Posted in beksisaaf

Odessaa

Mannii Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmaa Gamaggamaa Rawwii hojii bara 2013 fi karoora bara 2014 irrattii guyyota lamaaf taasiisaa turee har’a golabamee.

Mannii hojii abbaa alangaa Godina Jimmaa gamaggamaa raawwii hojii kan bara 2013 fi karoora hojii bara 2014 irrattii marii gadii fagaataa ta’e guyyaa 13/12/2013 fi 14/12/2013 guuyyoota lamaaf erga taasiiseen booda har’a gaafa guyyaa 14/12/2013 xumuureera. xumura marii godhamee irrattiis bekkamtiifii badhaasni kan kennamee yommuu ta’u raawwi hojii bara 2013 sadarkaa manneen hojii anaalee baasuun anaalee 1ffaa hanga 3ffaa bahaan geebni badhaasamee jira haaluma kanaan aanaaleen 1hanga 3 bahun badhaasaman kan armaan gadiitii.

  1. ffaa mana hojii AA Limmuu saqqaa.
  2. ffaan Mana hojii AA Anaa Sigimoo
  3. ffaan Mana hojii AA Anaa Gumay qabatanii jiruu

kana malees hojjettoota raawwii hojii gaarii garsiisaniif badhaasaafii bekkamtiin kennameera. haaluma kanaan

1ffaa Addee Faantuu

2ffaa Obboo Girmaa

3ffaa Addee Mabrat Ta’un bekkamtiin kennameefii jiraa

sagantaa badhaasaa MHAAGJ
Posted in beksisaaf

Odeessa.

Mannii Hojii abbaa alangaa godina gamaggamaa raawwii hojii bara 2013 irrattii marii gaggeessee.

Gamaggama raawwii Hojii sadarkaa Naannootti gaggeeffameen Manneen Hojii Abbaa Alangaa Godinaalee hundaa keessaa Manni Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmas raawwii hojii gaarii galmeessisuun Sadarkaa lammaffaa bahee geeba badhaafamuun isaa ni yaadatama. Haaluma kanaan abbotiin alangaa mana hojii godina jimmmaas har’a gaafa guyyaa 8/12/2013 raawwii hojii fi sadarkaa argamee irrattii mari’achuun ciminaafi hanqinaa adda baafatee bara hojii 2014ttii sadarkaa amma irra jiirruu ol akka ittii fiduu danda’amuu irrattii mari’ateeraa.

Posted in beksisaaf

Baga Gammaddan Baga Gammanne

  • logo mhaagj

Mannii Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmaa gamaggamaa raawii hojii bara 2013 akka Abbaa Alangaa Waligala Oromiyaattii godhameen sadarkaa lammaffaa qabachuun isaa ibsameeraa. Sadarkaa kana qabachuu kennaaf ammoo gumaachii abbootiin alangaa godinaas ta’ee aanaalee hojjettootni deggarsaa mana hoji AA Godinichaas ta’e kan mannee hojii AA Aanaalee Qorattoonnii Polisii fi qaamooleen mana hojichaa walin qindoominaan hojetan martuu gumaacha ol’aanaa ta’e waan qabdaniif sadarkaan kuni sadarkaa kessaniis jechaa baga gammaddan baga gammannee isinin jeennaa. Bara hojii 2014 ttii ammoo haanqiinoota kenya foyyeessuufi cimina mana hojichaa ammoo daran guddisun sadrakaa kenya foyyeeffachuufi tajaajila mana hojii kenyaa si’omsuufi qaroomsuun dhaqabamumma hawaasa kenyaa sadrkaa ol’aanaa ta’eettii akka guddisuuf carraaqnu waadaa isinif galla.

Mana Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmaa.

Posted in beksisaaf, Pdf

Proposaalii Qo’annaa Hojimaata Garee Komniksehini MHAAGJ Si’awaa tasaisuuf Qophaahee.

Teknolojii fi interneetii fayyadamun haawasa gahomsuufi qaromsuu kessattii gahee qaamoolee seeraa; Barruu xiyyeffannoo addaa MHAAGJ irrattii taasifamee.

Qophessaan:

Hasen Mh. Hassen.

Barruu garee komnikeshinii mana hojii abbaa alangaa Godina Jimmaatin qophaa’ee.

