Ergaa Addee Zaaraa Muhammad Ittii Gaafatamtuu Waajjira Abbaa Alangaa Godina Jimmaa

Ergaa Addee-Zaaraa-Muhammad IttiiGaafatamtuu Waajjira AbbaaAlangaa Godina Jimmaa.

Hojiwwan Garee Komnikeeshinii Waajjira abbaa alangaa godina jimmaa ilaalchisee Ergaaa Addee Zaaraa Muhammad Ittii Gaafatamtuu Waajjira Abbaa Alangaa Godina Jimmaa.

Seensa

Waajjirrii Abbaa Alangaa Godina Jimmaa dirqama seeraa qabuu duguugee bahaachuun hawaasa kenyaaf tajaajila si’aawaa ta’e keennuun biyyaafi naannoo kenya akka goadmintii godina Jimmaa akka gooreetti biyyaafi naannoo ol’aantummaan seeraa ittii kabajamee ta’uu isaa mirkaneessuuf hojiiwwan gurguddoo hojjetaa jiraa. Kanniin keessaa akka adeemsaattii gareen ademsa yakkoota adda addaa, gareen adeemsa yakkoota malaamaltummaa, gareen ademsa Hariiroo hawaasaa fi gareen adeemsa galmeessaa ragaaleen akka adeemsa mana hojichaattii hojilee gurguddaa ta’an hojetamaa jiraachuu isaa ifaadha. Kanaaf immoo akka Oromiyaatti Waajjirrii Abbaa alangaa godina jimmaa sadarkaan waggoottan shananiin as qabatee argamuu agarsiisa tokkoo.

Iftoominaafi Dhaqabamuummaa tajaajila Waajjira Kenyaa mirkanessuu Keessattii

Gama biraatin hojiin hojjetamu kamiyyuu iftoominaan hojjetamuu akka qabuu ifaadha. Iftoomina mana hojii kenyaa mirkaneessuu keessattii ammoo gaheen sabqunnamtiin (komnikeeshiniin) qabuu isa hangafaati. Mana hojii tokkoo kessattii iftoomina mirkaneessuf dirqama gareen sabqunnamtii mana hojichaa seeraafi qajeelfamaan hundaa’uun isaa dirqama yoo jedhamee kan nama mamsiisu hin ta’u. Gareen sabqunnamtii hundaa’uun ammoo iftoomina mirkaneessu bira darbee dhaqabamuummaa mana hojichaaf gahee ol’aana ta’e taphataa.
Gama kanaanis Waajjirri Abbaa Alangaa Godina Jimmaa garee sabqunnamtii mana hojiichaa hundeessuun akkaataa saayinsaawaa ta’een karoora rawwii madalawa baafachuun gara hojiittii seenee jiraa. Haluuma kanaan gareen sabqunnamtii mana hojichaa tora sabqunnamtiin ittii kennaman kessaa tora gurguddaa lama fayyadamuun iftoominaafii dhaqabamuumma mana hojichaa mirkaneessuuf hojii guddaa ta’ee hojjetaa jiraa. Isaanis:

  1. Sabqunnamtii Dijiitaalaawa fayyadamuun
  2. Sabqunamtii marsariitii fayyadamuufi

Dhaabbilee Sabqunnamtii Dijitaalaa Fayyadamuun Iftoominaa fii Dhaqqabamuummaa mirkaneessuu kessattii.

 tora isa jalqabaa jalattii tajaajila tamsaasa sagaleetiin dhaabbilee Radiyoo fm kan akka fana fm jimmaa branch fi fm yuniversitii jimmaa walin haasahuun sagantaa of danda’aa ta’ee jalqabuuf sochiin jalqabmee jira. gama kanaan hojiwwan hanga har’aa hojjetaman kessaa sagantaalee hubannoo seeraa kennu danda’aan galmeewwan barsiisaa ta’an akka odeessaattii akka darbaniif hobetamee jira. Kuni gahaadha jeennee waan hin yaanneef sponsarota adda addaa barbaaduun sagantaa dhaabataa ta’e jalqabuuf soochiin jalqabameeraa.

Marsariitiilee Haawaasaa fii Websaayti Ofiseelawaa fayyadamuun Iftoominaafi Dhaqabamuummaa tajaajila kenyaa mirkanessuu keessattii.


Gama biraatiin gareen sabqunnamtii Waajjirri kenyaa malqunnamtii hammayyaawaa marsariitii fayyadamuun dhaqabamummaa mana hojii kenyaa mirkaneessu kessattii bara 2012 irraa kaasee Hanga ammaattii hojiin bal’aa ta’ee hojjetameera. Hojiilee kannin keessaa websaayti ofiiseelawaa ta’ee maqaa mana hojichaatin banuun dokumentootaa heeraa fi seeraa, barruulee qo’annaa seeraa, barruulee.xinxala murtii, murtoilee dhadachaa ijibbaata federaalaafii naannoo kaasee hanga manneen murtii godina jimmaafii manneen murtii aanaaleetin kennamaniifii murtoo barsiisoo ta’an walumaa galattii dokumantoita seeraa kuma kudhanii ol websaayti kenyaattii fe’un akka biyyaattis ta’e akka naannoottii hojii fakkeenyummaadhaan ka’u danda’u hojjetameera.

Gama kaaniin lakkoofsi fayyadamtoota marsariitii haawaasa kan akka facebook you tube  Twiteriifi kkf akka biyyaattiis akka naannootiis akka godina kenyaattis dabalaa dhufuu isaa hubannoo keessa galchuudhaan pejiwwan, chanaaliwwaniifi akkawunti maqaa mana hojiichaatin banuun haawaasa marsariitii hawaasaa fayyadamuu kanaaf carraa hubannoo seeraa ittii argaatuu umuufi dhaqabamummaafi iftoomina mana hojii kenyaa mirkaneessu kessattii hojiin ol’aanaa fi bonsaa ta’ee hojjechuun dandaa’ameeraa.

Ergaa Addee-Zaaraa-Muhammad IttiiGaafatamtuu Waajjira AbbaaAlangaa Godina Jimmaa.

Pejiiwwan waajjira kenya verify gochuuf hojiin hojjetamee

 Gama kanaan rakkooleen karaa marsariitii hawaasaa irrattii mul’atu keessaa innii tokkoo pejiiwwan sobaa maqaa mana hojii keenyan banamuu danda’u fi kaayyoofi galma mana hojichaatin ala odeefannoo tamsaasuu danda’uun isaa rakkoo guddaa akka biyyaattis akka naannoottis mudataa jiruu dha.

Ergaa Addee-Zaaraa-Muhammad IttiiGaafatamtuu Waajjira AbbaaAlangaa Godina Jimmaa.

 Rakkoo kana maqsuuf ammoo pejiwwaanifii chanaaliwwan mana hojii kenya verified account gochuuf sochiin jalqamee kan jiruu yommuu ta’u gama biraatin ammii peejiwwaniifi caanaliwwaan mana hojichaa maraa websaayti mana hojichaa walin walittii hidhamiinsa akka qabaatuu gochuun rakkoo mudachuuf maluu maqsuun dandaa’ameera.

Tajaajila Podcast FM Waajjira kenyaa ilaalchisee

Gama biraatin hojiin boonsaan garee Komnikeeshinii mana hojichaatin hojjetaman keessaa inni biroo carraa websaayti ofiseelawaa banachuu kenyaan tamsaasa fm tora interneetii irrattii tamsaafamu (tajaajila podcasti)fayyadamuun haala salphaafii gaatii bayyre xiqqaa ta’een haawasa kenyaaf huabnnlo seeraa keennuun, dhaqabamummaafi iftoomina mana hojichaa mirkaneessuf hojiin guddaan honjetamaa jira.

Guduunfaa.


Walumaa galattii mannii hojii abbaa alangaa godina jimmaa hojimaata isaa qaromsuufii dhaqabamummaa fii iftomina mirkaneessju keessattii gama garee sabqunnamtii mana hojichaatiniis ta’ee gama adeemsaalee mana hojichaatiin hojii guddaa ta’ee hojjetamaa jira. Hojii kana immoo fulduratti daran cimsuudhaan mannii hojii kenyaa akka naannoottis ta’e akka biyyaattii fakkenyummaan akka.ka’u.hojii jalqabamee kana akka cimsinee ittii fufnuu isiniff ibsuuna barbaada.

Hora Bulaa.

About Jimma Zone Attorney Office

Addee Zaaraa Muhaammad

Ittii gaafatamtuu Waajjira Abbaa Alangaa Godina jimmaa

Ergaaa Addee Zaaraa Muhammad Ittii Gaafatamtuu Waajjira Abbaa Alangaa Godina Jimmaa..

Ergaa Addee-Zaaraa-Muhammad IttiiGaafatamtuu Waajjira AbbaaAlangaa Godina Jimmaa.

Leave a Comment

Your email address will not be published. Required fields are marked *