Posted in Barruu xinxala seeraa, hubannoo seeraa, Pdf

Barruu Xinxala Murtii

Itti Gaafataamummaa Waliigalteen Alaa Dhaabbilee Fayyaa Vs Murtii Dhaddacha Ijibaattaa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa lakk.Galmee 64590 irratti kenne

Qophessaan Obboo Mulugetaa Magarsaa

1.1. Seensa

Dhaabbileen fayyaa bu’ura waliigaltee yaalamtoota faana qabaniin itti gaafatamummaa kan qaban ta’uun ni beekama.Biyyootni itti gaafatamummaa kana mirkaneessan maddi seera isaanii sirna seeraa sivil ti.Akkuma beekamu sirni kun seerotni bifa kitaabaatin kan qindaa’anii taa’aniidha.Akka Biyya keenyaattis seerotni baay’een bifa kitaabaatin gurmaa’anii kan jiran yommuu ta’u isaan keessaa,s/d/f/y,s/d/f/h/h,s/h/h,s/y, fi kkf’n caqasuun ni danda’ama. Biyya keenya dabalatee Jaappaan,Jarman,Kooriyaa Kibbaa,Chaayinaa,Xaaliyaan dabalatee biyyootni addunyaa baay’een sirna siviilii kana hordofaniidha.Kana ta’uu isaatin biyyotni sirna kana hordofan walitti dhufeenyi dhaabbilee fayyaa fi yaalamaa jidduu jiru maal fakkaachuu akka qabu seera isaanii keessatti tarreessu.Bu’ura kanaan itti gaafatamummaa mirkaneessu.[1]

Faallaa kanaa immoo biyyoota sirna kooman low hordofan keessatti madda seera isaanii aadaa,baratama fi murtiiwwan M/M kennaman fa’i.Biyyoota sirna kana hordofan keessatti dhaabbileen fayyaa yaalamtoota faana waliigaltee hin galani.Itti gaafatamummaan waliigalteen osoo hin taane wanta keessa isaanitti beekanii irratti waliigalani jedhaniit waan amananii fi ogeessotni fayyaa doggoggora oogummaa uumaniif yommuu itti gaafataman uwwisa inshuraansii qabu waan ta’eef waliigalteen ala itti gaafatamummaan isaanii mirkanoofnaan miidhamaaf beenyaa kennuun bu’aa bahii baay’ee waan hin qabneefi.[2]

 Akka biyya keenyaatti  seenaan dhaabbilee  fayyaa kan jalqabee bara 1906 irraa jalqabee ta’uun ni beekamaa  bara 1948 Ministeerri  fayyaa erga dhaabbatee (hundaa’ee) booda  dhaabbilee fayyaa  lakka’uuf illee nama rakkisan kan hunda’an  ta’uu hubachuun ni danda’ama.Kanaaf barreffama kana keessatti itti gafatamummaa dhaabbileen fayyaa mirkaneessun ni danda’ama?moo hin danda’amuu? isa jedhu  ilallaa.  

Seeraa hariiroo hawaasaa keessatti dhaabbileen fayyaa dogoggora uumaniif itti gafatamummaa ni qabu jedha.Itti gaafatamummaan isaan qaban qabatamaan akkamii kan jedhu dhimma barreeffama kana keessatti ilaalamuudha.Itti gaafatamummaan mirkanaa’uu danda’u isa kam akka ta’e kan xinxalamu ta’a.

[1] Andaargee Kaasee (Abukaattoo) Kitaaba Seeraa Hunda Qabate maxxansa 4ffaa fuula 196

[2] Isa lakk.1ffaa irratti caqasame

1.2. Gaaffiiwwan barruu kanaan deebi’aan

  • Dhimmotnii dogoggoraa Oogummaa jedhaman Maal fa’ii?
  • Dogoggora Ogeessa fayyaatin uumameef eenyutu gaafatama?
  • Itti Gaafatamummaa mirkanaa’e akkamitti shallaguun/tilmaamuu dandeenya?

Kanaan wal qabatee dogoggorri oogummaa yaalaa akkuma baay’inaa fi bal’ina ogummichaa garaagarummaa waan qabuuf gocha tokko taasifamee  ilaalamuu hin qabuu

Adabbii kennamuun walqabatee walfakkataa ta’uu  akka hin dandeenyee kan beekamuudha. 

Beenyaa gaafachuudhaan walqabatee    beenyaan shallagamu walfakkaataa ta’uu dhiisuu danda’a sababni isaa immoo beenyaan tokko tokko kan murtaa’u  muraadhan waan ta’eef

Dhimma beenyaa gaafachuun walqabatee himannaan dhiyaatu adeemsa isa kamiin hoogganamuu qaba kan jedhu ijoo A/A irratti xiyyeeffachuu qabuudha.Sababni isaa immoo A/A qaama adda addaa bakka bu’eet falma waan ta’eef.

Mana Hoji AA Godina Jimma. የጅማ ዞን አቃቤህግ መስሪያቤት's Friends

1.3. Dhimmaa Qabatamaa

Dhimma kanaan walqabatee dhimma qabatamaa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa  Dhaddacha Ijibbataatiin  murtaa’ee akka armaan gaditti kan  ilaallu ta’a.

Dhaabbannii fayyaa dogoggora oogummaa  uumameen miidhaa yaalamaa irraan yoo gahe kan itti gaafatamu ta’uu s/h/h  2129 fi 2130 irraa hubachun kan danda’amuu ta’uu  Dhaddachi Ijibbataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa lakk.G. 64590 ta’e irratti dhimma iyyataa dhaabbata Meeri Istoopsi fi waamamtuu addee  Sannaayit  Alamaayyoo  jidduu ture irratti M/M/W murtii M/M jalaa cimsuun murtiin kenne yaada kewwata kanaa kan cimsuudha. 

Dhimmicha hubachuuf akka dandaa’amutti Afaan Oromotti akka  armaan gadiitti hiikuuf  yaalameera,

Wamaamtuun Ijibbaataa M/M  ol’aanaa jalaatti ijoo  himannaa dhiyeessiten dhaabbatta himatamaa (iyyataa ijibbaataa) qorannaan naaf taasifamee  qoricha dahuu ittisuu (Noorpilaant) jedhamu irre koo  keessatti akka awwaalamu ergaa taasisee booda qorichichii dhukkuba (dhibee) waan narratti hordofsiiseef himatamaan ogeessuma isaatiin qorichichi akka bahu yommu taasisuu ogeessotni of eggannoo barbaachiisaa gochuu dhiisuu isaaniitiin harki koo qorichichi keessatti awwaalame  dhukkubbii fi daraaraa wal irraa hin citneef  kan na saaxile ta’uu  isaatiin dabalatatti harmaa fi  dugdaa ko irraatti dhukkubbii narra gahe irraa kan ka’e dhukkuba dugdaa, dhiitoo fuulaa fi dhukkuba onnee narratti hordofsiiseera. Dhibichi walxaxaa ta’uu isaatiin sirna ya’insa (sochii dhiigaa) irratti rakkina hordofsiisuu isaatiin ujummoon dhiigaa  cufamuu isaatiin harkiikoo dhumaa(nyaatamaa) dhuufuu isaatiin hojii koo akkan hin hojjanne (raawwannee) taasisuun  dhukkubicha biyya alaa dhaqee akkan hordofuf dhaabbileen fayyaa biroo kan naaf mirkaaneessan waan ta’eef himatamaan miidhaa  narraan gaheef itti gaafatamaadha jedhamee akka naaf murtaa’uu fi Biyya Taayilaandi dhaqee yaalamuuf

  • Baasii yaalaa qofaaf qarshii 192,881
  • Sirnaa dhiigaa sirreessuuf baqaqsanii hodhuuf qarshii 114,699
  • Qorannaa dhiigaa eksiree (x-ray) fi qorannaa laburaatooriif qarshii 22100
  • Qorannaa MR’f Qarshii 13,377
  • Tikeetti Xayyaaraa Taayilaandi dhaqanii deebi’uuf qarshii 14,000
  • Baasii Hoteelaa guyyaa 10’f qarshii 6500
  • Baasii Siree Hospitaalaa guyyaa 10’f qarshii 159,949
  • Baasii yaalaa dabalataaf of eggannoof qarshii 100,000
  • Taayilaandii Bankook baasii taaksii,paaspoortii fi baasii biraa qarshii  13,400
  • Dhuukkubsachiisaaf geejiba,hoteela, baasii sanada imalaa qarshii 34,0780
  • Miidhaa Narraa gahuu isaatiin hojii dhaabuu kootiif qarshiin dhabee qarshi 632 hanga himannaan kun Adoolessa keessa dhiyatuttii yadamee qarshii 22,752
  • Benyaa haamilee qarshii 1000 walumaa gala qarshii 694,918(kuma dhibba jahaa fi kuma sagaltamii afuuriifi dhibbaa sagalii fi kudhaa saddet )akka naaf kaffaluu itti naaf murtaa’uu kan jedhu turee .

Himatamaan  jalaas deebii kenneen ogeessi tokkos ta’ee Hospitaalli itti gaafatamummaa guutuun kan gaafatamu dambii oogummaa irra darbee yoo argame yommuu ta’u sababa dambiin cabee /irra darbamee / hojetamuu isaatiin miidhaan himataa irra gahuu  isaa hin ibsamnee.Himattuun biyya alaa dhaqxee yaalamuuf waraqaa/sartafikeetii  ishee dandeessisu Ministeera Eegumsa Fayyaa irraa ragaa hin dhiyeessine.Biyyaa alaatti yaalii ishee barbaachisa yoo jedhame  illee yaalii akkanaa as dhiyoo Keeniyaa yookiin Hinditti  kan kennamu ta’uu isaatiin biyya Taayilanditti yaalamuuf gaafachuun ishee sirri mitii.

Qarshiin 192851(kuma dhibba tokkoof kuma sagaltamii lamaa fi dhibba saddeetifi shantamii tokko) himattuun gaafatte ragaadhaan kan hin deeggaramne ta’uu isaatiin alatti qorannaaf jecha baasiwwan addaa addaa gaafatte sirri miti. Hospitaala guyyaa 10’f akka turtu caqaste qarshiin gaafattes guyyaa lama caalaa hospitaala kan hin turree waan ta’eef baay’ee kan ol ka’eedha.Dhukkubsaachiisaaf jechuun qarshiin gaafatte himatamaan kaffaluu hin qabu. Midhaan irra gahes(ga’es) hojii dhuunfaa ishee kan dhorku ta’uu ragaa hin dhiyeessinee Beenyaa haamilees yoo ta’e  himatamaan himattuuf kaffaluu hin qabu jechuun falmeera.

  M/M Ol’aanaa jalaa  dhimmicha qoratees baasiwwan yaalaa himataa sirritti beekuuf kan rakkisu jechuun himatamaan himataa qarshii 300,000(kuma dhibba sadii)  muraadhaan kaffaluu qaba jedheera.Bitaaf mirgi Murtii M/M Ol’aanaa jalaa kanaa ol’ iyyannoodhaan Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti bitaafi mirgii kan dhiyeessan yommu ta’uu ol’iyyannoon himatamaa jala bu’uuraa seera  s/d/f /h/h/ kwt. 337 yommuu cufamu galmee ol’iyyannoo himataa irratti falmiin taasifamee murtii M/M Ol’aanaa jalaa fooyyeessuun deebii kennaa (himatamaan ol’iyyattuuf M/M jalaatti qarshiin 300,000 murtaa’eef kan shaallagamuuf ta’ee qarshii 694918(kuma dhibba jahaaf kuma sagaltamii afuriif dhibba sagaliif kudha saddeet) akka kaffaluuf jechuun murteessera.Murtii M/M  kanaa irratti iyyataan komachuun iyyata dhaddacha ijibaataa kanaaf kan dhiyeesse yommuu ta’uu qabxiin adda durummaan caqasan (kaasanis) wamamtuu irra miidhaan gahe (hangii beenyaan kaffalamuu qabuu) waan beekamuu  danda’uu  waan ta’eef M/M  jalaa beenyaa muraadhaan murteessuu hin qabaniiyyuu hangi beenyaa muraadhaan murtaa’u gadii aanaa ta’uu qaba.Hanga beenyaa dabalataa M/M/W  ol iyyaanno,hangaa qarshii benyaa dabalataa gadii bu’iuu isaa akka sababaatti fudhaachuun isaa sirrii mitii jedheera. 

Mana Hoji AA Godina Jimma. የጅማ ዞን አቃቤህግ መስሪያቤት's Friends

Waamamtuun iyyata ijibaataaf deebii kenniteen iyyataan miidhaan narra gaheef M/M jalaatti itti gafatamummaa akka qabu  murtaa’ee hanga ijibbataatti lakk. Galmee 58041 komii dhiyeffate M/M/W/F dhimmicha qoratee murtii M/M jalaa dogoggora seeraa bu’uuraa hin rawwatamne jechuun iyyata isaa kufaa kan taasise yommuu ta’uu hanga beenyaa ilaalchisee falmii dhiyeessen aangoo dhaddachaa ijibbaataa wan hin taaneef komiin isaa fudhatamuu hin qabuu jechuun falmiitettii.Iyyataanis deebii waamaamtuuf deebii kennuun  falmii isaa  cimsuun dhiyeessera. Falmiin bitaaf mirgaa akka arman olitti kan dhiyaate yommuu ta’uu nutis M/M/W/F dhaddacha ol’iyyannoo murtii beenyaa kenne irratti dogoggorrii seeraa bu’uuraa  raawwatameera? moo hin raawwatamnee?  ijoo jedhu qabachuun akka itti anutti qoranneerraa. 

Falmii M/M jalaatti taasifameen dhaabbannii fayyaa ( iyyataa) waamamtuuf yaala yeroo tasiisetti rakkoo uumameen fayyaa wamaamtu irra miidhaan kan qaqqabe ta’uu isaatiin miidhaan qaqqabe kun yaala biyya keessaatin kan hin fayyine ta’uu isaatiin biyya Taayilaandi dhaqxee akka yaalamtu murtaa’eera.Haa ta’u malee komii kanaaf qabxii ka’umsaa kan ta’e yaalaa fi baasiiwwan adda addaatif iyyataan wamaamtuuf muradhaan akka kaffalu M/M/W ol kaasee murteessuu isaatii. Akka qajeeltootti sababa miidhaatiin miidhamaan beenyaa kan argatu kasaaraa  miidhaa faana madaalawaa ta’e argachuun ta’uu S/H/H kwt. 2090’n kan tume yommuu ta’u namni miidhaaf itti gaafatamaa ta’u itti gaafatamummaan isaa miidhaa miidhamaa irra gahe faana walqixa ta’e madaalamee kaffaluut irra jira.

     Dhimma qabanne irratti garu M/M/W dhaddachi  ol’iyyannoo miidhaa qaqqabeef  beenyaa kaffalchiisuuf muraa akka filannootti fudhateera.Kanaaf qabxiiwwan gurguddoon (ijoon) akka sababaatti caqasaman baasiin yaalaa waamamtuun dhiyeessite ragawwan barbaachiisoo baasii yaalaa dhiyaatee kan caaudhaa.Waamamtuuf dhukkubsachiiftuun kan barbaachisu yoo ta’e baasiin isaa hangam akka ta’e gamanumaan beekuun kan rakkisuudha.Akka guutuu addunyaatti qaala’insii meeshaa gaaffi baasii yaalaa waamamtuuf gahee qabaata. Gatiin jijjiirra birri gadii bu’uun isaa hanga qarshi waamamtuun yaalaa na barbaachiisa jettee gaafatte irratti garaagarummaa hordofsiisuu danda’a kan jedhuudha.