Camsaa 2013

Jimmaa, Oromiyaa

Abstract— yadrimee waligalaa

jarraa 21 ffaa amma kessa jirruu kuni jaarraa qarominaafi jarraa adunyaan gara tokkomuuttii kan ittii dhuftee. kanaaf immoo shorii interneetiin taphatuu ol’anaadhaa. guddina hawaas dinagdee biyya tokkoo kessattis shorri interneetiin taphatuu shora isa hangafaa ta’u isaa qorannoon adda addaa ni mul’isuu. as irrattii platformiwwan karaa interneetiidhaan dhufan hawaasa tokkof bu’ura qarominaa ta’u bira darbuun bu’ura dinagdee ofii ittii guddifahuun galii adda ta’ee kan itti umuu danda’amuu ta’un isaa iccitii ifattii mul’atuuhaa.. akka dhaabataattii ammo dhaabbannii tokkoo (kan motummaas ta’e mti motummaa)platformoota interneetii irratti argaman  fayyadamuun dhaqabamuummaa isaa mirkanessuu, hawaasa isaa qaroomsuu, akkasumas galii addaa umudhaan humna faayinaansii qabuu cimsachuu kan isa dandessiisuudhaa. dhimmaa kana irrattii muxaannoon biyyota guddatanifii guddataa jiran akka agarsiisuuttii dhaabbata tokkoo kessattii gareen komniikeeshinii of dandaee ijaaramee dhaqabamuummaa mirkaneessuu, hawaasa qaromsuufii galii ofii guddifachuu irrattii xiyyeffannoodhaan kan hojjetamaa jiruu  ta’un isaa qorannaan dhimmakana irrattii godhamee ni mul’isa. Haata’utiii, gara muxxannoon biyyaa kenyaattii yoo deebinee haaqnii jiiruu faallaa muxannoo biyyota biraa ta’ee argannaa. Kessattuu haala nama gaddisisuun dhimma kana ilaalchisee akka naannoo oromiyaattii muxxannoo tokkoyyuu kan hin mul’anne ta’u qofa osoo hintaanee ijooma kana irrattii nama dhunfaadhaanis ta’ee akka dhaabbataattii qorannoon taasifamee tokkoyyuu hiin mul’atuu. kanaaf jecha Barressaan barruu kanaa akka nama tokkoottiifii Manni Hojii AA Godina Jimmaa akkaa dhaabbata motummaa tokkottii rakkoo kana adda erga baaseen boodaa barruu kana qophessuuf nu  kaakkaasee jira. barruu kanaan muxannoo biyyota  biraa xinxaluun dhaabbilee mootummaa kessattuu qaamoleen seeraa naannoon oromiyaa akka waligalaattiifii godina jimmaa akka goroottii maaltuu hojeetamaa jiraa kan jedhuu erga xinxalleen boodaa hanqinnaafi cimminna jiruu adda baafachuun kallattin fulduuraa maal ta’u qaba kan jeedhuf yaada kennaa. 

Video kana irraa akkamin Mana Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmaa irraa haala salphaa ta’en heerootaafii seerota biyyaafii naannoo kenyaa silkii kessaniin akka bufattan irraa barattuu.



@mhaagj
https://anchor.fm/mhaagj

https://www.pinterest.com/mhaagj/

Boqonnaa Tokko

kutaa waligalaa barruu kanaa.

  1.  Seensa

Qaromina fi gudina haawaas dinagdee biyyaa tokkoo kessattii guddinnii teknolijii akka waligalaatiifi ittii fayyadamnii interneetii akka gooroottii shora isa ol aanaa ta’ee taphata. Kana mirkaneessuu kessattii ammo dhaabbileen motummaafii mitii mootummaa (kessattuu dhaabbileen Motummaa) madaqii teknolojiifii interneetiif qaban irrattii hundaa’a. Sababnii kanaa ammo dhaabbileen motummaa haawaasa tajaajilan ittii dhihenyaanifi jiruuf jiirenya haawaasaa kessattiii faayidaa hangana hin jedhamnee waan qabaniif. kana jeechuunis gaafa dhabbannii motummaas ta’e mitii motummaa haawaasaaf dhaabbadhee jedhuu tokkoo kan ofii qaromee taanaan haawaasnii umaamuus hawaasa qaroomee ta’un waan hin haafneedha.[1]

gama birootin gara qaamoolee haaqaattii yoommuu dhufnuu gaheen haawasa tokkoo qaroomsuu kessattii qaban guddaa ta’u hubannaa. Kessattuu ammo gaheen manneen hojii abbaa alangaa sadarkaa waligala federaalaa fi naannoolee kaasee hanga godinaaleefii aanaaleettii caaseeffaman haawaasa qaroomeefii hubannooo seeraatiin dagaagee umuu kessatti dirqama isa hangafaa fudhatuu. as irrattii qarominniifi guddinni hawaasa tokkoo kalattii tokkoo qofaan kan ibsamuu osoo hintaanee kalattiiwwan adda addaatin kan ibsamuudhaa. kana keessaa innii tokkoo qaamooleen haaqaa teknolojidhaan madaqanii hawaasa isaanis teknologidhaan gabbisuun isaan irraa akka eggamuu ajendaa 2030 guddina si’awa ta’e fiduuf motummota gamtomanin bocamee irraa hubachuun ni danda’ama.[2]

tamsaasa camsaa 24/2013 hubannoo seeraa wa'e qaama bilisa baasu habeus corpus kuta tokkoffaa FM MHAAG Jimmaa Attorney

