Featured

Proposaalii Qo’annaa Hojimaata Garee Komniksehini MHAAGJ Si’awaa tasaisuuf Qophaahee.

Teknolojii fi interneetii fayyadamun haawasa gahomsuufi qaromsuu kessattii gahee qaamoolee seeraa; Barruu xiyyeffannoo addaa MHAAGJ irrattii taasifamee.

Qophessaan:

Hasen Mh. Hassen.

Barruu garee komnikeshinii mana hojii abbaa alangaa Godina Jimmaatin qophaa’ee.

Camsaa 2013

Jimmaa, Oromiyaa

Abstract— yadrimee waligalaa

jarraa 21 ffaa amma kessa jirruu kuni jaarraa qarominaafi jarraa adunyaan gara tokkomuuttii kan ittii dhuftee. kanaaf immoo shorii interneetiin taphatuu ol’anaadhaa. guddina hawaas dinagdee biyya tokkoo kessattis shorri interneetiin taphatuu shora isa hangafaa ta’u isaa qorannoon adda addaa ni mul’isuu. as irrattii platformiwwan karaa interneetiidhaan dhufan hawaasa tokkof bu’ura qarominaa ta’u bira darbuun bu’ura dinagdee ofii ittii guddifahuun galii adda ta’ee kan itti umuu danda’amuu ta’un isaa iccitii ifattii mul’atuuhaa.. akka dhaabataattii ammo dhaabbannii tokkoo (kan motummaas ta’e mti motummaa)platformoota interneetii irratti argaman  fayyadamuun dhaqabamuummaa isaa mirkanessuu, hawaasa isaa qaroomsuu, akkasumas galii addaa umudhaan humna faayinaansii qabuu cimsachuu kan isa dandessiisuudhaa. dhimmaa kana irrattii muxaannoon biyyota guddatanifii guddataa jiran akka agarsiisuuttii dhaabbata tokkoo kessattii gareen komniikeeshinii of dandaee ijaaramee dhaqabamuummaa mirkaneessuu, hawaasa qaromsuufii galii ofii guddifachuu irrattii xiyyeffannoodhaan kan hojjetamaa jiruu  ta’un isaa qorannaan dhimmakana irrattii godhamee ni mul’isa. Haata’utiii, gara muxxannoon biyyaa kenyaattii yoo deebinee haaqnii jiiruu faallaa muxannoo biyyota biraa ta’ee argannaa. Kessattuu haala nama gaddisisuun dhimma kana ilaalchisee akka naannoo oromiyaattii muxxannoo tokkoyyuu kan hin mul’anne ta’u qofa osoo hintaanee ijooma kana irrattii nama dhunfaadhaanis ta’ee akka dhaabbataattii qorannoon taasifamee tokkoyyuu hiin mul’atuu. kanaaf jecha Barressaan barruu kanaa akka nama tokkoottiifii Manni Hojii AA Godina Jimmaa akkaa dhaabbata motummaa tokkottii rakkoo kana adda erga baaseen boodaa barruu kana qophessuuf nu  kaakkaasee jira. barruu kanaan muxannoo biyyota  biraa xinxaluun dhaabbilee mootummaa kessattuu qaamoleen seeraa naannoon oromiyaa akka waligalaattiifii godina jimmaa akka goroottii maaltuu hojeetamaa jiraa kan jedhuu erga xinxalleen boodaa hanqinnaafi cimminna jiruu adda baafachuun kallattin fulduuraa maal ta’u qaba kan jeedhuf yaada kennaa. 

Video kana irraa akkamin Mana Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmaa irraa haala salphaa ta’en heerootaafii seerota biyyaafii naannoo kenyaa silkii kessaniin akka bufattan irraa barattuu.



@mhaagj
https://anchor.fm/mhaagj

https://www.pinterest.com/mhaagj/

Boqonnaa Tokko

kutaa waligalaa barruu kanaa.

  1.  Seensa

Qaromina fi gudina haawaas dinagdee biyyaa tokkoo kessattii guddinnii teknolijii akka waligalaatiifi ittii fayyadamnii interneetii akka gooroottii shora isa ol aanaa ta’ee taphata. Kana mirkaneessuu kessattii ammo dhaabbileen motummaafii mitii mootummaa (kessattuu dhaabbileen Motummaa) madaqii teknolojiifii interneetiif qaban irrattii hundaa’a. Sababnii kanaa ammo dhaabbileen motummaa haawaasa tajaajilan ittii dhihenyaanifi jiruuf jiirenya haawaasaa kessattiii faayidaa hangana hin jedhamnee waan qabaniif. kana jeechuunis gaafa dhabbannii motummaas ta’e mitii motummaa haawaasaaf dhaabbadhee jedhuu tokkoo kan ofii qaromee taanaan haawaasnii umaamuus hawaasa qaroomee ta’un waan hin haafneedha.[1]

gama birootin gara qaamoolee haaqaattii yoommuu dhufnuu gaheen haawasa tokkoo qaroomsuu kessattii qaban guddaa ta’u hubannaa. Kessattuu ammo gaheen manneen hojii abbaa alangaa sadarkaa waligala federaalaa fi naannoolee kaasee hanga godinaaleefii aanaaleettii caaseeffaman haawaasa qaroomeefii hubannooo seeraatiin dagaagee umuu kessatti dirqama isa hangafaa fudhatuu. as irrattii qarominniifi guddinni hawaasa tokkoo kalattii tokkoo qofaan kan ibsamuu osoo hintaanee kalattiiwwan adda addaatin kan ibsamuudhaa. kana keessaa innii tokkoo qaamooleen haaqaa teknolojidhaan madaqanii hawaasa isaanis teknologidhaan gabbisuun isaan irraa akka eggamuu ajendaa 2030 guddina si’awa ta’e fiduuf motummota gamtomanin bocamee irraa hubachuun ni danda’ama.[2]

tamsaasa camsaa 24/2013 hubannoo seeraa wa'e qaama bilisa baasu habeus corpus kuta tokkoffaa FM MHAAG Jimmaa Attorney

Habeas Corpus (Qaama Bilisa Baasuu) Seensa Uumama waan hundaa ta’eet jalqaba irraa ka’ee hanga sadarkaa dhummaa qaqqabbutti sadarkaawwan adda addaa keessa darbuun isaa dirqama ta’a.Sadarkaawwan adda addaa keessa yommuu darbu immoo waantoota baay’ee fooyyeessaa itti dabalaa irraa hir’isaa bakka galma isaa gaha jechuudha. Akkuma dhimmoota biroo adeemsi armaan oliitti taa’e seeraafis kan tajaajilu ta’a.Sababa kanaatin seerotni adda addaa yeroo adda addaa dhimmoota garaagaraa irratti yommuu fooyya’anii bahan arguun qofti raga gahaadha.Waa’een seeraa yommuu ka’u yeroo hunda kan wajjin ka’u waa’ee mirgaati.Kana jechuun hanguma guddini seeraa dabalaa deemu kabajamuun mirga namaas wajjin guddachaa deema. Akka idila addunyaatti guddina seeraatif ta’ee mirga namoomaatif sanadootni gumaacha guddaa gumaachan baay’ee ta’anus akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1215 biyya Ingiliiziitti kan bahe Maagnaa Kaartaa,Bara 1789 Sanada Mirgootaa Ameerikaa,Diklaareshinii Mirga namoomaa Faransaay bara 1789 akkasumas Konveenshiniin Jeneevaa bara 1864 bahan warra adda durummaadhaan caqasamaniidha.Sanadootni kun egaa guddina seeraatiifis ta’ee mirga namoomaatif dhagaa bu’uraati jechuun ni danda’ama. Mirgi namoomaa mirga heeraan eegumsi taasifameefidha.Mirgi kun immoo daangaa seeraa taa’een alatti sarbamuus ta’ee mulqamuu hin danda’u.Haa ta’u malee darbee darbee mirgootni kun yeroo seeraan ala sarbaman ni mul’ata.Kunis seeraan ala qabamuun,Seeraan ala hidhamuun akkasumas seeraan ala bakkaa bakkatti socho’uu dhoorkamuudhan.Yeroo kanatti egaa furmaata seerri kaa’e keessaa tokko qaama bilisa baasuu(Habeas Corpus) dha.Kanaaf barreeffama kana keessatti yaadrimee isaa,seenaa dhufaati fi muuxannoowwan biyyoota biro kan ilaalaman ta’a. — Send in a voice message: https://anchor.fm/mhaagj/message

Gara Biyya kenyaa Itiyophiyaattii yoo dhufnee ammo technology interneetiii akka biyyaattii fayyadamuu jalqabuun Kenya bara 1997 ALA irraa kaasee ta’un isaa qorannaan dhimma kana irrattii taasifamee ni mul’isa.[3] ergaa jalqabamee as hojiwwaan komnikeeshiinii qaamoota hedduun initiative (kakka’umsaan) hojjettamaa jiraachuu isaafii guddinaafii qaromina haawaasaa irrattii shoora guddaa taphachaa jiraachuun isaa ni mul’ata. Hanqinoonnii jiran akkuma jiruuttii ta’e qamooleen motummaa hedduun interneetii fayyadamuun dhaqabamummaa isaanii mirkaneessuufi haawaasa gahoomsuuf hojjeetamaa jiraachuun isaa waan waakkatamuu mitii. haata’utii muxannoon kuni qamolee motummaa federaalaa fi kan naannoolee bira darbee caaseffama godinaaleefii anaalee irrattii argamaniin hojiin kun ciminaan hojetamaa jira jechuuf hin danda’amuu. kana haa jeennuu malee hojiin komnikeeshiinii interneetii fayyadamuun akka biyyaatis akka oromiyaattiis ta’e akka godina jimmaattii hojiin hojetamee tokkoyyuu hin jiruu jechuun hin danda’amuu. akka fakkenyaattii mana hojii abbaa alangaa waligala oromiyaa kaasee hanga caaseeffama mhaawo jalattii godinaaleefii anaaleedhaan caaseeffaman martuu hanga jeechuu dandaa’auuttii platformii interneetiidhaan dhuufee kessaa isa tokkoo kan ta’e midiyaa haawaasaa kessattuu facebook fayyadamuun dhaqabamuummaa mirkaneessuu irrattii hojiin hoojjetamee akka ciminnaattii ka’u ni dandaa’a. as irrrattii peejiwwaan tookko tokkoo hanga hordoftoota kuma dhibbaattii argachuu danda’anii jiruu. haata’utii jalqabbii kana cimsaachuun platfoormii karaa interneetiitin argamee guddiifachaa dhaqabamummaa babal’isuun hawaasa qaroomsaa waajjiraafiis akka galii addaa argamsiisuu hojechuu irrattii hanqina qofa oso hintaanee hjiin mul’atuu tokkoyyuu hin jiruu.

mannii hojii abbaa alangaa godina jimmaas rakkoo kana ergaa adda baafateen booda rakkoo jiruu furuuf fula marsariitii hawaasaa facebook irraa qabuu dabalatee website ofiselawaa ta’ee banachuun dokumantoota seeraa baarrulee seeraa addaa addaa kumaatamaan kan fee’e hawaasnii Kenya akka karaa salphaan seera biyyaattii argaatuufii barruulee seeraa afaan oromoodhaan barraahaan akka argatuuf carraa umuu danda’ee jira. dhimma kanaan wal qabatee hojii jiottan jahaan darban akka mhaagjttii hojetemeen dokumantoonnii seeraa kumaatamaan website mana hoichaa irraa download ggodhamanii jiruu. mannii hojii kenyaa platformii kanaan qofa oso hin wassanamin platformoota midiyaa hawaasaa irrattii argaman duguugee fayyadamuun taamsas radiyoo interneetiidhaan tamsaafamuu banachuun sagantaalee hubannoo seeraa uman hawaasa kenyaaf taamsaasa jira. hojiin akka kanaa biyyaa kenyattii hin baramin malee biyyota guddatanis  ta’e biyyota gudataa jiranittii ciminnaan kan hojjetamaa jirudhaa.

  1.  Rakkoon Barruu Kanaan Addaa Baafamee (statement of the problem)

akkuma seensa barruu kanaa irrattii caqasamee qamooleen seeraa keessattuu manni hojii abbaa alangaa tokkoo hawaasa qaromsuufii gahoomsuu kessattii shoora ol’anaa taphatuu. Akka agarasiiftuuttii labsii hundeffama mana hojii abbaa alangaa waligala oromiyaa kessattii akka caqafameettii dirqamootnii mannii hojii abbaa alangaa tokkoo qabuu kessaa innii tookkoo haawaasaaf hubannoo seeraa keennuu yommuu ta’uu,[4] kaayyoon kanaa ammo haawaasa qaroomee fii hubannoo seeraatin dagaagee umuu dhaa.[5] kuni ammo guddinaafi qaromina biyyaa kessattii gahee guddaa taphata.[6]  Akka Mana hojii AA Godina Jimmaattii dirqama seeraan kahaamee kana galmaan gahuuf hojiwwaan adda addaa hojetmaa jiraatanis haanqinonnii tokko tokkoo mul’achun hin haafnee. hanqinoota mul’atan keessaa innii tokkoo haanqina ittii fayyadama ICT isa tokkodhaa. Hanqina kana furuf jecha akka mana hoji AA godina Jimmaattii gareen komnikeeshinii dhaabbatee abbummaadhaan dhimmoota komnikeeshinii kessattuu ittii fayyadama ICT guddisuu irrattii akka hojetamuuf kallattin kahaamee. haluuma kanaanis gareen komnikeeshiini kuni ittii fayyadama ICT mana hojichaa babal’isuun websayitii ofiseelawa mana hojichaa banuu akkasumas midiyaa FM Tora interneetii irrattii tamsaafamuu websayiti mana hojichaa walitti hidhama qabuu banuun tamsaasa sagaleetin hawaasaaf sagantaalee hubannoo seeraa uman tamsaafamaa jiruu. dabalataaniis karaa midiyaa hawaasa fayyadamuun platformii you tube irrattii chaanaaliin mana hojichaa banamee hawaasa midiyaa hawaasa kana fayyadamuu lakkofsa miliyonaan lakkaahamuuf carraa hubannoo seeraa ittii dagaagfatuu umun danda’amee jira. as irrattii chanalin banamee kuni website mana hojichaa walittii hidhaminsaan kan banamee waan ta’eef verified account banuu danda’amee jira. hanqinnii as irrrattii mul’atee garuu hojiin kun akka mana hojiii godinaa tokkoottii hojjetamaa jira malee akka abbaa alangaa waligala oromiyaattii xiyyeffannoofii bekkamtiin ittii kennamee godinota jiran maraaf hojii akka kana irrattii akka mhaagjttii xiyyeffannodhaan hojjetamuu kallattiin waan hin kahaamneefii rakkolee biro adda addaatin hojiin kunii cicitee akka hojjetamuu taasisee jira. barruun kunis rakkoo kana adda baasuun muxannoo biyyota biro fii muxxannoo MHAAGJ wal bira qabun mannen hojii AAWO jalattii caaseeffamaniif ICT fayyadamuun haawaasaaf bu’aa maalii busuu danda’ama gaafi jeedhuuf haala sayinsawaa ta’en deebii laata. dabalataanis MHAAGJ jalattii mannen hojii AA anaatiin caaseeffaman ICT akkamittii fayyadamanii hawaasa isaanitiif bu’aa buusuu danda’ama kan jedhuufis deebii laata.

  1. Kaayyoofii Galma Barruu Kanaa
  2. Barruun kunii kaayyoofii galma waligalaa fi gooroo ni qabaata.
    1. Kayyoo waligalaa
  3. Barruu kuni hawaasa hubannoo seeraatin dagaagee umuuf ittii fayyadamnii ICT gaheen innii qabuu maal akka ta’ee ni hubachisa.
    1. kaayyoo  Gooroo

kayyoo waligalaa barruu kanaa irrattii hundaa’un kayyoo goroo barruu kanaa

  • ittii fayyadamnii ICT Bu’aan MHAAGJtif Buusuu Danda’uu fii Buusaa Jiiruu agarsiisuu
  • gareen komnikeeshini MHAAGJtin ittii fayyadamni ICT hawaasaaf hubannoon seeraa kennamee maal akka fakkaatuu garsiisuu.
  • websayitii Ofiselawa MHAAGJtirraa hawaasnii hangam akka fayyadamee agarsiisuu
  • tamsasa fm mhaagj kan toora interneetitiin tamsaafamuun hawasaaf hubannoon seeraa kennamee mal akka fakkaatuu ibsuu
  • walumaagalattii hanqinaafii ciminnii itti fayyadama ICT MHAAGJ maal akka fakkatuu garsiisuu
  •  Ittii fayyadama ICT dhan wal qabatee akka MHAAGJtt kallattin fulduraa maal akka ta’u qabuu ibsuu.
    • Galma barruu kanaa
  • Barruu kanaan ICT fayyadamuun hawaasa hubannoo seeraatin dagaagee umuu akka dandaa’amuu garsiisuufi hanqinoota mul’atan sirressanii cimmina jiruu ittii fufsiisuu fakkenyummaa MHAAGJ mirkanessuun galma barruu kanaatii.
    • Gaafiin Barruu Kanaan deebi’uu. (research question)
  • akka waligalaattii (general question)
  • Barruu kuni hawaasa hubannoo seeraatin dagaagee umuuf ittii fayyadamnii ICT gaheen innii qabuu maali? gaafii jedhuuf deebii ni kennaa.
  • akka gooroottii (specific question)
  • ittii fayyadamnii ICT Bu’aan MHAAGJtif Buusee  fii Buusaa Jiiruu maali
  • gareen komnikeeshini MHAAGJtin ittii fayyadamni ICT hawaasaaf hubannoon seeraa kennamee maalfakkaataa?
  • websayitii Ofiselawa MHAAGJtirraa hawaasaaf maal fayyadee?
  • tamsasa fm MHAAGJ kan toora interneetitiin tamsaafamuun hawasaaf hubannoon seeraa kennamee mal fakkaataa? bu’aan qabatamaan bu’ee malii? tamsaasa kana hoo carraa nama meqaa bira gahuu danda’aa? muxxannoon kana irraa dhaabbileen biraa argachuu danda’an jiraa?
  • walumaagalattii hanqinaafii ciminnii itti fayyadama ICT MHAAGJ maal fakkaata?
  •  Ittii fayyadama ICT dhan wal qabatee akka MHAAGJtt kallattin fulduraa maal ta’u qabaa? gaafiileen jeedhan barruu kanaan deebii gadii fageenyaan ni argatuu.
    • Seerrii barreeffamaa barruun kun itii qophaa’ee. methodology

barrun qorannaa fi qo’annaa kamiyyuu sirna barreffamaa (methodology) qabaachuun isaa wanuma bekkamuudhaa. Gosotnii Sirna barreffamaa bakka gurguddoo sadihittii akka qodaman barruleen sirna barruu qo’annaa seeraa irrattii taasifaman ni addeesuu. isaan kunninis,[7]

  1. Sirna barruu qo’annaa seer dannessaa (Qualitative legal research methodology)
  2. Sirna barruu qo’annaa seer  Qenxee (quantitative legal research methodology)
  3. Sirna barruu qo’annaa walmakaa (mixed legal research methodology)

barrun kunis gosa sirna barreffama ser danessaa jalattii sirna qorannaa ser xinxalaa (doctrinal legal research) fayyadamun kan qophaa’edhaa. sababnii kanaas sirni ser xinxalaa kunii kaayyyoo barru  kanaa haala si’awaa ta’en galmaan akk gahuuf shora waan qabaatuufi.[8] haaluma kanaan barruu kana qopheessuu kessattii bar gaafiileen akkaata sirna barrefamaa kanaatiin kan qophaa’an ta’a. Sababa kayyoon barruu kanaa faayidaa ICTn qabuu garsiisuuf kan qophaa’ee waan ta’eef bar gaafileen kunniinis kallattima ICT fayyadamuun websayiti MHAAGJ dabalatee fulaa fii bloggiwwan midiyaalee hawaasaa irraattii maqaa MHAAGJtin banamaniin kan sassaabamuu ta’a.

  1. HANQINONNII BARRUU KANA QOPHESSUU KESSATTII MUL’ACHUU DANDAA’AN?

Baruu kamiyyuu qopheessuu kessattii hanqinootnii mudachuu akka maluu ni tilmaama. barruu kana qophessuu kessattiis hanqinootnii mudachuu malan jennee nuutii adda baafnee keessaa

  • hanqina yeeroo
  • haanqina resourse
  • hanqina faayinaansii

fi kkf nu mudachuu mala jennee yaadnaa.

  1. Riferansii

[1] UN World youth report & agenda 2030 for sustainable development available at www.un.org/development/desa/youth

[2]  un ID

[3]  Solomon A. “Local Internet Content: the Case of Ethiopia” Department of Computer Science College of Natural Sciences Addis Ababa University Published. pp4 available at  https://www.researchgate.net/publication/279526100

[4] Labsii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Hundeessuuf Bahe Lak.214/2011 kewwata 33 ilaalii.

[5] isuma Labsii MHAAWO seensa

[6] UN kan raga reference 2ffaa (supra n2)

[7] Fernando G. “Methods for Law and ICT: An Approach for the Development of Smart Cities” Casanovas et al (Eds.): AICOL IV/V 2013, LNAI 8929, pp. 26, available at  https://link.springer.com/chapter/10.1007/978-3-662-45960-7_3

[8] Nedzel, N. “Legal Reasoning & use of ICT for legal research” Aspen publisher 2004 pp4 available at https://iucat.iu.edu/catalog/6470969

Featured

Tamboofii Seera

Barruu Xinxala Seeraa

barruu kana Seeroonii kenya wa’e tamboo mal jedhanii kan jeedhuu abbaa alangaa godina jimmaa anaa cora botor kan ta’an Obboo mulugeetaa megersaadhaan qophaa’e

garee komnikeshinii mana hojii abbaa alangaa godina jimmaa.

seensa

Tamboo xuuxuun nama xuuxu irrattis haa ta’uu bakka namoonnii baay’een argamanitti xuuxuun rakkoo fayyaa  kan qaqqabsiisu ta’uu odeffannoon madda adda addaa irraa argamuu ni mul’isa(muldhisa).Kana qofaa osoo hin taanee waraqaawwan tamboon itti samsamamu irratti barreeffamni tamboon du’aaf nama saaxilaa, tamboon dhibeewwan  kaansariinama qabsiisa jedhu barreeffames kan argamuu yommuu ta’ukun miidhaa tamboon qaqqabsiisuu kan akeekuudha.

Qorannoo Dhaabbani Fayyaa Addunyaa (WHO) yeroo adda addaa  taasisuu irratti akka mul’isutti(muldhisutti) namonni miiliyoona 8 tti  tilmaamaman  sababa  tambootiin akka guutuu addunyaatti kan du’an yommuu ta’u kana keessaa namootni miliyoonni 1.2 ta’an namoota hin xuuxnedha.Akkasumas gama diinagdeetin immoo  Doolaara Ameerikaa Biiliyoona 500 tilmaamamu  miidhaa qaqqabsiisaa jira.Bu’uura qorannoo kanaatiin rakkinootni kun kan uumaman biyyoota guddatanitti ta’us yeroo ammaa garuu sababa adda addatiin biyyoota hin guddanneettis rakkoon kun kan babaldhachaa(babal’achaa) jirudha.Rakkinni kun babal’achuu irraan kan ka’e hawaasni addunyaa tamboo to’achuu irratti ejjannoo walfakkaata akka qabatan tasisee jira.

Yeroo Jalqabatif A.L.Awuropaa bara 2003 Dhabbanii Fayyaa Addunyaa(WHO) tooftaawwan tamboo to’achuuf dandeessisuufi biyyoota miseensa ta’an dirqama irra kaa’u <<Framework convention on tobacco control>> yookiin sanada waligalee tamboo to’achuuf bahee mirkaneesse.Haa ta’u malee waliigaltee kana hojiirra oolchuf mariin kan jalqabame bara 1995 ture.Seenaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kaassatti konvenshiniin kun konveenshinii yeroo gabaaba keessatti  hojii irra ooledha.

Biyyi keenyaa Itioophiyaan Guraandhala 25 bara 2004 waligalticha mallatteessiterti .kana buu’uura godhachuudhaan labsiin lakk. 661/2001 kan bahee ta’uus booda irra garuu labsiin Lakk. 1112/2011 bahuu danda’eera. kana qofa osoo hin taanee labsii 661 irratti hundaa’uun Manni marii ministeerotaa dambii lakk. 229/2007 baasuudhaan hojii irra ooluu danda’eeraa.

TamboonMiidhaa Qaqqabsiisu  Yoom Beekame?

Tamboon rakkoo fayyaa kan ta’uu jalqabe waggaa dheeraa  ta’eera.Tamboo xuuxuudhaan rakkoon hargansuu,qufaasisuun yeroo hunda waan muldhatu ture.Jalqama bara qaroominaa keessa beektotni amantaa Musliima  Lixa Afrikaa miidhaa tamboo xuuxuun qaqqabsiisu beekanit turan.Kanaaf ragaan immoo barreeffamni isaa biyya Timbuktuutti argama.Bara 1700 keessa tamboo ujummoo fayyadamuun xuuxuun dhibee kaansarii afaanii akka fidu bira gahame.Dhuma bara 1800 fi jalqaba bara 1920 keessa walitti dhufeenyi tamboo fi kaansarii gosa hedduu irra deddeebin muldhachuu jalqabe.Gabaasni jalqabaa walitti dhufeenyi tamboo fayyadamuu fi dhibee sombaa dhuma bara 1800 irratti taasifame.Bara 1880’moota keessa warshaan tamboo oomishu biyya Ameerikaa Kibbaa keessatti oomishamun tamboon baay’inaa fi gatii salphaan akka oomishamuuf sababa waan ta’eef tamboo xuuxuun waan baratame ta’uu danda’era.kun immoo warraaqsa tamboo xuuxuu dhoorkaniif ka’umsa ta’e.Booda irra immoo tamboo fayyadamuu fi gurguruun dhiibbaa jala seenee.Bara 1912tti Doktorri Biyya Ameerikaa Ayizak Adlar jedhamu nama yeroo jalqabaatif tamboo xuuxuun dhibee kaansarii sombaa kan  qabsiisuu ta’uu  qorannaadhan mirkaneesse yaada kennuu danda’eera..Waraana Addunyaa 1ffaa dura dhibeen kaansarii kan badaa beekamu hin turreeyyu haa ta’u malee waraana booda garuu tamboo xuuxuun waan baratameef ka’umsa dhibee kaansarii ta’uun isaa beekame.

Rakkoo Yeroo Dheeraa Tamboo Xuuxuun Fidu

  • Dhibee onnee:-Tamboo xuuxuun mallattoon miidhaa inni onnee fi ujummoo dhiigaa irratti qaqqabsiisuu baay’ee si’ataadha.Daqiiqaa tokko keessatti rukuttaan onnee dabaluu jalqaba.Karbon mono oksaayidin haara tamboo keessaa bahu dandeettii dhiigni oksijinii baachuu danda’u irratti dhiibbaa qaba.Keemikaalotni haara tamboo keessaa bahu ujummoo dhiigaa dhippisuun dhibee onneef nama saaxila.
  • Rakkoo kalee fida:-Tamboo xuuxuun dhibee kaansaari kalee hordofsisa.kaleen akka miidhamuuf gahee guddaa qaba.
  • Dhibee infiluweenzaaf saaxila:-Dhibeen kun yeroo jalqabaatifbiyya Israa’elitti raayyaa ittisa biyyaa keessatti qorannoo taasifameen kan beekame yommuu ta’u namoota 168 tamboo xuuxan keessaa %68.5 dhibee kanaan qabamuu danda’aniru.
  • Dhibee Afaan keessaa:-Namni tamboo xuuxu kaansarii afaaniif waan saaxilamuuf afaan nama tamboo xuuxuu foolii ajaa’aa qaba.Kanaaf sababa kan ta’u miidhaa ilkaan,arrabaa fi hidhii irra qaqqabuuni.
  • Dhibee Sombaa:-Namoonni tamboo xuuxan carraan dhibee sombaatin qabamuu isaa baldhaadhaa.Namoota tamboo hin xuuxne faana yommuu walbira qabamee ilaalamu namni guyyaatti tamboo 20 xuuxu carraan dhibee sombaatin qabamuu isaanii dacha 2 hanga 4 ta’a.
  • Rakkoo wal-hormaataa:-Tamboo xuuxuun ovarii irratti miidhaa qaqqabsiisa.Miidhaan isaa baay’ina tamboo xuuxamuu fi dheerina yeroo xuuxamuu irratti hundaa’a.Nikootinii fi keemikaalli biro tamboo keessatti argamu walhormaatni akka hin uumamneef karra banu.Kana qofa osoo hin taane qaama walhormaata dhiiraa irrattis dhiibbaan inni qabu daran ol’aanaadha.Dabalataan immoo dubartoonni ulfi tamboo kan xuuxan yoo ta’e daa’imni dhalatu rakkoo fi hirdhina(hir’ina) qaamaa adda addaatif kan saaxilamu ta’a.

Miidhaa yeroo Gabaabaa

  • Hargansuu Badaa(Bad Breath)
  • Humna dadhabsiisuu
  • Dandeetti dhandhamuu fi fuunfachuu hirdhisu(hir’isuu)
  • Qufaasisuu
  • Yeroo dheeraaf hargansuu dadhabuu

Labsiin 1112/2011 hiikoo jecha tamboo jedhuu kennuu baatus keewwata 30 irratti garuu oomisha tamboo jechuun gariinis ta’u guutummaan guutuutti baala tamboo irraa qophaa’ee xuuxuudhaan,ol-Harkisuun,Alanfachuun,Fuunfaachuun ykn karaa biraan wanta fudhatamu jechuudhaa hiikoo itti kennera.

Dhorkaawwan

Labsii kanaa fi Dambii keessatti dhorkaawwan gama adda addaatin taa’ee jira kanaaf dhorkaawwan kana tarreedhuma seericha keessa taa’aniin akka armaan gadiitti ilaalla.

Eeyyama Malee Hojii Tamboo Hojjachuu

  • Namni kamiyyuu qaama raawwachiiftuu irraa eeyyama addaa osoo hin argatin oomisha tamboo oomishuu,gara biyya keessaa galchuu ykn jumlaadhaan raabsuun dhorkaadha.
  • Meeshaa Elektirooniksii Nikootiiniin itti kennamuu ykn bu’aa teknolojii Tamboo(sijaaraa) faana walfakkaatu gara biyya keessaa kaayyoo daldalaatiif galchuu, oomishuu, gurguruuf dhiyeessuu ykn gurguruun
  • Namnii biqiltuu tamboo biqilchus ykn oomishu kamiyyuu tamboo biqilchuu ykn omishuun midhaa hojjatootaa fi naannoo irraan gahu ittisuuf to’achuuf dirqama qaba.
  • Oomisha Tamboo Qabiyyeen isaa qaama rawwachiiftuun dhorkame gara biyyaa galchuun,jumlaadhaan raabsuu,gurguruu ykn gurgurtaaf dhiyeessuun dhorkaadha.
  • Oomishaa ykn fichiisiisaan oomisha tamboo,qabiyyee oomisha tamboo fi dhimmoota kanaan walqabatan ilaalchisee odeeffannoo qabaachu kan qabuu ta’e qaama rawwachiiftuun yommuu gaafatamu kennuuf dirqama qaba.Oomishaan ykn fichiisiisaan yommuu dirqama tumaa kanaa raawwatu odeffannoon qaama raawwachiiftuf kennu iccitii daldalaa seeraan eegumsi taasifameef yoo ta’e kunis barreeffamaan yoo ibsameef qaamni raawwachiftuun icciti daldalaa kana eeguuf dirqama qaba.
  • Namnii kamiyyuu barreeffamaan ykn waraqaa oomishichii ittiin maramu dhandhama dabalata akka qabuu ibsuuf ibsuu baatus dhandhama addaa kan qabu ta’uu
  • Wantoota omishichaa faana tuttuqqi qabaniin fakkii tamboo ykn mi’aa dhandhama jijjiruu kan qabate
  • Qabiyyeen oomisha tamboo fayyaaf kan fayyaduu ykn miidhaa fayyaa irraatti fidan kan hirdhisaan(hir’isan) kan akkaa Vayitaminii fuduraafi kuduraa, amiino asidii, kaaffeen,toorin ykn si’essituu  kana fakkaatan, faatii asiidii fayyadan ykn humnaa fi cimina kennuun kan walqabatan  si’eessitoota akkanaa kan qabatee ta’u
  • Haalluu haara tamboo jijjiiru kan qabu ykn oomisha tamboo ulaagaa qaama raawwachiiftuun bahuu biro kan hin gunnee oomishuu, gara biyyaa seensisuu, jumlaan gurguruu, raabsuu ykn qinxaaboon rabsuun dhorkaadha.

 

 

tamboo-wana5

Dhorkaa Bakka Itti Xuuxamuu

  • Bakka kamiyyuu namoonni baay’ataan,bakka hojii bakka geejjiba ummataa,bakkaa mana jirenyaa waliinii,bakka tajaajila waliinii kamitiyyuu tamboo xuuxuuu fi fayyadamun dhorkaadhaa.
  • Bakkeewwan armaan olitti caqasaman irratti hanga meetira 10 ummataaf banaa ta’aniifi karaa balbala, foddaa ykn bakka qillensa galchuu danda’uu birootti tamboo xuuxuun dhorkaadha.
  • Bakkaa Armaan olitti caqafaman akkuma jirutti ta’anii dhaabbata fayyaa, dhaabbata mootummaa,adda durummadhaan daa’immaniifi tajajila nama umuriin isaa waggaa 21 gadiif oluu M/Barumsaa, dhabbata barnootaa ol’aanaa,bakka oolmaa dargaggoo,paarkii bashannanaafi bakkeewwan biroo Qaamaa raawwachiiftuun ykn to’attoota fayyaa namootaatiin ibsamuu keessatti tamboo xuxuun ykn fayyadamuun dhorkadhaa.

Yeroo Baay’ee Tamboo Bakkaa Namonnii Baay’een argamanitti Xuuxun Dhorkaa akkaa ta’eef yakka ta’uun isaa namoota Baay’een kan dubbatamuudha.Haa ta’uu malee tamboo bakka namoonnii baay’een argamanitti xuuxuudhaan garuu namni himatamees adabamees jiraachuu isaa garuu ragaan hin jiru.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa sanada waliigaltee sirna tomboo ittiin to’atan baase keewwata 4 irratti fi seensa labsii 1112/2011 irraa akka hubachuun danda’amutti tamboo bakka namoonni baay’een argaamanitti xuuxuun kan dhorkameef sababoota lamaani.

tamsaasa camsaa 24/2013 hubannoo seeraa wa'e qaama bilisa baasu habeus corpus kuta tokkoffaa FM MHAAG Jimmaa Attorney

Habeas Corpus (Qaama Bilisa Baasuu) Seensa Uumama waan hundaa ta’eet jalqaba irraa ka’ee hanga sadarkaa dhummaa qaqqabbutti sadarkaawwan adda addaa keessa darbuun isaa dirqama ta’a.Sadarkaawwan adda addaa keessa yommuu darbu immoo waantoota baay’ee fooyyeessaa itti dabalaa irraa hir’isaa bakka galma isaa gaha jechuudha. Akkuma dhimmoota biroo adeemsi armaan oliitti taa’e seeraafis kan tajaajilu ta’a.Sababa kanaatin seerotni adda addaa yeroo adda addaa dhimmoota garaagaraa irratti yommuu fooyya’anii bahan arguun qofti raga gahaadha.Waa’een seeraa yommuu ka’u yeroo hunda kan wajjin ka’u waa’ee mirgaati.Kana jechuun hanguma guddini seeraa dabalaa deemu kabajamuun mirga namaas wajjin guddachaa deema. Akka idila addunyaatti guddina seeraatif ta’ee mirga namoomaatif sanadootni gumaacha guddaa gumaachan baay’ee ta’anus akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1215 biyya Ingiliiziitti kan bahe Maagnaa Kaartaa,Bara 1789 Sanada Mirgootaa Ameerikaa,Diklaareshinii Mirga namoomaa Faransaay bara 1789 akkasumas Konveenshiniin Jeneevaa bara 1864 bahan warra adda durummaadhaan caqasamaniidha.Sanadootni kun egaa guddina seeraatiifis ta’ee mirga namoomaatif dhagaa bu’uraati jechuun ni danda’ama. Mirgi namoomaa mirga heeraan eegumsi taasifameefidha.Mirgi kun immoo daangaa seeraa taa’een alatti sarbamuus ta’ee mulqamuu hin danda’u.Haa ta’u malee darbee darbee mirgootni kun yeroo seeraan ala sarbaman ni mul’ata.Kunis seeraan ala qabamuun,Seeraan ala hidhamuun akkasumas seeraan ala bakkaa bakkatti socho’uu dhoorkamuudhan.Yeroo kanatti egaa furmaata seerri kaa’e keessaa tokko qaama bilisa baasuu(Habeas Corpus) dha.Kanaaf barreeffama kana keessatti yaadrimee isaa,seenaa dhufaati fi muuxannoowwan biyyoota biro kan ilaalaman ta’a. — Send in a voice message: https://anchor.fm/mhaagj/message
  1. tamsaasa camsaa 24/2013 hubannoo seeraa wa'e qaama bilisa baasu habeus corpus kuta tokkoffaa
  2. tamsaasa fm MHAAGJ caamsaa 23/2013 wa'ee tamboo ilaalchisee seerrii maal jedha
  3. Tamsaasa fm mhaagj caamsaa 2013 hubannoo seeraa seera godaansaa irrattii
  4. Tamsaasa fm mhaagj caamsaa 17/2013
  5. Tamsaasa birootessaa 29 2013 fm mhaagj toraa inteerneetii

1.Amala Namaa Yookiin naamusa namaa sirreessuf

Ogeessonni fayyaa gama kanaan qorannoo taasisan akka ibsanitti uumama isaanii ta’ee daa’imman waan ija isaanitiin argan gochuuf yookiin raawwachuuf ariifatu.Daa’imman akka yaadama isaanitti waanti namni jabaan(namni guddaan) raawwatu  hunduu sirriidha jedhanii fudhatu.kanaaf tamboo bakka namni baay’atutti xuuxuun bakka sanatti daa’immanis argamu danda’u waan ta’eef waanti kun sirrii fi waan isaan fayyadu fakkaatee itti muldhata.Yeroo sana gocha tamboo xuuxuu kana ofii isaanitiif raawwachuuf fedhiin isaan keessatti dhalachuu danda’a.Kanaaf ogeessonni kun akka agarsiiftutti kan kaasan immoo daa’immaan maaliif xuuxuu akka jalqaban yommuu gaafataman yaaliidhaaf,waan nama qaroomsuu nutti fakkaate,namni jabaan yommuu xuuxuu argeen kan jedhaniifi sababoota biroo caqasuu isaanii akka ragaatti kaasu.As irratti daa’imman tokko tokko rakkina yeroof isaan mudatuu furuuf  jedhanii tamboo xuuxuu jalqaban jiraachuun isaanii dagatamuu hin qabu.Fakkeenyaaf daa’imman sababa adda addaati maatii isaanii irraa adda bahanii jireenya karaa irraa gaggeessan qorra halkan halkaniitif jecha  tamboo xuuxuu jalqabanii booda keessaa bahuu dadhaban kaasuun ni danda’ama.Kanaan walqabatee namoonni tamboo xuuxan jechoota akka daa’immani fi namni biro gocha isaan raawwatan kana deeggaruuf haasa’u.Kunis tamboo xuuxuun sammuu nama si’eessa,nyaatni akka dafee bullaa’u taasisa(digestion) jechuun haasaan sobaa yookiin dogoggorsiisaan isaan dubbatan nama baay’ee balaaf saaxilee jira.

