Barruu Xinxala Seera To\’nnoo Qulqullinnaafi gabaa buunaa. Buuna Seeraan Aalaa fi Qabatama. Pdf

\"\"

Barruu Xinxala Seera To\’nnoo Qulqullinnaafi gabaa buunaa. Buuna Seeraan Aalaa fi Qabatama.

Abbaan Alangaa Obboo Addiisuun Qophaa\’ee

Yaadrimee Waliglaaa.

Seensa

Bunni utubaa dinagdee biyya keenyaa isa ol’aanaa dha. Galii waliigalaa biyyi keenya waggaatti argatu keessaa 10% ol bunatu gumaacha[1]. Sharafa biyya alaa irraa argamu keessaa immoo 25%-

30% kan ta’u buna irraa argama; gama sharafa alaa argamsiisuutiin kan oomsha bunaan qixxaatu hin jiru2. Omishaalee qonnaa biyya alaatti ergaman keessaa ammoo bunni dhibbeentaa afurtama

(%40) qabata. Bunni lammiilee biyyattii miliyoona 18 ta’aniif carraa hojii kan uumuu fi qonnaan bultoota hedduu gara hojii tajaajila kennuu fi industiriitti akka tarkaanfatan taasisuudha[2]. Keessumaa, buna Itoophiyaan gara biyya alaatti ergitu keessaa 64% Oromiyaa keessatti waan oomishamuuf dinagdee fi jireenya howaasummaa jiraattota Oromiyaa keessatti bunni qooda guddaa qaba. 

Faayidaa biyyattiin bunarraa argattu guddisuuf mootummaa Federaalaa labsii sirna to’annoo qulqullinaa fi gabaa bunaa4 tumuun hojiirra oolcheera. Mootummaan naannoo Oromiyaas

Dhimma qulqullinaa fi gabaa bunaarratti labsii[3] baasee kan ture yoo ta’ellee labsiin kun qaamolee seera raawwachiisan biratti seera kamii fi mana murtii kamitti dhimma kana akka  raawwachiisan ilaalchisee gaaffii guddaan uumamaa tureera. Gaaffiin kun otuu qixa barbaadamuun deebii hin argatin mootummaan naannoo Oromiyaa labsii haaraa buna dabalatee omishaalee qonnaa ittiin bulchu tumatee jira.[4] Kanaafuu barruun gabaabduun kun labsiiwwan yeroo ammaa kana sadarkaa Federaalaa fi Naannoo Oromiyaatti dhimma bunaa ilaalchisee hojiirra jiran dhimma yakkaa irratti tumaalee haammatanii bahan irratti ejjennoo ogeeyyii seeraa bira jiru adda baasuun ejjennoowwan kana immoo sirna seera biyya keenyaa waliin ilaaluun hubannoo uumuu irratti kan xiyyeeffachuun seeraaf hojimaata irratti rakkoowwan mul’ataniif kallattii fooyya’iinsaa agarsiisuuf kan kaayyeeffateedha. Bu’uuruma kanaan, kutaan tokkoffaan labsii omishaalee qonnaa Oromiyaa fi Labsii sirna to’annoo qulqullinaa fi gabaa bunaa federaalaa keessaa isa kamtu dhimma itti gaafatamummaa yakkaa diriirsuu keessatti raawwatiinsa qabaata kan jedhuu kan ilaallatu yoo ta’u kutaan lammaffaan ammoo seeraaf hojimaata wal biratti qabuun: eegallii qorannaa buna seeraan alaa irratti, buna seeraan alaa fi angoo qaama raawwachiiftuu akkasumas daldala bunaa fi bakka bu’iinsa mana hojii keenyaan laatamu kan ilaallatu ta’a.   

Furtuu

  • Seerota qulqullinaa fi daldala bunaa,
  • Angoo seera baasuu,
  • angoo mana murtii,                     
  • angoo qaama raawwachiiftuu buna qabame irratti

Kutaa tokko:- Labsiiwwan Qulqullinaa fi Daldala Bunaa Federaalaa fi Oromiyaa: kamtu raawwatiinsa qaba?

seensa

Buna hundee dinagdee biyyaa ta’e sirnaan to’achuu fi bu’aa barbaadame buna irraa biyyi akka argattu taasisuuf qulqullina bunaatiif eegumsi seeraa taasifamuun murteessaa waan ta’eef seerotni omishaa fi daldala bunaa sadarkaa federaalaattis ta’e akka naannoo keenyaatti bahaa turaniiru. Labsiin sirna to’annoo qulqullinaa fi gabaa bunaa akka mootummaa federaalaatti labsiin lakk 602/2000 ta’ee fi akka naannoo Oromiyaatti labsiin lakk 160/2002 ta’een bahan bifa walfakkaataa ta’een kaayyoo itti bahan yommuu ibsan: Bunni omishamu sadarkaa qulqullinaa isaa eeggatee  gabaa  biyya  keessaa fi alaa irratti dorgomaa ta’ee sharafa biyya alaa argamsisuu akka danda’uuf sirna to’annoo  qulqullinaa fi daldala bunaa  si’oomina qabu diriirsuun barbarchisaa ta’ee waan argameef, hojii daldala bunaa saffisaa fi baasii kan qusatu gochuun omishtonni bunaa daldala bunaa irraa galii barbaachisaa akka argatan taasisuuf haala mijawaa diriirsuun baarbachisaa waan ta’eef… jechuun kaa’anii jiru.