Members

Jimmaa Attorney Media — understand law
websayiiti kenya irrattii akamin akkawuntii banattuu
Monday
9:00 am – 5:00 pm
Tuesday
9:00 am – 5:00 pm
Wednesday
9:00 am – 5:00 pm
Thursday
9:00 am – 5:00 pm
Friday
9:00 am – 5:00 pm
Saturday
Closed
Sunday
Closed

Latest updates

Posted in hubannoo seeraa

Xinxala Muriti Dhadacha Ijibbaata

Mirga Ol’iyyannoo A /A Mirga Wabii irratti qabu S/D/F/Y/Keewwata 75(1) Vs Murtii Dhaddacha Ijibaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa lakk. galmee 110969

Mulugetaa Magarsaa

Godina Jimmaatti AA Aanaa Cooraa Botor

Midiyaa hawaasaa armaan gadii irrattii barruu kana walif dabarsaa

Seensa

Mirgi wabii mirga heerawaadha haa ta’u malee haala addaatin yeroo itti dhorkamutu jira yeroo kanatti immoo filannoon jiru ol’iyyannoodha.Poolisin nama yakka raawwate yookiin raawwachuu isaa shakke akka hidhuu danda’u seerri aangoo kenneefi jira.Kana yommuu taasisu garu of eeggannoo(dirqama) faana akka ta’e dubbisa heera mootummaa keewwata 19(3) fi seera deemsa falmii yakkaaa keewwata 29(1) hubachuun ni danda’ama.Sababni isaa immoo namni qabamee hidhame sun sa’aatii 48 keessatti mana murtii dhiyaachuu kan qabu ta’uudha.Yeroo kanattis manni murtii bu’ura seera deemsa falmii yakkaa keewwata 59 tin shakkamaan sun akka mirga wabiitiin gadi lakkifamu yookiin mana turmaataa akka turu murtii dabarsuu danda’a.Gama biraatin immoo bu’ura seera deemsa falmii yakkaa keewwata 64 tiin shakkamaan yookiin himatamaan mirgi wabii isaa akka eegamuuf barreeffamaan gaafachuu kan danda’u ta’uu hubanna.As irratti himatamaan gama lamaaninuu mirga wabii isaatii yoo  dhorkame  himatamaan bu’ura seera deemsa falmii yakkaa keewwata 75(1) ol’iyyachuun mirga isaa kabachiisuu kan danda’u ta’u hubanna.Haa ta’u malee himatamaan yookiin shakkamaan akkuma gaafate mirgi wabii isaatii yoo eegameef A/A murtii mirga wabii kana irratti ol’iyyannoo dhiyeessuu danda’a moo? hin danda’u? kan jedhu dhimma barreeffama kana keessatti ilaallu ta’a.Akka waliigalaatti mirga wabii jechuun Sirna namni yakka raawwate jedhamee tokko shakkame qabame tokko bu’uura seera yakkaa fi seera deemsa falmii yakkaatin hanga murtii dhumaa argatutti wabummaa gahaa fiduun alaa deddeebi’e falmatuu jechuudhaa.Gama biraatin ilaalchi namni yakka raawwate jedhamee shakkame qabame tokko  hanga murtii dhumaa argatutti yeroo beellamaatin hidhamee turuurra mirgi wabii eegamuu fi wayya jedhu biyyoota addunyaa maraa biratti dhimma  fudhatama argateedha..

Seenaa Gabaabaa MirgaWabii

Shakkamtootaaf mirga wabii hayyamuudhaan hanga murtiin dhumaa kennamuutti osoo hin hidhamiin ala akka turan gochuun yoom akka jalqabame ifaan ifatti dubbachuun rakkisaa ta’ullee barreeffamoonni tokko tokko akka ibsanitti yeroo durii biyya Ingiliz keessatti aangoo namoota yakka raawwatan hidhanii eeguu kan qaban “Sherifoota”warri jedhaman itti gaafatamummaa dhuunfaa fi baasii guddaa qabu of irraa hambisuuf mala yaadani uuman ta’u hin oolu tilmaama jedhutu jira.Yeroo sana keessa Abbootin Seeraa biyya Ingilizii hojii abbaa seerummaa kan hojjatan biyya keessa naanna’anii waan tureef dhimmi shakkamtoota qabanii hanga dhagahamutti yeroo dheeraa kan fudhataa ture yommuu ta’u shakkamtoota hidhaarra turaniif ammoo haalli mijataa waan hin jirreef sababa rakkoo fayyaatirraa kan ka’e dhimmi isaanii murtii dhumaa osoo hin argatin du’u ture.Haalli  gaddisisaa kun sheerifota shakkamtoonni wabii mataa isaanitin yookin immoo nama gara mana murtiitti isaan dhiheessu danda’u wabii waamsisuun  shakkamtoota akka gadhiisan isaan dirqisiisee ture.Sheerifoonni Biyya Ingiliz shakkamtoota haala kanaan kan gadhiisuu jalqaban aangoo seeraan kennameefirratti hundaa’anii osoo hin taanee waliigaltee shakkamtoota waliin umaniin akka ture seenaan ni ibsa.Adeemsa keessa hojimaanni sheerifonni uuman kun faayidaa qabeessa ta’un isaa waan itti amanameef seeraan beekkamtiin kennameefi karaa mana murtiitin akka raawwatamu sirni  adeemsaa diriireefi jedhama.Seenaa kanarraa kan hubatamu sherifonni shakkamtoota wabii dhaan gadhiisuu kan jalqaban shakkamtoonni yaada yeroo ammaa beekkamti akka addunyaatti fudhatama argate mirga shakkamtootaa akka nama qulqulluutti ilaalamuu irratti hundaa’anii osoo hin taane rakkina yeroo sanatti isaan qunname rakkina du’a shakkamtootaafi baasii irraa of hambisuuf akka ta’e ni hubatama.

Tamsaasa FM MHAAGJ

dhageffadhaa.

Mirgi wabii falmiidha

Mirgi wabii akkuma falmiiwwan idilee biroo adeemsa mataa isaa danda’e kan qabu ta’uu tumaalee waliigalaa haala mirga wabii tarreessan irraa hubachuun ni danda’ama.Kana jechuun falmiin jira taanaan qaamni walfalmu jiraachuun dirqama ta’a.Falmii qaama lama jidduutti taasifamu irratti yoomiyyuu yoo ta’e immoo dhimma jaarsummaadhaan xummuramuun alatti qamni walfalmu lama bakka jirutti qama tokkoof murtaa’uu qaama biraatti immoo itti murtaa’uun dirqama ta’a jechuudha.yeroo kanatti qaamni murtii sana irraa komii qabu ol’iyyachuun isaa kan hin oolle ta’a jechuudha.Dhimma qabanne kana irratti qaama falmii kan ta’u shakkamaa yookiin himatamaa fi A/A waan ta’uuf  kan shakkamaa yookiin himatamaa ifaan taa’eet jira waan ta’eef waanti ka’u hin jiru haa ta’u malee  A/A mirgi wabii yoo eeyyamame ol’iyyachuu danda’aa? kan jedhu gaaffii xinxala kana keessatti deebii argatuudha.

Yaad rimee Ol’iyyannoo

Yeroo baay’ee jecha ol’iyyannoo jedhu namni hunduu(ogeessa seeraa kan ta’es kan hin taanes) yommuu jedhu ni dhagahama.Haa ta’u malee dhimma kanaan walqabatee meeqaa keenyatu hanguma jechicha jennu hubannoo isaa qabna isa jedhu isiniif dhiisee gara yaadrimee isaa ija seeraatin maal fakkaata kan jedhu akka armaan gadiitti  ilaaluf yaalla.

<<An appeal is the process in which cases are reviewed by a higher authority where parties request a formal change to an official decision.Appeals function as well as a process of clarifying and interpreting law>>

Ol’iyyannoo jechuun murtii kenname manni murtii gubbaa jiru akka ilaalee jijjiiruf adeemsa ittin gaafatamu.Ol’iyyannoon hojii akkasumas adeemsa seera ifa gochuu fi hiikuti. (yaada barreessaa)

Midiya MHAAGJ👇
Posted in hubannoo seeraa, Prodcusting audio video

Tamboofii Seera

Barruu Xinxala Seeraa

barruu kana Seeroonii kenya wa’e tamboo mal jedhanii kan jeedhuu abbaa alangaa godina jimmaa anaa cora botor kan ta’an Obboo mulugeetaa megersaadhaan qophaa’e

garee komnikeshinii mana hojii abbaa alangaa godina jimmaa.

seensa

Tamboo xuuxuun nama xuuxu irrattis haa ta’uu bakka namoonnii baay’een argamanitti xuuxuun rakkoo fayyaa  kan qaqqabsiisu ta’uu odeffannoon madda adda addaa irraa argamuu ni mul’isa(muldhisa).Kana qofaa osoo hin taanee waraqaawwan tamboon itti samsamamu irratti barreeffamni tamboon du’aaf nama saaxilaa, tamboon dhibeewwan  kaansariinama qabsiisa jedhu barreeffames kan argamuu yommuu ta’ukun miidhaa tamboon qaqqabsiisuu kan akeekuudha.

Qorannoo Dhaabbani Fayyaa Addunyaa (WHO) yeroo adda addaa  taasisuu irratti akka mul’isutti(muldhisutti) namonni miiliyoona 8 tti  tilmaamaman  sababa  tambootiin akka guutuu addunyaatti kan du’an yommuu ta’u kana keessaa namootni miliyoonni 1.2 ta’an namoota hin xuuxnedha.Akkasumas gama diinagdeetin immoo  Doolaara Ameerikaa Biiliyoona 500 tilmaamamu  miidhaa qaqqabsiisaa jira.Bu’uura qorannoo kanaatiin rakkinootni kun kan uumaman biyyoota guddatanitti ta’us yeroo ammaa garuu sababa adda addatiin biyyoota hin guddanneettis rakkoon kun kan babaldhachaa(babal’achaa) jirudha.Rakkinni kun babal’achuu irraan kan ka’e hawaasni addunyaa tamboo to’achuu irratti ejjannoo walfakkaata akka qabatan tasisee jira.

Yeroo Jalqabatif A.L.Awuropaa bara 2003 Dhabbanii Fayyaa Addunyaa(WHO) tooftaawwan tamboo to’achuuf dandeessisuufi biyyoota miseensa ta’an dirqama irra kaa’u <<Framework convention on tobacco control>> yookiin sanada waligalee tamboo to’achuuf bahee mirkaneesse.Haa ta’u malee waliigaltee kana hojiirra oolchuf mariin kan jalqabame bara 1995 ture.Seenaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kaassatti konvenshiniin kun konveenshinii yeroo gabaaba keessatti  hojii irra ooledha.

Biyyi keenyaa Itioophiyaan Guraandhala 25 bara 2004 waligalticha mallatteessiterti .kana buu’uura godhachuudhaan labsiin lakk. 661/2001 kan bahee ta’uus booda irra garuu labsiin Lakk. 1112/2011 bahuu danda’eera. kana qofa osoo hin taanee labsii 661 irratti hundaa’uun Manni marii ministeerotaa dambii lakk. 229/2007 baasuudhaan hojii irra ooluu danda’eeraa.

TamboonMiidhaa Qaqqabsiisu  Yoom Beekame?

Tamboon rakkoo fayyaa kan ta’uu jalqabe waggaa dheeraa  ta’eera.Tamboo xuuxuudhaan rakkoon hargansuu,qufaasisuun yeroo hunda waan muldhatu ture.Jalqama bara qaroominaa keessa beektotni amantaa Musliima  Lixa Afrikaa miidhaa tamboo xuuxuun qaqqabsiisu beekanit turan.Kanaaf ragaan immoo barreeffamni isaa biyya Timbuktuutti argama.Bara 1700 keessa tamboo ujummoo fayyadamuun xuuxuun dhibee kaansarii afaanii akka fidu bira gahame.Dhuma bara 1800 fi jalqaba bara 1920 keessa walitti dhufeenyi tamboo fi kaansarii gosa hedduu irra deddeebin muldhachuu jalqabe.Gabaasni jalqabaa walitti dhufeenyi tamboo fayyadamuu fi dhibee sombaa dhuma bara 1800 irratti taasifame.Bara 1880’moota keessa warshaan tamboo oomishu biyya Ameerikaa Kibbaa keessatti oomishamun tamboon baay’inaa fi gatii salphaan akka oomishamuuf sababa waan ta’eef tamboo xuuxuun waan baratame ta’uu danda’era.kun immoo warraaqsa tamboo xuuxuu dhoorkaniif ka’umsa ta’e.Booda irra immoo tamboo fayyadamuu fi gurguruun dhiibbaa jala seenee.Bara 1912tti Doktorri Biyya Ameerikaa Ayizak Adlar jedhamu nama yeroo jalqabaatif tamboo xuuxuun dhibee kaansarii sombaa kan  qabsiisuu ta’uu  qorannaadhan mirkaneesse yaada kennuu danda’eera..Waraana Addunyaa 1ffaa dura dhibeen kaansarii kan badaa beekamu hin turreeyyu haa ta’u malee waraana booda garuu tamboo xuuxuun waan baratameef ka’umsa dhibee kaansarii ta’uun isaa beekame.

Rakkoo Yeroo Dheeraa Tamboo Xuuxuun Fidu

  • Dhibee onnee:-Tamboo xuuxuun mallattoon miidhaa inni onnee fi ujummoo dhiigaa irratti qaqqabsiisuu baay’ee si’ataadha.Daqiiqaa tokko keessatti rukuttaan onnee dabaluu jalqaba.Karbon mono oksaayidin haara tamboo keessaa bahu dandeettii dhiigni oksijinii baachuu danda’u irratti dhiibbaa qaba.Keemikaalotni haara tamboo keessaa bahu ujummoo dhiigaa dhippisuun dhibee onneef nama saaxila.
  • Rakkoo kalee fida:-Tamboo xuuxuun dhibee kaansaari kalee hordofsisa.kaleen akka miidhamuuf gahee guddaa qaba.
  • Dhibee infiluweenzaaf saaxila:-Dhibeen kun yeroo jalqabaatifbiyya Israa’elitti raayyaa ittisa biyyaa keessatti qorannoo taasifameen kan beekame yommuu ta’u namoota 168 tamboo xuuxan keessaa %68.5 dhibee kanaan qabamuu danda’aniru.
  • Dhibee Afaan keessaa:-Namni tamboo xuuxu kaansarii afaaniif waan saaxilamuuf afaan nama tamboo xuuxuu foolii ajaa’aa qaba.Kanaaf sababa kan ta’u miidhaa ilkaan,arrabaa fi hidhii irra qaqqabuuni.
  • Dhibee Sombaa:-Namoonni tamboo xuuxan carraan dhibee sombaatin qabamuu isaa baldhaadhaa.Namoota tamboo hin xuuxne faana yommuu walbira qabamee ilaalamu namni guyyaatti tamboo 20 xuuxu carraan dhibee sombaatin qabamuu isaanii dacha 2 hanga 4 ta’a.
  • Rakkoo wal-hormaataa:-Tamboo xuuxuun ovarii irratti miidhaa qaqqabsiisa.Miidhaan isaa baay’ina tamboo xuuxamuu fi dheerina yeroo xuuxamuu irratti hundaa’a.Nikootinii fi keemikaalli biro tamboo keessatti argamu walhormaatni akka hin uumamneef karra banu.Kana qofa osoo hin taane qaama walhormaata dhiiraa irrattis dhiibbaan inni qabu daran ol’aanaadha.Dabalataan immoo dubartoonni ulfi tamboo kan xuuxan yoo ta’e daa’imni dhalatu rakkoo fi hirdhina(hir’ina) qaamaa adda addaatif kan saaxilamu ta’a.

Miidhaa yeroo Gabaabaa

  • Hargansuu Badaa(Bad Breath)
  • Humna dadhabsiisuu
  • Dandeetti dhandhamuu fi fuunfachuu hirdhisu(hir’isuu)
  • Qufaasisuu
  • Yeroo dheeraaf hargansuu dadhabuu

Labsiin 1112/2011 hiikoo jecha tamboo jedhuu kennuu baatus keewwata 30 irratti garuu oomisha tamboo jechuun gariinis ta’u guutummaan guutuutti baala tamboo irraa qophaa’ee xuuxuudhaan,ol-Harkisuun,Alanfachuun,Fuunfaachuun ykn karaa biraan wanta fudhatamu jechuudhaa hiikoo itti kennera.

Dhorkaawwan

Labsii kanaa fi Dambii keessatti dhorkaawwan gama adda addaatin taa’ee jira kanaaf dhorkaawwan kana tarreedhuma seericha keessa taa’aniin akka armaan gadiitti ilaalla.