Kana ta’uu isaatin bakka namoonni baay’atanitti tamboo xuuxuun kan dhorkameef daa’imman amala(naamusa) hin barbaachifne qabatanii akka hin guddanneefi.

2.Miidhaa namoonni tamboo xuuxan namoota biro irratti qaqqabsiisan hirdhisuuf

Tamboon akkuma beekamu waan qilleensa faana haala salphaan makamuu danda’u waan ta’eef qilleensi immoo yeroo gababa keessatti bakka baay’ee fi nama baay’ee bira qaqqaba waan ta’eef tamboo qilleensatti makame baatee bakkaa bakkatti socho’a jechuudha.Kanaaf namoonni tamboo xuuxan hanguma rakkoo fayyaa of irraan gahan rakkoo fayyaa nama hin xuuxne irraan gahu.Namootni hin xuuxne gaasota summaa’oof ,keemikaalota xixiqqoo haara tamboo keessatti argamaniin hanguma namoota xuuxanii miidhaan irraa gaha waan ta’eef seerichi kan baheefis namoota hin xuuxne eeguf jecha kan dhorke.Akkuma waliigalaatti kaayyoon seera kanaa dhaloota amma jirus ta’ee dhaloota gara fulduraa ilaalchisee rakkoowwan gama diinagdeetin,hawaasummaatin akkasumas faalama qilleensaa irraa eegufi.

Dhorkaa Bakka Gurgurtaa

  • Nama umuriin isaa waggaa 21 gadi ta’etti kallaatinis ta’eeal’kallatiin tamboo gurguruun hindanda’amu nama umuriin isaa kanaa gadi ta’es gurgursiisuun hindanda’amuu.
  • Bakkeewwan labsii kana keessaatti tamboo xuuxuun dhorkaman hanga meetiraa 100 keessatti tamboo gurguruun dhorkaadha.
  • Bitaafi gurguraan bakka/haala wal-arguu /walittidhufuu hin dandeenyeen oomisha tamboo gurguruun akka gurguramu haala mijeessuun dhorkamaadha.
  • Baay’inni tamboo tokko 20 ta’e kan hin banamne ykn baay’ina ykn ulfaatina qaama raawwachiftuun baasuun ta’a.

Dirqama Ibsa fi Haala Samasama Oomishaatin Walqabatu

  • Oomishni tamboo kamiyyuu ulaagaa biroo qaamni raawwachiiftuun baasuu fi yeroodhan kan jijjiramu akeekkachiisa faana barreffamaa fi fakkii qalama qabuun waraqaa tamboo ittin samsaman irratti qabaachuu qaba.
  • Akeekkachiifni fayyaa fulduraaf duubaan hanga %70 (dhibbeentaa torbaatamaa ) gadii kan hin taanee haguuguu qaba.
  • Waraqaa Tamboon ittiin samsamamu karaa alaatiin barreeffamnii itti barraa’u amala, rakkoo fayyaa irraan gahuu haala dogoggorsaa ta’een ibsuu, midhaan gostii tamboo tokko gosa tambii biraa irraa  qaqqabsiisuu xiqqaa ta’uun ibsuun beeksiisuun dhokaadha.
  • Oomisha tamboo kam irrattu kallatiidhaanis haa ta’uu al-kallatidhaan midhaa gadii anaa kan qaqqabsiisuu ta’uu ibsuun dhorkaadha.

DhorkaaBeeksiisaan wal qabatu

  • Gosa oomisha tamboo kamiyyuu kallaatinis ta’e alkallatiin beeksiisuun dhorkadha.
  • Gosa oomisha tamboo kamiyyuu beeksiisuun, Piroomot gochuuf ispoonsara ta’uun dhorkadha.
midiyaa mhaagj

Tarkaanfiiwwan

Qaamni dhoorkaawwanii fi dirqamoota labsii kana fi dambii keessatti hammataman darbee(cabsee) argame tarkaanfi adabbiin itti Fudhatamu labsiidhuma kana keessatti hammatamee jira.Kunis tarkaanfii bulchiinsaa fi adabbii yakkaa ti

Tarkaanfii Bulchiinsaa

Tarkaanfiin buulchiinsaa akkuma balleessaa,miidhaa fi baay’ina badichaatti kan hundaa’u ta’ee tarkaanfichi garuu akeekkachiisa barreeffamaatii kaasee hanga eeyyamni daldalaa haqamuutti kan qaqqabu ta’a.Yoo balleessaa irra deddeebin raawwate hojii kana keessatti akka lammaffaa hin hirmaanne dhorkamuu danda’a.

Oomishichaan walqabatee yeroo muraasaaf akka gara biyyaa hin seenne dhorkiin irratti bahuu danda’a.Dabalataan immoo oomishichi gara biyya keessaa seenee jira taanaan baasii abbaa qabeenyichaatin akka biyya dhufetti deebi’u taasifama .Biyya keessa seenee kan raabsame yoo ta’e immoo akka deebi’ee sassaabamuu,akka manca’uuyookiin immoo akka karaa seera qabeessaan dhaalamuu taasifama.Oomisha rakkoo qulqqulinaa qabu yoo ta’e hanga samuudni fudhatamee laburaatooriidhaan sakatta’amee qulqqullumaan isaa mirkanaa’utti akka hin raabsamne dhorkamuu danda’a.

Adabbii yakkaa

  • Qulqulinaan walqabatee dhorkaawwan jiran darbuun adabbii hidhaa salphaa waggaa 3 hin caallee fi adabbii maallaqaa qarshii 200,000(kuma dhibba lama) hin caallen hordofsiisa.Hir’ini(hirdhinni) uumame fayyaaafi lubbuu namaa irratti miidhaa ol’aanaa kan qaqqabsiisu yoo ta’e adabbii hidhaa waggaa 7 hin caalle fi adabbii maallaqaa 500,000(kuma dhibba shan) hin caalle ta’a.
  • Qaama to’atuuf deeggarsa gochuu dhiisuun adabbii hidhaa salphaa waggaa 1-waggaa 5 hordofsiisa..
  • Dhorkaawwan beeksisaan walqabatu namni cabse adabbii salphaa baatii 3 gadi hintaanee fi adabbii maallaqaa 30,000(kuma soddomaa)-100,000(kuma dhibba tokkoo) gahuun adabamuu danda’a.
  • Qaamni ispoonsara godhe beeksisicha qopheesse ,kan maxxanse,kan dabarse yookiin karaa biro kamiiniyyuu namni hirmaate hidhaa waggaa 3 hin caalle fi adabbii maallaqaa 50,000(kuma shantamaa) gadi hin taanen adabama.
  • Dhorkaawwan bakka tamboon itti xuuxuumu  fi itti gurguramu darbanii argamuun ilaalchisee bakka gurgurtaa dhorkametti gurguruun hidhaa salphaa baatii(ji’a) hin caalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii 5000(kuma shan) hin caalleen adabama.Bakka dhorkametti xuuxuun immoo adabbii maallaqaa qarshii 1000(kuma tokko) hin caalleen adabama.
  • Bakkeewwan tamboo xuuxuu gurguruun itti dhorkametti gachaawwan kun dhorkamuu barreeffamaa fi fakkiiwwaniin akka hin raawwatamne tarkaanfii barbaachisaa namni hin fudhanne adabbii hidhaa salphaa baatii(ji’a) sadii hin caalleen yookiin adabbii maallaqaa 1000(kuma tokkoo)-10,000(kuma kudha)gahuun adabamuu danda’a.
  • Qabiyyee tambootiin walqabatee dhorkaa jiru namni darbe adabbii hidhaa baatii(ji’a)3 –waggaa 3 fi adabbii maallaqaa 1000(kuma tokkoo)-200,000(kuma dhibba lama) adabama.
  • Namni nama umuriin isaa waggaa 21 hin guunnef tamboo gurgure,akka fayyadamu taasise akkasumas kenne adabbii baatii(ji’a) 3 gadi hin taaneen yookiin adabbii maallaqaa hanga qarshii 3000 (kuma sadii) gahuun adabama.
  • Qabiyyee tamboo ilaalchisee odeeffannoo qabachuu fi guutuudhaan walqabatee dirqamoota jiran cabsuun adabbii hidhaa salphaa waggaa 1-waggaa 3 fi adabbii maallaqaa qarshii 50,000(kuma shantama) gadi hin taanen adabama.
  • Dirqamoota labsii kana keessatti hammataman kan cabse(darbe) qaama namummaan seeraan kennameef yoo ta’eadabbiin dabalataa dhaabbatichi dhorkamuu,akka cufamu yookiin akka diigamu murtaa’uu danda’a.

Guyyaa Ayyaana Kabaja Tamboo

31 may,world no tobacco day

  • Dhabbataa Fayyaa Addunyaa bara 1987 jalatti biyyootni miseensa Yaaa’in Fayyaa Addunyaa(World Health Assembly) resolushinii WHA40.38ta’e irratti Bitootessa  29bara 1988 guyyaa tamboo xuuxuu irraa bilisaa akka idila addunyaatti (a world no smooking day)akka kabajamuuf waamicha taasiset ture.Kaayyoon isaa immoo akka guutuu addunyaatti namootni tamboo xuuxan  sa’aatii 24’f oomisha tamboo irraa akka of qoqqoban taasisuudha.
  • Bara 1988 Resolution WHA42.19 ta’e irratti Yaaa’in Fayyaa Addunyaa(world health assembly)guyyaa ayyaana tamboo waggaa waggaadhaan waxabajjii akka kabajamuu dabarse.
  • Akka biyya keenyaatti guyyoota akka biyyaattis akka addunyaatti kabajnu baay’ee akka qabnu nan beeka haa ta’u malee rakkoo odeeffannoo haa ta’uu hin beeku guyyaan tamboo xuuxuu irraa bilisaa yommuu kabajamu hin argines hin dhageenyes.Seerotni keenya eessa dhaqaniin gaaffii kooti.

a world no smooking day every year on 31 may

Mulugeetaa Magarsaa

Horaa Bulaa

 

Murtii Dhadacha Ijibbaata MMWO jildi 8ffaa pdf

Manneen Murtii Oromiyaa tajaajila abbaa seerummaa bu’a qabeessa ta’e
kennuun amantaa uummataa akka horatan taasisuun hojii murteessaa
galma yeroo dheeraatti qabamee irratti hojjatamaa jiru ta’uun ni beekama.
Galma kana milkeessuu keessattis qulqullina tajaajila abbaa seerummaa
mirkaneessaa deemuun hojii guddaa xiyyeeffannoo ol’aanaa argatee dha.
Qulqullina tajaajila abbaa seerummaa mirkaneessuufis hojiiwwan
gurguddoo hojjatamaa jiran keessaa tokko tilmaamamummaa
murtiiwwanii fi wal fakkeenyummaa hiikkoo seeraa dabaluu akka ta’e
beekamaa dha. Murtiiwwan barsiisoo ta’an maxxansuu fi raabsuun
immoo milkaa’ina hojii kanaa keessatti iddoo ol’aanaa kan qabu ta’uun
wal nama hin gaafachiisu.

Rate this:

Murtii Barsiisaa Dhadacha Yakkaa MMOGJtin kennamee

Himata 1ffaa keessatti  himanni dhiyaate “Seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 539(1)(a) irra darbuudhaan Godina Jimmaa Aanaa Maannaa ganda Meexxii iddoo addaa kaampii jedhamee waamamutti gaafa guyyaa 08/01/2013 tilmaamaan halkan keessaa sa’atii 2:00 yemmuu ta’u, miidhamtuu duutuu Hajaraa Abbaa Saambii jedhamtu sababa ‘daa’imni garaa kootti baadhu kan safaa Kaliifaati jettee maqaa naxureessiteef ‘ jedhuun haaloo qabatee miidhamtuu ulfa garaatti baattee jirtu kan daa’ima ishee Zaakir Baahir waliin gara mana jireenya ishee galaa jiru daandii irratti eeggatee koottu qarshii siif kenna jedhee gara bosonaa fuudhee deemee gajaraan morma ishee qalee waan ajjeeseef yakka ajjeechaa sukkanneessaa raawwateen himatameera” kan jedhu yemmuu ta’u, himata 2ffaa keessatti immoo himanni dhiyaate Seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 27(1) fi 539(1)(a) irra darbuudhaan guyyaa fi iddoo himata 1ffaa irratti caqsametti himatamaan ta’e jedhee nama ajjeesuuf itti yaadee miidhamaa dhuunfaa maqaan isaa Zaakir Baahir jedhamu haadha isaa miidhamtuu dhuunfaa himata 1ffaa irratti caqasamte duutuu Hajaree Abbaa Saambii waliin gara mana ofii galaa jiranii gajaraadhaan eda haadha miidhamaa ajjeeseen booda miidhamaa kanas ajjeesuudhaaf gajraadhaan irree gurmuu isaa gara mirgaa, maddii isaa gara mirgaa,morma isaa gara duubaa,harka isaa mirgaa,ciqilee gara bitaa haala sukkanneessaa ta’een irra deddeebiidhaan rukutuun erga ciccireen booda miidhamaa ajjeesee jira yaada jedhuun bakkuma kufetti dhiiseenii deemus boromtuu isaa gaafa 09/01/2013 ganama keessaa tilmaamaan sa’atii 1:30 yemmuu ta’u, namni Miftaahuu jedhamu tuubboo lolaa keessatti isa argeenii baasee du’a irraa baraarus gocha yakka yaalii ajjeechaa sukkanneessaa ta’een himatamee jira” kan jedhuu dha…..

Rate this:

Carraa interneetiin fiidee fayyadamuun hubannoo seeraa keennuun irrattii akka MHAAGJ maal hojjechaa jirraa

===== 1.1.        Seensa Jaarraa 21ffaa amma keessa jirruu kuni jaarraa addunyaan ittii tokkomtee (the century of globalization) ta’un isaa waan hubatamuu dha. Kanaaf immoi sababoota adda addaa jiraataniis Sababni hangafaa fi isa dura toora interneetii fayyadamuun platformoonnii hawaasaa adunyaa walittii hidhan heedduun umaamuu isaaniitiifi. Kunis marsariitii website adda addaa dabalatee marsariitiiwwan haawaasa heedduun interneetii irrattiiContinue reading “Carraa interneetiin fiidee fayyadamuun hubannoo seeraa keennuun irrattii akka MHAAGJ maal hojjechaa jirraa”

Rate this:

Featured

Barruu Xinxala Seeraa Murtii MMF dhadacha Ijibbaata irarttii taasifamee. Pdf

Qophessaan xinxala kanaa Mulugeeta M

MHAAGJttii AA Aanaa Cooraa Botor

Dhimmootni RTD dhaan ilaalaman mirga of irraa ittisuu shakkamaa kan hin sarbine ta’uu seerotaa fi Murtii dhaddacha Ijibaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa Jildii 17ffaa Lakk.Galmee 100712 ta’e irratti kenname

Barruu:- Xinxala Seeraa.

Qophessaan:- Mulugeta M.[1]

 

Bitootessa 2013

Jimmaa, Oromiyaa

  1. Seensa waligalaa

Namni himatame akkuma nama kamiyyuu mirgoota daangaa seeraa keessatti kabajameef qaba.Mirgoota kana keessaa mirga murtii saffisaa argachuun isa tokkoodha.Mirgi kunis Heera Mootummaa Federaalaa Dimookraatawaa Rippublika Itoophiyaa keewwata 20(1) irraa hubachuun ni danda’ama.Gama biraatin immoo dhimmi yakkaa osoo wal-irraa hin ciccitin yeroo gabaabaa keessatti kan dhagahamuu  fi xummuramuu qabu ta’uu seera deemsa falmii yakkaa irraa hubachuun ni danda’ama.Kana qofa osoo hin taane seerota idila addunyaa biyyi keenya mallateessite keessa tokko kan ta’e Konveenshiniin Mirga sivilii fi  siyaasaa mirga kanaaf beekkamtii fi eegumsa kenneet jira.Haa ta’u malee gaalee yeroo gabaabaa jedhu kun hiikoof kan saaxilame waan ta’eef  dhimmuma walfakkaataa irratti murtiin kennamu garaagarummaan guyyootaa,torbanii fi darbees baatidhaan lakkaa’amu akka uumamu ta’eet jira.Kana Furuudhaaf jecha immoo yaadrimeen Tooftaa Saffisa Adeemsa Falmii Yakkaa (TSAFY) yookiin RTD (Real time Dispach) jedhu hojii irra ooluu danda’eera.Haa ta’u malee gama ogeessota adda addaatin ilaalchi fi hubannoon yaadrimee kana irratti muldhatu(mul’atu)murtiiwwan adda addaa akka kennamaniif sababa ta’aat jira.

Garaagarummaa ilaalchota dhimma kana irratti muldhatan (Mul’atan) keessaa mirga of irraa ittisuu himatamaa dhiphisaa, hanga murtiin dhumaa kennamutti mirga qulqulluu ta’ee tilmaamamuu himatamaa sarbaa.Mirga Abukkaattoo isaa faana mari’achuu sarba kan jedhan isaan ijoodha.Kanuma bu’ura godhachuudhaan dhugumayyuu tooftaan Saffisa Adeemsaa Falmii Yakkaa(TSAFY) yookiin RTD  mirga of irraa ittisuu(ragaa ittisaa dhiyeeffachuu)  himatamaa sarba moo? hin sarbu? kan  jedhu barreeffama kana keessatti kan ilaallu ta’a.

Seenaa Dhufaatii

Adeemsi murtii battalaa (TSAFY) yookiin RTD dhuma bara 1994(GC) irratti biyya Faransaayitti kan jalqabamee fi booda irra gara guutuu Faransaayitti kan babaldhate(babal’ate) ta’uu odeeffannoowwan gama kanaan barreeffaman ni muldhisu(Mul’isu).Booda irra immoo bara 2006(Gc) biyya Yunaayitid Kingdam(UK)tti moggaasa ‘Next Day Justice’ jedhuun jijjiirama guddaa akka fide himama.Biyya Faransaayitti “Real Time Dispatch” Britaaniyaatti “Next Day Justice”kan jedhamu adeemsa addaa osoo hin taane tooftaa addaati.(RTD is not  a special procedure as such.It is rather a technique).Yeroo baay’ee dhimmootni kun hojii irra kan oolan yakkoota harhaaf harkatti qabamaniifi.

Akka Biyya keenyaatti yeroo jalqabaatif dhimmi kun kan hojiirra oole biyya Harargeetti kabaja Ayyaanaa Gabreelii Qullubbiitti.Ergaa ennaa sanaati jala bultii Barkumee Itoophiyaatii jalqabee Magaalaa Finfinneetti kan ittiin hojjatamaa jirudha.Kana Qofaa osoo hin taane Biyya Hawaasaatti kabaja ayyaana Gabreeli irratti yakkoota harkaa fi harkaa irratti adeemsi kun kan baldhinaan itti  hojjatamaa jiruudha..

                         Muuxannoo Biyya Ambaa

1.Faransaay:-Biyyi kun wixinneessituu yaada kanaa akka taate ni beekama.

Ulaagaawwan biyya kanatti itti fayyadaman yoo ilaallu

  • Dhimmichi RDT’f mijataa ta’uu qaba
  • A/A fi Himatamaan /Abukaattoon isaa dhimmichi RTD dhaan akka ilaalamu waliigaltee irra gahuu qabu.
  • Gochi Yakkaa raawwatame hidhaa waggaa 7 olii kan hin  adabsiifne ta’uu qaba
  • Himatamaan Abokaattoo ittisaa faana dhiyaachuu qaba.
  • Dhimmi guyyaa 1tti hin xummuramu yoo ta’e himatamaa hanga guyyaa 5tti to’annaa jala tursiisuun ni danda’ama.

2.Biyya Inglaand

  • Aangoo Poolisiitii
  • Aangoo galmee cufu qaba.
  • Poolisiin dhimmichi adeemsa seeraa keessa darbuu qaba jedhe yoo itti amane A/Alangaatti dabarsa.
  • Jalqaba dhimmichi RDT dhaan kan ilaalamu ta’uu seeraan tumamuu qaba.
  • Aangoo M/Murtii Maajistireetii jalatti kan kufu ta’uu qaba.
  • Hanga hidhaa baatii 6’tiin kan adabsiisu ta’uu fi
  • Himatamaan gocha yakkaa kan raawwate ta’uu amanuu qaba.

3.Muuxannoo  Biyya Keenyaa

Immaamata haqa yakkaa bara 2003 bahe irratti qaamotni haqaa yakkoota harkaaf harkaa qabiyyeen ragaa isaanii walxaxaa hin taanee fi yakkoota biroo sirna gabaabaan yeroodhuma sana M/Murtiif dhiyaatanii murtii akka argatan hojiimaata hojii irra oolchu jechuun ibsee jira.

Yakka harkaa fi harkaa fi yakkoota biro adeemsa gabaabaadhan akka ilaalaman murteessuuf aangoo kan A/A ta’uu ibsa.Kana yommuu murteessu garuu haala waliigala yakkichaa,qabiyyee fi dandeetti ragaa akkasumas fedhi miidhamaa fi shakkamaa ilaalcha keessa kan galche ta’uu seera deemsa falmii fi seerota biroo keessatti ifaan tumama ergaa jedhu qaba.Haa ta’u malee seera deemsa falmii yakkaa keessatti yakkoota harkaa fi harkaatin walqabatee haala eeru fi himannaan itti dhiyaatu ilaalchisee s/d/f/y/keewwata 21(1) jalatti yakkoota iyyannoo dhuunfaatin dhiyaatan irratti eerus ta’ee himannaa dhiyeessu osoo hin barbaachisin himannaa dhiyeessun ni danda’ama ergaa jedhu qaba kun hamma ta’e dhimmichi akka saffisaan ilaalamu furmaata kan kaa’e fakkaata haa ta’u malee yeroo hammamii keessatti isa jedhu hin ibsine.

4.Naannoo Oromiyaa

Jiijjiiramni Bu’uraa Adeemsa Hojii(JBAH)’n bara 2006 fooyya’ee bahe akka ibsutti dhimmi tokko RTD dha jedhamee ilaalamuuf ulaagaawwan guutamuu qaban:-

  • Yakka harkaa fi harkatti qabaman
  • Gocha yakkaa raawwatamee qoratamuun sa’aatii 48:00 keessatti himatni M/Murtii yoo dhiyaate
  • Bu’aan ragaa teeknikaa yookiin taaktikaa deeggaramuu qabu sa’aatii 48:00 keessatti walqabatee dhiyaachuu yoo danda’e
  • Yakki raawwatame miidhaan isaa fulduratti bu’aa gara biraa kan hin hordofsifne ta’uun isaa yoo mirkanaa’ee beekame.

Kanaaf barreeffamoota armaan olii irraa akka hubannutti dhimmichi raawwatamee sa’aatii 48 keessatti mana murtii dhiyaatee yoo murtii argate ta’uu hubanna.Haa ta’u malee gama kamiin mirga of irraa ittisuu himatamaa sarba kan jedhu irratti garaagarummaa ilaalchaa yoo ta’e malee seerichi waanti ifaan kaa’u jiraachuu baatus waanti ifaan hin dhorkamne immoo akka eeyyamametti lakkaa’ama qajeeltoo jedhu fudhachuudhaan me dhimma armaan gadii kana haa ilaallu.

Xinxala dhimmaa

Murtii Dhaddacha Ijibaataa M/M Waliigala Federaalaa Jildii 17 lakk.galmee 100712 irratti

Dhimmootni RTD dhaan ilaalaman mirga of irraa ittisuu himatamaa kan hambisu danda’an himatamaan karaa ifa ta’een mirga of irraa ittisuu isaa kan dhiise ta’uu yoo mirkaneesse qofa.

Murtiin dhaddachi kun kenne jildii 17ffaa lakk.galmee 100712 irratti yommuu ta’u dhimmichi kan jalqabe waamamaan ammaa iyyataa ammaa irratti himannaa dhiyeesse bu’ura godhachuudhani.Kunis iyyataan ammaa seera yakkaa MFDRI bara 1996  bahe keewwata 669(2) irra darbuun badhaadhina hin malle ofii argachuuf yookiin nama biroof argamsiisuuf yaadee gaafa guyyaa 18/02/2006 tilmaamaan guyyaa keessaa sa’aatii 6:00 yommuu ta’u kutaa addaa Kolfee Qaraaniyoo Aanaa 02 bakka addaa dhaabbata oomisha bu’aa pilaastikaa Kaarra Qoree Dagaamaan jedhamu keessatti Hojii Gaggeessaa(dura bu’aa) ta’ee qacaramee osoo hojjachaa jiruu qabeenya miidhamaa dhuunfaa Amaara Abrahaam kan ta’an pilaastika meeshaa dheedhii kophee karaxixi dhibba tokkoof  shantama,gatiin karaxixix tokkoo qarshii 1100(kuma tokkoof dhibba tokko) waliigala tilmaama qarshii 165,000(Kuma dhibba tokkoo fi jahaatamii shan) baasu fudhatee himatamaa 2ffaa obbo Darajjee Fiqaaduutti kan gurguree qabame waan ta’eef yakka hannaa cimaa raawwateef himatame kan jedhudha.Himatamaanis M/Murtii dhiyaatee himannaan A/A dubbifameefi akka hubatu erga taasifamee booda jecha amantaa fi waakki gaafatamee kan waakkate waan ta’eef A/A ragoota himannaa isaa mirkaneessaniif dhiyeessee dhageessiseera.

Kana booda ragoonni A/A irratti kan  mirkaneessan ta’uu hubachuun ragaa ittisaa fedhii iyyataatin kan bira darbe ta’uu caqasuun keewwatuma A/A himate jalatti balleessaadha erga jedhee booda bu’ura qajeelfama adabbiitin xinxaluu isaa caqasee hidhaa cimaa waggaa 8 fi baatii 5 akka adabamu murteesse.Iyyataanis murtii kana komachuun M/Murtii Ol’Aanaa Federaalaatti dhiyeeffachuun bitaaf mirgi erga wal falmaniii booda murtiin balleessuma Mana Murtii jalaa kan cime ta’us murtii adabbii kenname irratti garuu akkaataa qabiinsa sababoota adabbii cimsanii fi salphisan irratti dogoggorri kan jiru ta’uu fi dogoggora sana kan sirreesse ta’u ibsuun iyyataa hidhaa cimaa waggaa 6 fi baatii 6 tin akka adabamu murteesse.

Iyyatni ijibaata amma dhiyaate kun murtii kana komachuun yommuu ta’u qabiyyeen bu’uraa iyyatichaas manni murtii jalaa raga ittisaa nan qaba osoon jedhuu raga ittisaa iyyataa osoo hin dhagahin kan darbe   A/A yakkichi raawwatamuu isaa hin mirkaneessine,yakki raawwatamee jedhamee fi keewwatni caqasame kan wal hin simne  fi murtiin adabbii kenname sirri miti sababoota jedhan kan qabateedha.Iyyatichi qoratamee mirgi raga ittisaa himatamaa kan bira darbame sirrii ta’uu fi dhiisuu isaa qulqulleessuuf dhaddacha kanatti akka dhiyaatu kan taasifame yommuu ta’u waamamaanis dhiyaatee bitaaf mirgi barreeffamaan akka walfalman taasifameera.Akkasumas galmeen haadhoon mana murtii jalaa akka dhiyaatu taasifameera.

Jalaa Dhufaatin dhimmichaa gabaabinaan akka armaan olittii  ibsame yommuu ta’u dhaddachi kun falmii bitaaf mirgaa murtii iyyata ijibaataaf ka’umsa ta’e tumaalee seeraa faana mirkaneessun ni dhiyeessisa jechuun ijoo qabame faana akka itti aanutti qorateera.

Iyyataan balleessaadha kan jedhame ragoota A/Alangaa dhiyeefateen iyyataan ragaa ittisaa hin qabu akka jedhe barreeffamaa fi jechaan mana murtiif mirkaneesse ta’uu garagalcha murtii Mana Murtii jalaa irraa hubanneerra.Iyyataan sadarkaa ijibaatatti immoo ibsi mana murtii jalaa kun fedhii isaanitiin ala galmaa’u fi raga ittisaa dhiyeeffachuuf gaaffii dhiyeeffatanii kan ture ta’u ibsuun falmaniiru.

Bu’urumaan mirga namoota himatamanii seeraan eegameef keessaa tokko raga isaan irratti dhiyaate kamiyyuu ilaaluu,ragoota isaan irratti dhiyaatan gaafachuu,ragaa ittisaaf isaan fayyadu dhiyeeffachuu yookiin dhiyeessifachuu akkasumas ragoonni isaani dhiyaatanii akka dhagahamaniif gaafachuu akka ta’e Heera Mootummaa FDRI keewwata 20(4) kan tume yommuu ta’u mirgi kun bu’ura Heera Mootummaa keewwata 9(4) tin waliigalteewwan Idila Addunyaa qaama seera biyyatti ta’en eegumsi kan taasifameef ta’uu waliigaltee Mirga Sivilii fi Siyaasaa keewwata 14(3)(B) irraa hubachuun ni danda’ama.Mirgi himatamaa tumaalee kana jalatti ibsaman kan hubachiisu himatamaan tokko ragaa hin taaneen balleessaa akka hin jedhamnee fi gama himataatinis ragaan dhiyaate yoo ta’e gama isaatin gocha balleesaa kan hin raawwannee fi qulqulluu ta’uu isaa ibsuu haala itti danda’u ta’uu dha.Kanaaf himannaa isa irratti dhiyaateef ittisa dhiyeeffachuuf waantoota barbaachisoo ta’anii fi yeroo gahaa argachuu akka qabu seerichi ni hubachiisa.Himatamaan mirga of irraa ittisuu heera mootummaan eegumsi taasifameef akka seeraan fayyadamu gochuun(Taasisuun) itti gaafatamummaa mana murtii ta’uu hafuura fi qabiyyee tumaa  heera mootummaa keewwata 13(1) fi (2)  irraa dhimma hubannuu dha.Kana ta’uu isaatin mirga of irraa ittisuu himatamaa bira darbuun kan danda’amu himatamaan mirga isaa kan itti hin fayyadamne ta’uu ifaan mana murtiif yommuu mirkaneessu qofa akka ta’e hafuura tumaalee irraa kan hubannuudha.Himatamaan mirga isaa dhiisuu bakka hin mirkanoofnetti garuu himatamaan mirga of irraa ittisuu dhiisera ibsa jedhuun manni murtii xinxala isaa irratti qofa caqasun seerummaa kennuun adeemsa sirrii miti.

Dheerina dhimmoota hambisuuf jechuudha tooftaan adeemsa murtii battalaa RTD kaayyoon isaa bu’uraa dhimmoota raga walxaxaa hin qabne haala salphaan murteessuf hojiimaata diriirsuun alatti mirgoota himatamaa heera mootummaa fi seerota biro raawwatinsa qabaniin egaman haala miidhuu danda’uun hojii irra oolchuu akka hin taane ni beekama.Kana ta’uu isaatin mirgootni seeraan eegamanii fi adeemsi seerummaa galumsa seeraatin hoojirra olchuun seerummaa kennuun alatti dhimmi tokko adeemsa murtii battalaa RTD bu’ura godhatee dhiyaachuu isaatin qofa kan hafu miti. Adeemsa murtii battalaa RTD bu’ura godhachuun dhimmi ilaalamu mirga of irraa ittisuu himatamaa dhiisuuf kan dandeessisu himatamaan mirga isaa kana haala shakkii hin uumnen dhiisuu isaa yoo mirkaneessedha.

Dhimma qabannetti yommuu deebinu manni murtii jalaa dhimmicha kan ilaale hojimaata adeemsa murtii battalaatin  yommuu ta’u iyyataa balleessaa kan taasise raga A/Alangaatin itti mirkanaa’ee ragaa ittisaa akka qabu gaafatamee ragaa ittisaa nan qaba jechuun dhaddachaaf jechaafi barreeffamaan kan mirkaneesse sababa jedhuun ta’uu qabiyyee murtii irraa ilaallerra.Barreeffamni mana murtii jalaa kun iyyataan karaa tokkoon barreeffamaanis ta’ee jechaan ragaa ittisaa nan qaba jechuu kan agarsiisu yommuu ta’u gama biraatin immoo iyyataan raga ittisaa kan hin qabne ta’uu ibsuu kan mirkaneessedha.Barreefama mana murtii jalaa iftoomina dhabe kana dhugummaa isaa hubachuuf jecha galmee haadhoo dhiyeessifnee ilaallerra.Galmee mana murtii jalaa akka ilaaletti manni murtii jalaa iyyataadhaan jala murtii of irraa ittisi onkololeessa 28 bara 2008 dhaddacha ooleen yommuu kennu Jala Murtii guca/foormii dursee qophaa’een  guutamee kan kenname yommuu ta’u qabiyyeen isaas iyyataan ragaa ittisaa hin qabu jechuun ibsuun kana kan ibse immoo dhaddacha irratti barreeffamaa fi jechaan ta’uu kan ibsu ta’us iyyataan jechaan ibsuu isaa Jala murtiin ala waraqaa dhaddachaa irratti kan hin galmoofne barreeffamaan mirkaneessera jechi jedhus sanadoota galmicha keessa jiran keessa kan hin jirre ta’uu dhaddachi kun hubateera.Kana ta’uu isaatin manni murtii jalaa foormii jala murtiif fi murtii dursee qophaa’e yommuu guutu jechootaa fi gaalewwan qalamaan(iskiribtoodhaan) haqee iyyataan ragaa ittisaa hin qabu jedhe jechaa fi barreeffamaan mirkaneessera jechuun raga ittisaa dhagahuu kan darbe ta’us ragaan kana mirkaneessu dhabamuun isaa galmee haadhoo mana murtii jalaa irraa hubanneerra.Karaa kanaan dhimmicha yommuu ilaallu iyyataan mirga seeraan eegameef mirga ragaa ittisaa dhageessifachuu manni murtii jalaa kan darbe iyyataan ifatti mirga isaatti fayyadamuu dhiisuu osoo hin mirkaneeffatin ta’uu isaatin murtiin dhimmicha irratti kenname dogoggora seeraa bu’uraa ta’e kan qabu ta’ee argineerra.

Yaada Xummuraa

Kanaaf  akka waliigalaatti dhimmoota armaan olitti tarraa’an yommuu cuunfinee ilaallu muuxannoowwan biyya alaa keessattis ta’ee akka biyya keenyaatti jiran irratti dhimmi tokko adeemsa murtii battalaa(RTD) dhaan ilaalamuun isaa mirga of irraa ittisuu himatamaa kan hin sarbine ta’uudha.Dabalataan  xinxala dhaddacha ijibaata kanaa irraa kan hubannu dhimmichi adeemsa murtii battalaatin(RTD) dhaan ilaalamuun isaa qofti mirga of irraa ittisuu himatamaa kan hin sarbine ta’uudha.Haa ta’u malee mirgi kun kan bira darbamuu danda’u himatamaan ifaan ifatti mirga kanatti fayyadamuu kan hin barbaanne ta’uu haala shakkii hin uumneen jechaa fi barreeffamaan yoo ibseedha.Kana jechuun akka qajeeltotti dhimmotni adeemsa murtii battalaatin (RDT) ilaalaman mirga of irraa ittisuu hin sarban garuu immoo haala addaatin himatamaan fedhii yoo qabaate bira darbamuu danda’a  fedhii isaa kanas ifaan yoo ibse qofa ta’a jechuudha Kanaaf mirgi of irraa ittisuu himatamaa mirga heera mootummaa biyya keenyaanis ta’ee seerota idila addunyaa biyyi  keenya mallatteessitee keessatti eegumsi taasifameef  kana hojii irra oolchudhaan walqabatee garuu of-eeggannoo qaamni hunduu taasisuu akka qabuudha.Sababni isaammoo yakkoota RTD dhaan ilaalaman irratti dhimmichi RTD dhaan ilaalamun isaa qofti mirga of irraa ittisuu himatamaa kan hin sarbine ta’uu hubatamee qaamoleen haqaa hundi gahee isaanii bahachuu akka qaban hubatamuu qaba.

Mulugeetaa Magarsaa

Aanaa Cooraa Botor

Jimmaa Oromiyaa.

.


[1] Mana Hojii abbaa alangaa godina jimmaattii Abbaa Alangaa Aanaa Cooraa botoor fi qo’ataa seeraa. (LL.B)

Featured

Labsii MNO kan bara 2004-2006 labsaman.

Midiyaa mhaagj

Dhaqabamuummaa kenya gochan mirkanessiina.

MHAAGJ
MHAAGJ
Featured

Barruu xinxala Murtii dhaddacha ijibbaata Federaala. Pdf

HAALA MIRGI WABII ITTIIN DHOORKAMU SEERA DEEMSA FALMII YAKKAA  ITOOPHIYAA  KEEWWATA  67(A)  Vs  MURTII DHADDACHA IJIBBAATAA  MANA MURTII WALIIGALAA FEDELAALAA  JILDII 12FFAA LAKK.GALMEE  IJIBBAATAA 59304 TA’E  IRRATTI KENNAME 

Qopheessaan Abdusalam M. (MHAAGJti AA Aanaa)

Xinxalli barruu kana irrattii godhamee ijjennoo seeraa abbaa barru kana qophesseeti.

Garee Komn MHAAGJ.

1.1. Seensa

Akkuma beekkamu Mirgi Wabii mirga bu’uuraa heera mootummaatiin beekkamtii argatee dha. Heera Mootummaa Federaalaa  Dimokiraatawaa Rippablika Itoophiyaa kew.19(6) jalatti Qajeeltoon jiru mirgi wabii shakkamaadhaaf eegamuu akka qabuu dha. Haa ta’u malee mirgi wabii mirga daangaa hin qabne (absolute right) miti. Mirgi kun haala addaan seeraan tumameen dhoorkamu danda’a ykn mirkaneessa wabii gahaa ta’e akka dhiyeessu  taasifamuu danda’a. Seerota haala addaatiin mirga wabii tuman keessaa Seerri deemsa falmii yakkaa isa tokkoo dha. Seerri deemsa Falmii Yakkaa Kewt. 67 haala  addaa (Exception to the principle ) dha. Inumaayyuu Haala addaa qajeeltoof qofa osoo hin taane Haala addaatiif adda (exception to the exception ) fakkaata . Sababni isaas shakkamtoota mirgi wabii isaanii SDFY kew.63 jalatti eeyyamamuufii danda’an  kew. 67 jalatti haalli itti dhoorkamuu danda’an ni jiraata waan ta’eefidha. Akka qajeeltoo hiikkoo seeraatti immoo seerri dhimma tokko haala addaatiin yeroo tumu haala dhiphina qabuun   hiikamuu  qaba.

