Posted in Pdf

Habeas Corpus (Qaama Bilisa Baasuu)

Mirga Qaamnii Bilisa Haa Bahuu (habeas corpus) Haaluun angoo mana murtii kamiitii”

Barruu xinxala seera irrattii godhamee

akka abbaan alangaa Mulugeetaa Megersaa barreessaniittii

Mulugetaa Magarsaa MHAAGJttii AA Aanaa Coraa Botor
  1. Seensa

Uumama waan hundaa ta’eet jalqaba irraa ka’ee hanga sadarkaa dhummaa qaqqabbutti sadarkaawwan adda addaa keessa darbuun isaa dirqama ta’a.Sadarkaawwan adda addaa keessa yommuu darbu immoo waantoota baay’ee fooyyeessaa itti dabalaa irraa hir’isaa bakka galma isaa gaha jechuudha.

Akkuma dhimmoota biroo  adeemsi armaan oliitti taa’e seeraafis kan tajaajilu ta’a.Sababa kanaatin seerotni adda addaa yeroo adda addaa dhimmoota garaagaraa irratti yommuu fooyya’anii bahan arguun qofti raga gahaadha.Waa’een seeraa yommuu ka’u  yeroo hunda kan wajjin ka’u waa’ee mirgaati.Kana jechuun hanguma guddini seeraa dabalaa deemu kabajamuun mirga namaas wajjin guddachaa deema. 

Akka idila addunyaatti guddina seeraatif  ta’ee mirga namoomaatif sanadootni gumaacha guddaa gumaachan baay’ee ta’anus akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1215 biyya Ingiliiziitti kan bahe Maagnaa Kaartaa,Bara 1789 Sanada Mirgootaa Ameerikaa,Diklaareshinii Mirga namoomaa Faransaay  bara 1789 akkasumas Konveenshiniin Jeneevaa bara 1864 bahan warra adda durummaadhaan caqasamaniidha.Sanadootni kun egaa guddina seeraatiifis ta’ee mirga namoomaatif dhagaa bu’uraati jechuun ni danda’ama.

Mirgi namoomaa mirga heeraan eegumsi taasifameefidha.Mirgi kun immoo daangaa seeraa taa’een alatti sarbamuus ta’ee mulqamuu hin danda’u.Haa ta’u malee darbee darbee mirgootni kun yeroo seeraan ala sarbaman ni mul’ata.Kunis seeraan ala qabamuun,Seeraan ala hidhamuun akkasumas seeraan ala bakkaa bakkatti socho’uu dhoorkamuudhan.Yeroo kanatti egaa furmaata seerri kaa’e keessaa tokko qaama bilisa baasuu(Habeas Corpus) dha.Kanaaf barreeffama kana keessatti yaadrimee isaa,seenaa dhufaati fi muuxannoowwan biyyoota biro kan ilaalaman ta’a.

  1. Hiikoo Habeas Corpus (Qaama Bilisa Baasuu)

‘’Habeas Corpus Medieval latin meaning “(we,a court,command) that you have the body (of the detainee brought before us)” is a recourse in law through which a person can report an unlawful detention or imprisonment to a court and request that the court order the custodian of the person,usually a prison official,to bring the prisoner to court,to determine whether the detention is lawful.[1]’’

Kana jechuun jechichi jalqaba kan dhufe biyya laatinii irraa yommuu ta’u ajaja Manni Murtii qaamni qabde jira nuuf dhiyeessi jedhu yommuu ta’u iyyataan seeran ala qabameera(hidhameera) jedhe  mana murtiitti yommuu iyyatu adeemsa Manni Murtii nama qabe sanaan yeroo baay’ee hooggantoota mana hidhaatin nama qabamee jiru sana nuuf dhiyeessaa jedhee seera qabeessummaa hidhamuu nama sana ittiin mirkaneeffatu jechuudha.Kana irra hubachuun kan danda’amu namni qabame yookiin hidhame tokko seeraan ala waanan qabameef qaamni koo bilisa haa bahu(hidhaa irraa gadi lakkifamuun qaba) jedhee Mana Murtiitti yommuu iyyatu Manni Murtiis qaama nama iyyate kana qabe yookiin hidhe akka dhiyaatee hidhamuun yookiin qabamuun iyyataa kanaa seera qabeessa moo? Miti? jedhee adeemsa ittiin qulqqulleeffatudha.