Eeyyama Malee Hojii Tamboo Hojjachuu

  • Namni kamiyyuu qaama raawwachiiftuu irraa eeyyama addaa osoo hin argatin oomisha tamboo oomishuu,gara biyya keessaa galchuu ykn jumlaadhaan raabsuun dhorkaadha.
  • Meeshaa Elektirooniksii Nikootiiniin itti kennamuu ykn bu’aa teknolojii Tamboo(sijaaraa) faana walfakkaatu gara biyya keessaa kaayyoo daldalaatiif galchuu, oomishuu, gurguruuf dhiyeessuu ykn gurguruun
  • Namnii biqiltuu tamboo biqilchus ykn oomishu kamiyyuu tamboo biqilchuu ykn omishuun midhaa hojjatootaa fi naannoo irraan gahu ittisuuf to’achuuf dirqama qaba.
  • Oomisha Tamboo Qabiyyeen isaa qaama rawwachiiftuun dhorkame gara biyyaa galchuun,jumlaadhaan raabsuu,gurguruu ykn gurgurtaaf dhiyeessuun dhorkaadha.
  • Oomishaa ykn fichiisiisaan oomisha tamboo,qabiyyee oomisha tamboo fi dhimmoota kanaan walqabatan ilaalchisee odeeffannoo qabaachu kan qabuu ta’e qaama rawwachiiftuun yommuu gaafatamu kennuuf dirqama qaba.Oomishaan ykn fichiisiisaan yommuu dirqama tumaa kanaa raawwatu odeffannoon qaama raawwachiiftuf kennu iccitii daldalaa seeraan eegumsi taasifameef yoo ta’e kunis barreeffamaan yoo ibsameef qaamni raawwachiftuun icciti daldalaa kana eeguuf dirqama qaba.
  • Namnii kamiyyuu barreeffamaan ykn waraqaa oomishichii ittiin maramu dhandhama dabalata akka qabuu ibsuuf ibsuu baatus dhandhama addaa kan qabu ta’uu
  • Wantoota omishichaa faana tuttuqqi qabaniin fakkii tamboo ykn mi’aa dhandhama jijjiruu kan qabate
  • Qabiyyeen oomisha tamboo fayyaaf kan fayyaduu ykn miidhaa fayyaa irraatti fidan kan hirdhisaan(hir’isan) kan akkaa Vayitaminii fuduraafi kuduraa, amiino asidii, kaaffeen,toorin ykn si’essituu  kana fakkaatan, faatii asiidii fayyadan ykn humnaa fi cimina kennuun kan walqabatan  si’eessitoota akkanaa kan qabatee ta’u
  • Haalluu haara tamboo jijjiiru kan qabu ykn oomisha tamboo ulaagaa qaama raawwachiiftuun bahuu biro kan hin gunnee oomishuu, gara biyyaa seensisuu, jumlaan gurguruu, raabsuu ykn qinxaaboon rabsuun dhorkaadha.

 

 

tamboo-wana5

Dhorkaa Bakka Itti Xuuxamuu

  • Bakka kamiyyuu namoonni baay’ataan,bakka hojii bakka geejjiba ummataa,bakkaa mana jirenyaa waliinii,bakka tajaajila waliinii kamitiyyuu tamboo xuuxuuu fi fayyadamun dhorkaadhaa.
  • Bakkeewwan armaan olitti caqasaman irratti hanga meetira 10 ummataaf banaa ta’aniifi karaa balbala, foddaa ykn bakka qillensa galchuu danda’uu birootti tamboo xuuxuun dhorkaadha.
  • Bakkaa Armaan olitti caqafaman akkuma jirutti ta’anii dhaabbata fayyaa, dhaabbata mootummaa,adda durummadhaan daa’immaniifi tajajila nama umuriin isaa waggaa 21 gadiif oluu M/Barumsaa, dhabbata barnootaa ol’aanaa,bakka oolmaa dargaggoo,paarkii bashannanaafi bakkeewwan biroo Qaamaa raawwachiiftuun ykn to’attoota fayyaa namootaatiin ibsamuu keessatti tamboo xuxuun ykn fayyadamuun dhorkadhaa.

Yeroo Baay’ee Tamboo Bakkaa Namonnii Baay’een argamanitti Xuuxun Dhorkaa akkaa ta’eef yakka ta’uun isaa namoota Baay’een kan dubbatamuudha.Haa ta’uu malee tamboo bakka namoonnii baay’een argamanitti xuuxuudhaan garuu namni himatamees adabamees jiraachuu isaa garuu ragaan hin jiru.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa sanada waliigaltee sirna tomboo ittiin to’atan baase keewwata 4 irratti fi seensa labsii 1112/2011 irraa akka hubachuun danda’amutti tamboo bakka namoonni baay’een argaamanitti xuuxuun kan dhorkameef sababoota lamaani.

አዲሱ የፌደራል ፍርድ ቤቶች አዋጅ 1234/2013 ይዟቸው የመጣው ዋና ዋና ነጥቦች የነሐሴ 12/2013 ስርጭት። FM MHAAG Jimmaa Attorney

የፌዴራል ፍርድ ቤቶች ስተዳደሩ የነበሩ በአ/ቁ 25/96 የነበረው ሲሆን ይህንን አዋጅ በማሻሻል አዲሱ አዋጅ በሥራ ላይ ውሏል። የፌደራል ፍርድ ቤቶች አዋጅ 1234/2013 በፌደራል ጠቅላይ ፍርድ ቤት ስር የተቋቋመ 15 ከፍተኛ የሕግ ባለሙያዎችን በአባልነት ያካተተ የዳኝነት ሥርዓት አማካሪ ጉባኤ ረቂቁ ተዘጋጅቶ በፌደራል ፍርድ ቤቶች አመራሮች፣ በሕግ ባለሙያዎች እና በሕዝብ ተሳትፎ ዳብሮ ከሁለት አመታት ቆይታ በኋላ ጥር 13 ቀን/ 2013 ዓ.ም በሕዝብ ተወካዮች ምክር ቤት ጸድቋል። ይህ አዲሱ የፌደራል ፍርድ ቤቶች አዋጅ 1234/2013 ከነባሩ የፌደራል ፍርድ ቤቶች አዋጅ ቁጥር 25/88 እና ይህን አዋጅ ካሻሻሉት ሌሎች አዋጆች ቁጥራቸው 138/1991፣ 254/1993፣ 321/1995 እና 454/1997 ከሆኑት አዋጆች ምን የተለየ አዲስ ነገር ይዞ መጥቷል? እንዲሁም ለአዳዲሶቹ ሕጎች መነሻ ዋና ዋና ምክንያቶቹስ ምን ምን ናቸዉ የሚለዉን በወፍ በረር እንመልከት። — Send in a voice message: https://anchor.fm/mhaagj/message
  1. አዲሱ የፌደራል ፍርድ ቤቶች አዋጅ 1234/2013 ይዟቸው የመጣው ዋና ዋና ነጥቦች የነሐሴ 12/2013 ስርጭት።
  2. Galmi kenya our objectives፣ እንደ ጅማ ዞን አቃቤ ህግ ፅፈት ቤት ግባችን
  3. tamsaasa camsaa 24/2013 hubannoo seeraa wa'e qaama bilisa baasu habeus corpus kuta tokkoffaa
  4. tamsaasa fm MHAAGJ caamsaa 23/2013 wa'ee tamboo ilaalchisee seerrii maal jedha
  5. Tamsaasa fm mhaagj caamsaa 2013 hubannoo seeraa seera godaansaa irrattii

1.Amala Namaa Yookiin naamusa namaa sirreessuf

Ogeessonni fayyaa gama kanaan qorannoo taasisan akka ibsanitti uumama isaanii ta’ee daa’imman waan ija isaanitiin argan gochuuf yookiin raawwachuuf ariifatu.Daa’imman akka yaadama isaanitti waanti namni jabaan(namni guddaan) raawwatu  hunduu sirriidha jedhanii fudhatu.kanaaf tamboo bakka namni baay’atutti xuuxuun bakka sanatti daa’immanis argamu danda’u waan ta’eef waanti kun sirrii fi waan isaan fayyadu fakkaatee itti muldhata.Yeroo sana gocha tamboo xuuxuu kana ofii isaanitiif raawwachuuf fedhiin isaan keessatti dhalachuu danda’a.Kanaaf ogeessonni kun akka agarsiiftutti kan kaasan immoo daa’immaan maaliif xuuxuu akka jalqaban yommuu gaafataman yaaliidhaaf,waan nama qaroomsuu nutti fakkaate,namni jabaan yommuu xuuxuu argeen kan jedhaniifi sababoota biroo caqasuu isaanii akka ragaatti kaasu.As irratti daa’imman tokko tokko rakkina yeroof isaan mudatuu furuuf  jedhanii tamboo xuuxuu jalqaban jiraachuun isaanii dagatamuu hin qabu.Fakkeenyaaf daa’imman sababa adda addaati maatii isaanii irraa adda bahanii jireenya karaa irraa gaggeessan qorra halkan halkaniitif jecha  tamboo xuuxuu jalqabanii booda keessaa bahuu dadhaban kaasuun ni danda’ama.Kanaan walqabatee namoonni tamboo xuuxan jechoota akka daa’immani fi namni biro gocha isaan raawwatan kana deeggaruuf haasa’u.Kunis tamboo xuuxuun sammuu nama si’eessa,nyaatni akka dafee bullaa’u taasisa(digestion) jechuun haasaan sobaa yookiin dogoggorsiisaan isaan dubbatan nama baay’ee balaaf saaxilee jira.

Kana ta’uu isaatin bakka namoonni baay’atanitti tamboo xuuxuun kan dhorkameef daa’imman amala(naamusa) hin barbaachifne qabatanii akka hin guddanneefi.

2.Miidhaa namoonni tamboo xuuxan namoota biro irratti qaqqabsiisan hirdhisuuf

Tamboon akkuma beekamu waan qilleensa faana haala salphaan makamuu danda’u waan ta’eef qilleensi immoo yeroo gababa keessatti bakka baay’ee fi nama baay’ee bira qaqqaba waan ta’eef tamboo qilleensatti makame baatee bakkaa bakkatti socho’a jechuudha.Kanaaf namoonni tamboo xuuxan hanguma rakkoo fayyaa of irraan gahan rakkoo fayyaa nama hin xuuxne irraan gahu.Namootni hin xuuxne gaasota summaa’oof ,keemikaalota xixiqqoo haara tamboo keessatti argamaniin hanguma namoota xuuxanii miidhaan irraa gaha waan ta’eef seerichi kan baheefis namoota hin xuuxne eeguf jecha kan dhorke.Akkuma waliigalaatti kaayyoon seera kanaa dhaloota amma jirus ta’ee dhaloota gara fulduraa ilaalchisee rakkoowwan gama diinagdeetin,hawaasummaatin akkasumas faalama qilleensaa irraa eegufi.

Dhorkaa Bakka Gurgurtaa

  • Nama umuriin isaa waggaa 21 gadi ta’etti kallaatinis ta’eeal’kallatiin tamboo gurguruun hindanda’amu nama umuriin isaa kanaa gadi ta’es gurgursiisuun hindanda’amuu.
  • Bakkeewwan labsii kana keessaatti tamboo xuuxuun dhorkaman hanga meetiraa 100 keessatti tamboo gurguruun dhorkaadha.
  • Bitaafi gurguraan bakka/haala wal-arguu /walittidhufuu hin dandeenyeen oomisha tamboo gurguruun akka gurguramu haala mijeessuun dhorkamaadha.
  • Baay’inni tamboo tokko 20 ta’e kan hin banamne ykn baay’ina ykn ulfaatina qaama raawwachiftuun baasuun ta’a.

Dirqama Ibsa fi Haala Samasama Oomishaatin Walqabatu

  • Oomishni tamboo kamiyyuu ulaagaa biroo qaamni raawwachiiftuun baasuu fi yeroodhan kan jijjiramu akeekkachiisa faana barreffamaa fi fakkii qalama qabuun waraqaa tamboo ittin samsaman irratti qabaachuu qaba.
  • Akeekkachiifni fayyaa fulduraaf duubaan hanga %70 (dhibbeentaa torbaatamaa ) gadii kan hin taanee haguuguu qaba.
  • Waraqaa Tamboon ittiin samsamamu karaa alaatiin barreeffamnii itti barraa’u amala, rakkoo fayyaa irraan gahuu haala dogoggorsaa ta’een ibsuu, midhaan gostii tamboo tokko gosa tambii biraa irraa  qaqqabsiisuu xiqqaa ta’uun ibsuun beeksiisuun dhokaadha.
  • Oomisha tamboo kam irrattu kallatiidhaanis haa ta’uu al-kallatidhaan midhaa gadii anaa kan qaqqabsiisuu ta’uu ibsuun dhorkaadha.

DhorkaaBeeksiisaan wal qabatu

  • Gosa oomisha tamboo kamiyyuu kallaatinis ta’e alkallatiin beeksiisuun dhorkadha.
  • Gosa oomisha tamboo kamiyyuu beeksiisuun, Piroomot gochuuf ispoonsara ta’uun dhorkadha.
midiyaa mhaagj

Tarkaanfiiwwan

Qaamni dhoorkaawwanii fi dirqamoota labsii kana fi dambii keessatti hammataman darbee(cabsee) argame tarkaanfi adabbiin itti Fudhatamu labsiidhuma kana keessatti hammatamee jira.Kunis tarkaanfii bulchiinsaa fi adabbii yakkaa ti

Tarkaanfii Bulchiinsaa

Tarkaanfiin buulchiinsaa akkuma balleessaa,miidhaa fi baay’ina badichaatti kan hundaa’u ta’ee tarkaanfichi garuu akeekkachiisa barreeffamaatii kaasee hanga eeyyamni daldalaa haqamuutti kan qaqqabu ta’a.Yoo balleessaa irra deddeebin raawwate hojii kana keessatti akka lammaffaa hin hirmaanne dhorkamuu danda’a.

Oomishichaan walqabatee yeroo muraasaaf akka gara biyyaa hin seenne dhorkiin irratti bahuu danda’a.Dabalataan immoo oomishichi gara biyya keessaa seenee jira taanaan baasii abbaa qabeenyichaatin akka biyya dhufetti deebi’u taasifama .Biyya keessa seenee kan raabsame yoo ta’e immoo akka deebi’ee sassaabamuu,akka manca’uuyookiin immoo akka karaa seera qabeessaan dhaalamuu taasifama.Oomisha rakkoo qulqqulinaa qabu yoo ta’e hanga samuudni fudhatamee laburaatooriidhaan sakatta’amee qulqqullumaan isaa mirkanaa’utti akka hin raabsamne dhorkamuu danda’a.

Adabbii yakkaa

  • Qulqulinaan walqabatee dhorkaawwan jiran darbuun adabbii hidhaa salphaa waggaa 3 hin caallee fi adabbii maallaqaa qarshii 200,000(kuma dhibba lama) hin caallen hordofsiisa.Hir’ini(hirdhinni) uumame fayyaaafi lubbuu namaa irratti miidhaa ol’aanaa kan qaqqabsiisu yoo ta’e adabbii hidhaa waggaa 7 hin caalle fi adabbii maallaqaa 500,000(kuma dhibba shan) hin caalle ta’a.
  • Qaama to’atuuf deeggarsa gochuu dhiisuun adabbii hidhaa salphaa waggaa 1-waggaa 5 hordofsiisa..
  • Dhorkaawwan beeksisaan walqabatu namni cabse adabbii salphaa baatii 3 gadi hintaanee fi adabbii maallaqaa 30,000(kuma soddomaa)-100,000(kuma dhibba tokkoo) gahuun adabamuu danda’a.
  • Qaamni ispoonsara godhe beeksisicha qopheesse ,kan maxxanse,kan dabarse yookiin karaa biro kamiiniyyuu namni hirmaate hidhaa waggaa 3 hin caalle fi adabbii maallaqaa 50,000(kuma shantamaa) gadi hin taanen adabama.
  • Dhorkaawwan bakka tamboon itti xuuxuumu  fi itti gurguramu darbanii argamuun ilaalchisee bakka gurgurtaa dhorkametti gurguruun hidhaa salphaa baatii(ji’a) hin caalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii 5000(kuma shan) hin caalleen adabama.Bakka dhorkametti xuuxuun immoo adabbii maallaqaa qarshii 1000(kuma tokko) hin caalleen adabama.
  • Bakkeewwan tamboo xuuxuu gurguruun itti dhorkametti gachaawwan kun dhorkamuu barreeffamaa fi fakkiiwwaniin akka hin raawwatamne tarkaanfii barbaachisaa namni hin fudhanne adabbii hidhaa salphaa baatii(ji’a) sadii hin caalleen yookiin adabbii maallaqaa 1000(kuma tokkoo)-10,000(kuma kudha)gahuun adabamuu danda’a.
  • Qabiyyee tambootiin walqabatee dhorkaa jiru namni darbe adabbii hidhaa baatii(ji’a)3 –waggaa 3 fi adabbii maallaqaa 1000(kuma tokkoo)-200,000(kuma dhibba lama) adabama.
  • Namni nama umuriin isaa waggaa 21 hin guunnef tamboo gurgure,akka fayyadamu taasise akkasumas kenne adabbii baatii(ji’a) 3 gadi hin taaneen yookiin adabbii maallaqaa hanga qarshii 3000 (kuma sadii) gahuun adabama.
  • Qabiyyee tamboo ilaalchisee odeeffannoo qabachuu fi guutuudhaan walqabatee dirqamoota jiran cabsuun adabbii hidhaa salphaa waggaa 1-waggaa 3 fi adabbii maallaqaa qarshii 50,000(kuma shantama) gadi hin taanen adabama.
  • Dirqamoota labsii kana keessatti hammataman kan cabse(darbe) qaama namummaan seeraan kennameef yoo ta’eadabbiin dabalataa dhaabbatichi dhorkamuu,akka cufamu yookiin akka diigamu murtaa’uu danda’a.

Guyyaa Ayyaana Kabaja Tamboo

31 may,world no tobacco day

  • Dhabbataa Fayyaa Addunyaa bara 1987 jalatti biyyootni miseensa Yaaa’in Fayyaa Addunyaa(World Health Assembly) resolushinii WHA40.38ta’e irratti Bitootessa  29bara 1988 guyyaa tamboo xuuxuu irraa bilisaa akka idila addunyaatti (a world no smooking day)akka kabajamuuf waamicha taasiset ture.Kaayyoon isaa immoo akka guutuu addunyaatti namootni tamboo xuuxan  sa’aatii 24’f oomisha tamboo irraa akka of qoqqoban taasisuudha.
  • Bara 1988 Resolution WHA42.19 ta’e irratti Yaaa’in Fayyaa Addunyaa(world health assembly)guyyaa ayyaana tamboo waggaa waggaadhaan waxabajjii akka kabajamuu dabarse.
  • Akka biyya keenyaatti guyyoota akka biyyaattis akka addunyaatti kabajnu baay’ee akka qabnu nan beeka haa ta’u malee rakkoo odeeffannoo haa ta’uu hin beeku guyyaan tamboo xuuxuu irraa bilisaa yommuu kabajamu hin argines hin dhageenyes.Seerotni keenya eessa dhaqaniin gaaffii kooti.

a world no smooking day every year on 31 may

Mulugeetaa Magarsaa

Horaa Bulaa

 

Convention on the Recognition and Enforcement of Foreign Arbitral Awards The 1958 New York Convention pdf

since ethiopia ratifies the new york convention in parlament throu proclamation indeed it is inevitable to provide he convention by our web. On February 13, 2020, the Ethiopian parliament approved the ratification of the 1958 New York Convention on the Recognition and Enforcement of Foreign Arbitral Awards (the “Convention”). The Convention was adopted by the United Nations diplomatic conference on 10 June 1958 and entered into force on 7 June 1959. To date, 161 states have become parties to the Convention. Ethiopia signed the Convention early on but stalled the ratification for more than 60 years. The ratification of the Convention results in the legislation becoming an integral part of the law of the land. Further, the ratification comes at a time when Ethiopia is currently drafting a new and comprehensive domestic arbitration legislation whose advanced draft circulated for public consultation suggests that it is modeled after the United Nations Commission on International Trade Law (UNCITRAL) Model Law on Commericial Arbitration. In this issue of our legal update, we consider the substance of the Convention and the significance of its ratification by Ethiopia.

Posted in beksisaaf, hubannoo seeraa, Pdf

Mana Hojii AA God Jimmaattii Odeffannoo Adeemsa hoojii Dhimmota Hariiroo Haawasaa. Pdf

sensa

በጅማ ዞን አቃቤ መስርያ ቤት  

Adeemsaa Hojii Dhimmoota Hariiroo Hawaasa

የፍትሐብሔር ጉዳዮች የስራ ሂደት

Dhimmoonni Hariiroo Hawaasa dantaa ummataa fi manneen hojii mootummaa dhabbilee misoomaa mootummaa jaarmiyaalee ummataa namoota harka qalleeyyii ta’anii akka kabajamuuf labsii lakk  214/2011 bahe labsii lakk 236/2013 foyyaa’een bahee tumameera

Manni hojii Abbaa Alangaa fi caasaalee isaa sadarkaa sarkaan

–  Manneen hojii mootummaa

– Dhaabbilee miisoomaa mootummaa

– Jaarmiyaalee ummataan

– Namoota harka qalleeyyii ta’ani deeggarsaa adda isaan barbaachisummaa keessummatiyyuu dubartoota da’immaan qaama miidhamtoota fi maanguddoota kan ta’aniif 

1. Tajaajilaa gorsaa seera ni kennaa himannaa ni dhiyeessaa,gudduus ni lixaa deebii ni kennaa,dhorkii nu baasiisaa,ni falmaa,murtii ni raawwachiisa.

2. Wixinee waliigaltee manneen hojii mootummaa fi jaarmiyaalee ummataa ni gulaala ykn ni qopheessa

3. Waldiddaa yoo uumamee Addemsaa mala filannoo biroon hiikuu kuniis

Waldiddan manneen hojii mootiummaa gidduutti ykn mana hojii mootummaa fi nama/qaama biro giddutti yoo umamee dhimmichaa gara mana murtiitti dhiyeessuun duratti.

Waldiddan manneen hojii mootummaa giddutti ykn mana hojii mootummaa fi nama/qaama birpp gudduutti yoo umamamee dhimmichaa gara mana murtitti dhiyeessuun duraatti.

  • Mala waliigaliinsaatiin (Negotiation)
  • Mala waltaasiisuun ykn araaraatiin (mediation)
  • Mala jaarsummaatiin (Arbitration)

Fayyadamuudhaan waldhabdeen akka hiikamuu taasiisuudha.

  1. Ulaagalee qaamni tajaajila gorsa seera argachuu barbaaduu guutuu qabu
  2. Dhimmicharraa dantaa/mirgaa qabachuu isaa raga agarsiisuu dhiyaachuu qaba.
  3. Ragaa nama fi sanada dhimmichaa mirkaneessuu danda’uu dhiyaachuu qaba.
  4. Namni harkaa qalleessaa ta’e raga hiyyummaa mana murtii hawaasummaa gandarraa dhiyaachuu qaba

Dubartotni daa’immaan qaama miidhamtootni maanguddootni qabeenyaa qabaatanillee

  • qabeenyichaarratti ajajuuf haala hin dandeenyee irra jiraatuu isaani raga agarsiisuu gandarraa yoo dhiyeetatan tajaajila argachuu ni danda’u
  • Garuu gochaa yakkaatiin miidahaan qaama cimaan irra dhaqqabee ragaa hiyyumaa agarsiisuu dhiyeefachuuf hin dirqaman
    • Ulaagaalee wixinee waliigaltee manneen hojii mootummaa gulaaluu ykn qopheessuu ilaalchisee  guutamuu qabu
  • Waliigaltee manneen hojii mootummaa barreefaman qophaa’ee dhiyaachuu qaba.
  • Qabiyyee waliigaltichaa ergama,kaayyoo aangoo fi gahee mana hojichaatiin waliitti hin buunee fi safuu hawaasa hin tuqinee ta’uu qaba.
  • Ragaalee sandaa barabaachiisoo ta’anii hundaa waliin walqkabatee dhiyaachuu qaba.
  • Waliigaltichii gulaalamuu ykn qophaa’ee laakkofsaa guyyaa mallattoo hoogganaa ykn I/A/hoggannaa fi caappaa mana hojichaa qabachuu qaba
    • Dirqama fi itti gaafatamummaa manneen hojii mootummaa jaarmiyaalee ummataa fi namootni harkaa qalleeyyii dhimmaa hariiroo hawaasarratti qaban
  • Ragaa mana hojii A/A hojii jechaa gaafatee kamiyyuu dhiyeessuu qaban
  • Qajeelfkama mana hojii Abbaa Alangaa irra hojiif jechaa kennamuu raawwachuu qaban
  • Waraqaa waamichaa himatama (de/kennaa) fi raga nama dhaqqabsiisuu qaban
  • Manneen hojii mootummaa deegarsaa konkolataa bobba’aa baasii adda addaa barbachiisuu fi
  • Kaffalitti durgoo raga battoota baasii fi kasaraa falmii keessatti mudatuu hundaa haguuguu qaba.
  • Namootni harka qalleeyyii ta’ani ilaalchisee kaffalitti abba seerummaa fi kasaraa murtee manni mjurtii garee abba mirgaatiif dhummarratti murteessuun alaati
  • Baasii fi kasaara falmii keessatti muddamuu goonkumaa kaffaluu kan hin dandeenyee ta’ee yeroof mana hojii A/Alangaatiin haguugamee dhummarratti hundi isaa heerregamee kazeenaa mootummaatiin galii taasifama.

Hojiiwwan tajaajilaa A/Alangaa hin kenninee

  • Dhaabbataa amantaa dhaabbataa siyaasaa yookiin paartii
  • Dhaabbataa idila adduunyaa
  • Afooshaa fi waldaa qabiyyee isaa aadaa fi amantaa ta’aniin alaatti

                                 Galatoomaa

              Dantaa Mootummaa fi Ummataa

               waliin taanee Hakabachiifnuu

Posted in hubannoo seeraa, Pdf

Yaada ADABBII SALPHISU WALIIGALAA SEERA YAKKAA ITOOPHIYAA KEEWWATA 82(1E) Vs SEERA YAKKAA KWT 575(1) (2) FI MURTII DHADDACHA IJIBBAATAA MANA MURTII WALIIGALAA FEDELAALAA JILDII 12FFAA LAKK.GALMEE IJIBBAATAA 62332 TA’E IRRATTI KENNAME

Xinxaala Dhimmaa lakk.3

Xinxaala  seera irratti hundaa’ee  taasifame

Qopheessaan Abdusalam M.

Seensa

 kaayyoon seera yakkaa biyya keenyaa nageenyaafi tasgabbii hawaasaa eeguu dha. Qaamoleen haqaa fi nageenyaas Hawaasicha kan eegu yakki akka hin raawwatamne ittisuun yoo ta’u, kanas karaa galmaan gahu keessaa tokko adabbiidha. Raawwattoonni yakkaa adabamuun isaanii akka yakka biraa raawwachuu irraa of qusatan isaan taasisa. Gara fuula duraattis namoota yakka raawwataniifis akeekkachiisa ta’a.Yakkii yeroo kamiyyuu hawaasa keessatti uumamu kan danda’u waan ta’eef kana wajjiin wal-qabatee Deemsa seeraa sirrii ta’e (Due process of law) hordofuun adabbiin  yakkamtoota irratti fudhatamuun waan hafuu miti. Gareen falmitoonni yaada adabbii bu’uura seera yakkaatiin kaa’ame erga dhiyeessan booda adabbiin ni murta’a. Adabbiin yommuu murtaa’u kewwata seeraa bu’uura  godhate haala ifaa ta’een kaa’amuu qaba. Manni murtii seera  deemsa falmii yakkaa bu’uura godhatee yaada bitaafi mirgaa erga fudhatee booda qajeelfama adabbii bu’uura godhachuun adabbii ni murteessa. Seerri  manni murtii murteessa adabbii keessatti bu’uura godhatu keessaa inni biroo Murtii dhaddacha Ijibbaataa Mana murtii Waliigalaa Federaalaati. Murtee dhaddacha ijibbaataatiin kennamu dirqisiisaa akka ta’an kan barbaachise, namni kamiyyuu tajaajila sirna haqaa wal-fakkaatu akka argatu taasiisudhaafi. Dhimmoota hanga ammaatti yaada adabbii waliin walqabatee dhaddacha ijibbaataa Mana murtii waliigalaa Federaalaatti dhiyaatanii murtaa’an keessaa dhimma  falmisiisaa tokko seeraan walbira qabnee kan ilaallu ta’a. Kaayyoon barreeffama gabaabaa kanaas dhimma qabatamaa dhaddacha ijibbaataa kanaan murtaa’e seeraan walbira qabnee xinxaaluun  gaaffii muraasa deebisuuf yaalla.

Gaaffiiwwan barreeffama Gabaabaa kanaan deebisuuf  yaalamu

  • . Seera Yakkaa kwt  575 (1) fi (2) jalatti Nama Balaa Irratti Argamu Gargaaruu Dhabuu akka yakkaatti ykn  Nama Balaa Irratti Argamu Gargaaruu akka dirqamaatti [ittigaafatamummaa namuu bahachuu qabuutti] kaa’amuun yaada adabbii salphisu Seera yakkaa kwt 82{1E} jalatti jiru[,Yakkamtichi yakkicha erga raawwatee booda dhugumaan kan gaabbe ta’uu isaa, keessumattuu nama miidhaa irratti qaqqabsiiseef gargaarsa barbaachisaa kennuun …..gaabbuu isaa gochaan kan agarsiise yoo ta’e] kan jedhu irraa fayyadamaa ta’uu ni dhoorkaa ?
  • Dhimmi nama dagannoon konkolaataan nama rukutee miidhamaa kaasee buufata fayyaa geessuun gargaarsa taasiseefi akkamitti ilaalama?
  • . Seerri yakkaa kwt 82(1E) jalatti  Yakkamtichi yakkicha erga raawwatee booda dhugumaan kan gaabbe ta’uu isaa, keessumattuu nama miidhaa irratti qaqqabsiiseef gargaarsa barbaachisaa kennuun …..gaabbuu isaa gochaan kan agarsiise yoo ta’e]  jechuun kan kaa’ame  yeroo akkamiiti hojiirra oola ?
  •  Qajeeltoo hiikkoo  seeraa ‘bakka hiikkoo seeraa barbaachisutti’ haala himatamaa deeggaruun hiikamuu qaba. jedhu waliin akkamitti ilaalama.?

          Mee Gaaffiiwwan armaan olitti ka’an deebisuun dura Tumaalee seera yakkaa armaan olitti ibsaman akka itti aanutti jecha kallatiin[ Verbatim…] haa caqasnu.

Keewwata 82. Sababoota Waliigalaa Adabbii Salphisan[2]

  1. Manni murtichaa murtii seeraan tumame osoo hin darbiin adabbii kan salphisu /keewwata 179/:
  2. Yakkamtichi hanga yeroo yakkicha raawwateetti amalli isaa yeroo hundaa gaarii yoo ta’eefi kan balleesses xiqqeenya beekumsaatiin, beekuu dhabuun, garraamummaan, yookiin mudannaa hin yaadamneefi tasaan yoo ta’e;
  3. Yakkamtichi yakkicha kan raawwate fedhii kabajamaafi faayidaa dhuunfaa irratti hin hundoofneen yookiin amantaa olaanaa amantiin, safuun yookiin hawaasummaan kaka’ee yoo ta’e;
  4. Yakkamtichi yakkicha kan raawwate dhabiinsa olaanaan yookiin dararama hamilee irra gaheen, wanti balaa cimaa fiduu danda’u kan itti aggaamame se’ee, sodaan qabatamummaa qabu irra gahee yookiin sababa dhiibbaa nama aangoo isaa jalatti inni ajajamuufiin yookiin isa bulchuun yoo ta’e;
  5. Yakkamtichi yakkicha kan raawwate amalli nama miidhamee qorumsa cimaarra isa buusee, kakaastummaa jeequmsa cimaatiin yookiin sababa arrabsoo saalfachiisuun yookiin aarii cimaaf, dararama yookiin dallansuuf kan isa saaxile yoo ta’e; yookiin haala dirqamsiisa olaanaa qabuun  miira jijjiiruun yookiin  jeequmsa miiraa sababa qabu keessa seenuun yoo ta’e; yookiin
  6. Yakkamtichi yakkicha erga raawwatee booda dhugumaan kan gaabbe ta’uu isaa, keessumattuu, nama miidhaa irratti qaqqabsiiseef gargaarsa barbaachisaa kennuun, yookiin badii isaa hubachuun qaamolee haqaatti ofkennuun yookiin hanga danda’ametti miidhaa badiin yakkichaa qaqqabsiiseef beenyaa kaffaluun gaabbuu isaa gochaan kan agarsiise yoo ta’e; yookiin himatamee yommuu mana murtiitti dhiyaate tarreeffama yakkaa himannaa irratti ibsame hunda kan amane yoo ta’edha.

Keewwata 575. Nama Balaa Irratti Argamu Gargaaruu Dhabuu[3]

  1. Namni kamiyyuu ofirratti yookiin garee sadaffaa irratti haala balaa hin geessisneen nama biroo balaa ulfaataa lubbuu, qaama, yookiin fayyaa isaarra gahuu danda’u keessatti argamu karaa kallattiin yookiin alkallattiin gargaaruu osoo danda’uu, itti yaadee osoo hin gargaariin kan hafe yoo ta’e; hidhaa salphaa ji’a jaha hin caalleen yookiin adabbii maallaqaatiin ni adabama.
  2. Balleessichi:
  3. haala yookiin mala kamiiniyyuu yoo ta’e miidhamticha irratti miidhaa kan geessise himatamtichuma yoo ta’e; yookiin
  4. Miidhamticha baraaruuf yookiin gargaaruuf dirqama ogummaa yookiin waliigaltee kan yaalaa, kan galaanaa yookiin seeraa biroo kan qabu yoo ta’e;

hidhaa salphaa ji’a tokkoo hanga waggaa lamaa gahuu danda’uufi adabbii maallaqaatiin ni adabama. jechuun ifaan tumamee jira.