Haaluma kanaan Barreeffama gabaabaa kanaan immoo dhimma mirga wabii SDFY keewwata 67(A) jalatti mirga wabii waliin walqabatee haalli mirgi wabii ittiin dhoorkamu ilaaluuf yaalla.

1.2. GAAFFII BARREEFFAMICHAAN DEEBI’UU QABU

SDFY KEW.67 haallan mirgi wabii itti dhorkamuu danda’an keessaa tokko 67(A) jalatti dirqama wabii irratti ibsame  kan  raawwatu ta’ee yoo hin mul’annee dha. Gaaffiin asirratti deebii barbaadu; –

  • dirqama wabii hin raawwatu jedhanii tilmaamuuf dhimmi ilaalamuu ykn mirkana’uu qabu maali?
  • Iyyataan dirqama barreeffamee wabii irratti ibsamee jiru kan raawwatu ta’ee yoo hin mul’anne 

Asirratti Abbaan Alangaa  kewt 67(A) caqasuun shakkamtoonni ykn  himatamaan miliquu waan danda’uuf jechuudhaan qofa  mirga wabii isaa nuuf haa dhoorkamu jedhanii dhiyeessu   akka hin qabne hubatamuu qaba..

 Abbaan Alangaa  Manni Murtii  shakkamtoonni miliquu danda’u jedhee tilmaamuu akka danda’u wanta qabatamaa ta’e mana murtiidhaaf dhiyeessuu qaba.

 Abbaan Alangaa  waa’ee   Amala himatamaa, Haala jireenya isaa (fkn,teessoo,maatii, iddo jireenya   dhabbata kan qabu ta’u),Nama naannoo kana gadhiisee miliqee iddoo kan biraatti jiraachuu danda’a  jedhamee kan shakkamu ta’uu fi dhiisuu fi kkf qorachuun

Yakka raawwatamee fi eenyummaa namichaa madaaluudhaan shakkamaan kun Mana Murtichaatti deebi’ee dhiyaatuu akka hin dandeenye ta’uu isaa tilmaamni akka fudhatamuuf carraaquu qaba.  Dhimma kanaan wal qabatee rakkoowwan jiran yeroo tokko tokko Ragaan deeggaruu dhabuun ni mul’ata.

  • Kanaafuu Wanta qabatamaa ta’e shakkamaan ykn himatamaan mana murtiitti dhiyachuu hin danda’u jedhamee shakkisiisuu danda’u jirachuun isaa sirritti qulqulla’uu qaba.

federashini-itiyo-fi-qodinsa-ango-qabenya-umaamaa pdf download hear.

1.3. DHIMMA QABATAMAA

Dhimma kana ilaalchisee dhimma qabatamaa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa dhaddacha ijibbaataatiin murtaa’e tokko Haa xinxaalluu;

Mirga Wabii waliin walqabatee Manneen murtii Mirga  wabii himatamaa dhoorkuuf baay’inni himannaa yakkaa ittiin himatamanii fi ulfatina yakkichaa ka’umsa godhachuu akka danda’amu  S/D/F/Y kwt 67(A)  ilaalchisee   Jildii 12ffaa Lakk.galmee IJibbaataa 59304  ta’e irratti  dhimma  Iyyattoota Jara  Obboo Ayyaalew Tasammaa  fa’aa nama sadi fi  Waamamaa Abbaa Alangaa Abbaa Taayitaa Galiiwwanii fi Gumurukaa  Itoophiyaa  obbo Isheetuu W/Samaayaat  fa’aa nama sadi gidduu turerratti  murtii manneen murtii jalaa cimsuun murteesse baay’ee gaarii fi keewwata kana ilaalchisee daran iftoomina kan uumee dha.

Dhimmichi sirritti akka hubatamuuf jecha Murtii dhaddachi Ijibbaataa Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa kun kenne  guutummaatti Akka itti aanutti gara Afaan Oromootti hiikamuuf yaalamee jira .

dhimmichi gochi yakkaa raawwatameera jedhamee himata dhiyaate hordofee gaaffii mirga wabii ka’e kan ilaaluu dha. Dhimmichaan Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti himataa kan ta’e Waamamaa ammaa ykn deebi kennaa A/Alangaaa  Abbaa taayitichaatiin Iyyattoota irratti himata bu’uuresseera.  Iyyataa ammaa 1ffaa irratti himata 11 Iyyataa ammaa 2ffaa  irratti himata shan  iyyataa 3ffaa irratti Himata 6(jaha) hundeessuu isaanii jala murtiin mana murtii jalaa ni addeessa. Iyyattoonni gaaffii mirga wabii kan dhiyeessan gochoonni yakkaa himata keeessatti ibsaman mirga wabii kan dhoorkisiisu miti jechuun yoo ta’u ,Abbaan alangaa immoo  gaaffii iyyattootaa kana kan morme iyyattoota irratti himatni dhiyaate waggaaa 15 ol adabsiisuu danda’a,Iyyattoonni wabiin yoo bahan dirqama wabii isaanii kabajanii mana murtii hin dhiyaatan ,yakka biroo raawwachuuu danda’u ,ragoota bituun ykn sossobuun ykn ragaa waan tahu balleessuu danda’u sababoota jedhuun S/d/f/y kwt 63,67/a/,/b/,/c/, caqasuudhaani .

Kana booda Manni murtii jalaa garee lamaan irraa falmii dhiyaatan qoratee iyyattoonni himatni yakkaa ittiin himataman ulfaataa ,daddabalamaa ta’uu isaaniitiif iyyattoonni mirgi wabii isaanii yoo kabajameef dirqama wabii isaanii kabajuu danda’u amantaa jedhu horachuu kan danda’amuu miti  sababa jedhu kennuunii fi S/D/F/Y kwt 67(A) qofa  caqasuun gaaffii mirga wabii iyyattootaa kufaa taasisee jira. Murtee kanaan waliigaluu dhabuun  iyyattoonni oliyyatasaanii  mana murtii waliigalaa Federaalaatti dhiyeeffataniis fudhatama hin arganne. Iyyatni Ijibbaataa ammaa kan dhiyaateefis murtii kana mormuudhaan jijjiirsisuufidha, Nutiis Abukaattonni iyyattootaa Waxabajjii 30,2002 iyyata barreeffamaan dhiyeeffatan ka’umsa godhachuudhaan Waamamaa dhiyessisiifne falmicha barreeffamaan akka taasisan goonee jirra. Iyyatichi Dhaddacha ijibbaataatiin akka ilaalamu kan murtaa’e gaaffii mirga wabii iyyattootaa manni murtii jalaa kufaa yeroo taasisu qabxiileen akka sababaatti qabatan s/d/f/y kwt 67(A) jalatti qabxii tuqame qabxii bu’uuressaa [firii dubbii keewwaticha bu’uureessan] ta’uu fi ta’uu dhabuu qorachuuf jecha. Waan ta’eefis gama kanaan Falmiin Abukaattonni iyyattootaafi Abbaan Alangaa dhiyeessan Murtii Iyyattichi irratti dhiyaateefi Seeraa waliin walbira qabnee ilaallee jirra. Manneen murtii jalaa Iyyattoota irratti tumaaleen caqasaman matuma isaanii wabii kan dhoorkisiisan akka hin taane dhimma hubatee fudhatee dha. Kana waan ta’eefis Iyyattoonni mirgi wabii isaanii akka eegamuufif mana murtii himaticha ilaaluuf gaaffii dhiyeessanii jiru.

abdusalaam-xinxaala-murtii-dhaddacha-ijibbattaa-jildii-24ffaa xinxala kanaan duuraa asii argadhaa.

Bu’uurarraa Mirgi wabii Mirga Heera Mootummaatiin eegumsa argate mirga bu’uuraa namoota qabamanii keessaa isa tokkoo dha. Heera Mootummaa  FDRI keewwata 19(6) jalatti namootni qabaman  wabiidhaan gadhiifamuuf mirga kan qaban ta’uu sadarkaa qajeeltootti kan kaa’e yoo ta’u ,mirgi heera mootummaatiin kabajame ‘mirgi bu’uuraa kun ‘ dhoorgamuu,daangeffamuu, ykn mirkaneessa wabii gahaa ta’e akka dhiyeessu kan taasisu tarreeffama seeraa rogummaa qaban biroo irratti hundaa’uun haala adda ta’een ta’uu akka qabu tumaan heera mootummaa kun ifaan agarsiisa. Mirgi wabii mirga bu’uuraa mirga heera mootummaa ta’uus mirga daangaa hin qabne osoo hin taane Akkaataa seeraatiin dhoorgamuu kan danda’uu dha. Waan ta’eefis Gaaffiin wabii fudhatama qabaa? moo fudhatamaa hin qabu ? kan jedhu irratti manni murtii mana murtii kennu ta’uu wajjiin gama kanaan seera addaa rogummaa qaban bu’uura godhachuun dhimmicha madaalee murtii kennuu akka qabu ifaa dha. Dhimma Harkaa qabnuun gaaffiin wabii iyyattootaa kan keessummeeffame S/D/F/Y kwt 67 bu’uura godhachuuni Tumaan kun haalota iyyata xalayaa wabummaatiin gadidhiifamuu itti hin danda’amne kaa’ee jira. Manneen Murtii jalaa Gaaffii wabii iyyattootaa fudhatama kan dhabsiise tumaa caqasame qubee ‘A’ jalatti haala kaa’ame caqasuudhaani. Dhugumatti Tumaan kun dirqama xalayaa wabummaatiin kaa’ame iyyattootni kan  raawwatan kan hin fakkaanne akka ta’e gaafficha kufaa taasisuun akka danda’amu agarsiisa.  Asirratti dhimmi ol’aanaan hubatamuu qabu garuu tumaa kana gama hojiirra oolchuutiin manni murtii sababootni ilaalcha keessa galchuu qabu maali ?ta’uu kan qabuu dha.  Manni Murtii wabii dhoorkuudhaaf haalotni tilmaama isaaf ka’umsa godhatu tumaa caqasameen ifatti hin kaa’amne . Akkana yoo ta’e himatamaan tokko mirgi wabii yoo eeggameef dirqama isaa kan raawwatu hin fakkaatu jedhamee tilmaama kan fudhatamu sababani gahaa fi seera qabeessa ta’uu kan danda’u ta’uu qaba jedhamee kan amanamu yoo ta’u sababootni gahaa fi seera qabeessa dhimmi jedhu haalota adda addaa  naannawa jiran fi Amala addaa dhimmichaa irraa ka’uun ta’uu akka  qabu Qabxii  manni murtii hubachuu danda’u jedhamee kan yaadamuu dha. Tumaan S/D/F/Y kwt 67 akkaataan itti bocamee fi qabiyyeen isaa akka waliigalaatti yoo ilaalamu Manni murtii mirga wabii haalota   itti dhoorgu kan hubachiisu yoo ta’u  sababoota manneen murtii haalota adda addaa irratti hundaa’uun madaalamuu kan qabanii dha. Gama dhimma qabanneetti yoo deebinuus manneen murtii jalaa gaffii mirga wabii iyyattootaa kufaa kan taasisan wabiidhaan yoo bahan dirqama wabummaa kabajanii argamu jechuudhaaf kan danda’amu miti sababa jedhuuni. Tilmaama kana bu’uurri isaa  himata iyyattoota irratti dhiyaate baay’inaa isaa fi cimina yakkichaa fi bu’aa inni hordofsiisuu dha. Manni murtii jalaa yakkoonni cimaa fi daddabalamaa ta’uu isaanii tilmaamichaaf ka’umsa godhatanii jiru.  Manni murtii sababoota kanneen irratti hundaa’uun wabii dhoorkaniiru. Sababa kana immoo ka’umsa akka hin godhatne  seeraan dhoorkamaa dha jechuun hin danda’amu. Seerichi mana murtiitiif Aangoon mana murtiitiif kan kenname ta’uun kan amanamu yoo ta’e , Manni murtii jalaa sababa seera qabeessa bu’uura osoo hin godhatin murtii kan kenne ta’uun mirkanaa’uu qaba.  Dhaddachi  ijibbaataa kuniis Heera Mootummaa FDRI Kwt 80(3)(A) fi Labsii Lakk.25/1988 kwt 10 irratti hundaa’uun Aangoo kennameefin  murtii dhumaa kamiyyuu dogoggora seeraa isa bu’uura qabu sirreessuu dha.  Waan ta’eefis Manneen murtii jalaa Heera Mootummaa FDRI kwt 19(6) fi S/D/F/Y kwt 67(A) irratti hundaa’uun murtiin kennan Aangoo seerri kenneef irratti hundaa’uun murtii kennan jedhamuu irraa kan hafe gama  akkaataa hiikkoo seeraa fi hojiirra oolmaa seeraatiin dogoggora seeraa bu’uuraa qaba jechuunin hin danda’amne.

 

Akka Waliigalaatti Dhimma armaan olii irraa kan hubatamu

Himatni yakkaa himatamtoonni ittiin himataman dhimmi shakkamaan ittiin shakkame  ulfaataa  fi ,daddabalamaa ta’uu isaaniitiif  himatamtoonni dirqama wabii isaanii kabajanii mana murtiitti deebi’uu hin danda’an jedhamee tilmaama fudhachuun mirga wabii dhoorkuun  akka danda’amu ,kana malees dhimmootni  biroo himatamaan dirqama wabii isaa kabajee mana murtiitti dhiyachuu hin danda’u jedhamee shakkisiisuu danda’u  jirachuun isaa sirritti qulqulla’uun yoo dhiyaate mirga wabii dhoorkisiisuun akka danda’amu hubatamuu qaba.

 

 

MHAAGJ

Featured

Barruu Xinxala seeraa.

Barrun kuni xinxala Murtii Dhadacha Ijibbaata Federaalaa Lakk 16816 ta’e irrattii taasifamee. Seera Yakkaa bara 1996 bahee kewwata 555 fi 556 bu’ureffachuun xinxala godhamee dha.

Qophessaan:- Abdussalam Mohammed

Mana Hojii AA God jimmaattii Abbaa Alangaa Aanaa Sigimoo
1.1 seensa.

Akkuma beekkamu tumaaleen seera yakkaa baay’inaan hojiirra ooluu fi yeroo baay’ee qabatama hojii keessattis walfalmisiisaa ta’e tumaalee seera yakkaa biyya keenyaa yakkoota qaamaa fi fayyaa namaa irratti raawwatamuun walqabatee jiru isa tokkoo dha. Garaagarummaa ejjannoo Tumaalee kanneniin dhiphisuun walqabatee dhaddacha ijibbaataatiif dhimmi dhiyaatee murtaa’e baay’inaan hin mul’atu. Haa ta’u malee dhiheenya kana murtiin dhaddachi ijibbaataa Mana murtii waliigalaa Federaalaa dhimma tumaa seera yakkaa kwt 555 fi 556 ilaalchisee murtii dirqisiisaa kenne immoo daran falmisiisaa fakkaata. kunis dhimma dhiyaateef ilaalchisee murtee yemmuu kennan yakki tokko miidhaa qaamaa cimaa kwt 555 ta’uuf meeshaan fayyadamuu akka ulaagaa ta’eetti tahuu qaba yaada jedhu of keessatti kan calaqqise waan ta’eef .
Barreeffamni gabaabaan kunis dhimma murtii dhaddacha ijibbaataa kanaan kenname ilaalchisee yaada ogummaa bu’uura seera yakkaa biyya keenyaa jalatti kaa’ameen maal fakkaata jedhu irratti kan qophaa’ee yoo ta’u gaaffileen barreeffachichaan deebisuuf yaalamus ;
• Maalummaan miidhaa qaamaa cimaa fi salphaa itti yaadamee raawwatamuu seera yakkaa keenya jalatti haala kamiin ibsama.?


• Dhimma Namni yakki miidhaa qaamaa irratti raawwatamee lafeen isaa cabee fi cabuun isaas mana yaalaan mirkanaa’e ragaan mana yaalaa dhiyaate, kan kufuu qabu S/Y RDFI kwt 555(c) jalatti moo 556(1) jalatti ?miidhaa qaamaa cimaaa 555(c) jalatti himata banuuf yakkichi meeshaan raawwatamuu fi haala biraan raawwatamuun ulaagaa dha ? kan jedhu dha.
• Garaagarummaan kwt seera yakkaa 555 fi 556(1),556(2)a,b fi c maali ?

Midiyaa Mana Hojii AA Godina Jimmaa

Maalummaa yakka miidhaa qaamaa cimaa fi salphaa itti yaadamee raawwatamuu seera yakkaa keenya jalatti yoo ilaallu
Yakki miidhaa qaamaa gosoota yakkaa qaamaa fi fayyaa namaa irratti raawwataman keessaa tokko;ta’ee Mirga bilisummaa fi nageenya qaamaa mirga namoomaa Heerri Mootummaas ta’ee tumaawwan walii galtee idila addunyaa biyyattiin mallateesiteen fudhatama argatee sarbuu dha. Seerri yakkaa keenyas haguuggi kenneefi jira.
Miidhaa Qaamaa Cimaan
Kwt 555. Namni kamiyyuu itti yaadee;
a. Lubbuu miidhamaaf haala yaaddeessuun yokiin qaama yokiin sammuu isaa irra mudaa yeroo maraa fiduun nama biro irratti miidhaa kan geesssise yoo ta’e yoki,
b. Qaama yokiin kutaa qaamaa yokiin qaamolee miiraa barbaachisoo ta’an nama biro keessaa tokkko kan hir’ise,akka hin tajaajille kan taasise yokiiin,hala suukanneessaa fi ifatti mul’atuun bifa isaa kan balleesse yoo ta’e yokiin
c. Karaa biroo kamiiniyyuu miidhaa yokiin dhukkuba cimaa nama biro irraan kan gahe yoo ta’e ,
Akka haala dubbichaafi akka ulfaatina miidhichaaatti hidhaa cimaa waggaa kudha shan hin caalleen yokiin hidhaa salphaa waggaa tokkoo gadi hin taaneen ni adabama. jechuun tumamee jira.


Seerri yakkaa keenya yakki kun ‘kana’ jechuun hiikkoo itti kennuu baatuus Seerichi jiraachuu yakkichaa adda baafachuuf akka ooluuf qofa bu’aawwan yakkichi hordofsiisuu qabu tarreessee kaa’uf yaalee jira.
• Kana irraa kan hafe seerichi gosa miidhaawwan kanneenif hiikaa hin kennu.
• Yakka ta’e jedhamee qaamaa yookin sammuu namaa irraatti miidhaa cimaa geessisuuf raawwatamuu dha.
• Haalli raawwii yakkichaas cimaa, hammeenyummaa kan qabuu fi miidhaan geessissus cimaa dha.
• Kanaaf, miidhaan gahe tokko akka midhaa qaamaa cimaatti kan lakkaa’amu miidhaan kun:
 qaamni nama miidhaan irra gahe sun Haala uumaan isa uumteen guutee argamuu irraa dhaabbin yoo hir’ise yookin
 Lubbuu miidhamaaf haala yaaddeessuun yokiin qaama yokiin sammuu isaa irra mudaa yeroo maraa fiduun nama biro irratti miidhaa kan geesssise
 Dhaabbiin bifa isaa yoo balleesse ykn
 dhaabbiidhaan akka hin tajaajille yoo taasisee .
 miidhaa ykn dhukkuba cimaa irraan gahe dha.
Keessattuu immoo gaaleewwanii fi jechootni s/y kwt 555(b) jalatti seerichi miidhaa kana ibsuuf fayyadame ilaaluun barbaachisaa dha.
• qaama hir’isuu
• tajaajila akka hin kennine gochuu fi
• bifa balleessuu
• miidhaa ykn dhukkuba cimaa irraan gahuu kan jedhu irraa kan hubatamu gosti miidhaa qaamaa s/y kwt 555/ a, b, ykn c jalatti haguuggamu ciminaa fi dhaabbataa ta’uu miidhaa gaheeti.
Miidhaa qaamaa salphaa 556 yoo ilaalle
• Yakka qaama nama irratti miidhaa geessisuuf yaadamee raawwatamuu dha. Haa ta’u malee, haalli raawwii isaa fi miidhaan gocha kanaan gahu salphaa kan ta’ee dha.
Keewwatni 556 miidhaa qaamaa salphaa iti yaadamee raawwatamu ilaalchisee akka kanaa gadiitti ibseera.
Kwt 556 Miidhaa qaamaa salphaa

  1. Namni kamiyyuu haalaawwan keewwata 555 jalatti ibsamaniin ala ,itti yaadee qaama yokiin fayyaa namaa irratti miidhaa kan geessise yoo ta’e,
    Iyyannoon dhuunfaa yommuu irratti dhiyaatu hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalleen yokkiin adabbii maallaqaatiin ni adabama.
    2.Gochichi himannaa yakkaa dhiheessuun kan adabsiisuu fi adabichi hidhaa salphaa ji’a jahaa hanga waggaa sadii gahuu danda’u kan ta’u;
    a.Balleessichi miidhaa kan geessise summiidhaan yokiin meeshaa ajjeesuun yokiin meeshaa biroo miidhaa qaamaa geessisu danda’u kamiiniyyuu fayyadamuun yoo ta’e yokiin
    b.Balleessichi dirqama oogummaa yokiin kan biro cabsuun miidhaa kan geessise yoo ta’e yokiin
    C.Miidhamtichi dadhabaa ,dhukkubsataa yokiin ofirraa ittisuu hin dandeenye yoo ta’eedha.jechuun caqaseera.
    Mee dhimmoota keewwattoota miidhaa qaamaa kana lamaaniin haguugaman caalatti hubachuuf dhimma qabatamaa dhaddachi ijibbaataa Mana Murtii waliigalaa Federaalaa Jildii 24ffaa lakk.galmee 168166 ta’e irratti murteesse haa xinxaalluu;
    Murtichi hamma tokko kallattiidhaan afaan amaaraa irraa gara afaan Oromootti hiikamu akka itti aanutti yaalamee jira ;
    { Dhimmichi Iyyataa Obbo Yiggazuu Burzee fi Deebi kennaa A/Alangaa Biiroo Haqaa Naannoo Sabaaf sablammootaa fi ummattoota kibbaa gidduutti falmii gaggeeffame ilaalchisee murtee kenname yoo ta’u,}
    {…..dhimmi falmisiisaan kun kan eegale Naannoo Sabaaf sablammootaa fi ummattoota kibbaatti Mana murtii sadarkaa jalqabaa Magaalaa Arbaa Minciitti dhiyaate iyyataan ammaa (himatamaan) obbo Yiggazuu Burzee Seera yakkaa kwt 555(c) irra darbuun fulbaana guyyaa 17, bara 2009 halkan irraa sa’aatii 4:00 yoo ta’u Ganda Wuhaa minci Giroosarii Ibaayaa keessatti miidhamaa dhunfaa Tsaggaa Wayshoo jedhamu boksii fi testaadhaan gara bitaa lafee areeddaa rukutuun lafeen boqoo isaa gara bitaa akka cabu taasisuu isaatiif yakka miidhaa qaamaa cimaa raawwateera jedhamuun himatni irratti dhiyaatee jira. Manni murtichaa dhimmichi jalqaba dhiyaateef bitaaf mirga walfalmisiisuun kewwaticha jijjiiruun kwt 556(1) jalatti ofirraa ittisi jechuun jala murtii keenne booda ragaa ittisaa dhagahuun ragaa namaa fi barreeffamaa madaaluun himatamaa bilisa jechuun gaggeesse irraa komachuun deebi kennaan ammaa (himataan A/A) Mana murtii olaanaa naannawa Gaamootti ol’iyyata dhiheeffatuus manni murtichaa komicha fudhachuu dhiisuun iyyaticha haqee jira. Itti fufuun deebi kennaan murtii kenname mormuun Dhaddacha Ijibbataa Mana murtii waliigalaa naannichaatti iyyata ijibbaataa dhiyeessee manni murtichaa bitaaf mirga erga walfalmisiisee booda murtii mana murtii jalaa diiguun himatamaan yakka A/Alangaa himata irratti dhiyeesse raawwachuun isaa mirkanaa’e jira .Himatamaan ragaa ittisaa dhiyeeffateen ofirraa hin ittisne jechuun kwt seera himatni jalatti dhiyaate kwt 555(c)jalatti murtii balleessitummaa kennee jira. Manni murtichaa yaada adabbii bitaaf mirgaa erga fudhatee booda adabbicha bu’uura qajeelfama adabbii lakk.2/2006tiin herreguun Himatamaa adabbii hidhaa cimaa waggaa lamaa fi ji’a sadiin akka adabamu murteessee jira.Iyyatni Ijibbaataa ammaa kan dhiyaate murtii mana murtii jalaatiin kenname kana mormuun kana akka sirratuufidha.
    Iyyataan Mana murtii jalaatiin dogoggora raawwatmeera jedhu tarreessuun kan dhiyeesse yoo ta’u.Qabxiileen bu’uuraa komii isaa akka waliigalaatti yoo ilaalamu,Manni murtii waligalaa dhaddachi ijibbaataa naannichaa yakka raawwachuun koo osoo hin mirkanaa’in murtii balleessummaa akkasumaas Ragaa bitaa fi mirgaa haalli itti madaalee fi murtii manneen murtii jalaa lameeni diiguuf sababni inni kenne qajeeltoo bu’uuraa madaalli ragaa kan hin hordofne tahuun murtichi dogoggorri seeraa bu’uura kan irratti raawwatame tahuu ibsuun akka sirratu gaafachuu isaa kan agarsiisuu dha.dhimmichi qoratamee dhaddacha ijibbataa kanaaf akka dhiyaatu murtaa’uun deebi kennaan dhiyaatee barreeffamaanis falmii gaggeessee jira.
    Dhufaatiin dhimmichaa gabaabinaan qabiyyee olitti ibsame kan hammate yoo ta’u ,dhaddachi kuniis iyyata ijibbataa iyyataan dhiheeffate ,murtee iyyata ijibbataa kanaaf sababa ta’e fi tumaalee rogummaa qaban waliin ilaaluun ni dhiyeessisa jechuun ijoo dubbii qabate qofa qoratee jira.Akka qorannetti Galmichi Ijibbaataaf ni dhiyeessisa yoo jedhamu ijoo dubbii qabameen Iyyataa ammaatiin gochi yakkaa raawwatameera jedhame Haalli raawwii fi Meeshaa gochicha raawwachuuf fayyadamame irratti hundaa’uun balleessaadha jedhamuu kan qabu kwt seera yakkaa kwt 555(c) ?dha moo kwt seera yakkaa 556(1) bu’uura godhachuun?kan jedhu iyyataan boksii fi testaadhaan rukutuun qaama miidhamaa dhuunfaa irra miidhaa qaqqabsiisuu ilaalchisee manneen murtii jalaatiin falmii gaggeeffameen ragootaan kan mirkanaa’e yoo ta’u ,dhimmi adda durummaan deebii barbaachisu garuu firii dubbii ragootaan mirkanaa’e irratti hundaa’uun keewwata seera yakkaa rogummaa qaban dhimma adda baasuuti.
    Dhimma harkaa qabu irratti manneen murtii jalaatti kan dhagahaman jecha ragummaa ragootii abbaa alangaa yoo ilaalamu iyyataan iddoo fi yeroo himata keessatti ibsametti himatamaa waliin mana dhugaatiitti bashannanaa osoo jiranuu mana fincaanii gahee yoo deebi’u Hiriyaa isaanii dhukkubsatee baajaajii keessa ciisu Himatamaan bahi jennaaniin miidhamaan dhuunfaa baajaajiin keenya jedhee yoo itti dubatu himatamaan si’a tokko boqoo bitaa boksiidhaan fi testaadhaan rukutuusaa ragoomanii jiru.Ragaan ittisaa himatamaa immoo sibiilli laameraa rukutuun miidhaa akka irraan gahe ibsuun jecha ragummaa isaanii kennaniiru. Miidhaan qaqqabuu kan agarsiisu ragaan mana yaalaas dhiyaatee galmeen walqabachuu hubanneerra.Waan ta’eef Firii dubbii mirkanaa’e irraa iyyataan iddoo,yeroo fi tarreeffama haala raawwii yakkichaa himata keessatti ibsame irratti hundaa’uun Miidhamaa dhuunfaa kan ta’e Tsaggaa Waysoo boksii fi testaan kan rukute ta’uun ragaa A/Alangaatiin kan mirkanaa’e ta’uun,Gama iyyataatiin ragaan ittisaa dhiyaatee gama A/Alangaatiin ragaa namaa fi sanadaa dhiyaaten kan ragooman firii dubbii yakkichaa gaaffii keessa galchuun irra ittisuu kan hin dandeenye ta’uun mnneen murtii jalaatti dhimma mirkanaa’ee dha.
    Amma dhaddacha kanarratti dhimmi deebii barbaadu Iyyataadhaan raawwatamuusaa gochi yakkaa mirkanaa’e kun kan haguugamu kwt seera yakkaa 555 jalatti? moo kwt seera yakkaa 556(1) jalatii dha? qabxii jedhuu dha.dhimma harkaa qabnu irratti gochichi kan raawwatamee fi Iyyataan ammaa miidhaa qaqqabsiisuuf meeshaan itti Fayyadame ilaalchisee dhugumatti yakka miidhaa qaamaa cimaati ? moo miidhaa qaamaa salphaa kan hundeessuu dha?kan jedhu adda baasuun akka danda’amuuf Gochicha raawwachuuf iyyataan meeshaan fayyadame,kutaan qaamaa miidhamaa dhuunfaa gochichi irratti raawwatame ykn miidhaan irraa gahe akkasumaas haalli raawwii yakkichaa ilaalamuu kan qabu dha
    Bu’uurumarraa yakki tokko raawwatame kan jedhamu yakkicha kan hundeessan firiiwwan dubbii seeraa, gocha qabatamaa ,fi yaada sammuu raawwataa gochichaa iddoo tokkotti guutamanii yoo argaman qofaa akka ta’e labsii lakk.414/1996 seera yakkaa kwt 23(2) jalatti ifaan tumamee jira.kana waan ta’eef gocha tokko yakka dha jedhee murteessuuf firiiwwan dubbii seeraa, gochaa, fi yaada sammuu walitti qabamuun iddoo tokkotti argamuun dirqama. Firii dubbii seeraa kan jedhaman dhimmichaaf rogummaa qabu jedhamanii tumaalee caqafaman guutumaa guututti hundeessuuf qabxiilee guutamuu qabu yoo ta’u,Firii dubbii gocha qabatamaa fi firii dubbii yaada sammuu kan jedhaman immoo walduraa duubaan gochicha raawwachuu ykn raawwachuu dhiisuu fi kutaa yaada sammuu waliin haalota seeraan kaa’ame kan ilaallatu ta’uun beekkamaa dha.Kan biraa falmiin yakkaa namni tokko ofirraa akka ittisu ykn balleessaa jedhamuu kan danda’u Abbaan alangaa dirqama seeran irra kaa’ame diiqama hubachiisuu kan bahate tahuun yoo mirkanaa’e tahun beekkamaa dha. S/d/f/y kwt141 akkaataa tumaan itti bocamee fi qabiyyeen isaa , tumaaleen S/d/f/y kwt 111 fi 112 walitti qabamee yoo ilaalamus dhimma yakkaatiin Abbaan Alangaa akkaatuma himannichaatiin haala gahaa ta’een dirqama hubachiisuu akka qabu kan hubatamuu dha. ulaagaa madaallii ragaa seeraan kaa’ame kana bu’uura godhachuun gochi yakkaa raawwatamuu, eenyummaa nama gochicha raawwate,raawwii irrattii sadarkaa hirmaannaa mirkaneessuun dirqama ta’a. Abbaan alangaa kutaa yaada sammuu himatamaa hubachiisuu kan danda’u raawwii gochichaa mirkaneessuun yoo ta’u , raawwii gochichaa irraa , namni gochicha raawwate yakkicha yeroo raawwatu haala yaada sammuu raawwatichaa qaamni murtii kennu hubachuu kan danda’u ta’uun kan amanamuu dha.
    Qabiyyee fi hafuura seeraa kana qabannee gara dhimma harkaa qabnuutti yoo deebinees Qabiyyee galmichaa irraa hubachuun akka danda’ametti gochichi raawwatameera jedhame iyyataan raawwatamuun dhimma mirkanaa’e yoo ta’u,iyyataan gocha yakkaa kana raawwachuuf meeshaan fayyadame kan hin jirree fi boksii fi testaadhaan kan rukute ta’uun ragoolee abbaa alangaatiin dhiyaataniin kan mirkanaa’e ta’uun sadarkaa firii dubbiitti manneen murtii jalaatiin dhimma mirkanaa’ee dha.
    Miidhaa qaamaa cimaan itti yaadamee raawwatamu bu’uura seera yakkaa kwt 555(c)tiin raawwaticha gaafachiisu kan danda’u gochichi ta’e jedhamee karaa biroo kamiiniyyuu miidhaa qaamaa cimaa ta’e ykn dhukkuba nama biroo irra kan qaqqabsiise akka ta’e kan agarsiisuu dha. Namni tokko yaada olitti caqasamee fi raawwii gochichaa irratti hundaa’uun yakka raawwatee yoo argamee fi haalumti kun ragaan yoo mirkanaa’e himatamaan kwt kana jalatti balleessaa jedhamuu kan danda’u ta’uun qabiyyeen seerichaa ni agarsiisa.
    Dhimma harkaa qabnu irratti Iyyataan ammaa miidhamaa dhunfaa kan ta’e Tsaggaa Wayshoo irratti itti yaadee qaama miidhamaa kanaa irratti miidhaa kan qaqqabsiise yoo ta’u, miidhaa kan qaqqasiise booksii fi testaadhaan ta’uun fi miidhaa cimaa ta’e ykn dhukkuba miidhamaa irraan qaqqabsiisuun kan hin mirkanoofne ta’uun ,gochi kun seera yakkaa kwt 555 jalatti kan kaa’ameen ala waan ta’eef gochi iyyataan ammaa raawwate seera yakkaa kwt 556(1)jalatti tumaa kaa’ame irra darbuu akka ta’e kan agarsiisuu dha.
    Waan ta’eef gochi yakkaa iyyataan raawwate mana murtii jalaatiin murtiin balleessitummaa tumaan seeraa kan hin haguugne ta’uun Dhaddachi ijibbaataa mana murtii waliigalaa naannichaa iyyataa kwt seera yakkaa 555(c)jalatti balleessaa dha jechuun adabbii murteessuun isaa sirrii waan hin taaneef ,gocha yakkaa iyyataan raawwachuun mirkanaa’e seera yakkaa 556(1)’n tumaa seeraa kaa’ame irra darbuun balleessaadha jenneerra…….}

Dhimma armaan olii yoo ilaalle Dhaddachi ijibbaataa Mana murtii waliigalaa Federaalaa dhimma dhiyaateef ilaalchisee murtii keessatti yeroo ibsan;
Murticha keessatti qabxiin bu’uura komiif sababa ta’e tokko Akkaataa Madaalliin ragaa qajeeltoo bu’uuraa madaallii ragaa kan hin hordofne ta’uu ibsuun ,
Gama tokkoon dhimmi adda durummaan deebii barbaachisu garuu firii dubbii ragootaan mirkanaa’e irratti hundaa’uun keewwata seera yakkaa rogummaa qaban dhimma adda baasuu akka ta’e fi Gama kaaniin immoo …..Firii dubbii mirkanaa’e irraa iyyataan iddoo,yeroo fi tarreeffama haala raawwii yakkichaa himata A/A keessatti ibsame irratti hundaa’uun Miidhamaa dhuunfaa kan ta’e Tsaggaa Waysoo boksii fi testaan kan rukute ta’uun ragaa A/Alangaatiin kan mirkanaa’e ta’uun,Gama iyyataatiin ragaan ittisaa dhiyaatee gama A/Alangaatiin ragaa namaa fi sanadaa dhiyaaten kan ragooman firii dubbii yakkichaa gaaffii keessa galchuun irra ittisuu kan hin dandeenye ta’uun manneen murtii jalaatti dhimma mirkanaa’e tahuu ibsee jira.
Kana irraa kan hubatamu ragaan namaa fi sanadaa (mana yaalaas) bu’uuruma himannaa abbaa alangaatiin kan mirkaneessan akka ta’ee dha.Kunis miidhaa miidhamaa dhuunfaa irraa gahe ilaalchisee boqoon bitaa isaa cabuu ragaa mana yaalaatiin dhuguma mirkanaa’e taanaan keewwatni seera yakkaa jalatti kufuu qabu baay’ee kan nama walfalmisiisu miti.
Kaayyoo Barreeffama kanaatiif immoo Ijoo dubbii dhaddachi kun qabatee fi xinxaala ulaagaa miidhaa qaamaa cimaa SY kwt 555 adda baasuuf murticha keessatti calaqqise qofa irratti xiyyeeffanna .

  1. Ijoon dubbii qabatame gaaffii biroo kan uumuu dha. kunis
    …ijoo dubbii qabameen Iyyataa ammaatiin gochi yakkaa raawwatameera jedhame Haalli raawwii fi Meeshaa gochicha raawwachuuf fayyadamame irratti hundaa’uun balleessaadha jedhamuu kan qabu kwt seera yakkaa kwt 555(c) ?dha moo kwt seera yakkaa 556(1) bu’uura godhachuun? jechuun ijoon dubbii kan qabatan yoo ta’u.
  2. Xinxaala murtichaa keessatti akka ibsametti
    …..Qabiyyee fi hafuura seeraa kana qabannee gara dhimma harkaa qabnuutti yoo deebinees Qabiyyee galmichaa irraa hubachuun akka danda’ametti gochichi raawwatameera jedhame iyyataadhaan (Himatamaa jalaatiin ) raawwatamuun dhimma mirkanaa’e yoo ta’u,iyyataan gocha yakkaa kana raawwachuuf meeshaan fayyadame kan hin jirree fi boksii fi testaadhaan kan rukute ta’uun ragoolee abbaa alangaatiin dhiyaataniin kan mirkanaa’e ta’uun sadarkaa firii dubbiitti manneen murtii jalaatiin dhimma mirkanaa’ee dha… jechuun ibsa.
    Qabxiilee lamaan olii kana irraa wanti hubatamu Ejjannoon Dhaddacha ijibbaataa MMWF kun ulaagaa miidhaa qaamaa cimaa seera yakkaa kwt 555 jalatti kufu adda baasuuf qabu meeshaa gocha yakkaa raawwachuuf itti fayyadamame akka ta’ee dha.
    Akkuma jalqaba irratti ilaaluuf yaalle Seera yakkaa biyya keenyaa kwt 555 miidhaa qaamaa cimaa itti yaadamee raawwatamu yoo ilaallu
    Seerri yakkaa keenya yakki kun ‘kana’ jechuun hiikkoo itti kennuu baatuus Seerichi jiraachuu yakkichaa adda baafachuuf akka ooluuf qofa bu’aawwan yakkichi hordofsiisuu qabu qofa tarreessee kaa’uf yaalee jira. Keessattuu immoo gaaleewwanii fi jechootni s/y kwt 555 jalatti seerichi miidhaa kana ibsuuf fayyadame ilaaluun barbaachisaa dha.
    • Lubbuu miidhamaaf haala yaaddeessuun yokiin qaama yokiin sammuu isaa irra mudaa yeroo maraa fiduun
    • qaama hir’isuu
    • tajaajila akka hin kennine gochuu fi
    • bifa balleessuu
    • miidhaa ykn dhukkuba cimaa irraan gahuu kan jedhu irraa kan hubatamu gosti miidhaa qaamaa cimaa s/y kwt 555/ a, b, ykn c jalatti haguuggamu kun gosa miidhaa qaamaa salphaa itti yaadamee raawwatamu irraa kan itti addaan baafnu miidhaa qaqqabe ykn bu’aawwan gochi yakkichaa hordofsiise qofa irratti hundaa’uun akka ta’ee , meeshaanis ta’ee waan biraatiin yoo raawwatame. Ragaa mana yaalaa qofa ilaaluun miidhaan qaamaa akkamii akka qaqqabe adda baasuun kan danda’amuu dha. meeshaa qofa irratti hundoofnee adda baafamuu qaba yoo jenne,kaayyoo seera yakkaa galmaan gahuun hin danda’amu. haqaatu jallataa. raawwataan yakkaa badii raawwateef adabbii walmadaalaa argachuu hin danda’u waan ta’eef.fkn nama kaballaan gurra nama duuche ,boksiidhaan ilkaan nama irraa cabse, qubaan ija nama jaamse fi kkf. meeshaan hin fayyadamne kanaaf seera yakka 555 jalatti kufuu hin qabu yoo jenne kaayyoo haqaa galmaan gahuun hin danda’amu. As irratti falmiin yeroo tokko tokko ka’u kutaa yaada sammuu raawwatichaan walqabatee ti. kuniis jalqabamu irraa namni tokko yeroo qaama namaa salphaatti miidhamuu danda’u irra miidhaa qaqqabsiisuuf gochicha raawwatu bu’aan gochichaa maal akka ta’u cimaa dha moo salphaa akka ta’u itti yaadeetuma akka raawwatu tilmaamuun nama kamiyyuu waan rakkisuu miti. dhimmi armaan oliis kanaan adda miti himatamaan Boksii fi Testaadhaan gaafa boqoo irraa nama rukutu bu’aan isaa miidhaa cimaa akka qaqqabsiisu itti yaadeetuma raawwate,fuulli namaa qaamolee salphatti miidhamuu danda’u baay’ee qaba. yeroo boksiin rukutu ilkaan ykn ija yoo ta’ees gaafa boksiin rukutu san yaadni sammuu himatamticha miidhuma qaamaa cimaa geessisuu akka ta’e ifa.
    Dhimma olitti ibsame jalatti Ragaan sanadaa( mana yaalaa) miidhaa miidhamaa ilaalchisee fayyeera osoo jedhe illee lafeen isaa cabee fi cabuun isaas mala yaalaan mirkanaa’e garuu adeemsa yaalaa taasifameefin fayyee fayyeera jedhamee ragaan mana yaalaa osoo dhiyaates, kan kufuu qabu S/Y RDFI kwt 555(c) jalatti malee 556(1) jalatti miti. Sababnisaas Yakki miidhaa qaamaa yakka bu’aan isaa yeruma gochisun raawwatamutti argamu/instantenous crimes/ dha. S/Y kwt 25/1/[yeroo fi iddoon yakki itti raawwatame iddoo fi yeroo yakkamaan gocha yakkaa itti raawwateedha.] . Kanaafuu yeroo rukutamu cabnaan yoo ergasii fayyeellee kwt 555 jalatti kufa. Dabalataanis lafeen cabe tokko yoo fayye jedhamellee akka duraatti hin deebi’u. kana malees Kan adabamu yaada sammuu raawwataa gochichaa yeroo gochi sun raawwatamu ture waan ta’eefidha.
    Qabxiin biroo dhimma armaan oliitiin walqabatee ka’u haalli ulaagaa meeshaa fayyadamuu fi dhiisuu qofaan dhaddachi ijibbaataa miidhaa qaamaa cimaa kwt 555(c) fi miidhaa qaamaa salphaa 556(1)jalatti adda baasuuf fayyadameedha.Garaagarummaa keewwattoota kana lamaanii yoo ilaalle ;
    garaagarummaan isaa kan irratti hundaa’u ,meeshaa yakkichi ittiin raawwatame qofa osoo hin taane miidhaa qaqqabe ykn bu’aa gochi yakkaa raawwatame irratti hundaa’uun akka ta’ee keewwattan lamaan dubbisuun ni hubatama, Miidhaan 555(c) jalatti ibsame miidhaa cimaa fi meeshaan raawwatamus waan biraan raawwatamuus bu’aa gocha yakkichaatu ilaalama 556(1) immoo meeshaan osoo hin taane haala biraatiin kan raawwatamuu ta’uus kwt 555 irraa adda baasuuf adda durummaan kan ilaalamu cimina miidhaa qaqqabeeti. Kunis;tumaa keewwatichaa yoo ilaallu;
    Kwt 556 Miidhaa qaamaa salphaa
  3. Namni kamiyyuu haalaawwan keewwata 555 jalatti ibsamaniin ala ,itti yaadee qaama yokiin fayyaa namaa irratti miidhaa kan geessise yoo ta’e,
    Iyyannoon dhuunfaa yommuu irratti dhiyaatu hidhaa salphaa waggaa tokko hin caalleen yokkiin adabbii maallaqaatiin ni adabama.
    Gaaleen kwt 556(1) jalatti ….haalawwan kwt 555 jalatti ibsamaniin ala ….jedhu kan agarsiisu keewwattan lamaan adda baasuuf miidhaan qaqqabe cimaa ykn salphaa ta’uun ulaagaa ta’uu agarsiisa. osoo kanaan adda baasuuf yaaduu baatee seera baastonni ….haalawwan kwt 555 fi 556(2a,b,c) jalatti ibsamaniin ala…jechuun seera kana tumuu wanti isa daangessu hin turre.
    Garaagarummaan kwt seera yakkaa 555 fi 556(1),556(2)a,b fi c yoo ilaalamu.
    Tumaawwan S/Y RDFI kwt 555 fi 556(2)(a) adda kan bahan cimina ykn salphina miidhaa gaheen qofa osoo hin taane meeshaa yakkichi ittiin raawwatame irratti hundaa’udhaan ta’uu qaba .
    Yakki miidhaa qaamaa cimaan meeshaa gosa kamiinuu haa raawwatamu ykn meeshaan ala haala kamiinuu haa raawwatamuu Cimina miidhaa qaqqabee ilaaluun kan ittiin bulu tumaa S/Y RDFI kwt 555 yoo ta’u, yakki miidhaa qaamaa salphaan garuu meeshaa ittiin raawwatame(556(2a), dirqama irra darbamee raawwatame(556(2b) ,ykn haala nama yakkichi irratti raawwatamee(556(2c) irratti hundaa’uun kan ilaalamuu dha.
    S/y kwt’n 556 miidhaa qaamaa salphaa kewwattoota xixxiqqaa 1 fi 2 jalatti gosa lamatti adda qoodeera. Lamaan isaanii immoo waanti tokko taasisus adda godhus ni jira.
    • Tokkummaan Isaanii yakka miidhaa qaamaa salphaa ta’uu isaaniti.
    • Kun kan hubatamu kewwattootni xixxiqqan kunneen lamaan kan wal-irratti rarra’an ta’uu isaaniirraayi ykn cita xiqqaa keewwata tokkoo ta’uu dha.
    Garaagarummaan yakka Miidhaa qaamaa kwt 556/1/ ykn 556/2/ jalatti kufuu cimina ykn salphina miidhaa gahee osoo hin taane, meeshaa yakkichi ittiin raawwatame,(556(2a) dirqama darbamee yakkichi rawwatamee(556(b) ykn haala nama yakkichi sun irratti raawwatamee (556(2c)) dha. Lamaan isaatu yakkuma Miidhaa Qaamaa salphaa ilaallatu.
Featured

Qajelfama Madaallii abbootii Alangaa Oromia Lakk 15/2013 pdf

Qajeelfama Sirna Madaallii Raawwii Hojii Abbootii Alangaa fi Muudamtoota Gumii Kan Biroo Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Murteessuuf Bahe 

Continue reading “Qajelfama Madaallii abbootii Alangaa Oromia Lakk 15/2013 pdf”

Featured

FDRE Constitution pdf & app:

PREAMBLE
We, the Nations, Nationalities and Peoples of Ethiopia: Strongly committed, in full and free exercise of our right to self-determination, to building a political community founded on the rule of law and capable of ensuring a lasting peace, guaranteeing a democratic order, and advancing our economic and social development;
Firmly convinced that the fulfillment of this objective requires full respect of individual and people’s fundamental freedoms and rights, to live together on the basis of equality and without any sexual, religious or cultural discrimination;
Further convinced that by continuing to live with our rich and proud cultural legacies in territories we have long inhabited, have, through continuous interaction on various levels and forms of life, built up common interest and have also contributed to the
emergence of a common outlook;
Fully cognizant that our common destiny can best be served by rectifying historically unjust relationships and by further promoting our shared interests;
Convinced that to live as one economic community is necessary in order to create sustainable and mutually supportive conditions for ensuring respect for our rights and freedoms and for the collective promotion of our interests;
Determined to consolidate, as a lasting legacy, the peace and the prospect of a
democratic order which our struggles and sacrifices have brought about;
Have therefore adopted, on 8 December 1994 this constitution through representatives we have duly elected for this purpose as an instrument that binds us in a mutual commitment to fulfil the objectives and the principles set forth above.

Chaanaali Mana Hoji AA God jimmaa kana subscribers ta’un hubannoo seeraa kessan cimfadhaa
Featured

THE CRIMINAL RESPONSIBILITY OF A PERSON WHO OWNS A VEHICLE APPREHENDED TRANSPORTING ILLEGAL COFFEE_pdf

Written by Habtamu Bulti*

LL.B (HU), LL.M (ECU), served as a judge in Oromia, & serving as a Legal Researcher at OJSPTLRI ; E-mail:
bashaane@gmail.com
abstract

A person who owns a vehicle apprehended transporting illegal coffee is punished by a fine of Birr 50,000 and an imprisonment of three to five years under Article 15(6) of the Federal Coffee Quality Control and Marketing Proclamation. The wording of the provision and different interpretation rules indicate that the crime is a strict or/and a vicarious criminal liability offence that punishes a person without the need for proving his guilty mind or guilty act. In practice, however, it is interpreted and applied inconsistently. Where some courts apply it as the direct meaning of the provision suggests, other courts penalize an owner of a vehicle apprehended transporting illegal coffee only where he carries out the illegal act personally. Furthermore, Article 23(6) of the Oromia Coffee Quality Control and Marketing Proclamation, which is intended to facilitate the implementation of the previous provision, conveys indefinite meanings as to the criminal responsibility of a person who owns a vehicle apprehended transporting illegal coffee. Hence, it further complicates the problem. Moreover, the provisions are encroaching on the fundamental human rights and the uniform application of the basic criminal principles in the country. In view of that, this article recommends that the Federal Legislature and Caffee Oromia should reconsider the criminal responsibility of a person who owns a vehicle apprehended transporting illegal coffee and reset the liability that goes with the spirit of the FDRE Constitution and the Criminal Code.

download full pdf

Featured

የኮንስትራክሽን ስራዎች ውል አዘገጃጀት ፎርማት.pdf

ውል የማዘጋጀት የማፅደቅ የማዋዋልና የመሳሰሉ ተግባራትን የፅህፈት ቤታችን ግዴታ በመሆኑ መሰል ሰነዶችን መለጠፍ ጀምረናል ይመልከቱ።

Featured

Oromia Regional State Constitution PDF

Labsii Lak. 46/1994Labsii Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa Kan Bara 1994 Fooyya’e Raggaasuuf Bahe
Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa, kan bakka bu’oota uummata Naan￾nichaatiin irratti mari’atamee, Waxabajjii 14 bara 1987 yeroo jalqabaatiif ragga’eefi hanga ammaa hojiirra ture, bal’inaan ilaaluudhaan qooddii
aangoofi itti gaafatama qaamota Mootummaa Naannichaa ifaan tumuufi akkaataa tajaajila si’oomaan kennuu danda’uusaanii agarsiisuun sirreessuud￾haan Heericha fooyyessuun barbaachisaa ta’ee…

Murtii Dhadacha Ijibbaata MMWO jildi 8ffaa pdf

Murtii Barsiisaa Dhadacha Yakkaa MMOGJtin kennamee

Abbaa Seeraa

                        Abdurahmaan Mohammad

                        Magarsaa Taaddasaa

                        Warraaqaa Teessisaa

Himataan: Abbaa alangaa, Gabayyoo Boggaalee, dhiyaateera

Himatamaan: Safaa Kaliifaa, abukaatoo ittisaa Kaafuuraa Mohammad waliin dhiyaateera

Galmee qorannee murtii kennineerra.

Murtii

Galmeen kuni banamee dhiyaachuu kan danda’e abbaan alangaa himata yakkaa gaafa 07/07/2013 barreesseen himatamaan yakka daddabalamaa lama raawwachuu isaa ibsuun waan himateefidha.

Himata 1ffaa keessatti  himanni dhiyaate “Seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 539(1)(a) irra darbuudhaan Godina Jimmaa Aanaa Maannaa ganda Meexxii iddoo addaa kaampii jedhamee waamamutti gaafa guyyaa 08/01/2013 tilmaamaan halkan keessaa sa’atii 2:00 yemmuu ta’u, miidhamtuu duutuu Hajaraa Abbaa Saambii jedhamtu sababa ‘daa’imni garaa kootti baadhu kan safaa Kaliifaati jettee maqaa naxureessiteef ‘ jedhuun haaloo qabatee miidhamtuu ulfa garaatti baattee jirtu kan daa’ima ishee Zaakir Baahir waliin gara mana jireenya ishee galaa jiru daandii irratti eeggatee koottu qarshii siif kenna jedhee gara bosonaa fuudhee deemee gajaraan morma ishee qalee waan ajjeeseef yakka ajjeechaa sukkanneessaa raawwateen himatameera” kan jedhu yemmuu ta’u, himata 2ffaa keessatti immoo himanni dhiyaate Seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 27(1) fi 539(1)(a) irra darbuudhaan guyyaa fi iddoo himata 1ffaa irratti caqsametti himatamaan ta’e jedhee nama ajjeesuuf itti yaadee miidhamaa dhuunfaa maqaan isaa Zaakir Baahir jedhamu haadha isaa miidhamtuu dhuunfaa himata 1ffaa irratti caqasamte duutuu Hajaree Abbaa Saambii waliin gara mana ofii galaa jiranii gajaraadhaan eda haadha miidhamaa ajjeeseen booda miidhamaa kanas ajjeesuudhaaf gajraadhaan irree gurmuu isaa gara mirgaa, maddii isaa gara mirgaa,morma isaa gara duubaa,harka isaa mirgaa,ciqilee gara bitaa haala sukkanneessaa ta’een irra deddeebiidhaan rukutuun erga ciccireen booda miidhamaa ajjeesee jira yaada jedhuun bakkuma kufetti dhiiseenii deemus boromtuu isaa gaafa 09/01/2013 ganama keessaa tilmaamaan sa’atii 1:30 yemmuu ta’u, namni Miftaahuu jedhamu tuubboo lolaa keessatti isa argeenii baasee du’a irraa baraarus gocha yakka yaalii ajjeechaa sukkanneessaa ta’een himatamee jira” kan jedhuu dha.

Himatamaanis dhaddacha irratti dhiyaatee eenyummaan isaa eda qulqullaa’een booda abukaatoo dhuunfaa dhaabbachuuf harka qalleeyyii ta’uu isaa waan ibseef abukaatoo mootummaatiin akka deeggaramu ajajni kennamee bu’uuruma kanaan himanni abbaa alangaa dubbifameefii akka galuuf eda taasifameen booda mormii sadarkaa duraa qabaachuu fi dhiisuun sisaa gaafatamee abukaatoon himatamaa mormii sadarkaa duraa hin qabnu” waan jedhaniif bira darbinee jecha amantaa fi waakkii isaa kan kenne yemmuu ta’u, jecha amantaa fi waakkii isaatiin “himata 1ffaa fi 2ffaa jalatti gocha jedhame raawwadheera, haata’uutii, gochicha kanan raawwadhe, jechuun haala raawwii isaa yeroo ibsu bakka guyyaa fi sa’atii himata keessatti ibsametti galgala sa’atii 2:30 yeroo ta’utti anaa mana hiriyaa koo Akbar Fatuulaa jedhamu deemaa jiruu karaatti mucaa himata 2ffaa keessa jiru waliin miidhamtuu isheen duute maqaan ishee Hajaraa Abbaa Saambii jedhamtu kuni karaatti natti dhufanii miidhamtuun kuni hiixattee morma koo naqabdee jennaan laftis dukkana waan ta’eef ani eenyuun akka ta’e utuu hin beekin miidhamtuu kana gajara itti gadhiifnaan qolee ishee irra dhahe. Miidhamtuun battaluma kanatti lafatti yeroo kuftu miidhamaa inni himata lammaffaa keessatti caqasame kuni saqqii koo dudduubbaa na qabee jennaan isas eenyummaa isaa utuu hin beekin gajaraan harka isaa gara qolee irra rukuteera. Kanumaan anis fiigee gara mana hiriyaa kootii dhaqe. Sana booda achuma mana hiriyaa kootii bulee ganama yeroon lafaa ka’u namni rukutamee du’uu isaa dhagahee fiigee gara Waajjira Poolisii Aanaa Maannaatti harka koo kennee. Ani waajjira poolisiitti jecha koo yoon kenne illee poolisiin yeroo galmeessu, Mana Murtii Aanaattis jecha koo yoon kenne illee Qorataan poolisii bu’uuruma asitti kenniteen ni kennita waan jedheef sodaadheen jecha koo sobaan kenne.” jechuun mirga isaa eegee haaleera.

Abbaan alangaas gama isaaniitiin himatamaan himata isa irratti dhiyaate mirga isaa eegee kan haale yoo ta’e illee ragooleen isaanii dhiyaatanii jiran akka jecha isaanii kennan bu’uura gaafateen ragooleen abbaa alangaa namoonni afur dhaddacha irratti dhiyaatanii dhugaa dubbachuuf eda kakataniin booda jecha ragummaa isaanii akka kanaan gadiitti kennaniiru.

tamsaasa camsaa 24/2013 hubannoo seeraa wa'e qaama bilisa baasu habeus corpus kuta tokkoffaa FM MHAAG Jimmaa Attorney

Habeas Corpus (Qaama Bilisa Baasuu) Seensa Uumama waan hundaa ta’eet jalqaba irraa ka’ee hanga sadarkaa dhummaa qaqqabbutti sadarkaawwan adda addaa keessa darbuun isaa dirqama ta’a.Sadarkaawwan adda addaa keessa yommuu darbu immoo waantoota baay’ee fooyyeessaa itti dabalaa irraa hir’isaa bakka galma isaa gaha jechuudha. Akkuma dhimmoota biroo adeemsi armaan oliitti taa’e seeraafis kan tajaajilu ta’a.Sababa kanaatin seerotni adda addaa yeroo adda addaa dhimmoota garaagaraa irratti yommuu fooyya’anii bahan arguun qofti raga gahaadha.Waa’een seeraa yommuu ka’u yeroo hunda kan wajjin ka’u waa’ee mirgaati.Kana jechuun hanguma guddini seeraa dabalaa deemu kabajamuun mirga namaas wajjin guddachaa deema. Akka idila addunyaatti guddina seeraatif ta’ee mirga namoomaatif sanadootni gumaacha guddaa gumaachan baay’ee ta’anus akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1215 biyya Ingiliiziitti kan bahe Maagnaa Kaartaa,Bara 1789 Sanada Mirgootaa Ameerikaa,Diklaareshinii Mirga namoomaa Faransaay bara 1789 akkasumas Konveenshiniin Jeneevaa bara 1864 bahan warra adda durummaadhaan caqasamaniidha.Sanadootni kun egaa guddina seeraatiifis ta’ee mirga namoomaatif dhagaa bu’uraati jechuun ni danda’ama. Mirgi namoomaa mirga heeraan eegumsi taasifameefidha.Mirgi kun immoo daangaa seeraa taa’een alatti sarbamuus ta’ee mulqamuu hin danda’u.Haa ta’u malee darbee darbee mirgootni kun yeroo seeraan ala sarbaman ni mul’ata.Kunis seeraan ala qabamuun,Seeraan ala hidhamuun akkasumas seeraan ala bakkaa bakkatti socho’uu dhoorkamuudhan.Yeroo kanatti egaa furmaata seerri kaa’e keessaa tokko qaama bilisa baasuu(Habeas Corpus) dha.Kanaaf barreeffama kana keessatti yaadrimee isaa,seenaa dhufaati fi muuxannoowwan biyyoota biro kan ilaalaman ta’a. — Send in a voice message: https://anchor.fm/mhaagj/message
  1. tamsaasa camsaa 24/2013 hubannoo seeraa wa'e qaama bilisa baasu habeus corpus kuta tokkoffaa
  2. tamsaasa fm MHAAGJ caamsaa 23/2013 wa'ee tamboo ilaalchisee seerrii maal jedha
  3. Tamsaasa fm mhaagj caamsaa 2013 hubannoo seeraa seera godaansaa irrattii
  4. Tamsaasa fm mhaagj caamsaa 17/2013
  5. Tamsaasa birootessaa 29 2013 fm mhaagj toraa inteerneetii

Ragaa abbaa alangaa 1ffaa ta’ee kan dhiyaate mucaa umuriin isaa waggaa kudhan ta’ee fi himata 2ffaa keessatti miidhamaa ta’e maqaan isaa Zaakir Baahir jedhamu jecha ragummaa isaa yeroo kennu haadha isaa duutuu waliin Magaalaa Yabbuu irraa gara manaatti utuu galaa jiranuu galgala keessaa sa’atii 2:00 yeroo ta’u, himatamaan kuni sila baatirii dhaamsee jiru ibsee dudduubba isaaniitiin itti dhufee baatirii isaa itti ibsuun koottaa birriin isiniif kenna jedhee yeroo isaan dhaqanu maaliif waree koo biyya irra kaafta jedheenii haadha isaa ala tokko gajaraan morma ishee irra kan rukute ta’uu isaa, kanumaan haati isaa lafatti kan kufte ta’uu, kanumaan miidhamaanis yeroo fiiguuf jedhu gajaraan harka isaa, garaa, irree qubaa fi gurra irra ka isa rukute ta’uu isaa fi hamma jaallate eda isa rukuteen booda dhiisee kan deeme ta’uu isaa, miidhamaanis yeroo sanatti yoo kurrifate illee namni isaaf birmachuu kan hin dandeenye ta’uu isaa, deemee tuubboo lolaan keessa yaa’u keessa galee achuma bulee boromtuu Miftaahuun isa argee nama waamee Hospitaala Yebbuu kan geeffame ta’uu isaa, gocha kanas kan raawwate himatamaa ta’uu sirriitti kan beeku ta’uu isaa, haati isaa rukutamtee du’uu ishees innumti namootatti kan hime ta’uu isaa fi namni reenfa ishee kan kaase ta’uu dubbateera.

Ragaa abbaa alangaa 2ffaa ta’ee kan dhiyaate namni Miftaahuu Abbaa duraa jedhamus gama isaatiin jecha ragummaa isaa yeroo kennu gaafa guyyaa 09/01/2013 ganama sana gajjallee sanaa midhaan qabaachuu isaa fi midhaan kana ilaaluuf deemee sanumaan tuubboo taankiin hojjete bishaan dabarsuuf dhiisuu isaa ilaaluuf yeroo itti goree ilaalu miidhamaan tuubboo kana keessa duubaan ciisee kan jiru ta’uu isaa, innis nahee dhaabbatee utuu jiruu namni Mohammad Hasan jedhamu itti dhufee jennaan mee koottu jedhee waamee yeroo ilaalanu harki mucaa citee kan jiru ta’uu isaa, innis Mohammad Hasaniin deemii nama naa waami jedhee kanumaan Mohammad Hasan deemee nama Fatuuraa Abbaa Duraa jedhamu waamee kan dhufe ta’uu isaa, kanumaan yeroo jarri dhufaanii mucaa ykn daa’ima kana tuubboo keessaa baasuuf kottu bahi ittiin jedhanu, mucaan ykn miidhamaan kunis ani hin bahu Safaan Sodaadha’ jechuu isaa, jarris dhaqanii biddeena wayii fidanii eda nyaachisaniin booda ‘maaltu si rukutee jedhamee yeroo gaafatamu ‘Safaatu akkas na godhe’ ana qofaa miti haati kootis rukutamtee duutee bosoqa jala ciisaa jirti jedhee asumaan mucaan tuubboo jalaa fuudhamee baatamee kan bahe ta’uu isaa, achumaan poolisiin Aanaa Maannaa irraa dhufee jennaan haadha barbaacha deemanii reenfa haadhaas kan kaasan ta’uu ibsuun dubbateera.

Ragaa abbaa alangaa 3ffaa ta’ee kan dhiyaate Fatuulaa Abbaa Duraa kan jedhamu gama isaatiin jecha ragummaa isaa yeroo kennu gaafa guyyaa 09, ganama barii gara mana isaatti dhufee kan isa kaase Mohammad Hasan Salamoon kan jedhamu yemmuu ta’u, mucaan tokko boolla lolaa keessa kufee ciisaa jira koottu ni deemna jedhee isa fuudhee kan deeme ta’uu isaa, yeroo deemanii bakka tuubboo jedhamee yeroo gahanu miidhamaa 2ffaan Zakii Baahir kan jedhamu achi keessa ciisaa jiraachuu isaa, kanumaan ragaan kunis boollaa kana keessa galee mucaa kana kan baase ta’uu isaa, yeroo kanatti mucaan kuni harki isaa rukutamee lafeen cabee garagalee kan jiru ta’uu isaa, maaltu sirukute jedhanii yeroo gaafatanus Safaa Kaliifaatu na rukute jedhee kan dubbate ta’uu isaa, Safaan yeroo sanatti birmatee dhufee waan tureef yeroo gaafatanu kan hin rukunne ta’uu isaa fi battalaumatti poolisiitti deemee harka kan kenne ta’uu isaa, haati mucaa kanaa Hajaree jedhamtus rukutamtee duutee gara gadiitti kan argamte ta’uu ishee ibsuun dubbateera.

kana males himatamaan Mana Murtii Aanaa Maannaatti dhiyaatee dhaddacha gaafa 11/01/2013 ooleen bu’uura s/d/f/y/lakk.35 tiin jecha amantaa isaa mana murtiitti kan kenne yemmuu ta’u,Miidhamtuun maqaan ishee Hajaree jedhamtu na dirqisiise jettee hiryoota koo fi maatii kootti waan maqaa na xureessiteef hirioota koo bira qaamuuf utuun deemuu gajara of harkaa qabuun qolee ishee irra si’a tokko rukutee fiigeen deeme.mucaa ishee waliin tures harka isaa irra gajaruma kanaan rukuteera” jechuun fedhii isaatiin jecha isaa kennee, jechi isaa kunis galmee kanaan wal qabatee jira.

Ragaan mana yaalaa du’a miidhamtuu 1ffaa ibsuu fi lakk.HUJ2732/106/13 ta’een kan gaafa 27/01/2013 barreeffameen madaan gadi lixe naannoo saantimeetira 20×6 kan ta’e morma ishee gara bitaa,miidhaa ujummoo, irree,narvii fi lafee mormaa mul’atu waliin kan qabdu ta’uu ishee fi sababni du’aa miidhaa cimaa ujummoo dhiigaa irra gahee fi sababa rifuutiin harganuu dadhabuu akka ta’e ni ibsa.

Ragaan mana yaalaa miidhamaa 2ffaa ilaachisee dhiyaates umuriin miidhamaa waggaa kudha ta’uu, irree isaa gara mirgaa irra baqaqiinsi saantimeetira 6×3 ta’u, naannoo bobaa isaa irra baqaqiinsa sm 5×3 ta’u, barruu harkaa gara dudduubbaa iddoo 1/3 irra cabiinsa lafee kan mul’atuu fi baqaqiinsa sm 8×2 qabaachuu isaa,miila isaa gara bitaaa jilbaa gadi irra iddpp 1/3 irra baqaqiinsa sm 3×3 ta’ee fi dhiiga ho’aa dhangalaa’aa jiru qabaachuu isaa, lafee cabee kan mul’atuu iddoo isaa gallakkisee waliin qabaachuu isaa, gateettii lamaan gidduu irra baqaqiinsi sm 3×2 ta’e jiraachuu isaa,jilba isaa gara mirgaa irra baqaqiinsa sm 5×2 ta’e jiraachuu isaa, iddoo miidhaan qaqqabe hunda irra dhiigni dhangalahaa kan ture ta’uu isaa fi kunumti yaalamee kan fayye ta’uu isaa ni ibsa.

Jechi ragoota namaa fi kan barreeffamaa kan kanaan olitti jiru ta’ee manni murtii kunis himata dhiyaate jecha amantaa fi waakkii akkasumas jecha ragaalee namaa fi barreeffamaa waliin qoratee eda ilaaleen booda himatamaan haala sukkanneessaa fi gara jebeenyummaa qabuun miidhamtuu maqaan ishee Hajaree Abbaa Saambii jedhamtu kan ajjeese ta’uun isaa himata 1ffaa jalatti, miidhamaa maqaan isaa Zakii Baahir jedhamu immoo qaamaa isaa bakka adda addaa irra miidhaa cimaa qaqqabsiisuun yaalii ajjeechaa sukkanneessaa kan raawwate ta’uu, gochawwan kunneenis keewwatuma lamaan ittiin himatame jalatti kan kufu ta’uun waan hubatameef himata lamaanuu jalatti bu’uura s/d/f/y/lakk.142(1) tiin  akka of irraa ittisu jala murtii kenneera.

Himatamaanis akka ragaa ittisaatti namoota sadii dhiyeeffate keessaa namoota lama kan dhageessifate yemmuu ta’u, ragooleen kunneenis akka kanaan gadiitti jecha ragummaa isaanii kennaniiru.

Ragaa ittisaa 1ffaa ta’ee kan dhiyaate Ariif Fatuulaa kan jedhamu jecha ragummaa isaa yeroo kennu guyyaa gochi kuni raawwatera jedhamee Shakkame gaafa 08/01/2013 ta’uu isaa, guyyaa sana himatamaa waliin halkan keessaa sa’atii 4:00tti gara mana jaraatti dhufee jennaan kan wal argan ta’uu, eda ciisee booda halkan sa’atii 4:00tti dhufee balbala rukutee jennaan kan irraa bane ta’uu isaa fi guyyaa sanatti kan waliin bulan ta’uu isaanii,boromtuu isaa ganam subii namni Mohammad Hasan jedhamu abbaa isaa dhufee mucaan tokko rukutamee booyii keessa kan ciisaa jiru ta’uu isaa abbaa isaatti himee kaasuudhaan himatamaa waliin bakka sana kan deeman ta’uu, himatamaan dura isaanii kan deeme ta’uu, mucaan rukutame kunis himatamaa kan isa rukute ta’uu isaa eeruu kan kenne ta’uu, yeroo kanatti himatamaan fiigee achi irraa kan bade ta’uu dubbateera.

Ragaa ittisaa 2ffaa kan himatamaa ta’ee kan dhiyaate namni Toofiq Huseen jedhamus jecha ragummaa isaa kan kenne yemmuu ta’u, bifuma jecha ragaa ittisaa 1ffaatiin walfakkaatuun kan dubbate waan ta’eef irra deebi’anii barreessuun barbaachisaa ta’ee hin argamne. Yoo barbaachisaa ta’e galmee keessaa dubbisuun kan danda’amuu dha.

Kana booda manni murtii kunis himatamaan of irraa ittiseera moo hin ittisne?qabxii jedhu akka ijoo dubbiitti qabatee jecha ragaalee bitaa fi mirgaa himata abbaa alangaa fi tumaa seera rogummaa qabu waliin galmee qorateera. Akka qoratee ilaalettis himatamaan yakka gocha daddabalamaa himata 1ffaa fi himata 2ffaa jalatti ibsame(lamaanuu 1ffaan gocha ajjeechaa sukkanneessaa, 2ffaan yaalii ajjeechaa sukkanneessaa) raawwachuu isaa guutummaa guutuutti utuu hin haalin ta’e jedhee itti yaadee kan raawwate akka hin taanee fi miidhamtuu 1ffaan mucaa ishee daa’ima himata 2ffaa jalatti ibsame waliin duubaan dhuftee morma isaa kan isa qabde ta’uu isaa fi innis eeynummaa isaa utuu hin beekin gajara itti gadhiifnaan lafatti yoo kuftu dhiisee kan deeme ta’uu isaa fi miidhamaa daa’ima umuriin isaa waggaa kudhanis haaluma kanaan kan rukute ta’uu isaa ibsuun mirga isaa eegee haaluu isaa hubanneerra. Himatamaan akkasitti mirga isaa eegee kan kan haale yoo ta’e illee duraan dursee jecha isaa mana murtii jalaatti bu’uura s/d/f/y/lakk.35tiin yeroo kennu miidhamtoota irratti gajaraan miidhaa kan qaqqabsiise ta’uu isaa, miidhaa kanas kan qaqqabsiise immoo miidhamtuun humnaan qabee na gudeede jettee maqaa waan isa balleessiteef akka ta’ee fi daa’ima kanas harka isaa irra bitaa ta’u mirga haala hin yaadanneen rukutee kan deeme ta’uu ibsuun dubbateera. Kana males ragooleen abbaa alangaa miidhamaa 2ffaa(daa’ima umuriin isaa waggaa 10) tahe Zakii Baahir kan jedhamu haadha isaa miidhamtuu 1ffaa Hajaraa Abbaa Saambii waliin utuu deemaa jiranii duubaan dhufee farankaa isiniif kenna jechuun gara baddaatti geessuun haadha isaa gajaraan qolee ishee gara duubaa irra rukutuun kan kuffise ta’uu isaa, eda haadha isaa tukutee kuffiseen booda immoo qaama isaa bakka adda addaa torba gahuu danda’u(akka ragaa mana yaalaa irraa hubatamutti) miidhaa qaqqabsiisuu isaa, kanumaan daa’imee boo’ii lolaan keessa deemu jala bulee namoonni ganama arganii booyii jalaa kan isa fuudhan ta’uu, kana booda mana yaalaatti baatamee lubbuun isaa kan hafe ta’uu kan mirkaneesse yemmuu ta’u, ragooleen abbaa alangaa 2ffaa fi 3ffaanis haaluma walfakkaatuun mucaan(daa’iimni himata 2ffaa keessatti ibsame) kuni ganama booyii lolaan keessa deemu keessaa kan baafame ta’uu isaa, yeroo ilaalanis qaama isaa bakka adda addaa irra miidhaan cimaan kan isa irra gahe ta’uu isaa, haati isaa miidhamtuu 1ffaanis duutee kan jirtu ta’uu ishee fi gocha jedhame kanas isas ta’e haadha isaa duutuu irratti kan raawwate himatamaa ta’uu isaa kan jaratti dubbate ta’uu fi himatamaan kunis birmannaa dhufee yeroo gaafatamu fiigee gara Waajjira Poolisii deemee harka kennuu isaa mirkaneessaniiru.Ragaan mana yaalaas miidhamtuu irra miidhaan cimaan kan gahe ta’uu isaa fi haala du’a ishee kan ibsu yemmuu ta’u, miidhamaa Zakii Baahir jedhamu irras miidhaan cimaan qaama isaa bakka adda addaa lakkoofsnaan naannoo torbaa fi isaa ol ta’e gahuu isaa ni ibsa.

Jechi ragoota abbaa alangaa kan namaa fi kan barreeffamaa kunis yeroo ilaalamu himatamaan yaada guutuu ta’een “miidhamtuu 1ffaan maqaa kan isa balleessite ta’uu ibsuun haaloo kan qabate ta’uu isaa fi haaloo kana qabachuun miidhamtuu karaa irratti isatti dhufte gajaraan haala sukkanneessaa  ta’ee morma ishee gara duubaa rukutee kan ajjeese ta’uu fi miidhamaa dhuunfaa himata 2ffaa keessatti ibsamee jirus haala sukkanneessaa ta’een qaama isaa bakka adda addaa irra rukutuun miidhaa qaqqabsiisuu isaa fi lubbuun miidhamaaf yaalumsa godhameen kan hafe ta’uu isaa kan mirkaneesuu dha. Gama biraatiin himatamaan gocha kana kan hin raawwanne ta’uu isaa fi ragoota isaa waliin kan bule ta’uu  ibsee karaa abukaatoo ittisaatiin ijoo dubbii kan qabsiifatee ture yemmuu ta’u, ragooleen ittisaa dhiyaatan himatamaan guyyaa jedhame kanatti  halkan keessaa sa’atii 4:00 yemmuu ta’u,mana isaanii dhufee kan isaan waliin bule ta’uu isaa yoo ibsan mana isaanii utuu hin dhufin dura yakka raawwachuu fi dhiisuu isaa kan hin beekne ta’uu isaanii fi inumaayyuu ganama himatamaa waliin birmatanii gara bakkichaatti deemuu isaanii fi himatamaan gochicha kan isaan irratti raawwate ta’uu isaa yeroo miidhamaan dubbatu kan dhagahan ta’uu ibsaniiru. Jechi ragootaa kunneen immoo yeroo ilaalamu jecha ragaalee abbaa alangaa shakkii keessa kan galche ta’ee hin argamne.Kanaafuu, himatamaan kun himata 1ffaa Seera yakkaa bara 1996 bahe keewwata 539(1)(a) jalatti himata 2ffaa jalatti immoo gocha yakka yaalii ajjeechaa raawwateen Seera yakkaa keewwata 27(1)(a) fi 539(1)(a) jalatti balleessaa dha jennee bu’uura s/d/f/y/lakk.149(1) tiin murtii balleessummaa kennineerra.

Yaada Adabbii

Abbaan alangaa adabbii ilaalchisee yaada kenneen  himatamaan kuni gocha yakka daddabalamaa(lamaanuu Seera yakkaa keewwata 53((1)(a)/ jalatti balleessaa kan jedhame yemmuu ta’u, gochi isaa kuni illee sadarkaa fi gulantaan kan baheef yemmuu ta’u, gochi isaa kun illee sadarkaa 2ffaa gulantaa 39ffaa jalatti kan kufu waan ta’eef gulantaa 39ffaa jalatti murtiin du’aa akka itti kennamu” gaafateera.

Abukaatoon ittisaa himatamaadhaa gama isaaniitiin yaada kennaniin himatamaan keewwata yakka daddabalamaa raawwateen balleessaa kan jedhame yoo ta’e illee himatamaan kuni umuriin isaa reefuu waggaa kudha torba ta’uun isaa, yakki inni tokko sadarkaa yaalii irratti kan hafe ta’uun isaa, rikoordiin yakkaa kan isa irratti hin dhiyaanne ta’uun isaa fi harka isaa illee qaama haqaatti kan kenne ta’uun isaa hubannoo keessa galee adabbiin oliyyataa haalaan salphatee akka itti kennamu” jechuun gaafaniiru.

Adabbii

Himatamaan yakkoota daddabalamaa lamaan balleessaa kan jedhamu yemmuu ta’u, yakkoonni lamaanuu(inni tokko sadarkaa yaalii irratti kan hafe ta’us) mata mataatti umurii guutuu ykn du’aan kan adabsiisu ta’uun isaa keewwanni jalatti balleessaa dha jedhamee Seera yakkaa keewwata 539(1)(a) ni ibsa. Tumaan seeraa kunis Qajeelfama Adabbii keessatti sadarkaa fi gulantaan kan baheefii jiru yemmuu ta’u, gochi himatamaa kunis yeroo ilaalamu himatamaan kuni dursee itti yaadee miidhamtuun himata 1ffaa jalatti argamtu na ulfeesse jettee ykn na dirqisiise jettee maqaa na balleessite jedhee haaloo qabachuun miidhamtuu maqaan ishee Hajaraa Abbaa Saambii jedhamtu gajara qabatee jiruun morma ishee gara duuba irra si’a tokko rukutuun baqaqiinsa qaamaa saantimeetira 20 fi gadi fageenyi isaa sm 6 dheeratu irraan gahuun haala sukkanneessaa ta’een kan ajjeese  ta’uu isaatiin gochi isaa kunis sadarkaa 1ffaa gulnataa 38ffaa jalatti kan kufuudha. Ka’umsi adabbii gulantaa kana jalatti ka’amee jirus adabbii hidhaa umurii guutuu akka ta’e hubachuun kan danda’amuu dha.

Gama biraatiin himatamaan kuni yakkoota daddabalamaa lama kan raawwate yemmuu ta’u, yakkoonni kunis (yakka inni himata 2ffaa jalatti ibsamee jiru sadarkaa yaalii irratti kan hafe yoo ta’e illee) adabbii du’aa ykn hidhaa umurii guutuu  gosa tokkoon kan adabiisanii dha. Akka qajeeltootti immoo yakkoonni daddabalamaan raawwatamanii yeroo argamanitti bilisummaa yookin lubbuu dhabsiisuun yakkoota adabsiisan keessaa sababa isa tokkootiin du’aan ykn hidhaa umurii guutuun ykn adabbii hidhaa gosa walfakkaataa ta’e kan adabsiisan ta’anii sababa isa tokkoon seericha kutaa waliigalaa keessatti adabbiin murtaa’e inni ol’aanaan yoo murtaa’u, murtiin kuni adabbiilee yakkoota daddabalamaa hafani hundumaa aguugee kan qabatu ta’uun isaa Seera yakkaa keewwata 184(1)(a) jalatti tumamee argama. Haaluma kanaan yakkoonni kunneen adabbii hidhaa umurii guutuu ta’een kan adabsiisan waan ta’aniif adabbiin hidhaa umurii guutuu himata 1ffaa jalatti akka ka’umsaatti fudhatame adabbii yakka himata 2ffaa jalatti raawwatame kan aguugu ta’a jechuu dha.

https://www.facebook.com/mhaagodinajimmaa

Tumaan Seeraa himatamaan balleessaa dha ittiin jedhames/Seera yakkaa keewwata 539(1)(a)/ kunis jalqabumaa ulfaataa fi cimaa ta’uu isaatiin sababoota adabbii cimsan fudhannee dabalataan kan hin cimsine yemmuu ta’u, sababoota adabbii salphisan ilaalchisee garuu gama abukaatoo ittisaatiin himatamaa irratti rikoordiin yakkaa kan hin dhiyaanne ta’uun isaa,gochicha eda raawwateen booda illee qaama haqaatti harka isaa kan kenne ta’uun isaa fi  umuriin himatamaadhaa waggaa kudha saddeetii gadi ta’uun isaa akka sababa adabbii salphisutti qabameefii adabbiin akka salphatuuf kan gaafatan yemmuu ta’u, himatamaa irratti rikoordiin yakkaa kan hin dhiyaanne ta’uun isaa amalli himatamaa hawaasa keessatti gaarii ta’uu isaa kan agarsiisu yemmuu ta’u, sababni kuni bu’uura s/yakkaa keewwata 82(1)(a) tiin adabbii himatamaa kan salphisuu dha. Kana males himatamaan qaamolee haqaatti harka isaa kennuun gama tokkoon gochicha irratti gaabbii kan agarsiise ta’uu waan mul’isuuf inni kunis bu’uura s/yakkaa keewwata 82(1)(d) tiin adabbii salphisuu dha. Dabalataan umuriin himatamaa waggaa kudha saddeetii gadi ta’uu isaa abukaatoon kan ibsan yemmuu ta’u, ragaan mana yaalaa Hospitaala Jimmaa irraa dhiyaates umuriin himatamaa dha waggaa kudha torbaa oli ta’uu akka danda’u waan ibsuuf umuriin himatamaa waggaa kudha saddeetii fi isaa ol ta’uu kan danda’u yemmuu ta’u, gama biraatiin immoo waggaa kudha torbaa ol waggaa kudha sadeetii gadi illee haalli ta’uu danda’u jiraachuu waan danda’uuf haala himatamaa fayyaduu danda’uun akka umuriin isaa waggaa 18 hin geenyetti fudhachuun adabbii isaa bu’uura s/yakkaa keewwata 56 fi 86 tiin akka sababa adabbii salphisu tokkootti fudhachuun dirqama ta’a jechuu dha.

Sababni adabbii salphisu tokko yeroo argamutti adabbiin himatamaa irratti kennamuudhaa qabu gulantaa tokkoon kan gadi bu’u waan ta’eef sababoonni adabbii salphisan sadeen gubbaatti ibsamanii jiran adabbii himatamaa irratti kennamuudhaa qabu gulantaa sadiin kan salphisan ta’a jechuu dha. Sababa kanaan adabbiin silaa himatamaa irratti kennamuudhaa qabu gulantaa 38ffaa irraa gara gulantaa 35ffaatti kan gadi bu’u ta’a. Gulantaa 35ffaa jalatti reenjiin adabbii ka’amee jiru hidhaa cimaa waggaa kudha jahaa fi ji’a jahaa hanga waggaa kudha sagalii fi ji’a jahaa gahuu kan danda’uu dha. Kanaafuu,himatamaas barsiisuu danda’a, namoota biroo illee akeekkachiisuu danda’a jennee kan yaadne himatamaan kan inni dhimma kanaaf kanaan dura hidhame yoo jiraate itti shallagameefii gulantaa 35ffaa(Qajeelfama Adabbii miiltoo 1ffaa) jalatti hidhaa cimaa waggaa 17(kudha torbaa) tiin akka adabamu jennee sagalee adda baatee hin qabneen murteessineerra.

Ajaja

  • Mirgi oliyyannoo eegamaa dha.
  • Manni Amala Sirreessaa Godina Jimmaa adabbii himatamaa irratti kenname bu’uura seeraatiin akka raawwachiisu ajajameera. Habarreeffamu
  • Galmeen cufameera.Mana galmeetti hadeebi’u jenneerra.

mallattoo abbotii seeraa hindubifamnee

Carraa interneetiin fiidee fayyadamuun hubannoo seeraa keennuun irrattii akka MHAAGJ maal hojjechaa jirraa

=====

1.1.        Seensa

Jaarraa 21ffaa amma keessa jirruu kuni jaarraa addunyaan ittii tokkomtee (the century of globalization) ta’un isaa waan hubatamuu dha. Kanaaf immoi sababoota adda addaa jiraataniis Sababni hangafaa fi isa dura toora interneetii fayyadamuun platformoonnii hawaasaa adunyaa walittii hidhan heedduun umaamuu isaaniitiifi. Kunis marsariitii website adda addaa dabalatee marsariitiiwwan haawaasa heedduun interneetii irrattii kalaqamuufii dhaqabamummaan hojirraa oluu isaan kan dhufeedhaa. As irrattii akkaa qo’annaan adda addaa agarsiisuu lakkoofsa ummata biyya Itiyoophiyaa keessaa miliyoonni 30 ol ta’u ummata interneetii fayyadamuu yommuu ta’u kana irraa parsantiin 60% ol ta’u ammoo guyyaa guyyaatti haawasa interneetii fayyadamuudhaa. Qo’annoon dhimma kana irrattii godhaman akka garsiisaniittii ummannii miliyoona 30 ol ta’u kana irraa ummannii finfinneefi naannoo Finfinnee jiraatuu sadarkaa tokkoffaa irratt yommuu taa’u ummannii naannoo Oromiyaa ammoo lammaffaa irrattii ta’a. Karaa biraatiin ammoo Haawaasni Finfinnee fi Oromiyaa qoftii fayadama interneetii biyyattii keessaa persontii 70% yommuu qabatan naannoleen biroo ammoo persontaa haftee addaan hiratuu jedha qo’annaa toora kana irrattii godhamee.[1] As irrattii platfoormoota interneetii fayyadamuun jijjirama siyas dinagdee biyya kenya kessattii mul’atu fiduun isaa waan hubatamuudhaa.

Erga hangana jennee haawaasa kenya kan internet fayyadmuu kanaaf carraa beekkumsa fi hubannoo seeraa umuuf hojjetamu akka biyyaattii keessattuu akka Oromiyaattii hin mul’atu. Nutis dhimma kana ilaaluun haawasa lakkofsii isaa miliyoonaan lakkaahamuu kanaaf carraa hubannoo seeraa ittii argatuu bal’isuufi jechaa platfoormota interneetiin nuuf fidee dugugnee fayyadamuuf carraaqii guuddaa taasiisa jirraas. Carraaqqii Kenya kanaanis faayiidaa guddaa ta’ee haawasa kennyaaf argamsiisnee jirraa. Agarsiiftuun carraaqqii kenyaa kessaa akka hangafaattii kan ka’u website ofiselawa ta’e maqaa Mana Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmatin[2] banuun dokumantoota seeraa kumaatamaan lakkaahamuu akka salphaattii akka argaman taasiisuun Kenyaafii platfoormii website kenyaa fayyadamuun tamsaasa fm tora interneetii irraatti hubannoo seeraa keennuudhaaf tamsaafamuu bannee sagantaa torbaanin si’a sadii tamsaafamuun hawaasa kumaatamaan lakkahaamuuf carraa hubannoo seeraa keennuu dandenyeerraa. As irrattii wantii hubatamuu qabuu tamsasa FM Tooora interneetii irrattii taamsaafamuun haawaasaaf beekkumsa seeraa gabbisuun akka biyyaatti mannii hojii kenyaa isa jalqabaatii yoo jeennee soba hinta’u.[3] Gama iraatiin dhaqabamummaa kenyaa mirkanessuuf websitii fi fm irrattii qofa oso hin gabaabbatin midiyaa hawaasa akka facebook,[4] YouTube,[5]  LinkedIn,[6] Pienters,[7] fi kkf irrattii banaman website mana hojii kenyaa walin akka waliittii hiidhaminsaan hojjetan taasisuun, hawaasa interneetii fayyadamuu kan llakkofsii isaa miliyoonaan lakkaahaamuuf carraa hubannoo seeraa iitti argatuu bal’isuun danda’mee jira.   as irrattii wanti hubatamuu qabuu akka mana hojii kenyaattii hojii komnikeeshinii karaa sayinsaawaa ta’’efi ciminnaan kan hojjetamuu yoo ta’ee Oromiyaa kessattii qofa ummata hanga miliyona 10 gahuu danda’uuf carraa hubannoo seeraa ittii dagaagfatuu umuun akka danda’amu qo’annaan gama kana irrattii taasiifamee ni mul’isa.[8] kanattii ansuun ittii fayyadamnii ICT MHAAGJ Maal akka fakkaatuu gabaabsinee isinif ibsina.

https://www.pinterest.com/mhaagj/

  1. Website MHAAGJ  maaltuu hojjetamaa jiraa?.

Websitin MHAAGJ erga banamee ji’ota jaha kan hincaallee yommuu dokuumeentoota seeraa kumaatamaan fe’amee hawaasa lakkoofsii isaa hangana hin jedhamneef carraa barruu fii dokumeentoota seeraa ittii argatuu bal’isee jira. agarsiiftuu kanaa akka armaan gadiittii ibsina.

  1. dokumentootni 10K caaluu   kusaa sadii jalatti fe’amanii jiruu.
  2. kusaa seerootaa jalattii jeedhuu jalattii. [9]
  3. hera MF fi Motumota naannoi saglanii
  4. labsii federaalaafi MNO lakk 1 kaasee hanga dhumaattii jiruu bakka tokkottii waan qabateef.
  5. danbiwwan qajelfamoota murti dhadacha ijibaataa murtiilee manneen murtii sadarkaa adda addaa dokumantoota 5000 ol ta’e ni argama
  6. kusaa barrulee jalattii.[10]
  7. barrulee xinxala seeraa qorannaafii qo’annaa seeraa kan hubannoo seeraa namaaf keennaan kumaatamaan fe’ameejira.
  8. kusaa cassation jedhuu jalattii,
  9. murtilee dhadacha ijibbaataa MMWF jildii maraayyuu
  10. murtilee dhadacha ijibaataa MMWO jildi sadan
  11. murtilee MMO godina jimmaa adda addaa
  12. lakkofsii nama website mana hojii kenyaa daawwateefii dokumantoota fe’aman download godhatee yommuu ilaalluu

lakkofsii daawwattotaa visitors kuma shan an caaleedhaa averejidhaan guyyaattii namnii 60-90 website www.mhaagj.org visit godhaa jira. dokumentoota fe’aman kessaas walumaagalattii si’a 17,000 ol yommuu download godhamuu lakkofsa tokkoffaa irrattii kan download godhamee ammo nama 600 ol ta’en dokumenti download godhameedha,  haaluma kanaan dokumentootaa yeeroo heedduu download godhaman keessaa sadarkaa 1-5 jiran si’a meeqa akka download godham walin wal qabsiifnee tartiibaan akka aramaan gadittii isinif ibsina.

  • 1ffaa Labsii hundeffama MHAAGJ Namnii 650 download godhamera
    • 2ffaa labsi lakk 2002/2009 namnii 465
    • 3ffaa anti corruption law namni 453
    • 4ffaa comnication service proc 448
    • 5ffaa barruu xinxala murtii dhadacha ijibbaataa irratt abbaa alangaa aanaa obboo Abdusalam hasanin godhamee namnii 440
  • Lakkofsii haawaasaa website mana hojii kenyaa subscribe gochuun miseensa dhabataa ta’e yommuu ilaalluu.[11]

websiti mana hojii kenyaattii email fayyadamuun miseensa dhaabataa ta’un kan dandaa’amuufii misensa ta’un immoo dokummeentoota seeraa nutii maxxansiinuu maraa karaa salphaadhaan akka email ofitiin access godhan kan taasiisuu ta’usaa haawaasniii hubatee miseensa ta’e kuma tokkoo kan caalee yommuu ta’u miseensoota dhabataa kana ammoo ji’a jaha hin caallee keessattiii kan argaman ta’’un gaafa hubatamuu hojiin keenya haammam bu’’aa  busaa akka jiruu hubachuun ni dandaa’ama..

walumaagalattii websiitin Kenya  hawaasa kenyaaf hubannoo seeraa umuu bira taree tajaajiilamaan mana hojiii kenyaa tokkoo carraa yaada isaa bilisaan akka keenuu danda’uuf[12] bellama isaa akka manuma taa’ee hordoofuuf[13]  akka bellama qabsiifatee guyyaa bellamaa san yommuu dhuufuu takkattuu akka kessuumeffamuu danda’uf platformoota addaa addaatiin taasiisnee jirra.  

==

  1. Chaanaalii You Tubee MHAAGJtin Maaltuu Hojetaamaa jiraa?[14]

chanaaliin marsariitii youtub irrattii maqaa mana hojii

kabajamtoota Kabajamtoota hordoftoota kenya manni hojii kenyaa toora argamee maraan haawaasa kenyaaf hunnbaoo seeraa kennuuf  carraaqaa jiraa kana kessaa lenjin hubnanoo seeraa kallattii websitiifii chanaiil you tube irrttaii banameen kennamaa jiruu torbaan tokkoo kessatiit hanga nama 700 olin daawwatamuun https://youtu.be/0glebW9EFh8

==

==


[1]

[2] website MHAAGJ Daawwachuuf :- www.mhaagj.org

[3] http://Anchor.fm/fm_mhaagj

[4]  https://www.facebook.com/Mana-Hojii-Abbaa-Alangaa-Godina-Jimmaa-100865548519031/  

[5]   https://www.youtube.com/channel/UCNFvRxK8rUAPWZhrKW7-rZA

[6]  https://twitter.com/mhaagodinajimma?lang=en

[7] https://www.pinterest.com/mhaagj/

[8]

[9] www.mhaagj.org/federal-supreme-cassation-all-pdf/lawsarchive-kusaaseerootaa

[10]  https://www.mhaagj.org/blog/  

[11]  https://www.mhaagj.org/contact-us/  

[12] https://www.mhaagj.org/formats/

[13] id

[14]  https://www.youtube.com/channel/UCNFvRxK8rUAPWZhrKW7-rZA

Xinxala Muriti Dhadacha Ijibbaata

Mirga Ol’iyyannoo A /A Mirga Wabii irratti qabu S/D/F/Y/Keewwata 75(1) Vs Murtii Dhaddacha Ijibaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa lakk. galmee 110969

Mulugetaa Magarsaa

Godina Jimmaatti AA Aanaa Cooraa Botor

Midiyaa hawaasaa armaan gadii irrattii barruu kana walif dabarsaa

Seensa

Mirgi wabii mirga heerawaadha haa ta’u malee haala addaatin yeroo itti dhorkamutu jira yeroo kanatti immoo filannoon jiru ol’iyyannoodha.Poolisin nama yakka raawwate yookiin raawwachuu isaa shakke akka hidhuu danda’u seerri aangoo kenneefi jira.Kana yommuu taasisu garu of eeggannoo(dirqama) faana akka ta’e dubbisa heera mootummaa keewwata 19(3) fi seera deemsa falmii yakkaaa keewwata 29(1) hubachuun ni danda’ama.Sababni isaa immoo namni qabamee hidhame sun sa’aatii 48 keessatti mana murtii dhiyaachuu kan qabu ta’uudha.Yeroo kanattis manni murtii bu’ura seera deemsa falmii yakkaa keewwata 59 tin shakkamaan sun akka mirga wabiitiin gadi lakkifamu yookiin mana turmaataa akka turu murtii dabarsuu danda’a.Gama biraatin immoo bu’ura seera deemsa falmii yakkaa keewwata 64 tiin shakkamaan yookiin himatamaan mirgi wabii isaa akka eegamuuf barreeffamaan gaafachuu kan danda’u ta’uu hubanna.As irratti himatamaan gama lamaaninuu mirga wabii isaatii yoo  dhorkame  himatamaan bu’ura seera deemsa falmii yakkaa keewwata 75(1) ol’iyyachuun mirga isaa kabachiisuu kan danda’u ta’u hubanna.Haa ta’u malee himatamaan yookiin shakkamaan akkuma gaafate mirgi wabii isaatii yoo eegameef A/A murtii mirga wabii kana irratti ol’iyyannoo dhiyeessuu danda’a moo? hin danda’u? kan jedhu dhimma barreeffama kana keessatti ilaallu ta’a.Akka waliigalaatti mirga wabii jechuun Sirna namni yakka raawwate jedhamee tokko shakkame qabame tokko bu’uura seera yakkaa fi seera deemsa falmii yakkaatin hanga murtii dhumaa argatutti wabummaa gahaa fiduun alaa deddeebi’e falmatuu jechuudhaa.Gama biraatin ilaalchi namni yakka raawwate jedhamee shakkame qabame tokko  hanga murtii dhumaa argatutti yeroo beellamaatin hidhamee turuurra mirgi wabii eegamuu fi wayya jedhu biyyoota addunyaa maraa biratti dhimma  fudhatama argateedha..

Seenaa Gabaabaa MirgaWabii

Shakkamtootaaf mirga wabii hayyamuudhaan hanga murtiin dhumaa kennamuutti osoo hin hidhamiin ala akka turan gochuun yoom akka jalqabame ifaan ifatti dubbachuun rakkisaa ta’ullee barreeffamoonni tokko tokko akka ibsanitti yeroo durii biyya Ingiliz keessatti aangoo namoota yakka raawwatan hidhanii eeguu kan qaban “Sherifoota”warri jedhaman itti gaafatamummaa dhuunfaa fi baasii guddaa qabu of irraa hambisuuf mala yaadani uuman ta’u hin oolu tilmaama jedhutu jira.Yeroo sana keessa Abbootin Seeraa biyya Ingilizii hojii abbaa seerummaa kan hojjatan biyya keessa naanna’anii waan tureef dhimmi shakkamtoota qabanii hanga dhagahamutti yeroo dheeraa kan fudhataa ture yommuu ta’u shakkamtoota hidhaarra turaniif ammoo haalli mijataa waan hin jirreef sababa rakkoo fayyaatirraa kan ka’e dhimmi isaanii murtii dhumaa osoo hin argatin du’u ture.Haalli  gaddisisaa kun sheerifota shakkamtoonni wabii mataa isaanitin yookin immoo nama gara mana murtiitti isaan dhiheessu danda’u wabii waamsisuun  shakkamtoota akka gadhiisan isaan dirqisiisee ture.Sheerifoonni Biyya Ingiliz shakkamtoota haala kanaan kan gadhiisuu jalqaban aangoo seeraan kennameefirratti hundaa’anii osoo hin taanee waliigaltee shakkamtoota waliin umaniin akka ture seenaan ni ibsa.Adeemsa keessa hojimaanni sheerifonni uuman kun faayidaa qabeessa ta’un isaa waan itti amanameef seeraan beekkamtiin kennameefi karaa mana murtiitin akka raawwatamu sirni  adeemsaa diriireefi jedhama.Seenaa kanarraa kan hubatamu sherifonni shakkamtoota wabii dhaan gadhiisuu kan jalqaban shakkamtoonni yaada yeroo ammaa beekkamti akka addunyaatti fudhatama argate mirga shakkamtootaa akka nama qulqulluutti ilaalamuu irratti hundaa’anii osoo hin taane rakkina yeroo sanatti isaan qunname rakkina du’a shakkamtootaafi baasii irraa of hambisuuf akka ta’e ni hubatama.

Tamsaasa FM MHAAGJ

dhageffadhaa.

Mirgi wabii falmiidha

Mirgi wabii akkuma falmiiwwan idilee biroo adeemsa mataa isaa danda’e kan qabu ta’uu tumaalee waliigalaa haala mirga wabii tarreessan irraa hubachuun ni danda’ama.Kana jechuun falmiin jira taanaan qaamni walfalmu jiraachuun dirqama ta’a.Falmii qaama lama jidduutti taasifamu irratti yoomiyyuu yoo ta’e immoo dhimma jaarsummaadhaan xummuramuun alatti qamni walfalmu lama bakka jirutti qama tokkoof murtaa’uu qaama biraatti immoo itti murtaa’uun dirqama ta’a jechuudha.yeroo kanatti qaamni murtii sana irraa komii qabu ol’iyyachuun isaa kan hin oolle ta’a jechuudha.Dhimma qabanne kana irratti qaama falmii kan ta’u shakkamaa yookiin himatamaa fi A/A waan ta’uuf  kan shakkamaa yookiin himatamaa ifaan taa’eet jira waan ta’eef waanti ka’u hin jiru haa ta’u malee  A/A mirgi wabii yoo eeyyamame ol’iyyachuu danda’aa? kan jedhu gaaffii xinxala kana keessatti deebii argatuudha.

Yaad rimee Ol’iyyannoo

Yeroo baay’ee jecha ol’iyyannoo jedhu namni hunduu(ogeessa seeraa kan ta’es kan hin taanes) yommuu jedhu ni dhagahama.Haa ta’u malee dhimma kanaan walqabatee meeqaa keenyatu hanguma jechicha jennu hubannoo isaa qabna isa jedhu isiniif dhiisee gara yaadrimee isaa ija seeraatin maal fakkaata kan jedhu akka armaan gadiitti  ilaaluf yaalla.

<<An appeal is the process in which cases are reviewed by a higher authority where parties request a formal change to an official decision.Appeals function as well as a process of clarifying and interpreting law>>

Ol’iyyannoo jechuun murtii kenname manni murtii gubbaa jiru akka ilaalee jijjiiruf adeemsa ittin gaafatamu.Ol’iyyannoon hojii akkasumas adeemsa seera ifa gochuu fi hiikuti. (yaada barreessaa)

Continue reading “Xinxala Muriti Dhadacha Ijibbaata”

Habeas Corpus (Qaama Bilisa Baasuu)

Mirga Qaamnii Bilisa Haa Bahuu (habeas corpus) Haaluun angoo mana murtii kamiitii”

Barruu xinxala seera irrattii godhamee

akka abbaan alangaa Mulugeetaa Megersaa barreessaniittii

Mulugetaa Magarsaa MHAAGJttii AA Aanaa Coraa Botor
  1. Seensa

Uumama waan hundaa ta’eet jalqaba irraa ka’ee hanga sadarkaa dhummaa qaqqabbutti sadarkaawwan adda addaa keessa darbuun isaa dirqama ta’a.Sadarkaawwan adda addaa keessa yommuu darbu immoo waantoota baay’ee fooyyeessaa itti dabalaa irraa hir’isaa bakka galma isaa gaha jechuudha.

Akkuma dhimmoota biroo  adeemsi armaan oliitti taa’e seeraafis kan tajaajilu ta’a.Sababa kanaatin seerotni adda addaa yeroo adda addaa dhimmoota garaagaraa irratti yommuu fooyya’anii bahan arguun qofti raga gahaadha.Waa’een seeraa yommuu ka’u  yeroo hunda kan wajjin ka’u waa’ee mirgaati.Kana jechuun hanguma guddini seeraa dabalaa deemu kabajamuun mirga namaas wajjin guddachaa deema. 

Akka idila addunyaatti guddina seeraatif  ta’ee mirga namoomaatif sanadootni gumaacha guddaa gumaachan baay’ee ta’anus akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1215 biyya Ingiliiziitti kan bahe Maagnaa Kaartaa,Bara 1789 Sanada Mirgootaa Ameerikaa,Diklaareshinii Mirga namoomaa Faransaay  bara 1789 akkasumas Konveenshiniin Jeneevaa bara 1864 bahan warra adda durummaadhaan caqasamaniidha.Sanadootni kun egaa guddina seeraatiifis ta’ee mirga namoomaatif dhagaa bu’uraati jechuun ni danda’ama.

Mirgi namoomaa mirga heeraan eegumsi taasifameefidha.Mirgi kun immoo daangaa seeraa taa’een alatti sarbamuus ta’ee mulqamuu hin danda’u.Haa ta’u malee darbee darbee mirgootni kun yeroo seeraan ala sarbaman ni mul’ata.Kunis seeraan ala qabamuun,Seeraan ala hidhamuun akkasumas seeraan ala bakkaa bakkatti socho’uu dhoorkamuudhan.Yeroo kanatti egaa furmaata seerri kaa’e keessaa tokko qaama bilisa baasuu(Habeas Corpus) dha.Kanaaf barreeffama kana keessatti yaadrimee isaa,seenaa dhufaati fi muuxannoowwan biyyoota biro kan ilaalaman ta’a.

  1. Hiikoo Habeas Corpus (Qaama Bilisa Baasuu)

‘’Habeas Corpus Medieval latin meaning “(we,a court,command) that you have the body (of the detainee brought before us)” is a recourse in law through which a person can report an unlawful detention or imprisonment to a court and request that the court order the custodian of the person,usually a prison official,to bring the prisoner to court,to determine whether the detention is lawful.[1]’’

Kana jechuun jechichi jalqaba kan dhufe biyya laatinii irraa yommuu ta’u ajaja Manni Murtii qaamni qabde jira nuuf dhiyeessi jedhu yommuu ta’u iyyataan seeran ala qabameera(hidhameera) jedhe  mana murtiitti yommuu iyyatu adeemsa Manni Murtii nama qabe sanaan yeroo baay’ee hooggantoota mana hidhaatin nama qabamee jiru sana nuuf dhiyeessaa jedhee seera qabeessummaa hidhamuu nama sana ittiin mirkaneeffatu jechuudha.Kana irra hubachuun kan danda’amu namni qabame yookiin hidhame tokko seeraan ala waanan qabameef qaamni koo bilisa haa bahu(hidhaa irraa gadi lakkifamuun qaba) jedhee Mana Murtiitti yommuu iyyatu Manni Murtiis qaama nama iyyate kana qabe yookiin hidhe akka dhiyaatee hidhamuun yookiin qabamuun iyyataa kanaa seera qabeessa moo? Miti? jedhee adeemsa ittiin qulqqulleeffatudha.

Yeroo baay’ee biyyotni sivil law hordofan namoota seeraan ala qabaman kanaaf beenyaa akka argatan taasisu.kuni garuu yeroo baay’ee qaama bilasa haa bahu(habeas Corpus) jechuun hin danda’amu.Fakkeenyaaf biyya Ispeenitti beenyaa madaalawaan qabiinsa seeraan alaatif  taasifamu ‘’amparo de libertad’’ (bilisummaa eeguu) jedhama.


  1. Yoom Jalqabe?

Yaadrimeen qaamni bilisa haa bahu jedhu yeroo jalqabaatif jaarra 12ffaa keessa biyya Ingilizitti bara Mootii Henerii 2ffaa keessa sanada Magnaa kaartaa jedhamu irratti kan hojii irra oole.Yeroo jalqabaatif bara 1305 tti biyya Ingilizitti qaama bilisa baasun fayyadamuun kan galmaa’e ta’uu A/Seeraa Wiliyaam Bilaakiston jedhamu caqaseera.Yeroo jalqabaatif adeemsi isaa kan galmaa’e immoo act 1679 jedhamu irratti biyyuma Ingiliizitti ture.

Dhimma Somerset vs Stewart waxabajjii 22 bara 1772 murtaa’e irratti dhugaan kun hojii irra ooluu isaa hubanna.Dhimmicha gabaabinaan akka armaan gadiitti ilaala.

Namni Chaarlis Isteewart jedhamu garbicha Afriikaa Jems Somersete jedhamu bite.Chaarlis kun bittaa kan raawwate biyya Ameerikaa Kaabaatti ta’us biyya isaa Ingilizitti bara 1769 yommuu deebi’u garbicha bite kana fudhatee dhufe.Garbichi kunis bara 1771 ji’a onkololeessaa keesa bade.Garbichi kun Sadaasa bara 1771 qabame bidiruu irratti hidhame.Sana booda qaamni koo bilisa haa bahu iyyata Mana Murtii dhaddacha Mootichaatti galfate.Mootin Maansfild jedhamu erga yaada bitaaf mirgaa dhagahee booda Mana Murtiitti  yaada gabaabaa kenne innis haala tasgabbaahaa ta’een garbicha kana gadi lakkisaa yookiin bu’aan isaa waan fe’e illee yoo ta’e haqni ni mirkanaa’a jedheen.Kana haa jedhu malee murtii kana kennuuf ji’a caalaa  itti fudhate.dhuma irratti gadi haa lakkifamu murtii jedhu dabarsee mormiiwwan adda addaa gamaa hedduun akka isa qunnamuuf sababa ta’eet ture.[2]

Iyyatni qaamni bilisa haa bahu kan ibsu qaamni qabame yookin hidhame tokko seeran moo seeraan ala qabame isa jedhu qulqulleffachuufi.Kanaaf immoo bitaaf mirgi barreeffamaan yaada kan waljiijjiiran yommuu ta’u biyya Ingilizitti hojimaata ammayyaa’aa fiduudhaan qaamni lamaanuu qaaman dhiyaatanii akka yaada kennanu taasifame.Kanaaf immoo namni qabame(hidhame) kun seeraan ala qabame taanaan manni Murtii akka gadi lakkifamu ajaja yookin mirgi wabii isaa(ishee) akka eegamuuf taasisuu danda’a.[3]

  1. Muuxannoo Biyyoota adda addaaPoorchugaal

Biyyi kun mirga kanaan walqabatee eegumsa kan taasifte seera biyyattii isa muummee keessatti.Heera Mootummaa poorchugaal kewwata 31 jalatti namoota seeraan ala qabaman,hidhaman akkasumas ugguramaniif eegumsa taasiseet jira.

Art 31(1) portuges constitution states that ‘’Habeas Corpus is available to counter misuse of power in the form of illegal arrest,imprisonment or detention.Application for it must be made to the competent court’’.[4]

 Kana jechuun  aangoo seeraan ala fayyadamuun seeraan ala qabuun hidhuun yookiin tursiisuun kan ibsamu yoo ta’e kanaaf immoo furmaanni isaa gaaffii qaamni bilisa haa bahuu jedhuudha.Iyyatni isaa immoo mana murtii aangoo qabutti dhiyaachuu kan danda’uudha.Dabalataan keewwata armaan olii keewwata xiqqaa 3 jalatti manni murtii iyyata dhiyaateef guyyaa 8(saddeet) keessatti murtii itti kennuu akka qabu kaa’era.

Kana qofaa osoo hin taane biyyi Poorchuugaal seera adeemsa falmii yakkaa biyya ishee keessatti keewwata 220 fi 222 irratti sababa manni murtii iyyata qaamni bilisa akka bahuuf gaafatamu  fudhachuu danda’u kaa’eet jira.[5]

  1. Kaanaadaa

Biyyi kun seera kana seera biyya Ingilizii irraa dhaalte.Biyya kanatti seera adeemsa falmii yakkaa kutaa 10(c) jalatti akka armaan gadiitti kaa’ee jira

‘’every one has the right on arrest or detention ….to have the validity of the detention determined by way of Habeas corpus and to be released if the detention is not lawful’’[6]

Namni qabame yookiin hidhame kamiyyuu iyyata qaamni bilisa haa bahu jedhu gaafachuun haalli qabinsa isaa seera qabeessa ta’uu qulqulleeffachuu kan qabu ta’uu fi seeran ala qabame yoo ta’e immoo gadi lakkifamuu kan danda’u ta’uudha.

Yeroo jalqabaatif dhimma akkanaa ilaalun biyya kanatti kan jalqabame Mana Murtii Waliigala Kanadaatin dhimma falmii ‘’ Mission Institution Vs Khela’’ irratti.Iyyannoon qaamni bilisa haa bahuu dhiyaatu milkaa’uuf yookiin fudhatama argachuuf ulaagaawwan armaan gadii guutuu qaba.Inni jalqabaa iyyataan yookiin namni dhimmi isaa akka ilaalamuuf barbaadu bilisummaan isaa yookiin ishee sarbamuu qaba bilisummaan isaa/ishee sarbamuu agarsiisuu yookiin mirkaneessuu qaba.Kana erga mirkaneessee booda immoo seeraan ala ta’u isaa irratti gaaffii kaasuu qaba.kana lamaan erga mirkaneessee booda qaamni yookiin dhaabbanni iyyataa kana qabe yookiin hidhe bilisummaa nama kanaa mulquun isaa seera qabeessa ta’uu isaa ibsuu qaba.[7]

  1. Jarman

Seera Jarman Grundgesetz (akka keenyaatti Heera Mootummaa) jedhamu keessatti yookiin Basic Law jedhamu keessatti waa’een mirga namaa taa’eet jira.Heera biyya Jarman keewwata 104 himata 1ffaa jalatti bilisummaan namaa kan daanga’uu danda’u adeemsa seeraatin qofa ta’uu qaba jedha.Keewwatuma armaan olii jalatti namni qabame tokko guyyaa itti aanu Mana Murtii dhiyaachuu kan qabu ta’u fi manni murtii immoo sababa qabameef sana irratti ajaja dabarsuuf  shakkamaa kana dhagahuu kan qabu ta’uudha.

Dabalataan namni seeraan ala qabame tokko beenyaa inni argachuu qabu dirqama irra kaa’u heera armaan olii keewwata 19 irraa hubachuun ni danda’ama.Akka dubbisa keewwata kanaatti namni bilisummaan isaa namoota aangoo qabaniin sarbame  Mana Murtiitti iyyachuu danda’a jedha.Kanaan walqabatee dhimma kana ilaaluf Manni Murtii addatti dhaabate yoo jiraachuu baate  iyyata isaa  Mana Murtii idileetti dhiyeeffachuu danda’a.[8]

  1. Rippublika Ayerlaand

Beenyaan qaamni bilisa haa bahu faana madaalawaa ta’e heera mootummaa bara 1937 bahe keewwata 40 irratti eegumsi taasifameefi jira.Heera kana keessatti gaalen Habeas Corpus jedhu ifaan taa’uu baatus gaalee ‘produce the body’ jedhuun ibsamee jira.Iyyatni kunis dhiyaachuu kan danda’uu Mana Murtii Ol’aanaatif akka ta’e keewwaticha irra hubanna.keewwatichis akka armaan gadiitti kaa’et jira

Upon complaint being made by or on behalf of any person to the High court or any judge thereof alleging that such person is being unlawfully detained,the high court and any and every judge thereof to whom such complaint is made shall forthwith enquire into the said complaint and may order the person in whose custody such person is detained to produce the body of such before the high court on a named day and to certify in writing the grounds of his detention and the high court shall upon the body of such person being produced before that court and after giving the person in whose custody he is detained an opportunity of justifying the detention order the release of such person from such detention unless satisfied that he is being detained in accordance with the law”[9]

Namni seeraan ala qabame iyyata ofii isaatif yookiin nama biraatin mana murtii ol’aanaatiif yookiin  A/Seeraa achiitif galfachuun Manni Murtii fi A/Seeraa iyyatni qaqqabe kamiyyuu qaama iyyataa kana qabe(hidhe) iyyataa kanaa fi sababa iyyataa kana itti hidhuu danda’eef barreeffamaan qabatee guyyaa caqasame irratti Mana Murtii Ol’aanaatti  qabatee akka dhiyaatu ajaja kenna sana booda iyyataanis namni iyyataa kana hidhe(qabe) erga dhiyaatanii sababa itti iyyataan kun hidhame mirkaneeffatee yoo qabamuun isaa bu’ura seeraa qabaate malee seeraan ala yoo ta’e akka gadi lakkifamu ajaja dabarsa.

  1. Itoophiyaa

Heerri Mootummaa Federaalawaa Dimookraatawaa Rippublika Itoophiyaa keewwattoota waliigalaa qabu keessaa 1/3 isaa keewwattoota  mirga namoomaa faana walqabataniidha. Mirgoota kana keessaa immoo mirgi namoota qabamanii isa tokkoodha.

boqona Lammaffa

wa’e habeus corpes ilaalchisee seeroota itiyopiyaa

  • Heera Mootummaa Federaalaa labsii lakk.1/1987

HMFDRI keewwata 19(4) jalatti poolisiin namoota hidhaman daangaa seeraa taa’e keessatti Mana Murtii dhiyeessee sababa hidheef kan hin ibsine yoo ta’e namni qabame kun qaamni isaa bilisa akka bahuuf Mana Murtii gaafachuu kan qabu ta’uu fi mirgi kunis karaa kamiinuu kan hin mulqamne ta’uu ibseera.[10]Kanaaf kana irraa kan hubachuu dandeenyu iyyatni qaamni bilisa haa bahu jedhamee gaafatamu heera mootummaan eegumsi kan taasifameef ta’uudha.Akkuma beekamu heerri mootummaa immoo seera waliigalaa waan ta’eef mirga kana raawwachiisuuf  seerota biro keessatti hammachiisuun dirqama ta’aa jechuudha.Mee itti aansuudhaan immoo seerota biyya keenyaa waa’ee mirga kanaa kaasan ilaalla.

  • Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa lakk.46/1994

Heerri Mootummaa Naannolee hanga heera Mootummaa Federaalaatin faallaa hin taanetti raawwatinsa kan qabu ta’uun isaa ni beekama.Dabalataan immoo Naannoo sana irratti seerotni hunduu kan maddan heera kana irraa ta’uunis ifa jiruudha.Heera kana  irratti mirga qaama bilisa baasuudhaan walqabatee akka armaan gadiitti kaa’eet jira.

Qaamni yookiin seera kabachiisaan isa qabe kamiyyuu yeroo murtaa’e keessatti mana murtiitti dhiyeessuudhaan sababa qabameef yoo hin ibsine, manni murtichaa bilisummaa qaamasaa akka kabachiisuuf gaafachuudhaaf mirga bira hin dabramne kan qabu ta’us, haqni akka hin hir’anne haalichi kan gaafatu yoo ta’e, manni murtichaa, namni qabame sun eegumsa jala akka turu ajajuuf yookiin qorannoo adeemsisuuf dabalanni yeroo ennaa gaafatamu hanga barbaachisaa ta’e qofa hayyamuu ni danda’a. Manni murtichaa, qorannoodhaaf dabalata yeroo barbaachisu ennaa murteessu, itti gaafatamaa kan ta’an abbootiin taayitaa seera kabachiisan qorannoo calalanii, namichi qabame hanga danda’ametti daddaffiidhaan mana murtiitti dhiyaachuuf mirga qabu kan kabachiisu ta’uu qabu.[11]

Akka dubbisa keewwata kana irraa hubanutti mirgi kun kan bira darbamuu hin dandeenye ta’uu fi gahee Mana Murtiis caqasuuf kan barbaade fakkaata.

  • Waliigaltee Idila Addunyaa Mirga Siviilii fi Siyaasaa(ICCPR)

Heera Mootummaa Federaalaa Dimookraatawaa Rippublika Itoophiyaa keewwata 9(4) irraa akka hubannutti waliigalteewwan Idila Adunyaa biyyi keenya mallatteessitu qaama seera biyya keenyaa akka ta’u danda’udha.Waliigalteewwan Biyyi keenya mallatteessite keessa tokko immoo koonveenshinii Mirga Siviilii fi Siyaasaati.Waliigalteen(konveenshiniin) kun immoo keewwata 9(4) irratti immoo akka armaan gadiitti ibsee jira:-

Namni hidhamuu yookiin qabamuu isaatin bilisummaan isaa sarbame kamiyyuu seera qabeessummaa hidhaa isaa akka  qulqqulleesse murteessuf  seeraan ala qabame(hidhame) yoo ta’e immoo bilisaan akka bahuuf akka ajaja kennuuf mirga mana murtii dhiyaachuu qaba jechuun kaa’ee jira.[12]Dabalataan koonveenshiniin kun keewwata armaan olii keewwata xiqqaa 5 jalatti qaamni seeraan ala qabamee mirga beenya argachuu kan qabu ta’uu kaa’eet jira.Kana irratti dhimma kana biyyi keenya seera ishee keessatti hin hammachiifne malee osoo nama seeraan ala qabamu hundaaf beenyaan haa kaffalamu jedhamee mootummaan kasaaraa guddaaf kan saaxilamu ta’aayyu.(yaada barreessaa)

  • Seera Adeemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa

Seerri adeemsi falmii hariiroo haawaasaa akkuma beekamu adeemsa dhimmootni hariiroo hawaasaa ittiin hoogganamudha.Seera kana kutaa 6 keessatti mata duree adeemsa seera qabeessummaa dirqisiifamanii qabamuu ittiin qulqqullaa’u jalatti kan argamu yommuu ta’u haala iyyatni ittiin dhiyaatu ilaalchisee seera adaba yakkamaa yookiin bu’ura tumaa seera kanaatin Manni Murtii osoo itti hin murteessin yookiin murtoo hin dabarsin ,ajajni biraa kamiyyuu osoo hin kennamin qaama aangoo qabu kamiinuu yookiin haala birootin yookiin nama biraatin namni dirqisiifame, bakkaa bakkatti akka hin sochoonee dhorkame,kan qabame yookiin hidhame gochuun kun akka irraa dhaabbatu ofumaa Mana murtiitti dhiyaatee akka ibsuuf iyyachuu danda’a.Ibsa keewwata kanaa irraa akka hubanutti iyyatni qaamni bilisa haa bahuu kan bu’ura godhatan dhimma yakkaa yookiin kan hariiroo hawaasaa ta’uu kan danda’u ta’uu isaati.Dabalataan immoo iyyataan kun kana dura gara Mana Murtii kan hin qaqqabne akkasumas hidhamuu yookiin qabamuu isaa keessa ajajni yookiin murtiin mana murtii kan hin jirre ta’uudha.Kana irratti gaaffin ka’u garaagarummaan guddaan seera yakkaa fi seera hariiroo hawasaa bilisummaa fi qabeenyaan kan walqabatu ta’uudha.kana jechuun dhimmi yakkaa bilisummaa nama dhunfaa daangeessudhaan kan walqabatu yommuu ta’u seerri hariiroo hawaasaa immoo faallaa seera yakkaa kan inni walqabatu dhimma qabeenya yookiin diinagdee nama sanaa faana malee bilisummaa faana walitti hin dhufu.Haalli addaa ajaja mana murtiitiin dhimma hariiroo hawaasaa irratti namni hidhamuun akkuma jirutti ta’ee jechuudha.

Iyyatichi kakuudhaan kan deeggarame ta’ee maqaa nama dirqisiifamee yookiin qabamee maqaa nama dirqiisiisee yookiin qabee bakka dirqisiifamee itti qabame akkasumas ragoonni kana mirkaneessaniif yoo jiraatan kanuma kan ibsu ta’uu qaba.Kun immoo iyyatni qaamni bilisa haa bahuu qaama bilisummaa kana sarbee fi qaama bilisummaan isaa sarbame(iyyataa) jidduutti falmiin kan gaggeeffamu ta’uu hubanna.

Gama biraatin immoo iyyataan kun sababa adda addaatin iyyata isaa qaamaan dhiyeeffachuu kan hin dandeenye yoo ta’e namni biraa iyyata isaa mana murtii qaqqabsiisuufi kan danda’u ta’u tumaa seera kanaa irraa hubachuun ni danda’ama.[13]

Aangoo dhimma kana ilaaluutiin walqabatee seerri kun ifaan kaa’et jira.Iyyatni qaamni bilisa ha bahuu kan dhiyaachuu qabu Mana Murtii Ol’aanaatiif ta’uu hubanna.Akkuma beekamu amma kan hoogganamaa jirru sirna Federaalizimiidhaan waan ta’eef  sirni kun immoo caaseffama Mootummaa Federaalaa jedhuu fi Mootummaa Naannoo jedhu qaba.Qaamotni lamaan kun immoo qaama seera hiiktuu of danda’e qabu.Kanaaf  Mana Murtii ol’aanaa yommuu jedhamu kan Federaalaatimoo kan Naannooti kan jedhu seericha keessatti ifaan hin teenye haa ta’u malee caseeffama Mootummaa yeroo seerri kun bahuu yoo ilaalle Sirna Mootummaa Waltaawaa (unitary form of government) waan ta’eef sirna akkasii keessa immoo Manni Murtii Ol’aanaa kan jiru sadarkaa gubbaa yookiin Federaalaatti qofa  waan ta’eef barreeffamni kunis Mana Murtii Ol’aanaa Federaalaa kan jedhun haa hubatamuun dhaamsa barreessaati.

Kanaaf egaa dhimmootni falmiiwwan idilee irratti raawwataman erga raawwatamanii booda manni murtii seeran ala qabamuu iyyataa yoo mirkaneeffate ulaagaan biraa osoo hin barbaachisin iyyataan akka gadi lakkifamu ajaja kenna.Iyyatni dhiyaate mana murtii shakkii keessa kan galche yoo ta’e manni murtii iyyataa kana wabiidhaan akka bahu ajajuu danda’a jechuudha.[14]

  • Labsii 25/96

Labsiin lakk.25/1988 labsii Manneen Murtii Federaalaa hundeessuf  bahe yommuu ta’u aangoo fi gahee Manneen Murtii Federaalaa sadarkaa adda addaa irratti argamamanii tarreesseet jira.Labsiin kun aangoo Manneen  Murtii  Federaalaa dhimma hariiroo hawaasaa irratti qabu yommuu tarreessu keewwata 5(10) jalatti waayee iyyata qaamni bilisa akka bahuuf dhiyaatu aangoo kenneefii jira.Kanaan walqabatee labsii kana keewwata 14 jalatti waa’ee aangoo mana murtii sadarkaa duraa dhimma hariiroo hawaasaa irratti qabu yommuu tarreessu bu’ura  labsii kanaa  keewwat 8 fi 11(2)tin  aangoon Mana Murtii Waliigalaa fi Mana Murtii Ol’aanaa tif kenname akkuma eegametti ta’ee bu’ura  keewwata 3 fi 5 tin dhimmoota hariiroo hawaasaa sadarkaa Federaalaatti dhiyaatan Manni Murtii sadarkaa duraa ilaaluu kan danda’u ta’uudha.Naanna’ee naanna’ee akka waliigalaatti manni murtii federaalaa sadarkaa duraa dhimma iyyata qaamni bilisa haa bahuu ilaaluu danda’aa jechuudha.[15]

Dabalataan immoo Heera Mootummaa Federaalaa keewwata 80(4) irraa akka hubannutti manneen murtii ol’aanaa naannolee aangoo naannoo irratti qabaniin dabalatatti aangoo manneen Murtii sadarkaa duraa federaalaa ilaaluuf kan aangeffaman ta’uudha.Kanaan walqabsiifnee qabxiiwwan kaasudhaaf akka mijatuuf  labsii dhumaa ilaallee walitti deebina.

  • Labsii 216/2011

Labsiin kun labsii gurmaa’insa Aangoo fi Hojii Manneen Murtii Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebiin murteessuf bahe yommuu ta’u keewwata 31 jalatti aangoo manneen murtii aanaa tarreessee jira.kana keessaa iyyata qaama bilisa bahuuf dhiyaatu kan ilaalu ta’uu aangoowwan jiran keessaa isa tokko ta’uu hubanna.[16]

Kanaan walqabatee qeeqni adda addaa kan ka’aa jiru yommuu ta’u qabxiiwwan kanaan walqabatan irrattis kan ka’u immoo labsiin 216/2011 heerawaa miti ogeessonni jedhan kan jiran yommuu ta’u gama biraatin immoo ogeessonni lakki labsii 25/96 tu bu’ura heeraa hin qabne jechuun kan falman jiru.Qabxiin sadaffaa Seerri adeemsa falmii hariiroo hawaasaa hoo bu’ura seeraa qaba moo? Hin qabu?  mee yaada sadanuu  ija seeraatin deeggarree haa ilaallu.

Yaada deeggartoota qabxii duraa(labsiin 216/2011) heerawaa miti kan jedhan yommuu ilaallu.Jalqabumayyuu aangoon kun kan kenname Mana Murtii Federaalaatif yommuu ta’u seera lammaffaa baasuun maaliif barbaachise?akkasumas labsiin 216/2011 heera yookiin seera isa kam? bu’ura godhateet dhimma kana labsii kana keessatti Mana Murtii Aanaaf  kennuu danda’ee?kanaaf  labsiin kun bu’ura heeraas bu’ura seeraas hin qabu jechuun qeequ.

Gama biraatin immoo  bu’ura heeraas bu’ura  seeraas kan hin qabne labsii lakk. 25/88dha kan jedhuudha.Labsiin kun bu’ura seeraa kan hin qabne ta’uu isaatin dabalatti mirga haqa yeroo gabaabaa keessatti argachuu lammiilee kan miidhudha jechuun yaada faallaa kaasu.

Akka qabxii sadaffaatti  seerri adeemsa falmii hariiroo hawaasaa heera fi seera isa kan bu’ura taasifateet dhimma kana of keessatti hammachiisuu danda’e? Seerri kun haala yeroo faana foyya’aa deemuu dhabuun rakkoo biraa ta’us sadarkaa amma jiruun bu’ura heeraa qabaachuu fi dhiisuu isaa sakatta’aa deemun sirrii waan ta’uf  seera qabeessummaa isaa ija heeraatin sakatta’uun barbaachisadha.Kanaaf mee seerota kana keessaa isa kamtu sirriidha kan jedhu akka armaan gadiitti kan ilaallu ta’a.

Ka’umsa seera hundaa kan ta’u heera mootummaa biyya tokkoo akka ta’e ifa galaadha.kanaaf mee qabxiiwwan Heera Mootummaa Federaalaa irra jiran tokko tokko kaafne haa ilaallu.

Keewwata 55 jalatti seerota Manni Maree bakka Bu’oota uummataa baasu tarreesseet jira.Kana keessaa keewwata xiqqaa 6 jalatti seera Sivili baasuu danda’a jedha.Kuni kan ta’u immoo seerichi bahuu isaa yoo Mana Maree Federeeshinii itti amaneedha jedha.Heerri kun kan kana  jedheef (haala addaatin seerichi akka bahu kan barbaadee fakkaata) kaayyoo galmaan gahuu barbaade qaba jechuudha.Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa aangoo seera siviilii baasuu qaba yoo jenne sunis fedhii Mana Maree Federeeshinii irratti hunda’eeti yoo jenne seera kana baasuu kan qabu bu’uura keewwata 55(1) osoo hin taane bu’uura keewwata 55(6) ta’uu qaba ture.Kanaaf immoo addatti Manni Maree Federeeshinii kan eeyyame ta’uu agarsiisuu qaba ture.Kanaaf  labsiin 25/88 kan bahe bu’ura keewwata 55(1) waan ta’eef  dabalataan immoo Aangoo kana Mootummaa Federaalaaf  keewwata 51 jalatti  addatti waanti kenne hin jiru.Kanaaf labsiin 25/88 dhimma qabanne (qaamni bilisa haa bahuu) irratti bu’ura heeraa qaba jennee akkamitti sababeessuu dandeenya.

Dabalataan immoo heerri mootummaa kan bahe bara 1987 yommuu ta’u seerri adeemsa falmii hariiroo hawaasaa immoo kan bahe bara 1958 kanaaf seerri adeemsa falmii hariiroo hawaasaa  kan bahe bu’uura heeraatin miti jechuu dandeenya.

Garaagarummaa biraa, labsii lakk.25/88 irratti aangoon mirga qaamni bilisa haa bahuu kan Mana Murtii sadarkaa duraa federaalaati,bakka bu’insaan Manneen Murtii Ol’aanaa Naannolee ta’a jedha.Seera adeemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 177(1) keessatti immoo iyyata Mana Murtii Ol’aanaaf kan dhiyaatu ta’uu hubanna.Manni Murtii Ol’aanaa inni kun isa Federaalaa jechuu barbaadeti.Aangoon Mana Murtii Ol’aanaa Federaalaa immoo bakka bu’insaan kan ilaalamu Mana Murtii Waliigala Naannoleetin ta’a jechuudha.Kun immoo garaagarummaa biroo seerota lamaan (labsii 25/88 fi s/d/f/h/h)  jidduu jiruudha.

Gaaffin biraa asitti ka’u immoo iyyannoon qaamni akka bilisa bahuuf gaafatamuu yookiin dhiyaatu jalqabuma irraayyuu hariiroo hawaasaati moo yakka kan jedhu gaaffii deebi’uu qabuudha.Muuxannoowwan biyyoota biroo yommuu ilaallu dhimmicha heera mootummaa keessatti hammachiisuun dabalatatti seera yakkaa yookiin seera adeemsa falmii yakkaa keessatti hammachiisaniiru.As irratti dhugaan hubatamuu qabu akkuma seensa barreeffama kanaa keessatti caqasametti garaagarummaan dhimma yakkaa fi hariiroo hawaasaa  tarkaanfii bilisummaa namaa irratti qaban ta’uu ilaallee jirra.kanaaf dhimmi kun jalqabumayyuu  dhimma seera yakkaatin ilaalamuu qabu tureeyyu.(yaada barreessaa)   

Qabxii biraa Heera Mootummaa Federaalaatti deebinee yommuu ilaallu keewwata 52(1) jalatti aangoon ifaan mootummaa federaalaaf hin kennamne kan mootummaa federaalaafi mootummaa naannoof walitti(waloon) hin kennamne Mootummaa Naannoof kennama jedha.Kanaaf dhimma iyyata qaamni bilisa bahuu qaba jedhu tarree aangoo mootummaa sadarkaa lamaanifu hin kennine kana jechuun dhimma kana irratti naannoleen seera baasuf aangoo qabu jechuudha.Kanaaf akka waliigalaatti seerota armaan olitti ibsaman(25/88,216/11 fi seera adeemsa falmii hariiroo hawaasaa) keessaa dhimma kana irratti labsiin bu’ura heeraa qabu labsii 216/2011 ta’a jechuudha.Kana jechuun iyyanni qaamni bilisa haa bahuu dhiyaachuu kan qabu Mana Murtii Aanaatti ta’uun isaa sirrii,seeraa fi dhugaa irratti kan hundaa’edha.

Dabalataan  namni qabame tokko sa’aatii 48:00 keessatti mana murtii dhiyaachuu kan qabu ta’uu heera mootummaa federaalaa keewwata 19(3) fi seera adeemsa falmii yakkaa keewwata 29(1)  irraa hubanna.Dubbisa keewwata kanaa irraa hubachuun kan danda’amu namni tokko murtii yeroo gabaabaa keessatti argachuu akka qabuudha.Dhimma qabanne kana irratti aangoo kan qabaachu qabu Mana Murtii Ol’aanaa(naannolee)ti yoo jenne Aanolee magaala godinaa irraa baay’ee fagoo jiran ilaalcha keessa galchuun namni aanaa akkanaatti qabame tokko hanga godinatti iyyatutti guyyaa baay’ee darbees torbeewwan fudhachuu danda’a jechuudha.Kun immoo mirga kabachiifnaatti mirga sarbuun dhufa jechuudha kun immoo kaayyoo seeraa miti.Kanaaf akka waliigalaatti dhimmichi dhimma aangoo walitti agarsiisuu osoo hin taane dhimma mirga namaatin walqabatu waan ta’eef  labsiin 216/2011 akkuma jirutti ta’e seerotni isaan kaan akka fooyya’aniif qaamni dhimmi ilaalu osoo xiyyeeffannoo itti kenne

.

  • Mirgi Kun Daangaa qabaa?

Iyyatni qaamni bilisa haa bahuu mirga nama hundaa sababa adda addaatin qabamee, hidhamee fi uggurameeti.Mirgi hundumtuu immoo dangaa seeraan taa’eef qaba.Kanaaf mirgi iyyata qaamni bilisa haa bahuu dhiyaatu daangaa qaba moo? hin qabu? kan jedhu ittin aansun ilaalla.

 Biyya philippinsi:-iyyatni qaamni bilisa haa bahu jedhu haala kamiinuu kan hin daangofne ta’us haala addaatin garuu weerarri yookiin jeequmsi jiraatee nagaa uummataatif barbaachisaa ta’ee yoo argame qofa ta’uu hubanna.[17]

Biyya Rippublika Ayarlaanditti haala namni seeran ala hidhame itti gadi lakkifamu fi adeemsa itti iyyatni itti dhiyaatu fi mana murtii isa kamiif akka dhiyaatu erga tarreesee booda mirgi kun kan daangaa qabu ta’uu ibseera.Haa ta’u malee adeemsi kun yookiin mirgi kun yeroo waraanaa yookiin fincila loltootaa raayyaa ittisa biyyaa irratti kan hin raawwatamne ta’u kaa’era.[18]

Biyya Ameerikaatti Heera Mootummaa keewwata 1 kutaa 9 jalatti ‘’the privilege of the writ of habeas corpus shall not be suspended,unless when in cases of rebellion or invasion the public safety may require it’’.kana jechuun mirga kana irratti daangaan kan jiru ta’udha.Kanaaf sababa kan ta’u immoo yoo weerarri jiraate yookin immoo fincilli biyya keessaa yoo jiraate fi nageenya uummataatif barbaachisaa ta’ee yoo argamedha.Kanaaf akka fakkeenyaatti kaasuf  Prezidaantiin Ameerika Abrahaam Linkan bara 1861 tti yeroo waraana waliinii (Civil war) Ameerikaa keessa tureef  seera  maarshaal law baasun mirga heera mootummaan eegumsi taasifameef  qaamni bilisa haa bahuu dhorkeet(daangaa irra kaa’et) ture kana kan taasise immoo Naannoo Meerilaand jedhamuu fi Naannolee walakkeessa Lixaa jiran irratti ture.I/Gaafatamaa Mana Murtii Waliigalaa Ameerikaa  kan ture Taanleey kan jedhamu garu yaada Preezidaantichaa morme sababni isaa immoo mirga kana dhorkuu kan danda’u koongreessidha malee Prezidaantii miti jechuun booda irra Preezidantin Liinkan yaada Taanleey mormee dhorkaan kun akka itti fufu xalayaa koongreesichaaf barreesee ture haa ta’u malee yaadni preezidaantichaa kufaa ta’e.Sababa kanaan  mirga qaamni bilisa haa bahuu irratti daangaa kaa’uu kan danda’u qaama kami kan jedhu ifaan barame jechuudha.Dabalataan Yeroo waraana  addunyaa lammaffaa Prezidaantin Ameerikaa Ruuzvalt mirga iyyata qaamni bilisa haa bahuu dhorkeet  ture.[19]

Biyya keenya Itoophiyaa yommuu ilaalu immoo yeroo labsiin yeroo muddamaa(hatattamaa) bu’uura Heera Mootummaa FDRI keewwata 93tin bahu mirgootni hunduu kan danga’an ta’uu ni beekama.Haa ta’u malee keewwatni kun mirgoota yeroo kanatti daangaa itti hin godhamne(taasifamne) keewwata xiqqaa 4(c) jalatti kan tarreesse yommuu ta’u kunis keewwata 1(moggaasa maqaa biyyatti),keewwata 18(Karaa Farra Namoomaa Ta’een Qabamuun Dhoorkamuusaa),keewwata 25 (mirga walqaxxummaa) fi keewwata 39(1)(2)mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu hanga fottoquu kan ilaallatudha.Kana jalatti immoo waa’een qaama bilisa baasuu  hin kaane.Kanaaf qajeeltoo waanti ifaan hin eeyyamamne akka dhoorkametti ilaalama(lakka’ama) jedhuun   labsiin yeroo muddamaa yommuu bahu mirga kana irratti dhorkiin(daangaan) kan taasifamu ta’uudha.[20]

fm MHAAGJ

WEBSITE MHAAGJ JALATTII TAMSAAFAMA

ABOUT

sagaleeN tamsaasa fm Mana Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmaa kan tora interneetii irrattii tamsaafamuudhaa. Tamsaasa fm MHAAGJ kallaattidhaan hordoofuuf linkii http://www.mhaagj.org jedhuu fayyadamuu ykn Google jalattii FM Mana Hojii AA Godina Jimmaa jechuun search yoo goochun nu dhagefafchu. Fm kenya dhageffachuun baasii tokkoo malee boohartidhan bekkumsa seeraa kessan gabbifachuu dandeessuu

SPEAKING

Design Conference, 2019
Designing Teams
San Jose, CA

Design x Mental Health, 2019
Speaking Out
San Francisco, CA

Impact for Growth, 2018
Building Compatible Teams
San Francisco, CA

GET IN TOUCH

Diane is always available for side collaborations and talks worldwide. If you want to chat about design, books, wine, or anything else, don’t hesitate in reaching out.

WRITING:

Lessons from remote interviewing
April 2020

What design mentees need
December 2019

How to foster collaboration
November 2019

RIFERENCE.


[1] https://en.m.Wikipedia.org/wiki/Habeas-Corpus

[2] Isa lakk 1ffaa irratti  caqasame

[3] Isa olii

[4] constitution of the Portuguese Republic ratified 2 April 1976

[5] Portuguese criminal Procedure code (codigo de processo penal) 10 th October 2020

[6] Canadian Charter of Right and freedom

[7] May v.Ferndale Institution,2005 SCC 82(CanLII),[2005] 3 SCR 809,https://canlii.ca/t/1m7f3

[8] Basic Law of the Federal Republic of Germany

[9] Bunreacht na hEireann

  Constitution of Ireland 29 December 1937

[10] Proclamation No. 1/1995 Proclamation of the Constitution of the Federal Democratic Republic of Ethiopia

[11] Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa Fooyya’ee Bahe Labsii Lak. 46/1994 keewwata 19

[12] International Convention on  civil and political right  art.9(4)

[13] DECREE No. 52 OF 1965 THE CIVIL PROCEDURE CODE DECREE Art.177

[14] Isa lakk 12 irratti caqasame

[15] Proclamation No. 25/1996 Federal Courts Proclamation Art.14(1)

[16] Labsii Gurmaa’ina, Aangoo fi Hojii Manneen Murtii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irra Deebiin Murteessuuf Bahe, Labsii Lak. 216/2011 keewwata  31

[17] Heera mootummaa biyya philippinsi keewwata 3 kutaa 15

[18] Heera Mootummaa Rippublika Ayarlaandi keewwata 40.4.2

[19] https://en.m.Wikipedia.org/wiki/Habeas-Corpus

[20] Proclamation No. 1/1995 Proclamation of the Constitution of the Federal Democratic Republic of Ethiopia Art.93(4)

Habeas Corpus (Qaama Bilisa Baasuu)

Fm Mana Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmaa Dhaggeffadhaa.

Kuunii sagalee tamsaasa fm Mana Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmaa kan tora interneetii irrattii tamsaafamuudhaa. Tamsaasa fm MHAAGJ kallaattidhaan hordoofuuf linkii http://www.mhaagj.org jedhuu fayyadamuu ykn Google jalattii FM Mana Hojii AA Godina Jimmaa jechuun search yoo goochun nu dhagefafchu. Fm kenya dhageffachuun baasii tokkoo malee boohartidhan bekkumsa seeraa kessan gabbifachuu dandeessuu. Linki armaan gadii tuquun tamsaasa kenya guutuu dhageffachuu dandeessuu.


http://Anchor.fm/fm_mhaagj
ይህ የጅማ ዞን አቃቤ ህግ ፅህፈት ቤት የFM ድምፅ ነው። ስርጭታችንን ለማዳመጥ የፅፈት ቤቱን ኦፊሴላዊ ድህረገፅ http://www.mhaagj.org በመጠቀም አልያም በጎግል FM Mana Hoji AA Godina Jimmaa ብለው በመፈለግ ያገኙናል። ስርጭታችንን በማድመጦ እየተዝናኑ የህግ አውቀቶትን ያዳብራሉ።
This is Jimmaa zone attorney office official FM which is transmitted through internet. This transmission is about the concept of habeus corpus in Ethiopia.
To get our prodcust on habeus corpuse use the link below👇

To get all Jimmaa zone attorney office official FM podcast transmited thru internet us the link below👇
http://Anchor.fm/fm_mhaagj
In addition you may get our podcast throu our official website http://www.mhaagj.org

http://Anchor.fm/fm_mhaagj

http://Anchor.fm/fm_mhaagj

RSS Error: WP HTTP Error: A valid URL was not provided.

Fm mana hojii AA Godina Jimmaa tamsaasa caamsaa 17 2013

hubannoo seeraa abbaa alangaa obboo anwarin qophaa’e

Tamsaasa fm mhaagj

Mana Hojii AA God Jimmaattii Odeffannoo Adeemsa hoojii Dhimmota Hariiroo Haawasaa. Pdf

sensa

በጅማ ዞን አቃቤ መስርያ ቤት  

Adeemsaa Hojii Dhimmoota Hariiroo Hawaasa

የፍትሐብሔር ጉዳዮች የስራ ሂደት

Dhimmoonni Hariiroo Hawaasa dantaa ummataa fi manneen hojii mootummaa dhabbilee misoomaa mootummaa jaarmiyaalee ummataa namoota harka qalleeyyii ta’anii akka kabajamuuf labsii lakk  214/2011 bahe labsii lakk 236/2013 foyyaa’een bahee tumameera

Manni hojii Abbaa Alangaa fi caasaalee isaa sadarkaa sarkaan

–  Manneen hojii mootummaa

– Dhaabbilee miisoomaa mootummaa

– Jaarmiyaalee ummataan

– Namoota harka qalleeyyii ta’ani deeggarsaa adda isaan barbaachisummaa keessummatiyyuu dubartoota da’immaan qaama miidhamtoota fi maanguddoota kan ta’aniif 

1. Tajaajilaa gorsaa seera ni kennaa himannaa ni dhiyeessaa,gudduus ni lixaa deebii ni kennaa,dhorkii nu baasiisaa,ni falmaa,murtii ni raawwachiisa.

2. Wixinee waliigaltee manneen hojii mootummaa fi jaarmiyaalee ummataa ni gulaala ykn ni qopheessa

3. Waldiddaa yoo uumamee Addemsaa mala filannoo biroon hiikuu kuniis

Waldiddan manneen hojii mootiummaa gidduutti ykn mana hojii mootummaa fi nama/qaama biro giddutti yoo umamee dhimmichaa gara mana murtiitti dhiyeessuun duratti.

Waldiddan manneen hojii mootummaa giddutti ykn mana hojii mootummaa fi nama/qaama birpp gudduutti yoo umamamee dhimmichaa gara mana murtitti dhiyeessuun duraatti.

  • Mala waliigaliinsaatiin (Negotiation)
  • Mala waltaasiisuun ykn araaraatiin (mediation)
  • Mala jaarsummaatiin (Arbitration)

Fayyadamuudhaan waldhabdeen akka hiikamuu taasiisuudha.

  1. Ulaagalee qaamni tajaajila gorsa seera argachuu barbaaduu guutuu qabu
  2. Dhimmicharraa dantaa/mirgaa qabachuu isaa raga agarsiisuu dhiyaachuu qaba.
  3. Ragaa nama fi sanada dhimmichaa mirkaneessuu danda’uu dhiyaachuu qaba.
  4. Namni harkaa qalleessaa ta’e raga hiyyummaa mana murtii hawaasummaa gandarraa dhiyaachuu qaba

Dubartotni daa’immaan qaama miidhamtootni maanguddootni qabeenyaa qabaatanillee

  • qabeenyichaarratti ajajuuf haala hin dandeenyee irra jiraatuu isaani raga agarsiisuu gandarraa yoo dhiyeetatan tajaajila argachuu ni danda’u
  • Garuu gochaa yakkaatiin miidahaan qaama cimaan irra dhaqqabee ragaa hiyyumaa agarsiisuu dhiyeefachuuf hin dirqaman
    • Ulaagaalee wixinee waliigaltee manneen hojii mootummaa gulaaluu ykn qopheessuu ilaalchisee  guutamuu qabu
  • Waliigaltee manneen hojii mootummaa barreefaman qophaa’ee dhiyaachuu qaba.
  • Qabiyyee waliigaltichaa ergama,kaayyoo aangoo fi gahee mana hojichaatiin waliitti hin buunee fi safuu hawaasa hin tuqinee ta’uu qaba.
  • Ragaalee sandaa barabaachiisoo ta’anii hundaa waliin walqkabatee dhiyaachuu qaba.
  • Waliigaltichii gulaalamuu ykn qophaa’ee laakkofsaa guyyaa mallattoo hoogganaa ykn I/A/hoggannaa fi caappaa mana hojichaa qabachuu qaba
    • Dirqama fi itti gaafatamummaa manneen hojii mootummaa jaarmiyaalee ummataa fi namootni harkaa qalleeyyii dhimmaa hariiroo hawaasarratti qaban
  • Ragaa mana hojii A/A hojii jechaa gaafatee kamiyyuu dhiyeessuu qaban
  • Qajeelfkama mana hojii Abbaa Alangaa irra hojiif jechaa kennamuu raawwachuu qaban
  • Waraqaa waamichaa himatama (de/kennaa) fi raga nama dhaqqabsiisuu qaban
  • Manneen hojii mootummaa deegarsaa konkolataa bobba’aa baasii adda addaa barbachiisuu fi
  • Kaffalitti durgoo raga battoota baasii fi kasaraa falmii keessatti mudatuu hundaa haguuguu qaba.
  • Namootni harka qalleeyyii ta’ani ilaalchisee kaffalitti abba seerummaa fi kasaraa murtee manni mjurtii garee abba mirgaatiif dhummarratti murteessuun alaati
  • Baasii fi kasaara falmii keessatti muddamuu goonkumaa kaffaluu kan hin dandeenyee ta’ee yeroof mana hojii A/Alangaatiin haguugamee dhummarratti hundi isaa heerregamee kazeenaa mootummaatiin galii taasifama.

Hojiiwwan tajaajilaa A/Alangaa hin kenninee

  • Dhaabbataa amantaa dhaabbataa siyaasaa yookiin paartii
  • Dhaabbataa idila adduunyaa
  • Afooshaa fi waldaa qabiyyee isaa aadaa fi amantaa ta’aniin alaatti

                                 Galatoomaa

              Dantaa Mootummaa fi Ummataa

               waliin taanee Hakabachiifnuu

Yaada ADABBII SALPHISU WALIIGALAA SEERA YAKKAA ITOOPHIYAA KEEWWATA 82(1E) Vs SEERA YAKKAA KWT 575(1) (2) FI MURTII DHADDACHA IJIBBAATAA MANA MURTII WALIIGALAA FEDELAALAA JILDII 12FFAA LAKK.GALMEE IJIBBAATAA 62332 TA’E IRRATTI KENNAME

Xinxaala Dhimmaa lakk.3

Xinxaala  seera irratti hundaa’ee  taasifame

Qopheessaan Abdusalam M.

Seensa

 kaayyoon seera yakkaa biyya keenyaa nageenyaafi tasgabbii hawaasaa eeguu dha. Qaamoleen haqaa fi nageenyaas Hawaasicha kan eegu yakki akka hin raawwatamne ittisuun yoo ta’u, kanas karaa galmaan gahu keessaa tokko adabbiidha. Raawwattoonni yakkaa adabamuun isaanii akka yakka biraa raawwachuu irraa of qusatan isaan taasisa. Gara fuula duraattis namoota yakka raawwataniifis akeekkachiisa ta’a.Yakkii yeroo kamiyyuu hawaasa keessatti uumamu kan danda’u waan ta’eef kana wajjiin wal-qabatee Deemsa seeraa sirrii ta’e (Due process of law) hordofuun adabbiin  yakkamtoota irratti fudhatamuun waan hafuu miti. Gareen falmitoonni yaada adabbii bu’uura seera yakkaatiin kaa’ame erga dhiyeessan booda adabbiin ni murta’a. Adabbiin yommuu murtaa’u kewwata seeraa bu’uura  godhate haala ifaa ta’een kaa’amuu qaba. Manni murtii seera  deemsa falmii yakkaa bu’uura godhatee yaada bitaafi mirgaa erga fudhatee booda qajeelfama adabbii bu’uura godhachuun adabbii ni murteessa. Seerri  manni murtii murteessa adabbii keessatti bu’uura godhatu keessaa inni biroo Murtii dhaddacha Ijibbaataa Mana murtii Waliigalaa Federaalaati. Murtee dhaddacha ijibbaataatiin kennamu dirqisiisaa akka ta’an kan barbaachise, namni kamiyyuu tajaajila sirna haqaa wal-fakkaatu akka argatu taasiisudhaafi. Dhimmoota hanga ammaatti yaada adabbii waliin walqabatee dhaddacha ijibbaataa Mana murtii waliigalaa Federaalaatti dhiyaatanii murtaa’an keessaa dhimma  falmisiisaa tokko seeraan walbira qabnee kan ilaallu ta’a. Kaayyoon barreeffama gabaabaa kanaas dhimma qabatamaa dhaddacha ijibbaataa kanaan murtaa’e seeraan walbira qabnee xinxaaluun  gaaffii muraasa deebisuuf yaalla.

Gaaffiiwwan barreeffama Gabaabaa kanaan deebisuuf  yaalamu

  • . Seera Yakkaa kwt  575 (1) fi (2) jalatti Nama Balaa Irratti Argamu Gargaaruu Dhabuu akka yakkaatti ykn  Nama Balaa Irratti Argamu Gargaaruu akka dirqamaatti [ittigaafatamummaa namuu bahachuu qabuutti] kaa’amuun yaada adabbii salphisu Seera yakkaa kwt 82{1E} jalatti jiru[,Yakkamtichi yakkicha erga raawwatee booda dhugumaan kan gaabbe ta’uu isaa, keessumattuu nama miidhaa irratti qaqqabsiiseef gargaarsa barbaachisaa kennuun …..gaabbuu isaa gochaan kan agarsiise yoo ta’e] kan jedhu irraa fayyadamaa ta’uu ni dhoorkaa ?
  • Dhimmi nama dagannoon konkolaataan nama rukutee miidhamaa kaasee buufata fayyaa geessuun gargaarsa taasiseefi akkamitti ilaalama?
  • . Seerri yakkaa kwt 82(1E) jalatti  Yakkamtichi yakkicha erga raawwatee booda dhugumaan kan gaabbe ta’uu isaa, keessumattuu nama miidhaa irratti qaqqabsiiseef gargaarsa barbaachisaa kennuun …..gaabbuu isaa gochaan kan agarsiise yoo ta’e]  jechuun kan kaa’ame  yeroo akkamiiti hojiirra oola ?
  •  Qajeeltoo hiikkoo  seeraa ‘bakka hiikkoo seeraa barbaachisutti’ haala himatamaa deeggaruun hiikamuu qaba. jedhu waliin akkamitti ilaalama.?

          Mee Gaaffiiwwan armaan olitti ka’an deebisuun dura Tumaalee seera yakkaa armaan olitti ibsaman akka itti aanutti jecha kallatiin[ Verbatim…] haa caqasnu.

Keewwata 82. Sababoota Waliigalaa Adabbii Salphisan[2]

  1. Manni murtichaa murtii seeraan tumame osoo hin darbiin adabbii kan salphisu /keewwata 179/:
  2. Yakkamtichi hanga yeroo yakkicha raawwateetti amalli isaa yeroo hundaa gaarii yoo ta’eefi kan balleesses xiqqeenya beekumsaatiin, beekuu dhabuun, garraamummaan, yookiin mudannaa hin yaadamneefi tasaan yoo ta’e;
  3. Yakkamtichi yakkicha kan raawwate fedhii kabajamaafi faayidaa dhuunfaa irratti hin hundoofneen yookiin amantaa olaanaa amantiin, safuun yookiin hawaasummaan kaka’ee yoo ta’e;
  4. Yakkamtichi yakkicha kan raawwate dhabiinsa olaanaan yookiin dararama hamilee irra gaheen, wanti balaa cimaa fiduu danda’u kan itti aggaamame se’ee, sodaan qabatamummaa qabu irra gahee yookiin sababa dhiibbaa nama aangoo isaa jalatti inni ajajamuufiin yookiin isa bulchuun yoo ta’e;
  5. Yakkamtichi yakkicha kan raawwate amalli nama miidhamee qorumsa cimaarra isa buusee, kakaastummaa jeequmsa cimaatiin yookiin sababa arrabsoo saalfachiisuun yookiin aarii cimaaf, dararama yookiin dallansuuf kan isa saaxile yoo ta’e; yookiin haala dirqamsiisa olaanaa qabuun  miira jijjiiruun yookiin  jeequmsa miiraa sababa qabu keessa seenuun yoo ta’e; yookiin
  6. Yakkamtichi yakkicha erga raawwatee booda dhugumaan kan gaabbe ta’uu isaa, keessumattuu, nama miidhaa irratti qaqqabsiiseef gargaarsa barbaachisaa kennuun, yookiin badii isaa hubachuun qaamolee haqaatti ofkennuun yookiin hanga danda’ametti miidhaa badiin yakkichaa qaqqabsiiseef beenyaa kaffaluun gaabbuu isaa gochaan kan agarsiise yoo ta’e; yookiin himatamee yommuu mana murtiitti dhiyaate tarreeffama yakkaa himannaa irratti ibsame hunda kan amane yoo ta’edha.

Keewwata 575. Nama Balaa Irratti Argamu Gargaaruu Dhabuu[3]

  1. Namni kamiyyuu ofirratti yookiin garee sadaffaa irratti haala balaa hin geessisneen nama biroo balaa ulfaataa lubbuu, qaama, yookiin fayyaa isaarra gahuu danda’u keessatti argamu karaa kallattiin yookiin alkallattiin gargaaruu osoo danda’uu, itti yaadee osoo hin gargaariin kan hafe yoo ta’e; hidhaa salphaa ji’a jaha hin caalleen yookiin adabbii maallaqaatiin ni adabama.
  2. Balleessichi:
  3. haala yookiin mala kamiiniyyuu yoo ta’e miidhamticha irratti miidhaa kan geessise himatamtichuma yoo ta’e; yookiin
  4. Miidhamticha baraaruuf yookiin gargaaruuf dirqama ogummaa yookiin waliigaltee kan yaalaa, kan galaanaa yookiin seeraa biroo kan qabu yoo ta’e;

hidhaa salphaa ji’a tokkoo hanga waggaa lamaa gahuu danda’uufi adabbii maallaqaatiin ni adabama. jechuun ifaan tumamee jira.

Dhimma Qabatamaa

Gocha Yakkaatiin nama biraa irraan namni miidhaa qaqqbsiise miidhaa erga qaqqabssisee booda miidhamaa gara iddoo yaalaa geessuun qofti gocha isaatti kan gaabbe ta’uu agarsiisa jechuun adabbii ka’umsaa gadi bu’uun salphisaniifi  akka murtaa’u gochuun kan danda’amu akka hin taane  Seera  yakkaa kwt 543/3/,59/1/,575/2/,82/1/E/ Danbii fooyya’insa geejibaa lakk.279/56 kwt 35  irratti hundaa’uun DHIJMMWF Jildii 12ffaa Lakk.galmee dhaddacha ijibbaataa 62332 ta’een  gaafa guyyaa 29/9/ 2003 ዓ/ም  Iyyataa Obbo Zallaqa Kaasaayee fi  Waamamaan/deebi kennaan/:-A/Alangaa Federaalaa  gidduu falmii gaggeeffame irraa hubachuun ni danda’ama

Murtii Dhaddacha ijibbaataa kana salphatti akka hubatamuuf jecha jechaan Hamma danda’ametti Afaan Amaaraa irraa Gara Afaan Oromootti akka itti aanutti hiikuuf yaalamee jira.

   Murtii [4]

Dhimmichi himata yakkaa yoo ta’u Mana murtii Olaanaa Federaalaatti dhiyaatee kan ture Dagannoon nama Ajjeessuu kan jedhu ture.  Himatni Abbaan Alangaa dhiyeessee  ture  Himatamaan /iyyataan ammaa/ danbii fooyya’insa geejibaa lakk.279/56 kwt 35 fi seera yakkaa bara 1996 bahe kwt 543/3/ irra  darbuun konkolaataa konkolaachisu lakk.gabatee isaa 1-10432 አ/አ  ta’een muddee 20/2001 ganama irraa sa’aatii 1:30 irratti bataskaana Yohaannis bakka addaa naannawa  sebara Babur jedhamee waamamutti  Zebraa bakka qaxxaamura lafoo deemtotaa irratti dursa kennuu dhabuun nama Takluu geetaahun jedhamutti buusee dagannoon ajjeesseera kan jedhu ture. Himata kan dhagahe manni murtii ol’aanaa Federaalaa himatamaan himata isarra dhiyaate gochicha raawwachuu amanee garuu badii isaa ta’uu waan haaleef ragaa bitaaf mirgaa dhagahee seera yakkaa kwt 59/1/A/ fi 543/3/ jalatti balleessaadha jechuun yaada adabbii bitaaf mirgaa fudhachuun hidhaa cimaa waggaa tokkoo fi ji’a jahaa fi qarshii 10,000 akka adabamu murteessee jira.  Murtii kana Abbaan Alangaa Federaalaa komachuun Mana murtii waliigalaatti oliyyata dhiyeessee Manni murtichaas erga walfalmisiisee booda Adabbichi Hidhaa Cimaa Waggaa shaniitti olkaasee murteessuun adabbii maallaqaa bakkuma jirutti kan turu ta’uu murteessee jira.  Komiin amma dhiyaate murtii kana komachuun yoo ta’u iyyataan Abukaattoo isaatiin gurraandhala 14/2003  iyyata fuula sadi kan dhiyeeffate yoo ta’u ,qabiyyeen isaa gabaabinaan Sababoota adabbii salphisan adda addaa dhiyeessuu keenyaan Manni murtii ol’aanaan tilmaamaa keessa galchee kan salphiseefi ka’umsa irraa gadi bu’ee adabuun ifa ta’ee osoo jiruu  Manni murtii waliigalaa  Miidhamaa gara iddoo yaalaa geessuun koo seeraan jechunis seera yakkaa kwt 575/2/ jalatti dirqama bahachuu qabu  bahachuu dha malee jechuun hidhaa cimaa akka adabamu  murteessuun sirrii miti kan jedhuu dha. dhimmichi ni dhiyeessisa jedhamuun Abbaan Alangaa gaafa guyyaa 10/6/2003 deebii fuula lamaan kennee jira. Yaadni ijoon deebichaa sababoonni adabbii salphisu jedhame adabbii ka’umsa irraa kan gadi buusuu ta’uu dhabuun Murtiin mana murtii walii galaa federaalaan kenname murtii sirrii waan ta’eef akka cimu jechuun falmee jira. Abukaattoon Iyyataa deebii deebiirratti kennee jira. Falmiin bitaaf mirgaa dhiyaate gababinaan akka olitti ibsame yoo ta’u ,falmiin iyyata irratti dhiyaateen Ijoo qabamee fi Seera rogummaa qaban waliin ilaaluun qoratee jira.  Akka qoratettiis dhimma kanaan manni murtii waliigalaa iyyataan adabbii ka’umsaa /hidhaa cimaa waggaa shanii /gadi sababni ittiin adabamu hin jiru jechuu sirrummaa isaa ilaaluun furmaata argachuu kan qabu ta’uu argineerra.kana irratti hundaa’uun dhaddacha ijibbaataatiin dhimmichi ni dhiyeesissa yoo jedhamu Iyyataan balaa miidhamaa irra  erga qaqqabsiise booda jechuunis miidhamaan gargaarsa yaalaa akka argatu  taasisuun seera yakkaa kwt 82(1)E) irratti hundaa’uun Adabbicha salphisuufi kan qabuu dha moo miti ? kan jedhu waan ta’eef dhaddachiis ijoo dubbii kana irraa ka’uun qofa ilaaluun furmaata argachuu kan qabu ta’uu arginee jirra. Bu’uuruma irraa nama miidhaan irraa gahe ykn balaan irra gahaa jiru gargaaruu dhiisuun  ittigaafatamummaa yakkaa  kan hordofsiisu ta’uun seera yakkaa kwt 575 jalatti kan tumame ta’uun olitti miidhaa kan qaqqabsiise  himatamaa mataasaa yeroo ta’etti  immoo irra caalatti ittigaafatamummaa yakkaa kan qabu ta’uu seera yakkaa kwt 575(2) jalaa hubachuun ni danda’ama. himatamaan ittigaafatamummaa kana hin bahatin kanaafis ittigaafatamummaa yakkaa dabalataa yakka daddabalamaan gaafatamuu akka danda’uu fi iyyataan miidhamaa gara wirtuu yaalaa geessuun ittigaafatamummaa seera yakkaatiin irra kaa’ame bahachuu kan ilaalatu ta’uu hubachuun ni danda’ama. Gama biraatiin seera yakkaa kwt 82(1)E) irratti hundaa’uun himatamaan dhugumatti kan gaabbe ta’uu Manni murtii yoo hubate adabbii salphisuufi akka danda’uu fi dhugumatti gaabbuu isaa kan ibsan keessaa nama miidhaan irra gahe tokkoof gargaarsa barbaachisu gochuun ta’uu akka danda’u taa’eera. Kana jechun Garuu himatamaan miidhamaa gara wirtuu yaalaa geessuun qofti gocha raawwateef dhugumatti gaabbeera kan jechisiisu osoo hin taane dhimmicha sadarkaa jalqabaatiin ykn oliyyataan manni murtii ilaale akka waliigalaatti ragaa bitaa fi mirgaa dhagahuun fi madaaluun guduunfaa irra gahuu dha.   Iyyataan miidhamaa gara wirtuu yaalaa geessuun akka waliigalaatti adeemsa himannaa tilmaama  keessa galchuun iyyataan dhuguma gaabbee jira moo miti? qabxiin jedhu madaallii ragaa ta’uu fi Angoon dhaddacha ijibbaataa kanaa immoo heera mootummaa kwt 10 irratti hundaa’uun dogoggora seeraa bu’uuraa sirreessuu ta’uu wajjiin   Manni murtii oliyyata dhagahe  gama kanaan guduunfaa irra gahe fudhachuun sirriidha. kana irratti hundaa’uun iyyataan miidhamaa gara wirtuu fayyaa geessuun seera yakkaatiin dirqama iyyataa irra kaa’ame bahachuudha malee adabbii salphisuuf kan gahuu miti jechuun dogoggora seeraa bu’uuraa kan qabu ta’ee hin mul’anne.  kana irratti hundaa’uun murtiin itti aanu kennamee jira.                 Murtii[5]

  • MMWF Lakk.galmee 54154 dhaddacha gaafa guyyaa  24.2.2003 ዓ/ም ooleen murtiin kenname bu’uura s/d/f/y kwt 195 /2/c/tiin cimee jira. 

                       Xinxaala dhimmichaa [6]

Murtii Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii waliigalaa Federaalaa armaan olii  Ijoo dubbii isaan qabatan,Xinxaala seera rogummaa qabu irratti hundaa’uun gaggeessan guduunfaa (conclusion) isaan irra gahan irratti hundoofnee  yoo xinxaallu  Ijoon dubbii qabatame Iyyataan balaa miidhamaa irra  erga qaqqabsiise booda jechuunis miidhamaan gargaarsa yaalaa akka argatu  taasisuun seera yakkaa kwt 82(1)E) irratti hundaa’uun Adabbicha salphisuufi kan qabuu dha moo miti ? kan jedhu waan ta’eef dhaddachiis ijoo dubbii kana irraa ka’uun qofa ilaaluun furmaata argachuu kan qabu ta’uu arginee jirra.kan jedhu yoo ta’u  Xinxaala isaaniitiinis akka ibsanitti Bu’uuruma irraa nama miidhaan irraa gahe ykn balaan irra gahaa jiru gargaaruu dhiisuun  ittigaafatamummaa yakkaa  kan hordofsiisu ta’uun seera yakkaa kwt 575 jalatti kan tumame ta’uun olitti miidhaa kan qaqqabsiise  himatamaa mataasaa yeroo ta’etti  immoo irra caalatti ittigaafatamummaa yakkaa kan qabu ta’uu seera yakkaa kwt 575(2) jalaa hubachuun ni danda’ama. himatamaan ittigaafatamummaa kana hin bahatin kanaafis ittigaafatamummaa yakkaa dabalataa yakka daddabalamaan gaafatamuu akka danda’uu fi iyyataan miidhamaa gara wirtuu yaalaa geessuun ittigaafatamummaa seera yakkaatiin irra kaa’ame bahachuu kan ilaalatu ta’uu hubachuun ni danda’ama. dhuma irrattiis Guduunfaan ykn murtiin dhumaa isaan irra gahan Angoon dhaddacha ijibbaataa kanaa immoo heera mootummaa kwt 10 irratti hundaa’uun dogoggora seeraa bu’uuraa sirreessuu ta’uu wajjiin   Manni murtii oliyyata dhagahe  gama kanaan guduunfaa irra gahe fudhachuun sirriidha. kana irratti hundaa’uun iyyataan miidhamaa gara wirtuu fayyaa geessuun seera yakkaatiin dirqama iyyataa irra kaa’ame bahachuudha malee adabbii salphisuuf kan gahuu miti jechuun dogoggora seeraa bu’uuraa kan qabu ta’ee hin mul’anne. jechuun murtii Mana murtii waliigalaa cimsanii jiru.

As irratti gaaffiin deebii argachuu qabu .

  • Seera Yakkaa kwt  575 (1) fi (2) jalatti Nama Balaa Irratti Argamu Gargaaruu Dhabuu akka yakkaatti ykn  Nama Balaa Irratti Argamu Gargaaruu akka dirqamaatti [ittigaafatamummaa namuu bahachuu qabuutti] kaa’amuun yaada adabbii salphisu Seera yakkaa kwt 82{1E} jalatti jiru[,Yakkamtichi yakkicha erga raawwatee booda dhugumaan kan gaabbe ta’uu isaa, keessumattuu nama miidhaa irratti qaqqabsiiseef gargaarsa barbaachisaa kennuun …..gaabbuu isaa gochaan kan agarsiise yoo ta’e] kan jedhu irraa fayyadamaa ta’uu ni dhoorkaa ?
  • Seerri yakkaa kwt 82(1E) jalatti  Yakkamtichi yakkicha erga raawwatee booda dhugumaan kan gaabbe ta’uu isaa, keessumattuu nama miidhaa irratti qaqqabsiiseef gargaarsa barbaachisaa kennuun …..gaabbuu isaa gochaan kan agarsiise yoo ta’e]  jechuun kan kaa’ame  yeroo akkamiiti hojiirra oola ?
  • Qajeeltoo hiikkoo  seeraa ‘bakka hiikkoo seeraa barbaachisutti’ haala himatamaa deeggaruun hiikamuu qaba. jedhu waliin akkamitti ilaalama.?jedhu yoo ilaalle .

Tumaalee armaan olii yommuu ilaallu kwt 82 (1E) jalatti bifa ifa ta’ee fi nama hin shakkisiifneen Sababota adabbii salphisan waliigalaa keessaa Yakkamtichi yakkicha erga raawwatee booda dhugumaan kan gaabbe ta’uu isaa, keessumattuu,nama miidhaa irratti qaqqabsiiseef gargaarsa barbaachisaa kennuun,….gaabbuu isaa gochaan kan agarsiise yoo ta’e jechuun ifaan caqasee jira. tumaan lammaffaa seera yakkaa keewwata 575 (2)jalatti immoo balleessichi haala yookiin mala kamiiniyyuu yoo ta’e miidhamticha irratti miidhaa kan geessise himatamtichuma yoo ta’e; gargaarsa barbaachisaa kennuu yoo dhabe yakkaan kan isa gaafachiisu ta’uun caqasamee jira. tumaa seeraa lamaan kana yoo ilaalle iddoon inni itti walfaallessu hin mul’atu. kana malees iddoon argama isaas keewwatni 82(1)E) seera yakkaa kutaa waliigalaa keessatti kan argamu yoo ta’u keewwatni 575 immoo seera yakkaa kutaa Addaa keessattii dha.  waan ta’eef namni tokko [yakkamaan tokko] gargaarsa barbaachisu nama miidhaa irra qaqqabsiiseef  taasisuu dhabuun yakkaan  adabsiisuun isaa jiraatus namni gocha yakkaatiin nama biraa irraan miidhaa erga qaqqabsiise booda miidhamaa gargaaruun akka sababa adabbii salphisuutti fudhatamuuufi wanti dhoorku hin jiru. gocha isaatti gaabbuu gochaan agarsiisuun kana caalu waan hin jirreef, Gama biraatiin immoo gaabbuun miira (feeling) keessoo waan ta’eef gochaan yeroo ibsamu miidhamaa gargaaruun ibsamuu danda’a.  fkn. Dhimmi nama dagannoon konkolaataan nama rukutee miidhamaa kaasee buufata fayyaa geessuun gargaarsa taasiseefi  keewwata kana jalatti yommuu adabbiin kennamu sababa adabbii salphisuutti qabameefi fayyadamaa ta’uu  danda’a.  Haala kanaan  sababoota adabbii salphisan jedhamee kaa’ame kana irraa fayyadamaa ta’uu yoo baate yeroon itti tumaan kun hojiirra ooluu danda’u yeroo akkamiiti ykn gargaarsi barbaachisu kan akkamitti jechuun gaaffii ta’uu danda’a. Kaayyoo dhumti seera baastonni tumaalee kanneen tumaniif gaaffii ta’uu danda’a .

Tumaaleen kunneen osoo ifa ta’uu baatee illee akkaataa qajeeltoo hiikkoo seeraatti seerri iftoomina yoo dhabee hiikoof saaxilamaa ta’e haala himatamaa deeggaruun hiikamuu akka qabu waan nama walfalmisiisuu miti.

Sigimoo Jimmaa Oromiyaa.

.


[1] LLB, MHAAGJtti A/Alangaa Aanaa Sigimoo

[2] seera yakkaa Itoophiyaa labsii lakk.414/1996

[3] kan armaan olii

[4] DHIJMMWF Jildii 12ffaa Lakk.galmee dhaddacha ijibbaataa 62332 ta’een  gaafa guyyaa 29/9/ 2003 ዓ/ም  Iyyataa Obbo Zallaqa Kaasaayee fi  Waamamaan/deebi kennaan/:-A/Alangaa Federaalaa  gidduu falmii gaggeeffame irratti murtii kenname (hiikaan afaanii qopheessaa barreeffamichaa ti.)

[5] kan armaan olii lakk.4

[6] Xinxaala Yaada dhuunfaa barreessichaa

waa’ee araaxaa ilaalchisee seerri mal jeedhaa.

Waa’ee araaxaa ilaalchisee seerrii yakkaa biyya kenyaa mal jedhaa ijoo jeedhun Mana Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmaa ttii abbaa alanhaa aanaa cooraa botor kan ta’an obboo mulugeetaadhaan qophaa’ee midiyaa mana hojii kenyaa irrattii videodhaan akkasuma website http://www.mhaagj.org irrattii barrui pdf fi videodhaan, fm toora interneetii kan mana hojichaa irrattii (📻 Anchor.fm/fm_mhaagodinajimmaa ) tamsaasa sagaleen isinif gadilakkifamee jiraa dhaggeffadhaa bohaartiidhaan beekkumsa seeraa kessan dagaagfadhaa. Linki armaan gadii tuquun barumsa gaarii argattuu. Sunscribe gochuun yoo barumsichii fii haalli iitti dhihaatee isiniittii toolee jaalattan 👍like yoo jibbitan 👎dislike waan foyyeffachuu qabnuu fii yaada qabaattaan kommentidhaan nuuf ibsaa.
https://youtu.be/Ni2mfFvTZok

Walin taanee haawaasa kenya kallattii hundanauu qaromsuun haa tajaajjilluu jedhaa Garee Komnikeeshinii Mana Hojii Abbaa Alnagaa Godina Jimmaa.
With Sisay Edesa MMurtii Ol’aanaa Godina Jimmaa Flex Et Yomif Lemessa Hussen Ibrahim Yousuf

hubannoo

Yakkoota Namaan Daldaluu Fi Godaantota Seeraan Ala Daangaa Ceesisuu Ittisuu fi To’achuu.

Qophessaan:- Anwar A.

AA God jimmaa, LL.B LL.M
suuraa AA Anwar A.

Midiyaa mana hojii abbaa alangaa godina jimmaattii galmaahuun leenjii hubannoo seeraa argadhaa.

1. Qabiyyee Barruu kanaa.

  1. Yakkoota namaan daldaluu jechuun maal jechuudha?
  2. Yakkoota Godaantoota seeraan alaa daangaa ceesisuu jechuun maali jechuudha?
  3. Ulaagaa osoo hin guutiin namaa biyyaa erguu?
  4. Seeroota biyyaa keessaa fi idil-adduunyaa dhimmaa kanaa akkamitti hiikuu?

2. Haala waliigalaa Godaansa

  • Akkaa aduunyaatti Waggaa Waggaa dhaan namoota 800,000 ta’an gochaa namaa daldaluu irratti raawwatamaa (akka Mootummaa Amerikaa qortateetti).
  • Nammota 41,200 kan ta’aan bara 2011 miidhamaa ta’uu isaanii adda bahaniiru.Kuni jechuu namoota %5  ta’an qofaatti miidhamtuu isaanii beekamaa jechuudha. (akka Mootummaa Amerikaa qortateetti).
  • Bu’aa gocha namaa daldaluu irraa argamuu waggaa waggaadhaan Billoonaa Dollaraa 31 (ILO 2005)
  • Namootaa 250,000 ta’anii seera ala Europaa keessatti galuu.(EU).
  • Baay’inaa namooni miidhamaan keessaa dubartoota %80 ni ta’uu kan keessaa immoo % 50 daa’imaan dha ( dubartoota 18-24) ni ta’a.
  • Bakkaa ka’umsaa Afrikaa keessumaatuu Itoophiyaa biyyaa tokkoodha.

3. Daldaltoota

1. %52 dhiraa, 42% dubartoota fi %6 lamaanuudha.

2. %56 miidhamtootni ni beeku,%46 miidhamtootni hin beeknuu.

3. Nammota yakkaa kanaa raawwachuuf gurmaa’aniin raawwatamaa. (Criminal groups Snakehead, Yakuza, Albanian Mafias)

4. Maatii, hirriyoota fi firootan isaaniin ni raawwatamaa.

1.4. Namoonni maalii Godaanuu

  1. Hiyyummaa fi barbaachaa jireenyaa fooyya’aa, Ekonomii irraa kan ka’ee godaanuu (dubartootni caalaa saaxilamoodha).
  2. Waraansa Balaa Uummamaa. Fkn Tsunami 2004 Boxing days South-east Asian Countries sold their child to the rest of the world, Due to Smugglers are there.
  3.  Loogiin godamuu  Discrimination against a certain groups.Eg.Women
  4. Bakkaa gahumsaa irratti namoota daldalamaan/godaanan fedhiin jiruu. Fkn Sagagalunmmaadhaaf barabaadamuu, daldala saal qunnamtiif (sexual trade), Gatii gadii-anaa dhaan warshaa keessaa hojachisuu.
lenjii hubannoo seeraa 2

2. Hiikkaa fi Maalummaa

Yakka Namaan Daldaluu? Seera gocha namaan daldaluu kana to’achuuf akkasumas ittisuuf bahe labsii lakk. 1178/2020 kwt. 3 (1) jalatti hiikkoo kenname kana keessatti wantoota gurguddoo gocha yakka namaan daldaluu ibsuuf dhagaa bu’uuraati jedhaman ykn taatee raawwatame tokkoof ulaagaa madaallii gochicha yakka namaan daldaluu taasissuu danda’an jedhaman akkaataa armaan gadiitti iddoo sadiitti qooduun tarreessuun ni danda’ama. Isaan kanas iddoo sadiitti qoodnee ilaaluun ni danda’ama. Innis;

1ffaa. Adeemsa (process/Action) 

Filannoo (recruitement)Ø  Keessummeessuu (harboring)Ø  Iddoodhaa iddootti sochoosuu (moving)Ø  Qeebbaluu (obtaining)Ø  Tursuu (maintaining a person)Ø

2ffaa. Maloota (means)

 Humnaan (by force)Ø  Gowomsaan (by fraud)Ø  Sodaachisuun (coercion)Ø

3ffaa.Bu’aa (end)/ Purpose Element that is Exploitation

  Fedhiin ala akka nama tajaajilaniif (involuntaryØ servitude)  Idaan qabamuu (debt or bondage)Ø  Garboomuu (slavery)Ø  Daldala quunnamtii saalaaf ooluu (sex tradeØ

Gochi yakka namaan daldaluu jedhamu yakkoota biroo waliin walbira qabnee yoo ilaallu gochaalee mataa isaanii danda’anii yakka ta’uu danda’aan sadarkaa garaagaraa keessatti kan qabate ta’uu isaa qoqqooddii taasifame kana irraa hubachuun ni danda’ama.

Qoqqooddii raawwatame kunis dhimmoota adeemsaa fi sadarkaa isaan keessa darban kana irratti hundaa’uun gochi raawwatame haguuggii keewwata kanaa jalatti kufuu danda’a jechuf ni fayyada. Akkasumas namoota sadarkaa garaagaraa gochaan kun keessa dabrutti hirmaatan adda baasuun itti gaafatamaa taasisuuf kan nu gargaaru ta’a. Dabalees haala fi sadarkaa hirmaannaa isaanii irratti hundaa’uun itti gaafatamumaan isaaniis kan adda bahu ta’a jechuudha. Bu’uura kanaan malummaa yakkichaa fi adeemsa walxaxaa yakkichaa adda qooduun yoo hin ilaalle hirmaattota yakkichaa fi sadarkaa hirmaannaa isaanii adda baasuun itti gaafatamaa taasisuun baay’ee nama rakkisa.

Hiikkoo boqonaa 1ffaa keessatti kenname kana irraas hubachuun kan danda’amu gochaan namaan daldaluu kun gochaa tokko osoo hin taane walitti hidhamiinsa gochaalee garaagaraa kaayyoo fi galma tokko gahuuf yaada walfakkaataa ta’een raawwatame ta’uun isaa ni hubatama. Kunis hiikkoo kenname irraa kaanee yommuu ilaallu dhimmi kun dhimmoota akka karaa kamiinuu seera cabsuun kallattinis ta’e alkallattin gochaa namaan daldallu ykn seeran ala daangaa ceesisuu raawwachuu, sadarkaa gargaartummaan gochaalee kunniin raawwachuu, gochaan kun akka raawwatamuuf gurmeeffamuu ykn gurmuulee yakka raawwachuuf dhaabatan keessatti hirmaachuun qajeelfama kennuu, ykn karaa kamiinuu raawwii yakkichaa akka babal’atuuf jajjabeessuu ykn raawwii yakkichaaf akka oolu beekaa gumaacha kennuu kan jedhan hunda of keessati qabatee kan jiru ta’uu isaa irraan kan ka’e walitti hidhamiinsa gochalee hedduu ta’uun ni hubatama jechuudha.

Qoqqooddii armaan olii irratti hundoofnee qabiyyee yakkichaa yommuu ilaallu, sadarkaa jalaqabaa irratti gochaan raawwatu gochaa akkamiiti isa jedhu yommuu ta’u gochaaleen kunniinis kanneen akka miidhamtoota raawwii yakkichaaf filachuu, iddooa iddootti geejjibuu, namoota gochi kun irratti raawwate ykn raawwachuuf adeemu simachuu, dhoksuu fi kkf nama raawwatedha. Haa ta’u malee gochaaleen amma tarreessine kun of danda’un itti gaafatamummaa yakka namaan daldaluu fiduu kan hin dandeenye ta’uu isaaniiti. Kana jechuun gochootni tarreeffaman kun of danda’uun tumaa seera yakkaa biroo jalatti yakka biroo ta’uu danda’u malee qofaa isaaniitti ulaagaa tumaa yakka namaan daldaluu kan hin guutne ta’uu isaa hubachuun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf; gochi nama iddooa iddootti geejjibuu kaayyoo garmalee itti tajaajilamuu kan hin qabne yoo ta’ee yakka namaan daldaluu ta’uu hin danda’u.

Sadarkaa lammffaa irratti gochaaleen kun mala akkamiitiin raawwataman gaaffii jedhu yommuu ta’u ulaagaan kun kan inni gaafatu bu’uura maaliin akkaataa akkamiin gochaaleen sadarkaa tokkoffaa keessatti tarreeffaman kun raawwataman kan jedhudha. Bu’uuruma kanaan gochaleen kunniin maloota ittiin gargaaramuun raawwatame kanneen akka gowomsuu, dorsiisuu, humanaan dirqisiisuu, aangootti garmalee gargaaramuu ykn miidhaaf saaxilamuu miidhamaatti garmalee gargaaramuun kan raawwatan yoo ta’edha.

Ulaagaaleen kunniin lamaan guutamaniillee sadarkaa itti aanutti gochaaleen kunniin maaliif raawwataman kan jedhu agarsiisuun barbaachisaa ni ta’a jechuudha. Bu’uuruma kanaan sadarkaa sadaffaa irratti gochaaleen kunniin yaada garmalee itti tajaajilamuuf ykn dirqiin itti gargaaramuuf jedhu kan of keessatti qabatee raawwatame yoo ta’e yakka namaan daldaluutiin itti gaafatamummaa ni hordofsiisa jechuudha.

Gocha raawwatame (material or physical element of the crime)

Tokkoffaa irratti gochi raawwatemu kun gochaalee kanneen akka miidhamtoota filachuu, geejjibuu, daddabarsuu, dhoksuu, fi miidhamtoota kana simachuu keessaa tokko kan of keessatti qabate ta’uu qaba. kanneen keessaa tokko gochi yakka namaan daldaluu of keessatti kan qabate ta’uu qaba. Kun hin ta’u taanaan haala addaan seeraan yoo tumame malee gochaa kanaan gocha namaan daldaluu jechuun hin danda’amu. Kanas tumaa kana kwt. 3 (3) jalatti daa’imman kaayyoo garmalee itti tajaajilamuu jedhuuf namni filate, iddoo iddootti geejjibe, dhoksee fi simate haala addaatiin of danda’e itti gaafatamummaa yakkaa fiduu akka danda’u ni ibsa. Haa ta’u malee dhimmoota biro ilaalchisee gochaaleen jedhaman kun raawwatamuun isaanii yoo mirkanaa’e iyyuu mataa isaaniitiin of danda’uun itti gaafatamummaa fiduu hin danda’an.

Lammaaffaa irraatti gochi tokko gocha namaan daldaluu ta’uuf yoo xiqqaatee xiqqaate humnatti, sodaachisuutti, butuutti, waliin dhahuutti, gowwoomsuutti, aangootti garmalee fayyadamuutti ykn miidhaaf saaxilamuu ykn wallaalummaa miidhamaatti, faayidaa kennuu fi fudhachuutti gargaaramuun kan raawwatamee ta’uu qaba. Gochaaleen tokkoffaa irratti ibsaman maloota lammaffaa irratti ibsaman kanatti gargaaramuun kan raawwatame yoo ta’e gochaan kun yakka namana daldaluu ta’uuf ulaagaa gochaa yakkaa guuteera jennee kaasuu dandeenya. Fakkeenyaaf nama filachuun qofaa isaa yakka ta’uu dhiisuu danda’a haa ta’u malee gochaan kun amaloota lammaffaa irratti ibsaman kanneen akka gowwoomsuun, sodaachisuu, butuutti fi kkf tti fayyadamuun kan raawwataman yoo ta’an garuu gochaan kun gara yakka namaan daldaluutti ce’uu danda’u ta’uu isaa agarsiisa.

Kutaa yaada sammuu (mens rea)

wa’ee kuutaa yaadaa (mens reaa) midiyaa mhaagj irraa dhaggeffadhaa.

Bu’uura seera yakkaa kwt. 23(2) tiin namni tokko yakka raawwate jedhamee itti gaafatamaa ta’uuf dursee kutaan yaada sammuu balleessaa raawwachuuf jedhu jiraachuun barbaachisaa akka ta’e ni kaa’a. Yakki namaan daldalu mirkaneessuu keessattis qajeeltoon kun raawwatiinsa kan qabudha. Armaan olitti gochaaleen namaan daldaluu kutaa gocha yakkichaati jechuun ilaalle yommuu raawwataman yaada sammuu akkamiin gaaffiin jedhu dirqama deebii argachuun namoota gocha kana raawwatan itti gaafatamaa taasisuuf baay’ee murteessaadha.

Kanaaf gaaffiin maaliif raawwate jedhu yaada sammuu “…miidhamtootatti garmalee tajaajilamuu…” (Exploitation of the victims) jedhu jiraachuun isaa hubatamuu qaba jechuudha. Kana jechuun dirqama miidhamtootatii garmalee tajaajilamuu (the real exploitation of the victims) jiraachuu qaba jechuu immoo akka hin taanes hubatamuu qaba.  Kunis jiraachuu yaada sammuu kanaaf argisiiftuu wantoonni ta’an mirkaneessuu ykn dhiheessuun qofti gahaadha dirqama miidhaan yaadame dhaqqabee mul’achuun kaayyoo seerichaa miti jechuudha.

Fakkeenyaaf gochi iddoo iddootti nama geejjibuu hanga kaayyoo miidhamtoota ykn godaantota daangaa ceesisuu of keessaa hin qabneetti mataa isaan yakka ta’uu dhiisuu danda’a, haa ta’u malee gochaan kun yoo kaayyoo garmalee miidhamtoota kanaan tajaajilamuu jedhu of keessaa kan hin qabne yoo ta’e yakka biraa ta’uu danda’a malee yakka namaan daldaluu ta’uu hin danda’u. Akkasumas yakki aangootti garmalee fayyadamuu of danda’e yakka namaan daldaluu miti, haa ta’u malee gochi kun gochaalee biroo fi kaayyoo namaan garmalee tajaajilamuu jedhu kaayyeffatee yoo raawwatame yakka namaan daldaluu ta’a. Kana irraa kaanee walqabsiiftuun gochaalee tumaa kana jalatti tarreeffamanii jiraanii kutaa yaada ‘miidhamtootatti garmale tajaajilamuuf’ jecha kan raawwatame ta’uu mala.

Yakkaan namaan daldaluu daa’imaani irratti yeroo raawwatamuu kayyoo kamiifiif raawwatamee kan jedhuu(For Which Expliotation ) raawwatamee kan jedhuu hubachisuun nurraa hin eegamuu.

Labichaa ket.6 jalatti . Presuming Purpose of Exploitation Where it is proved that a person recruit, transport, transfer, harbor, hide or receive another person using means mentioned under Article 3(2) of this Proclamation; or without using means mentioned commit such act against child; presumption may be made on basis of circumstantial evidence for which exploitation purpose the person committed such act.

“garmalee namatti tajaajilamuu” (exploitation) jechuun  gochoota kwt.jalatti tarreefamaan raawwachuu jechuudha,Kunis tajaajila sagaagalummaaf itti gargaaramuu , Dirqiin tajaajila humnaa akka kennan taasisuu, Garboomsuu fi haalota garboomsuu fakkaatan kamuu keessa jiraachisuu, Kutaa qaama isaanii kutuun irraa fudhachuun itti tajaajilamu fi kkf dha.

Godaantota Seeraan Ala Daangaa Ceesisuu

Godaansa seeraan alaa kallattii nageenya biyyaa fi mirga godaantotatiin yoo ilalle, yakki seeraan ala daangaa ceesisuu kun yakka cabiinsa seeraa qofa ilaallatu osoo hin taane birmadummaa daangaa biyyaa irratti gocha raawwatudha. Kallatti mirga godaantotaatiin yoo ilaallu seerri dhimmi kana irratti bahu mirga godaantonni iddooa iddootti socho’uun jireenya isaanii geggeeffachuu, hojii hojjechuu fi kkf. heraan beekamtii argate garmalee haala daangessuun osoo hin taane sochiin godhamu kun karaa seera biyyatti godaansa ilaallatu (immigration laws) tilamaama keessa galche akka ta’u taasisuuf gumaacha guddaa waan qabuufidha.

Dhimma kana labsiin 1178/2020 kwt. 8 jalatti tumaa jiru irratti hundaa’uun seeraan ala daangaa ceesisuu kan hundaa’u fi eegalu waliigaltee daangaa ceesisuuf jedhuun godaantootaa fi namoota daangaa ceesisan gidduutti bu’aa qarshii ykn wantoota biroo argachuuf taasifamunidha. Kana irratti hundaa’uun gochi tokko yakka seeraan ala godaantota daangaa ceesisuu ta’uu isaaf akka agarsiiftuutii fudhatamuu kana danda’an iddoo sadiitti qoodnee ilaalu dandeenya;

Yakka godaantota seeraan ala daangaa ceesisuun itti gaafatamaa ta’uuf dirqama kutaan yaada sammuu (mens rea) jedhu maaliin ibsamuu danda’a kan jedhu dhimma adda bahee beekamuu qabudha. Kana jechuunis kallatti himatamaan gocha jedhame kana kan raawwate bu’aa barbaadee raawwachuu isaa wanti agarsiisu danda’u jiraachuu mala yaada jedhudha, ykn bu’aa dhaqqabe dhufuu danda’a jedhee tilmaamuun kan irra ture yoo ta’e qofa itti gaafatamaa ta’a jechuudha. Gama Kanaan gocha godaantota seeraan ala daangaa ceesisu beekaa ykn ta’e jedhuun ykn itti yaaduun yaada sammuu faayidaa kallattiis ta’e alkallatti kamiinuu argachuuf kan raawwatame ykn raawwachuuf qophiin kan taasifame ykn raawwachuuf kan yaalame yoo ta’e qofa itti gaafatama.

Gama biroon waliitti dhufeenyii fi garaagarummaan yakka namaan daldaluu fi seeraan ala godaantota daangaa ceesisuu jidduu jiru hubannoo yakkoota kanneen lamaan adda baasuu fi gochaalee walfakkaatoo yakkicha keessatti haammatamanii jiran hubachuuf kan gargaaru waan ta’eef akka itti aanuutti adda baasuun danda’ama;

Fedhii miidhamtootaa: – yakki godaantota seeraan ala daangaa ceesisuu kun bifuma waliigalaatiin kan inni eegalamu fedhii miidhamtoonni daangaa ce’uuf kennatan irraati haa ta’u malee gochaa seeraan alaa namootni daangaa ceesisan raawwataniin kan ka’e fedhiin kenname kun akka fedhii isaanii hin laanneetti ykn hiikkoo hin qabneetti kan fudhatamu ta’a malee gochaa seeraan ala daangaa ceesisuu raawwatame kana seera qabeessa taasisuuf hin gargaaru. Gama biroon ammoo ammoo gochaan namaan daldaluu ilaalchisee fedhiin miidhamtootaa akka kennameetti iyyuu hin ilaalamu.

Daangaa biyyooleessaa kan ce’e: – hiikkoo keessatti akkuma ibsame daangaa nama ceesisuu jechuun namni tokko karaa seeraa ala ta’een daangaa ce’uun biyya biroo akka seenu taasisuu ykn haala mijeessuudha. Kanaaf gochi kun biyya tokkoo gara biyya biraatti daangaa biyyoolessaa cehuu kan barbaadudha. Gama biroon ammoo yakki namaan daldaluu dirqama daangaa cehuu kan of keessatti qabu miti. Yoo qabaates seera qabeessummaa fi dhabeessummaan daangaa ceesisuu kun faayidaa hin qabu.41 Kanaaf gochi yakka seeraan ala daangaa ceesisuu kun yeroo hundumaa biyyaa biyyatti kan jedhu yommuu ta’u yakki namaan daldaluu jedhu garuu dirqama daangaa ceesisuu jedhu hin qabu. 

Dirqiin itti tajaajilamuu (exploitation): – walitti dhufeenyi nama daangaa ceesisuu fiØ goodaanaa kan inni xumuramu gochi daanga ceesisuu qindaa’ee erga raawwatamee booddeedha. Kanfaltiin daangaa ceesisuus kan kanfalamu dursee ykn erga daangaa ceesisamee booddee ta’uu danda’a. Namni seeraan ala daangaa nama ceesisu kaayyoo ykn yaada sammuu miidhamtoota erga daangaa ceesisee booddee dirqiin itti tajaajilamuu jedhu of keessaa hin qabu.

Madda bu’aa: – agarsiiftuun guddaan yakki tokko yakka namaan daldaluudha ykn seeraan ala daangaa ceesisuudha jechisiisu, madda bu’aa yakkicha irraa argatamudha. Maddi bu’aa yakka seeraan ala godaantota daangaa ceesisuu kanfaltii tajaajila miidhamtoota irraa iddoo iddootti sochoosuu ykn daanga ceesisuun argamu irraati. Yakka namaan daldaluu ilaalchisee bu’aa kan argamu miidhamtoota to’achuun akkasumas dirqiin itti tajaajilamuu ykn tajaajila addaa addaaf oolchuun galii argamu irradha. Saababii kanaafis yakka raawwatoonni hanga isaanii danda’aameettis bu’aa argachuuf maloota addaa addaatti fayyadamuun miidhamtoota to’annoo isaanii jala akka turan taasisuu.

Gaara yakka godaantota seeraan ala daangaa ceesisuutti yommuu deebinu gochi jedhame kun sadarkaa akkamii irra yoo gahee jedhe seeraan itti gaafatamummaa fiduu danda’a gaaffii jedhu yoo ilaallu; yakkichi guutummaan gutuutii yoo raawwatame ykn yoo yaalame, akkasumas sadarkaa qophii irras yoo jiraates nama gochicha raawwate, yaale fi raawwachuuf qophii taasise itti gaafatamaa taasisuu kan danda’u ta’uu isaa tumaa kwt. 5 labsii 909/2007 irraa hubachuun ni dandaa’am.

Carraaqqin kenya bu’aa buusuu jalqabaa jiraa baga gammanne.

Midiyaa MHAAGJ
  1. Kabajamtoota Abbotii Alangaa
  2. Kabajamtoota miseensa MHAAGJ
  3. Kabajamtoota misensootaa fi hordoftoota website kenya
Akkuma beekkammu mannii hojii abbaa alangaa godina jimmaa haala kanaan dura hin  baramneen kallattii hundaanuu dhaqabamummaa kenya mirkaneessuf platfoormii argamee maraan hawaasa keenya haawasa kenya haawasa hubannoo seeraatiin dagaagee taasisuuf halkanii guyaay carraaqaa akka jirruu wanuma ifattii mul'atuufii wanuma martii kessanuu ragaa bahuu dandessaniidhaa. Haaluma kanaan mannii hojii kenyaa hawaasa interneetii fayyadamuuf dhaqabamuummaa  kenya mirkanneessuuf website kana dabalatee tora marsariitii hawaasaa irrattii midiyaa lenjii hubannoo seeraa ittiin kennaamuu fi fm tora interneetii irrattii tamsafaamuun tamsaasa vidiyoofi sagaleedhaan tamsaasaa hawaasa kenyas hubnnaoo seeraa keennuu jalqabuun kenya waan torbaan sadii hincaalleedhaa. Haa ta'u malee tamsaasa akkaanaatiin hubannio seeraa hawaasaaf keennuu waan hin baramnee ta'us, akkasumas tarkaanfini kenya kunii akka biyyaattiis akka naannootis kan jalqabaa ta'us lkakoofsii hawaasaa leenji hubannoo seeraa keennaa jirruu hordoofan daran dabalaa jiraa. Haaluma kanaan midiyaan MHAAGJ irrattii leenjiin keennamee torbaan sadii kessattii dawwattotaa 700 olin daawwatamee midiyaan kenyas misensa ykn subskrayiber 150 ol godhachuu kenyaaf companin midiyaa keenya website kenya walin walittii nuf hidhee nu beeksiisee jira. Kuni ammoo hojii nama tokkoo lamaan kan dhuufee oso hin taanee hirmaannaa abbootii alangaa kenya maraa akka ta'e wanuma hubatamuudhaa. Kanaafu xaarnii kessan bu'aa busaa waan jiruuf baga gammaddan jennaa.
https://youtu.be/0glebW9EFh8
Garee komni keeshinii mana hojii AA God jimmaa.
Akkuma beekkammu mannii hojii abbaa alangaa godina jimmaa haala kanaan dura hin  baramneen kallattii hundaanuu dhaqabamummaa kenya mirkaneessuf platfoormii argamee maraan hawaasa keenya haawasa kenya haawasa hubannoo seeraatiin dagaagee taasisuuf halkanii guyaay carraaqaa akka jirruu wanuma ifattii mul'atuufii wanuma martii kessanuu ragaa bahuu dandessaniidhaa. Haaluma kanaan mannii hojii kenyaa hawaasa interneetii fayyadamuuf dhaqabamuummaa  kenya mirkanneessuuf website kana dabalatee tora marsariitii hawaasaa irrattii midiyaa lenjii hubannoo seeraa ittiin kennaamuu fi fm tora interneetii irrattii tamsafaamuun tamsaasa vidiyoofi sagaleedhaan tamsaasaa hawaasa kenyas hubnnaoo seeraa keennuu jalqabuun kenya waan torbaan sadii hincaalleedhaa. Haa ta'u malee tamsaasa akkaanaatiin hubannio seeraa hawaasaaf keennuu waan hin baramnee ta'us, akkasumas tarkaanfini kenya kunii akka biyyaattiis akka naannootis kan jalqabaa ta'us lkakoofsii hawaasaa leenji hubannoo seeraa keennaa jirruu hordoofan daran dabalaa jiraa. Haaluma kanaan midiyaan MHAAGJ irrattii leenjiin keennamee torbaan sadii kessattii dawwattotaa 700 olin daawwatamee midiyaan kenyas misensa ykn subskrayiber 150 ol godhachuu kenyaaf companin midiyaa keenya website kenya walin walittii nuf hidhee nu beeksiisee jira. Kuni ammoo hojii nama tokkoo lamaan kan dhuufee oso hin taanee hirmaannaa abbootii alangaa kenya maraa akka ta'e wanuma hubatamuudhaa. Kanaafu xaarnii kessan bu'aa busaa waan jiruuf baga gammaddan jennaa.
https://youtu.be/0glebW9EFh8
Garee komni keeshinii mana hojii AA God jimmaa.

Covid 19 directive no 30/2022 pdf

Directive No 30/2020
A DIRECTIVE ISSUED FOR THE
PREVENTION AND CONTROL OF
COVID-19 PANDEMIC


WHEREAS, it has become necessary to
provide the particulars of prohibited
activities and duties to be imposed on
individuals to prevent and mitigate the
impact of COVID-19
NOW, THEREFORE, this Directive is
issued by the Ethiopian Public Health
Institute in accordance with Article 72 (2)
of the Food and Medicine Administration
Proclamation No. 1112/2019, Article 55(3)
of the Food, Medicine, and Healthcare
Administration and Control Proclamation
No. 661/2009, and Article 98 of the Council
of Ministers Regulation on Food, Medicine,
and Healthcare Administration and Control
No. 299/2013.

Subscribe our media and get weekly legal training we deliver to you.

legal training on jimmaa attoreny media season 1 episode 1

Get to know your feedback

FDRE proc no 1184/2020pdf

a proclamation to ratify the 1958 New York convention on recognition and enforcement of arbitral awward.

Subscribe our media and get legal knowledge thru weekly training we deliver to you.

Season one eepisode 1 of the training.

listening our fm broadcasting through our web enlightened you how legal practice done in eEthiopia.

Don’t forget to subscribe.

Get to know your fedback.

Mirga shakkamtootaa fi dirqama daldaltoota. Barruu xinxala seraa pdf

  1. Seensa

Biyyootni addunyaa garaagaraa haala guddina, dinagdee, siyaasa fi ulaagaawwan biroo bu’ura godhachuudhaan sirna dinagdee adda addaa kan hordofan ta’uun isaanii ni beekama. Kunis sirna dinagdee ajajaan (karooraan) hogganamu (command economy), sirna dinagdee gabaa bilisaa (free market economy) fi sirna dinagdee makaa (mixed economy) fi kkf jedhamuun beekamu.

Sirna Dinagdee Ajajaan (karooraan) Hoogganamu jechuun sirna mootummaan meeshaa oomishamu,hangam akka oomishamu fi gatii oomishni sun ittiin gurguramu itti murteessu jechuudha.

Sirna gabaa bilisaa Jechuun sirna dhiyeessi fi fedhii irratti hundaa’u ta’ee to’annaa mootummaa muraasa ta’een kan hoogganamuudha. walumaagala gabaa waljijjiiraa fedhii irratti hundaa’e ta’uu hubanna. Sirna dinagdee makaa kun immoo makaa sirnoota lamaan armaan oliiti.

Bu’uruma kanaan biyyi keenya akkuma biyyoota biroo sirna diinagdee hordoftu qabdi.Kunis sirni dinagdee biyyi keenya  hordoftu sirna gabaa bilisaati.Akkuma beekamu sirnichi kan  hoogganamu fedhii fi dhiyeessii irratti yommuu ta’u hirmaannaan mootummaa kan daanga’e (muraasa) ta’uu hubanna.Sirni kun immoo akka biyya keenyaatti sadarkaan guddina isaa hanga kana kan hin jedhamne waan ta’eef rakkinoota walxaxaa adda addaa yommuu saaxilamu ni muldhata.

Yeroo baay’ee gara suuqiwwan daldalaa yommuu seennu sababoota hin beekamneen gatiin meeshaawwanii garaagarummaa guyyaa fi sa’aatii keessatti dabalee muldhata.Kun immoo gama shammattootaatin komiiwwan adda addaa akka ka’an sababa ta’aat jira.

Sababoota gatiin akka dabalu taasisan

Sababoonni armaan gadiitti tarraa’an gatiin meeshaalee akka dabaluuf dhimmoota ka’umsa ta’an akka ta’e odeeffanoon toora intarneetii irrraa argame ni muldhisa.

1.Oomisha :-Akka biyyaattis ta’e akka addunyaatti oomishni yoo xiqqaate gatii dabaluu danda’a.kana jechuun biyyootni dinagdeen guddatan oomisha isaan barbaachisu oomishuu yoo dadhaban oomisha sana gabaa addunyaa irraa bitachuuf dirqamu yeroo sana gatiin oomishaa dabaluu danda’a.Bara 2014 biyyi Hindi sababa rakkoo uumamaatin ruuzii oomishuu hin dandeenye sababa kanaan fedhiin ruuzii dabalee.Fedhii ruuzii dabale  ture kana gabaa addunyaa irraa bitte sababa kanaan hanqinni ruuzii akka addunyaatti waan uumameef sun immoo gatiin ruuzii sadarkaa hin eegamneen akka dabaluuf sababa ta’e.

 2.Gatii Oomishaa:- Gatiin oommishaa galtee oomisha sanaaf fayyadan irratti kan hundaa’udha. Kunis firii, xaa’oo, bishaan, meeshaalee oomishaa fi haala qilleensaati. Dabalataan immoo gatiin meeshaa gurguramu tokko baasii meeshaa kana oomishuuf bahe kan dabalatu ta’a. (baasii humna namaa,baasii meeshaa dheedhii,baasii kuusaa,baasii suphaa fi kkf kan dabalatu ta’a.)

3.Hirdhina(Hir’ina)bakka kuusaa:-Bakki kuusaa gahaa ta’e dhabamuun qulqulina meeshaa fi gatii isaa irratti dhiibbaa qaba.Yeroo baay’ee qonnaan bulaan sodaa kanaatif jecha fedhii oomishuu isaanii gadi bu’a.Kanaaf jecha yeroo baay’ee mootummaan magaalota gurguddoo irratti kuusaa qopheessa ta’us garuu kunis gahaa ta’uu dhaba.

4.Haala gabaa:-Akka biyyaatti immaamatni mootummaa hala gabaa to’atu jiraachuu dhabamuun isaa Oomisha irratti kan itti dadhabu qonnaan bulaa ta’ee osoo jiruu daldaltoonni naamusa hin qabne qonnaan bulaa fi uummata jidduu seenudhaan gatii oomishaa daran akka dabalan karra banaafii jira.

 5.Rakkoo kominikeeshini:-Rakkoon kominikeeshinii gatiin oomishaa akka dabalu carraa uuma.Kana jechuun bakka hanqinni oomishaa hin jirreetti akka waan hanqinni oomishaa uumame fakkeessun namootni muraasni fayyadamuun gatiin oomishaa(meeshaa) akka dabalu taasisu.

6.Oomishni biyyatti galuu fi biyyaa gara biyya alaatti ergamu walmadaaluu dhiisuu. 

Dhugaan jiru kana ta’ee osoo jiruu daldaltoonni tokko tokko bakka hanqinni oomishaa hin jirreetti yookiin sababootni biroo gatiin akka dabalu taasisan bakka hin uumamnetti daldaltoonni oomishaa fi tajaajila irratti gatii dabalu waan ta’eef kun immoo gufuu sirna gabaa keenyaa akka ta’e raga gahaadha.Kana qofa osoo hin taane sirni daldalaa keenya namoota muraasaan qofa kan qabame ta’uun isaa akkasumas shammattootaaf oomisha qulqulina hinqabnee fi sadarkaa isaa hin eegganne dhiyeessuu,oomishaaf gatii baay’ee ol ka’aa dhiyeessu,oomisha waan ormaa faana makuun gurguruufi daldalli seeraan ala fi kkf kan baay’atu ta’uun sirna gabaa  miidhaa jira.

Kana irraa hubachuun kan danda’amu rakkinootni kun gama tokkoon sirna gabaa bilisaa biyyattii daran kan miidhu ta’uu isaatiin dabalatatti rakkoon shammattoota irraan gahu ol’aanaa dha.Kanaaf dinagdee keenya jilbibbiidhaan deemu itti fufsiisuuf rakkoo gama dorgommii daldalaa fi mirga shammattootaa irratti muldhatu furuuf gama hawaasaatinis ta’ee daldaltoonni mirgaa fi dirqama isaanii beekanii akka tarkaanfatan mootummaanis gama isaatiin gahee isaa akka bahu daangaa seeraa kaa’anii deemun barbaachisaa ta’a.

Seenaa dhufaatii

Akka addunyaatti sarbama mirga shammattootaa karaa adda addaatiin gahu ittisuufi to’achuuf akkasumas mirgi shammattootaa sarbamee yoo argame immoo beenyaa seera qabeessa akka argataniif  hojiimaata fi eegumsi seeraa karaa qindaa’aa ta’een hojii irra ooluu kan jalqabe Akka Lakkoofsa Awurooppaatti bara 1962 biyya Ameerikaatti.

Dabalataan immoo bara 1985 yaa’iin waliigalaa Mootummoota Gamtoomanii walgahii taasiseen qajeelfama eegumsa shammattootaa qopheessun mirga shammattootaa eegsisuuf ulaagaa gadi aanaa barbaachisu tumuudhaan eegumsi shammattootaa guutuu addunyaatti xiyyeeffannoo akka argatu taasiseera.Bu’uruma kanaan biyyootni addunyaa adda addaa seerota mirga shammattootaa eegsisan adda addaa baasun hojii irra oolchuu erga jalqabani oolanii bulaniiru.

Akka biyya keenyaatti mirga shammattootaatin walqabatee labsiin 329/95 kan bahe yommuu ta’u itti fufuudhaan labsiin hojiimaata daldalaa fi eegumsa shammattootaa lakk. 685/2005 bahuu danda’eera.Dhuma irrattis labsii duraan ture haquudhaan labsiin dorgommii daldalaa fi eegumsa shammattootaa lakk.813/2006 bakka bu’uu danda’eera.Labsii kana keessattis eegumsa shammattootaa ilaalchisee tumaawwan adda addaa kan of keessatti qabate yommuu ta’u tumaalee kana bifa/gosa lamatti qoodnee ilaaluu dandeenya.Inni duraa tumaalee mirga shammattootaa tarreessan yommuu ta’u inni lammaffaa immoo dirqama daldaltoonni qabaniidha.

Hiikkoo shammattootaa

<<Consumer is a person who purchase goods and services for personal use>>

Shammattoota jechuun nama meeshaa yookiin tajaajila dhuunfaatti fayyadamuuf bitu jechuudha(yaada barreessaa)

Labsii lakk.813/2006 keewwata 2(4) jalatti shammattoota jechuun nama uumamaa  warshaadhaaf yookiin deebisee gurguruuf osoo hin taane gatii isaa ofiin kan kaffalu yookiin namni biraa kan kaffaluuf ta’ee tajaajila ofii isaatif yookiin maatii isaatiif meeshaa yookiin tajaajila bituu jechuudha.Dubbisa keewwata kanaa irraa ulaagaa sadii arganna.

 1.Meeshaa yookiin tajaajila bituu qaba.Meeshaa daldalaa yommuu jedhamu meeshaalee gurguramuu bitamuu yookiin kireeffamuu yookiin meeshaalee socho’ani hojiin daldalaa namoota jidduutti ittiin raawwatamu kamiyyuu kan ilaallatu yommuu ta’u maallaqa yookiin sanadoota amala maallaqaa qabanii fi qabeenyota hin sochoone hin dabalatu.

2.Meeshaa daldalaa yookiin tajaajila sana ofii yookiin maatii isaatiif kan itti fayyadamu malee meeshicha meeshaa dheedhii warshaatif yookiin deebisee gurguruuf kan bitu yoo ta’e akka shammattootaati hin fudhatamu.

3.Bittaa kan raawwatu nama uumamaa ta’uu qaba.Qaamni seeraan namummaan kennameef kan akka baankii,waldaaleen meeshaa daldalaa tajaajila ofii isaanitiif bitan ille akka shammattootaati hi lakkaa’aman.

labsii 813/2006 keessatti  mirgaa fi dirqamoota tarraa’an akka armaan gadiitti ilaalla

Mirga shammattootaa

1. Waa’ee qulqulinaa fi gosa meeshaa yookiin tajaajila bitanii Ibsa yookiin odeeffannoo sirrii fi gahaa ta’e  argachuu.

2.Mirga meeshaalee yookiin tajaajila filatanii bituu

3.Qulqullina yookiin  filannoo biroo jiru ilaaluun yookiin gatii irratti marii(falmii) meeshaa yookiin taajaajila  bituu taasisuun akka bitu kan hin dirqisifamne ta’uu.

4.Daldalaa  kamiinuu kabajaan keessummeeffamuu gocha arrabsoo,doorsisoo,sodaachisoo fi maqa balleessii irraa mirga eegamuu.

5.Meeshaalee daldalaa yookiin tajaajila bituu yookiin fayyadamuu isaatiin miidhaa irra qaqqabeef  meeshaalee daldalaa yookiin tajaajiloota dhiyeessun walqabatee oomishtummaan,fichisisuun,gurgurtaa jumlaatiin,gurgurtaa qinxaabotiin yookiin karaa biroo kamiiniyyuu namoota dhiyeessii irratti hirmaatan qeenxeen yookiin waliin beenyaa akka kaffalaniif yookiin mirgoota kanaan walqabate mirga gaafachuu qaba.

Bu’uruma kanaan shammattoonni kamiyyuu karaa daldaltootaatiin sarbama mirgaa irra gahuu fi sababa kanaan miidhaa irra gahuuf dhaabbata eegumsa shammattootaatti himannaa dhiyeessuun daldaltoota mirga isaa sarban irratti himannaa hariiroo hawaasaa banuun beenyaa gahaa argachuu mirga qaba.Shammattoonni komii akka dhiyeessaniif sababoota sarbama mirgaa keessaa tokko meeshaa daldalaa yookiin tajaajila irratti hanqinni yoo jiraate yookiin miidhaa yoo irraan gahaniidha.Meeshaan daldalaa bite hanqina yoo qabaate yookiin miidhaa yoo irraan gahan meeshichi akka jijjiiramuuf yookiin maallaqani isaa akka deebi’uuf qaama gurgureef gaafachuu mirgi shammattootaaf kan kenname yommuu ta’u tajaajila irratti hanqina kan arge yoo ta’e tajaajilichi lammaffaa kaffaltii malee akka kennamuuf yookiin kaffaltiin raawwatame akka deebi’uuf gaafachuu mirga qaba.Kana haa ta’u malee seerri akkanatti ifaan tumee osoo jiruu suuqiiwwan adda addaaatti garuu barreeffamni meeshaan gurgurame hin deebi’u jedhu ifaan barreeffamee argina.Haa ta’u malee labsichi ifaan akka kaa’ee jirutti meeshaa bitame irratti hanqinni yommuu muldhatutti(mul’atutti) barreeffama akkanaafi gochaawwan biro kana fakkaatanin osoo hin taane shammattootaa fi daldalaa jidduu waliigalteen jiraatullee mirgi shammattootaaf kenname kun kan hafu hin ta’u.

Dirqama Daldaltootaa

Mirgoota shammattootaa armaan olitti caqasaman akka hin sarbamneef ulaagaawwan daldaltoonni guutuu qaban labsiin kun tarreessee jira.Isaanis

1.Dirqama gatii meeshaa fi tajaajilaa ibsuu.Kana dura baratama tureen daldaltoonni gatii meeshaa gurguranii yommuu maxxansan hin muldhatu.Kun immoo gabaan akka iftoomina dhabu gochuu isaatiin dabalatatti shammattoota gocha gowwomsaaf kan saaxiluudha.Kanaaf daldalaan hundi gatii meeshaa yookiin tajaajila kennu kaffaltiiwwan seera qabeessa (taksii fi gibira) dabalatee karaa ifa ta’een maxxansuu qaba.

2.Dirqama ibsa meeshaa gurguruu kennuu.Ibsa meeshaa gurguruu yommuu jedhamu maqaa meeshaa,bara itti oomishame,biyya itti oomishame,qulqullina isaa,bara tajaajilli isaa itti xummuramu,warshaa fi maqaa fi teessoo fichisiistotaa,ulaagaa sadarkaa biyya keenyaa kan guute ta’uu,daldalaan waa’ee meeshaa gurguree wabummaa inni kennu fi dhimmoota biro kanaan walqabatan jechuudha.Kanaaf daldaltoonni hunduu tarree ibsa meeshaa armaan olitti caqasaman meeshaa irratti maxxansuu yookiin waraqaa addaa irratti barreessee shammattootaaf kennuu qaba.Tarreen ibsa kanaa kan barreeffamuu qabu afaan Amaariffaa fi Ingiliffaan ta’ee haala salphaan kan adda bahu (gadi lakkisu) ta’uu hin qabu.

As irratti qabxiin ka’uu qabu biyya sirna federaalaa hordoftuu fi uummata afaan adda addaa (sabdanneessaa fi afdaneessa) ta’e keessatti haala kanaan caqasamuun isaa kan madaallii kaasu hin ta’u.Sababni isaa immoo namni(shammattootni) afaan armaan oliitti caqasaman hin dandeenye(hin beekne) hoo maal ta’uu qabu? kan jedhuuf furmaanni taa’e hin jiru.Haa ta’u malee haala naannichaa,aadaa fi duudhaa uummataa bu’ura godhatee osoo hojii irra oolee dhama qabeessa ta’a.Fkn’f Naannoo Oromiyaa keessatti Afaan Oromoos dabalatee afaanota biros haala giddugaleessa godhateen ta’uu qaba(yaada barreessaa).

3.Nagahee kennuu  fi haftee nagaheewwanii waggaa 10’f (kudhaniif) qabachuu(olkaawwachuu) yommuu ta’u daldalaan meeshaa gurguruuf bite ykn tajaajilaaf nagaheewwan fudhatee waggaa 10’f (kudhaniif) qabatee tursiisuu qaba.

4.Dirqama of ibsuu:-Daldalaan kamiyyuu maqaa daldalaa isaa bakka ifatti muldhatutti maxxansuudhaan dabalatatti bu’ura gaaffii shammattoonni dhiyeessaniin of ibsuu fi odeeffannoo shammattoonni barbaadan kennuu dirqama qaba.

5.Dirqama Beeksisa daldalaatin walqabatu:-Beeksisni daldalaa taasifamu kamiyyuu waa’ee meeshaa yookiin tajaajila daldala sanaa soba yookiin dogoggorsiisaa ta’uu hin qabu.kunis baay’ina,amala meeshichaa,burqaa meeshichaa,ulfaatina,haala itti oomishame,guyyaa tajaajila dhaabuu,mallattoo qulqullinaa fi  waan gatiin gadi bu’ee gurguramu fakkeessun beeksisa hojjachuu dhorkamaadha.

6.Dirqama wantoota sirrii hin taane fi dogoggorsiisan irraa of qusachuu.Kana jechuun labsicha keessatti mata duree gochaawwan dhoorkaman jedhu jalatti kan ibsame yommuu ta’u kun immoo dirqama daldaltootaa ta’a jechuudha.Kunis

  • Biyya meeshaan daldalaa itti hojjatame dogoggorsuun ibsuu
  • Meeshaa yookiin tajaajila daldalaa biroo karaa dogoggorsaa ta’een ibsuu
  • Shammattoota jidduutti loogii hin taane raawwachuu
  • Meeshaa safartuu seeraan alaa fayyadamuu
  • Waliigaltee wabummaa  gurgurtaa meeshaa yookiin tajaajilatin walqabatu bahuu dhiisuu
  • Shammattoonni meeshaa yookiin tajaajila biraa akka bitaniif meeshaa biraa hin barbaanne wajjin akka bitan dirqisiisuu
  • Faayidaa Shammattootaatif yoo ta’e malee meeshaa yookiin tajaajila daldalaa hin gurguru jechuu.
  • Tooftaa gurgurtaa Piraamidii gaggeessuu.kana jechuun shammataan tokko meeshaa yookiin tajaajila yoo bitu yookiin buusii maallaqaa yoo taasise maallaqa dabalataa kan argatu fakkeessanii yookiin faayidaa akkanaa kan argatu ta’uu ibsuun shammataan kun meeshaa akka gurguruf shammattootni isatti aananii meeshaa yookiin tajaajila bitan yookiin buusii buusan yoo baay’achaa deeman maallaqa yookiin faayidaa dabalataa waan inni argatu fakkeessanii tooftaa gurgurtaan itti raawwatamuudha.
  • Haaromsii fi suphaan meeshaa daldalaa irratti raawwatamu sadarkaa isaa isa beeksisaniin gadi yookiin haala guutuu hin taanen raawwachuun gochaawwan dhorkamaniidha.

Mirga Shammattootaa sarbuun bu’aa inni hordofsiisu

Shammattoonni mirga akkamii akka qaban armaan olitti kan ilaalledha mirgoota kana sarbuun immoo itti gaafatamummaa hariiroo hawaasaa,bulchiinsaa fi yakkaa hordofsiisu akka armaan gadiitti ilaalla.

1.I/Gaafatamummaa (Bu’aa) Bulchiinsaa

Himanni itti gaafatamummaa bulchiinsaa kan dhiyaatu Abbaa Taayitaa Dorgommii Daldalaa fi Eegumsa shammattootaatif yommuu ta’u murtiin kan kennamu qaama A/seerummaa A/Taayitichaatin kennamefin ta’a.A/Taayitichaa shammattoota irratti miidhaa gahuu erga qulqulleeffatee booda akka beenyaa argatan,eeyyamni daldalaa daldaltootaa akka dhorkamu yookiin haqamu,gochi sirrii miti jedhame akka adda citu yookiin akka dhaabbatu gochuu akkasumas daldalaan dirqamoota tarree 3ffaa irra jiran sarbe yoo argame galii gurgurtaa waggaa irraa adabbii maallaqaa % 5- %10 (dhibbeentaa shan- dhibbeentaa kudhan) adabamuu danda’a.

2.I/Gaafatamummaa(Bu’aa) Hariiroo Hawaasaa

Meeshaan yookiin tajaajilli shammattoonni bitan hirdhina(hir’ina) yoo qabaate meeshaa daldalaa walfakkaataan akka jijjiiramuuf (bakka bu’uuf) yookiin kaffaltiin tajaajilaa akka deebi’uuf yookiin kaffaltii malee tajaajila akka argatan gaaffii daldalaa gaafataniif deebii argachuu dhabuu isaanitin miidhaa isaan irra gahuuf beenyaa akka kaffaluuf yookiin qaamota biro meeshaa daldalaa irratti hirmaatan gaafachuu mirga qabu.

3.I/Gaafatamummaa (Bu’aa) Yakkaa

Labsichi adabbii yakkaa ilaalchisee tumaa waliigalaa fi tumaa addaa qabateera.Namni daldalaa ta’e yookiin daldalaa hin taane kamiyyuu tumaalee labsichaa,dambii labsicha raawwachiisuuf bahan yookiin beeksisa uummataa darbee yoo argame adabbii maallaqaa 5000-50,000 fi hidhaa salphaan kan adabaman yommuu ta’u karaa biraatin labsichi gochaawwan dhorkaman adda addaatiif  adabbii adda addaa kan tume yommuu ta’u,kanneen keessaa daldala piraamidii gaggeessun meeshaa daldalaa nageenyaa fi fayyaa namaatif balaa ta’e ,burqaan isaa hin beekamne,sadarkaan qulqullina isaa gadi bu’e,kan summaa’e,yeroon tajaajila isaa darbe yookiin waan ormaa faana walitti makame daldalaaf dhiyeesse yookiin gurgure adabbii maallaqaa fi hidhaa salphaa yookiin hidhaa cimaan adabamuu danda’a.Kanaaf sarbama mirga shammattootaatif labsichi filannoowwan sadii kaa’et jira.

Gaheewwan Qaamolee Adda Addaa

1.Gahee mootummaa

Uumama sirna diinagdee biyyi keenya hordoftu ta’eet mootummaan gaheen inni daldala keessatti qabu waan muraasa.Sunis haala gabaa to’achuu ta’a.Mootummaan haala gabaa to’achuu kan danda’u immoo immaamata,tarsimoo fi seerota adda addaa dhimma kana irratti xiyyeeffatan baasuni.Yeroo baay’ee garuu biyya keenya keessatti kan muldhatu seerota baasuu qofa,seeroni bahan hojii irra ooluu fi dhiisuu isaanii sakatta’u fi tarkaanfii sirreeffamaa fudhachaa deemuu irratti qaawwa baldhaatu muldhata.Kana qofa osoo hin taane seeronni bahan iftoomina dhabuu.Akka fakkeenyaatti  labsiidhuma kana keessaa keewwata 24(1)(b) yoo fudhanne meeshaa daldalaa gabaa irratti hirdhina qabaachuun isaa ministeerichaan beeksisa uummataatin ibsame nama daldalaa hin taane hanga tajaajila ofii isaatif yookiin maatii isaatif oolun caalaatti meeshaa kuusuun yookiin dhoksuun dhorkaadha jedha.Kana irratti ciroon hanga taajila nama tokkoo yookiin maatii isaatii jedhu hangam akka ta’e seerri ifa waan hin keenyeef yeroo baay’ee hiikoof saaxilamaa ta’uu isaatin magaalota irratti abukkattoon dhuunfaa himatamaa bakka bu’ee falmu ijoo kana yeroo kaasan  ni muldhata.

Dabalataan keewwata 34 irratti naannoleen qaama dhimma kana irratti kennu qaama A/Seerummaa qabu hundeessuu danda;u jedhus dhimmootni kun baay’inaan Manneen Murtii idileetti ilaalamaa jira kunis qaawwa labsichaati.Kanaaf mootummaan gahee isaa seerota ifa ta’an baasuun bahuu qaba.

Gahee Miidiyaalee

Uummanni biyya tokkoo taatewwan biyya isaanii keessatti ta’an mirga odeeffannoo argachuu (access to information) heera mootummaan eegumsi taasifameef qabu.Kanaan walqabatee oolmaa haala gabaa hordofuudhaan yeroo yerootti odeeffannoo uummata biraan gahuudhaan akka daldaltoota isa gowwomsuuf deeman irratti dammaqee hirmaatu taasisuun rakkoo gama kanaan uumamu furuun kan danda’amu yoo miidiyaaleen gahee isaanii bahaniidha.

Gahee Ogeessota seeraa

Kanaan walqabatee ogeessotni seeraa hubannoo hawaasaa kallatti adda addaatin kennuun akka mirgaa fi dirqama isaanii hubatan gochuun ni danda’ama.Haa ta’u malee yeroo ogeessotni seeraatu seerota bahan irratti hanqinni hubannoo isaan mudatu ni muldhata kanaaf gama kanaan rakkoowwan jiran furuuf immoo qaamotni dhimmi kun ilaalatu leenjiwwan yeroo yeroon kennuun beekumsa ogeessaa gabbisuun dirqama ta’a.Dabalataan immoo yeroo eerun dhiyaatutti xiyeeffannoo addaa itti kennuun akka dhimmichi yeroo gabaabaa keessatti furmaata (murtii) argatu gochuun dirqama ogeessota kanaati.

Gahee Uummataa

Rakkoo kanaan walqabatee jalqaba miidhamaa kan ta’u shammattoota(uummata) waan ta’eef yakki yeroo raawwatamee argamutti guddinaafi xinneenya yakkichaa ilaalcha keessa osoo hin galchin odeeffannoo qaama dhimmi ilaallatuuf hatattamaan kennuu barbaachisa.Kanaan walqabatee uummatni Magaalaa Finffinnee fakkeenya ta’uu danda’u.Sababni isaa immoo geejjiba taaxii irratti daballiin saantima 15 yoo jiraate waan fe’et dhufa malee hin kaffalani sababa kanaan immoo abbootin qabeenyaa,konkolaachiftoonni akkasumas gargaartonni sababa gahaa malee (kallattii mootummaan dabarsuun alatti) daballii akka hin taasifne isaan dirqisiisa.Faallaa kanaa bakkeewwan biro yommuu ilaallu garuu dachaa taarifa kaffalamuu qabu yoo gaafataman illee ni kaffalu.Kanaaf sababa kan ta’u immoo walitti dhufeenya abbootii qabeenyaa,konkolaachiftoonni qaama mootummaa(qaamolee seeraa raawwachiisan) faana qaban irraa ka’uun dubbannus bu’aa hin qabu jechuun abdii kutuu irraan kan ka’e waan ta’eef dhimmi kunis dhimma xiyyeeffannoo barbaadudha.

Gahee Ministeera Daldalaa

Dhimma kanaan walqabatu sadarkaa Federaalaatti kan hoogganu Ministeera Daldalaa fi Industirii yommu ta’u akka Naannotti immoo Biiroo Daldalaa ta’a.Kanaaf qaamni kun beeksisa uummataa yeroo yeroodhan(ji’a ji’aan) yommuu baasu qaama hundaaf akka qaqqabu taasisuun dirqama isaa ta’a.Sababni isaa immoo yeroo A/A himannaa banuuf jedhee yookiin bane  beeksiisni uummataa kun dhabamee beellama hin barbaachifne yeroon itti kennamaa jirutu jira.Kana qofa osoo hin taane yeroo qorannaan taasifamu beeksisa uummataa kana barbaachatti yeroon beellamaa hin barbaachifne gaafatamaa jira waan ta’eef kun immoo sarbama mirga namaatif akkasumas kiraa sassaabdummaadhaaf karra bana waan ta’eef  beeksisoonni bahan dafanii qaama dhimmi ilaalatu bira akka qaqqabu gochuun rakkoo kana furuun ni danda’ama.

Wa’ee Araaxaa Seerrii kenya maal jedhaa? pdf & fm audio transmission.

Qopessan Mulugetaa M.

AA Godina, (LL.B, LL.M)

Barruu kana audio fi pdfn isinin genyee.

Garee komnikeeshiinii MHAAGJ
Tamsaasa fm mhaagj kan tora interneetii tamsaafamuu irraa tamsaasa 17/7/13 wa’e araaxa ilaalchisee tamsaafameedha. Kuni fm MHAGAJ tora interneetii irrattii tamsaafamuu dha. irraa

The ammended new commercial code of FDRE. PDF

If you visit jimmaa zone attorney via www.mhaagj.org domain name or thru googling the site name 👉(Mana Hojii Abbaa alangaa godina jimmaa, የጅማ ዞን አቃቤ ህግ ፅፈት ቤት) tou will access thousands of federal and all regional constitutions, proclamations, regulations, decrees minutes, in one archive. Beside tou will access thousands of literature written on legaal issues in pdf, doc, docx, and other formats. In adition if you visit our website you can follow jimmaa zone attorney fm station which prodcusted via internet. So what are tou waiting for come visit and subscribe our website.
https://youtu.be/0glebW9EFh8

Jimmaa zone attorney.

Tamsaas bitootessa 17/2013 fm📻 tora internet irrattii mhaagjtin tamsaafamee asii argattuu. ( anchor.fm/fm_mhaagodinajimmaa ) irratti

⚖️We strive to insute justice⚖️

%d bloggers like this: