laws proclamation

fdre Proc

FDRE Government the 1st 10 years Proclamations in zip folder pdf available

 Mannii Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmaa Karraa websiitii ofiselawaatiin labsiilee Mottuummaa Fedeeraalaa lakk 1 (1988) kaasee hangaa labsii lakk 488 (1997) labsiilee woggaa kurnaan jalqabaa labsamaan fayilii zip folder kanaan isiniin gahee jiraa. biiliisaafii haala salphaadhaan bufachuun fayyadamaa

jimmaa Zone Attorney offiicial website deliver to you the FDRE PROC from no 1 1996 488 2005 in 12 zipped folder. you can download it free almost 480 pdf in one place.

fdre Proc

2016 FDRE proclamation

proclamation-no-985_2016 Cooperative Societies proclamation-no-984_2016 State of Emergency for the Maintenance of Public Peace and Security Council of Ministers Proclamation No.1_2016 RatificationDownload proclamation-no-983_2016 TaxDownload proclamation-no-982_2016-the-amendment-to-the-federal-auditor-general-re-establishmentDownload proclamation-no-981_2016-geothermal-resources-developmentDownloadRead More »2016 FDRE proclamation

Wixinee Dambii Sirna Dhimota HH Dantaa Ummataafi motummaa naannoo Oromiya Dirirsuf Qopha’ee pdf and docx

Lakkoofsa__/2013
Wixinee Dambii Sirna Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa Dantaa Ummataa fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa Diriirsuuf Qophaa’e
Aangoon dhimma hariiroo hawaasaa dantaa uummataa fi mootummaa Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaatiif kenname karaa qulqullinna, si’oominnaa fi bu’a qabeessa ta’een hojiirra oolchuuf sirna diriirsuun barbaachisaa waan ta’eef;
Akkaataa Manneen hojii Mootummaa, Dhaabbilee Misooma Mootummaa, Jaarmiyaalee Uummataa fi Ogeessotni seeraa isaanii dhimma hariiroo hawaasaa Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa fi caasalee isaa sadarkaan jiran waliin qindoominnaan itti hojjatan akkasumas hojii fi itti gaafatamummaa isaanii seeraan murteessuun waan barbaachiseef;
Ulaagaalee ogeeyyiin seeraa Manneen Hojii Mootummaa, Dhaabbilee Misooma Mootummaa fi Jaarmiyaaleen Uummataa keessatti hojjatan guutuu qabanii fi Sirna to’annoo, hordoffii fi deeggarsa taasifamuu qabu diriirsuun barbaachisa ta’ee waan argameef;
Akkaataa Labsii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Lakkoofsa 214/2011 keewwata 27(1)’tiin Dambiin kun bahee jira.
Kutaa Tokko
Tumaalee Waliigalaa
1. Mata Duree Gabaabaa
Dambiin kun, “Dambii Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa Dantaa Uummataa fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Lakkoofsa__/2013” jedhamee waamamuu ni danda’a.
2. Hiika
Akkaataan jechichaa hiika biroo kan kennisiisu yoo ta’e malee Dambii kana keessatti:
1) “Abbaa Alangaa” jechuun nama ogummaa Abbaa Alangummaatiin akka tajaajilu bu’uura Dambii Bulchiinsaa fi Naamusa Abbaa Alangaatiin muudamee Mana Hojichaa keessatti hojjetu dha.
2) “Baasii” jechuun durgoo ragaa baatotaa, baasii qabeenya sababa himannaa yookiin falmiitiif dhorkamee tursiisuuf bahu fi raawwii keessatti to’atamee tursiisudhaaf bahu, baasii waraqaa waamichaa qaqqabsiisuu, hiikkaa afaanii, gatii footoo koppii, baasii mala filannoo birootiin dhimmoota hariiroo hawaasaa xumuruuf bahu kamiyyuu kan hammatu ta’a.
3) “Dhaabbata Misoomaa Moo¬tummaa” jechuun Dhaabbata Misooma Mootummaa kan mootum¬maan naannichaa guutumatti yookiin gar-tokkeen gahee ab¬baa qabeenyummaa keessaa qabu dha.
4) “Jaarmiyaalee Uummataa” jechu¬un haalawwan kamiiniyyuu miseensota yookiin ummata ir¬raa maallaqa yookiin qabeenya walitti qabame yookiin tajaajila ummataaf yaadamee maallaqa yookiin qabeenya walitti qabame yookiin qaama biroo qabeenya biroo kana bulchu yookiin kub¬baaniyyaa roga qabeessa ta’e kan dabalatu damee dhuunfaa ta’ee:
(a) Dhaabbata Amantaa;
(b) Dhaabbata Idil-Addunyaa; fi
(c) Dhaabbata yookiin Paartii Si¬yaasaa;
(d) Afooshaa yookiin haala wal fakkaatuun waldaa qabiyyee aadaa fi amantaa qaban hin dabalatu.
5) “Labsii” jechuun Labsii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa hundeessuuf bahe Lakkoofsa 214/2011 fi fooyya’iinsa isaa Labsii Lakkoofsa 236/2013 dha.
6) “Mala Filannoo Biroo” jechuun Manneen hojii mootummaa walii isaanii jidduutti yookiin manneen hojii mootummaa fi qaama biroo jidduutti yookiin harka qalleeyyii fi qaamolee biroo jidduutti dhimmoota hariiroo hawaasaa irratti waldhabdee keessa yoo seenan waliigaliinsaan, araarsuu yookiin waltaasisuu yookiin jaarsummaa fayyadamuudhaan mala ittiin waldhabdeen hiikkamu dha.
7) “Mana Hojii Mootummaa” jechu¬un Manneen Hojii Mootummaa Naannichaa guutummaan guu¬tuutti yookiin gar-tokkeen baa¬jata mootummaa naannichaatiin bulan yookiin sadarkaa kamittuu hojiiwwan mootummaa naan¬nichaa kamiiyyuu kan keessatti raawwatamu dha.
8) “Mana Hojii” jechuun Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa fi caasaa isaa sadarkaan jirani dha.
9) “Naannoo” jechuun Naannoo Oromiyaati.
10) “Namoota Deggersa Addaa Barbaadan” jechuun namoota haala kamiinuu dantaa hariiroo isaanii kabachiifachuu hin dandeenye kanneen akka:
(a) gocha yakkaatiin mi¬idhaan irra gahee;
(b) Sababa umurii isaatiin dantaa hariiroo hawaasaa kabachiifachuuf humna hin qabne;
(c) sababa qaama miidhamummaa isaatiin dantaa hariiroo hawaasaa kabachiifachuu hin dandeenye;
(d) sababa dubartummaa ishiitiin qabeenya qabdutti fayyadamuun dantaa hariiroo hawaasaa kabachiifachuu hin dandeenye fi
(e) Harka qalleeyyii jechuudha.
11) “Ogeessa Seeraa” jechuun nama barumsa seeraatiin eebbifame ta’ee, Manneen Hojii Mootummaa yookiin Dhaabbilee Misooma Mootumaa yookiin jaarmiyaalee Ummataa keessatti tajaajila ogummaa seeraa kennuudhaaf qacarame; kan bakka bu’e yookiin kan muudamee dha.
3. Ibsa Koornayaa
Dambii kana keessatti jechi koornayaa dhiiraatiin ibsame kan dubartiis ni dabalata.
4. Daangaa Raawwatiinsaa
Dambiin kun dhimmoota hariiroo hawaasaa dantaa uummataa fi mootummaa Naannichaa kabachiisuun walqabatee Manneen Hojii Mootummaa, Dhaabbilee Misooma Mootummaa, Jaarmiyaalee Uummataa fi Namoota Deggersa Addaa Barbaadan irratti raawwatiinsa ni qabaata.
Kutaa Lama
Sirna Tajaajila Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa Dantaa Uummataa fi Mootummaa
Kutaa Xiqqaa Tokko
Gosa Tajaajilaa fi Qaama Kennamuuf
5. Qajeeltoo Waliigalaa
1) Manneen hojii mootummaa yookiin dhaabbileen misooma mootummaa kamiyyuu dhimmoota hariiroo hawaasaa dantaa uummataa fi mootummaatiin walqabatee gocha raawwachuun yookiin qunnamtii taasisuun dura ogeessa seeraa mana hojii isaanii yookiin akka barbaachisummaa isaatti Mana Hojichaa mariisisuu qabu.
2) Manneen hojii mootummaa fi dhaabbileen misoomaa mootummaa kamiyyuu Waliigaltee bulchiinsaa osoo hin raawwatin dura wixineen waliigaltichaa Mana Hojichaatiin gulaalamuu qaba. Waliigalteen Mana Hojichaatiin hin gulaalamin raawwatamuu hin danda’u.
3) Manni hojii mootummaa yookiin dhaabbatni misooma mootummaa kamiyyuu Mana Hojichaa irraa hayyama yookiin bakka bu’ummaa osoo hin argatin dhimmoota hariiroo hawaasaa dantaa mootummaa fi ummataa irratti himannaa hundeessuu, deebii kennuu yookiin falmii gaggeessuu hin danda’u.
4) Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 fi 3 jalatti kan tumame jiraatus, Manni Hojichaa tajaajila waliigaltee gulaaluu fi falmii gaggeessuu qoodee Mana hojii mootummaa yookiin dhaabbata misooma mootummaatiif bakka bu’ummaan kennuu ni danda’a.