Labsiiwwan kana irraa kan ifatti mul’atus labsiiwwan kun sadarkaa federaalaattis ta’ee sadarkaa naannootti yoo ba’an kaayyoo waloo tokkicha galmaan gahuuf kan labsaman ta’uu isaaniiti. 

Labsiiwwan kun lamaan qaamotuma ittiin labsamaniin haqamanii labsii gara biraatiin kan bakka bu’an yommuu ta’u sadarkaa federaalaatti labsiin lakk 1051/2009 ta’een bahe labsii lakk 602/2002 kan haqe yommuu ta’u, sadarkaa naannoo Oromiyaattis labsiin sirna to’annoo qulqullinaa fi gabaa bunaa Oromiyaa lakk 160/2002 ta’een bahee ture labsii Sirna To’annoo

Gabaa fi Qulqullina Oomishaalee Qonnaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe labsii Lakk. 234/2013 ta’eenhaqamee bakka bu’eera.

Labsiiwwan haaraan lamaan kun buna ilaalchisee tumaalee bulchiinsaa fi gochaalee dhorkamaniif adabbii yakkaa hordofsiisan addaa addatti diriirsanii argamu. Labsiin daldalaa fi to’annaa qulqullina bunaa federaalaa lakk 1051/2009 Kwt 19 jalatti fi labsiin Sirna To’annoo Gabaa fi Qulqullina Oomishaalee Qonnaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe labsiin Lakk.

234/2013 Kwt 26 jalatti dhimmoota (gochaawwan) wal fakkaatoo ta’an qofa qofaatti yakka jechuun tumanii argamu. Kanaaf kutaan barreeffamaa kun gochaawwan walfakkaatoo yakka jedhamanii labsiiwwan kana lamaan keessatti haammatamanii argamaniin wal qabatee labsii kamtu rogummaa qaba kan jedhu irratti hubannoo kan uumu ta’a. 

Seera rogummaa qabu (labsii bunaa mootummaa Federaalaatiin bahee fi labsii omishaalee qonnaa Oromiyaa bunas dabalatu) filachuun ammoo dhimmi bunaa irratti angoon seera baasuu kan eenyuu akka ta’e ilaaluu gaafata. 

Itoophiyaan biyya sirna Federaalizimii hordoftuudha.[5] Biyya sirna federaalizimii hordoftu keessatti mootummootni sadarkaa Naannoo fi Federaalaa angoon isaanii heera mootummaa federaalaa irratti hundaa’ee kan qoodamu yommuu ta’u Itoophiyaa keessattis mootummaan

Naannoolee fi Federaalaa walcinaatti hundaa’uun angoon isaan dhuunfaatti (Exclussive)8 fi waliin qaban (Concurent power)[6] heera mootummaa federaalaatiin ifatti tumamee argama.

Dhimma amma of harkaa qabnuuf angoo seera baasuu mootummaaleen kun heera biyyattii bu’uura godhachuun qabaniif heerichi Kwt 50(5) fi 52(1) jalatti naannooleen dhimmi angoo irratti qaban irratti seera baafachuu kan danda’an ta’uu tumee jira. Angoon naannoolee kun ammoo kan ifatti isaaniif qoodamee fi kan biroo angoo mootummaa federaalaati jedhamee ifatti hin tumamne kan haammatuudha. Kana jechuun ammoo naannooleen dhimmi isaan seera irratti baafachuu danda’an dhimma mootummaa federaalaatiif angoon ifatti hin laatamne qofa irratti ta’a jechuudha. Karaa biraatiin daangaa angoo waliinii kabajuu akka qabanis heerichi ifatti tumee waan jiruuf[7] dhimmichi ifatti angoo mootummaa federaalaa ta’uu heerichaan taa’eera taanaan naannooleen dhimmoota akkasii irratti seera gara biraa baasuu hin danda’an jechuudha.

Dhimma angoo naannoo ta’e irratti mootummaan federaalaa seera yoo tume ykn dhimmi angoo federaalaa ta’e irratti mootummaan naannoolee seera yoo tumee fi seeronni kunniin sadarkaa mootummaa lameeniittuu yoo jiraatan kamtu raawwatiinsa ykn dursa argachuu akka qabu heerichi ifatti yoo tumuu baates hiikkoo tumaawwan heerichaa armaan olii irraa mootummaan naannoo dhimma angoo mootummaa federaalaa ta’e irratti yoo seera baasee fi seerri akkasii qaama angichi kennameefiin baheera taanaan mootummaan naannoo tumaa heerichaa Kwt 50(8) sarbee labsiin inni baasu bu’uura heerichuma Kwt 9(1)’tiin raawwatiinsa kan hin qabaanne ta’a jechuudha. Bifuma walfakkaatuun mootummaan federaalaa dhimma angoo ifatti isaaf hin kennamne irratti ykn dhimma angoo naannooleeti jedhamee heerichaan ifatti tumamee jiru keessa seenee seera yoo baasee fi dhimmicha irratti seerri mootummaa naannootiin bahe yoo jiraate seerri mootummaan federaalaa daangaa angoo isaatiin alatti bahee angoo naannoolee keessa galee baase raawwatiinsa hin qabaatu jechaadha.[8]   