Habeas Corpus (Qaama Bilisa Baasuu) Seensa Uumama waan hundaa ta’eet jalqaba irraa ka’ee hanga sadarkaa dhummaa qaqqabbutti sadarkaawwan adda addaa keessa darbuun isaa dirqama ta’a.Sadarkaawwan adda addaa keessa yommuu darbu immoo waantoota baay’ee fooyyeessaa itti dabalaa irraa hir’isaa bakka galma isaa gaha jechuudha. Akkuma dhimmoota biroo adeemsi armaan oliitti taa’e seeraafis kan tajaajilu ta’a.Sababa kanaatin seerotni adda addaa yeroo adda addaa dhimmoota garaagaraa irratti yommuu fooyya’anii bahan arguun qofti raga gahaadha.Waa’een seeraa yommuu ka’u yeroo hunda kan wajjin ka’u waa’ee mirgaati.Kana jechuun hanguma guddini seeraa dabalaa deemu kabajamuun mirga namaas wajjin guddachaa deema. Akka idila addunyaatti guddina seeraatif ta’ee mirga namoomaatif sanadootni gumaacha guddaa gumaachan baay’ee ta’anus akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1215 biyya Ingiliiziitti kan bahe Maagnaa Kaartaa,Bara 1789 Sanada Mirgootaa Ameerikaa,Diklaareshinii Mirga namoomaa Faransaay bara 1789 akkasumas Konveenshiniin Jeneevaa bara 1864 bahan warra adda durummaadhaan caqasamaniidha.Sanadootni kun egaa guddina seeraatiifis ta’ee mirga namoomaatif dhagaa bu’uraati jechuun ni danda’ama. Mirgi namoomaa mirga heeraan eegumsi taasifameefidha.Mirgi kun immoo daangaa seeraa taa’een alatti sarbamuus ta’ee mulqamuu hin danda’u.Haa ta’u malee darbee darbee mirgootni kun yeroo seeraan ala sarbaman ni mul’ata.Kunis seeraan ala qabamuun,Seeraan ala hidhamuun akkasumas seeraan ala bakkaa bakkatti socho’uu dhoorkamuudhan.Yeroo kanatti egaa furmaata seerri kaa’e keessaa tokko qaama bilisa baasuu(Habeas Corpus) dha.Kanaaf barreeffama kana keessatti yaadrimee isaa,seenaa dhufaati fi muuxannoowwan biyyoota biro kan ilaalaman ta’a. — Send in a voice message: https://anchor.fm/mhaagj/message

Gara Biyya kenyaa Itiyophiyaattii yoo dhufnee ammo technology interneetiii akka biyyaattii fayyadamuu jalqabuun Kenya bara 1997 ALA irraa kaasee ta’un isaa qorannaan dhimma kana irrattii taasifamee ni mul’isa.[3] ergaa jalqabamee as hojiwwaan komnikeeshiinii qaamoota hedduun initiative (kakka’umsaan) hojjettamaa jiraachuu isaafii guddinaafii qaromina haawaasaa irrattii shoora guddaa taphachaa jiraachuun isaa ni mul’ata. Hanqinoonnii jiran akkuma jiruuttii ta’e qamooleen motummaa hedduun interneetii fayyadamuun dhaqabamummaa isaanii mirkaneessuufi haawaasa gahoomsuuf hojjeetamaa jiraachuun isaa waan waakkatamuu mitii. haata’utii muxannoon kuni qamolee motummaa federaalaa fi kan naannoolee bira darbee caaseffama godinaaleefii anaalee irrattii argamaniin hojiin kun ciminaan hojetamaa jira jechuuf hin danda’amuu. kana haa jeennuu malee hojiin komnikeeshiinii interneetii fayyadamuun akka biyyaatis akka oromiyaattiis ta’e akka godina jimmaattii hojiin hojetamee tokkoyyuu hin jiruu jechuun hin danda’amuu. akka fakkenyaattii mana hojii abbaa alangaa waligala oromiyaa kaasee hanga caaseeffama mhaawo jalattii godinaaleefii anaaleedhaan caaseeffaman martuu hanga jeechuu dandaa’auuttii platformii interneetiidhaan dhuufee kessaa isa tokkoo kan ta’e midiyaa haawaasaa kessattuu facebook fayyadamuun dhaqabamuummaa mirkaneessuu irrattii hojiin hoojjetamee akka ciminnaattii ka’u ni dandaa’a. as irrrattii peejiwwaan tookko tokkoo hanga hordoftoota kuma dhibbaattii argachuu danda’anii jiruu. haata’utii jalqabbii kana cimsaachuun platfoormii karaa interneetiitin argamee guddiifachaa dhaqabamummaa babal’isuun hawaasa qaroomsaa waajjiraafiis akka galii addaa argamsiisuu hojechuu irrattii hanqina qofa oso hintaanee hjiin mul’atuu tokkoyyuu hin jiruu.

mannii hojii abbaa alangaa godina jimmaas rakkoo kana ergaa adda baafateen booda rakkoo jiruu furuuf fula marsariitii hawaasaa facebook irraa qabuu dabalatee website ofiselawaa ta’ee banachuun dokumantoota seeraa baarrulee seeraa addaa addaa kumaatamaan kan fee’e hawaasnii Kenya akka karaa salphaan seera biyyaattii argaatuufii barruulee seeraa afaan oromoodhaan barraahaan akka argatuuf carraa umuu danda’ee jira. dhimma kanaan wal qabatee hojii jiottan jahaan darban akka mhaagjttii hojetemeen dokumantoonnii seeraa kumaatamaan website mana hoichaa irraa download ggodhamanii jiruu. mannii hojii kenyaa platformii kanaan qofa oso hin wassanamin platformoota midiyaa hawaasaa irrattii argaman duguugee fayyadamuun taamsas radiyoo interneetiidhaan tamsaafamuu banachuun sagantaalee hubannoo seeraa uman hawaasa kenyaaf taamsaasa jira. hojiin akka kanaa biyyaa kenyattii hin baramin malee biyyota guddatanis  ta’e biyyota gudataa jiranittii ciminnaan kan hojjetamaa jirudhaa.

  1.  Rakkoon Barruu Kanaan Addaa Baafamee (statement of the problem)

akkuma seensa barruu kanaa irrattii caqasamee qamooleen seeraa keessattuu manni hojii abbaa alangaa tokkoo hawaasa qaromsuufii gahoomsuu kessattii shoora ol’anaa taphatuu. Akka agarasiiftuuttii labsii hundeffama mana hojii abbaa alangaa waligala oromiyaa kessattii akka caqafameettii dirqamootnii mannii hojii abbaa alangaa tokkoo qabuu kessaa innii tookkoo haawaasaaf hubannoo seeraa keennuu yommuu ta’uu,[4] kaayyoon kanaa ammo haawaasa qaroomee fii hubannoo seeraatin dagaagee umuu dhaa.[5] kuni ammo guddinaafi qaromina biyyaa kessattii gahee guddaa taphata.[6]  Akka Mana hojii AA Godina Jimmaattii dirqama seeraan kahaamee kana galmaan gahuuf hojiwwaan adda addaa hojetmaa jiraatanis haanqinonnii tokko tokkoo mul’achun hin haafnee. hanqinoota mul’atan keessaa innii tokkoo haanqina ittii fayyadama ICT isa tokkodhaa. Hanqina kana furuf jecha akka mana hoji AA godina Jimmaattii gareen komnikeeshinii dhaabbatee abbummaadhaan dhimmoota komnikeeshinii kessattuu ittii fayyadama ICT guddisuu irrattii akka hojetamuuf kallattin kahaamee. haluuma kanaanis gareen komnikeeshiini kuni ittii fayyadama ICT mana hojichaa babal’isuun websayitii ofiseelawa mana hojichaa banuu akkasumas midiyaa FM Tora interneetii irrattii tamsaafamuu websayiti mana hojichaa walitti hidhama qabuu banuun tamsaasa sagaleetin hawaasaaf sagantaalee hubannoo seeraa uman tamsaafamaa jiruu. dabalataaniis karaa midiyaa hawaasa fayyadamuun platformii you tube irrattii chaanaaliin mana hojichaa banamee hawaasa midiyaa hawaasa kana fayyadamuu lakkofsa miliyonaan lakkaahamuuf carraa hubannoo seeraa ittii dagaagfatuu umun danda’amee jira. as irrattii chanalin banamee kuni website mana hojichaa walittii hidhaminsaan kan banamee waan ta’eef verified account banuu danda’amee jira. hanqinnii as irrrattii mul’atee garuu hojiin kun akka mana hojiii godinaa tokkoottii hojjetamaa jira malee akka abbaa alangaa waligala oromiyaattii xiyyeffannoofii bekkamtiin ittii kennamee godinota jiran maraaf hojii akka kana irrattii akka mhaagjttii xiyyeffannodhaan hojjetamuu kallattiin waan hin kahaamneefii rakkolee biro adda addaatin hojiin kunii cicitee akka hojjetamuu taasisee jira. barruun kunis rakkoo kana adda baasuun muxannoo biyyota biro fii muxxannoo MHAAGJ wal bira qabun mannen hojii AAWO jalattii caaseeffamaniif ICT fayyadamuun haawaasaaf bu’aa maalii busuu danda’ama gaafi jeedhuuf haala sayinsawaa ta’en deebii laata. dabalataanis MHAAGJ jalattii mannen hojii AA anaatiin caaseeffaman ICT akkamittii fayyadamanii hawaasa isaanitiif bu’aa buusuu danda’ama kan jedhuufis deebii laata.

  1. Kaayyoofii Galma Barruu Kanaa
  2. Barruun kunii kaayyoofii galma waligalaa fi gooroo ni qabaata.
    1. Kayyoo waligalaa
  3. Barruu kuni hawaasa hubannoo seeraatin dagaagee umuuf ittii fayyadamnii ICT gaheen innii qabuu maal akka ta’ee ni hubachisa.
    1. kaayyoo  Gooroo

kayyoo waligalaa barruu kanaa irrattii hundaa’un kayyoo goroo barruu kanaa

  • ittii fayyadamnii ICT Bu’aan MHAAGJtif Buusuu Danda’uu fii Buusaa Jiiruu agarsiisuu
  • gareen komnikeeshini MHAAGJtin ittii fayyadamni ICT hawaasaaf hubannoon seeraa kennamee maal akka fakkaatuu garsiisuu.
  • websayitii Ofiselawa MHAAGJtirraa hawaasnii hangam akka fayyadamee agarsiisuu
  • tamsasa fm mhaagj kan toora interneetitiin tamsaafamuun hawasaaf hubannoon seeraa kennamee mal akka fakkaatuu ibsuu
  • walumaagalattii hanqinaafii ciminnii itti fayyadama ICT MHAAGJ maal akka fakkatuu garsiisuu
  •  Ittii fayyadama ICT dhan wal qabatee akka MHAAGJtt kallattin fulduraa maal akka ta’u qabuu ibsuu.
    • Galma barruu kanaa
  • Barruu kanaan ICT fayyadamuun hawaasa hubannoo seeraatin dagaagee umuu akka dandaa’amuu garsiisuufi hanqinoota mul’atan sirressanii cimmina jiruu ittii fufsiisuu fakkenyummaa MHAAGJ mirkanessuun galma barruu kanaatii.
    • Gaafiin Barruu Kanaan deebi’uu. (research question)
  • akka waligalaattii (general question)
  • Barruu kuni hawaasa hubannoo seeraatin dagaagee umuuf ittii fayyadamnii ICT gaheen innii qabuu maali? gaafii jedhuuf deebii ni kennaa.
  • akka gooroottii (specific question)
  • ittii fayyadamnii ICT Bu’aan MHAAGJtif Buusee  fii Buusaa Jiiruu maali
  • gareen komnikeeshini MHAAGJtin ittii fayyadamni ICT hawaasaaf hubannoon seeraa kennamee maalfakkaataa?
  • websayitii Ofiselawa MHAAGJtirraa hawaasaaf maal fayyadee?
  • tamsasa fm MHAAGJ kan toora interneetitiin tamsaafamuun hawasaaf hubannoon seeraa kennamee mal fakkaataa? bu’aan qabatamaan bu’ee malii? tamsaasa kana hoo carraa nama meqaa bira gahuu danda’aa? muxxannoon kana irraa dhaabbileen biraa argachuu danda’an jiraa?
  • walumaagalattii hanqinaafii ciminnii itti fayyadama ICT MHAAGJ maal fakkaata?
  •  Ittii fayyadama ICT dhan wal qabatee akka MHAAGJtt kallattin fulduraa maal ta’u qabaa? gaafiileen jeedhan barruu kanaan deebii gadii fageenyaan ni argatuu.
    • Seerrii barreeffamaa barruun kun itii qophaa’ee. methodology

barrun qorannaa fi qo’annaa kamiyyuu sirna barreffamaa (methodology) qabaachuun isaa wanuma bekkamuudhaa. Gosotnii Sirna barreffamaa bakka gurguddoo sadihittii akka qodaman barruleen sirna barruu qo’annaa seeraa irrattii taasifaman ni addeesuu. isaan kunninis,[7]

  1. Sirna barruu qo’annaa seer dannessaa (Qualitative legal research methodology)
  2. Sirna barruu qo’annaa seer  Qenxee (quantitative legal research methodology)
  3. Sirna barruu qo’annaa walmakaa (mixed legal research methodology)

barrun kunis gosa sirna barreffama ser danessaa jalattii sirna qorannaa ser xinxalaa (doctrinal legal research) fayyadamun kan qophaa’edhaa. sababnii kanaas sirni ser xinxalaa kunii kaayyyoo barru  kanaa haala si’awaa ta’en galmaan akk gahuuf shora waan qabaatuufi.[8] haaluma kanaan barruu kana qopheessuu kessattii bar gaafiileen akkaata sirna barrefamaa kanaatiin kan qophaa’an ta’a. Sababa kayyoon barruu kanaa faayidaa ICTn qabuu garsiisuuf kan qophaa’ee waan ta’eef bar gaafileen kunniinis kallattima ICT fayyadamuun websayiti MHAAGJ dabalatee fulaa fii bloggiwwan midiyaalee hawaasaa irraattii maqaa MHAAGJtin banamaniin kan sassaabamuu ta’a.

  1. HANQINONNII BARRUU KANA QOPHESSUU KESSATTII MUL’ACHUU DANDAA’AN?

Baruu kamiyyuu qopheessuu kessattii hanqinootnii mudachuu akka maluu ni tilmaama. barruu kana qophessuu kessattiis hanqinootnii mudachuu malan jennee nuutii adda baafnee keessaa

  • hanqina yeeroo
  • haanqina resourse
  • hanqina faayinaansii

fi kkf nu mudachuu mala jennee yaadnaa.

  1. Riferansii

[1] UN World youth report & agenda 2030 for sustainable development available at www.un.org/development/desa/youth

[2]  un ID

[3]  Solomon A. “Local Internet Content: the Case of Ethiopia” Department of Computer Science College of Natural Sciences Addis Ababa University Published. pp4 available at  https://www.researchgate.net/publication/279526100

[4] Labsii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Hundeessuuf Bahe Lak.214/2011 kewwata 33 ilaalii.

[5] isuma Labsii MHAAWO seensa

[6] UN kan raga reference 2ffaa (supra n2)

[7] Fernando G. “Methods for Law and ICT: An Approach for the Development of Smart Cities” Casanovas et al (Eds.): AICOL IV/V 2013, LNAI 8929, pp. 26, available at  https://link.springer.com/chapter/10.1007/978-3-662-45960-7_3

[8] Nedzel, N. “Legal Reasoning & use of ICT for legal research” Aspen publisher 2004 pp4 available at https://iucat.iu.edu/catalog/6470969

Posted in beksisaaf, hubannoo seeraa, Pdf

Mana Hojii AA God Jimmaattii Odeffannoo Adeemsa hoojii Dhimmota Hariiroo Haawasaa. Pdf

sensa

በጅማ ዞን አቃቤ መስርያ ቤት  

Adeemsaa Hojii Dhimmoota Hariiroo Hawaasa

የፍትሐብሔር ጉዳዮች የስራ ሂደት

Dhimmoonni Hariiroo Hawaasa dantaa ummataa fi manneen hojii mootummaa dhabbilee misoomaa mootummaa jaarmiyaalee ummataa namoota harka qalleeyyii ta’anii akka kabajamuuf labsii lakk  214/2011 bahe labsii lakk 236/2013 foyyaa’een bahee tumameera

Manni hojii Abbaa Alangaa fi caasaalee isaa sadarkaa sarkaan

–  Manneen hojii mootummaa

– Dhaabbilee miisoomaa mootummaa

– Jaarmiyaalee ummataan

– Namoota harka qalleeyyii ta’ani deeggarsaa adda isaan barbaachisummaa keessummatiyyuu dubartoota da’immaan qaama miidhamtoota fi maanguddoota kan ta’aniif 

1. Tajaajilaa gorsaa seera ni kennaa himannaa ni dhiyeessaa,gudduus ni lixaa deebii ni kennaa,dhorkii nu baasiisaa,ni falmaa,murtii ni raawwachiisa.

2. Wixinee waliigaltee manneen hojii mootummaa fi jaarmiyaalee ummataa ni gulaala ykn ni qopheessa

3. Waldiddaa yoo uumamee Addemsaa mala filannoo biroon hiikuu kuniis

Waldiddan manneen hojii mootiummaa gidduutti ykn mana hojii mootummaa fi nama/qaama biro giddutti yoo umamee dhimmichaa gara mana murtiitti dhiyeessuun duratti.

Waldiddan manneen hojii mootummaa giddutti ykn mana hojii mootummaa fi nama/qaama birpp gudduutti yoo umamamee dhimmichaa gara mana murtitti dhiyeessuun duraatti.

  • Mala waliigaliinsaatiin (Negotiation)
  • Mala waltaasiisuun ykn araaraatiin (mediation)
  • Mala jaarsummaatiin (Arbitration)

Fayyadamuudhaan waldhabdeen akka hiikamuu taasiisuudha.

  1. Ulaagalee qaamni tajaajila gorsa seera argachuu barbaaduu guutuu qabu
  2. Dhimmicharraa dantaa/mirgaa qabachuu isaa raga agarsiisuu dhiyaachuu qaba.
  3. Ragaa nama fi sanada dhimmichaa mirkaneessuu danda’uu dhiyaachuu qaba.
  4. Namni harkaa qalleessaa ta’e raga hiyyummaa mana murtii hawaasummaa gandarraa dhiyaachuu qaba

Dubartotni daa’immaan qaama miidhamtootni maanguddootni qabeenyaa qabaatanillee

  • qabeenyichaarratti ajajuuf haala hin dandeenyee irra jiraatuu isaani raga agarsiisuu gandarraa yoo dhiyeetatan tajaajila argachuu ni danda’u
  • Garuu gochaa yakkaatiin miidahaan qaama cimaan irra dhaqqabee ragaa hiyyumaa agarsiisuu dhiyeefachuuf hin dirqaman
    • Ulaagaalee wixinee waliigaltee manneen hojii mootummaa gulaaluu ykn qopheessuu ilaalchisee  guutamuu qabu
  • Waliigaltee manneen hojii mootummaa barreefaman qophaa’ee dhiyaachuu qaba.
  • Qabiyyee waliigaltichaa ergama,kaayyoo aangoo fi gahee mana hojichaatiin waliitti hin buunee fi safuu hawaasa hin tuqinee ta’uu qaba.
  • Ragaalee sandaa barabaachiisoo ta’anii hundaa waliin walqkabatee dhiyaachuu qaba.
  • Waliigaltichii gulaalamuu ykn qophaa’ee laakkofsaa guyyaa mallattoo hoogganaa ykn I/A/hoggannaa fi caappaa mana hojichaa qabachuu qaba
    • Dirqama fi itti gaafatamummaa manneen hojii mootummaa jaarmiyaalee ummataa fi namootni harkaa qalleeyyii dhimmaa hariiroo hawaasarratti qaban
  • Ragaa mana hojii A/A hojii jechaa gaafatee kamiyyuu dhiyeessuu qaban
  • Qajeelfkama mana hojii Abbaa Alangaa irra hojiif jechaa kennamuu raawwachuu qaban
  • Waraqaa waamichaa himatama (de/kennaa) fi raga nama dhaqqabsiisuu qaban
  • Manneen hojii mootummaa deegarsaa konkolataa bobba’aa baasii adda addaa barbachiisuu fi
  • Kaffalitti durgoo raga battoota baasii fi kasaraa falmii keessatti mudatuu hundaa haguuguu qaba.
  • Namootni harka qalleeyyii ta’ani ilaalchisee kaffalitti abba seerummaa fi kasaraa murtee manni mjurtii garee abba mirgaatiif dhummarratti murteessuun alaati
  • Baasii fi kasaara falmii keessatti muddamuu goonkumaa kaffaluu kan hin dandeenyee ta’ee yeroof mana hojii A/Alangaatiin haguugamee dhummarratti hundi isaa heerregamee kazeenaa mootummaatiin galii taasifama.

Hojiiwwan tajaajilaa A/Alangaa hin kenninee

  • Dhaabbataa amantaa dhaabbataa siyaasaa yookiin paartii
  • Dhaabbataa idila adduunyaa
  • Afooshaa fi waldaa qabiyyee isaa aadaa fi amantaa ta’aniin alaatti

                                 Galatoomaa

              Dantaa Mootummaa fi Ummataa

               waliin taanee Hakabachiifnuu

Posted in beksisaaf, Prodcusting audio video

Carraaqqin kenya bu’aa buusuu jalqabaa jiraa baga gammanne.

Midiyaa MHAAGJ
  1. Kabajamtoota Abbotii Alangaa
  2. Kabajamtoota miseensa MHAAGJ
  3. Kabajamtoota misensootaa fi hordoftoota website kenya
Akkuma beekkammu mannii hojii abbaa alangaa godina jimmaa haala kanaan dura hin  baramneen kallattii hundaanuu dhaqabamummaa kenya mirkaneessuf platfoormii argamee maraan hawaasa keenya haawasa kenya haawasa hubannoo seeraatiin dagaagee taasisuuf halkanii guyaay carraaqaa akka jirruu wanuma ifattii mul'atuufii wanuma martii kessanuu ragaa bahuu dandessaniidhaa. Haaluma kanaan mannii hojii kenyaa hawaasa interneetii fayyadamuuf dhaqabamuummaa  kenya mirkanneessuuf website kana dabalatee tora marsariitii hawaasaa irrattii midiyaa lenjii hubannoo seeraa ittiin kennaamuu fi fm tora interneetii irrattii tamsafaamuun tamsaasa vidiyoofi sagaleedhaan tamsaasaa hawaasa kenyas hubnnaoo seeraa keennuu jalqabuun kenya waan torbaan sadii hincaalleedhaa. Haa ta'u malee tamsaasa akkaanaatiin hubannio seeraa hawaasaaf keennuu waan hin baramnee ta'us, akkasumas tarkaanfini kenya kunii akka biyyaattiis akka naannootis kan jalqabaa ta'us lkakoofsii hawaasaa leenji hubannoo seeraa keennaa jirruu hordoofan daran dabalaa jiraa. Haaluma kanaan midiyaan MHAAGJ irrattii leenjiin keennamee torbaan sadii kessattii dawwattotaa 700 olin daawwatamee midiyaan kenyas misensa ykn subskrayiber 150 ol godhachuu kenyaaf companin midiyaa keenya website kenya walin walittii nuf hidhee nu beeksiisee jira. Kuni ammoo hojii nama tokkoo lamaan kan dhuufee oso hin taanee hirmaannaa abbootii alangaa kenya maraa akka ta'e wanuma hubatamuudhaa. Kanaafu xaarnii kessan bu'aa busaa waan jiruuf baga gammaddan jennaa.
https://youtu.be/0glebW9EFh8
Garee komni keeshinii mana hojii AA God jimmaa.
Akkuma beekkammu mannii hojii abbaa alangaa godina jimmaa haala kanaan dura hin  baramneen kallattii hundaanuu dhaqabamummaa kenya mirkaneessuf platfoormii argamee maraan hawaasa keenya haawasa kenya haawasa hubannoo seeraatiin dagaagee taasisuuf halkanii guyaay carraaqaa akka jirruu wanuma ifattii mul'atuufii wanuma martii kessanuu ragaa bahuu dandessaniidhaa. Haaluma kanaan mannii hojii kenyaa hawaasa interneetii fayyadamuuf dhaqabamuummaa  kenya mirkanneessuuf website kana dabalatee tora marsariitii hawaasaa irrattii midiyaa lenjii hubannoo seeraa ittiin kennaamuu fi fm tora interneetii irrattii tamsafaamuun tamsaasa vidiyoofi sagaleedhaan tamsaasaa hawaasa kenyas hubnnaoo seeraa keennuu jalqabuun kenya waan torbaan sadii hincaalleedhaa. Haa ta'u malee tamsaasa akkaanaatiin hubannio seeraa hawaasaaf keennuu waan hin baramnee ta'us, akkasumas tarkaanfini kenya kunii akka biyyaattiis akka naannootis kan jalqabaa ta'us lkakoofsii hawaasaa leenji hubannoo seeraa keennaa jirruu hordoofan daran dabalaa jiraa. Haaluma kanaan midiyaan MHAAGJ irrattii leenjiin keennamee torbaan sadii kessattii dawwattotaa 700 olin daawwatamee midiyaan kenyas misensa ykn subskrayiber 150 ol godhachuu kenyaaf companin midiyaa keenya website kenya walin walittii nuf hidhee nu beeksiisee jira. Kuni ammoo hojii nama tokkoo lamaan kan dhuufee oso hin taanee hirmaannaa abbootii alangaa kenya maraa akka ta'e wanuma hubatamuudhaa. Kanaafu xaarnii kessan bu'aa busaa waan jiruuf baga gammaddan jennaa.
https://youtu.be/0glebW9EFh8
Garee komni keeshinii mana hojii AA God jimmaa.
Posted in beksisaaf

App MM Aanaa kiramuu kana app store irraa download godhadhaa

APP kuni app Mana Murtii Aanaa Kiiramuu tin kan hojjetamee hawaasaf play store irrattii gadi lakkifamee dhaa. App kana download godhadhaa yaada kessaniis isaaniif keennaa hojii manneen murtii kenyaan hojjetamuu walif bekkamtii keennuu wal cimsuu qabnaa. Muxannos irraa fudhadhaa.
MMurtii Ol'aanaa Godina Jimmaa
Sisay
wa'e app kanaa
Mana murtii Aanaa Kiiramuu
Manni murtii Aanaa Kiiramuu kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa  bara 1999 irraa eegalee hundeeffamuun kan kennaa jirudha. Bu'uuruma kanaan hojiin idilee mana murtichaa si'ataa, dhaqqabamaa taasisuuf appilikeekishinii kana kan wal ta'insa kaboomaatiksi teekinoloogii waliin ta'uun kan kalaqnedha. Faayidaa Appilikeeshiniin kun qabus abbootin dhimmaa waa'ee mana murtii Aanaa Kiiramuu akka beekan, faayidaa bu'aa araaraa qabu fi shallaggii kaffaltii abbaa seerummaa hanga qarshii miliyoona sadiitti kan shallagu dha. Kunis hojii manni murtichaa hojjetu hawaasa keessatti  iftoomina kan uumu ta'ee; ofiisaroonni seeraa mana murtii aappi kana fayyadamuun tajaajila isaan kennaan rakkoo hiikko seera kaffaltii abbaa serrummaa shallaguu waliin jiru hambisuu tajaajila si'ataa fi qulqullina qabu akka isaan kennaan isaan dandeessisa.
Appilikeeshinii kana fayyadamuu keessaniif hedduu isin galatoofanna!!!! Last.fm mastodon