Posted in hubannoo seeraa, Prodcusting audio video

Tamboofii Seera

Barruu Xinxala Seeraa

barruu kana Seeroonii kenya wa’e tamboo mal jedhanii kan jeedhuu abbaa alangaa godina jimmaa anaa cora botor kan ta’an Obboo mulugeetaa megersaadhaan qophaa’e

garee komnikeshinii mana hojii abbaa alangaa godina jimmaa.

seensa

Tamboo xuuxuun nama xuuxu irrattis haa ta’uu bakka namoonnii baay’een argamanitti xuuxuun rakkoo fayyaa  kan qaqqabsiisu ta’uu odeffannoon madda adda addaa irraa argamuu ni mul’isa(muldhisa).Kana qofaa osoo hin taanee waraqaawwan tamboon itti samsamamu irratti barreeffamni tamboon du’aaf nama saaxilaa, tamboon dhibeewwan  kaansariinama qabsiisa jedhu barreeffames kan argamuu yommuu ta’ukun miidhaa tamboon qaqqabsiisuu kan akeekuudha.

Qorannoo Dhaabbani Fayyaa Addunyaa (WHO) yeroo adda addaa  taasisuu irratti akka mul’isutti(muldhisutti) namonni miiliyoona 8 tti  tilmaamaman  sababa  tambootiin akka guutuu addunyaatti kan du’an yommuu ta’u kana keessaa namootni miliyoonni 1.2 ta’an namoota hin xuuxnedha.Akkasumas gama diinagdeetin immoo  Doolaara Ameerikaa Biiliyoona 500 tilmaamamu  miidhaa qaqqabsiisaa jira.Bu’uura qorannoo kanaatiin rakkinootni kun kan uumaman biyyoota guddatanitti ta’us yeroo ammaa garuu sababa adda addatiin biyyoota hin guddanneettis rakkoon kun kan babaldhachaa(babal’achaa) jirudha.Rakkinni kun babal’achuu irraan kan ka’e hawaasni addunyaa tamboo to’achuu irratti ejjannoo walfakkaata akka qabatan tasisee jira.

Yeroo Jalqabatif A.L.Awuropaa bara 2003 Dhabbanii Fayyaa Addunyaa(WHO) tooftaawwan tamboo to’achuuf dandeessisuufi biyyoota miseensa ta’an dirqama irra kaa’u <<Framework convention on tobacco control>> yookiin sanada waligalee tamboo to’achuuf bahee mirkaneesse.Haa ta’u malee waliigaltee kana hojiirra oolchuf mariin kan jalqabame bara 1995 ture.Seenaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kaassatti konvenshiniin kun konveenshinii yeroo gabaaba keessatti  hojii irra ooledha.

Biyyi keenyaa Itioophiyaan Guraandhala 25 bara 2004 waligalticha mallatteessiterti .kana buu’uura godhachuudhaan labsiin lakk. 661/2001 kan bahee ta’uus booda irra garuu labsiin Lakk. 1112/2011 bahuu danda’eera. kana qofa osoo hin taanee labsii 661 irratti hundaa’uun Manni marii ministeerotaa dambii lakk. 229/2007 baasuudhaan hojii irra ooluu danda’eeraa.

TamboonMiidhaa Qaqqabsiisu  Yoom Beekame?

Tamboon rakkoo fayyaa kan ta’uu jalqabe waggaa dheeraa  ta’eera.Tamboo xuuxuudhaan rakkoon hargansuu,qufaasisuun yeroo hunda waan muldhatu ture.Jalqama bara qaroominaa keessa beektotni amantaa Musliima  Lixa Afrikaa miidhaa tamboo xuuxuun qaqqabsiisu beekanit turan.Kanaaf ragaan immoo barreeffamni isaa biyya Timbuktuutti argama.Bara 1700 keessa tamboo ujummoo fayyadamuun xuuxuun dhibee kaansarii afaanii akka fidu bira gahame.Dhuma bara 1800 fi jalqaba bara 1920 keessa walitti dhufeenyi tamboo fi kaansarii gosa hedduu irra deddeebin muldhachuu jalqabe.Gabaasni jalqabaa walitti dhufeenyi tamboo fayyadamuu fi dhibee sombaa dhuma bara 1800 irratti taasifame.Bara 1880’moota keessa warshaan tamboo oomishu biyya Ameerikaa Kibbaa keessatti oomishamun tamboon baay’inaa fi gatii salphaan akka oomishamuuf sababa waan ta’eef tamboo xuuxuun waan baratame ta’uu danda’era.kun immoo warraaqsa tamboo xuuxuu dhoorkaniif ka’umsa ta’e.Booda irra immoo tamboo fayyadamuu fi gurguruun dhiibbaa jala seenee.Bara 1912tti Doktorri Biyya Ameerikaa Ayizak Adlar jedhamu nama yeroo jalqabaatif tamboo xuuxuun dhibee kaansarii sombaa kan  qabsiisuu ta’uu  qorannaadhan mirkaneesse yaada kennuu danda’eera..Waraana Addunyaa 1ffaa dura dhibeen kaansarii kan badaa beekamu hin turreeyyu haa ta’u malee waraana booda garuu tamboo xuuxuun waan baratameef ka’umsa dhibee kaansarii ta’uun isaa beekame.

Rakkoo Yeroo Dheeraa Tamboo Xuuxuun Fidu

  • Dhibee onnee:-Tamboo xuuxuun mallattoon miidhaa inni onnee fi ujummoo dhiigaa irratti qaqqabsiisuu baay’ee si’ataadha.Daqiiqaa tokko keessatti rukuttaan onnee dabaluu jalqaba.Karbon mono oksaayidin haara tamboo keessaa bahu dandeettii dhiigni oksijinii baachuu danda’u irratti dhiibbaa qaba.Keemikaalotni haara tamboo keessaa bahu ujummoo dhiigaa dhippisuun dhibee onneef nama saaxila.
  • Rakkoo kalee fida:-Tamboo xuuxuun dhibee kaansaari kalee hordofsisa.kaleen akka miidhamuuf gahee guddaa qaba.
  • Dhibee infiluweenzaaf saaxila:-Dhibeen kun yeroo jalqabaatifbiyya Israa’elitti raayyaa ittisa biyyaa keessatti qorannoo taasifameen kan beekame yommuu ta’u namoota 168 tamboo xuuxan keessaa %68.5 dhibee kanaan qabamuu danda’aniru.
  • Dhibee Afaan keessaa:-Namni tamboo xuuxu kaansarii afaaniif waan saaxilamuuf afaan nama tamboo xuuxuu foolii ajaa’aa qaba.Kanaaf sababa kan ta’u miidhaa ilkaan,arrabaa fi hidhii irra qaqqabuuni.
  • Dhibee Sombaa:-Namoonni tamboo xuuxan carraan dhibee sombaatin qabamuu isaa baldhaadhaa.Namoota tamboo hin xuuxne faana yommuu walbira qabamee ilaalamu namni guyyaatti tamboo 20 xuuxu carraan dhibee sombaatin qabamuu isaanii dacha 2 hanga 4 ta’a.
  • Rakkoo wal-hormaataa:-Tamboo xuuxuun ovarii irratti miidhaa qaqqabsiisa.Miidhaan isaa baay’ina tamboo xuuxamuu fi dheerina yeroo xuuxamuu irratti hundaa’a.Nikootinii fi keemikaalli biro tamboo keessatti argamu walhormaatni akka hin uumamneef karra banu.Kana qofa osoo hin taane qaama walhormaata dhiiraa irrattis dhiibbaan inni qabu daran ol’aanaadha.Dabalataan immoo dubartoonni ulfi tamboo kan xuuxan yoo ta’e daa’imni dhalatu rakkoo fi hirdhina(hir’ina) qaamaa adda addaatif kan saaxilamu ta’a.

Miidhaa yeroo Gabaabaa

  • Hargansuu Badaa(Bad Breath)
  • Humna dadhabsiisuu
  • Dandeetti dhandhamuu fi fuunfachuu hirdhisu(hir’isuu)
  • Qufaasisuu
  • Yeroo dheeraaf hargansuu dadhabuu

Labsiin 1112/2011 hiikoo jecha tamboo jedhuu kennuu baatus keewwata 30 irratti garuu oomisha tamboo jechuun gariinis ta’u guutummaan guutuutti baala tamboo irraa qophaa’ee xuuxuudhaan,ol-Harkisuun,Alanfachuun,Fuunfaachuun ykn karaa biraan wanta fudhatamu jechuudhaa hiikoo itti kennera.

Dhorkaawwan

Labsii kanaa fi Dambii keessatti dhorkaawwan gama adda addaatin taa’ee jira kanaaf dhorkaawwan kana tarreedhuma seericha keessa taa’aniin akka armaan gadiitti ilaalla.

Eeyyama Malee Hojii Tamboo Hojjachuu

  • Namni kamiyyuu qaama raawwachiiftuu irraa eeyyama addaa osoo hin argatin oomisha tamboo oomishuu,gara biyya keessaa galchuu ykn jumlaadhaan raabsuun dhorkaadha.
  • Meeshaa Elektirooniksii Nikootiiniin itti kennamuu ykn bu’aa teknolojii Tamboo(sijaaraa) faana walfakkaatu gara biyya keessaa kaayyoo daldalaatiif galchuu, oomishuu, gurguruuf dhiyeessuu ykn gurguruun
  • Namnii biqiltuu tamboo biqilchus ykn oomishu kamiyyuu tamboo biqilchuu ykn omishuun midhaa hojjatootaa fi naannoo irraan gahu ittisuuf to’achuuf dirqama qaba.
  • Oomisha Tamboo Qabiyyeen isaa qaama rawwachiiftuun dhorkame gara biyyaa galchuun,jumlaadhaan raabsuu,gurguruu ykn gurgurtaaf dhiyeessuun dhorkaadha.
  • Oomishaa ykn fichiisiisaan oomisha tamboo,qabiyyee oomisha tamboo fi dhimmoota kanaan walqabatan ilaalchisee odeeffannoo qabaachu kan qabuu ta’e qaama rawwachiiftuun yommuu gaafatamu kennuuf dirqama qaba.Oomishaan ykn fichiisiisaan yommuu dirqama tumaa kanaa raawwatu odeffannoon qaama raawwachiiftuf kennu iccitii daldalaa seeraan eegumsi taasifameef yoo ta’e kunis barreeffamaan yoo ibsameef qaamni raawwachiftuun icciti daldalaa kana eeguuf dirqama qaba.
  • Namnii kamiyyuu barreeffamaan ykn waraqaa oomishichii ittiin maramu dhandhama dabalata akka qabuu ibsuuf ibsuu baatus dhandhama addaa kan qabu ta’uu
  • Wantoota omishichaa faana tuttuqqi qabaniin fakkii tamboo ykn mi’aa dhandhama jijjiruu kan qabate
  • Qabiyyeen oomisha tamboo fayyaaf kan fayyaduu ykn miidhaa fayyaa irraatti fidan kan hirdhisaan(hir’isan) kan akkaa Vayitaminii fuduraafi kuduraa, amiino asidii, kaaffeen,toorin ykn si’essituu  kana fakkaatan, faatii asiidii fayyadan ykn humnaa fi cimina kennuun kan walqabatan  si’eessitoota akkanaa kan qabatee ta’u
  • Haalluu haara tamboo jijjiiru kan qabu ykn oomisha tamboo ulaagaa qaama raawwachiiftuun bahuu biro kan hin gunnee oomishuu, gara biyyaa seensisuu, jumlaan gurguruu, raabsuu ykn qinxaaboon rabsuun dhorkaadha.

 

 

tamboo-wana5

Dhorkaa Bakka Itti Xuuxamuu

  • Bakka kamiyyuu namoonni baay’ataan,bakka hojii bakka geejjiba ummataa,bakkaa mana jirenyaa waliinii,bakka tajaajila waliinii kamitiyyuu tamboo xuuxuuu fi fayyadamun dhorkaadhaa.
  • Bakkeewwan armaan olitti caqasaman irratti hanga meetira 10 ummataaf banaa ta’aniifi karaa balbala, foddaa ykn bakka qillensa galchuu danda’uu birootti tamboo xuuxuun dhorkaadha.
  • Bakkaa Armaan olitti caqafaman akkuma jirutti ta’anii dhaabbata fayyaa, dhaabbata mootummaa,adda durummadhaan daa’immaniifi tajajila nama umuriin isaa waggaa 21 gadiif oluu M/Barumsaa, dhabbata barnootaa ol’aanaa,bakka oolmaa dargaggoo,paarkii bashannanaafi bakkeewwan biroo Qaamaa raawwachiiftuun ykn to’attoota fayyaa namootaatiin ibsamuu keessatti tamboo xuxuun ykn fayyadamuun dhorkadhaa.

Yeroo Baay’ee Tamboo Bakkaa Namonnii Baay’een argamanitti Xuuxun Dhorkaa akkaa ta’eef yakka ta’uun isaa namoota Baay’een kan dubbatamuudha.Haa ta’uu malee tamboo bakka namoonnii baay’een argamanitti xuuxuudhaan garuu namni himatamees adabamees jiraachuu isaa garuu ragaan hin jiru.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa sanada waliigaltee sirna tomboo ittiin to’atan baase keewwata 4 irratti fi seensa labsii 1112/2011 irraa akka hubachuun danda’amutti tamboo bakka namoonni baay’een argaamanitti xuuxuun kan dhorkameef sababoota lamaani.

አዲሱ የፌደራል ፍርድ ቤቶች አዋጅ 1234/2013 ይዟቸው የመጣው ዋና ዋና ነጥቦች የነሐሴ 12/2013 ስርጭት። FM MHAAG Jimmaa Attorney

የፌዴራል ፍርድ ቤቶች ስተዳደሩ የነበሩ በአ/ቁ 25/96 የነበረው ሲሆን ይህንን አዋጅ በማሻሻል አዲሱ አዋጅ በሥራ ላይ ውሏል። የፌደራል ፍርድ ቤቶች አዋጅ 1234/2013 በፌደራል ጠቅላይ ፍርድ ቤት ስር የተቋቋመ 15 ከፍተኛ የሕግ ባለሙያዎችን በአባልነት ያካተተ የዳኝነት ሥርዓት አማካሪ ጉባኤ ረቂቁ ተዘጋጅቶ በፌደራል ፍርድ ቤቶች አመራሮች፣ በሕግ ባለሙያዎች እና በሕዝብ ተሳትፎ ዳብሮ ከሁለት አመታት ቆይታ በኋላ ጥር 13 ቀን/ 2013 ዓ.ም በሕዝብ ተወካዮች ምክር ቤት ጸድቋል። ይህ አዲሱ የፌደራል ፍርድ ቤቶች አዋጅ 1234/2013 ከነባሩ የፌደራል ፍርድ ቤቶች አዋጅ ቁጥር 25/88 እና ይህን አዋጅ ካሻሻሉት ሌሎች አዋጆች ቁጥራቸው 138/1991፣ 254/1993፣ 321/1995 እና 454/1997 ከሆኑት አዋጆች ምን የተለየ አዲስ ነገር ይዞ መጥቷል? እንዲሁም ለአዳዲሶቹ ሕጎች መነሻ ዋና ዋና ምክንያቶቹስ ምን ምን ናቸዉ የሚለዉን በወፍ በረር እንመልከት። — Send in a voice message: https://anchor.fm/mhaagj/message
  1. አዲሱ የፌደራል ፍርድ ቤቶች አዋጅ 1234/2013 ይዟቸው የመጣው ዋና ዋና ነጥቦች የነሐሴ 12/2013 ስርጭት።
  2. Galmi kenya our objectives፣ እንደ ጅማ ዞን አቃቤ ህግ ፅፈት ቤት ግባችን
  3. tamsaasa camsaa 24/2013 hubannoo seeraa wa'e qaama bilisa baasu habeus corpus kuta tokkoffaa
  4. tamsaasa fm MHAAGJ caamsaa 23/2013 wa'ee tamboo ilaalchisee seerrii maal jedha
  5. Tamsaasa fm mhaagj caamsaa 2013 hubannoo seeraa seera godaansaa irrattii

1.Amala Namaa Yookiin naamusa namaa sirreessuf

Ogeessonni fayyaa gama kanaan qorannoo taasisan akka ibsanitti uumama isaanii ta’ee daa’imman waan ija isaanitiin argan gochuuf yookiin raawwachuuf ariifatu.Daa’imman akka yaadama isaanitti waanti namni jabaan(namni guddaan) raawwatu  hunduu sirriidha jedhanii fudhatu.kanaaf tamboo bakka namni baay’atutti xuuxuun bakka sanatti daa’immanis argamu danda’u waan ta’eef waanti kun sirrii fi waan isaan fayyadu fakkaatee itti muldhata.Yeroo sana gocha tamboo xuuxuu kana ofii isaanitiif raawwachuuf fedhiin isaan keessatti dhalachuu danda’a.Kanaaf ogeessonni kun akka agarsiiftutti kan kaasan immoo daa’immaan maaliif xuuxuu akka jalqaban yommuu gaafataman yaaliidhaaf,waan nama qaroomsuu nutti fakkaate,namni jabaan yommuu xuuxuu argeen kan jedhaniifi sababoota biroo caqasuu isaanii akka ragaatti kaasu.As irratti daa’imman tokko tokko rakkina yeroof isaan mudatuu furuuf  jedhanii tamboo xuuxuu jalqaban jiraachuun isaanii dagatamuu hin qabu.Fakkeenyaaf daa’imman sababa adda addaati maatii isaanii irraa adda bahanii jireenya karaa irraa gaggeessan qorra halkan halkaniitif jecha  tamboo xuuxuu jalqabanii booda keessaa bahuu dadhaban kaasuun ni danda’ama.Kanaan walqabatee namoonni tamboo xuuxan jechoota akka daa’immani fi namni biro gocha isaan raawwatan kana deeggaruuf haasa’u.Kunis tamboo xuuxuun sammuu nama si’eessa,nyaatni akka dafee bullaa’u taasisa(digestion) jechuun haasaan sobaa yookiin dogoggorsiisaan isaan dubbatan nama baay’ee balaaf saaxilee jira.

Kana ta’uu isaatin bakka namoonni baay’atanitti tamboo xuuxuun kan dhorkameef daa’imman amala(naamusa) hin barbaachifne qabatanii akka hin guddanneefi.

2.Miidhaa namoonni tamboo xuuxan namoota biro irratti qaqqabsiisan hirdhisuuf

Tamboon akkuma beekamu waan qilleensa faana haala salphaan makamuu danda’u waan ta’eef qilleensi immoo yeroo gababa keessatti bakka baay’ee fi nama baay’ee bira qaqqaba waan ta’eef tamboo qilleensatti makame baatee bakkaa bakkatti socho’a jechuudha.Kanaaf namoonni tamboo xuuxan hanguma rakkoo fayyaa of irraan gahan rakkoo fayyaa nama hin xuuxne irraan gahu.Namootni hin xuuxne gaasota summaa’oof ,keemikaalota xixiqqoo haara tamboo keessatti argamaniin hanguma namoota xuuxanii miidhaan irraa gaha waan ta’eef seerichi kan baheefis namoota hin xuuxne eeguf jecha kan dhorke.Akkuma waliigalaatti kaayyoon seera kanaa dhaloota amma jirus ta’ee dhaloota gara fulduraa ilaalchisee rakkoowwan gama diinagdeetin,hawaasummaatin akkasumas faalama qilleensaa irraa eegufi.

Dhorkaa Bakka Gurgurtaa

  • Nama umuriin isaa waggaa 21 gadi ta’etti kallaatinis ta’eeal’kallatiin tamboo gurguruun hindanda’amu nama umuriin isaa kanaa gadi ta’es gurgursiisuun hindanda’amuu.
  • Bakkeewwan labsii kana keessaatti tamboo xuuxuun dhorkaman hanga meetiraa 100 keessatti tamboo gurguruun dhorkaadha.
  • Bitaafi gurguraan bakka/haala wal-arguu /walittidhufuu hin dandeenyeen oomisha tamboo gurguruun akka gurguramu haala mijeessuun dhorkamaadha.
  • Baay’inni tamboo tokko 20 ta’e kan hin banamne ykn baay’ina ykn ulfaatina qaama raawwachiftuun baasuun ta’a.

Dirqama Ibsa fi Haala Samasama Oomishaatin Walqabatu

  • Oomishni tamboo kamiyyuu ulaagaa biroo qaamni raawwachiiftuun baasuu fi yeroodhan kan jijjiramu akeekkachiisa faana barreffamaa fi fakkii qalama qabuun waraqaa tamboo ittin samsaman irratti qabaachuu qaba.
  • Akeekkachiifni fayyaa fulduraaf duubaan hanga %70 (dhibbeentaa torbaatamaa ) gadii kan hin taanee haguuguu qaba.
  • Waraqaa Tamboon ittiin samsamamu karaa alaatiin barreeffamnii itti barraa’u amala, rakkoo fayyaa irraan gahuu haala dogoggorsaa ta’een ibsuu, midhaan gostii tamboo tokko gosa tambii biraa irraa  qaqqabsiisuu xiqqaa ta’uun ibsuun beeksiisuun dhokaadha.
  • Oomisha tamboo kam irrattu kallatiidhaanis haa ta’uu al-kallatidhaan midhaa gadii anaa kan qaqqabsiisuu ta’uu ibsuun dhorkaadha.

DhorkaaBeeksiisaan wal qabatu

  • Gosa oomisha tamboo kamiyyuu kallaatinis ta’e alkallatiin beeksiisuun dhorkadha.
  • Gosa oomisha tamboo kamiyyuu beeksiisuun, Piroomot gochuuf ispoonsara ta’uun dhorkadha.
midiyaa mhaagj

Tarkaanfiiwwan

Qaamni dhoorkaawwanii fi dirqamoota labsii kana fi dambii keessatti hammataman darbee(cabsee) argame tarkaanfi adabbiin itti Fudhatamu labsiidhuma kana keessatti hammatamee jira.Kunis tarkaanfii bulchiinsaa fi adabbii yakkaa ti

Tarkaanfii Bulchiinsaa

Tarkaanfiin buulchiinsaa akkuma balleessaa,miidhaa fi baay’ina badichaatti kan hundaa’u ta’ee tarkaanfichi garuu akeekkachiisa barreeffamaatii kaasee hanga eeyyamni daldalaa haqamuutti kan qaqqabu ta’a.Yoo balleessaa irra deddeebin raawwate hojii kana keessatti akka lammaffaa hin hirmaanne dhorkamuu danda’a.

Oomishichaan walqabatee yeroo muraasaaf akka gara biyyaa hin seenne dhorkiin irratti bahuu danda’a.Dabalataan immoo oomishichi gara biyya keessaa seenee jira taanaan baasii abbaa qabeenyichaatin akka biyya dhufetti deebi’u taasifama .Biyya keessa seenee kan raabsame yoo ta’e immoo akka deebi’ee sassaabamuu,akka manca’uuyookiin immoo akka karaa seera qabeessaan dhaalamuu taasifama.Oomisha rakkoo qulqqulinaa qabu yoo ta’e hanga samuudni fudhatamee laburaatooriidhaan sakatta’amee qulqqullumaan isaa mirkanaa’utti akka hin raabsamne dhorkamuu danda’a.

Adabbii yakkaa

  • Qulqulinaan walqabatee dhorkaawwan jiran darbuun adabbii hidhaa salphaa waggaa 3 hin caallee fi adabbii maallaqaa qarshii 200,000(kuma dhibba lama) hin caallen hordofsiisa.Hir’ini(hirdhinni) uumame fayyaaafi lubbuu namaa irratti miidhaa ol’aanaa kan qaqqabsiisu yoo ta’e adabbii hidhaa waggaa 7 hin caalle fi adabbii maallaqaa 500,000(kuma dhibba shan) hin caalle ta’a.
  • Qaama to’atuuf deeggarsa gochuu dhiisuun adabbii hidhaa salphaa waggaa 1-waggaa 5 hordofsiisa..
  • Dhorkaawwan beeksisaan walqabatu namni cabse adabbii salphaa baatii 3 gadi hintaanee fi adabbii maallaqaa 30,000(kuma soddomaa)-100,000(kuma dhibba tokkoo) gahuun adabamuu danda’a.
  • Qaamni ispoonsara godhe beeksisicha qopheesse ,kan maxxanse,kan dabarse yookiin karaa biro kamiiniyyuu namni hirmaate hidhaa waggaa 3 hin caalle fi adabbii maallaqaa 50,000(kuma shantamaa) gadi hin taanen adabama.
  • Dhorkaawwan bakka tamboon itti xuuxuumu  fi itti gurguramu darbanii argamuun ilaalchisee bakka gurgurtaa dhorkametti gurguruun hidhaa salphaa baatii(ji’a) hin caalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii 5000(kuma shan) hin caalleen adabama.Bakka dhorkametti xuuxuun immoo adabbii maallaqaa qarshii 1000(kuma tokko) hin caalleen adabama.
  • Bakkeewwan tamboo xuuxuu gurguruun itti dhorkametti gachaawwan kun dhorkamuu barreeffamaa fi fakkiiwwaniin akka hin raawwatamne tarkaanfii barbaachisaa namni hin fudhanne adabbii hidhaa salphaa baatii(ji’a) sadii hin caalleen yookiin adabbii maallaqaa 1000(kuma tokkoo)-10,000(kuma kudha)gahuun adabamuu danda’a.
  • Qabiyyee tambootiin walqabatee dhorkaa jiru namni darbe adabbii hidhaa baatii(ji’a)3 –waggaa 3 fi adabbii maallaqaa 1000(kuma tokkoo)-200,000(kuma dhibba lama) adabama.
  • Namni nama umuriin isaa waggaa 21 hin guunnef tamboo gurgure,akka fayyadamu taasise akkasumas kenne adabbii baatii(ji’a) 3 gadi hin taaneen yookiin adabbii maallaqaa hanga qarshii 3000 (kuma sadii) gahuun adabama.
  • Qabiyyee tamboo ilaalchisee odeeffannoo qabachuu fi guutuudhaan walqabatee dirqamoota jiran cabsuun adabbii hidhaa salphaa waggaa 1-waggaa 3 fi adabbii maallaqaa qarshii 50,000(kuma shantama) gadi hin taanen adabama.
  • Dirqamoota labsii kana keessatti hammataman kan cabse(darbe) qaama namummaan seeraan kennameef yoo ta’eadabbiin dabalataa dhaabbatichi dhorkamuu,akka cufamu yookiin akka diigamu murtaa’uu danda’a.

Guyyaa Ayyaana Kabaja Tamboo

31 may,world no tobacco day

  • Dhabbataa Fayyaa Addunyaa bara 1987 jalatti biyyootni miseensa Yaaa’in Fayyaa Addunyaa(World Health Assembly) resolushinii WHA40.38ta’e irratti Bitootessa  29bara 1988 guyyaa tamboo xuuxuu irraa bilisaa akka idila addunyaatti (a world no smooking day)akka kabajamuuf waamicha taasiset ture.Kaayyoon isaa immoo akka guutuu addunyaatti namootni tamboo xuuxan  sa’aatii 24’f oomisha tamboo irraa akka of qoqqoban taasisuudha.
  • Bara 1988 Resolution WHA42.19 ta’e irratti Yaaa’in Fayyaa Addunyaa(world health assembly)guyyaa ayyaana tamboo waggaa waggaadhaan waxabajjii akka kabajamuu dabarse.
  • Akka biyya keenyaatti guyyoota akka biyyaattis akka addunyaatti kabajnu baay’ee akka qabnu nan beeka haa ta’u malee rakkoo odeeffannoo haa ta’uu hin beeku guyyaan tamboo xuuxuu irraa bilisaa yommuu kabajamu hin argines hin dhageenyes.Seerotni keenya eessa dhaqaniin gaaffii kooti.

a world no smooking day every year on 31 may

Mulugeetaa Magarsaa

Horaa Bulaa

 

Convention on the Recognition and Enforcement of Foreign Arbitral Awards The 1958 New York Convention pdf

since ethiopia ratifies the new york convention in parlament throu proclamation indeed it is inevitable to provide he convention by our web. On February 13, 2020, the Ethiopian parliament approved the ratification of the 1958 New York Convention on the Recognition and Enforcement of Foreign Arbitral Awards (the “Convention”). The Convention was adopted by the United Nations diplomatic conference on 10 June 1958 and entered into force on 7 June 1959. To date, 161 states have become parties to the Convention. Ethiopia signed the Convention early on but stalled the ratification for more than 60 years. The ratification of the Convention results in the legislation becoming an integral part of the law of the land. Further, the ratification comes at a time when Ethiopia is currently drafting a new and comprehensive domestic arbitration legislation whose advanced draft circulated for public consultation suggests that it is modeled after the United Nations Commission on International Trade Law (UNCITRAL) Model Law on Commericial Arbitration. In this issue of our legal update, we consider the substance of the Convention and the significance of its ratification by Ethiopia.

Barruu Xinxala Murtii

Itti Gaafataamummaa Waliigalteen Alaa Dhaabbilee Fayyaa Vs Murtii Dhaddacha Ijibaattaa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa lakk.Galmee 64590 irratti kenne pdf

Barruu Xinxala Seeraa PDF

Barruu xinxala seeraa Qo’annaa Abbaa Alangaa Aanaa Sigimo kan ta’an obboo Abdusalam Muhamad Taasisan

Posted in hubannoo seeraa, Pdf, Prodcusting audio video

Barruu Xinxala Seeraa Murtii MMF dhadacha Ijibbaata irarttii taasifamee. Pdf

Qophessaan xinxala kanaa Mulugeeta M

MHAAGJttii AA Aanaa Cooraa Botor

Dhimmootni RTD dhaan ilaalaman mirga of irraa ittisuu shakkamaa kan hin sarbine ta’uu seerotaa fi Murtii dhaddacha Ijibaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa Jildii 17ffaa Lakk.Galmee 100712 ta’e irratti kenname

Barruu:- Xinxala Seeraa.

Qophessaan:- Mulugeta M.[1]

 

Bitootessa 2013

Jimmaa, Oromiyaa

  1. Seensa waligalaa

Namni himatame akkuma nama kamiyyuu mirgoota daangaa seeraa keessatti kabajameef qaba.Mirgoota kana keessaa mirga murtii saffisaa argachuun isa tokkoodha.Mirgi kunis Heera Mootummaa Federaalaa Dimookraatawaa Rippublika Itoophiyaa keewwata 20(1) irraa hubachuun ni danda’ama.Gama biraatin immoo dhimmi yakkaa osoo wal-irraa hin ciccitin yeroo gabaabaa keessatti kan dhagahamuu  fi xummuramuu qabu ta’uu seera deemsa falmii yakkaa irraa hubachuun ni danda’ama.Kana qofa osoo hin taane seerota idila addunyaa biyyi keenya mallateessite keessa tokko kan ta’e Konveenshiniin Mirga sivilii fi  siyaasaa mirga kanaaf beekkamtii fi eegumsa kenneet jira.Haa ta’u malee gaalee yeroo gabaabaa jedhu kun hiikoof kan saaxilame waan ta’eef  dhimmuma walfakkaataa irratti murtiin kennamu garaagarummaan guyyootaa,torbanii fi darbees baatidhaan lakkaa’amu akka uumamu ta’eet jira.Kana Furuudhaaf jecha immoo yaadrimeen Tooftaa Saffisa Adeemsa Falmii Yakkaa (TSAFY) yookiin RTD (Real time Dispach) jedhu hojii irra ooluu danda’eera.Haa ta’u malee gama ogeessota adda addaatin ilaalchi fi hubannoon yaadrimee kana irratti muldhatu(mul’atu)murtiiwwan adda addaa akka kennamaniif sababa ta’aat jira.

Garaagarummaa ilaalchota dhimma kana irratti muldhatan (Mul’atan) keessaa mirga of irraa ittisuu himatamaa dhiphisaa, hanga murtiin dhumaa kennamutti mirga qulqulluu ta’ee tilmaamamuu himatamaa sarbaa.Mirga Abukkaattoo isaa faana mari’achuu sarba kan jedhan isaan ijoodha.Kanuma bu’ura godhachuudhaan dhugumayyuu tooftaan Saffisa Adeemsaa Falmii Yakkaa(TSAFY) yookiin RTD  mirga of irraa ittisuu(ragaa ittisaa dhiyeeffachuu)  himatamaa sarba moo? hin sarbu? kan  jedhu barreeffama kana keessatti kan ilaallu ta’a.

Seenaa Dhufaatii

Adeemsi murtii battalaa (TSAFY) yookiin RTD dhuma bara 1994(GC) irratti biyya Faransaayitti kan jalqabamee fi booda irra gara guutuu Faransaayitti kan babaldhate(babal’ate) ta’uu odeeffannoowwan gama kanaan barreeffaman ni muldhisu(Mul’isu).Booda irra immoo bara 2006(Gc) biyya Yunaayitid Kingdam(UK)tti moggaasa ‘Next Day Justice’ jedhuun jijjiirama guddaa akka fide himama.Biyya Faransaayitti “Real Time Dispatch” Britaaniyaatti “Next Day Justice”kan jedhamu adeemsa addaa osoo hin taane tooftaa addaati.(RTD is not  a special procedure as such.It is rather a technique).Yeroo baay’ee dhimmootni kun hojii irra kan oolan yakkoota harhaaf harkatti qabamaniifi.

Akka Biyya keenyaatti yeroo jalqabaatif dhimmi kun kan hojiirra oole biyya Harargeetti kabaja Ayyaanaa Gabreelii Qullubbiitti.Ergaa ennaa sanaati jala bultii Barkumee Itoophiyaatii jalqabee Magaalaa Finfinneetti kan ittiin hojjatamaa jirudha.Kana Qofaa osoo hin taane Biyya Hawaasaatti kabaja ayyaana Gabreeli irratti yakkoota harkaa fi harkaa irratti adeemsi kun kan baldhinaan itti  hojjatamaa jiruudha..

                         Muuxannoo Biyya Ambaa

1.Faransaay:-Biyyi kun wixinneessituu yaada kanaa akka taate ni beekama.

Ulaagaawwan biyya kanatti itti fayyadaman yoo ilaallu

  • Dhimmichi RDT’f mijataa ta’uu qaba
  • A/A fi Himatamaan /Abukaattoon isaa dhimmichi RTD dhaan akka ilaalamu waliigaltee irra gahuu qabu.
  • Gochi Yakkaa raawwatame hidhaa waggaa 7 olii kan hin  adabsiifne ta’uu qaba
  • Himatamaan Abokaattoo ittisaa faana dhiyaachuu qaba.
  • Dhimmi guyyaa 1tti hin xummuramu yoo ta’e himatamaa hanga guyyaa 5tti to’annaa jala tursiisuun ni danda’ama.

2.Biyya Inglaand

  • Aangoo Poolisiitii
  • Aangoo galmee cufu qaba.
  • Poolisiin dhimmichi adeemsa seeraa keessa darbuu qaba jedhe yoo itti amane A/Alangaatti dabarsa.
  • Jalqaba dhimmichi RDT dhaan kan ilaalamu ta’uu seeraan tumamuu qaba.
  • Aangoo M/Murtii Maajistireetii jalatti kan kufu ta’uu qaba.
  • Hanga hidhaa baatii 6’tiin kan adabsiisu ta’uu fi
  • Himatamaan gocha yakkaa kan raawwate ta’uu amanuu qaba.

3.Muuxannoo  Biyya Keenyaa

Immaamata haqa yakkaa bara 2003 bahe irratti qaamotni haqaa yakkoota harkaaf harkaa qabiyyeen ragaa isaanii walxaxaa hin taanee fi yakkoota biroo sirna gabaabaan yeroodhuma sana M/Murtiif dhiyaatanii murtii akka argatan hojiimaata hojii irra oolchu jechuun ibsee jira.

Yakka harkaa fi harkaa fi yakkoota biro adeemsa gabaabaadhan akka ilaalaman murteessuuf aangoo kan A/A ta’uu ibsa.Kana yommuu murteessu garuu haala waliigala yakkichaa,qabiyyee fi dandeetti ragaa akkasumas fedhi miidhamaa fi shakkamaa ilaalcha keessa kan galche ta’uu seera deemsa falmii fi seerota biroo keessatti ifaan tumama ergaa jedhu qaba.Haa ta’u malee seera deemsa falmii yakkaa keessatti yakkoota harkaa fi harkaatin walqabatee haala eeru fi himannaan itti dhiyaatu ilaalchisee s/d/f/y/keewwata 21(1) jalatti yakkoota iyyannoo dhuunfaatin dhiyaatan irratti eerus ta’ee himannaa dhiyeessu osoo hin barbaachisin himannaa dhiyeessun ni danda’ama ergaa jedhu qaba kun hamma ta’e dhimmichi akka saffisaan ilaalamu furmaata kan kaa’e fakkaata haa ta’u malee yeroo hammamii keessatti isa jedhu hin ibsine.

4.Naannoo Oromiyaa

Jiijjiiramni Bu’uraa Adeemsa Hojii(JBAH)’n bara 2006 fooyya’ee bahe akka ibsutti dhimmi tokko RTD dha jedhamee ilaalamuuf ulaagaawwan guutamuu qaban:-

  • Yakka harkaa fi harkatti qabaman
  • Gocha yakkaa raawwatamee qoratamuun sa’aatii 48:00 keessatti himatni M/Murtii yoo dhiyaate
  • Bu’aan ragaa teeknikaa yookiin taaktikaa deeggaramuu qabu sa’aatii 48:00 keessatti walqabatee dhiyaachuu yoo danda’e
  • Yakki raawwatame miidhaan isaa fulduratti bu’aa gara biraa kan hin hordofsifne ta’uun isaa yoo mirkanaa’ee beekame.

Kanaaf barreeffamoota armaan olii irraa akka hubannutti dhimmichi raawwatamee sa’aatii 48 keessatti mana murtii dhiyaatee yoo murtii argate ta’uu hubanna.Haa ta’u malee gama kamiin mirga of irraa ittisuu himatamaa sarba kan jedhu irratti garaagarummaa ilaalchaa yoo ta’e malee seerichi waanti ifaan kaa’u jiraachuu baatus waanti ifaan hin dhorkamne immoo akka eeyyamametti lakkaa’ama qajeeltoo jedhu fudhachuudhaan me dhimma armaan gadii kana haa ilaallu.

Xinxala dhimmaa

Murtii Dhaddacha Ijibaataa M/M Waliigala Federaalaa Jildii 17 lakk.galmee 100712 irratti

Dhimmootni RTD dhaan ilaalaman mirga of irraa ittisuu himatamaa kan hambisu danda’an himatamaan karaa ifa ta’een mirga of irraa ittisuu isaa kan dhiise ta’uu yoo mirkaneesse qofa.

Murtiin dhaddachi kun kenne jildii 17ffaa lakk.galmee 100712 irratti yommuu ta’u dhimmichi kan jalqabe waamamaan ammaa iyyataa ammaa irratti himannaa dhiyeesse bu’ura godhachuudhani.Kunis iyyataan ammaa seera yakkaa MFDRI bara 1996  bahe keewwata 669(2) irra darbuun badhaadhina hin malle ofii argachuuf yookiin nama biroof argamsiisuuf yaadee gaafa guyyaa 18/02/2006 tilmaamaan guyyaa keessaa sa’aatii 6:00 yommuu ta’u kutaa addaa Kolfee Qaraaniyoo Aanaa 02 bakka addaa dhaabbata oomisha bu’aa pilaastikaa Kaarra Qoree Dagaamaan jedhamu keessatti Hojii Gaggeessaa(dura bu’aa) ta’ee qacaramee osoo hojjachaa jiruu qabeenya miidhamaa dhuunfaa Amaara Abrahaam kan ta’an pilaastika meeshaa dheedhii kophee karaxixi dhibba tokkoof  shantama,gatiin karaxixix tokkoo qarshii 1100(kuma tokkoof dhibba tokko) waliigala tilmaama qarshii 165,000(Kuma dhibba tokkoo fi jahaatamii shan) baasu fudhatee himatamaa 2ffaa obbo Darajjee Fiqaaduutti kan gurguree qabame waan ta’eef yakka hannaa cimaa raawwateef himatame kan jedhudha.Himatamaanis M/Murtii dhiyaatee himannaan A/A dubbifameefi akka hubatu erga taasifamee booda jecha amantaa fi waakki gaafatamee kan waakkate waan ta’eef A/A ragoota himannaa isaa mirkaneessaniif dhiyeessee dhageessiseera.

Kana booda ragoonni A/A irratti kan  mirkaneessan ta’uu hubachuun ragaa ittisaa fedhii iyyataatin kan bira darbe ta’uu caqasuun keewwatuma A/A himate jalatti balleessaadha erga jedhee booda bu’ura qajeelfama adabbiitin xinxaluu isaa caqasee hidhaa cimaa waggaa 8 fi baatii 5 akka adabamu murteesse.Iyyataanis murtii kana komachuun M/Murtii Ol’Aanaa Federaalaatti dhiyeeffachuun bitaaf mirgi erga wal falmaniii booda murtiin balleessuma Mana Murtii jalaa kan cime ta’us murtii adabbii kenname irratti garuu akkaataa qabiinsa sababoota adabbii cimsanii fi salphisan irratti dogoggorri kan jiru ta’uu fi dogoggora sana kan sirreesse ta’u ibsuun iyyataa hidhaa cimaa waggaa 6 fi baatii 6 tin akka adabamu murteesse.

Iyyatni ijibaata amma dhiyaate kun murtii kana komachuun yommuu ta’u qabiyyeen bu’uraa iyyatichaas manni murtii jalaa raga ittisaa nan qaba osoon jedhuu raga ittisaa iyyataa osoo hin dhagahin kan darbe   A/A yakkichi raawwatamuu isaa hin mirkaneessine,yakki raawwatamee jedhamee fi keewwatni caqasame kan wal hin simne  fi murtiin adabbii kenname sirri miti sababoota jedhan kan qabateedha.Iyyatichi qoratamee mirgi raga ittisaa himatamaa kan bira darbame sirrii ta’uu fi dhiisuu isaa qulqulleessuuf dhaddacha kanatti akka dhiyaatu kan taasifame yommuu ta’u waamamaanis dhiyaatee bitaaf mirgi barreeffamaan akka walfalman taasifameera.Akkasumas galmeen haadhoon mana murtii jalaa akka dhiyaatu taasifameera.

Jalaa Dhufaatin dhimmichaa gabaabinaan akka armaan olittii  ibsame yommuu ta’u dhaddachi kun falmii bitaaf mirgaa murtii iyyata ijibaataaf ka’umsa ta’e tumaalee seeraa faana mirkaneessun ni dhiyeessisa jechuun ijoo qabame faana akka itti aanutti qorateera.

Iyyataan balleessaadha kan jedhame ragoota A/Alangaa dhiyeefateen iyyataan ragaa ittisaa hin qabu akka jedhe barreeffamaa fi jechaan mana murtiif mirkaneesse ta’uu garagalcha murtii Mana Murtii jalaa irraa hubanneerra.Iyyataan sadarkaa ijibaatatti immoo ibsi mana murtii jalaa kun fedhii isaanitiin ala galmaa’u fi raga ittisaa dhiyeeffachuuf gaaffii dhiyeeffatanii kan ture ta’u ibsuun falmaniiru.

Bu’urumaan mirga namoota himatamanii seeraan eegameef keessaa tokko raga isaan irratti dhiyaate kamiyyuu ilaaluu,ragoota isaan irratti dhiyaatan gaafachuu,ragaa ittisaaf isaan fayyadu dhiyeeffachuu yookiin dhiyeessifachuu akkasumas ragoonni isaani dhiyaatanii akka dhagahamaniif gaafachuu akka ta’e Heera Mootummaa FDRI keewwata 20(4) kan tume yommuu ta’u mirgi kun bu’ura Heera Mootummaa keewwata 9(4) tin waliigalteewwan Idila Addunyaa qaama seera biyyatti ta’en eegumsi kan taasifameef ta’uu waliigaltee Mirga Sivilii fi Siyaasaa keewwata 14(3)(B) irraa hubachuun ni danda’ama.Mirgi himatamaa tumaalee kana jalatti ibsaman kan hubachiisu himatamaan tokko ragaa hin taaneen balleessaa akka hin jedhamnee fi gama himataatinis ragaan dhiyaate yoo ta’e gama isaatin gocha balleesaa kan hin raawwannee fi qulqulluu ta’uu isaa ibsuu haala itti danda’u ta’uu dha.Kanaaf himannaa isa irratti dhiyaateef ittisa dhiyeeffachuuf waantoota barbaachisoo ta’anii fi yeroo gahaa argachuu akka qabu seerichi ni hubachiisa.Himatamaan mirga of irraa ittisuu heera mootummaan eegumsi taasifameef akka seeraan fayyadamu gochuun(Taasisuun) itti gaafatamummaa mana murtii ta’uu hafuura fi qabiyyee tumaa  heera mootummaa keewwata 13(1) fi (2)  irraa dhimma hubannuu dha.Kana ta’uu isaatin mirga of irraa ittisuu himatamaa bira darbuun kan danda’amu himatamaan mirga isaa kan itti hin fayyadamne ta’uu ifaan mana murtiif yommuu mirkaneessu qofa akka ta’e hafuura tumaalee irraa kan hubannuudha.Himatamaan mirga isaa dhiisuu bakka hin mirkanoofnetti garuu himatamaan mirga of irraa ittisuu dhiisera ibsa jedhuun manni murtii xinxala isaa irratti qofa caqasun seerummaa kennuun adeemsa sirrii miti.

Dheerina dhimmoota hambisuuf jechuudha tooftaan adeemsa murtii battalaa RTD kaayyoon isaa bu’uraa dhimmoota raga walxaxaa hin qabne haala salphaan murteessuf hojiimaata diriirsuun alatti mirgoota himatamaa heera mootummaa fi seerota biro raawwatinsa qabaniin egaman haala miidhuu danda’uun hojii irra oolchuu akka hin taane ni beekama.Kana ta’uu isaatin mirgootni seeraan eegamanii fi adeemsi seerummaa galumsa seeraatin hoojirra olchuun seerummaa kennuun alatti dhimmi tokko adeemsa murtii battalaa RTD bu’ura godhatee dhiyaachuu isaatin qofa kan hafu miti. Adeemsa murtii battalaa RTD bu’ura godhachuun dhimmi ilaalamu mirga of irraa ittisuu himatamaa dhiisuuf kan dandeessisu himatamaan mirga isaa kana haala shakkii hin uumnen dhiisuu isaa yoo mirkaneessedha.

Dhimma qabannetti yommuu deebinu manni murtii jalaa dhimmicha kan ilaale hojimaata adeemsa murtii battalaatin  yommuu ta’u iyyataa balleessaa kan taasise raga A/Alangaatin itti mirkanaa’ee ragaa ittisaa akka qabu gaafatamee ragaa ittisaa nan qaba jechuun dhaddachaaf jechaafi barreeffamaan kan mirkaneesse sababa jedhuun ta’uu qabiyyee murtii irraa ilaallerra.Barreeffamni mana murtii jalaa kun iyyataan karaa tokkoon barreeffamaanis ta’ee jechaan ragaa ittisaa nan qaba jechuu kan agarsiisu yommuu ta’u gama biraatin immoo iyyataan raga ittisaa kan hin qabne ta’uu ibsuu kan mirkaneessedha.Barreefama mana murtii jalaa iftoomina dhabe kana dhugummaa isaa hubachuuf jecha galmee haadhoo dhiyeessifnee ilaallerra.Galmee mana murtii jalaa akka ilaaletti manni murtii jalaa iyyataadhaan jala murtii of irraa ittisi onkololeessa 28 bara 2008 dhaddacha ooleen yommuu kennu Jala Murtii guca/foormii dursee qophaa’een  guutamee kan kenname yommuu ta’u qabiyyeen isaas iyyataan ragaa ittisaa hin qabu jechuun ibsuun kana kan ibse immoo dhaddacha irratti barreeffamaa fi jechaan ta’uu kan ibsu ta’us iyyataan jechaan ibsuu isaa Jala murtiin ala waraqaa dhaddachaa irratti kan hin galmoofne barreeffamaan mirkaneessera jechi jedhus sanadoota galmicha keessa jiran keessa kan hin jirre ta’uu dhaddachi kun hubateera.Kana ta’uu isaatin manni murtii jalaa foormii jala murtiif fi murtii dursee qophaa’e yommuu guutu jechootaa fi gaalewwan qalamaan(iskiribtoodhaan) haqee iyyataan ragaa ittisaa hin qabu jedhe jechaa fi barreeffamaan mirkaneessera jechuun raga ittisaa dhagahuu kan darbe ta’us ragaan kana mirkaneessu dhabamuun isaa galmee haadhoo mana murtii jalaa irraa hubanneerra.Karaa kanaan dhimmicha yommuu ilaallu iyyataan mirga seeraan eegameef mirga ragaa ittisaa dhageessifachuu manni murtii jalaa kan darbe iyyataan ifatti mirga isaatti fayyadamuu dhiisuu osoo hin mirkaneeffatin ta’uu isaatin murtiin dhimmicha irratti kenname dogoggora seeraa bu’uraa ta’e kan qabu ta’ee argineerra.

Yaada Xummuraa

Kanaaf  akka waliigalaatti dhimmoota armaan olitti tarraa’an yommuu cuunfinee ilaallu muuxannoowwan biyya alaa keessattis ta’ee akka biyya keenyaatti jiran irratti dhimmi tokko adeemsa murtii battalaa(RTD) dhaan ilaalamuun isaa mirga of irraa ittisuu himatamaa kan hin sarbine ta’uudha.Dabalataan  xinxala dhaddacha ijibaata kanaa irraa kan hubannu dhimmichi adeemsa murtii battalaatin(RTD) dhaan ilaalamuun isaa qofti mirga of irraa ittisuu himatamaa kan hin sarbine ta’uudha.Haa ta’u malee mirgi kun kan bira darbamuu danda’u himatamaan ifaan ifatti mirga kanatti fayyadamuu kan hin barbaanne ta’uu haala shakkii hin uumneen jechaa fi barreeffamaan yoo ibseedha.Kana jechuun akka qajeeltotti dhimmotni adeemsa murtii battalaatin (RDT) ilaalaman mirga of irraa ittisuu hin sarban garuu immoo haala addaatin himatamaan fedhii yoo qabaate bira darbamuu danda’a  fedhii isaa kanas ifaan yoo ibse qofa ta’a jechuudha Kanaaf mirgi of irraa ittisuu himatamaa mirga heera mootummaa biyya keenyaanis ta’ee seerota idila addunyaa biyyi  keenya mallatteessitee keessatti eegumsi taasifameef  kana hojii irra oolchudhaan walqabatee garuu of-eeggannoo qaamni hunduu taasisuu akka qabuudha.Sababni isaammoo yakkoota RTD dhaan ilaalaman irratti dhimmichi RTD dhaan ilaalamun isaa qofti mirga of irraa ittisuu himatamaa kan hin sarbine ta’uu hubatamee qaamoleen haqaa hundi gahee isaanii bahachuu akka qaban hubatamuu qaba.

Mulugeetaa Magarsaa

Aanaa Cooraa Botor

Jimmaa Oromiyaa.

.


[1] Mana Hojii abbaa alangaa godina jimmaattii Abbaa Alangaa Aanaa Cooraa botoor fi qo’ataa seeraa. (LL.B)

Posted in beksisaaf, Prodcusting audio video

Carraaqqin kenya bu’aa buusuu jalqabaa jiraa baga gammanne.

Midiyaa MHAAGJ
  1. Kabajamtoota Abbotii Alangaa
  2. Kabajamtoota miseensa MHAAGJ
  3. Kabajamtoota misensootaa fi hordoftoota website kenya
Akkuma beekkammu mannii hojii abbaa alangaa godina jimmaa haala kanaan dura hin  baramneen kallattii hundaanuu dhaqabamummaa kenya mirkaneessuf platfoormii argamee maraan hawaasa keenya haawasa kenya haawasa hubannoo seeraatiin dagaagee taasisuuf halkanii guyaay carraaqaa akka jirruu wanuma ifattii mul'atuufii wanuma martii kessanuu ragaa bahuu dandessaniidhaa. Haaluma kanaan mannii hojii kenyaa hawaasa interneetii fayyadamuuf dhaqabamuummaa  kenya mirkanneessuuf website kana dabalatee tora marsariitii hawaasaa irrattii midiyaa lenjii hubannoo seeraa ittiin kennaamuu fi fm tora interneetii irrattii tamsafaamuun tamsaasa vidiyoofi sagaleedhaan tamsaasaa hawaasa kenyas hubnnaoo seeraa keennuu jalqabuun kenya waan torbaan sadii hincaalleedhaa. Haa ta'u malee tamsaasa akkaanaatiin hubannio seeraa hawaasaaf keennuu waan hin baramnee ta'us, akkasumas tarkaanfini kenya kunii akka biyyaattiis akka naannootis kan jalqabaa ta'us lkakoofsii hawaasaa leenji hubannoo seeraa keennaa jirruu hordoofan daran dabalaa jiraa. Haaluma kanaan midiyaan MHAAGJ irrattii leenjiin keennamee torbaan sadii kessattii dawwattotaa 700 olin daawwatamee midiyaan kenyas misensa ykn subskrayiber 150 ol godhachuu kenyaaf companin midiyaa keenya website kenya walin walittii nuf hidhee nu beeksiisee jira. Kuni ammoo hojii nama tokkoo lamaan kan dhuufee oso hin taanee hirmaannaa abbootii alangaa kenya maraa akka ta'e wanuma hubatamuudhaa. Kanaafu xaarnii kessan bu'aa busaa waan jiruuf baga gammaddan jennaa.
https://youtu.be/0glebW9EFh8
Garee komni keeshinii mana hojii AA God jimmaa.
Akkuma beekkammu mannii hojii abbaa alangaa godina jimmaa haala kanaan dura hin  baramneen kallattii hundaanuu dhaqabamummaa kenya mirkaneessuf platfoormii argamee maraan hawaasa keenya haawasa kenya haawasa hubannoo seeraatiin dagaagee taasisuuf halkanii guyaay carraaqaa akka jirruu wanuma ifattii mul'atuufii wanuma martii kessanuu ragaa bahuu dandessaniidhaa. Haaluma kanaan mannii hojii kenyaa hawaasa interneetii fayyadamuuf dhaqabamuummaa  kenya mirkanneessuuf website kana dabalatee tora marsariitii hawaasaa irrattii midiyaa lenjii hubannoo seeraa ittiin kennaamuu fi fm tora interneetii irrattii tamsafaamuun tamsaasa vidiyoofi sagaleedhaan tamsaasaa hawaasa kenyas hubnnaoo seeraa keennuu jalqabuun kenya waan torbaan sadii hincaalleedhaa. Haa ta'u malee tamsaasa akkaanaatiin hubannio seeraa hawaasaaf keennuu waan hin baramnee ta'us, akkasumas tarkaanfini kenya kunii akka biyyaattiis akka naannootis kan jalqabaa ta'us lkakoofsii hawaasaa leenji hubannoo seeraa keennaa jirruu hordoofan daran dabalaa jiraa. Haaluma kanaan midiyaan MHAAGJ irrattii leenjiin keennamee torbaan sadii kessattii dawwattotaa 700 olin daawwatamee midiyaan kenyas misensa ykn subskrayiber 150 ol godhachuu kenyaaf companin midiyaa keenya website kenya walin walittii nuf hidhee nu beeksiisee jira. Kuni ammoo hojii nama tokkoo lamaan kan dhuufee oso hin taanee hirmaannaa abbootii alangaa kenya maraa akka ta'e wanuma hubatamuudhaa. Kanaafu xaarnii kessan bu'aa busaa waan jiruuf baga gammaddan jennaa.
https://youtu.be/0glebW9EFh8
Garee komni keeshinii mana hojii AA God jimmaa.
Posted in hubannoo seeraa, Pdf, Prodcusting audio video

Wa’ee Araaxaa Seerrii kenya maal jedhaa? pdf & fm audio transmission.

Qopessan Mulugetaa M.

AA Godina, (LL.B, LL.M)

Barruu kana audio fi pdfn isinin genyee.

Garee komnikeeshiinii MHAAGJ
Tamsaasa fm mhaagj kan tora interneetii tamsaafamuu irraa tamsaasa 17/7/13 wa’e araaxa ilaalchisee tamsaafameedha. Kuni fm MHAGAJ tora interneetii irrattii tamsaafamuu dha. irraa
Posted in Articles in eglish, Labsif qajelfamota, Pdf, Prodcusting audio video, State constitution

Labsilee MNO bara 2001

MHAAGJ
LOoG AAWO
  • Mana Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmaa.
    yaad rimee Malaamaltummaa.
  • Oromia Regional State Constitution PDF
    Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa, pdf kan bakka bu’oota uummata Naan￾nichaatiin irratti mari’atamee, Waxabajjii 14 bara 1987 yeroo jalqabaatiif ragga’eefi hanga ammaa hojiirra ture, bal’inaan ilaaluudhaan qooddii aangoofi itti gaafatama qaamota Mootummaa Naannichaa ifaan tumuufi akkaataa tajaajila si’oomaan kennuu danda’uusaanii agarsiisuun sirreessuud￾haan Heericha fooyyessuun barbaachisaa ta’ee Oromia regional state constitution pdf
  • Hubannoo Seeraa h.docx
    https://wp.me/pcyZ3k-17
  • Barruu Hubannoo Seeraa.
    Seeroota yakkaa. Goodaansa Seeraan Alaa Yakka Da’immanifi Dubartoota irrattii raawwataman irrattii qo’annaan qophaahee. Barruu kana kan Qophessee. Abbaa alangaa Hasen Muhamedhusen Hasen. Boqonnaa Tokkoo Seensa Kaayyoofi Galma Barruu kanaa. 1.1. SeensaAkkuma beekkamuu hundeen ijaarsa biyyaas ta’e ijaarsa motumma biyya tokkoo ittiin bulmaata seera biyya saniti. Kana jechunis biyya tokkoo kessattii waan hundaa ol kan kabajamuu […]
  • Beeksisa qacarri Abbaa Alangaa Waligalaa Oromiyaa Baasee.
    Beeksisa Qacarrii Abbootii Alangaa Aanaatif. Manni Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa oromiyaa Hanqina Humna namaa jiru furuuf jecha Abbootii Alangaa sababa garagaraatiin hojii isaanii gadi lakkisan fi Ogeessota seeraa biroo ulaagaa armaan gadiitti ibsame kana guutan dorgomsiisuudhaan Qacaree Abbaa Alangaa Aanaa taasisiudhaan Iddoo duwwaa Godinaalee Baalee,Baalee bahaa,Boorana,Gujii,Gujii lixaa,Harargee Bahaa,Harargee lixaa,Iluu Abbaa booraa,Jimmaa,Qellem wallaggaa,Buunnoo Beddelleetti Qabu irratti […]
  • FDRE Criminal code 1996.pdf
    It is nearly half a century since the 1957 Penal Code entered into operation. During this period, radical political, economic and social changes have taken place in Ethiopia. Among the major changes arethe recognition by the Constitution and international agreements ratified by Ethiopia of the equality between religions, nations, nationalities and peoples, the democratic rights […]
  • Barruu ”Qo’annoo Sakatta’a Hubannoo Ilaalchaafii Gooochaa Malaammaltummaa Naannoo Oromiyaa.” pdf
    Qo’annaan kuni garee qo’annaa komishini naamusa fi farra malaammaltummaa oromiyaa fi yuniversity sayinsif teknoloji adamaatin kan godhamedhaa. Manni Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmaa ammoo website ofi irrattii maxxansee jira. Yaada CuunfaaQorannoon kun Yunivarsitii Saayinsiifi Teeknoloojii Adaamaafi Koomishiniin Naamusaafi FarraaMalaammaltummaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa waliin ta’uun kan adeemsifame yoo ta’ukaayyon isaas hubannoo, ilaalchaafi gocha malaammaltummaa naannicha keessa […]
  • Qajeeltoofii Labsii Sirna Seer Add fi ragaa .doc
  • Mana Hoji AA Godina Jimmaa.
    Seera MFDRI labsii goodaansa seerana alaa ittisuf bahee pdfdhaan isinif maxxansinee jirraatii bufadhaa dubbisaa.⚖️ Mana hoji AA Godina Jimmaa web kenya subscribe godhaa
  • Qajelfama Addabbii yakkota qajeelfama hin baaneef.
    Sensa Adabbiin Tarkaanfii seeraa namootaa gochaa yakkaa jedhamee seera yakkaakeessa jiru raawwatan irratti fudhatamuu dha(murtaa’u dha). Adabbiin kanmurtaa’uu sababiin yakkii wal fakkataan gara fuulduraa akka hin raawwatamneittisuuf namn9 yakka raawwate jedhamee sunis amala isaa akka sirreeffatuu fi dha.Murtiin adabbii yeroo baay’ee adabbichi akka malee baay’ateera yknxinnaateerajedhamee qeequuf kan saaxilame dha. yeroo baay’ee yaadni ykn qeeqniakkanaa […]
  • Qajelfama Addabbii yakkota qajeelfama hin baaneef.
  • በፌደራል ጠቅላይ ፍርድ ቤት የወንጀል ቅጣት አወሳሰን መመሪያ ደንብ ቀ
    የወንጀል ቅጣት አወሳሰን መመሪያ ቁጥር— ፌዴራል ጠቅላይ ፍርድ ቤት መግቢያ የወንጀል ሕግ አላማ ለጠቅላላው ጥቅም ሲባል የአገሪቱን መንግስት፣ የህዝቦቹን፣ የነዋሪዎቹን፣ ሰላም፣ ደህንነት፣ ስርአት፣ መብትና ጥቅም መጠበቅና ማረጋገጥ ነው፡፡ የወንጀል ሕጉ ከዚህ በላይ የተመለከተውን አላማ ለማሳካት ዋና ግቡም ወንጀል እንዳይፈጸም መከላከል ሲሆን፣ ይህንንም የሚያሳካው ለህብረተሰቡ ሰላምና ደህንነት አደጋ የሆኑ የወንጀል ተግባራትን እና እነዚህን መፈጸም የሚያስከትለውን ቅጣት […]
  • Mana Hoji AA Godina Jimmaatti galmee SDFY 42 cufamee.
    Kabajamtoota Abbootii Alangaa Godina Keenyaa akkam jirtu? Kaayyoowwanii fii barbaachisummaawwan website mana hojii abbaa alangaa godina jimmaatif kana banuun barbaachiseef keessaa kan ijoo midiyaa hawaasummaas ta’e marsariitii website kana akka madda odeeffannoo abbootii alangaa godina keenyaatti fayyadamuun muuxannoof muudannoo hojii waljijjiruu,dhimma seeraa fii hojimaataa irratti walfalmuun walirrraa hubachuu fii wal hubachiiisuu akkasumas miira gareen hojjechuu […]
  • Mana Hoji AA Godina Jimaattii Galmee SDFY keewwata 42 cufame.
    Waajjira Polisii Magaala Jimmaatif. Kabajamtoota Abbootii Alangaa Godina Keenyaa akkam jirtu? Kaayyoowwanii fii barbaachisummaawwan website mana hojii abbaa alangaa godina jimmaatif kana banuun barbaachiseef keessaa kan ijoo midiyaa hawaasummaas ta’e marsariitii website kana akka madda odeeffannoo abbootii alangaa godina keenyaatti fayyadamuun muuxannoof muudannoo hojii waljijjiruu,dhimma seeraa fii hojimaataa irratti walfalmuun walirrraa hubachuu fii wal hubachiiisuu […]
  • Beeksisa.
    Kabajamtoota.. 1.Abbotii alangaa Godina keenyaatti hojjettanifi godina kenya ala jirtan. 2. Hordoftoota fi miseensota website mana hojii kenyaa maraaf… Kaayyoo fii galmi website kana akkuma kanaan dura jeennee abbotii alangaa qaamoolee seeraa fi barattotaa seeraa kamifuu hojii kenya iftominaan garsisaa hojjechuufii abbottin alangaa Godina kenya kessatti argaman fula marsariitii website kenyaa kana fayyadamun odeeffannoowwan dabalatee […]
  • Dambii Bulchiinsaa fi Naamusa Abbootii Alangaa Naannoo Oromiyaa Tumuuf Qophaa’e Lakkoofsa 218/2013
    Sirna ogeessotni seeraa gama ogummaa AbbaaAlangummaatti ittiin dhufan,yerooo gummicha keessa jiran ittiin hogganamaniifi ogummicha keessaa ittiin bahan karaa iftoominaqabuundiriirsuunbarbaachisaata’eewaanargameef; dirqamaafinaamusaogummaaAbbaaAlangummaakabajaniihojiiisaaniibilisata’anii itti gaafatamummaan hojjachuun hawaasa haqaan akka tajaajilan gochuun barbaachisaa ta’ee waan argameef; Akkasumas dambiin ittiin bulmaata Abbootii Alangaa hojiirra jiru Abbootii Alangaa Biiroo Haqaa Oromiyaa qofa hubannoo keessa galchee kan baheefi yeroo ammaa immoo Manni […]
  • Danbi nagenya trafikaa fi naamusaa
  • Labsi Mana Hoji AA waligalaa oromiyaa Hundessuf bahee lak214/2011 pdf
    Labsii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa HundeessuufBahe Lak.214/2011
  • Labsilee Oromiyaa.
    labsi gibira gali lakk74/95
  • Labsii Lakk. 202/2009 Labsii Gibira Galii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irra Deebiin Fooyyessuuf Qophaa’e
    Labsii Lakk. 202/2009Labsii Gibira Galii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irra Deebiin Fooyyessuuf Qophaa’e Sadarkaa guddina dingdee biyyi keenya irra gahee fi guddina dinagdee Naannichaa wajjin walsimuu fi guddina dinagdee deeggaru sirna gibiraa hammayyaa’aa fi si’ataa ta’e diriirsuun waan barbaachiseef
  • federal Suprem Courrt Cassaton Decision 23 PDF
  • Maanuwwaalii Koree Ittisa fi To’annoo Godaansa Seeraan Alaa Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa
    Seensa Dhimmoota rakkoo ta’anii yeroo ammaa kana akka biyya keenyatti maqaa gaarii hinqabaanne xureessaa jiru keessaa tokko godaansa seeraan alaa fi daldala namaa akka ta’e beekamaa dha.Gama biraatiin heera mootummaa naannoo oromiyaa fi heera mootummaa feedaraalaatiin godaansi seeraan alaa fi namaan daldaluun sarbama mirga namaa ta’uu isaa heericha keessatti tumameera. Akkasumas gochi kun yakka ta’uu […]
  • Yakka Bosonaa Fii qabeenya uumamaa irratti raawatamu hirdhisuuf MHAAGJ xiyyeeffannoon hojjetaa jira!
    Godinni Jimmaa Godinaalee qabeenya uumamaa fii bosonaan beekaman kessaa tokko ta’us, dhimmoota akka Godinichaatti komii uummataa ta’aa jiran keessaa mancaatiin bosonaa kan bu’uuraa ta’uu waan hubatameef Manni Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmaa rakkoo kana bu’uurarraa haala furuun itti danda’amu irratti karoorfachuun hojjetaa jira. Manni hojiI Abbaa Alangaa baroottan darban rakkoo gama kanaan jiru furuuf hojii […]
  • Mana Hoji AA Godina jimmaa⚖️
Posted in Labsif qajelfamota, Pdf, Prodcusting audio video, State constitution

Labsiilee MNO bara 2000tti labsama


MAna hojii abbaa alngaaa godina jimmaa
Mana hojii abbaa alangaa godina jimmaa.
Haaqa kessanif hojjenna.

mana hojii abbaa alangaa godina jimmaa.

Posted in Prodcusting audio video

What is mens rea? In Ethiopia criminal system. Yakka hundessuf Maalummaa Kuutaa yaadaa.

season 1 episode 1 the consept of mens rea

mana hoji abbaa alangaa godina jimmaa

Manni hoji AA God Jimmaa websayiti kana dabalatee marsaritii haawaasaa irrattii platformoota jiran maraa fayyadamuun hubannoo seeraa haawasa kenyaaf umuu irrattii carraaqqii hanga hin jedahmnee taasisaa jira. Haluma kanaan facebook twiter, linkedin banachuun barrulee adda addaa maxxansaa jirraa. Karaa birootin you tube fayyadamun seera hubachisuun barbaachisaa ta’ee waan arganneef samoona kana chanali mana hoji abbaa alangaa godina jimmaa jedhu you tube irrattii bannee jirraa. Kanuumaan video gaggabaaba hojjechun hubannoo seeraa umaa jirraa. Har’a irraa egallee Video hubannoo seeraa umaan jennee yadnee season 1ffaa waa’ee ijowwan yakka hundessan keessaa ijoo kutaa yadaa jedhun video armaan gaditti argitan maxxansinee jirraa. Kanaafu Mana Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmaatti Garee Komnikeeshinii Mana Hojii Abbaa Alnagaa Godina Jimmaatin video isinif qophaa’ee kana chanalii you tube mana hojichaa Irraa daawwachuun hubannoo seeaar kesasn cimfaadha seeras irraa bardhaa hogguu isinin jeennuu chanal kenya subscribe akka gotaniifi video isinif gadhisnus akka sher gotan abdachaatii.

Boqonnaa jalqabaa kutaa 1ffaa wa’e ijowwan yakka hunedssuf barbaachisan kessaa ijoo kutaa yaada. Mensrea.

Watch our chanal & understand how the law operates.

  • logo mhaagj