Kun akkuma jirutti ta’ee garuu seeronni kun lamaan qaamolee seera tumuuf angeefamaniin hanga tumamanii jiraniitti seerri kun raawwatiinsa qabaa ykn hin qabu jechuun angoo eenyuuti inni jedhu dhimma murteessaa ta’a. Akka biyya keenyaatti manni murtii angoon isaa yaada seera baastuu barbaaduun seera hiikuu malee heera hiikuu miti waan ta’eef yommuu dhimma walfakkaataa irratti mootummooti naannoolee fi Federaalaa seera yakkaa baafatan seerri raawwatiinsa qabaatu kan mootummaa naannooti ykn kan mootummaa federaalaati jedhanii murteessuuf angoo hin qabani.[9] Yommuu kana jennu ammoo qaamoleen haqaa (manni murtii) dhimmoota hunda irratti heera hiikuu hin danda’an jechuu akka hin taane hubachuun barbaachisaa ta’a.[10] Kana jechuun ammooyyuu seerota qaamolee garagaraatiin bahan ilaalanii kan raawwatiinsa qabaachuu qabu kana jedhanii murteessuun seera otuu hin taane heera hiikuu ta’a waan ta’eef kun ammoo heerichumaan mana maree federeeshiniitiif male mana murtiitiif hin kennamne jechuudha.14 

Qabatama mana murtii naannoo Oromiyaa yommuu ilaallu faallaa kanaa murtii dirqisiisaa kennee jira. Fkn dhimma falmii labsii Bosonaa Ol iyyataa A/Alangaa Waliigalaa Oromiyaa fi waamamtoota jara Asmaaraw Inniyaw fi Indaalee Yaaqub gidduutti taasifamaa tureen manni murtii waliigalaa dhaddacha ijibbaataa isaatiin L/Galmee 303547 ta’e irratti dhaddacha gaafa guyyaa 11/02/2012 ooleen yommuu dhimma tokko irratti mootummaan federaalaa fi naannoolee seera yakkaa baasan bu’uura heera mootummaa Federaalaa Kwt 55(5)’tiin angoon seera yakkaa baasuu kan mana maree bakka bu’oota uummataati waan ta’eef mootummooti naannoolee wanta seera federaalaatiin yakka jedhamee tumame irratti seera ofii baasuun irra deebi’anii yakka taasisanii tumuu hin danda’an, yoo seera akkasii baasanii argamanis seerri isaanii raawwatiinsa hin qabaatu jechuun murtii kennee jira. Dabalataanis dhimmuma bunaa irratti Manni Murtii

Waliigalaa Oromiyaa Dhaddacha Ijibbaataa isaatiin lakk galmee 375723 ta’e irratti dhaddacha gaafa guyyaa 22/10/2013 ooleen labsiin raawwatiinsa qabu labsii federaalaan baheedha malee kan naannoon Oromiyaa baase raawwatiinsa hin qabu jechuun, Abbaan Alangaa bu’uura labsii buna federaalaa lakk 1051/2009’tiin mana murtii angoo qabutti himannaa isaa hadhiyeeffatu jechuun murteessee jira.

Haata’u malee heera federaalaa keessatti ifatti kan tumame seera yakkaa baasuun kan mana maree bakka bu’oota uummataa yommuu ta’u bakka qaawwi seeraa jirutti (bakka mootummaan federaalaa yakka jedhee hin tumnetti) mootummoonni naannolee seera yakkaa baasuu ni danda’u jechuun kan kaa’ee jiruudha malee akka manni murtichaa xiinxaletti yommuu mootummootni lameen dhimma tokko irratti seera yakkaa baafatan seerri dursi kennamuuf seera federaalaati ykn kan naannooti tumaan jedhu kan hin jirredha. Heerichi akka manni murtichaa xiinxale yommuu seeronni akkasii lamaan walitti bu’an seerri naannoleedhaan bahe raawwatiinsa hin qabu waan jedhe hin qabu. 

Akkaataa hiikkoo mana murtichaatiin seerri yakkaa naannoleedhaan bahu gaafa dhimmicha irratti mootummaan federaalaa seera itti baasu ka’umsarraa hafaa (Null ab initio) ta’a jechuudha. Manni murtii ammoo seera hiikuu malee seera qaama angoo seera baasuu qabuun tumame akka waliigaltee hanqina dandeettii (capacity) ykn miti-seerawaa (illegal and immoral) ta’eetti fudhatee seerri naanoleen baasan raawwatiinsa hin qabaatan jechuuf bu’uura heeraaf seeraa hin qabu. 

Walitti bu’iinsi seerota kana lamaanii hiikkoo seeraa otuu hin taane hiikkoo heeraa kan barbaadudha. seera tokko keessatti tumaaleen jiran yookin seerota sadarkaa walfakkaataarra jiran keessaa seerri tokko seera isa biroo waliin kan walitti bu’u yoo ta’e (contradiction) manni murtii hiikkoo kan itti laachuu danda’u yoo ta’u, seerota qaama garagaraatiin bahan ilaalchisee garuu hiikkoon barbaachisu isa kamtu heerawaadha ykn heeraan walitti bu’a[11] kan jedhuudha male isa kamtu seerawaadha kan jedhu waan hin taaneef dhimma manni murtii heera hiikuuf hin angeeffamne hiikkoo itti laatuu miti.