5) Dhimmoota hariiroo hawaasaa irratti waldiddaan manneen hojii mootummaa yookiin dhaabbilee misooma mootummaa gidduutti uumamu kamiyyuu yaada murtii Manni Hojichaa kennuun kan raawwatamu ta’a.
6) Waldiddaan dhimmoota hariiroo hawaasaa dantaa uummataa fi mootummaa Mana hojii mootummaa yookiin dhaabbata misooma mootummaa fi qaama biroo gidduutti uumamu mala filannoo birootiin hiikamuu kan danda’u hayyama Mana Hojichaatiin qofa ta’a.
6. Gosoota Tajaajila Kennamuu
1) Tajaajilli dhimmoota hariiroo hawaasaa dantaa ummataa fi mootummaa kennaman kanneen armaan gadii ta’u:
(a) gorsa seeraa;
(b) Wiixinee waliigaltee qopheessuu fi gulaaluu;
(c) Mala filannoo biroo fayyadamuun waldiddaa hiikuu;
(d) himannaa fi falmii Hariiroo;
(e) Dhimmoota hariiroo hawaasaa Abbaan Alangaa seerota birootiin irratti aangeeffame kan biroo.
7. Qaamolee Tajaajilli Kennamuuf
Qaamoleen tajaajilli dhimmoota hariiroo hawaasaa dantaa ummataa fi mootummaa kennamuuf kenneen armaan gadii ta’u:
1) Manneen Hojii Mootummaa yookiin Dhaabbilee Misooma Mootummaa yookiin Jaarmiyaalee Uummataa fi
2) Namoota Deggersa Addaa Barbaadan.
Kutaa Xiqqaa Lama
Tajaajila Gorsa Seeraa
8. Akkaataa Dhiyeessii Gaafii Tajaajila Gorsa Seeraa
1) Gaafiin tajaajila gorsa seeraa qaamolee dambii kana keewwata 7 jalatti ibsamaniin dhiyaatu caasaa Mana Hojii Abbaa Alangaa aangoo tooraa qabutti kan dhiyaatu ta’a.
2) Gaafiin tajaajila gorsa seeraa kan dhiyaatu qaamaan yookiin karaa bakka bu’aa isaatiin bilbilaan, poostaadhaan yookiin karaa miidiyaa dijitaalaa Manni Hojichaa fayyadamuun ta’u ni danda’a.
3) Manni Hojichaa gaafii gorsaa afaaniin, bilbilaan yookiin miidiyaa dijitaalaatiin dhiyaatu xaalayaadhaan deeggaramee akka dhiyaatu ajaju ni danda’a.
4) Qaamni gorsa seeraa gaafatu kamiyyuu Manni Hojichaa deebii barreeffamaaan akka kennamuuf gaafachuu ni danda’a.
5) Kan keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti ibsame akkuma jirutti ta’ee, qaamni tajaajila gorsaa gaafatu gorsa jalqaba kennameefitti kan hin quufne yoo ta’e caasaa Mana Hojichaa sadarkaa itti aanutti gaafii isaa dhiyeeffachuu ni danda’a
9. Ulaagaa Manneen Hojii Mootummaa, Dhaabbilee Misooma Mootummaa yookiin Jarmiyaalee Ummataa Tajaajila Gorsa Seeraa Gaafatan Guutuu Qaban
Manneen hojii mootummaa, dhaabbilee misooma mootummaa yookiin jarmiyaaleen ummataa tajaajila gorsa seeraa yemmuu gaafatan:
1) Dhimmichi ergama, kaayyoo, aangoo fi gahee hojii isaaniitiin kan walqabatu ta’uu qaba.
2) Qabiyyeen gaaffiichaas iftoomina kan qabuufi haala yaada murtee kennuu dandeesisuun dhiyaachuu qaba.
3) Qaamni gorsa seeraa gaafatu kamiyyuu ragaa yaada murtee kennuuf dandeesisu akka dhiyeessu Manni Hojichaa yoo gaafate dhiyeessuuf dirqama qaba.
10. Ulaagaa Namootni Deggersa Addaa Barbaadan Guutuu Qaban
1) Namni tajaajila dhima hariiroo hawaasaa barbaadu harka qalleeyyii yoo ta’e:
(a) Ragaa harka qalleeyyii ta’uu isaa agarsiisuu Mana Murtii Hawaasummaa ganda keessa jiraatu irraa dhiyeeffachuu qaba.
(b) Dhimma dhiyeesse irra dantaa kan qabu ta’uu qaba.
(c) Dhimmi isaa mana murtiitti akka dhiyaatu fedhii kan qabu yoo ta’e uunka yookiin guca Mana Hojichaatiin qophaa’e irratti fedhii isaa mallattoodhaan ibsachuu qaba.
(d) Tajaajilicha kennuuf waraabbii ragaa harka isaa jiru akka dhiyeessu Manni Hojichaa yoo gaafate dhiyeessuu qaba.
2) Harka qalleeyyii kan hin taane yoo ta’e ulaagaa keewwata kana keewwata xiqqaa 1(b-d) guutuun akkuma jirutti ta’ee ragaa sababa qabeenya qabanitti akka hin fayyadamne isaan taasise ibsu dhiyeeffachuu qabu.
3) Keewwata kana keewwata xiqqaa 2 jalatti kan tumame jiraatullee, gocha yakkaatiin miidhaan irra kan dhaqqabe yoo ta’e, ragaa haala isaan keessa jiran agarsiisu dhiyeessuudhaaf hin dirqaman.
11. Tajaajila Gorsa Seeraatiin Walqabatee Gahee Mana Hojichaa
Manni Hojichaa:
1) Gaafiin tajaajila gorsaa dhiyaate ulaagaa barbaachisu guutuu ni mirkaneeffata; ragaa ni qabata;
2) Ulaagaaleen barbaachisan kan hin guutamne yoo ta’e, guutamanii akka dhiyaatan ni taasisa; akka barbaachisummaa isaatti ragaan akka dhiyaatu deggarsa ni taasisa;
3) Tajaajila gorsa seeraa gaafatame istaandaardii yeroo kaa’ame keessatti ni kenna;
4) Barbaachisa ta’ee yoo argame, gaafii gorsa seeraa Namoota Deggersa Addaa Barbaadan irraa dhiyaate abukaatoo ramaduun tajaajila gorsaa bilisaan akka argatan taasisuu ni danda’a;
5) Abukaatoon bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa 4 tiin tajaajila gorsa bilisaa akka kennu taasifame sirnaan hojjachuu isaa ni hordofa.
Kutaa Xiqqaa Sadi
Tajaajila Dhimmoota Waliigaltee fi Mala Filannoo Biroo
12. Akkaataa Wixineen Waliigaltee Itti Qophaa’u, Dhiyaatuu fi Gulaalamu
1) Wixineen waliigaltee kan qophaa’u ogeessa seeraa manneen hojii mootummaa, dhaabbilee misooma Mootummaa yookiin Jarmiyaalee Ummataatiin ta’a.
2) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti kan tumame akkuma jirutti ta’ee, Manni hojichaa faayidaa uummataa fi mootummaa ni kabachiisa jedhee yoo itti amane wixinee waliigaltee qopheessuu keessatti hirmaachuun deeggarsa ogummaa taasisuu ni danda’a.
3) Gaafiin gulaallii wixinee waliigaltee manneen hojii mootummaa, dhaabbilee misooma mootummaa yookiin akkaataa barbaachisummaa isaatti jarmiyaalee ummataa Mana Hojichaa aangoo tooraa qabutti kan dhiyaatu ta’a.
4) Wixineen waliigaltee gulaalliif Mana Hojichaatti kan dhiyaatu xalayaadhaan ta’ee haard-kooppii fi sooft-kooppiin dhiyaachuu qaba.
5) Manni Hojii Abbaa Alangaa gaafiin gulaallii wixinee waliigaltee dhiyaateef adeemsa gulaallii keessatti deeggarsa caasaa olii ni barbaachisa jedhee yoo itti amane caasaa Mana Hojichaa sadarkaa olii isatti aanu mariisisuu ni danda’a.
6) Yeroon wixineen waliigaltee keessatti gulaalamu amalaa fi qabiyyee wixinichaa irratti kan hundaa’u ta’a. Raawwiin isaa qajeelfama bahuun kan murtaa’u ta’a.
13. Akkaataa Mala Filannoo Birootiin Waldiddaa Hiikuun Itti Dhiyaatu
1) Qaamoleen Dambii kana Keewwata 7 Keewwata Xiqqaa 1 jalatti caqasaman kamiyyuu waldhabdeen dhimmoota Hariiroo hawaasaa yoo uumamu Mana Hojichaatti barreeffamaan beeksisuu qabu.
2) Manni Hojichaa dhimma hariiroo hawaasaa bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa 1’tiin isa dhaqqabe akkaataa seera yookiin waliigaltee keessatti tumamameen mala filannoo biraatiin akka xumuramu gochuu ni danda’a.
3) Manni Hojichaa waldhabdee dhimma hariiroo hawaasaa qaamolee Dambii kana keewwata 7 keewwata xiqqaa 2 jalatti ibsamaniin walqabatee jiru qaamolee waldhaban mariisisuun mala filannoo birootiin akka xummuramu taasisuu ni danda’a.
4) Manni Hojichaa dhimmi hariiroo hawaasaa bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa 2 fi 3 tiin mala filannoo biraatiin akka xumuramu kan taasisu fedhii garee waldhabdootaa gaafachuu fi mariisisuudhaan ta’a.
5) Qaamolee waldhabdoota keessaa gareen tokko yoo dide yookiin fedhii isaa kan hin ibsine yoo ta’e dhimmichi mala filannootiin akka furamu fedhii akka hin qabnetti fudhatamee karaa mana murtiitiin akka ilaalamu ni taasisa.
6) Keewwata kana keewwata xiqqaa 1 hanga 5 jalatti kan tumame jiraatus, Manneen hojii mootummaa yookiin dhaabbilee misooma mootummaa jidduutti waldhabdeen kan uumamu yoo ta’e, Manni Hojichaa dhimmichi mala filannoo birootiin akka xumuramu ni murteessa. Qaamoleen waldhabanis murtii Mana Hojichaa fudhachuun hojiirra oolchuu qabu.
7) Qaamni sadaffaan murtiin yookiin bu’aan adeemsa mala filannoo birootiin kennamu yookiin argamu na miidha jedhee amanu kamiyyuu mala filannootiin murtiin osoo hin kennamin dura Mana Hojichaatti iyyata isaa dhiyeeffachuu ni danda’a.
8) Manni Hojichaa garee mala filannoo biroo fayyadamuun waldhabdee hiiku kan hundeessu ta’a. Raawwiin isaa Qajeelfama bahuun kan murtaa’u ta’a.
Kutaa Xiqqaa Afur
Tajaajila Falmii Hariiroo Hawaasaa
14. Adeemsa Gaafiin Himannaa fi Falmii Hariiroo Hawaasaa Ittiin Dhiyaatu
1) Qaamoleen Dambii kana keewwata 7(1) jalatti ibsaman gaafii falmii dhimma hariiroo hawaasaa isaan irratti dhiyaates ta’e ofii isaaniitiif dhiyeessuu barbaadan akkuma dhimmichi uumameen Mana Hojichaa aangoo tooraa qabutti xalayaadhaan dhiyeessuu qabu.
2) Qaamoleen Dambii kana keewwata 7 keewwata xiqqaa 2 jalatti ibsaman gaafii falmii dhimma hariiroo hawaasaa Manni Hojichaa bakka bu’ee akka falmuuf iyyannoo dhiyeeffachuu ni danda’u. Raawwiin isaa Qajeelfama bahuun kan murtaa’u ta’a.
3) Qaamni Manni Hojii akka falmii hariiroo hawasaa gaggeessuuf gaafii dhiyeeffatu kamiyyuu ragaalee barbaachisoo waliin dhiyeessuu qaba.
4) Waldhabbiin dhimma hariiroo hawaasaa qaamolee dambii kana keewwata 7(1) fi 7(2) jiran jidduuttii yoo uumame Manni Hojichaa qaamolee keewwata 7(1) jalatti ibsaman ofii isaatiin bakka bu’ee kanneen keewwata 7(2) jalatti ibsamaniif immoo abukaatoon bakka bu’ee bilisaan akka tajaajilu ni taasisa.
15. Baasii fi Kasaaraa
1) Baasii fi kasaaraan dhimmoota hariiroo hawaasaa keessatti mudatu Manneen hojii mootummaa yookiin dhaabbilee misooma mootummaa yookiin jaarmiyaalee uummataatiin kan haguugamu ta’a.
2) Dhimma Manni Hojichaa bakka bu’ee falmii geggeessu irratti murtiin abbaa idaa kan kennamu yoo ta’e maallaqa yookiin qabeenya murtiin idaa itti ta’anii fi baasii dhimma kanaan walqabatee murtaa’u kan kaffalu mana hojii mootummaa yookiin dhaabbilee misooma mootummaa yookiin jaarmiyaalee uummataa bakka bu’amee falmameef ta’a.
3) Baasii fi kasaaraan tajaajila dhimma hariiroo hawwaasaa nama deeggarsa addaa barbaadee kan haguugamu, nama tajaajilicha gaafateen ta’a.
4) Keewwata kana keewwata xiqqaa 3 jalatti kan tumame jiraatus, namni tajaajila deeggarsa addaa barbaadu baasii fi kasaaraa kaffaluu kan hin dandeenye yoo ta’e, caasaa Mana Hojichaa tajaajilicha kennuun kan haguugamu ta’a.
5) Caasaan Mana Hojichaa bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa 4’tiin baasii fi kisaaraa haguuge dhimmichi nama bakka bu’ameef kan murtaa’e yoo ta’e, baasii fi kisaaraa kaffalee ture kan deebifatu ta’a.
6) Manni hojichaa baasii fi kisaaraa Namoota Deggersa Addaa Barbaadan uwwisuuf kan oolu fandii deeggarsa seeraa Namoota Deggersa Addaa Barbaadanii hundeessuu ni danda’a.
7) Namootni Deeggarsa Addaa Barbaaduun gara mana hojichaatti iyyatan adeemsa keessa dandeettii yookiin humna qabaachuu isaanii manni hojichaa yoo mirkaneeffate beeksisuudhaan falmii hariiroo addaan kutuu ni danda’a.
Kutaa Sadi
Hojii fi Itti Gaafatamummaa Qaamolee Adda Addaa
16. Hojii fi Itti Gaafatamummaa Mana Hojichaa
Dhimmoota hariiroo hawaasaa dantaa uummataa fi mootummaa Manneen Hojii Mootummaa, Dhaabbilee Misooma Mootummaa fi Jaarmiyaalee Ummataa Naannichaa ilaalchisee Manni Hojichaa hojii fi itti gaafatamummaa armaan gadii ni qabaata:
1) Karoorri hojii isaanii haala qindaa’een akka qophaa’u ni taasisa; ni hordofa; ni gamaaggama; duub-deebii ni kenna;
2) Raawwii hojii isaanii ni deeggara; ni to’ata; ni hordofa;
3) Akkaataa barbaachisummaa isaatti qaamaan argamuun daawwanna raawwii hojii taasisuun duub-deebii ni kenna;
4) Raawwii galmeelee dhimmoota hariiroo hawaasaa aangoo isaanii ta’e ni sakatta’a; bakka hanqinni jirutti tarkaanifii sirreeffamaa ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa;
5) Hojmaata hojii dhimmoota hariiroo hawaasaa ni diriirsa; akka hojiirra oolu ni taasisa;
6) Waltajjiiwwan gamaaggama raawwii hojii ogeessa seeraa isaanii ni gaggeessa; kallattii ni kaa’a; duub-deebii ni kenna;
7) Wurmaa’iinsa, caasaa, mindaa fi faayidaa ogeessa seeraa ni qorata yookiin ni qorachiisa; qaama dhimmi ilaalutti akka dhiyaatu ni taasisa; yemmuu hayyamamu hojiirra akka oolu ni taasisa; ni hordofa; ni to’ata;
8) Qacarriin, ramaddiin, jijjiirraa fi guddinni sadarkaa ogeessa seeraa akkaataa seeraatiin raawwatamuu isaa ni hordofa; bakka hanqinni jirutti tarkaanifiin sirreeffamaa ni fudhata; akka fudhatamu ni taasisa;
9) Raawwii hojii ogeessa seeraa ni maadaala; bakka hanqinni jirutti tarkaanfiin sirreeffamaa ni fudhata; akka fudhatamu qaama dhimmi ilaaluuf ni dhiyeessa;
10) Gahumsaa fi bu’a qabeessummaa raawwii hojii waliigalaa dhimma hariiroo hawaasaa isaanii ni madaala; ni hordofa; ni to’ata;
11) Iyyannoo fi Komii taajaajila dhimma hariiroo hawaasaa isaaniin kennamu irratti dhiyaatu ni keessummeessa; furmaata ni kenna yookiin kallattii ni kaa’a; akkaataa hojimaataatiin raawwatamuu isaa ni hordofa; ni to’ata;
12) Dandeettii raawwachisummaa ogeessa seeraa cimsuuf leenjiiwwan adda addaa ni kenna; akka kennamu ni taasisa; bu’a qabeessummaa isaa ni hordofa;
13) Dantaa hariiroo hawaasaa uummataa fi mootummaa kabachisuuf qaama dhimmi ilaalu waliin qindoominaan ni hojjeta;
14) Hojiiwwan biroo dhimma hariiroo hawaasaa bu’a qabeessa taasisan ni hojjeta.
17. Hojii fi Itti gaafatamummaa Manneen Hojii Mootummaa fi Dhaabbilee Misooma Mootummaa
Dhimmoota hariiroo hawaasaa dantaa uummataa fi mootummaa ilaalchisee Manneen Hojii Mootummaa fi Dhaabbilee Misooma Mootummaa fi akkaataa barbaachisummaa isaatti jaarmiyaaleen uummataa hojii fi itti gaafatamummaa armaan gadii ni qabaatu:
1) Karoora hojii qopheessuun Mana hojichaaf erguun yemmuu mirkanaa’u hojiirra ni oolcha;
2) Raawwiin hojii Mana hojichaa waliin akka gamaaggamamuuf haala ni mijeessa; kallattii gamaggamaan kaa’amu hojiirra ni oolcha;
3) Gabaasa raawwii hojii Mana Hojichaaf ni dhiheessa; duub-deebiiwwan kennameef hojiirra ni oolcha;
4) daawwannaan hojii dirree taasifamuuf deeggarsa ni taasisa; duub-deebii kennamu hojiirra ni oolcha;
5) Ragaawwan hojiin wal qabatan hammayyeessee ni qabata; Manni hojichaa yemmuu gaafatutti ni kenna;
6) Leenjiwwan dandeettii raawwachisummaa ogeessa seeraa isaanii cimsan adda baasuun Mana Hojichaaf fedhii ni dhiyeessa;
7) Hojii fi itti gaafatamummaa dambii kanaan kennameef hojiirra oolchuuf deeggarsa ni taasisa;
8) Qajeelfama hojii Mana Hojichaan itti kennamu ni raawwata.
9) Waliigaltee bulchiinsaa kamiyyuu raawwachuun dura wixineen waliigaltichaa Mana Hojichaatiin akka gulaalamu ni taasisa; sirreeffama barbaachisu ni taasisa;
10) Dhimmoota hariiroo hawaasaa bakka bu’ummaadhaan Mana Hojichaa irraa kennamuuf irratti himata ni hundeessa; deebii ni kenna fi falmii ni gaggeessa;
11) Dhimma hariiroo hawaasaatiin walqabatee ragaalee fi sanadoota barbaachisoo ta’an mana hojichaatiif ni dhiyeessa;
12) Dhimmoota itti himataman ilaalchisee akkuma himatni isaan dhaqqabeen Mana Hojichaatti ni dhiyeessa;
13) Himata dhiyaate irratti waraqaa waamichaa himatamaa fi ragaa ni dhaqqabsiisa;
14) Baasii adda addaa fi kisaaraa akkasumas murtii idaa dhimma hariiroo hawaasaatiin walqabatee mudatu ni uwwisa;
15) Qabeenya himatamaa raawwiidhaaf barbaachisan adda baasuun ni dhiyeessa;
16) Bu’a qabeessummaa dhimma hariiroo hawaasaatiif Mana Hojichaa waliin qindoominaan ni hojjeta.
Kutaa Afur
Ulaagalee fi Naamusaa Ogummaa Ogeessa Seeraa
Kutaa Xiqqaa Tokko
Qajeeltoo Bu’uuraa, Ulaagaa fi Ragaa Ogeessa Seeraa Ta’uuf Barbaachisan
18. Qajeeltoowwan Bu’uuraa Qacarrii Ogeessa Seeraa
1) Qacarriin ogeessa seeraa kan gaggeeffamu dorgommiin ta’a.
2) Qacarriin ogeessa seeraa haala loogii irraa bilisa ta’e, iftoomina qabuu fi itti gaafatamummaa mirkaneessuun gaggeeffamuu qaba.
3) Dorgommiin qacarrii taasifamuu miidhamtootaafi dubartootaaf akkaataa seerota rogummaa qabaniitiin dursi kennamu qaba;
19. Ulaagaalee Ogeessa Seeraa Ta’uuf Guutamuu Qaban
Ulaagaaleen seerota birootiin tumaman akkuma jirutti ta’ee, namni kamiiyyuu Mana Hojii mootummaa yookiin Dhaabbilee Misooma Mootumama keessatti Ogeessa Seeraa ta’ee qacaramuuf yookiin ramadamuuf ulaagaalee armaan gadii guutuu qaba:
1) lammii Itoophiyaa kan ta’e;
2) umriin isaa waggaa 18 fi isa oli kan ta’e;
3) dhaabbata barnootaa seera barsiisuuf beekamtii qabu irraa yoo xiqqaate seeraan diploomaa yookiin levelii afur (level IV) fi isa ol kan qabu;
4) Afaan Oromoo dubbachuu, dubbisuufi barreessuu kan danda’u;
5) naamusa ol’aanaa kan qabu;
6) Yakka malaammaltummaa, amantaa hir’isuu, hanna fi gowwoomsuun raawwachuun mana murtiitti himatamee kan hin adabamne yookiin erga adabame booda akkaataa seera rogumaa qabuutiin kan moggaafame;
7) dhibee hojii ogummaa seeraa hojjachiisuu dhorku kan hin qabne; fi
8) qormaata kennamuuf kan darbu.
20. Ragaalee Ogeessa Seeraa Ta’anii Qacaramuuf Dhiyaachuu Qaban
Namni kamiiyyuu Mana Hojii mootummaa yookiin Dhaabbilee Misooma Mootumama keessatti Ogeessa Seeraa ta’ee qacaramuuf yookiin ramadamuuf ragaaleen armaan gadii dhiyeeffachuu qabu:
1) Ragaa barumsaa;
2) Bara 2003 fi sanii as barumsa seeraa digirii kan eebbifame yoo ta’e, ragaa Qormaata Bahiinsa Barnoota Olaanaa darbuu isaa agarsiisu;
3) Kanneen leveliidhaan eebbifaman yoo ta’ee ragaa gahumsa ogummaa;
4) Dhaabbata fayyaa beekamtii qabu irraa ragaa bu’aa qormaata fayyaa;
5) Ragaa yakka irraa bilisa ta’uu isaa mirkaneessu bu’aa qorannoo mallattoo qubaa yookiin ashaaraa qaama ragaa kana kennuuf aangoo qabu irraa;
21. Kakuu Raawwachuu
1) Namni ogeessa seeraa ta’ee qacaramu kamiyyuu hojii jalqabuun dura kakuu itti aanu raawwachuu qaba.
Ani_________, guyyaa har’aa ogeessa seeraa ta’ee yemmuun qacaramu biyyaa fi Naannoo kootiif amanamaa ta’uuf, heeraa fi seerota mootumma Federaalaa fi Naannichaa kabajee kabachiisuun ol’aantummaan seeraa akka mirkanaa’u hojjachuuf, duudhaalee naamusa ogummaa ogeessa seeraa kabajuun hojii koo akkaataa seeraatiin qofa itti gaafatamummaa ol’aanaadhaan raawwachuuf, dantaa hariiroo hawaasaa uummataa fi mootummaa kabajuu fi kabachiisuuf, kabaja ogummaa koo fi icciitii hojii eeguun dhiibbaa tokko malee amanamummaan, haqummaan, gahumsaan, sodaa yookiin loogii tokko malee hojii koo raawwachuuf waadaa nan seena.
2) Namni kakuu keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti ibsame raawwachuuf hayyamamaa hin taane kamiiyyuu ogeessa seeraa ta’ee hin qacaramu; qacarriin isaas ni haqama.
3) Kakuun raawwatame ogeessa seeraa kakuu raawwateen mallattaa’ee galmee dhuunfaa ogeessichaa keessa taa’uu qaba.
22. Mindaa fi Faayidaa Ogeessa Seeraa
1) Mindaa fi faayidaa ogeessa seeraa kan murtaa’u qorannoo Manni Hojichaa taasisu irratti hundaa’ee ta’a.
2) Kan keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jaltti tumame akkuma jirutti ta’ee mindaa fi faayidaan ogeessa seeraa mindaa fi faayidaa sadarkaa gita hojii ijoo mana hojii mootummaa, dhaabbata misooma mootummaa yookiin jaarmiyaa ummataa ogeesichi keessatti hojjatuu gadi ta’uu hin qabu.

Kutaa Xiqqaa Lama
Qajeeltoo Naamusa Ogummaa Ogeessa Seeraa
23. Amanamummaa
Ogeessi Seeraa kamiiyyuu:
1) amaanaa sababa ogummaa isaatiin itti kenname eeguu;
2) hojii isaa seeraa fi hojmaata mana hojii isaa bu’uura godhachuun raawwachuu;
3) Dhimmoota hariiroo hawaasaa dantaa uummataa fi mootummaatiin walqabatee gochi seeraan alaa raawwatamuu isaa yoo beeke yookiin arge itti gaafatamaa hojii dhiyoo yookiin Mana Hojii Abbaa Alangaa sadarkaa isaatti jiru barreeffamaan beeksisuu qaba.
24. Haqummaa
Ogeessi Seeraa kamiiyyuu:
1) waadaa seene kabajee haqaan haqaaf hojjachuu;
2) gocha waliin dhahuu irraa bilisa ta’uu;
3) Waliigaltee yommuu wixineessu, himannaa fi deebii yoo dhiyeessuufi falmu dhugaafi ragaa qabatamaa irratti hundaa’u; fi
4) Yeroo hundumaa dantaa hariiroo hawaasaa uummataafi mootummaa kabachiisuuf tattaaffii barbaachiisu taasisuu qaba.
25. Al-Loogummaa
Ogeessi Seeraa kamiiyyuu hojii ogummaa isaa yemmuu raawwatu gartummaa fi loogii bifa kamiiyyuu irraa walaba ta’ee seera qofa bu’uura godhachuun hojjachuu qaba.
26. Ejjennoo Qabaachuu
Ogeessi Seeraa kamiiyyuu hojii ogummaa isaatiin walqabatee:
1) Dhimma itti amaneef hanga dhumaatti ejjannoo cimaa qabaachuu;
2) Gorsa seeraa sirrii fi madaalawaa ta’e kennuu;
3) Yeroo ragaa fi odeeffannoo sassaabuu akkasumas falmii gaggeessu mirgoota namoota kabajuu;
4) Namni kamiiyyuu hojii isaa keessa seenee dhiibbaa hin malle akka geessisu hayyamuu hin qabu.
27. Iftoomina
Ogeessi Seeraa kamiiyyuu dhimma hojii isaatiin walqabatee tajaajilamtoota, miiltoo hojii, hooggansa mana hojii isaa fi Mana Hojichaatiif odeeffannoo guutuu, sirrii fi ifa ta’e kennuu qaba.
28. Icciitii Eeguu
1) Ogeessi Seeraa kamiiyyuu:
(a) odeeffannoo yookiin ragaa sababa hojii isaatiin argate hojii idilee isaa karaa seera qabeessa ta’een raawwachuuf barbaachisaa yoo ta’e malee icciitii eeguu qaba;
(b) dhimma sassaabbii ragaafi odeeffannoo yookiin himannaan isaa hin xumuramnee fi adeemsa murtii haqaa gufachiisuu danda’u irratti ibsa kennuu yookiin maxxansuu yookiin dabarsuu irraa of qusachuu;
(c) Mana hojii isaa erga gadi lakkisee yookiin iddoo biraatti erga jijjiiramee boodas sababa hojiitiin yookiin haala biroo kamiiniyyuu icciitiiwwan beeke eeguu qaba.
2) Keewwata kana keewwata xiqqaa (1) jalatti kan tumame jiraatus; balleessaa saaxiluuf jecha qaama dhimmi ilaaluuf odeeffannoowwan icciitummaa qaban beeksisuun akka icciitii baasuutti hin ilaalamu.
29. Ittigaafatamummaa
Ogeessi Seeraa kamiyyuu qajeeltoowwan naamusaa darbuudhaan badii raawwatuuf kan itti gaafatamu ta’a.
30. Dantaa Uummataa fi Mootummaaf Dursa Kennuu
Ogeessi Seeraa kamiiyyuu:
1) humnaa fi dandeettii qabuun dantaa hariiroo hawaasaa mootummaa fi uummata kabachiisuuf tattaaffii taasisuu;
2) faayidaa dhuunfaa isaa, kan maatii isaa, kan qaama yookiin garee biroo osoo hin taane faayidaa uummataa fi mootummaa bu’uura godhachuun hojii isaa raawwachuu; fi
3) Hojiiwwan biroo hojii idilee isaatiin walitti bu’uu danda’an kamiyyuu hojjechuu irraa of qusachuu qaba.
31. Seera Kabajuu
Ogeessi Seeraa kamiiyyuu:
5) daangaa aangoo fi hojii Mana hojii isaatiif seeraan kenname keessatti hojii isaa hojjachuu;
6) Seeraa fi hojimaata bu’uura godhachuun hojii isaa raawwachuu; fi
7) Qajeelfama seera qabeessa ta’e itti gaafatamaa isaa yookiin Mana Hojichaa irraa kennamuuf raawwachuu qaba.
8) Qajeelfamni akkaataa keewwata kana keewwata xiqqa 3’tiin ogeessa seeraatiif kennamu barreeffamaan akka ta’u ogeessichi yoo gaafate barreeffamaan kennamuufii qaba.
9) Qajeelfamni bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa 3’tiin kenname seera waliin kan wal faallessu ta’uu ogeessichi yoo itti amane kanuma qaama qajeelfamicha kenne barreeffamaan beeksisuun hojiirra oolchuu irraa of qusachuu qaba.
10) Qajeelfamni bu’uura keewwata kana keewwata xiqqaa 3’tiin tiin kenname seeraan ala yoo ta’e, qaamni qajeelfamicha kennes ta’ee kan raawwate seera rogummaa qabuun kan itti gaafatamu ta’a.
32. Fakkeenyummaa
Ogeessi Seeraa kamiiyyuu gochaafi jecha isaatiin kabaja qabaachuu, namoota kabajaan keessummeessuufi hojii ogummaa seeraa kabachiisuun hojjachuu qaba.
33. Hariiroo Ogeessi Seeraa Qaamota Biraa Waliin Qabaachuu qabu
Ogeessi Seeraa kamiiyyuu:
1) jireenya dhuunfaa fi hawaasummaa isaa kabaja hojii ogummaa seeraatiin wal simsiisuu;
2) hojii isaatiin walqabatee kennaa yookiin keessummeessa kamiyyuu fudhachuu irraa of eeguu;
3) nama dhimma isa biraa kallattiinis ta’ee al-kallattiin qabu irraa maallaqa liqeeffachuu yookiin liqeeffachuuf yaaluu irraa of eeguu;
4) Hojii dallaalummaa yookiin faddaalummaa raawwachuu hin qabu.
34. Gahumsa Hojii Ogeessa Seeraa
Ogeessa Seeraa kamiiyyuu:
1) seerota yeroo yeroon bahan beekuu fi leenjii qophaa’u irratti hirmaachuun gahumsa isaa gabbifachuu;
2) Dhaddacha seenuun dura qophii gahaa taasisuufi uffannaa kabaja dhaddachichaa madaalu uffatee argamuu;
3) Beekumsa, dandeettiifi cimina dhuunfaa hojii ogummaa seeraa qixa barbaadamuun hojjechuu isa dandeessisu qabaachuufi yeroo yeroon fooyyeffachaa deemuu.
Kutaa Xiqqaa Sadi
Hojii fi Itti gaafatamummaa Ogeessa Seeraa
35. Hojii fi Itti gaafatamummaa
Hojii fi itti gafatamummaan seerota birootiin kennameef akkuma jirutti ta’ee, ogeessi seeraa kamiyyuu hojii fi itti gaafatamummaa armaan gadii ni qabaata:
1) Dhimma hariiroo hawaasaa bu’uura Dambii kanaatiin bakka bu’ummaan kennameef amanamummaa fi haala naamusa ogummaa isaa kabachiisuun rawwachuu qaba;
2) Dhimma hariiroo hawaasaa ilaalchisee qajeelfama Manni Hojichaa kennuuf fudhatee hojiirra olichuu qaba;
3) Karooraa fi Gabaasa raawwii dhimma hariiroo hawaasaa mana hojichaaf erguu qaba;
4) Dhimma hariiroo hawaasaatiin walqabatee rakkoolee fi hanqinaalee mudatan Mana Hojichaaf beeksisuu qaba;
5) Qaajeeltoowwan naamusaa dambii kana keessatti tumaman kabajuu fi kabachiisuu qaba;
6) Hojiiwwan biroo mana hojichaan itti kenname ni raawwata.
36. Itti gaafatamummaa Seeraa
Ogeessi Seeraa kamiyyuu seeraa fi qajeeltowwan naamusa ogummaa karaa faallessuun kan hojjatu yoo ta’e akkaataa seerota rogummaa qabaniin kan itti gaafatamu ta’a.
Kutaa Jaha
Tumaalee Adda Addaa
37. Sirna Komiin Ittiin Dhiyaatu
Kenniinsa tajaajila dhimma hariiroo hawaasaa Dambii kana keessatti tumamaniin walqabatee qaamni komii caasaa Mana Hojichaa irraa qabu komii isaa akkaataa armaan gadiitiin dhiyeeffachuu ni danda’a:
1) Qaamni tajaajila dhimma hariiroo hawaasaa caasaa Mana Hojichaa sadarkaa aanaa yookiin magaalaatti kenname irratti komii qabu komii isaa mana hojii abbaa alangaa godinaatti dhiyeeffachuu ni danda’a;
2) Qaamni tajaajila dhimma hariiroo hawaasaa caasaa Mana Hojichaa sadarkaa Godinaatti kenname irratti komii qabu komii isaa Mana Hojii sadarkaa naannootti argamutti dhiyeeffachuu ni danda’a;
3) Komii dhiyaate irratti murtiin Abbaa Alangaa Waliigalaatiin kennamu isa dhumaa ta’a.
38. Dirqama Deeggarsa Kennuu
Qaamni dhimmi ilaalu kamiyyuu hojiirra oolmaa Dambii kanaatiif deeggarsa kennuuf dirqama qaba.
39. Aangoo Qajeelfama Baasuu
Dambii kana hojii irra oolchuudhaaf Manni Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Qajeelfama baasuu ni danda’a.
40. Seerota Raawwatiinsa Hin Qabaanne
Dambiin, qajeelfamnii fi barmaatileen hojii Dambii kanaan walfaalleessan kamiyyuu dhimmoota Dambii kana keessatti hammataman irratti raawwatiinsa hin qabaatan.
41. Yeroo Dambichi Hojiirra Itti Oolu.
Dambiin kun ___bara 2013 irraa eegalee hojiirra kan oolu ta’a.
Finfinnee, Waxabajjii____, Bara 2013
Shimallis Abdiisaa
Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Mirga shakkamtootaa fi dirqama daldaltoota. Barruu xinxala seraa pdf

https://youtu.be/0glebW9EFh8
1.1. Seensa
Biyyootni addunyaa garaagaraa haala guddina,dinagdee,siyaasa fi ulaagaawwan biroo bu’ura godhachuudhaan sirna dinagdee adda addaa kan hordofan ta’uun isaanii ni beekama.Kunis sirna dinagdee ajajaan(karooraan) hogganamu(command economy),sirna dinagdee gabaa bilisaa(free market economy) fi sirna dinagdee makaa(mixed economy) fi kkf jedhamuun beekamu.
Sirna Dinagdee Ajajaan(karooraan) Hoogganamu jechuun sirna mootummaan meeshaa oomishamu,hangam akka oomishamu fi gatii oomishni sun ittiin gurguramu itti murteessu jechuudha.
Sirna gabaa bilisaa Jechuun sirna dhiyeessi fi fedhii irratti hundaa’u ta’ee to’annaa mootummaa muraasa ta’een kan hoogganamuudha.walumaagala gabaa waljijjiiraa fedhii irratti hundaa’e ta’uu hubanna.
Sirna dinagdee makaa kun immoo makaa sirnoota lamaan armaan oliiti.
Bu’uruma kanaan biyyi keenya akkuma biyyoota biroo sirna diinagdee hordoftu qabdi.Kunis sirni dinagdee biyyi keenya hordoftu sirna gabaa bilisaati.Akkuma beekamu sirnichi kan hoogganamu fedhii fi dhiyeessii irratti yommuu ta’u hirmaannaan mootummaa kan daanga’e (muraasa) ta’uu hubanna.Sirni kun immoo akka biyya keenyaatti sadarkaan guddina isaa hanga kana kan hin jedhamne waan ta’eef rakkinoota walxaxaa adda addaa yommuu saaxilamu ni muldhata.
Yeroo baay’ee gara suuqiwwan daldalaa yommuu seennu sababoota hin beekamneen gatiin meeshaawwanii garaagarummaa guyyaa fi sa’aatii keessatti dabalee muldhata.Kun immoo gama shammattootaatin komiiwwan adda addaa akka ka’an sababa ta’aat jira.
Sababoota gatiin akka dabalu taasisan
Sababoonni armaan gadiitti tarraa’an gatiin meeshaalee akka dabaluuf dhimmoota ka’umsa ta’an akka ta’e odeeffanoon toora intarneetii irrraa argame ni muldhisa.
1.Oomisha :-Akka biyyaattis ta’e akka addunyaatti oomishni yoo xiqqaate gatii dabaluu danda’a.kana jechuun biyyootni dinagdeen guddatan oomisha isaan barbaachisu oomishuu yoo dadhaban oomisha sana gabaa addunyaa irraa bitachuuf dirqamu yeroo sana gatiin oomishaa dabaluu danda’a.Bara 2014 biyyi Hindi sababa rakkoo uumamaatin ruuzii oomishuu hin dandeenye sababa kanaan fedhiin ruuzii dabalee.Fedhii ruuzii dabale ture kana gabaa addunyaa irraa bitte sababa kanaan hanqinni ruuzii akka addunyaatti waan uumameef sun immoo gatiin ruuzii sadarkaa hin eegamneen akka dabaluuf sababa ta’e.
2.Gatii Oomishaa:-Gatiin oommishaa galtee oomisha sanaaf fayyadan irratti kan hundaa’udha.Kunis firii,xaa’oo,bishaan,meeshaalee oomishaa fi haala qilleensaati.Dabalataan immoo gatiin meeshaa gurguramu tokko baasii meeshaa kana oomishuuf bahe kan dabalatu ta’a.(baasii humna namaa,baasii meeshaa dheedhii,baasii kuusaa,baasii suphaa fi kkf kan dabalatu ta’a.)
3.Hirdhina(Hir’ina)bakka kuusaa:-Bakki kuusaa gahaa ta’e dhabamuun qulqulina meeshaa fi gatii isaa irratti dhiibbaa qaba.Yeroo baay’ee qonnaan bulaan sodaa kanaatif jecha fedhii oomishuu isaanii gadi bu’a.Kanaaf jecha yeroo baay’ee mootummaan magaalota gurguddoo irratti kuusaa qopheessa ta’us garuu kunis gahaa ta’uu dhaba.
4.Haala gabaa:-Akka biyyaatti immaamatni mootummaa hala gabaa to’atu jiraachuu dhabamuun isaa Oomisha irratti kan itti dadhabu qonnaan bulaa ta’ee osoo jiruu daldaltoonni naamusa hin qabne qonnaan bulaa fi uummata jidduu seenudhaan gatii oomishaa daran akka dabalan karra banaafii jira.
5.Rakkoo kominikeeshini:-Rakkoon kominikeeshinii gatiin oomishaa akka dabalu carraa uuma.Kana jechuun bakka hanqinni oomishaa hin jirreetti akka waan hanqinni oomishaa uumame fakkeessun namootni muraasni fayyadamuun gatiin oomishaa(meeshaa) akka dabalu taasisu.
6.Oomishni biyyatti galuu fi biyyaa gara biyya alaatti ergamu walmadaaluu dhiisuu.
Dhugaan jiru kana ta’ee osoo jiruu daldaltoonni tokko tokko bakka hanqinni oomishaa hin jirreetti yookiin sababootni biroo gatiin akka dabalu taasisan bakka hin uumamnetti daldaltoonni oomishaa fi tajaajila irratti gatii dabalu waan ta’eef kun immoo gufuu sirna gabaa keenyaa akka ta’e raga gahaadha.Kana qofa osoo hin taane sirni daldalaa keenya namoota muraasaan qofa kan qabame ta’uun isaa akkasumas shammattootaaf oomisha qulqulina hinqabnee fi sadarkaa isaa hin eegganne dhiyeessuu,oomishaaf gatii baay’ee ol ka’aa dhiyeessu,oomisha waan ormaa faana makuun gurguruufi daldalli seeraan ala fi kkf kan baay’atu ta’uun sirna gabaa miidhaa jira.
Kana irraa hubachuun kan danda’amu rakkinootni kun gama tokkoon sirna gabaa bilisaa biyyattii daran kan miidhu ta’uu isaatiin dabalatatti rakkoon shammattoota irraan gahu ol’aanaa dha.Kanaaf dinagdee keenya jilbibbiidhaan deemu itti fufsiisuuf rakkoo gama dorgommii daldalaa fi mirga shammattootaa irratti muldhatu furuuf gama hawaasaatinis ta’ee daldaltoonni mirgaa fi dirqama isaanii beekanii akka tarkaanfatan mootummaanis gama isaatiin gahee isaa akka bahu daangaa seeraa kaa’anii deemun barbaachisaa ta’a.
Seenaa dhufaatii
Akka addunyaatti sarbama mirga shammattootaa karaa adda addaatiin gahu ittisuufi to’achuuf akkasumas mirgi shammattootaa sarbamee yoo argame immoo beenyaa seera qabeessa akka argataniif hojiimaata fi eegumsi seeraa karaa qindaa’aa ta’een hojii irra ooluu kan jalqabe Akka Lakkoofsa Awurooppaatti bara 1962 biyya Ameerikaatti.
Dabalataan immoo bara 1985 yaa’iin waliigalaa Mootummoota Gamtoomanii walgahii taasiseen qajeelfama eegumsa shammattootaa qopheessun mirga shammattootaa eegsisuuf ulaagaa gadi aanaa barbaachisu tumuudhaan eegumsi shammattootaa guutuu addunyaatti xiyyeeffannoo akka argatu taasiseera.Bu’uruma kanaan biyyootni addunyaa adda addaa seerota mirga shammattootaa eegsisan adda addaa baasun hojii irra oolchuu erga jalqabani oolanii bulaniiru.
Akka biyya keenyaatti mirga shammattootaatin walqabatee labsiin 329/95 kan bahe yommuu ta’u itti fufuudhaan labsiin hojiimaata daldalaa fi eegumsa shammattootaa lakk. 685/2005 bahuu danda’eera.Dhuma irrattis labsii duraan ture haquudhaan labsiin dorgommii daldalaa fi eegumsa shammattootaa lakk.813/2006 bakka bu’uu danda’eera.Labsii kana keessattis eegumsa shammattootaa ilaalchisee tumaawwan adda addaa kan of keessatti qabate yommuu ta’u tumaalee kana bifa/gosa lamatti qoodnee ilaaluu dandeenya.Inni duraa tumaalee mirga shammattootaa tarreessan yommuu ta’u inni lammaffaa immoo dirqama daldaltoonni qabaniidha.

Hiikkoo shammattootaa
<>
Shammattoota jechuun nama meeshaa yookiin tajaajila dhuunfaatti fayyadamuuf bitu jechuudha(yaada barreessaa)
Labsii lakk.813/2006 keewwata 2(4) jalatti shammattoota jechuun nama uumamaa warshaadhaaf yookiin deebisee gurguruuf osoo hin taane gatii isaa ofiin kan kaffalu yookiin namni biraa kan kaffaluuf ta’ee tajaajila ofii isaatif yookiin maatii isaatiif meeshaa yookiin tajaajila bituu jechuudha.Dubbisa keewwata kanaa irraa ulaagaa sadii arganna.
1.Meeshaa yookiin tajaajila bituu qaba.Meeshaa daldalaa yommuu jedhamu meeshaalee gurguramuu bitamuu yookiin kireeffamuu yookiin meeshaalee socho’ani hojiin daldalaa namoota jidduutti ittiin raawwatamu kamiyyuu kan ilaallatu yommuu ta’u maallaqa yookiin sanadoota amala maallaqaa qabanii fi qabeenyota hin sochoone hin dabalatu.
2.Meeshaa daldalaa yookiin tajaajila sana ofii yookiin maatii isaatiif kan itti fayyadamu malee meeshicha meeshaa dheedhii warshaatif yookiin deebisee gurguruuf kan bitu yoo ta’e akka shammattootaati hin fudhatamu.
3.Bittaa kan raawwatu nama uumamaa ta’uu qaba.Qaamni seeraan namummaan kennameef kan akka baankii,waldaaleen meeshaa daldalaa tajaajila ofii isaanitiif bitan ille akka shammattootaati hi lakkaa’aman.
labsii 813/2006 keessatti mirgaa fi dirqamoota tarraa’an akka armaan gadiitti ilaalla
Mirga shammattootaa
1. Waa’ee qulqulinaa fi gosa meeshaa yookiin tajaajila bitanii Ibsa yookiin odeeffannoo sirrii fi gahaa ta’e argachuu.
2.Mirga meeshaalee yookiin tajaajila filatanii bituu
3.Qulqullina yookiin filannoo biroo jiru ilaaluun yookiin gatii irratti marii(falmii) meeshaa yookiin taajaajila bituu taasisuun akka bitu kan hin dirqisifamne ta’uu.
4.Daldalaa kamiinuu kabajaan keessummeeffamuu gocha arrabsoo,doorsisoo,sodaachisoo fi maqa balleessii irraa mirga eegamuu.
5.Meeshaalee daldalaa yookiin tajaajila bituu yookiin fayyadamuu isaatiin miidhaa irra qaqqabeef meeshaalee daldalaa yookiin tajaajiloota dhiyeessun walqabatee oomishtummaan,fichisisuun,gurgurtaa jumlaatiin,gurgurtaa qinxaabotiin yookiin karaa biroo kamiiniyyuu namoota dhiyeessii irratti hirmaatan qeenxeen yookiin waliin beenyaa akka kaffalaniif yookiin mirgoota kanaan walqabate mirga gaafachuu qaba.
Bu’uruma kanaan shammattoonni kamiyyuu karaa daldaltootaatiin sarbama mirgaa irra gahuu fi sababa kanaan miidhaa irra gahuuf dhaabbata eegumsa shammattootaatti himannaa dhiyeessuun daldaltoota mirga isaa sarban irratti himannaa hariiroo hawaasaa banuun beenyaa gahaa argachuu mirga qaba.Shammattoonni komii akka dhiyeessaniif sababoota sarbama mirgaa keessaa tokko meeshaa daldalaa yookiin tajaajila irratti hanqinni yoo jiraate yookiin miidhaa yoo irraan gahaniidha.Meeshaan daldalaa bite hanqina yoo qabaate yookiin miidhaa yoo irraan gahan meeshichi akka jijjiiramuuf yookiin maallaqani isaa akka deebi’uuf qaama gurgureef gaafachuu mirgi shammattootaaf kan kenname yommuu ta’u tajaajila irratti hanqina kan arge yoo ta’e tajaajilichi lammaffaa kaffaltii malee akka kennamuuf yookiin kaffaltiin raawwatame akka deebi’uuf gaafachuu mirga qaba.Kana haa ta’u malee seerri akkanatti ifaan tumee osoo jiruu suuqiiwwan adda addaaatti garuu barreeffamni meeshaan gurgurame hin deebi’u jedhu ifaan barreeffamee argina.Haa ta’u malee labsichi ifaan akka kaa’ee jirutti meeshaa bitame irratti hanqinni yommuu muldhatutti(mul’atutti) barreeffama akkanaafi gochaawwan biro kana fakkaatanin osoo hin taane shammattootaa fi daldalaa jidduu waliigalteen jiraatullee mirgi shammattootaaf kenname kun kan hafu hin ta’u.
Dirqama Daldaltootaa
Mirgoota shammattootaa armaan olitti caqasaman akka hin sarbamneef ulaagaawwan daldaltoonni guutuu qaban labsiin kun tarreessee jira.Isaanis
1.Dirqama gatii meeshaa fi tajaajilaa ibsuu.Kana dura baratama tureen daldaltoonni gatii meeshaa gurguranii yommuu maxxansan hin muldhatu.Kun immoo gabaan akka iftoomina dhabu gochuu isaatiin dabalatatti shammattoota gocha gowwomsaaf kan saaxiluudha.Kanaaf daldalaan hundi gatii meeshaa yookiin tajaajila kennu kaffaltiiwwan seera qabeessa (taksii fi gibira) dabalatee karaa ifa ta’een maxxansuu qaba.
2.Dirqama ibsa meeshaa gurguruu kennuu.Ibsa meeshaa gurguruu yommuu jedhamu maqaa meeshaa,bara itti oomishame,biyya itti oomishame,qulqullina isaa,bara tajaajilli isaa itti xummuramu,warshaa fi maqaa fi teessoo fichisiistotaa,ulaagaa sadarkaa biyya keenyaa kan guute ta’uu,daldalaan waa’ee meeshaa gurguree wabummaa inni kennu fi dhimmoota biro kanaan walqabatan jechuudha.Kanaaf daldaltoonni hunduu tarree ibsa meeshaa armaan olitti caqasaman meeshaa irratti maxxansuu yookiin waraqaa addaa irratti barreessee shammattootaaf kennuu qaba.Tarreen ibsa kanaa kan barreeffamuu qabu afaan Amaariffaa fi Ingiliffaan ta’ee haala salphaan kan adda bahu (gadi lakkisu) ta’uu hin qabu.
As irratti qabxiin ka’uu qabu biyya sirna federaalaa hordoftuu fi uummata afaan adda addaa (sabdanneessaa fi afdaneessa) ta’e keessatti haala kanaan caqasamuun isaa kan madaallii kaasu hin ta’u.Sababni isaa immoo namni(shammattootni) afaan armaan oliitti caqasaman hin dandeenye(hin beekne) hoo maal ta’uu qabu? kan jedhuuf furmaanni taa’e hin jiru.Haa ta’u malee haala naannichaa,aadaa fi duudhaa uummataa bu’ura godhatee osoo hojii irra oolee dhama qabeessa ta’a.Fkn’f Naannoo Oromiyaa keessatti Afaan Oromoos dabalatee afaanota biros haala giddugaleessa godhateen ta’uu qaba(yaada barreessaa).
3.Nagahee kennuu fi haftee nagaheewwanii waggaa 10’f (kudhaniif) qabachuu(olkaawwachuu) yommuu ta’u daldalaan meeshaa gurguruuf bite ykn tajaajilaaf nagaheewwan fudhatee waggaa 10’f (kudhaniif) qabatee tursiisuu qaba.
4.Dirqama of ibsuu:-Daldalaan kamiyyuu maqaa daldalaa isaa bakka ifatti muldhatutti maxxansuudhaan dabalatatti bu’ura gaaffii shammattoonni dhiyeessaniin of ibsuu fi odeeffannoo shammattoonni barbaadan kennuu dirqama qaba.
5.Dirqama Beeksisa daldalaatin walqabatu:-Beeksisni daldalaa taasifamu kamiyyuu waa’ee meeshaa yookiin tajaajila daldala sanaa soba yookiin dogoggorsiisaa ta’uu hin qabu.kunis baay’ina,amala meeshichaa,burqaa meeshichaa,ulfaatina,haala itti oomishame,guyyaa tajaajila dhaabuu,mallattoo qulqullinaa fi waan gatiin gadi bu’ee gurguramu fakkeessun beeksisa hojjachuu dhorkamaadha.
6.Dirqama wantoota sirrii hin taane fi dogoggorsiisan irraa of qusachuu.Kana jechuun labsicha keessatti mata duree gochaawwan dhoorkaman jedhu jalatti kan ibsame yommuu ta’u kun immoo dirqama daldaltootaa ta’a jechuudha.Kunis
 Biyya meeshaan daldalaa itti hojjatame dogoggorsuun ibsuu
 Meeshaa yookiin tajaajila daldalaa biroo karaa dogoggorsaa ta’een ibsuu
 Shammattoota jidduutti loogii hin taane raawwachuu
 Meeshaa safartuu seeraan alaa fayyadamuu
 Waliigaltee wabummaa gurgurtaa meeshaa yookiin tajaajilatin walqabatu bahuu dhiisuu
 Shammattoonni meeshaa yookiin tajaajila biraa akka bitaniif meeshaa biraa hin barbaanne wajjin akka bitan dirqisiisuu
 Faayidaa Shammattootaatif yoo ta’e malee meeshaa yookiin tajaajila daldalaa hin gurguru jechuu.
 Tooftaa gurgurtaa Piraamidii gaggeessuu.kana jechuun shammataan tokko meeshaa yookiin tajaajila yoo bitu yookiin buusii maallaqaa yoo taasise maallaqa dabalataa kan argatu fakkeessanii yookiin faayidaa akkanaa kan argatu ta’uu ibsuun shammataan kun meeshaa akka gurguruf shammattootni isatti aananii meeshaa yookiin tajaajila bitan yookiin buusii buusan yoo baay’achaa deeman maallaqa yookiin faayidaa dabalataa waan inni argatu fakkeessanii tooftaa gurgurtaan itti raawwatamuudha.
 Haaromsii fi suphaan meeshaa daldalaa irratti raawwatamu sadarkaa isaa isa beeksisaniin gadi yookiin haala guutuu hin taanen raawwachuun gochaawwan dhorkamaniidha.
Mirga Shammattootaa sarbuun bu’aa inni hordofsiisu
Shammattoonni mirga akkamii akka qaban armaan olitti kan ilaalledha mirgoota kana sarbuun immoo itti gaafatamummaa hariiroo hawaasaa,bulchiinsaa fi yakkaa hordofsiisu akka armaan gadiitti ilaalla.
1.I/Gaafatamummaa (Bu’aa) Bulchiinsaa
Himanni itti gaafatamummaa bulchiinsaa kan dhiyaatu Abbaa Taayitaa Dorgommii Daldalaa fi Eegumsa shammattootaatif yommuu ta’u murtiin kan kennamu qaama A/seerummaa A/Taayitichaatin kennamefin ta’a.A/Taayitichaa shammattoota irratti miidhaa gahuu erga qulqulleeffatee booda akka beenyaa argatan,eeyyamni daldalaa daldaltootaa akka dhorkamu yookiin haqamu,gochi sirrii miti jedhame akka adda citu yookiin akka dhaabbatu gochuu akkasumas daldalaan dirqamoota tarree 3ffaa irra jiran sarbe yoo argame galii gurgurtaa waggaa irraa adabbii maallaqaa % 5- %10 (dhibbeentaa shan- dhibbeentaa kudhan) adabamuu danda’a.
2.I/Gaafatamummaa(Bu’aa) Hariiroo Hawaasaa
Meeshaan yookiin tajaajilli shammattoonni bitan hirdhina(hir’ina) yoo qabaate meeshaa daldalaa walfakkaataan akka jijjiiramuuf (bakka bu’uuf) yookiin kaffaltiin tajaajilaa akka deebi’uuf yookiin kaffaltii malee tajaajila akka argatan gaaffii daldalaa gaafataniif deebii argachuu dhabuu isaanitin miidhaa isaan irra gahuuf beenyaa akka kaffaluuf yookiin qaamota biro meeshaa daldalaa irratti hirmaatan gaafachuu mirga qabu.
3.I/Gaafatamummaa (Bu’aa) Yakkaa
Labsichi adabbii yakkaa ilaalchisee tumaa waliigalaa fi tumaa addaa qabateera.Namni daldalaa ta’e yookiin daldalaa hin taane kamiyyuu tumaalee labsichaa,dambii labsicha raawwachiisuuf bahan yookiin beeksisa uummataa darbee yoo argame adabbii maallaqaa 5000-50,000 fi hidhaa salphaan kan adabaman yommuu ta’u karaa biraatin labsichi gochaawwan dhorkaman adda addaatiif adabbii adda addaa kan tume yommuu ta’u,kanneen keessaa daldala piraamidii gaggeessun meeshaa daldalaa nageenyaa fi fayyaa namaatif balaa ta’e ,burqaan isaa hin beekamne,sadarkaan qulqullina isaa gadi bu’e,kan summaa’e,yeroon tajaajila isaa darbe yookiin waan ormaa faana walitti makame daldalaaf dhiyeesse yookiin gurgure adabbii maallaqaa fi hidhaa salphaa yookiin hidhaa cimaan adabamuu danda’a.Kanaaf sarbama mirga shammattootaatif labsichi filannoowwan sadii kaa’et jira.
Gaheewwan Qaamolee Adda Addaa
1.Gahee mootummaa
Uumama sirna diinagdee biyyi keenya hordoftu ta’eet mootummaan gaheen inni daldala keessatti qabu waan muraasa.Sunis haala gabaa to’achuu ta’a.Mootummaan haala gabaa to’achuu kan danda’u immoo immaamata,tarsimoo fi seerota adda addaa dhimma kana irratti xiyyeeffatan baasuni.Yeroo baay’ee garuu biyya keenya keessatti kan muldhatu seerota baasuu qofa,seeroni bahan hojii irra ooluu fi dhiisuu isaanii sakatta’u fi tarkaanfii sirreeffamaa fudhachaa deemuu irratti qaawwa baldhaatu muldhata.Kana qofa osoo hin taane seeronni bahan iftoomina dhabuu.Akka fakkeenyaatti labsiidhuma kana keessaa keewwata 24(1)(b) yoo fudhanne meeshaa daldalaa gabaa irratti hirdhina qabaachuun isaa ministeerichaan beeksisa uummataatin ibsame nama daldalaa hin taane hanga tajaajila ofii isaatif yookiin maatii isaatif oolun caalaatti meeshaa kuusuun yookiin dhoksuun dhorkaadha jedha.Kana irratti ciroon hanga taajila nama tokkoo yookiin maatii isaatii jedhu hangam akka ta’e seerri ifa waan hin keenyeef yeroo baay’ee hiikoof saaxilamaa ta’uu isaatin magaalota irratti abukkattoon dhuunfaa himatamaa bakka bu’ee falmu ijoo kana yeroo kaasan ni muldhata.
Dabalataan keewwata 34 irratti naannoleen qaama dhimma kana irratti kennu qaama A/Seerummaa qabu hundeessuu danda;u jedhus dhimmootni kun baay’inaan Manneen Murtii idileetti ilaalamaa jira kunis qaawwa labsichaati.Kanaaf mootummaan gahee isaa seerota ifa ta’an baasuun bahuu qaba.
Gahee Miidiyaalee
Uummanni biyya tokkoo taatewwan biyya isaanii keessatti ta’an mirga odeeffannoo argachuu (access to information) heera mootummaan eegumsi taasifameef qabu.Kanaan walqabatee oolmaa haala gabaa hordofuudhaan yeroo yerootti odeeffannoo uummata biraan gahuudhaan akka daldaltoota isa gowwomsuuf deeman irratti dammaqee hirmaatu taasisuun rakkoo gama kanaan uumamu furuun kan danda’amu yoo miidiyaaleen gahee isaanii bahaniidha.
Gahee Ogeessota seeraa
Kanaan walqabatee ogeessotni seeraa hubannoo hawaasaa kallatti adda addaatin kennuun akka mirgaa fi dirqama isaanii hubatan gochuun ni danda’ama.Haa ta’u malee yeroo ogeessotni seeraatu seerota bahan irratti hanqinni hubannoo isaan mudatu ni muldhata kanaaf gama kanaan rakkoowwan jiran furuuf immoo qaamotni dhimmi kun ilaalatu leenjiwwan yeroo yeroon kennuun beekumsa ogeessaa gabbisuun dirqama ta’a.Dabalataan immoo yeroo eerun dhiyaatutti xiyeeffannoo addaa itti kennuun akka dhimmichi yeroo gabaabaa keessatti furmaata (murtii) argatu gochuun dirqama ogeessota kanaati.
Gahee Uummataa
Rakkoo kanaan walqabatee jalqaba miidhamaa kan ta’u shammattoota(uummata) waan ta’eef yakki yeroo raawwatamee argamutti guddinaafi xinneenya yakkichaa ilaalcha keessa osoo hin galchin odeeffannoo qaama dhimmi ilaallatuuf hatattamaan kennuu barbaachisa.Kanaan walqabatee uummatni Magaalaa Finffinnee fakkeenya ta’uu danda’u.Sababni isaa immoo geejjiba taaxii irratti daballiin saantima 15 yoo jiraate waan fe’et dhufa malee hin kaffalani sababa kanaan immoo abbootin qabeenyaa,konkolaachiftoonni akkasumas gargaartonni sababa gahaa malee (kallattii mootummaan dabarsuun alatti) daballii akka hin taasifne isaan dirqisiisa.Faallaa kanaa bakkeewwan biro yommuu ilaallu garuu dachaa taarifa kaffalamuu qabu yoo gaafataman illee ni kaffalu.Kanaaf sababa kan ta’u immoo walitti dhufeenya abbootii qabeenyaa,konkolaachiftoonni qaama mootummaa(qaamolee seeraa raawwachiisan) faana qaban irraa ka’uun dubbannus bu’aa hin qabu jechuun abdii kutuu irraan kan ka’e waan ta’eef dhimmi kunis dhimma xiyyeeffannoo barbaadudha.
Gahee Ministeera Daldalaa
Dhimma kanaan walqabatu sadarkaa Federaalaatti kan hoogganu Ministeera Daldalaa fi Industirii yommu ta’u akka Naannotti immoo Biiroo Daldalaa ta’a.Kanaaf qaamni kun beeksisa uummataa yeroo yeroodhan(ji’a ji’aan) yommuu baasu qaama hundaaf akka qaqqabu taasisuun dirqama isaa ta’a.Sababni isaa immoo yeroo A/A himannaa banuuf jedhee yookiin bane beeksiisni uummataa kun dhabamee beellama hin barbaachifne yeroon itti kennamaa jirutu jira.Kana qofa osoo hin taane yeroo qorannaan taasifamu beeksisa uummataa kana barbaachatti yeroon beellamaa hin barbaachifne gaafatamaa jira waan ta’eef kun immoo sarbama mirga namaatif akkasumas kiraa sassaabdummaadhaaf karra bana waan ta’eef beeksisoonni bahan dafanii qaama dhimmi ilaalatu bira akka qaqqabu gochuun rakkoo kana furuun ni danda’ama.