Posted in Uncategorized

Tamsaasa fm mhaagj Bitootessa 17/2013

Tamsaasa fm bitotessa 17/2013

አዲሱ የፌደራል ፍርድ ቤቶች አዋጅ 1234/2013 ይዟቸው የመጣው ዋና ዋና ነጥቦች የነሐሴ 12/2013 ስርጭት። FM MHAAG Jimmaa Attorney

የፌዴራል ፍርድ ቤቶች ስተዳደሩ የነበሩ በአ/ቁ 25/96 የነበረው ሲሆን ይህንን አዋጅ በማሻሻል አዲሱ አዋጅ በሥራ ላይ ውሏል። የፌደራል ፍርድ ቤቶች አዋጅ 1234/2013 በፌደራል ጠቅላይ ፍርድ ቤት ስር የተቋቋመ 15 ከፍተኛ የሕግ ባለሙያዎችን በአባልነት ያካተተ የዳኝነት ሥርዓት አማካሪ ጉባኤ ረቂቁ ተዘጋጅቶ በፌደራል ፍርድ ቤቶች አመራሮች፣ በሕግ ባለሙያዎች እና በሕዝብ ተሳትፎ ዳብሮ ከሁለት አመታት ቆይታ በኋላ ጥር 13 ቀን/ 2013 ዓ.ም በሕዝብ ተወካዮች ምክር ቤት ጸድቋል። ይህ አዲሱ የፌደራል ፍርድ ቤቶች አዋጅ 1234/2013 ከነባሩ የፌደራል ፍርድ ቤቶች አዋጅ ቁጥር 25/88 እና ይህን አዋጅ ካሻሻሉት ሌሎች አዋጆች ቁጥራቸው 138/1991፣ 254/1993፣ 321/1995 እና 454/1997 ከሆኑት አዋጆች ምን የተለየ አዲስ ነገር ይዞ መጥቷል? እንዲሁም ለአዳዲሶቹ ሕጎች መነሻ ዋና ዋና ምክንያቶቹስ ምን ምን ናቸዉ የሚለዉን በወፍ በረር እንመልከት። — Send in a voice message: https://anchor.fm/mhaagj/message
  1. አዲሱ የፌደራል ፍርድ ቤቶች አዋጅ 1234/2013 ይዟቸው የመጣው ዋና ዋና ነጥቦች የነሐሴ 12/2013 ስርጭት።
  2. Galmi kenya our objectives፣ እንደ ጅማ ዞን አቃቤ ህግ ፅፈት ቤት ግባችን
  3. tamsaasa camsaa 24/2013 hubannoo seeraa wa'e qaama bilisa baasu habeus corpus kuta tokkoffaa
  4. tamsaasa fm MHAAGJ caamsaa 23/2013 wa'ee tamboo ilaalchisee seerrii maal jedha
  5. Tamsaasa fm mhaagj caamsaa 2013 hubannoo seeraa seera godaansaa irrattii

Waa’ee Araaxaa Seerrii  Maal jedha

1.1 Seensaa

Qabenya Horachuun mirgoota Heera Mootummaa keessatti tarraa’an keessaa isa tokko yommuu ta’u qabeenya horachuun immoo dhimma akkaa salphaatti raawwatamu waan hin taaneef bu’aa bahii baay’ee fi dhamaatii guddaa kan barbaadudha. Gama biraatin immoo qabenyaa  namnii dadhabbii fi xaarii baay’en horate (argate) namoonni tokko tokko  immo  qabenyaa kana karaa seeraan alaa kan ofii gochuun karaa qaxxamuraatiin duroomuuf tattaafiiwwan adda addaa kan godhan yommuu ta’uu faallaa namoota kanaa immoo Namoonnii qabenyii isaanii jalaa fudhatame  immoo waan qabaniif  gadhiisan  wallaalanii jirenyi maatii isaanis jeeqamee maatiin isaanii  bittinaa’anii keessa darbaniis lubbuu ofii hanga balleessutti kan qaqqaban ta’uu rakkina akka  biyyaattis  akka naannoottis  bal’inaan mul’atuudhaa.

Magalota gurguddoo keessattii yeroo ammaa  liqaa araxaatiin qarshiwwan miliyoonaan lakkaa’amu kennamee  dhala sana irraa argamuun karaa qaxxamuraan namoonnii durooman lakkofsaan baay’achaa jiru.Gochi kun immoo dinagdee hawaasaa fi tasgabbii biyyaa irratti  midhaan innii qaqqabsiisu  salphaa kan hin jedhamne  ta’uu isaatiin  dabalatattii  gocha seeraan  ala ta’ee fi  duudhaa ummataa wajjin kan hin deemne ta’ee argama.

1.2. Hiikoo Araxaa

Seera yakkaa keenya irratti hiikoon jecha araaxaa ifaan kan jiru ta’uu baatus galumsa keeyyatichaa irraa garu hubachuun ni danda’ama.Seera yakkaa keenya bara 1996 fooyya’ee bahee irratti Boqonnaa 3 Yakkoota Mirga Qabenyaa irratti  raawwataman jedhu jalatti kutaa 3ffaa mata duree yakkoota rakkoo yaadaa yookiin namaa bu’ura godhachuun raawwataman  jedhuu  3 keessaa 1 araxaadha.Bu’uura seera yakka kwt 712(1) araxaa jechuun rakkoo gadi aantummaa yookiin rakkina maallaqaa yookiin dadhabina yaadaa yookiin muuxannoo yookiin dandeetti dhabuu miidhamaa bu’uura godhachuun dhala eyyamame  yookiin maallaqa liqeessun yookiin mallaqa liqeessen qabenya  madaalawa hin taane bakka isaa akka kennu gochuun yookiin  waadaa galchuu ta’uu hubanna.

Namoonni dhuunfaa yeroo adda addaa  hanqina maallaqaa isaan mudatuuf yeroo barbaadanitti liqaa maallaqaa  hanga barbaadan caarraa Baankii  irraa argachuu  dhabuu danda’u.Yeroo kanatti rakkina isaan mudate furuuf gara addunyaa liqiitti kan galan yommuu ta’u kanaaf  immoo filannoo biraa waan hin qabneef dhimmoota dhiyaataniif fudhachuun alatti  filannoo biraa dhabudhaan  walqabatee liqeessitoota  isaani irraa dhala  seeraan taa’e  caallatti qarshii /maallaqa  liqeeffachuuf waliigalu yookiin wabii cheekii akka kennan  dirqamuu.

1.3. Dhala seeraan eeyyamameen ala/dhala seeraan alaa jedhu daangaan isaa hangamitti?

Odeeffannooon toora intarneetii irra jiru akka muldhisutti:-

 <<Interest  is the price paid for the use of other’s capital fund for a certain period of time>>

Kun gara Afaan Oromootti dheedhidhuma isaa yommuu jijjiiramu<<Dhala jechuun kaappitaala nama biro yeroo muraasaaf sababa faayyadamaniif kaaffaltii raawwatamuudha>>.Yaada barreessaati).Hiikoo kana irraa akka hubannutti dhala jechun maallaqa nama biraa irraa fudhannee(liqeeffannee) yeroo muraasaf fayyadamuu keenyaaf kaffaltii raawwatamu ta’uu hubanna.Egaa waa’ee hiikoo dhalaa gahaa ta’uu baatus hanga kana yoo jenne itti aansinee immoo  dhalli seeraan eeyyamame hangami kan jedhu ija seera biyya keenyaatin ilaalla.

Seera Hariiroo Hawaasaa keewwata 1751 irraa akka hubannutti dhala waliigalticha keessatti  hin caqasamne irratti liqeeffataan waggaatti 9%(dhibbeentaa sagal) kaffaluu kan danda’u ta’uu ibsa.Dabalataan immoo keewwata 2479(1) qaamotni waliigaltee raawwatan lamaan dhala waggaa 12 %(dhibbentaa kudha lamaa) olitti waliigaluu kan hin dandeenye ta’uu isaati.Dubbisa keewwattoota kana lamaanii irraa hubachuun kan danda’amu dhalli kamiyyuu ka’umsi isaa 9% (dhibbeentaa sagal) yommuu ta’u baaxiin isaa immoo 12 %(dhibbentaa kudha lamaa) ta’uu hubanna.Kanaan walqabatee dhimmi biraa ka’uu danda’u dhalli shallagamuu kan qabu waggaatti? moo ji’aani? kan jedhu dhimma deebii argachuu qabuudha.Kana irratti keewwattoonni rogummaa qaban keewwata 1751 fi 2479 dha.Akkaataa keewwatoota kanaatti dhalli Shallagamuu kan qabu waggaatti malee ji’atti akka hin taane irraa hubachuu dandeenya.

Kanaan walqabatee dhimma kana irratti Dhaddachi Ijibaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa Jildii 15ffaa lakk.galmee 80119 irratti namni tokko ji’aan dhala %10(dhibbentaa kudhan) shallaguun maallaqa kan liqeesse yoo ta’e ulaagaa yakka Araaxaa ni hundeessa jechuun murtii dirqisiisaa kenneet(laatee) jira.Dabalataan Jildii 17ffaa lakk.galmee 102711 ta’e irratti murtii kenneen qaamotni waliigaltee raawwatan waliigaltee isaanii irratti dhalli ji’aan kan shallagamu ta’uu kan caqasan yoo ta’e waliigalteen sun fudhatama kan hin qabne ta’uu ibseera.Kanaaf seerota armaan iloo fi murtiiwwan kennaman irraa kan hubachuu dandeenyu dhalli shallagamuu kan qabu waggaatti ta’uu dha.

Kanatti aansudhaan immoo yakki Aaraaxaa akkamitti qaawwa seeraa dawoo godhachuudhaan akka raawwataman ilaalla.

2. Yakkii Araaxaa seera dawoo godhachuun kan rawwatamu karaa lamaanii

  1. Cheekii Mallaqa hin qabne kennuu fi
  2. Waliigaltee liqaa mallateessuun  yakka  rawwatamuudhaa.
    1. Cheekii Mallaaqa Hin qabneen Araaxaa Rawwatamu

Cheekiin Hojii daldalaa keessatti hojimaata seera qabessaa  namoota baay’ee  jidduutti raawwatamuudha.Haa ta’u malee liqeessitootni Araaxaa namoota hanqina maallaqaa qaban barbaadanii qarshii dhala seeraan alaa qarshii haadhoo liqeessan faana walitti ida’uun liqeeffataan cheekii maallaqaa gahaa hin qabne akka kennaniif taasisuun cheekii hojii seera qabeessaaf karoorfame hojii seeraan alaatif oolchaa jiru.Araaxaa liqeessitootni dawoo cheekitiin namootni liqeeffatan maallaqa isaanii yeroon deebisuufi yoo didan(dhiisan) yookiin yoo dadhaban himannaa hariiroo hawaasaa irratti banuudhaan manni fi qabeenyi isaanii akka gurguramu gochuun dabalatatti yakkaan immoo poolisidhaaf eeruu kennuun akka himatamanii hidhaman gochaa jiru.Seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 693(1) irraa akka hubachuun danda’amutti namni kamiyyuu cheekiin yeroo baankiif dhiyaatutti maallaqa gahaa itti ajaju kan hin qabne ta’uu osoo beekuu cheekii kan kenne yoo ta’e hidhaa salphaa yookiin akka cimina dhimmichaatti hidhaa cimaa waggaa 10 hin caalle fi adabbii maallaqaan kan adabamu ta’uu hubanna.Tumaa seeraa kana dawoo godhachuun liqeessitootni namoota cheekii gogaa barreessan yakkaan waan himatan fakkeessun sodaachisuun liqeeffattootni immoo hidhaa sodaachuun qabeenya qaban gurguruun yookiin immoo Araaxaa biraa liqeeffachuun maallaqa isaaan irra jiru kaffaluuf oso asii fi achi jooranuu maraammartoo kana keessaa bahuu dadhabanii maatii isaanis rakkoo guddaaf kan saaxilan baay’edha.Gama kanaan seerri ifa ta’e osoo jiruu miidhamaan dhuunfaa akkaawuntii baankii (Bank Account) himatamaa maallaqni akka keessa hin jirre osoo beekuu gowwoomsuun kan hin jirre waan ta’eef cheekii maallaqa hin qabne kennuun mataa isaatin yakka miti jedhanii ogeessotni seeraa falman jiru.Haa ta’u malee cheekii maallaqa gogaan(maallaqa hin qabne) yakka daldala sirna baankii fi akka waliigalaatti dinagdee biyyaa irratti raawwatamu waan ta’eef kana ittisuuf jecha seerri sanadoota socho’an irratti eegumsa gochuuf cheekii gogaa kennuun gocha yakkaa ta’uu tumeera.Kanaan walqabatee dhaddachi Ijibaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa Jildii 12ffaa lakk.galmee 55077 irratti cheekiin kennamuu qofa osoo hin taanee dugda duuba isaa waliigaltee maaltu jira jedhanii xinxaluu dhiisuun kaayyoo seera daldalaa kwt 717 bu’ura kan hin godhanne jechuun murtii kennee jira. Kanaan walqabatee yakkichi jalqabamee kan xummuramu cheekiin nama kaffalamuuf yeroo qaqqabetti maallaqa dhabuun isaa yommuu beekamu ta’uu dhaddachi ijibaataa lakk. Galmee 67947 irratti murtii dirqisiisaa kenne irraa hubachuun ni danda’ama.   

  • Waliigaltee Dawoo Godhachuun Araaxaa rawwatamu

Waliigaltee dawoo godhaachuun Araaxaan kan rawwatamuu qaamootiin walii galtee raawwatan dachaa maallaaqa  wal harkaa fuudhanii yookiin maallaqa wal harkaa fuudhani  dachaa lamaa akka liqeeffatan fakkeessanni waliigaltee  isaanii irratti caqasuun  guyyaa fi bakka waliigalticha  irratti caqasame irratti kaffaluuf barbaadee fi jaallatee waraqaa walii galtee irratti akka mallateessuu gochuudha.Kana jechuun fakkeenyaaf qarshii 50,000 kan liqeessee yoo ta’e akka waan 100,000 liqeffatee fakkeesse mallatteessuu jechuudha.Bu’uuruma kanaan Araaxaa kaffaluu dadhabanii mannii fi qabeenyi  isaani ajaja M/Murtiin kan jala gurgurame baay’eedha.

  • Waliigaltee dawoo godhachuudhaan falmiwwan dhayaatan  ija seera H/H tiin yommuu ilaalluu yeroo baay’ee Araaxaafi  waliigaltee liqaa dawoo godhachuun falmii dhiyaatu fi  galmicha irratti  ilaalchota  dachaa  jiranidha .
  • Innii jalqabaa Waliigaltee mirkaneessuu kan ilaallatuudha.

Kana jechuun walii galteen jira bu’uura waliigalteetiin liqaa isaa haa kaffalu kan jedhuu yommuu ta’uu kana mirkaneessuuf bu’uura waliigaltee liqaa fi akkasumas waliigalteen liqaa  yommuu taasifamu ragootaa  turan caqasunii.Kanaaf S/H/H/ Kwt 1731 ibsuuf kewwatoonni dhiyaatan S/H/H / kwt 2003, 2005 fi 2006 dha.

Kewwattootaa akka armaan gaditti ilaalla

kwt 1731:- Bu’aa waliigaltee ilaalchisee

  • Walii galteewwan bu’uura seeraatiin hundaa’an qaama waliigale jiddutti seera ta’u.
  • Jechoonni walii galtee keessatti argaman kan qaamonni waliigaltee uuman itti waliigalaniidha.

Kwt. 2003 walii galteewwan bifa barreeffamaan haa taasifaman jedhaman irratti barreeffamni kun kan tarsa’e, kan hatame, kan bade ta’uun isaa hanga hin mirkanoofnetti waliigaltee ragadhaan ykn tilmaama sammuutiin hubachiisuu, mirkaneessun hin danda’amuu.

Kwt 2005 –Barreeffamnii waliigaltee mirkaneessuuf gahaa ta’uu

  • Sanada barreeffamaa irratti jechoonnii argaman akkasumas guyyaa barraa’e qaamota walii mallateesse jiddutti ragaa gahaa amantaan itti kennamuudha.

KWT – 2006; Ragaa mormii

  1. Jechoota barreeffama keessatti argaman mormuun kan danda’amuu jechichi isuma kana qaama jedhu kakachiisuudhaan qofa.
  2. Jechoota barreeffama keessatti tarraa’aniif (argamaniif)ragaa nama ykn tilmaamaa sammuu dhiyessun hin danda’amu.

Kewwattonni kun waa’ee waliigaltee mirkaneessu fi bu’aa  isaa fi waliigalteen barreeffamaa jiru fedhaa fi barbaadee hanga  mallateessutti fi walii galteen hanga hin banneeti fi hin tarsaaneetti  raawwatiinsa qabaachuu agarsiisu.

Haata’uu malee amma ka’aa kan jiru qarshii 30,000 fuudhanii akka 60,000 fudhatanitti mallateessisuudha.Kanaaf rakkoowwan kanaaf furmaanni maali kan jedhu qaamoleen haqaa hundi gahee isaanii bahuu qabu kan jedhuufi hawaasnis dhimmoota kana irratti eeruu qaamolee kanaaf kennuun tumsa gochuu qabu kan jedhu yaada xummuraati.

Mulugetaa Magarsaa

Godina jimmaatirraa.

Posted in Uncategorized

Fm mana hojii abbaa alangaa god jimmaa

Listen to the most recent episode of my podcast: Fm.mana hojii AA God Jimmaattii Hubannoo Seeraa boqonnaa jalqabaa. https://anchor.fm/mhaagjfmprodcust/episodes/Fm-mana-hojii-AA-God-Jimmaattii-Hubannoo-Seeraa-boqonnaa-jalqabaa-etand6

Posted in Labsif qajelfamota, Pdf, State constitution, Uncategorized

Labsii MNO kan bara 2004-2006 labsaman.

Midiyaa mhaagj

Dhaqabamuummaa kenya gochan mirkanessiina.

MHAAGJ
MHAAGJ
Posted in Uncategorized

labsilee MNO

kan bara 2012 labsamee.

2011

2009

2008

Posted in Uncategorized

Lenjii hubannoo seeraa hawaasaaf qopha’ee.

Sensa leenjii hubannoo seraa haawaasaaf kennamuu.

Kabajamtoota daawwattotaafii hordoftoota website mana hojii abbaa alangaa godina jimmaa. Dura dursoo nagenyi kessan akkami jechun nagaa isiniittii dhaammanaa. Akkuma beeytan manni hojii abbaa alangaa godina jimmaa haala adda ta’eefi biyyaa Itiyoophiyaa fi naannoo oromiyaa kessatti hinbaramneen platfoormii interneetii fayyadamuun haawasa bal’aaf carraa hubannoo seeraa ittii argatu mijeessuu irratti carraaqii hammana hin jedhamnee taasisuttii jira. Akka qorannoon adda addaa agarsiisu lakkofsii namootaa interneetii fayyadamuu Itiyoophiyaa kessatti haalaan ida’aa jiraachuu isaatin ummannii miliyona 30ttii dhihaatuu platformii interneti fayyadamaa jira. Kana kessaa parsantii 75 ol ta’u platformii marsariitii haawaasaa kan fayyadamuu dha. Haata’uu malee biyya itiyophiyaa kessattis ta’e naannoo keenyatti platformii kannin fayyadamun barrulee fi vidiyoolee bekkumsa horsiisu keennuu waan hinjirref ykn akkaan gadibu’aa waan ta’eef hawaasnii bal’an akka kuni carraa bekkumsaa argachuu mannaa yaaciifii waan hintaanee ilaaluun yeeroo isaa qaalii ballessaa jira.

Akkuma suuraa armaan oliitti argitanittii guddinnii hawaasa interneti fayyadamuu haalaan guddatus qaamnii haawasa kanaaf hubnanoo ykn beekkumsa keennuuf platfoormii kanniin fayyadamaa jiruu akka biyyaattii hanqina hangana hinjedhamnee yoo qabuu akka Oromiyaatti ammoo gonkumaa gin jiruu jechuun ni danda’maaa. 

Faallaa biyya kenyaatiin biyyonnii guddatanis ta’ee biyyota guddachaa jiran yoo ilaallee platforomii platfoormii kana fayaydamuun seeraafii barnoota biroo kan barsisaan miliyoonaan kan argamuu yoo ta’u bayyinnii ammoo dhaabbata ummataatii. Biyyota gudadtan dhisnee biyyoota sadrkaa kenyaattii argaman kan akka kenyaa fi ugandaa yoo fudhannee chanaalii you tube kuma 10 ol jiruu seera barsiisuu irrattii fulleffachuun kan banameedha. Nutis 1ffaa carraa hawaasa bal’a kanaaf beekuumsa isaa dagaagsuuf, 2ffaa hnannaqi akak biyyaafii akka naannoottii mul’atuu furuun patfloormii internetetii platfoormii bekkumsii ittin argatamuuu gochuuf jecha kallattii heddun dhufnee jirraa. Sochii kenya kessaa agarsiiftuun tokko lenjii hubannoo seeraa ittii fufinsaan keennuuf jalqabuu kenya. isinis vidiyoo hubannoo sweraa kana daawwachuun yaada kessan nuff lachaa hubannoo kessan gabbisaa jrnna

MHAAGJ

Jimmaa Oromiyaa 

Posted in Uncategorized

Olmaa Dhadachaa.

Kana boda olmaa dhadachaa galmee barsisoo ta’an jalqabaa kaasee hanga xumura arganittii kan isinin genyuu ta’a. Har’a galmee AA Godina Jimmaatin MMOGJtti saaqamee isinif dhihesina.

mhaagj

Olmaa Dhadachaa

Lakk 54/05385e

Guyyaa 7/07/13

Mana Murtii Ol’aanaa Godina Jimmaatif.

Jimmaa.