Labsiiwwan dhimma buna ilaalchisee mootummaan naannoo Oromiyaa fi mootummaan

Federaalaa baasanitti yoggaa deebinus dhimma walfakkaataa waan ta’eef labsiin qulqullinaa fi daldala omishaalee qonnaa Oromiyaa seera qaama seera baastuu beekumtii heeraa qabuun bahe hanga ta’etti manni murtii naannoo Oromiyaa seerri caffeedhaan bahe heera mootummaa federaalaatiin walitti bu’a jechuun raawwatiinsa hin qabu jechuuf bu’uura seeraa hin qabu.  Kana waan ta’eef dhimmi seera mootummaa federaalaatiin haguuggii qabu mootummaa naannoleetiin haguugamuu hin qabu, dhimmi seeraa mootummaa federaalaatiin hin haguugamin hafee ture mootummoolee naannootiin seerri yakkaa itti bahee ture gaafa mootummaan federaalaa seera akkasii itti baafatu seerri dhimmicha irratti qaama seera baastuu naannoleetiin bahe hafaa ta’a jechuuf angoo qabu akka Itoophiyaatti mana maree federeeshiniiti malee mana murtii idilee miti waan ta’eef dhimma akkasii irratti manni maree federeeshinii murtii itti laachuu kan qabuudha.

\"\"
Ethiopian coffee

Kuutaa Lammaffaa:- Angoo qaama raawwachiiftuu fi mana murtii Idilee dhimma bunaa irratti

Seeraafii Hojimaata

Bu’uura seera yakkaa Kwt 140(1)’tiin manni murtii dhimmoota yakkaa irratti akka ciraatti himannaa faana dhiyaatan yommuu gochi sababa himannaa ta’e raawwatamuu isaa mirkaneeffatee murtii balleessummaa laatu murticha faana ragaa akka ciraatti dhiyaate irratti ajaja lachuu qaba. Bifuma walfakkaatuun Abbaan Alangaas bu’uura labsii hundeeffama Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Fooyyeessuuf Bahe Labsii Lakk 236/2013 kwt 7(22) fi Imaammata Yakkaa Itoophiyaa Kwt 3.20(h)’tiin hojii qorannaa yakkaa fi murtii haqaa kennisiisuu keessatti ciraawwan akka ragaatti qabaman irratti murtii laachuuf angeeffamee jira.

Haata’u malee manni murtiis ta’e Abbaan Alangaa angoo kana kan qabaachuu danda’an dhimmichi seeraan qaama biraatiif ifatti fi addatti yoo hin laatamne qofaadha. Kanaaf, wantoota akka ciraatti qabaman irratti angoon murtii laachuu addatti seeraan qaama biraatiif laatameera yoo ta’e Manni Murtii fi Abbaan Alangaa angoon ciraa irratti ajaja laachuu kan irraa fuudhame ta’uu hubachuu qabu.  

Gocha daldala seeraan alaa fi meeshaalee seeraan alaa irratti qaamoleen murtii akka kennaniif angeeffaman hedduutu jiru. Seera qabeessummaa meeshaalee akkasii qabaman irratti murtii akka kennaniif kan angeeffaman qaamolee raawwachiiftuu sadarkaa waajjiraa fi koreetti hundeeffamanii jiranidha. Fkn poolisiin bu’uura labsii bulchiinsa meeshaalee waraanaa lakk 1177/2012 Kwt 21n kan angeeffame yoo ta’u; Biiroon Daldalaa Fi Misooma Gabaa Oromiyaa seera qabeessummaa meeshaalee daldalaa bu’uuraa qabaman irratti murtii akka kennuuf labsii dorgommii daldalaa fi eegumsa mirga fayyadamtootaa lakk 813/2006 Kwt 2(15) fi 23 jalatti angeeffameera. Abbaan Taayitaa Bunaaf Shaayii Federaalaa ykn Waajjirri Qonnaa Oromiyaa fi/ykn Ejensiin Misooma Gabaa Oromiyaa (bu’uura labsii lakk 242/2014 kwt 18 fi labsii lakk 234/2013 kwt 20(9)) ammoo seera qabeessummaa buna qabamee irratti murtii akka laatuuf labsii lakk 1051/2009 Kwt 2(44) fi 18(5)’n angeeffameera. 

Angoon qaamolee olitti eeramaniif kenname akkuma eegametti ta’ee, qaamoleen addaddaa walitti dhufanii meeshaalee daldalaa bu’uuraa ta’an ilaalchisee hordoffiifi to’annoo akka taasisuu fi gochoota mirga fayyadamtootaa sarban irratti murtii akka kennanuuf koreen gabaa tasgabbeessituu sadarkaa sadarkaan hundaa’eera. Manneen murtii idilee ammoo seera qabeessummaa meeshaalee daldalaa qabaman irratti murtaa’an irratti ol iyyannoon ilaaluuf angeeffamanii jiru. Kana waan ta’eef sadarkaa jalqabaatti meeshaalee kanniin (ciraa) ilaalee seera qabeessa yookin seera qabeessa miti jedhee murteessuun qabeenyichi abbaaf hadeebi’u ykn hadhaalamu jechuuf manni murtii angoo seeraan kennameef hin qabu jechuudha. Gocha daldala seeraan alaan walqabatee murtii siivilii murteeffamu irratti manni murtii idilee dhimmicha oliyyataan ilaaluu malee jalqabarraa kaasee ilaaluuf hin angoofne. Kana waan ta’eef angoon mana murtii idilee gochichi yakka moo miti kan jedhu ilaalee yakka yoo ta’e murtii balleessummaaf adabbii laachuudhaan daanga’a.[12]

Labsii lakk 1051/2009 keessatti dhimmi yakkaa fi H/Hawaasaa (ciraa) adda adda bahee kan ilaalamu akka ta’e ni hubatama.17 Dhimma yakkaa ilaaluun kan poolisii fi A/Alangaatiif kenname yommuu ta’u dhimma ciraa bunaa qabame ilaalchisee angoon dhimmicha ilaalee seera

qabeessa jechuun ciraa deebisuu ykn seeraan aladha jedhee ciraan akka dhaalamu murteessuu ammoo mana murtii irraa fuudhamee kan waajjira qonnaa/A/Taayitaa bunaaf Shaayii/waajjira

Gabaatiif kenname akka ta’e labsii lakk 1051/2009 Kwt 18(5) fi dambii lakk 433/2011 Kwt 43(6) irraa ni hubatama. Dambiin kun ifatti: “የተያዘ ቡናን፣ ተሽከርካሪን፣ ተጨማሪ ጭነትን ወይም ምርትን አስመልክቶ የሚሰጥ ውሳኔ በባለስልጣኑ ወይም አግባብ ባለው የክልል አካል የበላይ ኃላፊ በሚመራ ኮሚቴ ይሆናል” jechuun dhimmi buna qabamee kan murtiin itti laatamu

mana murtiitiin otuu hin ta’in waajjira dhimmichi ilaallatuun ykn koree hogganaan A/Taayitaa dhimmichi ilaallatuun hogganamuun qofa akka ta’e tumee jira.

\"\"

Haata’u malee qabatama jiruun galmeewwan buna seeraan alaa qulqullaa’anii dhiyaataa jiran hundi isaanii murtiin abbaa taayitaa dhimmichi ilaallatuun buna qabame irratti kenname otuu hin jiraatin sababoota bunichi seeraan ala itti ta’u qofa xalayaa agarsiisuun deeggaramee A/Alangaaf dhiyaata. Bunni qabame kunis tarree ragaa ‘Ciraa’ jedhu jalatti ibsamee mana murtiif dhiyaata, manni murtiis yakkummaa isaa yommuu murteessu ciraa irrattis ajaja laata. Kun ammoo hafuura seerichaa miti. Sababa kanaanis himatamaan himannaa yakkaa irratti dhiyaatuun bilisa yoo jedhame yakkaan bilisa ta’uun himatamaa kan silaa ciraan dhaalamuu irraa hin oolle akka nama kanaaf deebi’u taasisuu mala.

Xalayaan A/Taayitaa ykn waajjira qonnaa/gabaa irraa dhiyaatu sababa seeraan ala itti ta’u qofa ibsuu qabamoo Sababa kana kanaaf seeraan ala ta’uun mirkanaa’eera waan ta’eef dhaalameera jechuun poolisiif barreessuu qaba? 

Buna seeraan alaa fi hojii qorannaa yakkaa

Hojiin qorannaa buna seeraan alaa yoo gibrahayliin daldala seeraan alaa aanaa seeraan ala jedhe qofa kan qoratamuu, yoo seera qabeessadha jedhe ammoo kan qoratamu otuu hin taane Eeruu irraa eegalee hojiin qorannaa yakkaa kan hogganamu A/Alangaatiin ta’ee[13] poolisii faana kan dalagamu waan ta’eef kan qorannaa buna seeraan alaatis kanarraa adda miti.

Qabatama hojii jiruun bunni yommuu qabamu seeraa alummaan isaa ykn yakkummaan isaa gibrahayliidhaan murtaa’ee yoo poolisii fi A/Alangaaf hin qajeelfamne hin qoratamu, hin himatamu. Kun ammoo hojimaata badaadhaaf kan qaawwa uumuu fi gahee hojii seektaraa keessa seenuu (seektarris gahee hojii isaa sirnaan bahuu dhabuu) kan agarsiisudha male hojimaata sirrii miti.

Bunni amala isaatiin kan dafee manca’uu (Asheeta/diimaa) fi hin mancaane (Janfala, Qashira) waan ta’eef ciraan yommuu qabamu akkaataa dambii lakk 433/2011 fi qajeelfama lakk 02/2012’tiin buna diimaa taanaan ariitiin gurguramee qarshiin isaa herrega baankii cufaa dhimma akkasiitiif baname keessa taa’uu kan qabu yommuu ta’u[14], kanneen hafan waajjirri qonnaa ammaa (A/Taayitaa Bunaaf shaayii/ W/rri gabaa) omisha akkasiitiif bakka mijeessutti haala qulqullina bunichaa hin hir’isneen kuufamuu qaba.[15]  buna qabameef ammoo abbaa bunichaaf ykn bakka bu’aa isaatiif nagaheen laatameefii hojiin qorannoo seera qabeessummaa isaa kan itti fufu yoo ta’u qorannaan koreedhaan taasifamu kan seera qabeessummaa bunichaa ilaallatu malee yakkummaa gochichaa ilaallatuu miti.[16]

Buna Seeraan alaa fi RTD

Bunni seeraan ala jedhamee qabame RTD’dhaan dhiyaachuu ni danda’aa? [17]

Murtiin buna qabame irratti abbaa taayitichaan laatamu abbaa qabeenyaatiif beeksifamuu qaba. Abbaan qabeenyaa murtiin abbaa Taayitichaa isa dhaqqabe yoo murtii laatame irraa komii qabaate guyyaa jaatama (60) gidduutti mana murtii angoo qabutti ol iyyata fudhachuu akka danda’u dambiin labsii lakk 1051/2009 raawwachiisuuf bahe lakk 433/2011 Kwt 43(10) jalatti tumee jira. Kanaafuu, dhimmi ciraa buna seeraan alaa A/Taayitaatiin kan murtiin itti laatamu ta’ee akka haala dubbichaatti guyyaa lama gidduutti carraan galmeen xumuramee mana murtiif dhiyaachuu isaa baay’ee dhiphaadha. Sababni isaatis galmeen RTD’dhaan ilaalamu yakkoota sasalphaa[18] qorannoon isaanii ragaa teeknikaa fi taaktikaan deeggaramee sa’aatii 48 gidduutti xumuramee mana murtiif dhiyaachuu danda’uu fi yakkoota harkaaf harkaa (flagrant offence) ta’ee kan waggaa 5 ol hin adabsiifne akkasumas gochi raawwatame fulduratti bu’aa gara biraa kan hin hordofsiifne ta’uun mirkanaa’e ta’uu qabu.[19] Kan abbaan taayitaa bunni qabame seeraan ala ykn seera qabeessadha jedhee murtii laachuuf mirga abbaan bunni jalaa qabame sa’aatii afurtamii saddeet (48)[20] gidduutti ragaa isaa abbaa taayitichaaf dhiyeeffachuuf qabu kabajuun sa’aatii kennameef kana keessatti yoo ragaa isaa hin dhiyeeffanne bunicha irratti murtii laatee ragaa seerummaa/al seerummaa isaa ibsu qaama yakkummaa dhimmichaa qoratuuf dhiyeessuu kan qabu guyyaa lamaa booda waan ta’eef galmee akkasii RTD’dhaan dhiyeessuun waan hin danda’amnedha.

\"\"

Daldala Bunaa fi Bakka Bu’iinsa

Hojiin daldala bunaa abbaa hayyamaatiin dalagamuu qaba. Namni daldala bunaa irratti hirmaachuuf hayyama argate dhimmi humnaa olii ofii isaa hojicha raawwachuu isa hin dandeechifne yommuu isa mudatu abbaa taayitaa dhimmichi isa ilaallatu: sadarkaa federaalaatti A/Taayitaa bunaaf Shaayii fi sadarkaa naannoleetti ammoo waajjira dhimma bunaa irratti angeeffametti dhiyeeffatee sababni inni dhiyeeffate gahaa yoo ta’e hayyama nama biroof akka laachuu danda’uuf laatamuuf irra dhaabbatee qaama bakka bu’iinsa kennu biratti dhiyaatee nama barbaadu bakka buusee hojjachiifachuu danda’a.[21] Kanaan ala bakka buusee hojjachiisuuf hayyama otuu hin argatin bakka bu’iinsaan nama hojjachiisuun yakka jedhamee tumameera waan ta’eef hin danda’amu.[22] 

Akkaataa labsii daldalaaf qulqullina bunaa federaalaa lakk 1051/2009 Kwt 19(12)’tiin namni tokko hayyama abbaa taayitaa dhimmichi isa ilaallatu irraa bakka bu’iinsaan hojii daldala bunaa akka hojjachiisuuf isaaf laatamu otuu hin qabatin bakka bu’iinsaan hojjachiisuu akka hin dandeenyee fi yoo hayyama otuu hin qabatin bakka bu’iinsaan hojjachiise itti gaafatamummaa yakkaaf kan saaxilamu waan ta’eef, waajjirri A/Alangaa hojii daldala bunaa irratti gaaffii bakka bu’iinsaa yommuu keessummeessu hayyama namni bakka buusu nama biraa bakka buusee akka hojjachiisuuf kennamu kan abbaa taayitaa irraa laatamu akka ulaagaatti kaa’ee hojjachuu qabaata.

Yaada Guduunfaa

Labsiin sirna to’annoo qulqullinaa fi gabaa bunaa sadarkaa Federaalaa fi Naannoo Oromiyaatti bahanii kan jiran yommuu ta’u labsiin lameenuu gochoota yakka ta’an ifatti tumanii jiru.

Mootummaan Federaalaas ta’e Naannoo Oromiyaa angoo seera baasuu isaanii fayyadamanii seeronni isaan baasan qaamolee seera hiikanii fi raawwachiisaniin kabajamuu qabu. Seera kanatu raawwatiinsa qaba jechuun seerota bahan lamaan keessaa isa tokko fudhatamummaa dhabsiisuu ta’a. 

Akka biyya keenyaatti manni murtii seerota qaama seera baastuun bahan hiikuuf kan angeeffame yommuu ta’u bakka seeronni sadarkaa walfakkaataa ta’an hiikkoo barbaadanitti hiikkoo seeraa kennuun seeronni akka raawwataman ni taasisa. Sirna federaalizimii keessatti angoo heera federaalaatiin kennameef irratti hundaa’uun mootummoonni naannolee qaamolee seera baasan, raawwachiisanii fi seera hiikan kan mataa isaanii kan qaban yommuu ta’u, qaamni seera hiiku seerota qaama seera baastuutiin bahan gara hojiitti hiikuuf kan hundeeffamaniidha. Qaamni kun dhimma tokko irratti qaamoleen seera baaftuu sadarkaa federaalaa fi naannolee seera yommuu tumanitti seerri naannoo ykn seerri federaalaa heeraan walitti bu’a waan ta’eef seera federaalaatu raawwatiinsa qabaata ykn seera naannootu raawwatiinsa qabaata jedhanii murteessuun seera qaama tokkoon bahe fudhatanii seera isa gara biraa gatii dhabsiisuu ta’a. dhimmi seerri naannoon baase ykn seerri mootummaa federaalaan bahe tokko heeraan walitti bu’a ykn bu’uura seeraa hin qabu yookin qaba jedhanii murteessuu heera federaalaatiin karaa gumii calaltuu dhimma heeraatiin mana maree federeeshiniitiif kenname male kan mana murtiitiif kenname waan hin taaneef manneen murtii bifa kanaan murtiin kennanu angoo hin qabnetti fayyadamuu (Altravirus) ta’a.  kun ammoo seera filachuu qofarratti kan dhaabbate otuu hin taane, qabatama hojiitiin dhimma buna seeraan alaati jedhamee qabame irratti angoon murtii laachuu ifatti qaama raawwachiiftuuf laatamee otuu jiruu hadhaalamu ykn himatamaaf hadeebi’u jedhee murtiin Manni murtii laatu ammallee angoo hin qabneen hojjachuu ta’a. 

Kanaafuu, manni hojii Abbaa Alangaa murtiin karaa mana murtii waliigalaa dhaddacha ijibbaataatiin dhimma bosonaa irratti laatamee ammas irra deebi’ee dhimma daldala bunaa irratti dabalame kun gocha angoon alatti bahamee dalagame ta’uu hubachuun qajeelfamni afaaniin waltajjii irratti himannaan yakkaa bunaa bu’uura labsii federaalaatiin qofa akka dhiyaatu laate akkuma eegametti ta’ee; bu’aan dhumaa kanas haata’u sana seeraaf heera biyyattii tiksuuf dirqama waan qabuuf karaa gumii calaltuu dhimma seeraa dhiyeessee furmaata akka argatu taasisuun irra jiraata.

Hojii qorannaa yakkaa buna seeraan alaatiinis wal qabatee gareen qorannaa gibrahaylii irratti hirkatee socho’uurra angoo seeraan kennameefiin hojiisaa gaggeessaa dhimma buna qabamee ilaalchisees seerri fi hojimaanni garaagarummaa kan qaban ta’uu hubachuun seeronni bahan qixa barbaadamuun hojiitti hiikamaa jiraachuu isaanii hordofuuf kan angeeffame Abbaan Alangaa gahee yeroo qorannaa fi himannaa taphatuun sirreessuu danda’a waan ta’eef ammaan itti yaadamuu qabaata.

TARREEFFAMOOTA WAABIILEE/MADDOOTA ODEEFFANNOO

Gabatee Seerotaa

 Kan federaalaa 

  • Heera Rippaablika Demokraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa labsii lakk 1/1987, Gaazexaa Federaal Nagaarit, bara 1 lakk 1, Addis Ababaa, Hagayya 15/1987 
  • Imaammata Haqaa Yakkaa Rippaablika Demokraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa,

Ministeera 

  • Haqaa, Addis Ababaa, Gurraandhala 25/2003 
  • Seera Yakkaa Rippaablika Demokraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa Labsii Lakk 414/1996, Gaazexaa Birhaaninnaa salaam, bara 1, lakk 1, Addis Ababaa, Caamsaa 01/1997 
  • Labsii Daldalaa Fi Qulqullina Bunaa Federaalaa Lakk 1051/2009, Gaazexaa Federaal Nagaarit, bara 23ffaa lakk _, Addis Ababaa, Caamsaa 28/2009 
  • Dambii Labsii Daldalaa Fi Qulqullina Bunaa Federaalaa Lakk 1051/2009 raawwachiisuuf Mana Mare Ministeerootaan bahe Dambii Lakk 433/2011, Gaazexaa Federaal Nagaarit, bara 25ffaa lakk 3, Addis Ababaa, Onkololeessa 23/2011 
  • Labsii sirna to’annoo qulqullinaa fi gabaa bunaa, lak 602/2000; Waggaa 14ffaa, lak 61,

19 Hagayya 2000; Addis Ababaa

Kan Naannoo 

  • Labsii mana hojii Abbaa Alangaa waliigalaa Naannoo Oromiyaa hundeessuuf bahe labsii lakk 214/2011, Magalata Oromiyaa, waggaa 27ffaa lakk 12/2019, Finfinnee, 28 Fulbaana 2011 
  • labsii sirna to’anno gabaa fi qulqullina omishaalee qonnaa naannoo Oromiyaa murteessuuf bahe lakk 234/2013, Magalata Oromiyaa, bara 29ffaa, lakk 14/2013, Finfinnee, 21 Gurraandhala 2013
  • Labsii qaamolee raawwachiiftuu mootummaa naannoo Oromiyaa irra deebiin hundeessuuf bahe labsii lakk 242/2014, Magalata Oromiyaa, waggaa 30ffaa lakk –/2020, Finfinnee. 
  • Jijjiirama Bu’uuraa Adeemsa Hojii (JBAH), 2006

Murtiilee Mana Murtii Waliigala Oromiyaa Dhaddacha ijibbaataatiin Murtaa’anii 

  • Murtii Dhaddacha ijibbaataa mana murtii waliigalaa Oromiyaa L/Galmee 303547 ta’e irratti dhaddacha gaafa guyyaa 11/02/2012 ooleen kenname. 
  • Murtii Dhaddacha ijibbaataa mana murtii waliigalaa Oromiyaa 375723 ta’e irratti dhaddacha gaafa guyyaa 22/10/2013 ooleen kenname

Barreeffama hojii irraa

  • Samu’eel Gabresillaasee fi Eva Ludi, agricultural commercialization in coffee growing area of Ethiopia (2006)  
  • Ministeera Daldalaa mootummaa Federalawaa Democratawa Rippablika Ithiophiyaa,

Coffee Opportunities in Ethiopia (2012) 


[1] Ministeera Daldalaa mootummaa Federalawaa Democratawa Rippablika Ithiophiyaa, Coffee Opportunities in Ethiopia (2012), fuula 2 2 Miiljalee armaan olii

[2] Samu’eel Gabresillaasee fi Eva Ludi, agricultural commercialization in coffee growing area of Ethiopia (2006) fuula 5 4 Labsii Sirna To’annoo Qulqullinaa fi Gabaa Bunaa, Lakk 602/2000.  

[3] Labsii Sirna To’annoo Qulqullinaa fi Gabaa Bunaa Oromiyaa, labsii lakk. 160/2002.  

[4] Labsii Sirna To’anno Gabaa Fi Qulqullina Omishaalee Qonnaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe Lakk 234/2013: kwt 2(21) jalatti Omishaaleen Qonnaa bunas ni dabalata jedha.

[5] Heera mootummaa Federaalawaa Demokraatawaa Ripablika Itoophiyaa Bara 1987 bahe: Kwt 1, 2, 45, 46… 8 Akkuma 7ffaa, Kwt 51 fi 55 mootummaa Federaalaa qofaaf kan kenname, Kwt 52(1) mootummaa naannoo qofaaf kan kenname

[6] Akkuma 7ffaa, Kwt 52(2)(e), 55(11), 97 fi 98

[7] Akkuma 7ffaa Kwt 50(8)

[8] Akkuma 7ffaa, Dubbisa waliinii Kwt 9(1) fi 50(8)

[9] Akkuma 7ffaa, Kwt 83 angoon dhimma akkasii ilaalanii murteessuu kan mana maree Federeeshiniiti.

[10] Qaamoleen haqaa mirgoota namoomaa fi bilisummaawwan bu’uuraa raawwachiisuuf dirqama qabu. Mirgoonni kunniin ammoo eegumsa heeraa waan qabaniif mirgoota kana hojiitti hiikuun dirqama isaanii bahachuuf heericha hiikuun isaan barbaachisa. Fakkeenyaaf, namni kamuu qabiinsa al-namoomaa irraa eegamuuf mirga qaba jechuun heerichi Kwt 18 jalatti kaa’ee jira. Namni tokko yoo reebamee qabiinsi al-namoomaa narratti raawwateera jedhe, ijoo reebichi raawwatamuun qabiinsa alnamoomaatimoo miti kan jedhu deebisuuf maalummaa reebichaa hiikuun dirqama ta’a. dabalataan, dhimma yakkaa irratti poolisiin, Abbaan Alangaa fi Manni Murtii qajeeltoo seera yakkaa  14 Bu’uura Heera Federaalaa Kwt 84(2)’tiin seeronni qaama seera baastuu mootummaa federaalaa fi Naannootiin bahan heeraan walitti bu’uu isaaniitiif karaa mana murtii ykn abbaa dhimmaa gumii qulqulleessituu dhimma heeraatiif dhiyaate qulqulleessee murtii dhumaatiif kan mana maree federeeshiniif qajeelfamu akka ta’e ni kaa’a waan ta’eef seerri qaama seera baaftuu tokkoon bahe raawwatiinsa qaba ykn raawwatiinsa hin qabaatu jechuun angoo mana maree federeeshinii ta’a jechuudha.

[11] Akkuma 7ffaa, Kwt 84(2)

[12] Labsii Daldalaa Fi Qulqullina Bunaa Federaalaa Lakk 1051/2009 Kwt 20(1) 17 Akkuma olii,  Kwt 20

[13] Labsii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakk 214/2011 Kwt 7(8)

[14] Dambii Labsii Daldalaa Fi Qulqullina Bunaa Federaalaa Lakk 1051/2009 raawwachiisuuf Mana Mare

Ministeerootaan bahe Dambii Lakk 433/2011, Kwt 43(1)(a)

[15] Akkuma 19ffaa, Kwt 43(1)(b)

[16] Akkuma 19ffaa, Kwt 43(6)

[17] Akkaataa dambii lakk 433/2011 Kwt 43(4)’tiin namni bunni jalaa qabame guyyaa lama gidduutti ragaa qabu dhiyeeffachuu ni danda’a. dabalataan seerichumti kun Kwt 43(5 fi 7) jalatti qaamni qabamuu bunichaa irraa komii qabus sadarkaa godinaattii A/Taayitaa dhimmichi ilaallatutti guyyaa hojii lamaa hanga shanii (2-5) gidduutti iyyachuu kan danda’u yommuu ta’u, qaamni komiin dhiyaateefis xumura yeroo komiirraa qabee guyyaa lamaa hanga shanii gidduutti murtii kennee nama bunichi jalaa qabameef barreeffamaan kennuu qaba. Kanaaf hojiin qoranaa sa’aatii 48 keessatti xumuramee mana murtiif carraan dhiyaachuu isaa dhiphaadha.

[18] Yakkooti ragaaleen barbaadamu yeroo muraasa keessatti salphumatti argamuu danda’an yakkoota salphaa jedhamu jechuun JBAH’n daarektoreetii yakkoota addaddaa fuula 72 irratti hiikkoo itti laatee jira.

[19] JBAH 2006, kallattii furmaataa, fuula 16

[20] Akkuma 19ffaa, Kwt 43(4) 

[21] Akkuma 16ffaa, Kwt 19(12)

[22] Akkuma olii

\"\"
Toora Beeksiisaa

1 thought on “Barruu Xinxala Seera To\’nnoo Qulqullinnaafi gabaa buunaa. Buuna Seeraan Aalaa fi Qabatama. Pdf”

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *

This site uses Akismet to reduce spam. Learn how your comment data is processed.

%d bloggers like this: