CUUNFAA RAKKOOLEE TARSIMOO FI HANQINAALEE RAAWWII HOJII IRRATTI MUL’ATAN ADDA BAASUUN KALLATTII FURMAATA AKEEKUU pdf.

 

Suraa aasxaa websaayti mana hojii AA Godin jiamma

GAREEN CUUNFAA KANA GAGGEESSE:-
1. OBBO MAGARSAA ADDUNYAA
2. OBBO PHEEXIROOS MAAMMOO
3. OBBO GARRAMOO GAARRADOO
4. OBBO IBSAA CAMADAA

 

 

 

CAAMSAA BARA 2013
FINFINNEE

 

 

1. seensa
Manni hojii Abbaa Alangaa Waligalaa Oromiyaa labsiidhaan of danda’ee erga hundeeffameen asitti hojiilee gurguddaa raawwachaa turee jira. Hojiileen kunneenis kan raawwatamuu danda’an rakkoo fi hanqinootaa adda addaa keessa ta’ameeti. Ta’us rakkinaa fi hanqinaalee isa mudataniin osoo hin daangeeffamiin hojiilee gurguddaa raawwataa turee jira.
Manni hojii kun bara 2013 keessaa qorannoowwaan gara garaa ogeeyyii mana hojichaa fi qaamolee alaatiin hojjecha turera. Qorannoowwan kanaanis rakkooleen tarsimoo fi hanqinaaleen raawwii hojii keessatti mul’atan adda ba’anii jiru. Qorannoowwaan fi gamaggama raawwii karooraa gaggeeffamaa turan keessaa rakkoo tarsimawaa fi hanqinalee raawwii hojii mana hojichaa kan agarsiisaan keessaa muraasni isaanii:-
1ffaa Qorannoo Bu’uuraa Sadarkaa fi Haala Qabatama MHAAWO Dhaabbata USAID-Fitihi Piroojaktiin qoratame,
2ffaa sakatta’insa gurmaa’insa, caseffamaa, seeraa fi hojimaataa Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaatiin gaggeeffame,
3ffaa Hanqinaalee Kenninsa tajajilaa Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaafi caasaalee sadarkaan jiran keessatti mul’atan adda baasuun sadarkaa mana hojichaa beekuun kallattii furmaata kaa’uuf xinxalaa mana hojichaan taasifame,
4ffaa Seenaa dhaabbata Abbaa Alangaa fi imala mana Hojii Abbaa Alangaa Waligalaa Oromiyaa bara 1985 hanga bitooteessa 30 bara 2013tti jiru irratti barreeffama qophaa’e,

http://t.me/mhaagj
5ffaa qorannoo sirreeffama caaseeffamaa hojjettoota bulchiinsa Mana Hojichaa irratti taasifame, 6ffaa Kenna heyyama Abukaattoo (barsisoota Yuniversitii) wal qabatee rakkoolee mul’atan irratti qorannoon gaggeeffamaa turee,
7ffaa Qorannoo gabaabaa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa woliin ta’uun dhimmaa kennaa tajaajilaa seera bilisaa irrattii gaggeeffame,
8ffaa Qorannoo dhimmaa hojii galmeessaafi mirkaneessaa sanadootaa ilaalchisee gaggeeffame,
9ffaa Hanqinaalee gamaggama raawwii kurmaana 3ffaa bara 2013tiin adda ba’an akka ka’umsaatti ilalameera.
Kanaafuu Manni hojichaa gara fuulduraatti irratti hojjechuuf akka toluuf rakkoolee tarsimawaa fi hanqinalee raawwii hojii keessatti mul’ataan qorannoowwaan armaan olitti ibsamanii fi kanneen birootiin adda ba’an cunfuun sanada tokko irratti walitti qabuun xiyyeeffannoon irratti hojjechuun barbaachisaa ta’ee waan mul’ateef xinxalli kun gaggeeffamee jira.
2. Barbaachisummaa Cuunfaa kanaa
Xiinxalli kun kan barbaachiseef manni hojichaa rakkoolee qorannoowwaan adda addaatiin adda ba’an walitti qindeessuun tartiibaan irratti karoorsuun hojjechuufi hanqinaalee mudatanis karaa itti maqsuun danda’amuuf kallattii ka’uuf dha.
3. Kaayyoon
Kaayyoon xinxala kanaa inni bu’uraa rakkoolee tarsimawaa fi hanqinalee raawwii hojii keessatti mul’atan jedhamanii qorannoowwaan adda addaatiin ibsaman walitti cuunfuun hoggansii fi raawwatan mana hojichaa sadarkaan jiru karaa salphaa ta’een sanada tokko irraa hubachuun akka irratti hojjetaniif kan gargaaruu dha.
4. Qabiyyeen cuunfa kanaa
Xaanixalli kun rakkoo tarsimoo, hojimaataa fi hanqinaalee raawwii keessatti mul’ataan isaan gurgudda adda baasuun manni hojechaa akka irratti hojjetu taasisuuf kan qophaa’e dha.
5. Daangaa Cuunfaa kanaa
Cuunfaan rakkoolee Tarsimoo fi Hanqinalee raawwii hojii irratti mul’atan kun kan inni irratti xiyyeeffatu qorannoowaanii fi sakatta’insa bara 2013 keessa taasifamee qofaa irratti kan xiyyeeffate dha.

6. Rakkoolee Tarsimoo
Jechi Tarsimoo jedhu hiikkoo gara garaa kan qabaatu ta’us hiikkoowwan kunnenis sirna tarsiimoo dhaabbata yookiin mana hojii tokkoo dirirsuu fi yookiin lafa ka’uu waliin faayidaa ol-aanaa kan qabuu fi walitti hidhataminsa kan qabani dha. Kanaaf Tarsimoon galmoota murteessoo yeroo dheeraa fi kaayyoo dhaabbata tokkoo fi haala galmi teechifamee kun itti raawwatamu tartibaa gochaa fi qabeenyaa galma kana raawwachisuuf barbaachisu ramaduu kan hammatu dha.
Rakkoon tarsimoo immoo rakkoo mana hojii yookiin dhaabbata tokkoo furamuuf murtee yookiin tarkaanfii hoggansaa ol-aanaa kan barbaadu jechuu dha. Haaluma kanaan rakkooleen Mana Hojii Abbaa Alangaa Waligala Oromiyaa qorannoowwanii fi gamaggama raawwii karooraa mana hojiichaatiin adda ba’an akkataa armaan gaditiin rakkoowwan tarsimoo ta’anii murtii hoggansaa ol-aana barbaadan adda ba’anii jiru.
6.1 Rakkoo hojimaataa diriruu dhabuun wal qabatee jiru
Manni hojii tokko angoo itti kennameen hojjechuun mul’ataa fi Ergamaa itti kenname galmaan ga’uuf kan isa dandeessisuu keessaa hojimaata mataa isaa dirirsuun yoo kan hojjetu ta’ee dha. Haaluma kanaan manni hojichaa aangoo fi gahee seeraan itti kenname galmaan ga’uuf yeroo adda addaatti hojimataawwan gara garaa dirirsuun hojjechaa kan ture ta’ullee gama tokkoon hojimaataa diriruu qabu osoo hin diririin hafee kan jiru ta’uu fi gama biraatiin immoo hojimaataleen diriranii jiranis yommuu xinxalamaan hanqina kan qabani fi hojii irrattis dhiibbaa umanii jirani dha. Dhimma kanaan wal qabatee rakkooleen akka mana hojichaatti mul’atan akkataa armaan gaditiin cunfamanii dhiyatanii jiru.
1. Dhimmi tarsiimoo hooggansa misooma qabeenya namaa qophaa’uu dhabuu. Kunis haala qacarrii, jijjirraa, guddinaa, badhasaa fi onnachiistuu, carraa barnootaa fi carraa leenjii, ilaalchisee sirni ittiin hoogganamu diriiruu dhabuu irraa kan ka’e mana hojichaa komiif kan saaxile ta’uu adda baheera. Akkasumas sirni Abbootiin Alangaa tajaajila addaan ittin kutan (exit strategy) jiraachuu dhabuu,
2. Hojimaanni waltajjii gumii bulchiinsa Abbootii Alangaa, muudamaa fi muudama irraa ka’uu hooggansaa, Haala hooggansi itti horatamu qopheessuu fi Yaa’iin Abbootii Alangaa ittiin hoogganamu waan hin diriirreef hojiiwwan dhimma kana ilaallatan irratti mana hojichaa komiif kan saaxilee fi Abbaan Alangaa himatamee osoo murtii hin argatin yeroo dheeraa turuun hubatmeera.
3. Hojimaanni Waldaa Abbootii Alangaa fi hojjattootaa Bulchiinsaa ittiin hundeeffamu, sirna waldeeggarsaa fi miira garee tokkoon kaayyoo mana hojichaa galmaan geessisuuf itti hojjetan diriruu dhabuu,
4. Dhimma hubannoo seeraa hawaasaa guddisuun walqabatee maanuwaaliin jiraatus hojmaatni dirqisiisaan bu’aan hubannoo seeraa hawaasichaa ittiin hoogganamu yookiin xiinxalamu kan hin jirre ta’uun
5. Manneeen hojii mootummaa dhimma yakka malaammaltummaa fi taaksii hojiin isaanii Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliin walitti hidhamiinsa qaban kan akka Abbaa Taayitaa Galiiwwanii, Biiroo Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafaa, Biiroo konistiraakshinii, komishiinii Naamusa fi Farra maalaammaltummaa, Oditara Muummichaa fi kkf waliin hojii hojjetamuu irratti hojmaanni ifaa fi dirqisiisaan kan hin jirre waan ta’eef hojii irratti dhiibba uumee jira.
6. Daayiroktereetii karooraa, Inispeekshiinii, Odiitii keessaa, Dhimmi Idileessa Koorniyaa Daa’immanii fi Dargaggootaa, Waajjira Abbaa Alangaa Waliigalaa, Waajjira Boordii Dhiifamaa fi Mirga Namoomaa, garee ICT, garee kominikeeshiinii hojmaata diriiree ittiin hojjatan kan hin qabne yoo ta’u haala qabatama amma jiruun immoo Daayiroktareetii Bulchiinsa Humna Namaa fi Dayirektoreetii Bittaa fi Bulchiinsa Faayinaansii yeroo dheeraaf kan turee fi haala gurmaa’insa amma jiru kan hin hooggane ta’uu hubatameera. Akkasumas Manuwaliin Daayirektoreetii Qo’annoo,Qophii Wixinee fi Hubannoo Seeraa Akkataa labsii 222/2012tiin irra deebiin fooyya’ee kan hin baane ta’uun hubatameera
7. Riifoormiin haaraan yeroo yeroon qoratamee haala kenninsa tajaajila Mana Hojichaa fooyyeessuu danda’uu diriirsuu dhabuu
8. Hojimaata Waliin qorannaa Poolisii fi Abba Alangaa akkasumas akkataa itti qabeenyi bu’aa yakkaa yookiin ciraan itti hogganamuu fi murtii argatu ilaalchisee haala seerri jedhuun diriiruu dhabuu.
9. Eeruun yakka malaammaltummaa bakka lamatti simatamaa waan jiruuf Sirni eeruun kun ittiin hogganamuu of danda’ee diriruu dhabuun eericha to’achuu irratti rakkoo uumee jira.
10. Sirni Faayidaa yookiin bu’aa yakka malaammaltummaatiin argame filannoo yookiin tooftaa adda addaatti fayyadamuun akka deebi’u gochuu dirirfamuu dhabuu,
11. Qajeelfamni qorataan yooki¬in Abbaan Alangaa namoota yakka malaammaltummaatiin shakkaman akkaataa seeraatiin qoratu, himatu, to’annaa jala itti olchuu diriiruu dhabu.
12. Qajeelfamni akkataa labsii 214/2011Kew.11 (1)tiin Abbaan Alangaa waliigalaa aangoofi gahee hojii isaa irraa qoodee bakka bu’ummaan Ab¬bootii Alangaafi hojjattootaaf kennuu itti danda’u qophaa’uu dhabuu.
13. Qajeelfama Murtiin Abbaa Alangaatiin ken¬namu madaalawaafi tilmaam¬amaa akka ta’u kan gargaaru baasuun hojii irra olchuu dhabuu.
14. Dambiin yookiin hojimaanni dhimma Dantaa Hariroo Hawaasaa, Uummataa fi Mootummaa manneen hojii fi dhaabbilee misoomaa Mootummaa ittiin hogganamu qophaa’uun hojii irra oluu dhabuu (kun immoo falmii irratti, waligalteewwan bulchiinsaa gulaaluu fi tajajila gorsa seeraa kennuu irratti dhiibbaa fidee jira.
15. Qajeelfamni durgoo ragaa baatootaa haalaa qabatamaa qala’insaa jireenya amma jiruun fooyya’uu dhabuun sirna haqaa irratti dhiibbaa qaba.
16. Qajeelfamni hojiif barbaachisoo ta’an keessumaa galmeen wal qabatee sirna galmeen qorannaa ittiin adda citu, himannaan ittiin ka’u, Qaajeelfamni egumsaa ragaa baatootaa, Hojimaanni Yaadni abbaa dhimmaa ittiin hordofamuu, jirachuu dhabuun rakkoo akka ta’e adda bahee jira.
17. Hojimaanni akka mana hojichaatti gahee tokkoon tokko daayiroktereetii fi waajjiraa walitti hidhataminsa hojii isaanii ibsu waan hin jirreef hojiileen tokko tokko akka harca’anii hafaniif karaa saaqee jira. Fakkeenyaaf dhimmoota walitti dhufeenya hojii Daarektoreetii Hariroo Hawaasaa fi yakka malammaltummaa jidduu jiru ilaalchisee hojmaatni ifatti diriruu dhabuun qabeenya bu’aa yakkaan argame deebisiisuu irratti dhiibbaa fideera. Kunis yakkoota malaammaltummaa murti argatan irratti dhaalamuu yookiin deebisiisuu qabeenyaalee bu’aa yakka erga murtichi labsamee akkaataa qabeenyaaleen kun mootummaaf deebi’uu danda’uuf wal harkaa fuudhinsi hojii taasifamuu qabu irratti qajeelfamni ba’uu dhabuun. Akkasumas akkataa adabbiin mallaqaa himatamaa irratti yakkaan murta’ee hordofamee mootummaaf galii itti taasifamu hojimaanni daayiroktereetota gidduu diriree jirachuu dhabuu. Walitti hidhataminsi daayiroktereetii koorniyaa idileessuu fi dargaggootaa fi yakka adda addaa, Waajjira Mirga namoomaa jidduu jiru ifa ta’uu dhabuun rakkoo dha.
18. Gama biraatiin dhimma daa’immaan miidhaan irra dhaaqqabe ilaalchisee deeggarsa maallaqaa UNICEF irraa argamus qajeelfamni hojmaata kaffaltii dhimma kanaa diriiree waan hin jirreef Biiroon Mallaqaa fi Walta’insa Dingadee Oromiyaa kaffaltii kana raawwachuuf rakkoo ta’ee jira.
19. Sirni hooggansa Mallaqaa deeggarsa dhaabbilee adda addaa irraa argamu kanneen akka UNICEF, Mirga namoomaa fi kanneen biroo irraa mana hojichaaf kennamu itti hojii irra ooluu qophaa’uu dhabuu.
20. Hojmaatni hordoffii dhimma naamusaa Abukaatoo ilaal chisee ittiin hordofamu, qoratamu fi dhimma naamusaa qoratame irratti murtiin ittiin kennamu istandardiin hojii kan hin qabne ta’uun sakatta’insaan adda baheera. Dabalataanis sirni walga’ii gumii Abukaattootaa ittiin gaggeeffamu diririiruu dhabuu fi qajeelfama kanaas sadarkaa wixineetti rarra’ee hafunis hojii irratti rakkoo uumee jira.
21. sirni tajaajila seeraa bilisaa Abukaatoodhaan, Abbaa Alangaa fi Dhaabbilee Barnoota seeraa ol-aanootiin itti kennamu fi ittiin hogganamu diriiruu dhabuu,
22. Seerri dhaabbileen hawaasaa sivilii naannoo Oromiyaa keessatti ittiin hundeeffaman, hojjatan, hordofaman fi hayyamni ittiin haaromsiifamu kan hin jirree ta’uun rakkoo hojimaatni diriruu dhabuu
23. Sirni dhabbilee miti mootummaa itti hordofamuu fi raawatamu diriiree jiraachuu dhabuun kenna tajaajilaa irratti rakkoo fidee jira.
24. Dhimma haala kaffaltii tajajila hojii mirkaneessaa fi galmeessa sanadootaa irratti hojmaatni ifaan diriiruu dhabuu irraa kan ka’e hojicharratti dhiibbaa fiduun isaa sakatta’ameera. Kana malees sanada mirkaneessuu ilaalchisee hojiin mirkaneessuu qaamolee adda addaatiif bittinna’ee kennamuun dhamaatii abbaa dhimmaatiif sababa ta’eera. Fakkeenyaaf akkataa labsii 213/2011tiin, Biiroo lafaa, Biiroo Misoomaa Manneenii, Abbaa Taayitaa Geejjibaa fi mana qopheessaaf kenname kan jiru ta’uu,
25. Manni Hojichaa Madda galii mataa isaa karaa itti Uummachuu danda’u irratti sirna mataa isaa diriirsuu dhabuun rakkoo dha.
26. Sirni itti quufinsa maamilaa itti sakaattaanuu qabatama mana hojichaatiin kan hin jirre ta’uun hubatameera
27. Qajeelfama sirna madaallii guutummaan hojii irra olchuuf Minimeem sarvisi istandardiin (MSS) Daayirekterootii hundaa fi haalli bu’aan raawwii karooraa daayirektoreetii itti madaalamu diriiruu dhabuu,
28. Qajeelfamni qulqullina hojii oditii duraa fi boodaa(pre and Post oidt),baasii abbaa dhimmaa ittiin madaalamu jiraachuu dhabuu,
29. Sirni raawwii bu’aa karoora hojii caasaa mana hojichaa sadarkaan jiran bifa adda baasee agarsiisuu danda’u jiraachuu dhabuu,
30. Sirni keessummeessa komii bifa gurmaa’insa amma jiruun wal-simuun irra deebiin foyyeessuu dhabuu,
31. Hojimaanni seeronni ba’an ittiin oditii ta’an diriiruu dhabuu,
32. Dambiin yookiin hojimaanni yakkoota sassalphaa fi ciccimoo adda baasuun tarreessuu fi qorannaa isaani qajeelchu dhabamuu, tarsiimoo fi hojimaanni hojilee kan akka hojiirra oolmaa seeraa, ittisa yakkaa, keesumattuu sirni dhimmoota yakkaa dantaa ummataa fi mootummaa fi dhimmoota sassalphaa ta’anii hawwasni jaarsummaan xummurachuu danda’uu adda baasu diriire jiraachu dhabuu,
33. Istaandaardiin yeroo yakkoota walxaxoo ta’an keessattuu yakka malaammaltummaa fi dhimmoota ragaa yaalaa barbaadan irratti ka’ame haala qabatamaa Aanoolee giddugaleessa kan hin godhanne yeroo kenname keessatti xumuruuf kan hin dandeessifne ta’uu,
6.2 Rakkoo Gurmaa’insaa fi caaseeffamaa
1. Manni hojichaa Rakkoon gurmaa’insaa akka waliigalaatti kan jiru ta’uu fi kunis hojii irratti dhiibbaa mataa isaa kan qabu ta’uun hubatamee jira. kunis gurmaa’insi tokko tokko sadarkaa daayirektoreetii yookiin waajjiraatti gurmaa’uu osoo qabanii sadarkaa garee fi raawwatatti hafuun, Kanneen biroon immoo Sadakaa Godinaa fi magalaa yookiin Aanaatti haala hojii hojjechisuu danda’uun gadi bu’uu dhabuun, hojiin bakka tokkotti hojjetamuu qabu bakka adda addaatti bittina’uun akka hojjetamuu taasisuun, hojiin tokko tokko immoo qaama raawwatu dhabuun kan jiru waan ta’eef aangoo fi gahee mana hojichaa galmaan ga’uu irratti dhiibbaa uumee jira. Akkasumaas rakkoon caasaa hojjetaa Bulchiinsaa kan jiru ta’uu fi haalli Manni hojii Abbaa Alangaa itti sadarkeeffamee illee rakkoo mataa isaa waan qabuuf sirnaa haqaa naannoo keenyaa lafa qabsisuu keessatti rakkoo Uumee jira
2. Rakkoolee gurmaa’inaa fi caaseffamaa mul’atan keessaa yakki malaammaltummaa fi kan taaksii armaan dura manneen hoji adda addaatti hiramee hojjatamaa ture gara MH AAWO-tti yemmuu dhufu, sadarkaa naannootti daayrektoreetii, godinaalee irratti adeemsa tokko jalatti gurmaa’aniiru. Kun ta’uun amala hojilee kana waliin kan hin deemnee akka ta’e hubatameera. Kutaaleen hojiilee kanaa amala isaaniirraa wal-xaxiinsa kan qaban fi ogummaa adda addaa kan barbaadan waan ta’eef ogeessota seeraan alatti ogeessota ogum-daneessa ta’aniin (multidisciplinary) kanneen akka ogeessota oditii, ijaarsaa, fooransikii fi kkf-taniin gurmaa’uu qabu. Rakkoon kun keessattuu godina irratti akka mul’atu hubatameera. Kana malees, hojiin qorannaafi himannaa yakka malaammaltummaa qaama tokko jalatti gurmaa’uu dhabuun yookin qaamolee hojiiwwan kana hojjatan hojimaata ifaa ta’een walitti hidhuu dhabuun milkaa’ina hojichaa rakkoo keessa galchuu akka danda’u yaaduun nama hin dhibu. Ammaan kana illee taanaan adeemsa hojichaa keessatti qaawwaa bal’aa uumuu isaa beekameera. Qorannaa fi himannaa yakkoota taaksii waliin walqabatee illee rakkoon gurmaa’insaa irraan kan ka’e hojiin kun bifa barbaadameen hojjatamaa akka hin jirre, hojiin qorannaa fi himannaa qaama adda addaa biratti gurmaa’uu qofaa osoo hin taane kutaan hojii sarveelaansii/hordoffii hojjatu MHAAWO biratti gurmaa’uu dhabuun hudhaa ta’eera.
3. Gama aangoo hariiroo hawaasaatiin, aangoon kuni MHAAWO-tiif kennamu illee rakkoon Gurmaa’insa ilaalchisee keessattuu sadarkaa magaalaa fi aanaaletti hojiin kuni dhimmoota yakkaa faana adeemsa tokko jalatti gurmaa’uun isaa rakkoo qabaachuu hojichi xiyyeeffannaa argachuu qabu osoo hin argatin kan hafe ta’uufi akka barbaadamutti hojjatamaa akka hin jirre ilaalameera.
4. Gurmaa’insi daayiroktereetii fi gareewwaan adda addaa keessatti hojjetamee jiru aangoo fi gahee hojii mana hojichaa galmaan ga’uu irratti dhiibbaa uumee jira. Fakkeenyaaf kan yakka adda addaa, galmeessa ragaalee fi kenna heyyamaa, kominikeeshinii, Waajjira boordii dhiifamaa fi mirga namoomaa, karooraa baajetaa fi gamaggamaa raawwii karooraa, Bulchinsaa qabeenyaa, Riiformii,Wajjira hogganaa, qo’annoo fi qophii wixinee seeraa rakkoo akka qabu hubatameera.
5. Gama kaaniin caasaan hojjeettootaa Bulchiinsaa gadi-aanaa ta’uu irraa kan ka’e humna namaa barateefi muuxannoo horate baqachaa kan jiruu, alaas haaraa hawachuufi darbees tursuu kan hin dandeenye ta’ee argameera. Ragaa humna namaa waggoota shanan darbee fudhachuun yoo ilaallu, waggaatti jiddu galeessaan hojjataan baayinni isaa 182 ta’u manicha baqachaa jira. Mana hojichaa gadi akka dhiisan baqataniif sababa kan ta’e caasaa qofa jechuun yoo hin danda’amne illee rakkoon caasaa fala kan barbaadu ta’uu sirriitti mul’ata. Hojjataan deggarsaa jirus sadarkaa caasaa kanaan walqabatee komii kan qabuufi haamilee hojiif qabu gadi bu’aa akka ta’e hubatameera.
6. Gama birootiin hojiileen aangon isaa seeraan MH AAWO tiif kennamanillee, gurmaa’ina fi caasaa mana hojichaa keessatti hin muldhanne fi abbummaadhaan nama hojjatu hin arganne jiraachu isaaniis ilaallamee jira. Hojiileen kan akka oditii raawwii seeraa fi hubannoofi barnoota seeraa hawaasaaf kennuu (gara dakaatti) caasaadhaan abbaa godhataniiru jechuun hin danda’amu.
7. Magaaloonni Mummee Itti waamamni isaanii Naannoof ta’e manneen hojii biroo sadarkaa Godinaa qaban manni hojii Abbaa Alangaa hundeeffamuu dhabuun ummata magaaloota kanaaf tajaajila dhaqqabamummaa qabu kennuu irratti hanqina uumee jira. Magaaloonni mana marii mataa isaanii qaban mana hojii Abbaa Alangaa qabaachuu dhabuun isaanii tajaajia irratti rakkoo uumee jira.
6.3 Rakkoo Baajataa fi Loojistiksii
1. Baajatni Mana Hojichaaf ramadamu aangoo fi gahee hojii Mana Hojichaa galmaan ga’uu kan dandeessisu ta’uu dhabuu. Hooggansi Mana Hojichaas baay’inaa fi ulfaatina hojii Mana Hojichaa beeksisuu fi Mootummaan Naannichaa xiyyeeffanna itti kennee baajatni gahaan akka ramaduuf hojjechuu dhabuu.
1.1 Ramaddiin bajataa mana hojichaa bara baraan ramadamu dabalaa kan dhufe yoo ta’es bajata waliigalaa ramadamu keessaa sadarkaa Naannoo fi Godinaatti baay’een isaa jechuunis %70 oli mindaa qofaaf kan oluu yoo ta’u hojii raawwachiiftun bara baraan ramadamaa ture 30% gadi waan ta’eef hojii hojjechisuu kan dandeessisu miti.
1.2 Sadarkaa Aanaa fi Magalaa ilaalchisee baajatni hojii raawwachiftuu ramadamaa jiru fi ture baayee xiqqoo ta’uu fi haalli ramaddi isaas iftoomina kan hin qabne ta’uu hubatameera. Kunis baajata waliigalaa ramadamaa ture keessaa hojii raawwachiftuu %n yemmuu ilaallamu Aanaaleen hedduun hojii raawwachiftuun % 8 hanga %12 jidduu ramadamaa turuu isaa qorannoon adda ba’eera. Kana irraa wanti hubatamu Aanaalee heedduu keessatti baajetni hojii raawwachiftuu ramadamaa turanii fi ammas ramadamaa jiru hojimaata mataa isaa kan hin qabnee fi baajjetni ramadamuus mindaa hojjetaa qofaaf kan ramadamaa jiru malee hojii ulfaataa mana hojjichaatti kennamee hojjechiisuu kan hin dandeenye ta’uun fi rakkoo hammaata keessa jiraachuu hubachuun ni danda’ama.
Akka waliigalaatti ramaddii baajataa ilaalchisee Mootummaan Manneen Hojii hiyyummaa hir’isaan irratti xiyyeeffachuun baajata kan ramadu waan ta’eef dhimmi olaantummaa seeraa kabachisuu xbaajataa guddaa barbaachisa jedhamee waan hin hubatamneef ramaddiin baajataa Mana Hojichaa xiyyeeffannaa osoo hin argatiin turee jira. Haata’u malee dhimmi olaantummaa seeraa mirkaneessuu bu’aa ba’ii hedduu kan qabuu fi baajataa guddaa kan barbaadu dha. Olaantumman seeraa bakka hin jirretti waa’ee misoomaa fi hiyyummaa gadi xiqqeessuu kan hin danda’amne ta’uun ni hubatama.
2. Haala iddoo hojii mijeessuu ilaalchisee:-
2.1 Haalli iddoo hojii mijataa ta’uu dhabuu:- kunis Manni Hojii Abbaa Alangaa Waligalaa gamoo mataa isaa of danda’ee kan hin qabne ta’uu, waajjirumti jirus Mana Hojii Abbaa Alangaa Waligalaa keessatti bal’innaa, ulfatinaa hojii fi baay’ina abbaa dhimmaa keessummeeffamuu waliin kan wal madaaluu waajjiraaleen fi kutaaleen gahaan dhabamuun kenninsa tajaajilaa abbaa dhimmaa irratti dhiibbaa geessisee jira. Sababa kana irraa kan ka’e Kutaaleen dhiphaa fi haalli teessuma isaanii mijaawaa ta’uu dhabuu irraa kan ka’ee Daayirekterrii fi qindeessaan kutaa tokko keessa taa’uun hojii hojjechaa jiraachuun. Iddoon olmaa Daa’immaan hojjetoota waajjirichaa mijachuu dhabuun hojii irratti dhiibba ta’uu fi rakkoolee kana fakkataan hojii irratti dhiibbaa geessisaa kan jiran ta’uun sakatta’ameera. Haalli Teessumma Itti aantoota Abbaa Alangaa waliigalaas keessummeessa abbaa dhimmaaf mijataa ta’uu dhabuu.
2.2 Sadarkaa Godinaaleettis Godina Shawaa Lixaa fi Booranaan alatti godinaaleen hunduu waajjira mijataa kan hin qabnee ta’uun hubatameera. Manni Hojii Abbaa Alangaa Godina Harargee Lixaa waajjira keessatti hojjetu kan mataa isaa kan hin qabne waan ta’eef ergisaadhan Waajjira Bulchinsaa Godina keessa kutaaleen muraasaa fi dhiphoo ta’an waan kennameef haala kana keessatti hojjechuu fi abbaa dhimmaa keessumessuun rakkisadha. Manni Hojii Abbaa Alangaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa bara 1998 irraa eegalee mana waldaa qotee bulaa keessatti tajaajila kennaa kan jiru yoo ta’u manni keessatti hojjetamaa jiru kun caccabaa fi yeroo hedduu suphamaa kan ture yoo ta’uu waldaan qotee bulaas kutaa tokko irraa fudhatee keessatti tajaajilamaa jira. Mana Hojichaatti adeemsaaleen adda addaa kutaa garaa garaa keessatti hojjechuu qaban dhiphina iddoo irraa kan ka’ee garee qorannaa yakkaa fi galmeessaa ragaalee kutaa tokko keessatti hojjechaa waan jiraniif icciitiin galmeen qorannaa yakkaa itti eeggamuu qabu eeguun rakkisaa ta’ee argameera. Kana malees galmeen hojii irra jiru fi kan hojiin ala ta’ee iddoodhuma tokkootti kuufamee kan jiruudha. Baruma 2013 kanallee waajjirri isaan qabatanii jiran kun qaama biraaf dabarfamee kennamee jirachuun rakkoo hamaa ta’uun hubatameera. Akkasumas abbootiin dhimmaa tajaajila adda addaa kan argatan iddoodhuma tokkotti akka gabaatti walirratti dabalamuun haala rakkisaa keessatti argamu.
2.3 Dabalatanis Mana Hojii Abba Alangaa Godina Iluu Abbaa Booraa waajjira mataa isaanii kan hin qabnee fi kutaan tajaajila itti kennaa jiraanis dhiphaa yoo ta’uu yeroo adda adda waajjiricha akka gad lakkisaan gaafatamaa jiru. Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee waajjira of danda’e dhabuu irraa kan ka’e Abbootiin Alangaa fi hojjettootni dabaree dabareen ta’aa kan jirani fi tajaajila barbaadamu kennuuf rakkachaa kan jiran ta’uun hubatameera. Godinni Shawaa Kibba Lixaa, Gujii Lixaa fi Bunnoo Baddallee nama dhuunfaa irraa kireeffatanii hojjechaa kan jiran ta’uu, Iddoon itti kireeffatanii hojjechaa jiran kunis dhiphina kan qabu ta’uu isaatiin hojjetaan hojii hojjechuufis ta’ee abbaan dhimma keessatti tajaajilamuuf mijataa kan hin taanee fi eegumsaaf illee rakkisaa ta’uun hubatameera. Akkasumaas Harargee Bahaan fi Arsii Lixaas mana bara Xaaliyaanii ijaaramee hojiidhaaf mijataa hin taanee fi dhiphaa ta’e keessa kan jiran yoo ta’u, Baalee, Baalee Bahaa fi Godina Addaa Adaamaa immoo waajjira gahaa dhabuu irra kan ka’e hojii sirnaan hojjechuuf rakkoo hamaa keessa jiraachuun hubatameera.Sadarkaa Aanaalee fi magalootaattis rakkoo kana furuuf hirmannaa Uummatatiin tattafiin haa tasifamu iyyuu malee ammas aanaalee fi magaaloonni baay’een rakkoo waajjira qabuun isaanii hubatameera.
3. Rakkoo konkolataa mana hojichaa sadarkaa sadarkaan jiranii baay’ee hammaataa ta’uu isaa irraa kan ka’e sadarkaa Naannootti hoggansa ol-aanaan alatti daayiroktereetiin hundi kan hin qabne ta’uu, Akkasumaas Godinaaleen hundumtuu maqaadhaaf konkolaataa tokko tokko lakkofsaaf kan qaban ta’us konkolatoonni kun baay’een isaanii waggaa 15 oliif kan tajaajilanii fi kan dullooman waan ta’aniif konkolatota kana keessaa %75 oli tajaajila kenna kan hin jirre ta’uun hubatamee jira. Dabalataanis Mana Hojii Abbaa Alangaa Magaloota kan akka Sabbaataa fi Duukamiin alatti Aanaalee fi Magaloonni hundi isaanii konkolaataa kan hin qabne ta’uun hubatameera. Kun immoo hojii ulfaataa fi walxaxaa Mana Hojichaa sadarka sadarkaan jiraniif kennaman waliin wal cinaa qabuun yoo ilaalamu hojicha milkeessuun kan hin danda’amne ta’uu fi hojii irratti dhiibba fidee jiraachuun hubatameera. Sababa kana irraa kan ka’e yeroo tokko tokko galmeen illee cufamuun jira. Galmee qorannoo bakka ragaan itti argamutti deemuun ragaa sassabuu dhabuun.Qorannoof qo’annoo barbaachisaa ta’ee godinaalee fi Aanaalee Oromiyaa irra deemuun gaggeessuu dhabuun, hordoffii fi deeggarsa gochuu irratti rakkoo guddaa ta’ee jira.
4. Manni Hojichaa loojistikii amma qabu kanaan ergama isaa galmaan ga’uu waan hin dandeenyeef xiyyeeffanna olaanaa itti kennuun qaamoolee dhimmi ilaaluu waliin ta’uun bifa piroojektitiin qabamee akka guutamuuf hojjechuun murteessaa dha. Keessumattuu rakkoon waajjiraa fi konkolaataa furmataa hatattamaa argachuu qaba.
5. Sirna qabannaa fi bulchiinsa daataa/ragaa mana hojichaa haalaan booddeetti hafaa akka ta’e ilaalameera. Manichi dandeettii fayyadama tekinooloojii keessattuu sirna qabannaa daataa fi kenna tajaajilaa si’ataafi dhaqabamaa taasisuuf tekinooloojii odeeffanootiin deggaramuuniifi ammayyeeffachuu baannaan jijjiirama raawwii/bu’aa hojiirratti fiduun hedduu rakkisa. Kana malees, sirni KBIX hojiirra oolchuuf gaafa deemamu akkaataa hojii itti ilaalluufi hojimaata itti hojjatu, sirna qabannaa daataa fi kenna tajaajilaa dabalatee, jijjiiruufi ammayyeessuu waan gaafatuuf baajata hojiin kun ittin hojjetamu dhabamuu
6.4 Rakkoolee Gaggeesummaa fi hoggansaa qabeenya namaa
1. Hooggansa misooma qabeenya namaa ilaachisee carraa barnootaa yuunversitii biyya keessaa fi alaa waliin ta’uun hanga barbaadamu mijeessu dhabuu, carraa leenjii biyya alaa irratti hojjechuu dhabuu.
2. Caasaa Humna namaan heyyamamee jiru guuttachuu dhabuu
3. Rakkoon cimaa manicha waggoottan kurnan darban mudate tokko tasgabbaa’uu dhabuu hoggansaa ti. Hoggansi yeroo yeroon jijjiiramuun manichi hooggansa tarsiimowaa akka hin horanne taasiseera. Sirniifi ulaagaan hooggansi ol-aanaan itti muudamuufi itti gaafatamummaa irraa ka’u tumamuu dhabuu.
4. Haala itti gadi lakkisiin xiqqaatu irratti hojjetamuu dhabuu
5. Dabalataanis caasaa mana hojichaa sadarka sadarkaan jiru keessatti namni gara hoggansatti yemmuu dhufu sirnii fi hojimaanni leenjii dandeetti cimsuu itti kennamu diriruu dhabuun hoggansi hubannoo gahaa osoo hin qabaatiin hojii gaggesummaa akka hojjetu tasifamuun jiraachuu.
6. Hooggansi hojii guyyaa guyyaatiin qabamuun hojii tarsiima’aa ta’e irratti xiyyeeffatee kan hin hojjenne ta’uu
7. Qindoomina qaamoolee alaa waliin jiru laafaa ta’uu isaa, Keessattuu qindoomina Poolisii waliin jiru laafaa ta’uu isaa tajaajila kennamu irratti dhiibbaa uumee jira.
8. Hooggansan rakkoo Loojeestiikii mana hojichaa hiikuudhaaf hojiin hojjetame laafaa ta’uu isaa fi baajanni ramadamu baayyee xiqqaa ta’uu isaa keessattuu sadarkaa manneen hojii Aanaalee irratti meeshaalee hojiif barbaachisan guuttachuuf illee kan hin dandeessifnne ta’uu isaa,
9. Caasaa Mana Hojichaa yeroo yeroon qorachuun fooyya’insa kallatti faayidaa fi mindaa hojjetootaf barbaachisu taasisuu dhabu irra kan ka’ee komiin hojjetaa bulchiinsa baayinaan ka’aa kan jiru ta’uu
10. Hojiin hojjatamu sadarkeeffamee ogeessoonni hojii isaaniif malu akka hojjatan taassifamuu dhabuu,
6.5 Dhimmoota Biroo
1. Manni Hojii Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa akkuma muuxannoo biyyoota addunyaa garaa garaa irraa hubatamutti fi Seera Mootummaa Bulchiinsa Yeroo Ce’umsaa Naannoo Oromiyaa keessatti tumamee tureen beekkamtii heeraa argachuu dhabuun rakkoo ta’uun.
2. Gama biraatiin dargaggoota seeran walitti bu’an ilaalchisee bakki tursisaa isaanii gahaan waan hin jirreef mirga isaanii irrattis ta’e erga manni murti murte dabarsee gara maatitti yeroo deebi’an rakkoo ta’uun adda ba’ee jira.
3. Meeshaleen qorannoo reenfaa fi sammuu taasisuuf akka naannoo Oromiyaatti jiddu galeessaa adda ba’etti taasifamuu dhabuun
7. Hanqinaalee mul’atan
Manni hojii Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Hanqinaalee raawwii keessatti isa mudatan gara garaa kan qabu dha. Hanqinaaleen kunniin isaan gurguddoo ta’an adda ba’uun yoo taa’an karooraa bara dhufuu keessatti hoggansi akka hoggansaattii fi raawwataan akka raawwatattii dhimmoota isaan ilallatan irratti hojjechuun akka foyyeeffataniif kan gargaaruu dha. Haaluma kanaan hanqinaalee kunniin akkataa armaan gaditiin ka’amanii jiru.
1. Waajjirri Gumii Abbaa Alangaa akkaataa dambii bulchinsaa fi Naamuusa Abbaa Alangaatiin hojiitti galuu dhabuu.
2. Gumiin naannoo akkataa dambiin jedhuun gurmaa’ee hojiitti galuu dhabuun mirga Abbaa Alangaa kabachiisuu irratti dhiibbaa Uumee jira.
3. Ragaan mana hojichaa qindaa’uun teechifamuu dhabuun fakkeenya ragaa humna namaa, galmeewwaan adda addaa fi sanadootaa bara baraan jiru sirnaan qabamuu dhabuu. Dabalataan Manni hojii kun dhaabbata guddaa ta’ee osoo jiruu fuulli feesbuukii mana hojichaa “Verifikeshinii “dhabuun.
4. Komishiniin poolisii Oromiyaa himatamtotaa, deebii kennitootaa fi ragaalee seeraa bifa barbaadameen dhiyeessuu dhabuun harcaatii galmeef sababa ta’uun ol-aantummaa seeraa mirkaneessuu irratti dhiibbaa fidee jira.
5. Manni dubbisaa mana hojii Abbaa Alangaa akkataa barbaadameen tajajilaa kennaa kan hin jirre fi dhiyeessii ilaalchisee kitaabota seeraa fi kan biroo haala hammayyaa ta’een guutamuu dhabuun,
6. Aangoon murteessummaa dhimmoota malaammaltummaa hedduun Abbaa Alangaa Waliigalaa irratti kan rarra’anii jiran waan ta’eef dhimmootaa muraasaa irratti saffisaa hojiin wal qabatee dhiibbaa uumee jira.
7. Ergamni Mana Hojii Abbaa Alangaa Aangoo fi gahee hojii labsiidhaan kennameefii bifa hammachuu danda’uun irra deebiin bocamuu dhabuu.
8. Bilisummaan Ogummaa Abbaa Alangummaa fi dhaabbatummaa Mana Hojichaa akkaataa seeraan taa’een akka kabajamuuf hojjechuu irratti hanqinni jiraachuun.
9. Qajeelfama sirna madaalli ba’ee jiru irratti daayiroktereetiin istandaardii xiqqaa kenna tajajilaa isaanii baasanii manajimeentii mana hojiin mirkaneessisisuu dhabuun
10. Dambii bulchinsaa fi naamuusa Abbaa Alangaa irratti leenjii kennamuu dhabuu
11. Hojii irra olmaa hojimataa KBIX ‘n wal qabatee agarsiiftuwwaan hojii karaa guutuu ta’een kaawamuu dhabuu.
12. Dandeettiin adabsiisuu galmee qofa irratti xiyyeeffachuuni fi baay’ina shakkamtootaa tilmaama keessa galchuu dhabuun raawwii waliigalaa Agarsiisuu irratti rakkoo dha. Akkasumaas dandeettiin adabsiisuu kun madalamuuf dhimmoota yakkaa ciccimoo fi xiyyeeffannoo barbaadan tilmaama keessa galchuu dhabuun
13. Sirna gabasaa keenyaa keessatti baay’ina galmee fi himatamaa malee baay’inaa miidhamtootaa xiyyeeffannoo keessa kan hin galchine ta’uu
14. Dubartootni akkataa itti gara hoggansaatti dhufan irratti xiyyeeffannoon hojjechuu dhabuu
15. Hojjiwaan hojjetaman istaandaardii JBAH’n taa’ee keessatti duguuganii hojjechuu dhabuun tajaajila si’ataa kennu dhabuu, Abbaa dhimmaa Istandardii taa’ee keessatti keessummeesuu dhabuu,
16. Hojimaanni Paanalii irra deebi’amee ilalamuu dhabuu
17. Humna namaa guuttachuu irratti iddoodhuma caasaan jirutti baajataa qabsifachuun humna namaa gahumsaa fi dandeetti qabu ramaduun hojii keesa galchuu irratti hanqini jiraachuu
18. Hojii ofii karooraan hoogganuu dhabuu, gabaasa sadarkaa isaa eeggatee yeroon qopheessuun gabaasuu fi hojii hordoffi fi deeggarsa yeroon taasisuun hanqinaalee mul’atan yeroon sirreessuu dhiisuu
19. Hojjetaan bulchiinsaa dhimmoota isaan ilaallatu irratti leenjiin kennamuufi dhabuu
20. Gita hojii Caasaa irraa hin jirre gorsitootaa mana hojii Abbaa Alangaa waliigalaa jedhamee ramadamee jiraachuun
21. Hojmaatni hordoffii dhimma naamusaa Abukaatoo ilaalchisee ittiin hordofamu, qoratamu fi dhimma naamusaa qoratame irratti murtiin ittiin kennamu istandardiin hojii kan hin qabne ta’uun sakatta’insaan adda baheera. Dabalataanis sirni walga’ii gumii Abukaatootaa ittiin gaggeeffamu diririiruu dhabuu fi qajeelfama kanaas sadarkaa wixineetti rarra’ee hafunis hojii irratti rakkoo Uumee jira. Kunis dhimmoota naamusaa Abukaattoo qoratamanii gumiif dhiyaatan murtii osoo hin argatin beellama dheeraa irra turuun hojii irratti dhiibba fideera. Gama biraatiin labsiin 182/2006 karaa guutuu ta’een badii namuusaa abukaattotaa of keessatti qabachuu dhabuu irraa kan ka’e badiiwwan biroo Abukaatotaan raawwataman ilaalchisee qoratanii namuusaan gaafachuu irratti dhiibbaa uumee jira.
22. Haalli itti madaalliin raawwattootaa gaggeeffamaa jiru hojjettoota gahumsa fi dandeetii isaaniin adda baasuun kan ibsu ta’uu dhabuu
8. Kallatti Furmaataa
Manni hojii keenya rakkoowwan Tarsiimoo kanneen akka hojimaata barbaachisu dirirsuu, Gurmaa’insaa, baajataa fi loojistikii, hooggansaa qabeenyaa humna namaa fi kennaa tajaajilan wal qabatanii mul’atani furuuf tarkaanfiwwan sirreeffamaa yeroo gabaabaa,yeroo jiddu galeessaa fi dheeraa armaan gaditti waldura duubaan tarreeffaman akka fudhatamu kallattiin furmaataa dhiyaataniru. Kunis:
8.1 Tarkaanfii Sirreeffamaa Yeroo Gabaabaa
 Gurmaa’insi fi caseffamni mana hojii Abbaa Alangaa amma jiru Aangoo fi gahee hojii mana hojichaaf kenname galmaan gahuuf, Kenninsa Tajaajilaa mana hojichaan kennamu saffisaa, qulqulluu, dhaqqabamaa fi hawwataa taasisuuf akkasumas olaantummaa seeraa mirkaneessuu keessatti hudhaa ta’ee waan jiruuf rakkoo kana hiikuuf kallattii furmaataa qorannowwan dhimma gurmaa’insaa fi caaseeffama mana hojjichaa ilaalchisee gaggeefamaniin akeekkaman irratti manajimantii mana hojjichaatiin mariyatamee murtee erga argateen booda qaama dhimmi ilaaluun akka mirkanaa’uu taasiisuun hojii irraa oolchuun barbaachisadha.
 Tarsiimoo hooggansa misooma qabeenya namaa qopheessuun hojii irra olchuu
 Ramaddiifi bobbaatiin humna namaafi qabeenyaa illee ulfaatina dhimmootaafi ogummaa fi muuxannoodhaan osoo ta’ee irra caalaa bu’aqabeessa ta’uu danda’a.
 Hoggansi hojiiwwaan tarsimawaa mana hojichaa irratti xiyyeeffachuun hojjechuu qaba
 Qajeelfamoota kan akka guddinaa,Jijjirraa,Muudamatti dhufuu fi muudamaa irraa ka’uu,carra leenjii fi barnootaa biyyaa keessaa fi biyyaa alaa mijeessuu, sirna onnachiistuu fi Badhasaa hammate tumuun hojii irra olchuu
 Akkataa Dambii Bulchiinsaa fi naamuusa Abbaa Alangaa irratti tumameen jiruun Gumiin Waliigalaa ,Gumii naannoo fi Waajjirri Gumii Abbaa Alangaa hojitti galuu qaba.
 Sadarkeeffamni Mana Hojii Abbaa Alangaa Waliigalaatiif Biiroo Pabiliik Sarvisii fi qabeenya humna namaatiin kanaan dura kennamee jiru ulfaatina hojii mana hijichaa waliin kan walmadaalu waan hin taaneef irra deebiin akka ilaalamu tasisuun caasaan hojjetaa bulchiinsaa sababa kanaan gadi bu’ee akka sirratu gochuun gadi lakkisii hojjettoota bulchiinsaa amma jiru kana hir’isuuf xiyyeeffanaan ol’aanaa itti kenname hojjetamuu qaba.
 Hojiimaannii JBAH fi maanuwaalii hojii Daayiroktereetii karooraa, Inispeekshiinii, Oodiitii keessaa, Dhimmi idileessa Koorniyaa daa’immanii fi dargaggootaa, Waajjira Abbaa Alangaa Waliigalaa, Waajjira Boordii Dhiifamaa fi mirga namoomaa, garee ICT, garee kominikeeshiinii hojmaata diriiree ittiin hojjatan kan hin qabne yoo ta’u haala qabatama amma jiruun immoo Daayiroktareetii Bulchiinsa Humna Namaa fi Dayirektoreetii bittaa fi bulchiinsa faayinaansii yeroo dheeraaf kan turee fi haala gurmaa’insa amma jiru kan hin hoogganee ta’uu hubatamee waan jiruuf diriirsuun barbaachisaadha. Akkasumas Manuwaliin Daayirektoreetii qo’annoo, qophii wixinee fi Hubannoo seeraa Akkataa labsii 222/2012tiin irra deebiin fooyya’ee akka hojjirra ooluu taasissuun murteesadha. Dabalataan dhimmoota hojimaanni irratti diriree jiru hojimaaticha hordofuun akka raawwatamu gochuun barbaachisaa dha.
 MHAAWO aangoo fi hojiwwan seeraan kennamee fi qabatamatti hojiirra oolchuuf sirnoota barbaachisaa, sirnoota iftooma qaban, diriirsuu qaba. Qorannaa yakkaa poolisii waliin geggeessuu irratti Danbiin gaheefi itti gaafatamummaa ifoomsu atattamaan bahuu qaba. Sirni fi hojimaatni odiitii seerotaa diriiruu qaba. Dhimmoota hariiroo hawaasaa ilaalchisee hojimaatni mana hojichaafi sekteroota mootummaa walitti hidhu jiraachutu irra jiraata.
 Daareektareetii, Adeemsaalee fi Gareewwan istaandardii kenna tajaajilaa hin qabneef istaandardii kenniinsa tajaajilaa baasuun hojii irra oolchu
 Hojii oditii duraafi booda taasisuun saffinaa fi qulqullina/si’ominaa fi bu’a qabeessummaa/ madaalaa deemu sirna dandeessisuu diriirsuun hojiirra oolchuu,
 Hojimaanni itti quufiinsa maamilaafi amantaa uummataa ittiin sakatta’aamu qorachuun diriirsuu,
 Chaartarii lammilee yeroo waliin deemu qorachuun qophaayee akka hojiirra oolu taasisuu,
 Yaada tajaajilamtoota irraa ka’an yeroo yeroon xiinxaluun hanqinaalee jiran furuu, duubdeebii kennuu,
 Komiiwwan hanqina hubannoon ka’an xiqqeessuuf hojimaata fi ulaagaa kenna tajaajilaa irratti iftoomiina uumuu, bakka hirmaannaan hawaasaa fi dhimmamtootaa barbaachisuutti hirmaannaa cimsuu,
 Meeshalee teeknolojii dhiyeessuudhaan sirna qabinsa ragaa fi kenna tajajila mana hojichaa ammayyeessu
 Qindoomiina qaamoolee haqaa fi kanneen biroo waliin hojjennu keessattuu Komishinii Poolisiin waliin jiru sirreessuu
 Dhimma naamusa gabbisuufi itti gaafatamummaa mirkaneessuutiif xiyyeeffannaan kennamuufiin hojjetamuu qaba, akkasumaas moggafamni maqaa daayirekterichaa sirreeffamuu qaba. Manni hojichaa maqeeffamaa tarsiimoo dagaagina naamusaafi ittisa malaammaltummaa bocee hojiirra oolchuu qaba
 Meeshaaleen hojiif barbaachisan kanneen akka bilbilli yaada Ummataa ittiin fudhamu, iskaaneerii, Maashinii fotoo koopii guddaa(heavy duty photo copy mashine) bituu. Sadarkaa Godinaa fi Aanaatti jeneretara hojiif baraachisu akka bitatan taasisuu.
 Akkasumaas Page’n FB mana hojichaa “veerifikeeshinii” qabaachu qaba
 Manni hojichaa sirna bulchiinsa bu’aa irratti xiyyeeffatu haaluma jalqabeen itti fufee lafa qabsiisuutu irra jira. Kana gochuuf ammoo dandeettii fi hubannoo hawaasa manichaa wa’ee KBIX leenjiidhaan cimsuu qaba. Kana malees. Sirna qabannaa ragaa isaa ammayyeesuun dirqama itti ta’a. Dhimma kana irratti qaamolee mootummaatis ta’ee miti-mootummaa waliin atoomuudhaan deeggarsa mahallaqa fi teeknikaa walitti qabachuuf hojjachuu qaba.
 Manneeen hojii mootummaa hojiin isaanii Mana Hojii Abbaa Alangaa waliin walitti hidhamiinsa qaban waliin hojii hojjetamuu irratti hojmaanni wal hubannaa akka diriruu taasisuu
 Agarsiiftuuwwan madaallii bu’aawwan raawwii hojii isaa irra deebiin ilaaluudhaan kanneen qixa barbaadamuun bu’aa madaaluu danda’an muraasa qofaa adda baafachuufi hojiirra oolchuun ni barbaachisa. Kunis:-
KBIX kan bara kana akka shaakallitti hojiirra oolchuun jalqabame deggarsa ogeessa ogummaa kanaa qabutti fayyadamuun bu’aawwaniifi agarsiiftuuwwan irra deebiin ilaaluudhaan sirreeffama barbaachisu taasisuu;
Bu’aa waliigalaafi jiddugaleessaa madaaluuf agarsiiftuuwwan ciccimoo muraasa (3-5) ta’an adda baafachuun hojiirra oolchuu,
Bu’aawwan battalaa/yeroo gabaabaafis taanaan kan rogummaa qabaniifi cimoo ta’an muraasa qofaa adda baasuudhaan itti dhimma bahachuu,
BBIX xiyyeeffate sirnaan lafa qabsiisuudhaaf deggarsa ogeessaatti gargaaramuu;
 Hojimaata naamusni Abukaatoo ittiin hordofamuu fi istandardiin hojii isaa diriruu qaba. Akkasumas hanqina gama hordoffii Naamuusa Abukaattotaan jiru sirreessuu
 Abbootiin Alangaa bilisummaa ogummaa isaanii eegamee hojii isaanii akka hojjetan taassisuu, iddoo rakkoon uumameetti tarkaanffii sirreessaa fudhachuu,
 Abbootiin Alangaa dhimma waloo isaan ilaallatu irratti akka hirmaatanii fi murteessan gochuuf yaa’ii Abbootii Alangaa gaggeessuu fi Waldaa Abbootii Alangaa fi Hojjettootaa ijaaruu
 Hojii gulaallii waliigalteewwan qaamoolee mootummaan raawwataman raawwachuu, namoota falmii gaggeessuuf humna hin qabne bakka bu’uun falmuu, hojii Abuukaattoonni tajaajila bilisaa raawwachuu isaanii mirkaneessuu sirnaan hojjechuu.
 Gahee hojii mana hojichaaf seeraan kennaman kan akka hojii irra oolmaa seerootaa mirkaneessuu, Manneen hojii qaama raawwachiiftuu naannichaa hojii isaanii bu’uura seeraatiin raawwachuu isaanii mirkaneessuu
 Hojimaatni Waliin qorannaa Poolisii fi Abba alangaa, sirna simannaa fi Bulchiinsa Eeruu yakka malammaltummaa fi adda addaa, Sirni Faayidaa yookiin bu’aa yakka malaammaltummaatiin argame filannoo yookiin tooftaa adda addaatti fayyadamuun itti deebi’u, qabeenyi bu’aa yakkaa yookiin ciraan itti hogganamuu diriirsuu
 Hojimaanni yakkoota sassalphaa fi ciccimoo adda baasuun kanneen akka eeruu dantaa Uummataa fi mootummaatti qabachuun hordofamuu qaban diriirsuu
 Qajeelfama Abbaan Alangaa waliigalaa akkataa qorataan yooki¬in Abbaan Alangaa namoota yakka malaammaltummaatiin shakkaman akka qoratu, himatu, to’annaa jala itti olchuu qajeelchu dirirsu fi Qajeelfama akkataa labsii 214/2011Kew.11 (1)tiin Abbaan Alangaa waliigalaa aangoofi gahee hojii isaa irraa qoodee bakka bu’ummaan Ab¬bootii Alangaafi hojjattootaaf kennuu itti danda’u qopheessu.
 Qajeelfama Murtiin Abbaa Alangaatiin ken¬namu madaalawaafi tilmaam¬amaa akka ta’u kan gargaaru baasuun hojii irra olchuu dhabuu.
 Dambiin yookiin hojimaanni dhimma Dantaa Hariroo Hawaasaa uummataa fi mootummaa manneen hojii fi dhaabbilee misoomaa Mootummaa ittiin hogganamu qopheessuun hojii irra olchuu.
 Hojimaanni akka mana hojichaatti gahee tokkoon tokko daayiroktereetii fi waajjiraa walitti hidhataminsa hojii isaanii ibsu diriirsuun hojii irra olchuun qaamoleen hundi gahee isaanii akka ba’an taasisuu.
 Dhimma daa’immaan miidhaan irra dhaaqqabe ilaalchisee deeggarsa maallaqaa UNICEF irraa argamus qajeelfamni hojmaata kaffaltii dhimma kanaa diriirsuun rakkoo kaffaltii daa’imman miidhaan irra qaqqabee furuu.
 Sirni hooggansa Mallaqaa deeggarsa dhaabbilee adda addaa irraa argamu kanneen akka UNICEF, Mirga namoomaa fi kanneen biroo irraa mana hojichaaf kennamu itti hojii irra ooluu diriirsuu
 Dhimma haala kaffaltii tajajila hojii mirkaneessaa fi galmeessa sanadootaa irratti hojmaata diriirsuun hojii irra olchuu .
 Qajeelfamni hojiif barbaachisoo ta’an keessumaa galmeen wal qabatee sirna galmeen qorannaa ittiin adda citu, himannaan ittiin ka’u, Qaajeelfamni egumsaa ragaa baatootaa, Hojimaanni Yaadni abbaa dhimmaa ittiin hordofamuu qopheessuun hojii irra olchuu
 Qajeelfama sirna madaallii guutummaan hojii irra olchuuf Istandardii xiqqaa kenna tajajilaa (MSS) Daayirekterootii hundaa fi haalli bu’aan raawwii karooraa daayirektoreetii itti madaalamu diriirsuu.
 Sirni raawwii bu’aa karoora hojii caasaa mana hojichaa sadarkaan jiran bifa adda baasee agarsiisuu danda’un diriirsuu
 Sirni keessummeessa komii bifa gurmaa’insa amma jiruun wal-simuun irra deebiin foyyeessuu
 Sirni dhabilee miti mootummaa itti hordofamuu fi raawatamu diriirsuu
 Haala itti gadi lakkisiin xiqqaatu irratti hojjetamuu dhabuu
 Hojjetaan bulchiinsaa dhimmoota isaan ilaallatu irratti leenjiin yeroo yeroon akka kennamu taasisuu
 Komishiniin poolisii Oromiyaa himatamtotaa, deebii kennitootaa fi ragaalee seeraa bifa barbaadameen dhiyeessuun harcaatiin galmee akka xiqqaachuu danda’u irratti hojjechuu.
 Manni dubbisaa Mana Hojii Abbaa Alangaa kenna tajajilaaf bifa mijataa ta’een akka hojjetu taasisuu.
 Ergamni Mana Hojii Abbaa Alangaa Aangoo fi gahee hojii labsiidhaan kennameefii bifa hammachuu danda’uun irra deebi’amee akka bocamu gochuu
 Dambii bulchinsaa fi naamuusa Abbaa Alangaa irratti leenjii hubannoo Abbaa Alangaaf kennuu
 Dandeettiin adabsiisuu Abbaa Alangaa galmee fi himatamaan adda ba’ee dhiyaachuu karaa danda’u irratti hojjechuu. Akkasumaas dandeettiin adabsiisuu kun madalamuuf dhimmoota yakkaa ciccimoo fi xiyyeeffannoo barbaadan tilmamaa keessa galchuu hojjetamuu qaba.
 Sirna gabasaa keessatti baay’ina galmee, himatamaa fi baay’inaa miidhamtootaa xiyyeeffannoo keessa karaa galcheen hojjetamuu qaba
 Hojimaanni Paanalii irra deebi’amee ilalamuu qaba
 Hojii ofi karooraan hoogganuu, gabaasa sadarkaa isaa eeggatee yeroon qopheessuun gabaasuu fi hojii hordoffi fi deeggarsa yeroon taasisuun hanqinaalee mul’atan yeroon sirreessuu irratti hojjechuu
8.2 Tarkaanfii Sirreeffamaa yeroo jiddu galeessaa
 Hoggansi mana hojichaa baay’inaa fi ulfaatina hojii Mana Hojichaa beeksisuu fi Mootummaan Naannichaa xiyyeeffanna itti kennee baajatni gahaan akka ramaduu hojjechuu qaba.
 Manni Hojichaa qaamoolee dhimmi ilaaluu waliin ta’uun rakkoon loojistiksii hiikuuf bifa piroojektitiin qabamee akka guutamuuf hojjechuun murteessaa dha. Keessumattuu rakkoon waajjiraa fi konkolaataa furmataa hatattamaa argachuu qaba.
 Caasaa Humna namaa Hojiif barbaachisu heyyamamee irratti yeroo yeroodhaan gitootaa hojii duwwaa irratti nama ramaduu
 Sirna iftoominaa fi itti gaafatamummaa cimaa ta’e diriirsuun rakkoolee bulchiinsa gaarii kenna tajaajilaatiin wal qabatee jiru furuuf hojjechuu qaba.
 Magaaloota Muummee itti waamamni isaanii naannoof ta’e irratti haala manneen hojii mootummaa birootiin sadarkaa mana hojii keenyaa sadarkaa Godinaatti fooyyeessuun tajaajila dhaqqabamaa fi qulqullina qabu kennuu
 Magalootaa Mana Maree mataa isaanii qabanis Manni Hojii Abbaa Alangaa dhaabbachuufi akka qabu irratti hojjechuu
 Manni hojichaa tarsiimooa walqixxummaa fi idileessa koorniyaa qopheessee hojiirra oolchuu qaba. Kanaaf ka’umsa kan ta’u gabaasa odiitii koorniyaa bara darbe hojjatame ta’uu danda’a. Keessattuu dubartoota gara hoggansaafi Abbaa Alangumaatti fiduuf qaamolee dhimmi ilaalu biroo waliin illee hojjachuu qaba.
 Sirni kominikeeshiniin mana hojichaa ittiin hoogganamu diriirsuun hojii sab-qunnamtii ciminaan hojjechuu,
 Tarsiimoo ittisa yakkaa qaamoolee dhimmi ilaaluu waliin ta’uun diriirsu.
 Sirna hubannoon seeraa hawaasaaf kennamu diriirsuun hojiin hubannoo seeraa cimsuu lakkoofsa irra darbee bu’aan akka madaalamu taassisuu,
 seeroota Naannichaa jildeessuu
 Seerri dhaabbileen hawasaa sivilii naannoo Oromiyaa keessatti ittiin hundeeffaman, hojjatan, hordofaman fi hayyamni ittiin haaromsiifamu diriirsuu
 Hojiiwwaan sanada mirkaneessuu ilaalchisee qamolee adda addaatiif bittinna’ee kennamuun dhamaatii abbaa dhimmaatiif sababa waan ta’eef labsii 213/2011 fooyya’ee haala hojiiwwaan kun bakka tokkotti hojjetamuu danda’anif mijeessuu,
 Qajeelfamni durgoo ragaa baatootaa haalaa qabatamaa qala’insaa jireenya amma jiruun foyya’ee hojii irra akka oluu taasisuu
 Caasaa Mana Hojichaa karooraan qabamee yeroo yeroodhaan qorachuun fooyya’insa kallatti faayidaa fi mindaa hojjetootaf barbaachisuu fooyyessaa deemuu

8.3 Tarkaanffii sirrefamaa Yeroo Dheeraa
 Galmeessa waliigalteefi mirkanneessa sanadaa qorannoowwan yaaduma addaa addaatiin armaan dura dhiyaate bu’uureffachuudhaan itti waamamni isaa MHAAWOtiif ta’ee of danda’ee gurmeessuun ni barbaachisa. Hanga kun ta’utti garuu kutaa hojichaa hojimaata isaa TOtiin deggaruudhaan ammayyeesuufi tajaajila isaa qaqqabamaa gochuuf hojjatamuu qaba
 Rakkoo hubannoo gama hooggansummaan jiru furuuf leenjii hooggantoota mana hojichaa sadarkaa sadarkaan jiraniif hubannoo itti fufiinsa qabu kennuu,
 Rakkoowwan gama loojestiikii fi baajetaan jiran qaama mootummaa sadarkaan jiru waliin mari’achuun furmaata kennaa deemuu fi qabeenya fi baajata qabnu sirnaan fayyadamuu,
 Riifoormiin haaraan yeroo yeroon qoratamee haala kenninsa tajaajila Mana Hojichaa fooyyeessuu danda’uu diriirsuu
 Sirnii fi ulaagaan hooggansi ol-aanaan itti muudamuufi itti gaafatamummaa irraa ka’u qoratamee muuxannoo biyya biraa illee ilaaluudhaan qaama dhimmi ilaaluu waliin ta’uun sirreeffama taasisuu
 Manni Hojii Abbaa Alangaa Waliigala Oromiyaa akkuma muuxannoo biyyoota addunyaa garaa garaa irraa hubatamutti fi Seera Mootummaa Bulchiinsa Yeroo Ce’umsaa Naannoo Oromiyaa fi Heeraa Mootummaa dimokiratawaa uummata keessatti tumamee tureen beekkamtii heeraa akka argachuu danda’uuf irratti hojjechuu.
 Dargaggoota seeran walitti bu’an ilaalchisee bakki tursisaa isaanii gahaan waan hin jirreef akka jiraatuuf qaama dhimmi ilaaluu waliin hojjechuu.
 Meeshaleen qorannoo reenfaa fi sammuu taasifamu Godinaalee Oromiyaa Dameewwan itti argamanitti akka jiraatuuf qaama dhimmi ilaaluu waliin hojjechuu

 

 

 

9. Guduunfaa
Qorannoowwaan Mana hojii Abbaa Alangaatiin bara 2013 keessa gaggeeffamaa turani fi gamaggamaa raawwii karooraa bara 2013 kan baatii sagalii irratti rakkoolee tarsiimoo fi hanqinaalee raawwii hojii keessatti mul’atanii irratti hunda’uun rakkoolee fi furmaanni isaanii bakka tokkotti cunfamee dhiyatee jira.
Cuunfaan rakkoolee kanaas hoggansi, raawwataan fi qaamni dhimmi ilaluu biroon haala salphaa ta’een hubachuun yeroo yeroon fala akka itti kennaa deemaniif kan taasifamee dha. Haaluma kanaan cuunfaa barruu kanaa keessatti rakkoolee tarsimoo jechuun kan adda baafaman; rakkoo hojimaata diriirsuu dhabuu, Gurmaa’insaa fi caaseeffamaa hojjechisuu danda’u qabaachuu dhabuu, Loojistikii fi Baajataa gahaa dhabuu fi kanneen biroo jedhamuun adda ba’anii jiru. Kana Malees hanqinaalee raawwii hojii keessatti mul’atan gurguddoo adda baasuun dhiyeessuuf yaalameera.
Haaluma kanaan akkataa Ulfatinaa fi walxaxinsa rakkoolee fi hanqinalee mudatan kana tartibeessuun karooraa yeroo gababaa, giddu galeessaa fi dheeraa keessatti xiyyeeffannaan itti kenname hoggansi sadarkaa ol-aanaa irraa hanga caasaa daka jiruutti, raawwata fi qaamni dhimmi ilaaluu biroon akka irratti hojjetaniif cuunfamee dhiyaatee jira.

 

 

 

 

 

Published by Mana Hoji AA Godina Jimma. የጅማ ዞን አቃቤህግ መስሪያቤት

this is my page on jimmaa attorney website

Leave a Reply

%d bloggers like this: