta’uu isheetiin rakkoo kana harka bal’aa Kan qooddattu ta’u dha.

Tajaajilota Wajjira AA Godina Jimmaa

GALMEE YAKKAA MURTII  ABBAA ALANGAATIIN CUFAMUU FI BU’AA SEERAA HORDOFSIISU ILAALCHISEE XINXAALA SAKATTA’INSA  SEERAA

GALMEE YAKKAA MURTII  ABBAA ALANGAATIIN CUFAMUU FI BU’AA SEERAA HORDOFSIISU ILAALCHISEE XINXAALA SAKATTA’INSA  SEERAA Bu’uura Labsii lakk.214/2011, Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Hundeessuuf baheen aangoofi gahee hojii Mana Hojichaa gama qorannaa yakkaa gaggeessuu, qorannaa yakkaa hoogganuu fi Galmee qorannoo irratti bu’uura seeraatiin Murtii kennuun ifaan taa’ee jira . seera Deemsaa Falmii yakkaa biyya keenyaa jalatti gahee Abbaa Alangaa galmee qorannoo waliin walqabateee murtii kennuu akka danda’u .Akkasumaas JBAH dhimmoota yakka adda addaa irra deebiin qoratamee bahe jalattiis  Gaheen abbaa Alangaa Galmee qorannaa yakkaa waliin walqabatee hojmaata ifa ta’een deeggaruun tajaajila si’ataafi qulqullina qabu kennuun Labsicha hojiirra oolchuuf taa’ee jira.

Labsiilee MNO Bara 2011 Labsaman pdf

Labsiilee MNO Bara 2011 Labsaman pdf
• Labsi lakk 216/11 labsi gurmaa’insa Manneen Murtii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irraadeebiin Murteessuuf Bahee.
• Labsi Lall 217/11 Labsii Gumii Abbootii Seeraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irra Debiidhaan Hundeessuuf Bahee.
• Lansii Lakk 218/11 Labsii Waldaalee Hojii gamtaa Motummaa Naannoo Oromiyaa Hundessuuf Bahee.
• Labsii Lakk 219/11 Labsii kenna tajaajila Lammuummaa Motummaa Naannoo oeromiyaa Murtessuuf Bahee.
• Labsi lak 221/11 Labsii Baajata Motummaa Naanoo Oromiyaa kan Bara 2012 Murteessuu Baher.

Labsiilee MNO-Bara_2012 Magalata PDF

Labsilee mootummaa nannoo oromiyaa kan bara 2012 labsaman pdf. Labsii lakk 222/2012 kaasee hangaa labsii lakk 230/12 jiran pdfdhaan buufadhaan.
Gaafiif deebii
Eyyeen Ni argattaa. Websaaytin Waajjira Abbaa Alangaa Godina Jimmaa waantoota adda taasisu keessaa innii tokkoo Labsiilee Motummaa Naannoo Oromiyaa dabalatee seeraafii heeroota biyyaafii naannoolee bakka tokkotti qabaachuu isaa. Kana jechuunis seerota ykn labsiilee motummaa federaalawa dimokraatawaa ripabliika Itiyoophiyaa IFDRI dabalatee dokumantoota seeraa pdf kuma kudhajaa’a bakka tokkotttii websaayti qabatee argamuu dhaa. Gafii kessanif deebii gahaa keenniineerraa jeennee abdannaa. Waan nu daawwattanifis galata argadhaa.

Barruu Qorannoo Seeraa Pdf

Waajjira Abbaa Alangaa Godina Jimmaattii layibraarii addaa barruule fi maxxansaalee ittii argattaan %%sitename%% %%sep%% %%sitedesc%% Insurance Education marketing & advertising Online Banking finance & investment medical lifestyle photography & film making software automotive web hosting

Barruu Xinxala Seera To\’nnoo Qulqullinnaafi gabaa buunaa. Buuna Seeraan Aalaa fi Qabatama. Pdf

Seensa Bunni utubaa dinagdee biyya keenyaa isa ol’aanaa dha. Galii waliigalaa biyyi keenya waggaatti argatu keessaa 10% ol bunatu gumaacha[1]. Sharafa biyya alaa irraa argamu keessaa immoo 25%- 30% kan ta’u buna irraa argama; gama sharafa alaa argamsiisuutiin kan oomsha bunaan qixxaatu hin jiru2. Omishaalee qonnaa biyya alaatti ergaman keessaa ammoo bunni dhibbeentaa afurtama (%40) …

Barruu Xinxala Seera To\’nnoo Qulqullinnaafi gabaa buunaa. Buuna Seeraan Aalaa fi Qabatama. Pdf Read More »

Free law image

Understanding Bilateral Investment Treaties to Unlock Dispute Settlement Protection!

Bilateral Investment Treaties BIT investment play a crucial role in shaping and safeguarding international investments. In an increasingly interconnected world, understanding the basics of BIT investment agreements is essential for businesses and governments alike. This introductory guide aims to provide you with a comprehensive overview of BITs, explaining their purpose, key provisions, and benefits. By …

Understanding Bilateral Investment Treaties to Unlock Dispute Settlement Protection! Read More »

Proposaalii Qo\’annaa Hojimaata Garee Komniksehini MHAAGJ Si\’awaa tasaisuuf Qophaahee.

kunis gosa sirna barreffama ser danessaa jalattii sirna qorannaa ser xinxalaa (doctrinal legal research) fayyadamun kan qophaa’edhaa. sababnii kanaas sirni ser xinxalaa kunii kaayyyoo barru  kanaa haala si’awaa ta’en galmaan akk gahuuf shora waan qabaatuufi. Insurance education online banking car accident insurance lawyer medicine web hosting

Tamboofii Seera

Tamboo xuuxuun nama xuuxu irrattis haa ta’uu bakka namoonnii baay’een argamanitti xuuxuun rakkoo fayyaa kan qaqqabsiisu ta’uu odeffannoon madda adda addaa irraa argamuu ni mul’isa(muldhisa).Kana qofaa osoo hin taanee waraqaawwan tamboon itti samsamamu irratti barreeffamni tamboon du’aaf nama saaxilaa, tamboon dhibeewwan kaansariinama qabsiisa jedhu barreeffames kan argamuu yommuu ta’ukun miidhaa tamboon qaqqabsiisuu kan akeekuudha.
Qorannoo Dhaabbani Fayyaa Addunyaa (WHO) yeroo adda addaa taasisuu irratti akka mul’isutti(muldhisutti) namonni miiliyoona 8 tti tilmaamaman sababa tambootiin akka guutuu addunyaatti kan du’an yommuu ta’u kana keessaa namootni miliyoonni 1.2 ta’an namoota hin xuuxnedha.Akkasumas gama diinagdeetin immoo Doolaara Ameerikaa Biiliyoona 500 tilmaamamu miidhaa qaqqabsiisaa jira.Bu’uura qorannoo kanaatiin rakkinootni kun kan uumaman biyyoota guddatanitti ta’us yeroo ammaa garuu sababa adda addatiin biyyoota hin guddanneettis rakkoon kun kan babaldhachaa(babal’achaa) jirudha.Rakkinni kun babal’achuu irraan kan ka’e hawaasni addunyaa tamboo to’achuu irratti ejjannoo walfakkaata akka qabatan tasisee jira.
Yeroo Jalqabatif A.L.Awuropaa bara 2003 Dhabbanii Fayyaa Addunyaa(WHO) tooftaawwan tamboo to’achuuf dandeessisuufi biyyoota miseensa ta’an dirqama irra kaa’u <> yookiin sanada waligalee tamboo to’achuuf bahee mirkaneesse.Haa ta’u malee waliigaltee kana hojiirra oolchuf mariin kan jalqabame bara 1995 ture.Seenaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kaassatti konvenshiniin kun konveenshinii yeroo gabaaba keessatti hojii irra ooledha.

Barruu Xinxala Seeraa Murtii MMF dhadacha Ijibbaata irarttii taasifamee. Pdf

Dhimmootni RTD dhaan ilaalaman mirga of irraa ittisuu shakkamaa kan hin sarbine ta’uu seerotaa fi Murtii dhaddacha Ijibaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa Jildii 17ffaa Lakk.Galmee 100712 ta’e irratti kenname
Barruu:- Xinxala Seeraa.

Qophessaan:- Mulugeta M.

Bitootessa 2013
Jimmaa, Oromiyaa

https://youtu.be/0glebW9EFh8
1.1. Seensa waligalaa
Namni himatame akkuma nama kamiyyuu mirgoota daangaa seeraa keessatti kabajameef qaba.Mirgoota kana keessaa mirga murtii saffisaa argachuun isa tokkoodha.Mirgi kunis Heera Mootummaa Federaalaa Dimookraatawaa Rippublika Itoophiyaa keewwata 20(1) irraa hubachuun ni danda’ama.Gama biraatin immoo dhimmi yakkaa osoo wal-irraa hin ciccitin yeroo gabaabaa keessatti kan dhagahamuu fi xummuramuu qabu ta’uu seera deemsa falmii yakkaa irraa hubachuun ni danda’ama.Kana qofa osoo hin taane seerota idila addunyaa biyyi keenya mallateessite keessa tokko kan ta’e Konveenshiniin Mirga sivilii fi siyaasaa mirga kanaaf beekkamtii fi eegumsa kenneet jira.Haa ta’u malee gaalee yeroo gabaabaa jedhu kun hiikoof kan saaxilame waan ta’eef dhimmuma walfakkaataa irratti murtiin kennamu garaagarummaan guyyootaa,torbanii fi darbees baatidhaan lakkaa’amu akka uumamu ta’eet jira.Kana Furuudhaaf jecha immoo yaadrimeen Tooftaa Saffisa Adeemsa Falmii Yakkaa (TSAFY) yookiin RTD (Real time Dispach) jedhu hojii irra ooluu danda’eera.Haa ta’u malee gama ogeessota adda addaatin ilaalchi fi hubannoon yaadrimee kana irratti muldhatu(mul’atu)murtiiwwan adda addaa akka kennamaniif sababa ta’aat jira.
Garaagarummaa ilaalchota dhimma kana irratti muldhatan (Mul’atan) keessaa mirga of irraa ittisuu himatamaa dhiphisaa, hanga murtiin dhumaa kennamutti mirga qulqulluu ta’ee tilmaamamuu himatamaa sarbaa.Mirga Abukkaattoo isaa faana mari’achuu sarba kan jedhan isaan ijoodha.Kanuma bu’ura godhachuudhaan dhugumayyuu tooftaan Saffisa Adeemsaa Falmii Yakkaa(TSAFY) yookiin RTD mirga of irraa ittisuu(ragaa ittisaa dhiyeeffachuu) himatamaa sarba moo? hin sarbu? kan jedhu barreeffama kana keessatti kan ilaallu ta’a.

Seenaa Dhufaatii
Adeemsi murtii battalaa (TSAFY) yookiin RTD dhuma bara 1994(GC) irratti biyya Faransaayitti kan jalqabamee fi booda irra gara guutuu Faransaayitti kan babaldhate(babal’ate) ta’uu odeeffannoowwan gama kanaan barreeffaman ni muldhisu(Mul’isu).Booda irra immoo bara 2006(Gc) biyya Yunaayitid Kingdam(UK)tti moggaasa ‘Next Day Justice’ jedhuun jijjiirama guddaa akka fide himama.Biyya Faransaayitti “Real Time Dispatch” Britaaniyaatti “Next Day Justice”kan jedhamu adeemsa addaa osoo hin taane tooftaa addaati.(RTD is not a special procedure as such.It is rather a technique).Yeroo baay’ee dhimmootni kun hojii irra kan oolan yakkoota harhaaf harkatti qabamaniifi.
Akka Biyya keenyaatti yeroo jalqabaatif dhimmi kun kan hojiirra oole biyya Harargeetti kabaja Ayyaanaa Gabreelii Qullubbiitti.Ergaa ennaa sanaati jala bultii Barkumee Itoophiyaatii jalqabee Magaalaa Finfinneetti kan ittiin hojjatamaa jirudha.Kana Qofaa osoo hin taane Biyya Hawaasaatti kabaja ayyaana Gabreeli irratti yakkoota harkaa fi harkaa irratti adeemsi kun kan baldhinaan itti hojjatamaa jiruudha..
Muuxannoo Biyya Ambaa
1.Faransaay:-Biyyi kun wixinneessituu yaada kanaa akka taate ni beekama.
Ulaagaawwan biyya kanatti itti fayyadaman yoo ilaallu
 Dhimmichi RDT’f mijataa ta’uu qaba
 A/A fi Himatamaan /Abukaattoon isaa dhimmichi RTD dhaan akka ilaalamu waliigaltee irra gahuu qabu.
 Gochi Yakkaa raawwatame hidhaa waggaa 7 olii kan hin adabsiifne ta’uu qaba
 Himatamaan Abokaattoo ittisaa faana dhiyaachuu qaba.
 Dhimmi guyyaa 1tti hin xummuramu yoo ta’e himatamaa hanga guyyaa 5tti to’annaa jala tursiisuun ni danda’ama.
2.Biyya Inglaand
 Aangoo Poolisiitii
 Aangoo galmee cufu qaba.
 Poolisiin dhimmichi adeemsa seeraa keessa darbuu qaba jedhe yoo itti amane A/Alangaatti dabarsa.
 Jalqaba dhimmichi RDT dhaan kan ilaalamu ta’uu seeraan tumamuu qaba.
 Aangoo M/Murtii Maajistireetii jalatti kan kufu ta’uu qaba.
 Hanga hidhaa baatii 6’tiin kan adabsiisu ta’uu fi
 Himatamaan gocha yakkaa kan raawwate ta’uu amanuu qaba.
3.Muuxannoo Biyya Keenyaa
Immaamata haqa yakkaa bara 2003 bahe irratti qaamotni haqaa yakkoota harkaaf harkaa qabiyyeen ragaa isaanii walxaxaa hin taanee fi yakkoota biroo sirna gabaabaan yeroodhuma sana M/Murtiif dhiyaatanii murtii akka argatan hojiimaata hojii irra oolchu jechuun ibsee jira.
Yakka harkaa fi harkaa fi yakkoota biro adeemsa gabaabaadhan akka ilaalaman murteessuuf aangoo kan A/A ta’uu ibsa.Kana yommuu murteessu garuu haala waliigala yakkichaa,qabiyyee fi dandeetti ragaa akkasumas fedhi miidhamaa fi shakkamaa ilaalcha keessa kan galche ta’uu seera deemsa falmii fi seerota biroo keessatti ifaan tumama ergaa jedhu qaba.Haa ta’u malee seera deemsa falmii yakkaa keessatti yakkoota harkaa fi harkaatin walqabatee haala eeru fi himannaan itti dhiyaatu ilaalchisee s/d/f/y/keewwata 21(1) jalatti yakkoota iyyannoo dhuunfaatin dhiyaatan irratti eerus ta’ee himannaa dhiyeessu osoo hin barbaachisin himannaa dhiyeessun ni danda’ama ergaa jedhu qaba kun hamma ta’e dhimmichi akka saffisaan ilaalamu furmaata kan kaa’e fakkaata haa ta’u malee yeroo hammamii keessatti isa jedhu hin ibsine.
4.Naannoo Oromiyaa
Jiijjiiramni Bu’uraa Adeemsa Hojii(JBAH)’n bara 2006 fooyya’ee bahe akka ibsutti dhimmi tokko RTD dha jedhamee ilaalamuuf ulaagaawwan guutamuu qaban:-
 Yakka harkaa fi harkatti qabaman
 Gocha yakkaa raawwatamee qoratamuun sa’aatii 48:00 keessatti himatni M/Murtii yoo dhiyaate
 Bu’aan ragaa teeknikaa yookiin taaktikaa deeggaramuu qabu sa’aatii 48:00 keessatti walqabatee dhiyaachuu yoo danda’e
 Yakki raawwatame miidhaan isaa fulduratti bu’aa gara biraa kan hin hordofsifne ta’uun isaa yoo mirkanaa’ee beekame.
Kanaaf barreeffamoota armaan olii irraa akka hubannutti dhimmichi raawwatamee sa’aatii 48 keessatti mana murtii dhiyaatee yoo murtii argate ta’uu hubanna.Haa ta’u malee gama kamiin mirga of irraa ittisuu himatamaa sarba kan jedhu irratti garaagarummaa ilaalchaa yoo ta’e malee seerichi waanti ifaan kaa’u jiraachuu baatus waanti ifaan hin dhorkamne immoo akka eeyyamametti lakkaa’ama qajeeltoo jedhu fudhachuudhaan me dhimma armaan gadii kana haa ilaallu.
Xinxala dhimmaa
Murtii Dhaddacha Ijibaataa M/M Waliigala Federaalaa Jildii 17 lakk.galmee 100712 irratti
Dhimmootni RTD dhaan ilaalaman mirga of irraa ittisuu himatamaa kan hambisu danda’an himatamaan karaa ifa ta’een mirga of irraa ittisuu isaa kan dhiise ta’uu yoo mirkaneesse qofa.
Murtiin dhaddachi kun kenne jildii 17ffaa lakk.galmee 100712 irratti yommuu ta’u dhimmichi kan jalqabe waamamaan ammaa iyyataa ammaa irratti himannaa dhiyeesse bu’ura godhachuudhani.Kunis iyyataan ammaa seera yakkaa MFDRI bara 1996 bahe keewwata 669(2) irra darbuun badhaadhina hin malle ofii argachuuf yookiin nama biroof argamsiisuuf yaadee gaafa guyyaa 18/02/2006 tilmaamaan guyyaa keessaa sa’aatii 6:00 yommuu ta’u kutaa addaa Kolfee Qaraaniyoo Aanaa 02 bakka addaa dhaabbata oomisha bu’aa pilaastikaa Kaarra Qoree Dagaamaan jedhamu keessatti Hojii Gaggeessaa(dura bu’aa) ta’ee qacaramee osoo hojjachaa jiruu qabeenya miidhamaa dhuunfaa Amaara Abrahaam kan ta’an pilaastika meeshaa dheedhii kophee karaxixi dhibba tokkoof shantama,gatiin karaxixix tokkoo qarshii 1100(kuma tokkoof dhibba tokko) waliigala tilmaama qarshii 165,000(Kuma dhibba tokkoo fi jahaatamii shan) baasu fudhatee himatamaa 2ffaa obbo Darajjee Fiqaaduutti kan gurguree qabame waan ta’eef yakka hannaa cimaa raawwateef himatame kan jedhudha.Himatamaanis M/Murtii dhiyaatee himannaan A/A dubbifameefi akka hubatu erga taasifamee booda jecha amantaa fi waakki gaafatamee kan waakkate waan ta’eef A/A ragoota himannaa isaa mirkaneessaniif dhiyeessee dhageessiseera.
Kana booda ragoonni A/A irratti kan mirkaneessan ta’uu hubachuun ragaa ittisaa fedhii iyyataatin kan bira darbe ta’uu caqasuun keewwatuma A/A himate jalatti balleessaadha erga jedhee booda bu’ura qajeelfama adabbiitin xinxaluu isaa caqasee hidhaa cimaa waggaa 8 fi baatii 5 akka adabamu murteesse.Iyyataanis murtii kana komachuun M/Murtii Ol’Aanaa Federaalaatti dhiyeeffachuun bitaaf mirgi erga wal falmaniii booda murtiin balleessuma Mana Murtii jalaa kan cime ta’us murtii adabbii kenname irratti garuu akkaataa qabiinsa sababoota adabbii cimsanii fi salphisan irratti dogoggorri kan jiru ta’uu fi dogoggora sana kan sirreesse ta’u ibsuun iyyataa hidhaa cimaa waggaa 6 fi baatii 6 tin akka adabamu murteesse.
Iyyatni ijibaata amma dhiyaate kun murtii kana komachuun yommuu ta’u qabiyyeen bu’uraa iyyatichaas manni murtii jalaa raga ittisaa nan qaba osoon jedhuu raga ittisaa iyyataa osoo hin dhagahin kan darbe A/A yakkichi raawwatamuu isaa hin mirkaneessine,yakki raawwatamee jedhamee fi keewwatni caqasame kan wal hin simne fi murtiin adabbii kenname sirri miti sababoota jedhan kan qabateedha.Iyyatichi qoratamee mirgi raga ittisaa himatamaa kan bira darbame sirrii ta’uu fi dhiisuu isaa qulqulleessuuf dhaddacha kanatti akka dhiyaatu kan taasifame yommuu ta’u waamamaanis dhiyaatee bitaaf mirgi barreeffamaan akka walfalman taasifameera.Akkasumas galmeen haadhoon mana murtii jalaa akka dhiyaatu taasifameera.
Jalaa Dhufaatin dhimmichaa gabaabinaan akka armaan olittii ibsame yommuu ta’u dhaddachi kun falmii bitaaf mirgaa murtii iyyata ijibaataaf ka’umsa ta’e tumaalee seeraa faana mirkaneessun ni dhiyeessisa jechuun ijoo qabame faana akka itti aanutti qorateera.
Iyyataan balleessaadha kan jedhame ragoota A/Alangaa dhiyeefateen iyyataan ragaa ittisaa hin qabu akka jedhe barreeffamaa fi jechaan mana murtiif mirkaneesse ta’uu garagalcha murtii Mana Murtii jalaa irraa hubanneerra.Iyyataan sadarkaa ijibaatatti immoo ibsi mana murtii jalaa kun fedhii isaanitiin ala galmaa’u fi raga ittisaa dhiyeeffachuuf gaaffii dhiyeeffatanii kan ture ta’u ibsuun falmaniiru.
Bu’urumaan mirga namoota himatamanii seeraan eegameef keessaa tokko raga isaan irratti dhiyaate kamiyyuu ilaaluu,ragoota isaan irratti dhiyaatan gaafachuu,ragaa ittisaaf isaan fayyadu dhiyeeffachuu yookiin dhiyeessifachuu akkasumas ragoonni isaani dhiyaatanii akka dhagahamaniif gaafachuu akka ta’e Heera Mootummaa FDRI keewwata 20(4) kan tume yommuu ta’u mirgi kun bu’ura Heera Mootummaa keewwata 9(4) tin waliigalteewwan Idila Addunyaa qaama seera biyyatti ta’en eegumsi kan taasifameef ta’uu waliigaltee Mirga Sivilii fi Siyaasaa keewwata 14(3)(B) irraa hubachuun ni danda’ama.Mirgi himatamaa tumaalee kana jalatti ibsaman kan hubachiisu himatamaan tokko ragaa hin taaneen balleessaa akka hin jedhamnee fi gama himataatinis ragaan dhiyaate yoo ta’e gama isaatin gocha balleesaa kan hin raawwannee fi qulqulluu ta’uu isaa ibsuu haala itti danda’u ta’uu dha.Kanaaf himannaa isa irratti dhiyaateef ittisa dhiyeeffachuuf waantoota barbaachisoo ta’anii fi yeroo gahaa argachuu akka qabu seerichi ni hubachiisa.Himatamaan mirga of irraa ittisuu heera mootummaan eegumsi taasifameef akka seeraan fayyadamu gochuun(Taasisuun) itti gaafatamummaa mana murtii ta’uu hafuura fi qabiyyee tumaa heera mootummaa keewwata 13(1) fi (2) irraa dhimma hubannuu dha.Kana ta’uu isaatin mirga of irraa ittisuu himatamaa bira darbuun kan danda’amu himatamaan mirga isaa kan itti hin fayyadamne ta’uu ifaan mana murtiif yommuu mirkaneessu qofa akka ta’e hafuura tumaalee irraa kan hubannuudha.Himatamaan mirga isaa dhiisuu bakka hin mirkanoofnetti garuu himatamaan mirga of irraa ittisuu dhiisera ibsa jedhuun manni murtii xinxala isaa irratti qofa caqasun seerummaa kennuun adeemsa sirrii miti.
Dheerina dhimmoota hambisuuf jechuudha tooftaan adeemsa murtii battalaa RTD kaayyoon isaa bu’uraa dhimmoota raga walxaxaa hin qabne haala salphaan murteessuf hojiimaata diriirsuun alatti mirgoota himatamaa heera mootummaa fi seerota biro raawwatinsa qabaniin egaman haala miidhuu danda’uun hojii irra oolchuu akka hin taane ni beekama.Kana ta’uu isaatin mirgootni seeraan eegamanii fi adeemsi seerummaa galumsa seeraatin hoojirra olchuun seerummaa kennuun alatti dhimmi tokko adeemsa murtii battalaa RTD bu’ura godhatee dhiyaachuu isaatin qofa kan hafu miti. Adeemsa murtii battalaa RTD bu’ura godhachuun dhimmi ilaalamu mirga of irraa ittisuu himatamaa dhiisuuf kan dandeessisu himatamaan mirga isaa kana haala shakkii hin uumnen dhiisuu isaa yoo mirkaneessedha.
Dhimma qabannetti yommuu deebinu manni murtii jalaa dhimmicha kan ilaale hojimaata adeemsa murtii battalaatin yommuu ta’u iyyataa balleessaa kan taasise raga A/Alangaatin itti mirkanaa’ee ragaa ittisaa akka qabu gaafatamee ragaa ittisaa nan qaba jechuun dhaddachaaf jechaafi barreeffamaan kan mirkaneesse sababa jedhuun ta’uu qabiyyee murtii irraa ilaallerra.Barreeffamni mana murtii jalaa kun iyyataan karaa tokkoon barreeffamaanis ta’ee jechaan ragaa ittisaa nan qaba jechuu kan agarsiisu yommuu ta’u gama biraatin immoo iyyataan raga ittisaa kan hin qabne ta’uu ibsuu kan mirkaneessedha.Barreefama mana murtii jalaa iftoomina dhabe kana dhugummaa isaa hubachuuf jecha galmee haadhoo dhiyeessifnee ilaallerra.Galmee mana murtii jalaa akka ilaaletti manni murtii jalaa iyyataadhaan jala murtii of irraa ittisi onkololeessa 28 bara 2008 dhaddacha ooleen yommuu kennu Jala Murtii guca/foormii dursee qophaa’een guutamee kan kenname yommuu ta’u qabiyyeen isaas iyyataan ragaa ittisaa hin qabu jechuun ibsuun kana kan ibse immoo dhaddacha irratti barreeffamaa fi jechaan ta’uu kan ibsu ta’us iyyataan jechaan ibsuu isaa Jala murtiin ala waraqaa dhaddachaa irratti kan hin galmoofne barreeffamaan mirkaneessera jechi jedhus sanadoota galmicha keessa jiran keessa kan hin jirre ta’uu dhaddachi kun hubateera.Kana ta’uu isaatin manni murtii jalaa foormii jala murtiif fi murtii dursee qophaa’e yommuu guutu jechootaa fi gaalewwan qalamaan(iskiribtoodhaan) haqee iyyataan ragaa ittisaa hin qabu jedhe jechaa fi barreeffamaan mirkaneessera jechuun raga ittisaa dhagahuu kan darbe ta’us ragaan kana mirkaneessu dhabamuun isaa galmee haadhoo mana murtii jalaa irraa hubanneerra.Karaa kanaan dhimmicha yommuu ilaallu iyyataan mirga seeraan eegameef mirga ragaa ittisaa dhageessifachuu manni murtii jalaa kan darbe iyyataan ifatti mirga isaatti fayyadamuu dhiisuu osoo hin mirkaneeffatin ta’uu isaatin murtiin dhimmicha irratti kenname dogoggora seeraa bu’uraa ta’e kan qabu ta’ee argineerra.
Yaada Xummuraa
Kanaaf akka waliigalaatti dhimmoota armaan olitti tarraa’an yommuu cuunfinee ilaallu muuxannoowwan biyya alaa keessattis ta’ee akka biyya keenyaatti jiran irratti dhimmi tokko adeemsa murtii battalaa(RTD) dhaan ilaalamuun isaa mirga of irraa ittisuu himatamaa kan hin sarbine ta’uudha.Dabalataan xinxala dhaddacha ijibaata kanaa irraa kan hubannu dhimmichi adeemsa murtii battalaatin(RTD) dhaan ilaalamuun isaa qofti mirga of irraa ittisuu himatamaa kan hin sarbine ta’uudha.Haa ta’u malee mirgi kun kan bira darbamuu danda’u himatamaan ifaan ifatti mirga kanatti fayyadamuu kan hin barbaanne ta’uu haala shakkii hin uumneen jechaa fi barreeffamaan yoo ibseedha.Kana jechuun akka qajeeltotti dhimmotni adeemsa murtii battalaatin (RDT) ilaalaman mirga of irraa ittisuu hin sarban garuu immoo haala addaatin himatamaan fedhii yoo qabaate bira darbamuu danda’a fedhii isaa kanas ifaan yoo ibse qofa ta’a jechuudha Kanaaf mirgi of irraa ittisuu himatamaa mirga heera mootummaa biyya keenyaanis ta’ee seerota idila addunyaa biyyi keenya mallatteessitee keessatti eegumsi taasifameef kana hojii irra oolchudhaan walqabatee garuu of-eeggannoo qaamni hunduu taasisuu akka qabuudha.Sababni isaammoo yakkoota RTD dhaan ilaalaman irratti dhimmichi RTD dhaan ilaalamun isaa qofti mirga of irraa ittisuu himatamaa kan hin sarbine ta’uu hubatamee qaamoleen haqaa hundi gahee isaanii bahachuu akka qaban hubatamuu qaba.
Mulugeetaa Magarsaa
Aanaa Cooraa Botor
Jimmaa Oromiyaa.
.

FDRE Constitution pdf & app:

FDRE CONSTITUTION available in pdf and app download and use. We nation nationality and people of Ethiopia…..Fully cognizant that our common destiny can best be served by rectifying historically unjust relationships and by further promoting our shared interests;
Convinced that to live as one economic community is necessary in order to create sustainable and mutually supportive conditions for ensuring respect for our rights and freedoms and for the collective promotion of our interests…. proclaimed in 1987 Ethiopian calendar proclamation no 1/1996

THE CRIMINAL RESPONSIBILITY OF A PERSON WHO OWNS A VEHICLE APPREHENDED TRANSPORTING ILLEGAL COFFEE_pdf

A person who owns a vehicle apprehended transporting illegal coffee is punished by a fine of Birr 50,000 and an imprisonment of three to five years under Article 15(6) of the Federal Coffee Quality Control and Marketing Proclamation. The wording of the provision and different interpretation rules indicate that the crime is a strict or/and a vicarious criminal liability offence that punishes a person without the need for proving his guilty mind or guilty act. In practice, however, it is interpreted and applied inconsistently. Where some courts apply it as the direct meaning of the provision suggests, other courts penalize an owner of a vehicle apprehended transporting illegal coffee only where he carries out the illegal act personally. Furthermore, Article 23(6) of the Oromia Coffee Quality Control and Marketing Proclamation, which is intended to facilitate the implementation of the previous provision, conveys indefinite meanings as to the criminal responsibility of a person who owns a vehicle apprehended transporting illegal coffee. Hence, it further complicates the problem. Moreover, the provisions are encroaching on the fundamental human rights and the uniform application of the basic criminal principles in the country. In view of that, this article recommends that the Federal Legislature and Caffee Oromia should reconsider the criminal responsibility of a person who owns a vehicle apprehended transporting illegal coffee and reset the liability that goes with the spirit of the FDRE Constitution and the Criminal Code.

Oromia Regional State Constitution PDF

Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa, pdf kan bakka bu’oota uummata Naan nichaatiin irratti mari’atamee, Waxabajjii 14 bara 1987 yeroo jalqabaatiif ragga’eefi hanga ammaa hojiirra ture, bal’inaan ilaaluudhaan qooddii
aangoofi itti gaafatama qaamota Mootummaa Naannichaa ifaan tumuufi akkaataa tajaajila si’oomaan kennuu danda’uusaanii agarsiisuun sirreessuud haan Heericha fooyyessuun barbaachisaa ta’ee
Oromia regional state constitution pdf

red and yellow hatchback axa crash tests

Car Accident Lawyer: Protecting Your Rights After a Car Crash

A Blog On Accident Lawyer Car: Protecting Your Rights After a Car Crash. Getting into a car accident can be a traumatic and overwhelming experience. In addition to any physical injuries you may have sustained, the impact on your life can be devastating. From medical bills to car repairs, the aftermath of a car crash …

Car Accident Lawyer: Protecting Your Rights After a Car Crash Read More »

Free law image

Allstate Insurance: A Guide to Your Insurance Needs

Allstate Insurance is one of the largest insurance companies in the United States, offering a wide range of insurance products. These include auto, home, life, and business insurance. In this blog post, we will take a closer look at the company and get a various offerings products. in this blog we provide an informative for …

Allstate Insurance: A Guide to Your Insurance Needs Read More »

Dhimma yakkaa mala aadaan xumuranii fi maalummaa isaanii!

 dhimma yakkaa mala aadaan xumuranii fi maalummaa isaanii. Nagaan ummata Oromoo biratti dhimma angafaa fi jireenya ilma namaaf barbaachisummaa olaanaa qabuudha. Yaad-rimeen Oromoon nageenya irratti qabu bal’aa kan nama dhuunfaa, hawaasa, naannoo fi samii of keessatti kan hammatudha. Ilaalchi fi xiyyeeffannoon ummatichi nagaaf qabu immoo kadhannaa, eebba, sirba, ayyaana, haasawaa, afoola, haala bulchiinsaa, sochii jiruu fi jirreenya ummatichaatin …

Dhimma yakkaa mala aadaan xumuranii fi maalummaa isaanii! Read More »