Yeroo baay’ee biyyotni sivil law hordofan namoota seeraan ala qabaman kanaaf beenyaa akka argatan taasisu.kuni garuu yeroo baay’ee qaama bilasa haa bahu(habeas Corpus) jechuun hin danda’amu.Fakkeenyaaf biyya Ispeenitti beenyaa madaalawaan qabiinsa seeraan alaatif  taasifamu ‘’amparo de libertad’’ (bilisummaa eeguu) jedhama.


  1. Yoom Jalqabe?

Yaadrimeen qaamni bilisa haa bahu jedhu yeroo jalqabaatif jaarra 12ffaa keessa biyya Ingilizitti bara Mootii Henerii 2ffaa keessa sanada Magnaa kaartaa jedhamu irratti kan hojii irra oole.Yeroo jalqabaatif bara 1305 tti biyya Ingilizitti qaama bilisa baasun fayyadamuun kan galmaa’e ta’uu A/Seeraa Wiliyaam Bilaakiston jedhamu caqaseera.Yeroo jalqabaatif adeemsi isaa kan galmaa’e immoo act 1679 jedhamu irratti biyyuma Ingiliizitti ture.

Dhimma Somerset vs Stewart waxabajjii 22 bara 1772 murtaa’e irratti dhugaan kun hojii irra ooluu isaa hubanna.Dhimmicha gabaabinaan akka armaan gadiitti ilaala.

Namni Chaarlis Isteewart jedhamu garbicha Afriikaa Jems Somersete jedhamu bite.Chaarlis kun bittaa kan raawwate biyya Ameerikaa Kaabaatti ta’us biyya isaa Ingilizitti bara 1769 yommuu deebi’u garbicha bite kana fudhatee dhufe.Garbichi kunis bara 1771 ji’a onkololeessaa keesa bade.Garbichi kun Sadaasa bara 1771 qabame bidiruu irratti hidhame.Sana booda qaamni koo bilisa haa bahu iyyata Mana Murtii dhaddacha Mootichaatti galfate.Mootin Maansfild jedhamu erga yaada bitaaf mirgaa dhagahee booda Mana Murtiitti  yaada gabaabaa kenne innis haala tasgabbaahaa ta’een garbicha kana gadi lakkisaa yookiin bu’aan isaa waan fe’e illee yoo ta’e haqni ni mirkanaa’a jedheen.Kana haa jedhu malee murtii kana kennuuf ji’a caalaa  itti fudhate.dhuma irratti gadi haa lakkifamu murtii jedhu dabarsee mormiiwwan adda addaa gamaa hedduun akka isa qunnamuuf sababa ta’eet ture.[2]

Iyyatni qaamni bilisa haa bahu kan ibsu qaamni qabame yookin hidhame tokko seeran moo seeraan ala qabame isa jedhu qulqulleffachuufi.Kanaaf immoo bitaaf mirgi barreeffamaan yaada kan waljiijjiiran yommuu ta’u biyya Ingilizitti hojimaata ammayyaa’aa fiduudhaan qaamni lamaanuu qaaman dhiyaatanii akka yaada kennanu taasifame.Kanaaf immoo namni qabame(hidhame) kun seeraan ala qabame taanaan manni Murtii akka gadi lakkifamu ajaja yookin mirgi wabii isaa(ishee) akka eegamuuf taasisuu danda’a.[3]

  1. Muuxannoo Biyyoota adda addaaPoorchugaal

Biyyi kun mirga kanaan walqabatee eegumsa kan taasifte seera biyyattii isa muummee keessatti.Heera Mootummaa poorchugaal kewwata 31 jalatti namoota seeraan ala qabaman,hidhaman akkasumas ugguramaniif eegumsa taasiseet jira.

Art 31(1) portuges constitution states that ‘’Habeas Corpus is available to counter misuse of power in the form of illegal arrest,imprisonment or detention.Application for it must be made to the competent court’’.[4]

 Kana jechuun  aangoo seeraan ala fayyadamuun seeraan ala qabuun hidhuun yookiin tursiisuun kan ibsamu yoo ta’e kanaaf immoo furmaanni isaa gaaffii qaamni bilisa haa bahuu jedhuudha.Iyyatni isaa immoo mana murtii aangoo qabutti dhiyaachuu kan danda’uudha.Dabalataan keewwata armaan olii keewwata xiqqaa 3 jalatti manni murtii iyyata dhiyaateef guyyaa 8(saddeet) keessatti murtii itti kennuu akka qabu kaa’era.

Kana qofaa osoo hin taane biyyi Poorchuugaal seera adeemsa falmii yakkaa biyya ishee keessatti keewwata 220 fi 222 irratti sababa manni murtii iyyata qaamni bilisa akka bahuuf gaafatamu  fudhachuu danda’u kaa’eet jira.[5]

  1. Kaanaadaa

Biyyi kun seera kana seera biyya Ingilizii irraa dhaalte.Biyya kanatti seera adeemsa falmii yakkaa kutaa 10(c) jalatti akka armaan gadiitti kaa’ee jira

‘’every one has the right on arrest or detention ….to have the validity of the detention determined by way of Habeas corpus and to be released if the detention is not lawful’’[6]

Namni qabame yookiin hidhame kamiyyuu iyyata qaamni bilisa haa bahu jedhu gaafachuun haalli qabinsa isaa seera qabeessa ta’uu qulqulleeffachuu kan qabu ta’uu fi seeran ala qabame yoo ta’e immoo gadi lakkifamuu kan danda’u ta’uudha.

Yeroo jalqabaatif dhimma akkanaa ilaalun biyya kanatti kan jalqabame Mana Murtii Waliigala Kanadaatin dhimma falmii ‘’ Mission Institution Vs Khela’’ irratti.Iyyannoon qaamni bilisa haa bahuu dhiyaatu milkaa’uuf yookiin fudhatama argachuuf ulaagaawwan armaan gadii guutuu qaba.Inni jalqabaa iyyataan yookiin namni dhimmi isaa akka ilaalamuuf barbaadu bilisummaan isaa yookiin ishee sarbamuu qaba bilisummaan isaa/ishee sarbamuu agarsiisuu yookiin mirkaneessuu qaba.Kana erga mirkaneessee booda immoo seeraan ala ta’u isaa irratti gaaffii kaasuu qaba.kana lamaan erga mirkaneessee booda qaamni yookiin dhaabbanni iyyataa kana qabe yookiin hidhe bilisummaa nama kanaa mulquun isaa seera qabeessa ta’uu isaa ibsuu qaba.[7]

  1. Jarman

Seera Jarman Grundgesetz (akka keenyaatti Heera Mootummaa) jedhamu keessatti yookiin Basic Law jedhamu keessatti waa’een mirga namaa taa’eet jira.Heera biyya Jarman keewwata 104 himata 1ffaa jalatti bilisummaan namaa kan daanga’uu danda’u adeemsa seeraatin qofa ta’uu qaba jedha.Keewwatuma armaan olii jalatti namni qabame tokko guyyaa itti aanu Mana Murtii dhiyaachuu kan qabu ta’u fi manni murtii immoo sababa qabameef sana irratti ajaja dabarsuuf  shakkamaa kana dhagahuu kan qabu ta’uudha.

Dabalataan namni seeraan ala qabame tokko beenyaa inni argachuu qabu dirqama irra kaa’u heera armaan olii keewwata 19 irraa hubachuun ni danda’ama.Akka dubbisa keewwata kanaatti namni bilisummaan isaa namoota aangoo qabaniin sarbame  Mana Murtiitti iyyachuu danda’a jedha.Kanaan walqabatee dhimma kana ilaaluf Manni Murtii addatti dhaabate yoo jiraachuu baate  iyyata isaa  Mana Murtii idileetti dhiyeeffachuu danda’a.[8]

  1. Rippublika Ayerlaand

Beenyaan qaamni bilisa haa bahu faana madaalawaa ta’e heera mootummaa bara 1937 bahe keewwata 40 irratti eegumsi taasifameefi jira.Heera kana keessatti gaalen Habeas Corpus jedhu ifaan taa’uu baatus gaalee ‘produce the body’ jedhuun ibsamee jira.Iyyatni kunis dhiyaachuu kan danda’uu Mana Murtii Ol’aanaatif akka ta’e keewwaticha irra hubanna.keewwatichis akka armaan gadiitti kaa’et jira

Upon complaint being made by or on behalf of any person to the High court or any judge thereof alleging that such person is being unlawfully detained,the high court and any and every judge thereof to whom such complaint is made shall forthwith enquire into the said complaint and may order the person in whose custody such person is detained to produce the body of such before the high court on a named day and to certify in writing the grounds of his detention and the high court shall upon the body of such person being produced before that court and after giving the person in whose custody he is detained an opportunity of justifying the detention order the release of such person from such detention unless satisfied that he is being detained in accordance with the law”[9]

Namni seeraan ala qabame iyyata ofii isaatif yookiin nama biraatin mana murtii ol’aanaatiif yookiin  A/Seeraa achiitif galfachuun Manni Murtii fi A/Seeraa iyyatni qaqqabe kamiyyuu qaama iyyataa kana qabe(hidhe) iyyataa kanaa fi sababa iyyataa kana itti hidhuu danda’eef barreeffamaan qabatee guyyaa caqasame irratti Mana Murtii Ol’aanaatti  qabatee akka dhiyaatu ajaja kenna sana booda iyyataanis namni iyyataa kana hidhe(qabe) erga dhiyaatanii sababa itti iyyataan kun hidhame mirkaneeffatee yoo qabamuun isaa bu’ura seeraa qabaate malee seeraan ala yoo ta’e akka gadi lakkifamu ajaja dabarsa.

  1. Itoophiyaa

Heerri Mootummaa Federaalawaa Dimookraatawaa Rippublika Itoophiyaa keewwattoota waliigalaa qabu keessaa 1/3 isaa keewwattoota  mirga namoomaa faana walqabataniidha. Mirgoota kana keessaa immoo mirgi namoota qabamanii isa tokkoodha.

boqona Lammaffa

wa’e habeus corpes ilaalchisee seeroota itiyopiyaa

  • Heera Mootummaa Federaalaa labsii lakk.1/1987

HMFDRI keewwata 19(4) jalatti poolisiin namoota hidhaman daangaa seeraa taa’e keessatti Mana Murtii dhiyeessee sababa hidheef kan hin ibsine yoo ta’e namni qabame kun qaamni isaa bilisa akka bahuuf Mana Murtii gaafachuu kan qabu ta’uu fi mirgi kunis karaa kamiinuu kan hin mulqamne ta’uu ibseera.[10]Kanaaf kana irraa kan hubachuu dandeenyu iyyatni qaamni bilisa haa bahu jedhamee gaafatamu heera mootummaan eegumsi kan taasifameef ta’uudha.Akkuma beekamu heerri mootummaa immoo seera waliigalaa waan ta’eef mirga kana raawwachiisuuf  seerota biro keessatti hammachiisuun dirqama ta’aa jechuudha.Mee itti aansuudhaan immoo seerota biyya keenyaa waa’ee mirga kanaa kaasan ilaalla.

  • Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa lakk.46/1994

Heerri Mootummaa Naannolee hanga heera Mootummaa Federaalaatin faallaa hin taanetti raawwatinsa kan qabu ta’uun isaa ni beekama.Dabalataan immoo Naannoo sana irratti seerotni hunduu kan maddan heera kana irraa ta’uunis ifa jiruudha.Heera kana  irratti mirga qaama bilisa baasuudhaan walqabatee akka armaan gadiitti kaa’eet jira.

Qaamni yookiin seera kabachiisaan isa qabe kamiyyuu yeroo murtaa’e keessatti mana murtiitti dhiyeessuudhaan sababa qabameef yoo hin ibsine, manni murtichaa bilisummaa qaamasaa akka kabachiisuuf gaafachuudhaaf mirga bira hin dabramne kan qabu ta’us, haqni akka hin hir’anne haalichi kan gaafatu yoo ta’e, manni murtichaa, namni qabame sun eegumsa jala akka turu ajajuuf yookiin qorannoo adeemsisuuf dabalanni yeroo ennaa gaafatamu hanga barbaachisaa ta’e qofa hayyamuu ni danda’a. Manni murtichaa, qorannoodhaaf dabalata yeroo barbaachisu ennaa murteessu, itti gaafatamaa kan ta’an abbootiin taayitaa seera kabachiisan qorannoo calalanii, namichi qabame hanga danda’ametti daddaffiidhaan mana murtiitti dhiyaachuuf mirga qabu kan kabachiisu ta’uu qabu.[11]

Akka dubbisa keewwata kana irraa hubanutti mirgi kun kan bira darbamuu hin dandeenye ta’uu fi gahee Mana Murtiis caqasuuf kan barbaade fakkaata.

  • Waliigaltee Idila Addunyaa Mirga Siviilii fi Siyaasaa(ICCPR)

Heera Mootummaa Federaalaa Dimookraatawaa Rippublika Itoophiyaa keewwata 9(4) irraa akka hubannutti waliigalteewwan Idila Adunyaa biyyi keenya mallatteessitu qaama seera biyya keenyaa akka ta’u danda’udha.Waliigalteewwan Biyyi keenya mallatteessite keessa tokko immoo koonveenshinii Mirga Siviilii fi Siyaasaati.Waliigalteen(konveenshiniin) kun immoo keewwata 9(4) irratti immoo akka armaan gadiitti ibsee jira:-

Namni hidhamuu yookiin qabamuu isaatin bilisummaan isaa sarbame kamiyyuu seera qabeessummaa hidhaa isaa akka  qulqqulleesse murteessuf  seeraan ala qabame(hidhame) yoo ta’e immoo bilisaan akka bahuuf akka ajaja kennuuf mirga mana murtii dhiyaachuu qaba jechuun kaa’ee jira.[12]Dabalataan koonveenshiniin kun keewwata armaan olii keewwata xiqqaa 5 jalatti qaamni seeraan ala qabamee mirga beenya argachuu kan qabu ta’uu kaa’eet jira.Kana irratti dhimma kana biyyi keenya seera ishee keessatti hin hammachiifne malee osoo nama seeraan ala qabamu hundaaf beenyaan haa kaffalamu jedhamee mootummaan kasaaraa guddaaf kan saaxilamu ta’aayyu.(yaada barreessaa)

  • Seera Adeemsa Falmii Hariiroo Hawaasaa

Seerri adeemsi falmii hariiroo haawaasaa akkuma beekamu adeemsa dhimmootni hariiroo hawaasaa ittiin hoogganamudha.Seera kana kutaa 6 keessatti mata duree adeemsa seera qabeessummaa dirqisiifamanii qabamuu ittiin qulqqullaa’u jalatti kan argamu yommuu ta’u haala iyyatni ittiin dhiyaatu ilaalchisee seera adaba yakkamaa yookiin bu’ura tumaa seera kanaatin Manni Murtii osoo itti hin murteessin yookiin murtoo hin dabarsin ,ajajni biraa kamiyyuu osoo hin kennamin qaama aangoo qabu kamiinuu yookiin haala birootin yookiin nama biraatin namni dirqisiifame, bakkaa bakkatti akka hin sochoonee dhorkame,kan qabame yookiin hidhame gochuun kun akka irraa dhaabbatu ofumaa Mana murtiitti dhiyaatee akka ibsuuf iyyachuu danda’a.Ibsa keewwata kanaa irraa akka hubanutti iyyatni qaamni bilisa haa bahuu kan bu’ura godhatan dhimma yakkaa yookiin kan hariiroo hawaasaa ta’uu kan danda’u ta’uu isaati.Dabalataan immoo iyyataan kun kana dura gara Mana Murtii kan hin qaqqabne akkasumas hidhamuu yookiin qabamuu isaa keessa ajajni yookiin murtiin mana murtii kan hin jirre ta’uudha.Kana irratti gaaffin ka’u garaagarummaan guddaan seera yakkaa fi seera hariiroo hawasaa bilisummaa fi qabeenyaan kan walqabatu ta’uudha.kana jechuun dhimmi yakkaa bilisummaa nama dhunfaa daangeessudhaan kan walqabatu yommuu ta’u seerri hariiroo hawaasaa immoo faallaa seera yakkaa kan inni walqabatu dhimma qabeenya yookiin diinagdee nama sanaa faana malee bilisummaa faana walitti hin dhufu.Haalli addaa ajaja mana murtiitiin dhimma hariiroo hawaasaa irratti namni hidhamuun akkuma jirutti ta’ee jechuudha.