Lakk G/AA 05385

Lakk G/QP 127/2013

Lakk GMM _______

Himataan:- AA Godina Jimmaa

Himatamaan:- Safaa Kalifaa A/Duuraa.

  • Tessoon:- Godina Jimmaa, Aanaa Maannaa Ganda Meexxii
  • Umriin:- 19
  • Hojiin:- barataa

Himata 1ffaa

Yakkichii

Seera yakkaa MFDRI Bara 1996 bahe kew 539(1) (a) bira darbuun yakka ajjechaa cimaa raawwachuu.

Tarree yakkichaa.

Himatamaan kuni ta’e jedhee ittii yaadee godina jimmaa aanaa Maannaa Ganda Meexxii bakka kampii jedhamuuttii gaafa guyyaa 8/1/2013 tilmaama halkan keessaa sa’atii 2:00 yommuu ta’u midhamtuu dhunfaa duutuu Hajaraa A/sambi jedhamtuu sababa “da’imnii anii garaatti baadhee kuni kan safaatii jeettee maqaa naballeessaa jirtii:” jeedhun haaloo bahaachuuf jecha midhamtuu tana ulfa garaattii baattee oso jirtuu gara manaa oso galtuu karaa irrattii eggatee koottuu qarshii sif keenna jedhee sossobee cara dagalaattii erga fudhee deemeen booda gajaraadhaan morma ishi qalee haala sukkanneessaa ta’een waan ajjeseef yakkaa ajjechaa ciimaa raawwateen himatamee jiraa.

Himata 2ffaa

Yakkichii

Seera yakkaa MFDRI Bara 1996 bahe kew 27 (1) fi keww 539(1) (a) bira darbuun yakka yaalii ajjechaa cimaa raawwachuu.

Tarree yakkichaa.

Guyyaafi iddoo himata tokkoffaatti caqafameettii shakkamaan kuni ta’e jedhee mucaa xiqqaa ganna 10 ajjesuf itti yaadee midhamaa dhunfaa maqaan isaa zakir Bahir jedhamuu umriin isaa waggaa 10 kan hin gunnee haadha isaa midhamtuu dhunfaa himata jalqabaa duutuu Hajaraa A/saambii jedhamtuu walin oso gara manaa galaa jiruu karaa irrattii eggatee koottaa qarshii isinif keenna jechun gara daggalaa geessenii haadha mucaa midhamaa kanaa akkaataa himata 1ffaa orratti caqafameen erga ajjeseen booda mucaa ishii kanas ajjesuuf jecha Gajaraadhaan irre gurmuu Isaa gara mirgaa harka isaa gara mirgaa, ciqilee gara bitaa morma isaa duddubaan fi qaama isaa bakka adda addaattii erga haala sulkannessa ta’en rukutee erga cicciree boooda, yaada midhamaa kana ajjesee jira yaada jedhun bakkuma kufeettii haadha isaa duutee walin dhiisee deemus borumtuu gochii kun raawwatamee jeechunis gaafa 9/1/2013 ganama kessaa tilmaaman sa’atii 1:30 yoommuu ta’uu namnii miftaahuu jedhamuu tubboo loolaa keessaa argeenii isa baasee du’a irraa baraaree, kanaafui himatamaan kun yakka yaalii ajjechaa sukkanneessaa raawwateen mana murtii kanattii himatameera.

Ragaa Namaa

  1. Zakii bahir God jimmaa Aanaa Maannaa Ganda Meexxuu
  2. Miftaahuu A/duuraa “  “  “
  3. Muhamedhusen Solomon “”””         “””””””
  4. Faxuulaa A/Duraa
  5. Wandimmuu dagafuu

Ragaa Barreffamaa

  • Qorannoo Renfaa mana yaalaa lakk HUJ2732/106/13 gaafa 27/1/2013 Hospitaala Ispeeshalizidii yuniversitii Jimmaa irraa barraa’ee turjuumaana isaa walin fula 2 galmeen walqabatee Jiraa.
  • Waraqaa ragaa yaalaa HUJ10768/58/2013 Gaafa 19/6/2013 hospiitala ispeshalized jimmaa irraa barraa’ee midhaa midhamaa dhunfaa zakii bahir dhaqabee ibsuu turjumaana isaa walin galmeen wal qabatee jiraa.
  • Jecha amantaaf waakkii himatamaa kun bu’ura sdfy kew 35tin lakk galmee 19133 ta’en gaafa 11/1/2013 Mana Murtii Aanaa Maannaattii keennee fullii lamaa galmeen wal qabatee jiraa.

Mallattoo hindubbifamnee kan AA himata kana baneefi chaappaan mana hojichaa ni jiraa.

Galmeen MMOGJtti har’a gaafa 8/7/13 dhadacha yakkaattii dhihaatee himannaafi ragaan abbaa alangaa erag dhaghameenaa booda gaafa 20/7/2013tif galmee qorachuf bellamamera.

Nutis bu’aa isaa kan iisnin genyu ta’a.

Hasen MH hassen (AA).

SUraa himatamaa
Yaada kessan nuf laachuuf sanduqa armaan gadi fayyadamaa
Posted in Uncategorized

Waa’ee Araaxaa Ilaalchisee Seerri Mal Jedha? PDF

Barruu hubannoo seeraa

MAHAGJ

Qopheessan Mulugetaa M.

Abbaa Alangaa Godina Jimmaa (LL.B, LL.M)

Waa’ee Araaxaa Seerrii  Maal jedha

1.1 Seensaa

Qabenya Horachuun mirgoota Heera Mootummaa keessatti tarraa’an keessaa isa tokko yommuu ta’u qabeenya horachuun immoo dhimma akkaa salphaatti raawwatamu waan hin taaneef bu’aa bahii baay’ee fi dhamaatii guddaa kan barbaadudha. Gama biraatin immoo qabenyaa  namnii dadhabbii fi xaarii baay’en horate (argate) namoonni tokko tokko  immo  qabenyaa kana karaa seeraan alaa kan ofii gochuun karaa qaxxamuraatiin duroomuuf tattaafiiwwan adda addaa kan godhan yommuu ta’uu faallaa namoota kanaa immoo Namoonnii qabenyii isaanii jalaa fudhatame  immoo waan qabaniif  gadhiisan  wallaalanii jirenyi maatii isaanis jeeqamee maatiin isaanii  bittinaa’anii keessa darbaniis lubbuu ofii hanga balleessutti kan qaqqaban ta’uu rakkina akka  biyyaattis  akka naannoottis  bal’inaan mul’atuudhaa.

Magalota gurguddoo keessattii yeroo ammaa  liqaa araxaatiin qarshiwwan miliyoonaan lakkaa’amu kennamee  dhala sana irraa argamuun karaa qaxxamuraan namoonnii durooman lakkofsaan baay’achaa jiru.Gochi kun immoo dinagdee hawaasaa fi tasgabbii biyyaa irratti  midhaan innii qaqqabsiisu  salphaa kan hin jedhamne  ta’uu isaatiin  dabalatattii  gocha seeraan  ala ta’ee fi  duudhaa ummataa wajjin kan hin deemne ta’ee argama.

1.2. Hiikoo Araxaa

Seera yakkaa keenya irratti hiikoon jecha araaxaa ifaan kan jiru ta’uu baatus galumsa keeyyatichaa irraa garu hubachuun ni danda’ama.Seera yakkaa keenya bara 1996 fooyya’ee bahee irratti Boqonnaa 3 Yakkoota Mirga Qabenyaa irratti  raawwataman jedhu jalatti kutaa 3ffaa mata duree yakkoota rakkoo yaadaa yookiin namaa bu’ura godhachuun raawwataman  jedhuu  3 keessaa 1 araxaadha.Bu’uura seera yakka kwt 712(1) araxaa jechuun rakkoo gadi aantummaa yookiin rakkina maallaqaa yookiin dadhabina yaadaa yookiin muuxannoo yookiin dandeetti dhabuu miidhamaa bu’uura godhachuun dhala eyyamame  yookiin maallaqa liqeessun yookiin mallaqa liqeessen qabenya  madaalawa hin taane bakka isaa akka kennu gochuun yookiin  waadaa galchuu ta’uu hubanna.

Namoonni dhuunfaa yeroo adda addaa  hanqina maallaqaa isaan mudatuuf yeroo barbaadanitti liqaa maallaqaa  hanga barbaadan caarraa Baankii  irraa argachuu  dhabuu danda’u.Yeroo kanatti rakkina isaan mudate furuuf gara addunyaa liqiitti kan galan yommuu ta’u kanaaf  immoo filannoo biraa waan hin qabneef dhimmoota dhiyaataniif fudhachuun alatti  filannoo biraa dhabudhaan  walqabatee liqeessitoota  isaani irraa dhala  seeraan taa’e  caallatti qarshii /maallaqa  liqeeffachuuf waliigalu yookiin wabii cheekii akka kennan  dirqamuu.

1.3. Dhala seeraan eeyyamameen ala/dhala seeraan alaa jedhu daangaan isaa hangamitti?

Odeeffannooon toora intarneetii irra jiru akka muldhisutti:-

 <<Interest  is the price paid for the use of other’s capital fund for a certain period of time>>

Kun gara Afaan Oromootti dheedhidhuma isaa yommuu jijjiiramu<<Dhala jechuun kaappitaala nama biro yeroo muraasaaf sababa faayyadamaniif kaaffaltii raawwatamuudha>>.Yaada barreessaati).Hiikoo kana irraa akka hubannutti dhala jechun maallaqa nama biraa irraa fudhannee(liqeeffannee) yeroo muraasaf fayyadamuu keenyaaf kaffaltii raawwatamu ta’uu hubanna.Egaa waa’ee hiikoo dhalaa gahaa ta’uu baatus hanga kana yoo jenne itti aansinee immoo  dhalli seeraan eeyyamame hangami kan jedhu ija seera biyya keenyaatin ilaalla.

Seera Hariiroo Hawaasaa keewwata 1751 irraa akka hubannutti dhala waliigalticha keessatti  hin caqasamne irratti liqeeffataan waggaatti 9%(dhibbeentaa sagal) kaffaluu kan danda’u ta’uu ibsa.Dabalataan immoo keewwata 2479(1) qaamotni waliigaltee raawwatan lamaan dhala waggaa 12 %(dhibbentaa kudha lamaa) olitti waliigaluu kan hin dandeenye ta’uu isaati.Dubbisa keewwattoota kana lamaanii irraa hubachuun kan danda’amu dhalli kamiyyuu ka’umsi isaa 9% (dhibbeentaa sagal) yommuu ta’u baaxiin isaa immoo 12 %(dhibbentaa kudha lamaa) ta’uu hubanna.Kanaan walqabatee dhimmi biraa ka’uu danda’u dhalli shallagamuu kan qabu waggaatti? moo ji’aani? kan jedhu dhimma deebii argachuu qabuudha.Kana irratti keewwattoonni rogummaa qaban keewwata 1751 fi 2479 dha.Akkaataa keewwatoota kanaatti dhalli Shallagamuu kan qabu waggaatti malee ji’atti akka hin taane irraa hubachuu dandeenya.

Kanaan walqabatee dhimma kana irratti Dhaddachi Ijibaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa Jildii 15ffaa lakk.galmee 80119 irratti namni tokko ji’aan dhala %10(dhibbentaa kudhan) shallaguun maallaqa kan liqeesse yoo ta’e ulaagaa yakka Araaxaa ni hundeessa jechuun murtii dirqisiisaa kenneet(laatee) jira.Dabalataan Jildii 17ffaa lakk.galmee 102711 ta’e irratti murtii kenneen qaamotni waliigaltee raawwatan waliigaltee isaanii irratti dhalli ji’aan kan shallagamu ta’uu kan caqasan yoo ta’e waliigalteen sun fudhatama kan hin qabne ta’uu ibseera.Kanaaf seerota armaan iloo fi murtiiwwan kennaman irraa kan hubachuu dandeenyu dhalli shallagamuu kan qabu waggaatti ta’uu dha.

Kanatti aansudhaan immoo yakki Aaraaxaa akkamitti qaawwa seeraa dawoo godhachuudhaan akka raawwataman ilaalla.

2. Yakkii Araaxaa seera dawoo godhachuun kan rawwatamu karaa lamaanii

  1. Cheekii Mallaqa hin qabne kennuu fi
  2. Waliigaltee liqaa mallateessuun  yakka  rawwatamuudhaa.
    1. Cheekii Mallaaqa Hin qabneen Araaxaa Rawwatamu

Cheekiin Hojii daldalaa keessatti hojimaata seera qabessaa  namoota baay’ee  jidduutti raawwatamuudha.Haa ta’u malee liqeessitootni Araaxaa namoota hanqina maallaqaa qaban barbaadanii qarshii dhala seeraan alaa qarshii haadhoo liqeessan faana walitti ida’uun liqeeffataan cheekii maallaqaa gahaa hin qabne akka kennaniif taasisuun cheekii hojii seera qabeessaaf karoorfame hojii seeraan alaatif oolchaa jiru.Araaxaa liqeessitootni dawoo cheekitiin namootni liqeeffatan maallaqa isaanii yeroon deebisuufi yoo didan(dhiisan) yookiin yoo dadhaban himannaa hariiroo hawaasaa irratti banuudhaan manni fi qabeenyi isaanii akka gurguramu gochuun dabalatatti yakkaan immoo poolisidhaaf eeruu kennuun akka himatamanii hidhaman gochaa jiru.Seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 693(1) irraa akka hubachuun danda’amutti namni kamiyyuu cheekiin yeroo baankiif dhiyaatutti maallaqa gahaa itti ajaju kan hin qabne ta’uu osoo beekuu cheekii kan kenne yoo ta’e hidhaa salphaa yookiin akka cimina dhimmichaatti hidhaa cimaa waggaa 10 hin caalle fi adabbii maallaqaan kan adabamu ta’uu hubanna.Tumaa seeraa kana dawoo godhachuun liqeessitootni namoota cheekii gogaa barreessan yakkaan waan himatan fakkeessun sodaachisuun liqeeffattootni immoo hidhaa sodaachuun qabeenya qaban gurguruun yookiin immoo Araaxaa biraa liqeeffachuun maallaqa isaaan irra jiru kaffaluuf oso asii fi achi jooranuu maraammartoo kana keessaa bahuu dadhabanii maatii isaanis rakkoo guddaaf kan saaxilan baay’edha.Gama kanaan seerri ifa ta’e osoo jiruu miidhamaan dhuunfaa akkaawuntii baankii (Bank Account) himatamaa maallaqni akka keessa hin jirre osoo beekuu gowwoomsuun kan hin jirre waan ta’eef cheekii maallaqa hin qabne kennuun mataa isaatin yakka miti jedhanii ogeessotni seeraa falman jiru.Haa ta’u malee cheekii maallaqa gogaan(maallaqa hin qabne) yakka daldala sirna baankii fi akka waliigalaatti dinagdee biyyaa irratti raawwatamu waan ta’eef kana ittisuuf jecha seerri sanadoota socho’an irratti eegumsa gochuuf cheekii gogaa kennuun gocha yakkaa ta’uu tumeera.Kanaan walqabatee dhaddachi Ijibaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa Jildii 12ffaa lakk.galmee 55077 irratti cheekiin kennamuu qofa osoo hin taanee dugda duuba isaa waliigaltee maaltu jira jedhanii xinxaluu dhiisuun kaayyoo seera daldalaa kwt 717 bu’ura kan hin godhanne jechuun murtii kennee jira. Kanaan walqabatee yakkichi jalqabamee kan xummuramu cheekiin nama kaffalamuuf yeroo qaqqabetti maallaqa dhabuun isaa yommuu beekamu ta’uu dhaddachi ijibaataa lakk. Galmee 67947 irratti murtii dirqisiisaa kenne irraa hubachuun ni danda’ama.   

  • Waliigaltee Dawoo Godhachuun Araaxaa rawwatamu

Waliigaltee dawoo godhaachuun Araaxaan kan rawwatamuu qaamootiin walii galtee raawwatan dachaa maallaaqa  wal harkaa fuudhanii yookiin maallaqa wal harkaa fuudhani  dachaa lamaa akka liqeeffatan fakkeessanni waliigaltee  isaanii irratti caqasuun  guyyaa fi bakka waliigalticha  irratti caqasame irratti kaffaluuf barbaadee fi jaallatee waraqaa walii galtee irratti akka mallateessuu gochuudha.Kana jechuun fakkeenyaaf qarshii 50,000 kan liqeessee yoo ta’e akka waan 100,000 liqeffatee fakkeesse mallatteessuu jechuudha.Bu’uuruma kanaan Araaxaa kaffaluu dadhabanii mannii fi qabeenyi  isaani ajaja M/Murtiin kan jala gurgurame baay’eedha.

  • Waliigaltee dawoo godhachuudhaan falmiwwan dhayaatan  ija seera H/H tiin yommuu ilaalluu yeroo baay’ee Araaxaafi  waliigaltee liqaa dawoo godhachuun falmii dhiyaatu fi  galmicha irratti  ilaalchota  dachaa  jiranidha .
  • Innii jalqabaa Waliigaltee mirkaneessuu kan ilaallatuudha.

Kana jechuun walii galteen jira bu’uura waliigalteetiin liqaa isaa haa kaffalu kan jedhuu yommuu ta’uu kana mirkaneessuuf bu’uura waliigaltee liqaa fi akkasumas waliigalteen liqaa  yommuu taasifamu ragootaa  turan caqasunii.Kanaaf S/H/H/ Kwt 1731 ibsuuf kewwatoonni dhiyaatan S/H/H / kwt 2003, 2005 fi 2006 dha.

Kewwattootaa akka armaan gaditti ilaalla

kwt 1731:- Bu’aa waliigaltee ilaalchisee

  • Walii galteewwan bu’uura seeraatiin hundaa’an qaama waliigale jiddutti seera ta’u.
  • Jechoonni walii galtee keessatti argaman kan qaamonni waliigaltee uuman itti waliigalaniidha.

Kwt. 2003 walii galteewwan bifa barreeffamaan haa taasifaman jedhaman irratti barreeffamni kun kan tarsa’e, kan hatame, kan bade ta’uun isaa hanga hin mirkanoofnetti waliigaltee ragadhaan ykn tilmaama sammuutiin hubachiisuu, mirkaneessun hin danda’amuu.

Kwt 2005 –Barreeffamnii waliigaltee mirkaneessuuf gahaa ta’uu

  • Sanada barreeffamaa irratti jechoonnii argaman akkasumas guyyaa barraa’e qaamota walii mallateesse jiddutti ragaa gahaa amantaan itti kennamuudha.

KWT – 2006; Ragaa mormii

  1. Jechoota barreeffama keessatti argaman mormuun kan danda’amuu jechichi isuma kana qaama jedhu kakachiisuudhaan qofa.
  2. Jechoota barreeffama keessatti tarraa’aniif (argamaniif)ragaa nama ykn tilmaamaa sammuu dhiyessun hin danda’amu.

Kewwattonni kun waa’ee waliigaltee mirkaneessu fi bu’aa  isaa fi waliigalteen barreeffamaa jiru fedhaa fi barbaadee hanga  mallateessutti fi walii galteen hanga hin banneeti fi hin tarsaaneetti  raawwatiinsa qabaachuu agarsiisu.

Haata’uu malee amma ka’aa kan jiru qarshii 30,000 fuudhanii akka 60,000 fudhatanitti mallateessisuudha.Kanaaf rakkoowwan kanaaf furmaanni maali kan jedhu qaamoleen haqaa hundi gahee isaanii bahuu qabu kan jedhuufi hawaasnis dhimmoota kana irratti eeruu qaamolee kanaaf kennuun tumsa gochuu qabu kan jedhu yaada xummuraati.

Mulugetaa Magarsaa

Godina jimmaatirraa.

Posted in Uncategorized

Barruu Qo’annaa Seeraa.

Federeeshina Itiyoophiyaa Kessattii qodinsa angoo bulchinsa qabenya umaamaa ilaalchisee.

qo’annaa qabatama MNOtti hundaa’ee.

Yaada Waliigalaa  

Heerri Rippaabilika Dimokraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa [1] , sirna mootummaa dimokraatawaa federaalawaa biyya keenya keessatti hundeesseera.[2] Sirna mootummaa federaalawaa keessatti yoo xiqqaate mootummaalee lamatu jira: Mootummaa federaalaa (giddu-galeessaa) fi mootummaalee naannoo jechuu dha. Aangoon mootummaa, jechuunis aangoon seera tumuu, aangoon seera hiikuu fi aangoon seera raawwachiisuu mootummaa giddu-galeessaa fi mootummaa naannoo gidduutti heeran adda qoodama.2 Heerri RDFI kwt 5155 keessatti dhimmoota akkamii irratti mootummaan federaalaa fi mootummaaleen naannoo aangoo seera baasuu akka qaban ifatti adda baasee jira. Haaluma kanaan, mootummaan federaalaa fi mootummaan naannoo, dhimma walfakkaatoo muraasa irratti lamaanuu aangoo seera tumuu bakka itti qaban jira [3] , dhimmoota tokko tokko irratti ammoo mootummaa Federaalaa qofatu aangoo seera tumuu qaba[4], ammas dhimmoota kan biroo irratti aangoo seera tumuu mootummaalee naannootiif waliin kennameera.[5]  

Mootummaaleen kanneen walaba ta’anii (autonomous) bu’uura heeratiin aangoo isaaniif kenname hojiirra oolchuu danda’u.[6] Mootummaaleen sadarkaa lamaan irra jiran aangoowwan addaan isaanii qoodamee jiru walii kabajuun gahee hojii walii keessa seenuu irraa ofqusachuu qabu jechuu dha.[7] Aangoo heeran qaama tokkoof kenname keessa qaamni biraa kan seenu taanaan olaantummaan heeraa fi seeraa akka hin kabajamne taasisuutti dabalee, qabeenyi uumamaa qaama qabeenya sanatti dhiyoo jiruun akka hin hogganamne akkasumas dantaan uummataa akka hin mirkanoofnee fi dimokiraasiin akka hin baballanne gocha taasisuu dha.[8] 

Dhimmoota qoodinsi aangoo heera RDFI tiin mootummaa federaalaa fi mootummaalee naannoo gidduutti qoodame keessaa tokko bulchiinsa qabeenya uumamaati. Qabeenyi uumamaa qabeenya lafa irratti, lafa jalatti ykn lafa keessatti uumamaan argamuuf fedhii dhala namaa guutuuf uumaa irraa kenname yoo ta’u, qabeenyi kun albuudota, bishaan, bosona, lafa, gaasii uumamaa fi kanneen kana fakkaata kan hammatu dha.[9] Itoophiyaan biyya qabeenya uumamaan badhaate yoo taatu[10] achi keessatti qoodni Naannoon Oromiyaa qabu daran olaanaa dha. Bu’uura heera RDFItti aangoon itti-fayyadamaa fi kunuunsa qabeenyaa uumamaa irratti seera tumuu mootummaa federaalaatiif kan kenname yoo ta’u, aangoon qabeenya uumamaa bulchuu akka hojjetu qofatti kan aangeffame ammoo mootummaa naannoo qabeenyi sun keessatti argamu dha.  

Seerotni qabeenya uumamaa kan akka qabeenya bishaanii, qabeenya albuudaa fi qabeenya bosonaa irratti mootummaa federaalaatiin tumamanii jiran aangoo qabeenya uumamaa bulchuu mootummaan naannoo Oromiyaa qabu kan mulquu fi sarbu yoo ta’u, itti-fayyadama, bulchiinsaa fi kunuunsa qabeenya uumamaa kanneen irratti akkasumas faayidaa mootummaan naannoo Oromiyaa fi uummata naannichaa irratti miidhaa geessisuu irratti argama. [11]  Fakkeenyaaf, mootummaa federaalaatiin labsiileen labsaman, labsiin bulchiinsaa fi ittifayyadama qabeenya bishaanii lak. 197/92 fi labsiin hundeeffama manneen maree fi abbootii taayitaa sulula laggeenii lak.534/99 qoodinsa aangoo seera tumuu heeraan daangaa itti godhame kan cabsuu fi faayidaa gara garaa mootummaan naannoo argachuu malu kan dhabsiisu akka ta’etti ibsuun ni danda’ama.[12] Gamaa biraan, labsii misooma albuudaa lak. 678/2002 aangoo albuuda bulchuu mootummaalee naannoo irraa kan fudhate ta’uu hubachuun kan danda’amu yoo ta’u, hayyama hojii albuudaa garaagaraa hojii albuudaa gurguddaa fi xixiqqaa Oromiyaa keessa jiru keessaa 76 (torbaatamii jaha) kan tahu irratti hayyama kan kennee jiruu fi bulchaa jiru mootummaa Federaalaati.[13] Kanarraan kan ka’e Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi uummatni naannichaa faayidaa qabeenya albuuda naannichaa irraa argachuun isaaniif malu sirnaan akka hin arganne taasisuu irra darbee qabeenyichuma irrattiyyuu miidhaan akka qaqqabu taasisaa jira.[14] Dabalataanis, labsiin eegumsa, misoomaa fi itti-fayyadama bosonaa lakk. 1065/2010 bulchiinsa bosonaa ilaalchisee aangoo mootummaa federaalaa fi naannolee gidduutti qoqqoodee kan jiru yoo ta’u, bosona faayidaan isaa akka biyyoolessaa fi addunyaatti qabu olaanaa ta’e ykn bosonichi mootummaa nannootiin sirnaan kan hin eegamnee fi hin misoomne yoo ta’e mootummaa federaalaa kan bulchu akka ta’e tumee jira.[15] Kun immoo aangoo qabeenya bosonaa Mootummaan Naannoo Oromiyaatiif heeraan kenname kan sarbu ta’ee mul’ata.  

Qorannoon kunis, bulchiinsa qabeenya uumamaa ilaalchisee aangoo mootummaan naannoo Oromiyaa qabu maal akka ta’ee fi mootummaa naannichaa irraa aangoo seeraan ala mootummaa federaalaan fudhatamee fi dhiibbaa dhaqqabsiisaa jiru adda baasuu irratti kan xiyyeeffatu yoo ta’u, gama kanaan rakkoowwan qabatamaan dantaa fi faayidaa mootummaa fi uummata naannichaa irra gahaa jiru sakatta’uun yaada furmaataa kan akeeku ta’a.  

One-Time
Monthly
Yearly

Make a one-time donation

Make a monthly donation

Make a yearly donation

Choose an amount

$1.00
$5.00
$10.00
$5.00
$15.00
$100.00
$5.00
$15.00
$100.00

Or enter a custom amount

$

Your contribution is appreciated.

Your contribution is appreciated.

Your contribution is appreciated.

DonateDonate monthlyDonate yearly
Posted in Uncategorized

The space for Restorative Justice in Ethiopia Criminal sytsem. Pdf

. Introduction
Restorative justice views criminal conflict as an injury or violation of the relationship
between victims, offenders and community members, 2 and the ‘property’ of those
involved in the conflict.3
It complements the criminal justice system with the aim to heal
the injuries of all parties involved in criminal conflict: victim, offender and community.
Instead of merely focusing on punishment, restorative justice processes contribute to the
re-integrative aspect of shaming. Moreover, restorative justice processes provide victims
a central role in the process and help meet their need for information about the reasons for the crime and the circumstances of its commission. Such processes also allow for the
victims to be heard, which may in turn facilitate their psychological healing process.


Members of the community can also take a more active role in the justice process, which typically involves discussion and negotiation among the parties with a stake in the…

Midiyaa MHAAGJ

Posted in Uncategorized

Beeksisa.

Midiyaa Mana hojii Abbaa alnagaa Godina Jimmaa.

Midiyaan mana hojii abbaa alangaa godina jimmaa leenjii hubannoo seeraa ji’a lamaaf torbaan torbaanin powerpoint slididhaan videon isinif dhufuutti jiraa nu eggadhaa midiyaa mana hojichaa subscribe gochun misensa ta’a linki arman gadii tuquun midiyaa kenya subscribe godhaa.

Posted in Uncategorized

Beeksisa

Midiyaa MHAAGJ Cimsuun hawaasa hubannoo seeraa qabuu umudhaa.


Midiyaan Mana Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmaa erga banamee torbaan lama kan hin caallee ta’us midiyaan kessan kuni boqonnaa jalqabaa kana akka tamsaasa yaalittii lakkaahun video hubannoo seeraa 7-10 afaan Oromoo fi amariffaan hojjennee gadi lakkisnee jirraa. Videon tokkoo daqiiqaa 10 kan hincaalle ta’us dugdeebiin kallattii sanduuqa yaadaa chanalii jala jiruu dabalatee karaa websayiti mana hojichaatin email bilbilaafii qaamaan namonnii dhufanii yaada nuf laachaa jiran irraa akka hubanneettii platformii kanaan haawasa kenyaaf hubannoo seeraa haalaan akka umuu nu dandessisuu nu hubachisee jiraa. Haaluma kanaan video hubannoo seeraa ummuf haala hawwataa ta’en hojechaa jirruu kana lakkofsii hawaasaa dawwataa jiruu guyyaa guyyaadhaan gudachaa yommuu jiru vidiyoon tokko hanga nama 500 olin guyyaa lama kessattii hin caallen daawwatamaa jira. Kunis videon tokko averejidhaan daqiqaa 700 fi isaa olif daawwatamuu isaa gabaasa You Tube irraa argannee ni garsisa. Ta’us manni hoji kenyaa dirqama dhaqabamummmaa hawaasaaf qabnu bahachuu irrattii shorrii kessan ol’aanaa ta’u bartanii midiya mana hojichaa kana dabalatee websayiti kenya subscribe gochuun misensa taa’un Garee Komnikeeshinii Mana Hojii Abbaa Alnagaa Godina Jimmaa. tin midia mana hojichaa jalattii video hubanno seeraa gadilakkifamee daawwachuun, fula Facebook kessan irratti sher gochun kessan midiyaa mana hojii kessanii cimsuun dirqama haawaasaaf hubannoo seeraa umuuf qabnu walin bahaachuu ta’u hubattanii subscribe fi sher akka gotan abdanna. Dabalataan midiyaa kessan kana kallattii maraan akka nuf beksistan yommuu jeennuu, Yaada qabdan hanqinoota foyyeffachuu qabnus kallattii maraanuu yoo nuuf keennitan akka galteettii fudhannee hojii kenya akka cimsinu waadaa isinif galaatii. Yaada kessan nuuf laachuuf websaayti mana hojichaa jalattii formaatii yaadaaf qophaa’e fayyadamuu, fula Facebook mana hojichaatin inbox fi comment nuf gochuu email mana hojichaatin yaada keessan nuuf erguu, bilbila mana hojii keenyaatii fayyadamuun akkasumas mana hojii abbaa alangaa godina jimmaa qaamaan dhihachuun yaada kessan yoo nuf ibsitan galata walin yaada kessan akka galteettii fudhannee waan foyyeeffachuu qabnu foyyeeffachaa cimminnaa kenyas ittii fufsisaa isin tajaajiluuf waadaa kenya isinif haaromsaati. waliin taanee mana hojii kessan kallattii maraan haacimsinu jenna.
Hasen Muhamedhusen
Abbaa alangaa godina jimmaa.
https://youtube.com/channel/UCNFvRxK8rUAPWZhrKW7-rZA

Akkuma arman gaditti argitan Midiyaan MHAAGJ haala kanaan dawwatamaa jiraa dhaqabamummmaa kenya midiyaa kaan subscribe gochuun kessan vidiyoo gadi lakkifaman daawawchun fula Facebook kessan irratti sher gochun kessan midiyaa mana hojii kessanii cimsuun dirqama haawaasaaf hubannoo seeraa umuuf qabdan bahaachuu ta’u hubadhaa. Yaada qabdan hanqinoota foyyeffachuu qabnus grupi telegraama kana dablaatee websaayti kenyan fula Facebook mana hojichaatin emailifi bilbilaan akkasumas qaamaan nuf ibsuun waliin taanee mana hojii kenya kallattii maraan haacimsinu jenna.

Posted in Uncategorized

Barruu Xinxala seeraa.

Barrun kuni xinxala Murtii Dhadacha Ijibbaata Federaalaa Lakk 16816 ta’e irrattii taasifamee. Seera Yakkaa bara 1996 bahee kewwata 555 fi 556 bu’ureffachuun xinxala godhamee dha.

Qophessaan:- Abdussalam Mohammed

Mana Hojii AA God jimmaattii Abbaa Alangaa Aanaa Sigimoo
1.1 seensa.

Akkuma beekkamu tumaaleen seera yakkaa baay’inaan hojiirra ooluu fi yeroo baay’ee qabatama hojii keessattis walfalmisiisaa ta’e tumaalee seera yakkaa biyya keenyaa yakkoota qaamaa fi fayyaa namaa irratti raawwatamuun walqabatee jiru isa tokkoo dha. Garaagarummaa ejjannoo Tumaalee kanneniin dhiphisuun walqabatee dhaddacha ijibbaataatiif dhimmi dhiyaatee murtaa’e baay’inaan hin mul’atu. Haa ta’u malee dhiheenya kana murtiin dhaddachi ijibbaataa Mana murtii waliigalaa Federaalaa dhimma tumaa seera yakkaa kwt 555 fi 556 ilaalchisee murtii dirqisiisaa kenne immoo daran falmisiisaa fakkaata. kunis dhimma dhiyaateef ilaalchisee murtee yemmuu kennan yakki tokko miidhaa qaamaa cimaa kwt 555 ta’uuf meeshaan fayyadamuu akka ulaagaa ta’eetti tahuu qaba yaada jedhu of keessatti kan calaqqise waan ta’eef .
Barreeffamni gabaabaan kunis dhimma murtii dhaddacha ijibbaataa kanaan kenname ilaalchisee yaada ogummaa bu’uura seera yakkaa biyya keenyaa jalatti kaa’ameen maal fakkaata jedhu irratti kan qophaa’ee yoo ta’u gaaffileen barreeffachichaan deebisuuf yaalamus ;
• Maalummaan miidhaa qaamaa cimaa fi salphaa itti yaadamee raawwatamuu seera yakkaa keenya jalatti haala kamiin ibsama.?


• Dhimma Namni yakki miidhaa qaamaa irratti raawwatamee lafeen isaa cabee fi cabuun isaas mana yaalaan mirkanaa’e ragaan mana yaalaa dhiyaate, kan kufuu qabu S/Y RDFI kwt 555(c) jalatti moo 556(1) jalatti ?miidhaa qaamaa cimaaa 555(c) jalatti himata banuuf yakkichi meeshaan raawwatamuu fi haala biraan raawwatamuun ulaagaa dha ? kan jedhu dha.
• Garaagarummaan kwt seera yakkaa 555 fi 556(1),556(2)a,b fi c maali ?

Midiyaa Mana Hojii AA Godina Jimmaa

Maalummaa yakka miidhaa qaamaa cimaa fi salphaa itti yaadamee raawwatamuu seera yakkaa keenya jalatti yoo ilaallu
Yakki miidhaa qaamaa gosoota yakkaa qaamaa fi fayyaa namaa irratti raawwataman keessaa tokko;ta’ee Mirga bilisummaa fi nageenya qaamaa mirga namoomaa Heerri Mootummaas ta’ee tumaawwan walii galtee idila addunyaa biyyattiin mallateesiteen fudhatama argatee sarbuu dha. Seerri yakkaa keenyas haguuggi kenneefi jira.
Miidhaa Qaamaa Cimaan
Kwt 555. Namni kamiyyuu itti yaadee;
a. Lubbuu miidhamaaf haala yaaddeessuun yokiin qaama yokiin sammuu isaa irra mudaa yeroo maraa fiduun nama biro irratti miidhaa kan geesssise yoo ta’e yoki,
b. Qaama yokiin kutaa qaamaa yokiin qaamolee miiraa barbaachisoo ta’an nama biro keessaa tokkko kan hir’ise,akka hin tajaajille kan taasise yokiiin,hala suukanneessaa fi ifatti mul’atuun bifa isaa kan balleesse yoo ta’e yokiin
c. Karaa biroo kamiiniyyuu miidhaa yokiin dhukkuba cimaa nama biro irraan kan gahe yoo ta’e ,
Akka haala dubbichaafi akka ulfaatina miidhichaaatti hidhaa cimaa waggaa kudha shan hin caalleen yokiin hidhaa salphaa waggaa tokkoo gadi hin taaneen ni adabama. jechuun tumamee jira.


Seerri yakkaa keenya yakki kun ‘kana’ jechuun hiikkoo itti kennuu baatuus Seerichi jiraachuu yakkichaa adda baafachuuf akka ooluuf qofa bu’aawwan yakkichi hordofsiisuu qabu tarreessee kaa’uf yaalee jira.
• Kana irraa kan hafe seerichi gosa miidhaawwan kanneenif hiikaa hin kennu.
• Yakka ta’e jedhamee qaamaa yookin sammuu namaa irraatti miidhaa cimaa geessisuuf raawwatamuu dha.
• Haalli raawwii yakkichaas cimaa, hammeenyummaa kan qabuu fi miidhaan geessissus cimaa dha.
• Kanaaf, miidhaan gahe tokko akka midhaa qaamaa cimaatti kan lakkaa’amu miidhaan kun:
 qaamni nama miidhaan irra gahe sun Haala uumaan isa uumteen guutee argamuu irraa dhaabbin yoo hir’ise yookin
 Lubbuu miidhamaaf haala yaaddeessuun yokiin qaama yokiin sammuu isaa irra mudaa yeroo maraa fiduun nama biro irratti miidhaa kan geesssise
 Dhaabbiin bifa isaa yoo balleesse ykn
 dhaabbiidhaan akka hin tajaajille yoo taasisee .
 miidhaa ykn dhukkuba cimaa irraan gahe dha.
Keessattuu immoo gaaleewwanii fi jechootni s/y kwt 555(b) jalatti seerichi miidhaa kana ibsuuf fayyadame ilaaluun barbaachisaa dha.
• qaama hir’isuu
• tajaajila akka hin kennine gochuu fi
• bifa balleessuu
• miidhaa ykn dhukkuba cimaa irraan gahuu kan jedhu irraa kan hubatamu gosti miidhaa qaamaa s/y kwt 555/ a, b, ykn c jalatti haguuggamu ciminaa fi dhaabbataa ta’uu miidhaa gaheeti.
Miidhaa qaamaa salphaa 556 yoo ilaalle
• Yakka qaama nama irratti miidhaa geessisuuf yaadamee raawwatamuu dha. Haa ta’u malee, haalli raawwii isaa fi miidhaan gocha kanaan gahu salphaa kan ta’ee dha.
Keewwatni 556 miidhaa qaamaa salphaa iti yaadamee raawwatamu ilaalchisee akka kanaa gadiitti ibseera.
Kwt 556 Miidhaa qaamaa salphaa

  1. Namni kamiyyuu haalaawwan keewwata 555 jalatti ibsamaniin ala ,itti yaadee qaama yokiin fayyaa namaa irratti miidhaa kan geessise yoo ta’e,
    Iyyannoon dhuunfaa yommuu irratti dhiyaatu hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalleen yokkiin adabbii maallaqaatiin ni adabama.
    2.Gochichi himannaa yakkaa dhiheessuun kan adabsiisuu fi adabichi hidhaa salphaa ji’a jahaa hanga waggaa sadii gahuu danda’u kan ta’u;
    a.Balleessichi miidhaa kan geessise summiidhaan yokiin meeshaa ajjeesuun yokiin meeshaa biroo miidhaa qaamaa geessisu danda’u kamiiniyyuu fayyadamuun yoo ta’e yokiin
    b.Balleessichi dirqama oogummaa yokiin kan biro cabsuun miidhaa kan geessise yoo ta’e yokiin
    C.Miidhamtichi dadhabaa ,dhukkubsataa yokiin ofirraa ittisuu hin dandeenye yoo ta’eedha.jechuun caqaseera.
    Mee dhimmoota keewwattoota miidhaa qaamaa kana lamaaniin haguugaman caalatti hubachuuf dhimma qabatamaa dhaddachi ijibbaataa Mana Murtii waliigalaa Federaalaa Jildii 24ffaa lakk.galmee 168166 ta’e irratti murteesse haa xinxaalluu;
    Murtichi hamma tokko kallattiidhaan afaan amaaraa irraa gara afaan Oromootti hiikamu akka itti aanutti yaalamee jira ;
    { Dhimmichi Iyyataa Obbo Yiggazuu Burzee fi Deebi kennaa A/Alangaa Biiroo Haqaa Naannoo Sabaaf sablammootaa fi ummattoota kibbaa gidduutti falmii gaggeeffame ilaalchisee murtee kenname yoo ta’u,}
    {…..dhimmi falmisiisaan kun kan eegale Naannoo Sabaaf sablammootaa fi ummattoota kibbaatti Mana murtii sadarkaa jalqabaa Magaalaa Arbaa Minciitti dhiyaate iyyataan ammaa (himatamaan) obbo Yiggazuu Burzee Seera yakkaa kwt 555(c) irra darbuun fulbaana guyyaa 17, bara 2009 halkan irraa sa’aatii 4:00 yoo ta’u Ganda Wuhaa minci Giroosarii Ibaayaa keessatti miidhamaa dhunfaa Tsaggaa Wayshoo jedhamu boksii fi testaadhaan gara bitaa lafee areeddaa rukutuun lafeen boqoo isaa gara bitaa akka cabu taasisuu isaatiif yakka miidhaa qaamaa cimaa raawwateera jedhamuun himatni irratti dhiyaatee jira. Manni murtichaa dhimmichi jalqaba dhiyaateef bitaaf mirga walfalmisiisuun kewwaticha jijjiiruun kwt 556(1) jalatti ofirraa ittisi jechuun jala murtii keenne booda ragaa ittisaa dhagahuun ragaa namaa fi barreeffamaa madaaluun himatamaa bilisa jechuun gaggeesse irraa komachuun deebi kennaan ammaa (himataan A/A) Mana murtii olaanaa naannawa Gaamootti ol’iyyata dhiheeffatuus manni murtichaa komicha fudhachuu dhiisuun iyyaticha haqee jira. Itti fufuun deebi kennaan murtii kenname mormuun Dhaddacha Ijibbataa Mana murtii waliigalaa naannichaatti iyyata ijibbaataa dhiyeessee manni murtichaa bitaaf mirga erga walfalmisiisee booda murtii mana murtii jalaa diiguun himatamaan yakka A/Alangaa himata irratti dhiyeesse raawwachuun isaa mirkanaa’e jira .Himatamaan ragaa ittisaa dhiyeeffateen ofirraa hin ittisne jechuun kwt seera himatni jalatti dhiyaate kwt 555(c)jalatti murtii balleessitummaa kennee jira. Manni murtichaa yaada adabbii bitaaf mirgaa erga fudhatee booda adabbicha bu’uura qajeelfama adabbii lakk.2/2006tiin herreguun Himatamaa adabbii hidhaa cimaa waggaa lamaa fi ji’a sadiin akka adabamu murteessee jira.Iyyatni Ijibbaataa ammaa kan dhiyaate murtii mana murtii jalaatiin kenname kana mormuun kana akka sirratuufidha.
    Iyyataan Mana murtii jalaatiin dogoggora raawwatmeera jedhu tarreessuun kan dhiyeesse yoo ta’u.Qabxiileen bu’uuraa komii isaa akka waliigalaatti yoo ilaalamu,Manni murtii waligalaa dhaddachi ijibbaataa naannichaa yakka raawwachuun koo osoo hin mirkanaa’in murtii balleessummaa akkasumaas Ragaa bitaa fi mirgaa haalli itti madaalee fi murtii manneen murtii jalaa lameeni diiguuf sababni inni kenne qajeeltoo bu’uuraa madaalli ragaa kan hin hordofne tahuun murtichi dogoggorri seeraa bu’uura kan irratti raawwatame tahuu ibsuun akka sirratu gaafachuu isaa kan agarsiisuu dha.dhimmichi qoratamee dhaddacha ijibbataa kanaaf akka dhiyaatu murtaa’uun deebi kennaan dhiyaatee barreeffamaanis falmii gaggeessee jira.
    Dhufaatiin dhimmichaa gabaabinaan qabiyyee olitti ibsame kan hammate yoo ta’u ,dhaddachi kuniis iyyata ijibbataa iyyataan dhiheeffate ,murtee iyyata ijibbataa kanaaf sababa ta’e fi tumaalee rogummaa qaban waliin ilaaluun ni dhiyeessisa jechuun ijoo dubbii qabate qofa qoratee jira.Akka qorannetti Galmichi Ijibbaataaf ni dhiyeessisa yoo jedhamu ijoo dubbii qabameen Iyyataa ammaatiin gochi yakkaa raawwatameera jedhame Haalli raawwii fi Meeshaa gochicha raawwachuuf fayyadamame irratti hundaa’uun balleessaadha jedhamuu kan qabu kwt seera yakkaa kwt 555(c) ?dha moo kwt seera yakkaa 556(1) bu’uura godhachuun?kan jedhu iyyataan boksii fi testaadhaan rukutuun qaama miidhamaa dhuunfaa irra miidhaa qaqqabsiisuu ilaalchisee manneen murtii jalaatiin falmii gaggeeffameen ragootaan kan mirkanaa’e yoo ta’u ,dhimmi adda durummaan deebii barbaachisu garuu firii dubbii ragootaan mirkanaa’e irratti hundaa’uun keewwata seera yakkaa rogummaa qaban dhimma adda baasuuti.
    Dhimma harkaa qabu irratti manneen murtii jalaatti kan dhagahaman jecha ragummaa ragootii abbaa alangaa yoo ilaalamu iyyataan iddoo fi yeroo himata keessatti ibsametti himatamaa waliin mana dhugaatiitti bashannanaa osoo jiranuu mana fincaanii gahee yoo deebi’u Hiriyaa isaanii dhukkubsatee baajaajii keessa ciisu Himatamaan bahi jennaaniin miidhamaan dhuunfaa baajaajiin keenya jedhee yoo itti dubatu himatamaan si’a tokko boqoo bitaa boksiidhaan fi testaadhaan rukutuusaa ragoomanii jiru.Ragaan ittisaa himatamaa immoo sibiilli laameraa rukutuun miidhaa akka irraan gahe ibsuun jecha ragummaa isaanii kennaniiru. Miidhaan qaqqabuu kan agarsiisu ragaan mana yaalaas dhiyaatee galmeen walqabachuu hubanneerra.Waan ta’eef Firii dubbii mirkanaa’e irraa iyyataan iddoo,yeroo fi tarreeffama haala raawwii yakkichaa himata keessatti ibsame irratti hundaa’uun Miidhamaa dhuunfaa kan ta’e Tsaggaa Waysoo boksii fi testaan kan rukute ta’uun ragaa A/Alangaatiin kan mirkanaa’e ta’uun,Gama iyyataatiin ragaan ittisaa dhiyaatee gama A/Alangaatiin ragaa namaa fi sanadaa dhiyaaten kan ragooman firii dubbii yakkichaa gaaffii keessa galchuun irra ittisuu kan hin dandeenye ta’uun mnneen murtii jalaatti dhimma mirkanaa’ee dha.
    Amma dhaddacha kanarratti dhimmi deebii barbaadu Iyyataadhaan raawwatamuusaa gochi yakkaa mirkanaa’e kun kan haguugamu kwt seera yakkaa 555 jalatti? moo kwt seera yakkaa 556(1) jalatii dha? qabxii jedhuu dha.dhimma harkaa qabnu irratti gochichi kan raawwatamee fi Iyyataan ammaa miidhaa qaqqabsiisuuf meeshaan itti Fayyadame ilaalchisee dhugumatti yakka miidhaa qaamaa cimaati ? moo miidhaa qaamaa salphaa kan hundeessuu dha?kan jedhu adda baasuun akka danda’amuuf Gochicha raawwachuuf iyyataan meeshaan fayyadame,kutaan qaamaa miidhamaa dhuunfaa gochichi irratti raawwatame ykn miidhaan irraa gahe akkasumaas haalli raawwii yakkichaa ilaalamuu kan qabu dha
    Bu’uurumarraa yakki tokko raawwatame kan jedhamu yakkicha kan hundeessan firiiwwan dubbii seeraa, gocha qabatamaa ,fi yaada sammuu raawwataa gochichaa iddoo tokkotti guutamanii yoo argaman qofaa akka ta’e labsii lakk.414/1996 seera yakkaa kwt 23(2) jalatti ifaan tumamee jira.kana waan ta’eef gocha tokko yakka dha jedhee murteessuuf firiiwwan dubbii seeraa, gochaa, fi yaada sammuu walitti qabamuun iddoo tokkotti argamuun dirqama. Firii dubbii seeraa kan jedhaman dhimmichaaf rogummaa qabu jedhamanii tumaalee caqafaman guutumaa guututti hundeessuuf qabxiilee guutamuu qabu yoo ta’u,Firii dubbii gocha qabatamaa fi firii dubbii yaada sammuu kan jedhaman immoo walduraa duubaan gochicha raawwachuu ykn raawwachuu dhiisuu fi kutaa yaada sammuu waliin haalota seeraan kaa’ame kan ilaallatu ta’uun beekkamaa dha.Kan biraa falmiin yakkaa namni tokko ofirraa akka ittisu ykn balleessaa jedhamuu kan danda’u Abbaan alangaa dirqama seeran irra kaa’ame diiqama hubachiisuu kan bahate tahuun yoo mirkanaa’e tahun beekkamaa dha. S/d/f/y kwt141 akkaataa tumaan itti bocamee fi qabiyyeen isaa , tumaaleen S/d/f/y kwt 111 fi 112 walitti qabamee yoo ilaalamus dhimma yakkaatiin Abbaan Alangaa akkaatuma himannichaatiin haala gahaa ta’een dirqama hubachiisuu akka qabu kan hubatamuu dha. ulaagaa madaallii ragaa seeraan kaa’ame kana bu’uura godhachuun gochi yakkaa raawwatamuu, eenyummaa nama gochicha raawwate,raawwii irrattii sadarkaa hirmaannaa mirkaneessuun dirqama ta’a. Abbaan alangaa kutaa yaada sammuu himatamaa hubachiisuu kan danda’u raawwii gochichaa mirkaneessuun yoo ta’u , raawwii gochichaa irraa , namni gochicha raawwate yakkicha yeroo raawwatu haala yaada sammuu raawwatichaa qaamni murtii kennu hubachuu kan danda’u ta’uun kan amanamuu dha.
    Qabiyyee fi hafuura seeraa kana qabannee gara dhimma harkaa qabnuutti yoo deebinees Qabiyyee galmichaa irraa hubachuun akka danda’ametti gochichi raawwatameera jedhame iyyataan raawwatamuun dhimma mirkanaa’e yoo ta’u,iyyataan gocha yakkaa kana raawwachuuf meeshaan fayyadame kan hin jirree fi boksii fi testaadhaan kan rukute ta’uun ragoolee abbaa alangaatiin dhiyaataniin kan mirkanaa’e ta’uun sadarkaa firii dubbiitti manneen murtii jalaatiin dhimma mirkanaa’ee dha.
    Miidhaa qaamaa cimaan itti yaadamee raawwatamu bu’uura seera yakkaa kwt 555(c)tiin raawwaticha gaafachiisu kan danda’u gochichi ta’e jedhamee karaa biroo kamiiniyyuu miidhaa qaamaa cimaa ta’e ykn dhukkuba nama biroo irra kan qaqqabsiise akka ta’e kan agarsiisuu dha. Namni tokko yaada olitti caqasamee fi raawwii gochichaa irratti hundaa’uun yakka raawwatee yoo argamee fi haalumti kun ragaan yoo mirkanaa’e himatamaan kwt kana jalatti balleessaa jedhamuu kan danda’u ta’uun qabiyyeen seerichaa ni agarsiisa.
    Dhimma harkaa qabnu irratti Iyyataan ammaa miidhamaa dhunfaa kan ta’e Tsaggaa Wayshoo irratti itti yaadee qaama miidhamaa kanaa irratti miidhaa kan qaqqabsiise yoo ta’u, miidhaa kan qaqqasiise booksii fi testaadhaan ta’uun fi miidhaa cimaa ta’e ykn dhukkuba miidhamaa irraan qaqqabsiisuun kan hin mirkanoofne ta’uun ,gochi kun seera yakkaa kwt 555 jalatti kan kaa’ameen ala waan ta’eef gochi iyyataan ammaa raawwate seera yakkaa kwt 556(1)jalatti tumaa kaa’ame irra darbuu akka ta’e kan agarsiisuu dha.
    Waan ta’eef gochi yakkaa iyyataan raawwate mana murtii jalaatiin murtiin balleessitummaa tumaan seeraa kan hin haguugne ta’uun Dhaddachi ijibbaataa mana murtii waliigalaa naannichaa iyyataa kwt seera yakkaa 555(c)jalatti balleessaa dha jechuun adabbii murteessuun isaa sirrii waan hin taaneef ,gocha yakkaa iyyataan raawwachuun mirkanaa’e seera yakkaa 556(1)’n tumaa seeraa kaa’ame irra darbuun balleessaadha jenneerra…….}

Dhimma armaan olii yoo ilaalle Dhaddachi ijibbaataa Mana murtii waliigalaa Federaalaa dhimma dhiyaateef ilaalchisee murtii keessatti yeroo ibsan;
Murticha keessatti qabxiin bu’uura komiif sababa ta’e tokko Akkaataa Madaalliin ragaa qajeeltoo bu’uuraa madaallii ragaa kan hin hordofne ta’uu ibsuun ,
Gama tokkoon dhimmi adda durummaan deebii barbaachisu garuu firii dubbii ragootaan mirkanaa’e irratti hundaa’uun keewwata seera yakkaa rogummaa qaban dhimma adda baasuu akka ta’e fi Gama kaaniin immoo …..Firii dubbii mirkanaa’e irraa iyyataan iddoo,yeroo fi tarreeffama haala raawwii yakkichaa himata A/A keessatti ibsame irratti hundaa’uun Miidhamaa dhuunfaa kan ta’e Tsaggaa Waysoo boksii fi testaan kan rukute ta’uun ragaa A/Alangaatiin kan mirkanaa’e ta’uun,Gama iyyataatiin ragaan ittisaa dhiyaatee gama A/Alangaatiin ragaa namaa fi sanadaa dhiyaaten kan ragooman firii dubbii yakkichaa gaaffii keessa galchuun irra ittisuu kan hin dandeenye ta’uun manneen murtii jalaatti dhimma mirkanaa’e tahuu ibsee jira.
Kana irraa kan hubatamu ragaan namaa fi sanadaa (mana yaalaas) bu’uuruma himannaa abbaa alangaatiin kan mirkaneessan akka ta’ee dha.Kunis miidhaa miidhamaa dhuunfaa irraa gahe ilaalchisee boqoon bitaa isaa cabuu ragaa mana yaalaatiin dhuguma mirkanaa’e taanaan keewwatni seera yakkaa jalatti kufuu qabu baay’ee kan nama walfalmisiisu miti.
Kaayyoo Barreeffama kanaatiif immoo Ijoo dubbii dhaddachi kun qabatee fi xinxaala ulaagaa miidhaa qaamaa cimaa SY kwt 555 adda baasuuf murticha keessatti calaqqise qofa irratti xiyyeeffanna .

  1. Ijoon dubbii qabatame gaaffii biroo kan uumuu dha. kunis
    …ijoo dubbii qabameen Iyyataa ammaatiin gochi yakkaa raawwatameera jedhame Haalli raawwii fi Meeshaa gochicha raawwachuuf fayyadamame irratti hundaa’uun balleessaadha jedhamuu kan qabu kwt seera yakkaa kwt 555(c) ?dha moo kwt seera yakkaa 556(1) bu’uura godhachuun? jechuun ijoon dubbii kan qabatan yoo ta’u.
  2. Xinxaala murtichaa keessatti akka ibsametti
    …..Qabiyyee fi hafuura seeraa kana qabannee gara dhimma harkaa qabnuutti yoo deebinees Qabiyyee galmichaa irraa hubachuun akka danda’ametti gochichi raawwatameera jedhame iyyataadhaan (Himatamaa jalaatiin ) raawwatamuun dhimma mirkanaa’e yoo ta’u,iyyataan gocha yakkaa kana raawwachuuf meeshaan fayyadame kan hin jirree fi boksii fi testaadhaan kan rukute ta’uun ragoolee abbaa alangaatiin dhiyaataniin kan mirkanaa’e ta’uun sadarkaa firii dubbiitti manneen murtii jalaatiin dhimma mirkanaa’ee dha… jechuun ibsa.
    Qabxiilee lamaan olii kana irraa wanti hubatamu Ejjannoon Dhaddacha ijibbaataa MMWF kun ulaagaa miidhaa qaamaa cimaa seera yakkaa kwt 555 jalatti kufu adda baasuuf qabu meeshaa gocha yakkaa raawwachuuf itti fayyadamame akka ta’ee dha.
    Akkuma jalqaba irratti ilaaluuf yaalle Seera yakkaa biyya keenyaa kwt 555 miidhaa qaamaa cimaa itti yaadamee raawwatamu yoo ilaallu
    Seerri yakkaa keenya yakki kun ‘kana’ jechuun hiikkoo itti kennuu baatuus Seerichi jiraachuu yakkichaa adda baafachuuf akka ooluuf qofa bu’aawwan yakkichi hordofsiisuu qabu qofa tarreessee kaa’uf yaalee jira. Keessattuu immoo gaaleewwanii fi jechootni s/y kwt 555 jalatti seerichi miidhaa kana ibsuuf fayyadame ilaaluun barbaachisaa dha.
    • Lubbuu miidhamaaf haala yaaddeessuun yokiin qaama yokiin sammuu isaa irra mudaa yeroo maraa fiduun
    • qaama hir’isuu
    • tajaajila akka hin kennine gochuu fi
    • bifa balleessuu
    • miidhaa ykn dhukkuba cimaa irraan gahuu kan jedhu irraa kan hubatamu gosti miidhaa qaamaa cimaa s/y kwt 555/ a, b, ykn c jalatti haguuggamu kun gosa miidhaa qaamaa salphaa itti yaadamee raawwatamu irraa kan itti addaan baafnu miidhaa qaqqabe ykn bu’aawwan gochi yakkichaa hordofsiise qofa irratti hundaa’uun akka ta’ee , meeshaanis ta’ee waan biraatiin yoo raawwatame. Ragaa mana yaalaa qofa ilaaluun miidhaan qaamaa akkamii akka qaqqabe adda baasuun kan danda’amuu dha. meeshaa qofa irratti hundoofnee adda baafamuu qaba yoo jenne,kaayyoo seera yakkaa galmaan gahuun hin danda’amu. haqaatu jallataa. raawwataan yakkaa badii raawwateef adabbii walmadaalaa argachuu hin danda’u waan ta’eef.fkn nama kaballaan gurra nama duuche ,boksiidhaan ilkaan nama irraa cabse, qubaan ija nama jaamse fi kkf. meeshaan hin fayyadamne kanaaf seera yakka 555 jalatti kufuu hin qabu yoo jenne kaayyoo haqaa galmaan gahuun hin danda’amu. As irratti falmiin yeroo tokko tokko ka’u kutaa yaada sammuu raawwatichaan walqabatee ti. kuniis jalqabamu irraa namni tokko yeroo qaama namaa salphaatti miidhamuu danda’u irra miidhaa qaqqabsiisuuf gochicha raawwatu bu’aan gochichaa maal akka ta’u cimaa dha moo salphaa akka ta’u itti yaadeetuma akka raawwatu tilmaamuun nama kamiyyuu waan rakkisuu miti. dhimmi armaan oliis kanaan adda miti himatamaan Boksii fi Testaadhaan gaafa boqoo irraa nama rukutu bu’aan isaa miidhaa cimaa akka qaqqabsiisu itti yaadeetuma raawwate,fuulli namaa qaamolee salphatti miidhamuu danda’u baay’ee qaba. yeroo boksiin rukutu ilkaan ykn ija yoo ta’ees gaafa boksiin rukutu san yaadni sammuu himatamticha miidhuma qaamaa cimaa geessisuu akka ta’e ifa.
    Dhimma olitti ibsame jalatti Ragaan sanadaa( mana yaalaa) miidhaa miidhamaa ilaalchisee fayyeera osoo jedhe illee lafeen isaa cabee fi cabuun isaas mala yaalaan mirkanaa’e garuu adeemsa yaalaa taasifameefin fayyee fayyeera jedhamee ragaan mana yaalaa osoo dhiyaates, kan kufuu qabu S/Y RDFI kwt 555(c) jalatti malee 556(1) jalatti miti. Sababnisaas Yakki miidhaa qaamaa yakka bu’aan isaa yeruma gochisun raawwatamutti argamu/instantenous crimes/ dha. S/Y kwt 25/1/[yeroo fi iddoon yakki itti raawwatame iddoo fi yeroo yakkamaan gocha yakkaa itti raawwateedha.] . Kanaafuu yeroo rukutamu cabnaan yoo ergasii fayyeellee kwt 555 jalatti kufa. Dabalataanis lafeen cabe tokko yoo fayye jedhamellee akka duraatti hin deebi’u. kana malees Kan adabamu yaada sammuu raawwataa gochichaa yeroo gochi sun raawwatamu ture waan ta’eefidha.
    Qabxiin biroo dhimma armaan oliitiin walqabatee ka’u haalli ulaagaa meeshaa fayyadamuu fi dhiisuu qofaan dhaddachi ijibbaataa miidhaa qaamaa cimaa kwt 555(c) fi miidhaa qaamaa salphaa 556(1)jalatti adda baasuuf fayyadameedha.Garaagarummaa keewwattoota kana lamaanii yoo ilaalle ;
    garaagarummaan isaa kan irratti hundaa’u ,meeshaa yakkichi ittiin raawwatame qofa osoo hin taane miidhaa qaqqabe ykn bu’aa gochi yakkaa raawwatame irratti hundaa’uun akka ta’ee keewwattan lamaan dubbisuun ni hubatama, Miidhaan 555(c) jalatti ibsame miidhaa cimaa fi meeshaan raawwatamus waan biraan raawwatamuus bu’aa gocha yakkichaatu ilaalama 556(1) immoo meeshaan osoo hin taane haala biraatiin kan raawwatamuu ta’uus kwt 555 irraa adda baasuuf adda durummaan kan ilaalamu cimina miidhaa qaqqabeeti. Kunis;tumaa keewwatichaa yoo ilaallu;
    Kwt 556 Miidhaa qaamaa salphaa
  3. Namni kamiyyuu haalaawwan keewwata 555 jalatti ibsamaniin ala ,itti yaadee qaama yokiin fayyaa namaa irratti miidhaa kan geessise yoo ta’e,
    Iyyannoon dhuunfaa yommuu irratti dhiyaatu hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalleen yokkiin adabbii maallaqaatiin ni adabama.
    Gaaleen kwt 556(1) jalatti ….haalawwan kwt 555 jalatti ibsamaniin ala ….jedhu kan agarsiisu keewwattan lamaan adda baasuuf miidhaan qaqqabe cimaa ykn salphaa ta’uun ulaagaa ta’uu agarsiisa. osoo kanaan adda baasuuf yaaduu baatee seera baastonni ….haalawwan kwt 555 fi 556(2a,b,c) jalatti ibsamaniin ala…jechuun seera kana tumuu wanti isa daangessu hin turre.
    Garaagarummaan kwt seera yakkaa 555 fi 556(1),556(2)a,b fi c yoo ilaalamu.
    Tumaawwan S/Y RDFI kwt 555 fi 556(2)(a) adda kan bahan cimina ykn salphina miidhaa gaheen qofa osoo hin taane meeshaa yakkichi ittiin raawwatame irratti hundaa’udhaan ta’uu qaba .
    Yakki miidhaa qaamaa cimaan meeshaa gosa kamiinuu haa raawwatamu ykn meeshaan ala haala kamiinuu haa raawwatamuu Cimina miidhaa qaqqabee ilaaluun kan ittiin bulu tumaa S/Y RDFI kwt 555 yoo ta’u, yakki miidhaa qaamaa salphaan garuu meeshaa ittiin raawwatame(556(2a), dirqama irra darbamee raawwatame(556(2b) ,ykn haala nama yakkichi irratti raawwatamee(556(2c) irratti hundaa’uun kan ilaalamuu dha.
    S/y kwt’n 556 miidhaa qaamaa salphaa kewwattoota xixxiqqaa 1 fi 2 jalatti gosa lamatti adda qoodeera. Lamaan isaanii immoo waanti tokko taasisus adda godhus ni jira.
    • Tokkummaan Isaanii yakka miidhaa qaamaa salphaa ta’uu isaaniti.
    • Kun kan hubatamu kewwattootni xixxiqqan kunneen lamaan kan wal-irratti rarra’an ta’uu isaaniirraayi ykn cita xiqqaa keewwata tokkoo ta’uu dha.
    Garaagarummaan yakka Miidhaa qaamaa kwt 556/1/ ykn 556/2/ jalatti kufuu cimina ykn salphina miidhaa gahee osoo hin taane, meeshaa yakkichi ittiin raawwatame,(556(2a) dirqama darbamee yakkichi rawwatamee(556(b) ykn haala nama yakkichi sun irratti raawwatamee (556(2c)) dha. Lamaan isaatu yakkuma Miidhaa Qaamaa salphaa ilaallatu.
Posted in Uncategorized

Labsi lak 1/1987-100/1997pdf