Dhimma Qabatamaa

Gocha Yakkaatiin nama biraa irraan namni miidhaa qaqqbsiise miidhaa erga qaqqabssisee booda miidhamaa gara iddoo yaalaa geessuun qofti gocha isaatti kan gaabbe ta’uu agarsiisa jechuun adabbii ka’umsaa gadi bu’uun salphisaniifi  akka murtaa’u gochuun kan danda’amu akka hin taane  Seera  yakkaa kwt 543/3/,59/1/,575/2/,82/1/E/ Danbii fooyya’insa geejibaa lakk.279/56 kwt 35  irratti hundaa’uun DHIJMMWF Jildii 12ffaa Lakk.galmee dhaddacha ijibbaataa 62332 ta’een  gaafa guyyaa 29/9/ 2003 ዓ/ም  Iyyataa Obbo Zallaqa Kaasaayee fi  Waamamaan/deebi kennaan/:-A/Alangaa Federaalaa  gidduu falmii gaggeeffame irraa hubachuun ni danda’ama

Murtii Dhaddacha ijibbaataa kana salphatti akka hubatamuuf jecha jechaan Hamma danda’ametti Afaan Amaaraa irraa Gara Afaan Oromootti akka itti aanutti hiikuuf yaalamee jira.

   Murtii [4]

Dhimmichi himata yakkaa yoo ta’u Mana murtii Olaanaa Federaalaatti dhiyaatee kan ture Dagannoon nama Ajjeessuu kan jedhu ture.  Himatni Abbaan Alangaa dhiyeessee  ture  Himatamaan /iyyataan ammaa/ danbii fooyya’insa geejibaa lakk.279/56 kwt 35 fi seera yakkaa bara 1996 bahe kwt 543/3/ irra  darbuun konkolaataa konkolaachisu lakk.gabatee isaa 1-10432 አ/አ  ta’een muddee 20/2001 ganama irraa sa’aatii 1:30 irratti bataskaana Yohaannis bakka addaa naannawa  sebara Babur jedhamee waamamutti  Zebraa bakka qaxxaamura lafoo deemtotaa irratti dursa kennuu dhabuun nama Takluu geetaahun jedhamutti buusee dagannoon ajjeesseera kan jedhu ture. Himata kan dhagahe manni murtii ol’aanaa Federaalaa himatamaan himata isarra dhiyaate gochicha raawwachuu amanee garuu badii isaa ta’uu waan haaleef ragaa bitaaf mirgaa dhagahee seera yakkaa kwt 59/1/A/ fi 543/3/ jalatti balleessaadha jechuun yaada adabbii bitaaf mirgaa fudhachuun hidhaa cimaa waggaa tokkoo fi ji’a jahaa fi qarshii 10,000 akka adabamu murteessee jira.  Murtii kana Abbaan Alangaa Federaalaa komachuun Mana murtii waliigalaatti oliyyata dhiyeessee Manni murtichaas erga walfalmisiisee booda Adabbichi Hidhaa Cimaa Waggaa shaniitti olkaasee murteessuun adabbii maallaqaa bakkuma jirutti kan turu ta’uu murteessee jira.  Komiin amma dhiyaate murtii kana komachuun yoo ta’u iyyataan Abukaattoo isaatiin gurraandhala 14/2003  iyyata fuula sadi kan dhiyeeffate yoo ta’u ,qabiyyeen isaa gabaabinaan Sababoota adabbii salphisan adda addaa dhiyeessuu keenyaan Manni murtii ol’aanaan tilmaamaa keessa galchee kan salphiseefi ka’umsa irraa gadi bu’ee adabuun ifa ta’ee osoo jiruu  Manni murtii waliigalaa  Miidhamaa gara iddoo yaalaa geessuun koo seeraan jechunis seera yakkaa kwt 575/2/ jalatti dirqama bahachuu qabu  bahachuu dha malee jechuun hidhaa cimaa akka adabamu  murteessuun sirrii miti kan jedhuu dha. dhimmichi ni dhiyeessisa jedhamuun Abbaan Alangaa gaafa guyyaa 10/6/2003 deebii fuula lamaan kennee jira. Yaadni ijoon deebichaa sababoonni adabbii salphisu jedhame adabbii ka’umsa irraa kan gadi buusuu ta’uu dhabuun Murtiin mana murtii walii galaa federaalaan kenname murtii sirrii waan ta’eef akka cimu jechuun falmee jira. Abukaattoon Iyyataa deebii deebiirratti kennee jira. Falmiin bitaaf mirgaa dhiyaate gababinaan akka olitti ibsame yoo ta’u ,falmiin iyyata irratti dhiyaateen Ijoo qabamee fi Seera rogummaa qaban waliin ilaaluun qoratee jira.  Akka qoratettiis dhimma kanaan manni murtii waliigalaa iyyataan adabbii ka’umsaa /hidhaa cimaa waggaa shanii /gadi sababni ittiin adabamu hin jiru jechuu sirrummaa isaa ilaaluun furmaata argachuu kan qabu ta’uu argineerra.kana irratti hundaa’uun dhaddacha ijibbaataatiin dhimmichi ni dhiyeesissa yoo jedhamu Iyyataan balaa miidhamaa irra  erga qaqqabsiise booda jechuunis miidhamaan gargaarsa yaalaa akka argatu  taasisuun seera yakkaa kwt 82(1)E) irratti hundaa’uun Adabbicha salphisuufi kan qabuu dha moo miti ? kan jedhu waan ta’eef dhaddachiis ijoo dubbii kana irraa ka’uun qofa ilaaluun furmaata argachuu kan qabu ta’uu arginee jirra. Bu’uuruma irraa nama miidhaan irraa gahe ykn balaan irra gahaa jiru gargaaruu dhiisuun  ittigaafatamummaa yakkaa  kan hordofsiisu ta’uun seera yakkaa kwt 575 jalatti kan tumame ta’uun olitti miidhaa kan qaqqabsiise  himatamaa mataasaa yeroo ta’etti  immoo irra caalatti ittigaafatamummaa yakkaa kan qabu ta’uu seera yakkaa kwt 575(2) jalaa hubachuun ni danda’ama. himatamaan ittigaafatamummaa kana hin bahatin kanaafis ittigaafatamummaa yakkaa dabalataa yakka daddabalamaan gaafatamuu akka danda’uu fi iyyataan miidhamaa gara wirtuu yaalaa geessuun ittigaafatamummaa seera yakkaatiin irra kaa’ame bahachuu kan ilaalatu ta’uu hubachuun ni danda’ama. Gama biraatiin seera yakkaa kwt 82(1)E) irratti hundaa’uun himatamaan dhugumatti kan gaabbe ta’uu Manni murtii yoo hubate adabbii salphisuufi akka danda’uu fi dhugumatti gaabbuu isaa kan ibsan keessaa nama miidhaan irra gahe tokkoof gargaarsa barbaachisu gochuun ta’uu akka danda’u taa’eera. Kana jechun Garuu himatamaan miidhamaa gara wirtuu yaalaa geessuun qofti gocha raawwateef dhugumatti gaabbeera kan jechisiisu osoo hin taane dhimmicha sadarkaa jalqabaatiin ykn oliyyataan manni murtii ilaale akka waliigalaatti ragaa bitaa fi mirgaa dhagahuun fi madaaluun guduunfaa irra gahuu dha.   Iyyataan miidhamaa gara wirtuu yaalaa geessuun akka waliigalaatti adeemsa himannaa tilmaama  keessa galchuun iyyataan dhuguma gaabbee jira moo miti? qabxiin jedhu madaallii ragaa ta’uu fi Angoon dhaddacha ijibbaataa kanaa immoo heera mootummaa kwt 10 irratti hundaa’uun dogoggora seeraa bu’uuraa sirreessuu ta’uu wajjiin   Manni murtii oliyyata dhagahe  gama kanaan guduunfaa irra gahe fudhachuun sirriidha. kana irratti hundaa’uun iyyataan miidhamaa gara wirtuu fayyaa geessuun seera yakkaatiin dirqama iyyataa irra kaa’ame bahachuudha malee adabbii salphisuuf kan gahuu miti jechuun dogoggora seeraa bu’uuraa kan qabu ta’ee hin mul’anne.  kana irratti hundaa’uun murtiin itti aanu kennamee jira.                 Murtii[5]

  • MMWF Lakk.galmee 54154 dhaddacha gaafa guyyaa  24.2.2003 ዓ/ም ooleen murtiin kenname bu’uura s/d/f/y kwt 195 /2/c/tiin cimee jira. 

                       Xinxaala dhimmichaa [6]

Murtii Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii waliigalaa Federaalaa armaan olii  Ijoo dubbii isaan qabatan,Xinxaala seera rogummaa qabu irratti hundaa’uun gaggeessan guduunfaa (conclusion) isaan irra gahan irratti hundoofnee  yoo xinxaallu  Ijoon dubbii qabatame Iyyataan balaa miidhamaa irra  erga qaqqabsiise booda jechuunis miidhamaan gargaarsa yaalaa akka argatu  taasisuun seera yakkaa kwt 82(1)E) irratti hundaa’uun Adabbicha salphisuufi kan qabuu dha moo miti ? kan jedhu waan ta’eef dhaddachiis ijoo dubbii kana irraa ka’uun qofa ilaaluun furmaata argachuu kan qabu ta’uu arginee jirra.kan jedhu yoo ta’u  Xinxaala isaaniitiinis akka ibsanitti Bu’uuruma irraa nama miidhaan irraa gahe ykn balaan irra gahaa jiru gargaaruu dhiisuun  ittigaafatamummaa yakkaa  kan hordofsiisu ta’uun seera yakkaa kwt 575 jalatti kan tumame ta’uun olitti miidhaa kan qaqqabsiise  himatamaa mataasaa yeroo ta’etti  immoo irra caalatti ittigaafatamummaa yakkaa kan qabu ta’uu seera yakkaa kwt 575(2) jalaa hubachuun ni danda’ama. himatamaan ittigaafatamummaa kana hin bahatin kanaafis ittigaafatamummaa yakkaa dabalataa yakka daddabalamaan gaafatamuu akka danda’uu fi iyyataan miidhamaa gara wirtuu yaalaa geessuun ittigaafatamummaa seera yakkaatiin irra kaa’ame bahachuu kan ilaalatu ta’uu hubachuun ni danda’ama. dhuma irrattiis Guduunfaan ykn murtiin dhumaa isaan irra gahan Angoon dhaddacha ijibbaataa kanaa immoo heera mootummaa kwt 10 irratti hundaa’uun dogoggora seeraa bu’uuraa sirreessuu ta’uu wajjiin   Manni murtii oliyyata dhagahe  gama kanaan guduunfaa irra gahe fudhachuun sirriidha. kana irratti hundaa’uun iyyataan miidhamaa gara wirtuu fayyaa geessuun seera yakkaatiin dirqama iyyataa irra kaa’ame bahachuudha malee adabbii salphisuuf kan gahuu miti jechuun dogoggora seeraa bu’uuraa kan qabu ta’ee hin mul’anne. jechuun murtii Mana murtii waliigalaa cimsanii jiru.

As irratti gaaffiin deebii argachuu qabu .

  • Seera Yakkaa kwt  575 (1) fi (2) jalatti Nama Balaa Irratti Argamu Gargaaruu Dhabuu akka yakkaatti ykn  Nama Balaa Irratti Argamu Gargaaruu akka dirqamaatti [ittigaafatamummaa namuu bahachuu qabuutti] kaa’amuun yaada adabbii salphisu Seera yakkaa kwt 82{1E} jalatti jiru[,Yakkamtichi yakkicha erga raawwatee booda dhugumaan kan gaabbe ta’uu isaa, keessumattuu nama miidhaa irratti qaqqabsiiseef gargaarsa barbaachisaa kennuun …..gaabbuu isaa gochaan kan agarsiise yoo ta’e] kan jedhu irraa fayyadamaa ta’uu ni dhoorkaa ?
  • Seerri yakkaa kwt 82(1E) jalatti  Yakkamtichi yakkicha erga raawwatee booda dhugumaan kan gaabbe ta’uu isaa, keessumattuu nama miidhaa irratti qaqqabsiiseef gargaarsa barbaachisaa kennuun …..gaabbuu isaa gochaan kan agarsiise yoo ta’e]  jechuun kan kaa’ame  yeroo akkamiiti hojiirra oola ?
  • Qajeeltoo hiikkoo  seeraa ‘bakka hiikkoo seeraa barbaachisutti’ haala himatamaa deeggaruun hiikamuu qaba. jedhu waliin akkamitti ilaalama.?jedhu yoo ilaalle .

Tumaalee armaan olii yommuu ilaallu kwt 82 (1E) jalatti bifa ifa ta’ee fi nama hin shakkisiifneen Sababota adabbii salphisan waliigalaa keessaa Yakkamtichi yakkicha erga raawwatee booda dhugumaan kan gaabbe ta’uu isaa, keessumattuu,nama miidhaa irratti qaqqabsiiseef gargaarsa barbaachisaa kennuun,….gaabbuu isaa gochaan kan agarsiise yoo ta’e jechuun ifaan caqasee jira. tumaan lammaffaa seera yakkaa keewwata 575 (2)jalatti immoo balleessichi haala yookiin mala kamiiniyyuu yoo ta’e miidhamticha irratti miidhaa kan geessise himatamtichuma yoo ta’e; gargaarsa barbaachisaa kennuu yoo dhabe yakkaan kan isa gaafachiisu ta’uun caqasamee jira. tumaa seeraa lamaan kana yoo ilaalle iddoon inni itti walfaallessu hin mul’atu. kana malees iddoon argama isaas keewwatni 82(1)E) seera yakkaa kutaa waliigalaa keessatti kan argamu yoo ta’u keewwatni 575 immoo seera yakkaa kutaa Addaa keessattii dha.  waan ta’eef namni tokko [yakkamaan tokko] gargaarsa barbaachisu nama miidhaa irra qaqqabsiiseef  taasisuu dhabuun yakkaan  adabsiisuun isaa jiraatus namni gocha yakkaatiin nama biraa irraan miidhaa erga qaqqabsiise booda miidhamaa gargaaruun akka sababa adabbii salphisuutti fudhatamuuufi wanti dhoorku hin jiru. gocha isaatti gaabbuu gochaan agarsiisuun kana caalu waan hin jirreef, Gama biraatiin immoo gaabbuun miira (feeling) keessoo waan ta’eef gochaan yeroo ibsamu miidhamaa gargaaruun ibsamuu danda’a.  fkn. Dhimmi nama dagannoon konkolaataan nama rukutee miidhamaa kaasee buufata fayyaa geessuun gargaarsa taasiseefi  keewwata kana jalatti yommuu adabbiin kennamu sababa adabbii salphisuutti qabameefi fayyadamaa ta’uu  danda’a.  Haala kanaan  sababoota adabbii salphisan jedhamee kaa’ame kana irraa fayyadamaa ta’uu yoo baate yeroon itti tumaan kun hojiirra ooluu danda’u yeroo akkamiiti ykn gargaarsi barbaachisu kan akkamitti jechuun gaaffii ta’uu danda’a. Kaayyoo dhumti seera baastonni tumaalee kanneen tumaniif gaaffii ta’uu danda’a .

Tumaaleen kunneen osoo ifa ta’uu baatee illee akkaataa qajeeltoo hiikkoo seeraatti seerri iftoomina yoo dhabee hiikoof saaxilamaa ta’e haala himatamaa deeggaruun hiikamuu akka qabu waan nama walfalmisiisuu miti.

Sigimoo Jimmaa Oromiyaa.

.


[1] LLB, MHAAGJtti A/Alangaa Aanaa Sigimoo

[2] seera yakkaa Itoophiyaa labsii lakk.414/1996

[3] kan armaan olii

[4] DHIJMMWF Jildii 12ffaa Lakk.galmee dhaddacha ijibbaataa 62332 ta’een  gaafa guyyaa 29/9/ 2003 ዓ/ም  Iyyataa Obbo Zallaqa Kaasaayee fi  Waamamaan/deebi kennaan/:-A/Alangaa Federaalaa  gidduu falmii gaggeeffame irratti murtii kenname (hiikaan afaanii qopheessaa barreeffamichaa ti.)

[5] kan armaan olii lakk.4

[6] Xinxaala Yaada dhuunfaa barreessichaa

Posted in hubannoo seeraa, Pdf, Prodcusting audio video

Barruu Xinxala Seeraa Murtii MMF dhadacha Ijibbaata irarttii taasifamee. Pdf

Qophessaan xinxala kanaa Mulugeeta M

MHAAGJttii AA Aanaa Cooraa Botor

Dhimmootni RTD dhaan ilaalaman mirga of irraa ittisuu shakkamaa kan hin sarbine ta’uu seerotaa fi Murtii dhaddacha Ijibaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa Jildii 17ffaa Lakk.Galmee 100712 ta’e irratti kenname

Barruu:- Xinxala Seeraa.

Qophessaan:- Mulugeta M.[1]

 

Bitootessa 2013

Jimmaa, Oromiyaa

  1. Seensa waligalaa

Namni himatame akkuma nama kamiyyuu mirgoota daangaa seeraa keessatti kabajameef qaba.Mirgoota kana keessaa mirga murtii saffisaa argachuun isa tokkoodha.Mirgi kunis Heera Mootummaa Federaalaa Dimookraatawaa Rippublika Itoophiyaa keewwata 20(1) irraa hubachuun ni danda’ama.Gama biraatin immoo dhimmi yakkaa osoo wal-irraa hin ciccitin yeroo gabaabaa keessatti kan dhagahamuu  fi xummuramuu qabu ta’uu seera deemsa falmii yakkaa irraa hubachuun ni danda’ama.Kana qofa osoo hin taane seerota idila addunyaa biyyi keenya mallateessite keessa tokko kan ta’e Konveenshiniin Mirga sivilii fi  siyaasaa mirga kanaaf beekkamtii fi eegumsa kenneet jira.Haa ta’u malee gaalee yeroo gabaabaa jedhu kun hiikoof kan saaxilame waan ta’eef  dhimmuma walfakkaataa irratti murtiin kennamu garaagarummaan guyyootaa,torbanii fi darbees baatidhaan lakkaa’amu akka uumamu ta’eet jira.Kana Furuudhaaf jecha immoo yaadrimeen Tooftaa Saffisa Adeemsa Falmii Yakkaa (TSAFY) yookiin RTD (Real time Dispach) jedhu hojii irra ooluu danda’eera.Haa ta’u malee gama ogeessota adda addaatin ilaalchi fi hubannoon yaadrimee kana irratti muldhatu(mul’atu)murtiiwwan adda addaa akka kennamaniif sababa ta’aat jira.

Garaagarummaa ilaalchota dhimma kana irratti muldhatan (Mul’atan) keessaa mirga of irraa ittisuu himatamaa dhiphisaa, hanga murtiin dhumaa kennamutti mirga qulqulluu ta’ee tilmaamamuu himatamaa sarbaa.Mirga Abukkaattoo isaa faana mari’achuu sarba kan jedhan isaan ijoodha.Kanuma bu’ura godhachuudhaan dhugumayyuu tooftaan Saffisa Adeemsaa Falmii Yakkaa(TSAFY) yookiin RTD  mirga of irraa ittisuu(ragaa ittisaa dhiyeeffachuu)  himatamaa sarba moo? hin sarbu? kan  jedhu barreeffama kana keessatti kan ilaallu ta’a.

Seenaa Dhufaatii

Adeemsi murtii battalaa (TSAFY) yookiin RTD dhuma bara 1994(GC) irratti biyya Faransaayitti kan jalqabamee fi booda irra gara guutuu Faransaayitti kan babaldhate(babal’ate) ta’uu odeeffannoowwan gama kanaan barreeffaman ni muldhisu(Mul’isu).Booda irra immoo bara 2006(Gc) biyya Yunaayitid Kingdam(UK)tti moggaasa ‘Next Day Justice’ jedhuun jijjiirama guddaa akka fide himama.Biyya Faransaayitti “Real Time Dispatch” Britaaniyaatti “Next Day Justice”kan jedhamu adeemsa addaa osoo hin taane tooftaa addaati.(RTD is not  a special procedure as such.It is rather a technique).Yeroo baay’ee dhimmootni kun hojii irra kan oolan yakkoota harhaaf harkatti qabamaniifi.

Akka Biyya keenyaatti yeroo jalqabaatif dhimmi kun kan hojiirra oole biyya Harargeetti kabaja Ayyaanaa Gabreelii Qullubbiitti.Ergaa ennaa sanaati jala bultii Barkumee Itoophiyaatii jalqabee Magaalaa Finfinneetti kan ittiin hojjatamaa jirudha.Kana Qofaa osoo hin taane Biyya Hawaasaatti kabaja ayyaana Gabreeli irratti yakkoota harkaa fi harkaa irratti adeemsi kun kan baldhinaan itti  hojjatamaa jiruudha..

                         Muuxannoo Biyya Ambaa

1.Faransaay:-Biyyi kun wixinneessituu yaada kanaa akka taate ni beekama.

Ulaagaawwan biyya kanatti itti fayyadaman yoo ilaallu

  • Dhimmichi RDT’f mijataa ta’uu qaba
  • A/A fi Himatamaan /Abukaattoon isaa dhimmichi RTD dhaan akka ilaalamu waliigaltee irra gahuu qabu.
  • Gochi Yakkaa raawwatame hidhaa waggaa 7 olii kan hin  adabsiifne ta’uu qaba
  • Himatamaan Abokaattoo ittisaa faana dhiyaachuu qaba.
  • Dhimmi guyyaa 1tti hin xummuramu yoo ta’e himatamaa hanga guyyaa 5tti to’annaa jala tursiisuun ni danda’ama.

2.Biyya Inglaand

  • Aangoo Poolisiitii
  • Aangoo galmee cufu qaba.
  • Poolisiin dhimmichi adeemsa seeraa keessa darbuu qaba jedhe yoo itti amane A/Alangaatti dabarsa.
  • Jalqaba dhimmichi RDT dhaan kan ilaalamu ta’uu seeraan tumamuu qaba.
  • Aangoo M/Murtii Maajistireetii jalatti kan kufu ta’uu qaba.
  • Hanga hidhaa baatii 6’tiin kan adabsiisu ta’uu fi
  • Himatamaan gocha yakkaa kan raawwate ta’uu amanuu qaba.

3.Muuxannoo  Biyya Keenyaa

Immaamata haqa yakkaa bara 2003 bahe irratti qaamotni haqaa yakkoota harkaaf harkaa qabiyyeen ragaa isaanii walxaxaa hin taanee fi yakkoota biroo sirna gabaabaan yeroodhuma sana M/Murtiif dhiyaatanii murtii akka argatan hojiimaata hojii irra oolchu jechuun ibsee jira.

Yakka harkaa fi harkaa fi yakkoota biro adeemsa gabaabaadhan akka ilaalaman murteessuuf aangoo kan A/A ta’uu ibsa.Kana yommuu murteessu garuu haala waliigala yakkichaa,qabiyyee fi dandeetti ragaa akkasumas fedhi miidhamaa fi shakkamaa ilaalcha keessa kan galche ta’uu seera deemsa falmii fi seerota biroo keessatti ifaan tumama ergaa jedhu qaba.Haa ta’u malee seera deemsa falmii yakkaa keessatti yakkoota harkaa fi harkaatin walqabatee haala eeru fi himannaan itti dhiyaatu ilaalchisee s/d/f/y/keewwata 21(1) jalatti yakkoota iyyannoo dhuunfaatin dhiyaatan irratti eerus ta’ee himannaa dhiyeessu osoo hin barbaachisin himannaa dhiyeessun ni danda’ama ergaa jedhu qaba kun hamma ta’e dhimmichi akka saffisaan ilaalamu furmaata kan kaa’e fakkaata haa ta’u malee yeroo hammamii keessatti isa jedhu hin ibsine.

4.Naannoo Oromiyaa

Jiijjiiramni Bu’uraa Adeemsa Hojii(JBAH)’n bara 2006 fooyya’ee bahe akka ibsutti dhimmi tokko RTD dha jedhamee ilaalamuuf ulaagaawwan guutamuu qaban:-

  • Yakka harkaa fi harkatti qabaman
  • Gocha yakkaa raawwatamee qoratamuun sa’aatii 48:00 keessatti himatni M/Murtii yoo dhiyaate
  • Bu’aan ragaa teeknikaa yookiin taaktikaa deeggaramuu qabu sa’aatii 48:00 keessatti walqabatee dhiyaachuu yoo danda’e
  • Yakki raawwatame miidhaan isaa fulduratti bu’aa gara biraa kan hin hordofsifne ta’uun isaa yoo mirkanaa’ee beekame.

Kanaaf barreeffamoota armaan olii irraa akka hubannutti dhimmichi raawwatamee sa’aatii 48 keessatti mana murtii dhiyaatee yoo murtii argate ta’uu hubanna.Haa ta’u malee gama kamiin mirga of irraa ittisuu himatamaa sarba kan jedhu irratti garaagarummaa ilaalchaa yoo ta’e malee seerichi waanti ifaan kaa’u jiraachuu baatus waanti ifaan hin dhorkamne immoo akka eeyyamametti lakkaa’ama qajeeltoo jedhu fudhachuudhaan me dhimma armaan gadii kana haa ilaallu.

Xinxala dhimmaa

Murtii Dhaddacha Ijibaataa M/M Waliigala Federaalaa Jildii 17 lakk.galmee 100712 irratti

Dhimmootni RTD dhaan ilaalaman mirga of irraa ittisuu himatamaa kan hambisu danda’an himatamaan karaa ifa ta’een mirga of irraa ittisuu isaa kan dhiise ta’uu yoo mirkaneesse qofa.

Murtiin dhaddachi kun kenne jildii 17ffaa lakk.galmee 100712 irratti yommuu ta’u dhimmichi kan jalqabe waamamaan ammaa iyyataa ammaa irratti himannaa dhiyeesse bu’ura godhachuudhani.Kunis iyyataan ammaa seera yakkaa MFDRI bara 1996  bahe keewwata 669(2) irra darbuun badhaadhina hin malle ofii argachuuf yookiin nama biroof argamsiisuuf yaadee gaafa guyyaa 18/02/2006 tilmaamaan guyyaa keessaa sa’aatii 6:00 yommuu ta’u kutaa addaa Kolfee Qaraaniyoo Aanaa 02 bakka addaa dhaabbata oomisha bu’aa pilaastikaa Kaarra Qoree Dagaamaan jedhamu keessatti Hojii Gaggeessaa(dura bu’aa) ta’ee qacaramee osoo hojjachaa jiruu qabeenya miidhamaa dhuunfaa Amaara Abrahaam kan ta’an pilaastika meeshaa dheedhii kophee karaxixi dhibba tokkoof  shantama,gatiin karaxixix tokkoo qarshii 1100(kuma tokkoof dhibba tokko) waliigala tilmaama qarshii 165,000(Kuma dhibba tokkoo fi jahaatamii shan) baasu fudhatee himatamaa 2ffaa obbo Darajjee Fiqaaduutti kan gurguree qabame waan ta’eef yakka hannaa cimaa raawwateef himatame kan jedhudha.Himatamaanis M/Murtii dhiyaatee himannaan A/A dubbifameefi akka hubatu erga taasifamee booda jecha amantaa fi waakki gaafatamee kan waakkate waan ta’eef A/A ragoota himannaa isaa mirkaneessaniif dhiyeessee dhageessiseera.

Kana booda ragoonni A/A irratti kan  mirkaneessan ta’uu hubachuun ragaa ittisaa fedhii iyyataatin kan bira darbe ta’uu caqasuun keewwatuma A/A himate jalatti balleessaadha erga jedhee booda bu’ura qajeelfama adabbiitin xinxaluu isaa caqasee hidhaa cimaa waggaa 8 fi baatii 5 akka adabamu murteesse.Iyyataanis murtii kana komachuun M/Murtii Ol’Aanaa Federaalaatti dhiyeeffachuun bitaaf mirgi erga wal falmaniii booda murtiin balleessuma Mana Murtii jalaa kan cime ta’us murtii adabbii kenname irratti garuu akkaataa qabiinsa sababoota adabbii cimsanii fi salphisan irratti dogoggorri kan jiru ta’uu fi dogoggora sana kan sirreesse ta’u ibsuun iyyataa hidhaa cimaa waggaa 6 fi baatii 6 tin akka adabamu murteesse.

Iyyatni ijibaata amma dhiyaate kun murtii kana komachuun yommuu ta’u qabiyyeen bu’uraa iyyatichaas manni murtii jalaa raga ittisaa nan qaba osoon jedhuu raga ittisaa iyyataa osoo hin dhagahin kan darbe   A/A yakkichi raawwatamuu isaa hin mirkaneessine,yakki raawwatamee jedhamee fi keewwatni caqasame kan wal hin simne  fi murtiin adabbii kenname sirri miti sababoota jedhan kan qabateedha.Iyyatichi qoratamee mirgi raga ittisaa himatamaa kan bira darbame sirrii ta’uu fi dhiisuu isaa qulqulleessuuf dhaddacha kanatti akka dhiyaatu kan taasifame yommuu ta’u waamamaanis dhiyaatee bitaaf mirgi barreeffamaan akka walfalman taasifameera.Akkasumas galmeen haadhoon mana murtii jalaa akka dhiyaatu taasifameera.

Jalaa Dhufaatin dhimmichaa gabaabinaan akka armaan olittii  ibsame yommuu ta’u dhaddachi kun falmii bitaaf mirgaa murtii iyyata ijibaataaf ka’umsa ta’e tumaalee seeraa faana mirkaneessun ni dhiyeessisa jechuun ijoo qabame faana akka itti aanutti qorateera.

Iyyataan balleessaadha kan jedhame ragoota A/Alangaa dhiyeefateen iyyataan ragaa ittisaa hin qabu akka jedhe barreeffamaa fi jechaan mana murtiif mirkaneesse ta’uu garagalcha murtii Mana Murtii jalaa irraa hubanneerra.Iyyataan sadarkaa ijibaatatti immoo ibsi mana murtii jalaa kun fedhii isaanitiin ala galmaa’u fi raga ittisaa dhiyeeffachuuf gaaffii dhiyeeffatanii kan ture ta’u ibsuun falmaniiru.

Bu’urumaan mirga namoota himatamanii seeraan eegameef keessaa tokko raga isaan irratti dhiyaate kamiyyuu ilaaluu,ragoota isaan irratti dhiyaatan gaafachuu,ragaa ittisaaf isaan fayyadu dhiyeeffachuu yookiin dhiyeessifachuu akkasumas ragoonni isaani dhiyaatanii akka dhagahamaniif gaafachuu akka ta’e Heera Mootummaa FDRI keewwata 20(4) kan tume yommuu ta’u mirgi kun bu’ura Heera Mootummaa keewwata 9(4) tin waliigalteewwan Idila Addunyaa qaama seera biyyatti ta’en eegumsi kan taasifameef ta’uu waliigaltee Mirga Sivilii fi Siyaasaa keewwata 14(3)(B) irraa hubachuun ni danda’ama.Mirgi himatamaa tumaalee kana jalatti ibsaman kan hubachiisu himatamaan tokko ragaa hin taaneen balleessaa akka hin jedhamnee fi gama himataatinis ragaan dhiyaate yoo ta’e gama isaatin gocha balleesaa kan hin raawwannee fi qulqulluu ta’uu isaa ibsuu haala itti danda’u ta’uu dha.Kanaaf himannaa isa irratti dhiyaateef ittisa dhiyeeffachuuf waantoota barbaachisoo ta’anii fi yeroo gahaa argachuu akka qabu seerichi ni hubachiisa.Himatamaan mirga of irraa ittisuu heera mootummaan eegumsi taasifameef akka seeraan fayyadamu gochuun(Taasisuun) itti gaafatamummaa mana murtii ta’uu hafuura fi qabiyyee tumaa  heera mootummaa keewwata 13(1) fi (2)  irraa dhimma hubannuu dha.Kana ta’uu isaatin mirga of irraa ittisuu himatamaa bira darbuun kan danda’amu himatamaan mirga isaa kan itti hin fayyadamne ta’uu ifaan mana murtiif yommuu mirkaneessu qofa akka ta’e hafuura tumaalee irraa kan hubannuudha.Himatamaan mirga isaa dhiisuu bakka hin mirkanoofnetti garuu himatamaan mirga of irraa ittisuu dhiisera ibsa jedhuun manni murtii xinxala isaa irratti qofa caqasun seerummaa kennuun adeemsa sirrii miti.

Dheerina dhimmoota hambisuuf jechuudha tooftaan adeemsa murtii battalaa RTD kaayyoon isaa bu’uraa dhimmoota raga walxaxaa hin qabne haala salphaan murteessuf hojiimaata diriirsuun alatti mirgoota himatamaa heera mootummaa fi seerota biro raawwatinsa qabaniin egaman haala miidhuu danda’uun hojii irra oolchuu akka hin taane ni beekama.Kana ta’uu isaatin mirgootni seeraan eegamanii fi adeemsi seerummaa galumsa seeraatin hoojirra olchuun seerummaa kennuun alatti dhimmi tokko adeemsa murtii battalaa RTD bu’ura godhatee dhiyaachuu isaatin qofa kan hafu miti. Adeemsa murtii battalaa RTD bu’ura godhachuun dhimmi ilaalamu mirga of irraa ittisuu himatamaa dhiisuuf kan dandeessisu himatamaan mirga isaa kana haala shakkii hin uumnen dhiisuu isaa yoo mirkaneessedha.

Dhimma qabannetti yommuu deebinu manni murtii jalaa dhimmicha kan ilaale hojimaata adeemsa murtii battalaatin  yommuu ta’u iyyataa balleessaa kan taasise raga A/Alangaatin itti mirkanaa’ee ragaa ittisaa akka qabu gaafatamee ragaa ittisaa nan qaba jechuun dhaddachaaf jechaafi barreeffamaan kan mirkaneesse sababa jedhuun ta’uu qabiyyee murtii irraa ilaallerra.Barreeffamni mana murtii jalaa kun iyyataan karaa tokkoon barreeffamaanis ta’ee jechaan ragaa ittisaa nan qaba jechuu kan agarsiisu yommuu ta’u gama biraatin immoo iyyataan raga ittisaa kan hin qabne ta’uu ibsuu kan mirkaneessedha.Barreefama mana murtii jalaa iftoomina dhabe kana dhugummaa isaa hubachuuf jecha galmee haadhoo dhiyeessifnee ilaallerra.Galmee mana murtii jalaa akka ilaaletti manni murtii jalaa iyyataadhaan jala murtii of irraa ittisi onkololeessa 28 bara 2008 dhaddacha ooleen yommuu kennu Jala Murtii guca/foormii dursee qophaa’een  guutamee kan kenname yommuu ta’u qabiyyeen isaas iyyataan ragaa ittisaa hin qabu jechuun ibsuun kana kan ibse immoo dhaddacha irratti barreeffamaa fi jechaan ta’uu kan ibsu ta’us iyyataan jechaan ibsuu isaa Jala murtiin ala waraqaa dhaddachaa irratti kan hin galmoofne barreeffamaan mirkaneessera jechi jedhus sanadoota galmicha keessa jiran keessa kan hin jirre ta’uu dhaddachi kun hubateera.Kana ta’uu isaatin manni murtii jalaa foormii jala murtiif fi murtii dursee qophaa’e yommuu guutu jechootaa fi gaalewwan qalamaan(iskiribtoodhaan) haqee iyyataan ragaa ittisaa hin qabu jedhe jechaa fi barreeffamaan mirkaneessera jechuun raga ittisaa dhagahuu kan darbe ta’us ragaan kana mirkaneessu dhabamuun isaa galmee haadhoo mana murtii jalaa irraa hubanneerra.Karaa kanaan dhimmicha yommuu ilaallu iyyataan mirga seeraan eegameef mirga ragaa ittisaa dhageessifachuu manni murtii jalaa kan darbe iyyataan ifatti mirga isaatti fayyadamuu dhiisuu osoo hin mirkaneeffatin ta’uu isaatin murtiin dhimmicha irratti kenname dogoggora seeraa bu’uraa ta’e kan qabu ta’ee argineerra.

Yaada Xummuraa

Kanaaf  akka waliigalaatti dhimmoota armaan olitti tarraa’an yommuu cuunfinee ilaallu muuxannoowwan biyya alaa keessattis ta’ee akka biyya keenyaatti jiran irratti dhimmi tokko adeemsa murtii battalaa(RTD) dhaan ilaalamuun isaa mirga of irraa ittisuu himatamaa kan hin sarbine ta’uudha.Dabalataan  xinxala dhaddacha ijibaata kanaa irraa kan hubannu dhimmichi adeemsa murtii battalaatin(RTD) dhaan ilaalamuun isaa qofti mirga of irraa ittisuu himatamaa kan hin sarbine ta’uudha.Haa ta’u malee mirgi kun kan bira darbamuu danda’u himatamaan ifaan ifatti mirga kanatti fayyadamuu kan hin barbaanne ta’uu haala shakkii hin uumneen jechaa fi barreeffamaan yoo ibseedha.Kana jechuun akka qajeeltotti dhimmotni adeemsa murtii battalaatin (RDT) ilaalaman mirga of irraa ittisuu hin sarban garuu immoo haala addaatin himatamaan fedhii yoo qabaate bira darbamuu danda’a  fedhii isaa kanas ifaan yoo ibse qofa ta’a jechuudha Kanaaf mirgi of irraa ittisuu himatamaa mirga heera mootummaa biyya keenyaanis ta’ee seerota idila addunyaa biyyi  keenya mallatteessitee keessatti eegumsi taasifameef  kana hojii irra oolchudhaan walqabatee garuu of-eeggannoo qaamni hunduu taasisuu akka qabuudha.Sababni isaammoo yakkoota RTD dhaan ilaalaman irratti dhimmichi RTD dhaan ilaalamun isaa qofti mirga of irraa ittisuu himatamaa kan hin sarbine ta’uu hubatamee qaamoleen haqaa hundi gahee isaanii bahachuu akka qaban hubatamuu qaba.

Mulugeetaa Magarsaa

Aanaa Cooraa Botor

Jimmaa Oromiyaa.

.


[1] Mana Hojii abbaa alangaa godina jimmaattii Abbaa Alangaa Aanaa Cooraa botoor fi qo’ataa seeraa. (LL.B)

Posted in hubannoo seeraa, Labsif qajelfamota, laws proclamation, Pdf

Mirga shakkamtootaa fi dirqama daldaltoota. Barruu xinxala seraa pdf

  1. Seensa

Biyyootni addunyaa garaagaraa haala guddina, dinagdee, siyaasa fi ulaagaawwan biroo bu’ura godhachuudhaan sirna dinagdee adda addaa kan hordofan ta’uun isaanii ni beekama. Kunis sirna dinagdee ajajaan (karooraan) hogganamu (command economy), sirna dinagdee gabaa bilisaa (free market economy) fi sirna dinagdee makaa (mixed economy) fi kkf jedhamuun beekamu.

Sirna Dinagdee Ajajaan (karooraan) Hoogganamu jechuun sirna mootummaan meeshaa oomishamu,hangam akka oomishamu fi gatii oomishni sun ittiin gurguramu itti murteessu jechuudha.

Sirna gabaa bilisaa Jechuun sirna dhiyeessi fi fedhii irratti hundaa’u ta’ee to’annaa mootummaa muraasa ta’een kan hoogganamuudha. walumaagala gabaa waljijjiiraa fedhii irratti hundaa’e ta’uu hubanna. Sirna dinagdee makaa kun immoo makaa sirnoota lamaan armaan oliiti.

Bu’uruma kanaan biyyi keenya akkuma biyyoota biroo sirna diinagdee hordoftu qabdi.Kunis sirni dinagdee biyyi keenya  hordoftu sirna gabaa bilisaati.Akkuma beekamu sirnichi kan  hoogganamu fedhii fi dhiyeessii irratti yommuu ta’u hirmaannaan mootummaa kan daanga’e (muraasa) ta’uu hubanna.Sirni kun immoo akka biyya keenyaatti sadarkaan guddina isaa hanga kana kan hin jedhamne waan ta’eef rakkinoota walxaxaa adda addaa yommuu saaxilamu ni muldhata.

Yeroo baay’ee gara suuqiwwan daldalaa yommuu seennu sababoota hin beekamneen gatiin meeshaawwanii garaagarummaa guyyaa fi sa’aatii keessatti dabalee muldhata.Kun immoo gama shammattootaatin komiiwwan adda addaa akka ka’an sababa ta’aat jira.

Sababoota gatiin akka dabalu taasisan

Sababoonni armaan gadiitti tarraa’an gatiin meeshaalee akka dabaluuf dhimmoota ka’umsa ta’an akka ta’e odeeffanoon toora intarneetii irrraa argame ni muldhisa.

1.Oomisha :-Akka biyyaattis ta’e akka addunyaatti oomishni yoo xiqqaate gatii dabaluu danda’a.kana jechuun biyyootni dinagdeen guddatan oomisha isaan barbaachisu oomishuu yoo dadhaban oomisha sana gabaa addunyaa irraa bitachuuf dirqamu yeroo sana gatiin oomishaa dabaluu danda’a.Bara 2014 biyyi Hindi sababa rakkoo uumamaatin ruuzii oomishuu hin dandeenye sababa kanaan fedhiin ruuzii dabalee.Fedhii ruuzii dabale  ture kana gabaa addunyaa irraa bitte sababa kanaan hanqinni ruuzii akka addunyaatti waan uumameef sun immoo gatiin ruuzii sadarkaa hin eegamneen akka dabaluuf sababa ta’e.

 2.Gatii Oomishaa:- Gatiin oommishaa galtee oomisha sanaaf fayyadan irratti kan hundaa’udha. Kunis firii, xaa’oo, bishaan, meeshaalee oomishaa fi haala qilleensaati. Dabalataan immoo gatiin meeshaa gurguramu tokko baasii meeshaa kana oomishuuf bahe kan dabalatu ta’a. (baasii humna namaa,baasii meeshaa dheedhii,baasii kuusaa,baasii suphaa fi kkf kan dabalatu ta’a.)

3.Hirdhina(Hir’ina)bakka kuusaa:-Bakki kuusaa gahaa ta’e dhabamuun qulqulina meeshaa fi gatii isaa irratti dhiibbaa qaba.Yeroo baay’ee qonnaan bulaan sodaa kanaatif jecha fedhii oomishuu isaanii gadi bu’a.Kanaaf jecha yeroo baay’ee mootummaan magaalota gurguddoo irratti kuusaa qopheessa ta’us garuu kunis gahaa ta’uu dhaba.

4.Haala gabaa:-Akka biyyaatti immaamatni mootummaa hala gabaa to’atu jiraachuu dhabamuun isaa Oomisha irratti kan itti dadhabu qonnaan bulaa ta’ee osoo jiruu daldaltoonni naamusa hin qabne qonnaan bulaa fi uummata jidduu seenudhaan gatii oomishaa daran akka dabalan karra banaafii jira.

 5.Rakkoo kominikeeshini:-Rakkoon kominikeeshinii gatiin oomishaa akka dabalu carraa uuma.Kana jechuun bakka hanqinni oomishaa hin jirreetti akka waan hanqinni oomishaa uumame fakkeessun namootni muraasni fayyadamuun gatiin oomishaa(meeshaa) akka dabalu taasisu.

6.Oomishni biyyatti galuu fi biyyaa gara biyya alaatti ergamu walmadaaluu dhiisuu. 

Dhugaan jiru kana ta’ee osoo jiruu daldaltoonni tokko tokko bakka hanqinni oomishaa hin jirreetti yookiin sababootni biroo gatiin akka dabalu taasisan bakka hin uumamnetti daldaltoonni oomishaa fi tajaajila irratti gatii dabalu waan ta’eef kun immoo gufuu sirna gabaa keenyaa akka ta’e raga gahaadha.Kana qofa osoo hin taane sirni daldalaa keenya namoota muraasaan qofa kan qabame ta’uun isaa akkasumas shammattootaaf oomisha qulqulina hinqabnee fi sadarkaa isaa hin eegganne dhiyeessuu,oomishaaf gatii baay’ee ol ka’aa dhiyeessu,oomisha waan ormaa faana makuun gurguruufi daldalli seeraan ala fi kkf kan baay’atu ta’uun sirna gabaa  miidhaa jira.

Kana irraa hubachuun kan danda’amu rakkinootni kun gama tokkoon sirna gabaa bilisaa biyyattii daran kan miidhu ta’uu isaatiin dabalatatti rakkoon shammattoota irraan gahu ol’aanaa dha.Kanaaf dinagdee keenya jilbibbiidhaan deemu itti fufsiisuuf rakkoo gama dorgommii daldalaa fi mirga shammattootaa irratti muldhatu furuuf gama hawaasaatinis ta’ee daldaltoonni mirgaa fi dirqama isaanii beekanii akka tarkaanfatan mootummaanis gama isaatiin gahee isaa akka bahu daangaa seeraa kaa’anii deemun barbaachisaa ta’a.

Seenaa dhufaatii

Akka addunyaatti sarbama mirga shammattootaa karaa adda addaatiin gahu ittisuufi to’achuuf akkasumas mirgi shammattootaa sarbamee yoo argame immoo beenyaa seera qabeessa akka argataniif  hojiimaata fi eegumsi seeraa karaa qindaa’aa ta’een hojii irra ooluu kan jalqabe Akka Lakkoofsa Awurooppaatti bara 1962 biyya Ameerikaatti.

Dabalataan immoo bara 1985 yaa’iin waliigalaa Mootummoota Gamtoomanii walgahii taasiseen qajeelfama eegumsa shammattootaa qopheessun mirga shammattootaa eegsisuuf ulaagaa gadi aanaa barbaachisu tumuudhaan eegumsi shammattootaa guutuu addunyaatti xiyyeeffannoo akka argatu taasiseera.Bu’uruma kanaan biyyootni addunyaa adda addaa seerota mirga shammattootaa eegsisan adda addaa baasun hojii irra oolchuu erga jalqabani oolanii bulaniiru.

Akka biyya keenyaatti mirga shammattootaatin walqabatee labsiin 329/95 kan bahe yommuu ta’u itti fufuudhaan labsiin hojiimaata daldalaa fi eegumsa shammattootaa lakk. 685/2005 bahuu danda’eera.Dhuma irrattis labsii duraan ture haquudhaan labsiin dorgommii daldalaa fi eegumsa shammattootaa lakk.813/2006 bakka bu’uu danda’eera.Labsii kana keessattis eegumsa shammattootaa ilaalchisee tumaawwan adda addaa kan of keessatti qabate yommuu ta’u tumaalee kana bifa/gosa lamatti qoodnee ilaaluu dandeenya.Inni duraa tumaalee mirga shammattootaa tarreessan yommuu ta’u inni lammaffaa immoo dirqama daldaltoonni qabaniidha.

Hiikkoo shammattootaa

<<Consumer is a person who purchase goods and services for personal use>>

Shammattoota jechuun nama meeshaa yookiin tajaajila dhuunfaatti fayyadamuuf bitu jechuudha(yaada barreessaa)

Labsii lakk.813/2006 keewwata 2(4) jalatti shammattoota jechuun nama uumamaa  warshaadhaaf yookiin deebisee gurguruuf osoo hin taane gatii isaa ofiin kan kaffalu yookiin namni biraa kan kaffaluuf ta’ee tajaajila ofii isaatif yookiin maatii isaatiif meeshaa yookiin tajaajila bituu jechuudha.Dubbisa keewwata kanaa irraa ulaagaa sadii arganna.

 1.Meeshaa yookiin tajaajila bituu qaba.Meeshaa daldalaa yommuu jedhamu meeshaalee gurguramuu bitamuu yookiin kireeffamuu yookiin meeshaalee socho’ani hojiin daldalaa namoota jidduutti ittiin raawwatamu kamiyyuu kan ilaallatu yommuu ta’u maallaqa yookiin sanadoota amala maallaqaa qabanii fi qabeenyota hin sochoone hin dabalatu.

2.Meeshaa daldalaa yookiin tajaajila sana ofii yookiin maatii isaatiif kan itti fayyadamu malee meeshicha meeshaa dheedhii warshaatif yookiin deebisee gurguruuf kan bitu yoo ta’e akka shammattootaati hin fudhatamu.

3.Bittaa kan raawwatu nama uumamaa ta’uu qaba.Qaamni seeraan namummaan kennameef kan akka baankii,waldaaleen meeshaa daldalaa tajaajila ofii isaanitiif bitan ille akka shammattootaati hi lakkaa’aman.

labsii 813/2006 keessatti  mirgaa fi dirqamoota tarraa’an akka armaan gadiitti ilaalla

Mirga shammattootaa

1. Waa’ee qulqulinaa fi gosa meeshaa yookiin tajaajila bitanii Ibsa yookiin odeeffannoo sirrii fi gahaa ta’e  argachuu.

2.Mirga meeshaalee yookiin tajaajila filatanii bituu

3.Qulqullina yookiin  filannoo biroo jiru ilaaluun yookiin gatii irratti marii(falmii) meeshaa yookiin taajaajila  bituu taasisuun akka bitu kan hin dirqisifamne ta’uu.

4.Daldalaa  kamiinuu kabajaan keessummeeffamuu gocha arrabsoo,doorsisoo,sodaachisoo fi maqa balleessii irraa mirga eegamuu.

5.Meeshaalee daldalaa yookiin tajaajila bituu yookiin fayyadamuu isaatiin miidhaa irra qaqqabeef  meeshaalee daldalaa yookiin tajaajiloota dhiyeessun walqabatee oomishtummaan,fichisisuun,gurgurtaa jumlaatiin,gurgurtaa qinxaabotiin yookiin karaa biroo kamiiniyyuu namoota dhiyeessii irratti hirmaatan qeenxeen yookiin waliin beenyaa akka kaffalaniif yookiin mirgoota kanaan walqabate mirga gaafachuu qaba.

Bu’uruma kanaan shammattoonni kamiyyuu karaa daldaltootaatiin sarbama mirgaa irra gahuu fi sababa kanaan miidhaa irra gahuuf dhaabbata eegumsa shammattootaatti himannaa dhiyeessuun daldaltoota mirga isaa sarban irratti himannaa hariiroo hawaasaa banuun beenyaa gahaa argachuu mirga qaba.Shammattoonni komii akka dhiyeessaniif sababoota sarbama mirgaa keessaa tokko meeshaa daldalaa yookiin tajaajila irratti hanqinni yoo jiraate yookiin miidhaa yoo irraan gahaniidha.Meeshaan daldalaa bite hanqina yoo qabaate yookiin miidhaa yoo irraan gahan meeshichi akka jijjiiramuuf yookiin maallaqani isaa akka deebi’uuf qaama gurgureef gaafachuu mirgi shammattootaaf kan kenname yommuu ta’u tajaajila irratti hanqina kan arge yoo ta’e tajaajilichi lammaffaa kaffaltii malee akka kennamuuf yookiin kaffaltiin raawwatame akka deebi’uuf gaafachuu mirga qaba.Kana haa ta’u malee seerri akkanatti ifaan tumee osoo jiruu suuqiiwwan adda addaaatti garuu barreeffamni meeshaan gurgurame hin deebi’u jedhu ifaan barreeffamee argina.Haa ta’u malee labsichi ifaan akka kaa’ee jirutti meeshaa bitame irratti hanqinni yommuu muldhatutti(mul’atutti) barreeffama akkanaafi gochaawwan biro kana fakkaatanin osoo hin taane shammattootaa fi daldalaa jidduu waliigalteen jiraatullee mirgi shammattootaaf kenname kun kan hafu hin ta’u.

Dirqama Daldaltootaa

Mirgoota shammattootaa armaan olitti caqasaman akka hin sarbamneef ulaagaawwan daldaltoonni guutuu qaban labsiin kun tarreessee jira.Isaanis

1.Dirqama gatii meeshaa fi tajaajilaa ibsuu.Kana dura baratama tureen daldaltoonni gatii meeshaa gurguranii yommuu maxxansan hin muldhatu.Kun immoo gabaan akka iftoomina dhabu gochuu isaatiin dabalatatti shammattoota gocha gowwomsaaf kan saaxiluudha.Kanaaf daldalaan hundi gatii meeshaa yookiin tajaajila kennu kaffaltiiwwan seera qabeessa (taksii fi gibira) dabalatee karaa ifa ta’een maxxansuu qaba.

2.Dirqama ibsa meeshaa gurguruu kennuu.Ibsa meeshaa gurguruu yommuu jedhamu maqaa meeshaa,bara itti oomishame,biyya itti oomishame,qulqullina isaa,bara tajaajilli isaa itti xummuramu,warshaa fi maqaa fi teessoo fichisiistotaa,ulaagaa sadarkaa biyya keenyaa kan guute ta’uu,daldalaan waa’ee meeshaa gurguree wabummaa inni kennu fi dhimmoota biro kanaan walqabatan jechuudha.Kanaaf daldaltoonni hunduu tarree ibsa meeshaa armaan olitti caqasaman meeshaa irratti maxxansuu yookiin waraqaa addaa irratti barreessee shammattootaaf kennuu qaba.Tarreen ibsa kanaa kan barreeffamuu qabu afaan Amaariffaa fi Ingiliffaan ta’ee haala salphaan kan adda bahu (gadi lakkisu) ta’uu hin qabu.

As irratti qabxiin ka’uu qabu biyya sirna federaalaa hordoftuu fi uummata afaan adda addaa (sabdanneessaa fi afdaneessa) ta’e keessatti haala kanaan caqasamuun isaa kan madaallii kaasu hin ta’u.Sababni isaa immoo namni(shammattootni) afaan armaan oliitti caqasaman hin dandeenye(hin beekne) hoo maal ta’uu qabu? kan jedhuuf furmaanni taa’e hin jiru.Haa ta’u malee haala naannichaa,aadaa fi duudhaa uummataa bu’ura godhatee osoo hojii irra oolee dhama qabeessa ta’a.Fkn’f Naannoo Oromiyaa keessatti Afaan Oromoos dabalatee afaanota biros haala giddugaleessa godhateen ta’uu qaba(yaada barreessaa).

3.Nagahee kennuu  fi haftee nagaheewwanii waggaa 10’f (kudhaniif) qabachuu(olkaawwachuu) yommuu ta’u daldalaan meeshaa gurguruuf bite ykn tajaajilaaf nagaheewwan fudhatee waggaa 10’f (kudhaniif) qabatee tursiisuu qaba.

4.Dirqama of ibsuu:-Daldalaan kamiyyuu maqaa daldalaa isaa bakka ifatti muldhatutti maxxansuudhaan dabalatatti bu’ura gaaffii shammattoonni dhiyeessaniin of ibsuu fi odeeffannoo shammattoonni barbaadan kennuu dirqama qaba.

5.Dirqama Beeksisa daldalaatin walqabatu:-Beeksisni daldalaa taasifamu kamiyyuu waa’ee meeshaa yookiin tajaajila daldala sanaa soba yookiin dogoggorsiisaa ta’uu hin qabu.kunis baay’ina,amala meeshichaa,burqaa meeshichaa,ulfaatina,haala itti oomishame,guyyaa tajaajila dhaabuu,mallattoo qulqullinaa fi  waan gatiin gadi bu’ee gurguramu fakkeessun beeksisa hojjachuu dhorkamaadha.

6.Dirqama wantoota sirrii hin taane fi dogoggorsiisan irraa of qusachuu.Kana jechuun labsicha keessatti mata duree gochaawwan dhoorkaman jedhu jalatti kan ibsame yommuu ta’u kun immoo dirqama daldaltootaa ta’a jechuudha.Kunis

  • Biyya meeshaan daldalaa itti hojjatame dogoggorsuun ibsuu
  • Meeshaa yookiin tajaajila daldalaa biroo karaa dogoggorsaa ta’een ibsuu
  • Shammattoota jidduutti loogii hin taane raawwachuu
  • Meeshaa safartuu seeraan alaa fayyadamuu
  • Waliigaltee wabummaa  gurgurtaa meeshaa yookiin tajaajilatin walqabatu bahuu dhiisuu
  • Shammattoonni meeshaa yookiin tajaajila biraa akka bitaniif meeshaa biraa hin barbaanne wajjin akka bitan dirqisiisuu
  • Faayidaa Shammattootaatif yoo ta’e malee meeshaa yookiin tajaajila daldalaa hin gurguru jechuu.
  • Tooftaa gurgurtaa Piraamidii gaggeessuu.kana jechuun shammataan tokko meeshaa yookiin tajaajila yoo bitu yookiin buusii maallaqaa yoo taasise maallaqa dabalataa kan argatu fakkeessanii yookiin faayidaa akkanaa kan argatu ta’uu ibsuun shammataan kun meeshaa akka gurguruf shammattootni isatti aananii meeshaa yookiin tajaajila bitan yookiin buusii buusan yoo baay’achaa deeman maallaqa yookiin faayidaa dabalataa waan inni argatu fakkeessanii tooftaa gurgurtaan itti raawwatamuudha.
  • Haaromsii fi suphaan meeshaa daldalaa irratti raawwatamu sadarkaa isaa isa beeksisaniin gadi yookiin haala guutuu hin taanen raawwachuun gochaawwan dhorkamaniidha.

Mirga Shammattootaa sarbuun bu’aa inni hordofsiisu

Shammattoonni mirga akkamii akka qaban armaan olitti kan ilaalledha mirgoota kana sarbuun immoo itti gaafatamummaa hariiroo hawaasaa,bulchiinsaa fi yakkaa hordofsiisu akka armaan gadiitti ilaalla.

1.I/Gaafatamummaa (Bu’aa) Bulchiinsaa

Himanni itti gaafatamummaa bulchiinsaa kan dhiyaatu Abbaa Taayitaa Dorgommii Daldalaa fi Eegumsa shammattootaatif yommuu ta’u murtiin kan kennamu qaama A/seerummaa A/Taayitichaatin kennamefin ta’a.A/Taayitichaa shammattoota irratti miidhaa gahuu erga qulqulleeffatee booda akka beenyaa argatan,eeyyamni daldalaa daldaltootaa akka dhorkamu yookiin haqamu,gochi sirrii miti jedhame akka adda citu yookiin akka dhaabbatu gochuu akkasumas daldalaan dirqamoota tarree 3ffaa irra jiran sarbe yoo argame galii gurgurtaa waggaa irraa adabbii maallaqaa % 5- %10 (dhibbeentaa shan- dhibbeentaa kudhan) adabamuu danda’a.

2.I/Gaafatamummaa(Bu’aa) Hariiroo Hawaasaa

Meeshaan yookiin tajaajilli shammattoonni bitan hirdhina(hir’ina) yoo qabaate meeshaa daldalaa walfakkaataan akka jijjiiramuuf (bakka bu’uuf) yookiin kaffaltiin tajaajilaa akka deebi’uuf yookiin kaffaltii malee tajaajila akka argatan gaaffii daldalaa gaafataniif deebii argachuu dhabuu isaanitin miidhaa isaan irra gahuuf beenyaa akka kaffaluuf yookiin qaamota biro meeshaa daldalaa irratti hirmaatan gaafachuu mirga qabu.

3.I/Gaafatamummaa (Bu’aa) Yakkaa

Labsichi adabbii yakkaa ilaalchisee tumaa waliigalaa fi tumaa addaa qabateera.Namni daldalaa ta’e yookiin daldalaa hin taane kamiyyuu tumaalee labsichaa,dambii labsicha raawwachiisuuf bahan yookiin beeksisa uummataa darbee yoo argame adabbii maallaqaa 5000-50,000 fi hidhaa salphaan kan adabaman yommuu ta’u karaa biraatin labsichi gochaawwan dhorkaman adda addaatiif  adabbii adda addaa kan tume yommuu ta’u,kanneen keessaa daldala piraamidii gaggeessun meeshaa daldalaa nageenyaa fi fayyaa namaatif balaa ta’e ,burqaan isaa hin beekamne,sadarkaan qulqullina isaa gadi bu’e,kan summaa’e,yeroon tajaajila isaa darbe yookiin waan ormaa faana walitti makame daldalaaf dhiyeesse yookiin gurgure adabbii maallaqaa fi hidhaa salphaa yookiin hidhaa cimaan adabamuu danda’a.Kanaaf sarbama mirga shammattootaatif labsichi filannoowwan sadii kaa’et jira.

Gaheewwan Qaamolee Adda Addaa

1.Gahee mootummaa

Uumama sirna diinagdee biyyi keenya hordoftu ta’eet mootummaan gaheen inni daldala keessatti qabu waan muraasa.Sunis haala gabaa to’achuu ta’a.Mootummaan haala gabaa to’achuu kan danda’u immoo immaamata,tarsimoo fi seerota adda addaa dhimma kana irratti xiyyeeffatan baasuni.Yeroo baay’ee garuu biyya keenya keessatti kan muldhatu seerota baasuu qofa,seeroni bahan hojii irra ooluu fi dhiisuu isaanii sakatta’u fi tarkaanfii sirreeffamaa fudhachaa deemuu irratti qaawwa baldhaatu muldhata.Kana qofa osoo hin taane seeronni bahan iftoomina dhabuu.Akka fakkeenyaatti  labsiidhuma kana keessaa keewwata 24(1)(b) yoo fudhanne meeshaa daldalaa gabaa irratti hirdhina qabaachuun isaa ministeerichaan beeksisa uummataatin ibsame nama daldalaa hin taane hanga tajaajila ofii isaatif yookiin maatii isaatif oolun caalaatti meeshaa kuusuun yookiin dhoksuun dhorkaadha jedha.Kana irratti ciroon hanga taajila nama tokkoo yookiin maatii isaatii jedhu hangam akka ta’e seerri ifa waan hin keenyeef yeroo baay’ee hiikoof saaxilamaa ta’uu isaatin magaalota irratti abukkattoon dhuunfaa himatamaa bakka bu’ee falmu ijoo kana yeroo kaasan  ni muldhata.

Dabalataan keewwata 34 irratti naannoleen qaama dhimma kana irratti kennu qaama A/Seerummaa qabu hundeessuu danda;u jedhus dhimmootni kun baay’inaan Manneen Murtii idileetti ilaalamaa jira kunis qaawwa labsichaati.Kanaaf mootummaan gahee isaa seerota ifa ta’an baasuun bahuu qaba.

Gahee Miidiyaalee

Uummanni biyya tokkoo taatewwan biyya isaanii keessatti ta’an mirga odeeffannoo argachuu (access to information) heera mootummaan eegumsi taasifameef qabu.Kanaan walqabatee oolmaa haala gabaa hordofuudhaan yeroo yerootti odeeffannoo uummata biraan gahuudhaan akka daldaltoota isa gowwomsuuf deeman irratti dammaqee hirmaatu taasisuun rakkoo gama kanaan uumamu furuun kan danda’amu yoo miidiyaaleen gahee isaanii bahaniidha.

Gahee Ogeessota seeraa

Kanaan walqabatee ogeessotni seeraa hubannoo hawaasaa kallatti adda addaatin kennuun akka mirgaa fi dirqama isaanii hubatan gochuun ni danda’ama.Haa ta’u malee yeroo ogeessotni seeraatu seerota bahan irratti hanqinni hubannoo isaan mudatu ni muldhata kanaaf gama kanaan rakkoowwan jiran furuuf immoo qaamotni dhimmi kun ilaalatu leenjiwwan yeroo yeroon kennuun beekumsa ogeessaa gabbisuun dirqama ta’a.Dabalataan immoo yeroo eerun dhiyaatutti xiyeeffannoo addaa itti kennuun akka dhimmichi yeroo gabaabaa keessatti furmaata (murtii) argatu gochuun dirqama ogeessota kanaati.

Gahee Uummataa

Rakkoo kanaan walqabatee jalqaba miidhamaa kan ta’u shammattoota(uummata) waan ta’eef yakki yeroo raawwatamee argamutti guddinaafi xinneenya yakkichaa ilaalcha keessa osoo hin galchin odeeffannoo qaama dhimmi ilaallatuuf hatattamaan kennuu barbaachisa.Kanaan walqabatee uummatni Magaalaa Finffinnee fakkeenya ta’uu danda’u.Sababni isaa immoo geejjiba taaxii irratti daballiin saantima 15 yoo jiraate waan fe’et dhufa malee hin kaffalani sababa kanaan immoo abbootin qabeenyaa,konkolaachiftoonni akkasumas gargaartonni sababa gahaa malee (kallattii mootummaan dabarsuun alatti) daballii akka hin taasifne isaan dirqisiisa.Faallaa kanaa bakkeewwan biro yommuu ilaallu garuu dachaa taarifa kaffalamuu qabu yoo gaafataman illee ni kaffalu.Kanaaf sababa kan ta’u immoo walitti dhufeenya abbootii qabeenyaa,konkolaachiftoonni qaama mootummaa(qaamolee seeraa raawwachiisan) faana qaban irraa ka’uun dubbannus bu’aa hin qabu jechuun abdii kutuu irraan kan ka’e waan ta’eef dhimmi kunis dhimma xiyyeeffannoo barbaadudha.

Gahee Ministeera Daldalaa

Dhimma kanaan walqabatu sadarkaa Federaalaatti kan hoogganu Ministeera Daldalaa fi Industirii yommu ta’u akka Naannotti immoo Biiroo Daldalaa ta’a.Kanaaf qaamni kun beeksisa uummataa yeroo yeroodhan(ji’a ji’aan) yommuu baasu qaama hundaaf akka qaqqabu taasisuun dirqama isaa ta’a.Sababni isaa immoo yeroo A/A himannaa banuuf jedhee yookiin bane  beeksiisni uummataa kun dhabamee beellama hin barbaachifne yeroon itti kennamaa jirutu jira.Kana qofa osoo hin taane yeroo qorannaan taasifamu beeksisa uummataa kana barbaachatti yeroon beellamaa hin barbaachifne gaafatamaa jira waan ta’eef kun immoo sarbama mirga namaatif akkasumas kiraa sassaabdummaadhaaf karra bana waan ta’eef  beeksisoonni bahan dafanii qaama dhimmi ilaalatu bira akka qaqqabu gochuun rakkoo kana furuun ni danda’ama.

Posted in hubannoo seeraa, Pdf, Prodcusting audio video

Wa’ee Araaxaa Seerrii kenya maal jedhaa? pdf & fm audio transmission.

Qopessan Mulugetaa M.

AA Godina, (LL.B, LL.M)

Barruu kana audio fi pdfn isinin genyee.

Garee komnikeeshiinii MHAAGJ
Tamsaasa fm mhaagj kan tora interneetii tamsaafamuu irraa tamsaasa 17/7/13 wa’e araaxa ilaalchisee tamsaafameedha. Kuni fm MHAGAJ tora interneetii irrattii tamsaafamuu dha. irraa