Iyyatichi kakuudhaan kan deeggarame ta’ee maqaa nama dirqisiifamee yookiin qabamee maqaa nama dirqiisiisee yookiin qabee bakka dirqisiifamee itti qabame akkasumas ragoonni kana mirkaneessaniif yoo jiraatan kanuma kan ibsu ta’uu qaba.Kun immoo iyyatni qaamni bilisa haa bahuu qaama bilisummaa kana sarbee fi qaama bilisummaan isaa sarbame(iyyataa) jidduutti falmiin kan gaggeeffamu ta’uu hubanna.

Gama biraatin immoo iyyataan kun sababa adda addaatin iyyata isaa qaamaan dhiyeeffachuu kan hin dandeenye yoo ta’e namni biraa iyyata isaa mana murtii qaqqabsiisuufi kan danda’u ta’u tumaa seera kanaa irraa hubachuun ni danda’ama.[13]

Aangoo dhimma kana ilaaluutiin walqabatee seerri kun ifaan kaa’et jira.Iyyatni qaamni bilisa ha bahuu kan dhiyaachuu qabu Mana Murtii Ol’aanaatiif ta’uu hubanna.Akkuma beekamu amma kan hoogganamaa jirru sirna Federaalizimiidhaan waan ta’eef  sirni kun immoo caaseffama Mootummaa Federaalaa jedhuu fi Mootummaa Naannoo jedhu qaba.Qaamotni lamaan kun immoo qaama seera hiiktuu of danda’e qabu.Kanaaf  Mana Murtii ol’aanaa yommuu jedhamu kan Federaalaatimoo kan Naannooti kan jedhu seericha keessatti ifaan hin teenye haa ta’u malee caseeffama Mootummaa yeroo seerri kun bahuu yoo ilaalle Sirna Mootummaa Waltaawaa (unitary form of government) waan ta’eef sirna akkasii keessa immoo Manni Murtii Ol’aanaa kan jiru sadarkaa gubbaa yookiin Federaalaatti qofa  waan ta’eef barreeffamni kunis Mana Murtii Ol’aanaa Federaalaa kan jedhun haa hubatamuun dhaamsa barreessaati.

Kanaaf egaa dhimmootni falmiiwwan idilee irratti raawwataman erga raawwatamanii booda manni murtii seeran ala qabamuu iyyataa yoo mirkaneeffate ulaagaan biraa osoo hin barbaachisin iyyataan akka gadi lakkifamu ajaja kenna.Iyyatni dhiyaate mana murtii shakkii keessa kan galche yoo ta’e manni murtii iyyataa kana wabiidhaan akka bahu ajajuu danda’a jechuudha.[14]

  • Labsii 25/96

Labsiin lakk.25/1988 labsii Manneen Murtii Federaalaa hundeessuf  bahe yommuu ta’u aangoo fi gahee Manneen Murtii Federaalaa sadarkaa adda addaa irratti argamamanii tarreesseet jira.Labsiin kun aangoo Manneen  Murtii  Federaalaa dhimma hariiroo hawaasaa irratti qabu yommuu tarreessu keewwata 5(10) jalatti waayee iyyata qaamni bilisa akka bahuuf dhiyaatu aangoo kenneefii jira.Kanaan walqabatee labsii kana keewwata 14 jalatti waa’ee aangoo mana murtii sadarkaa duraa dhimma hariiroo hawaasaa irratti qabu yommuu tarreessu bu’ura  labsii kanaa  keewwat 8 fi 11(2)tin  aangoon Mana Murtii Waliigalaa fi Mana Murtii Ol’aanaa tif kenname akkuma eegametti ta’ee bu’ura  keewwata 3 fi 5 tin dhimmoota hariiroo hawaasaa sadarkaa Federaalaatti dhiyaatan Manni Murtii sadarkaa duraa ilaaluu kan danda’u ta’uudha.Naanna’ee naanna’ee akka waliigalaatti manni murtii federaalaa sadarkaa duraa dhimma iyyata qaamni bilisa haa bahuu ilaaluu danda’aa jechuudha.[15]

Dabalataan immoo Heera Mootummaa Federaalaa keewwata 80(4) irraa akka hubannutti manneen murtii ol’aanaa naannolee aangoo naannoo irratti qabaniin dabalatatti aangoo manneen Murtii sadarkaa duraa federaalaa ilaaluuf kan aangeffaman ta’uudha.Kanaan walqabsiifnee qabxiiwwan kaasudhaaf akka mijatuuf  labsii dhumaa ilaallee walitti deebina.

  • Labsii 216/2011

Labsiin kun labsii gurmaa’insa Aangoo fi Hojii Manneen Murtii Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebiin murteessuf bahe yommuu ta’u keewwata 31 jalatti aangoo manneen murtii aanaa tarreessee jira.kana keessaa iyyata qaama bilisa bahuuf dhiyaatu kan ilaalu ta’uu aangoowwan jiran keessaa isa tokko ta’uu hubanna.[16]

Kanaan walqabatee qeeqni adda addaa kan ka’aa jiru yommuu ta’u qabxiiwwan kanaan walqabatan irrattis kan ka’u immoo labsiin 216/2011 heerawaa miti ogeessonni jedhan kan jiran yommuu ta’u gama biraatin immoo ogeessonni lakki labsii 25/96 tu bu’ura heeraa hin qabne jechuun kan falman jiru.Qabxiin sadaffaa Seerri adeemsa falmii hariiroo hawaasaa hoo bu’ura seeraa qaba moo? Hin qabu?  mee yaada sadanuu  ija seeraatin deeggarree haa ilaallu.

Yaada deeggartoota qabxii duraa(labsiin 216/2011) heerawaa miti kan jedhan yommuu ilaallu.Jalqabumayyuu aangoon kun kan kenname Mana Murtii Federaalaatif yommuu ta’u seera lammaffaa baasuun maaliif barbaachise?akkasumas labsiin 216/2011 heera yookiin seera isa kam? bu’ura godhateet dhimma kana labsii kana keessatti Mana Murtii Aanaaf  kennuu danda’ee?kanaaf  labsiin kun bu’ura heeraas bu’ura seeraas hin qabu jechuun qeequ.

Gama biraatin immoo  bu’ura heeraas bu’ura  seeraas kan hin qabne labsii lakk. 25/88dha kan jedhuudha.Labsiin kun bu’ura seeraa kan hin qabne ta’uu isaatin dabalatti mirga haqa yeroo gabaabaa keessatti argachuu lammiilee kan miidhudha jechuun yaada faallaa kaasu.

Akka qabxii sadaffaatti  seerri adeemsa falmii hariiroo hawaasaa heera fi seera isa kan bu’ura taasifateet dhimma kana of keessatti hammachiisuu danda’e? Seerri kun haala yeroo faana foyya’aa deemuu dhabuun rakkoo biraa ta’us sadarkaa amma jiruun bu’ura heeraa qabaachuu fi dhiisuu isaa sakatta’aa deemun sirrii waan ta’uf  seera qabeessummaa isaa ija heeraatin sakatta’uun barbaachisadha.Kanaaf mee seerota kana keessaa isa kamtu sirriidha kan jedhu akka armaan gadiitti kan ilaallu ta’a.

Ka’umsa seera hundaa kan ta’u heera mootummaa biyya tokkoo akka ta’e ifa galaadha.kanaaf mee qabxiiwwan Heera Mootummaa Federaalaa irra jiran tokko tokko kaafne haa ilaallu.

Keewwata 55 jalatti seerota Manni Maree bakka Bu’oota uummataa baasu tarreesseet jira.Kana keessaa keewwata xiqqaa 6 jalatti seera Sivili baasuu danda’a jedha.Kuni kan ta’u immoo seerichi bahuu isaa yoo Mana Maree Federeeshinii itti amaneedha jedha.Heerri kun kan kana  jedheef (haala addaatin seerichi akka bahu kan barbaadee fakkaata) kaayyoo galmaan gahuu barbaade qaba jechuudha.Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa aangoo seera siviilii baasuu qaba yoo jenne sunis fedhii Mana Maree Federeeshinii irratti hunda’eeti yoo jenne seera kana baasuu kan qabu bu’uura keewwata 55(1) osoo hin taane bu’uura keewwata 55(6) ta’uu qaba ture.Kanaaf immoo addatti Manni Maree Federeeshinii kan eeyyame ta’uu agarsiisuu qaba ture.Kanaaf  labsiin 25/88 kan bahe bu’ura keewwata 55(1) waan ta’eef  dabalataan immoo Aangoo kana Mootummaa Federaalaaf  keewwata 51 jalatti  addatti waanti kenne hin jiru.Kanaaf labsiin 25/88 dhimma qabanne (qaamni bilisa haa bahuu) irratti bu’ura heeraa qaba jennee akkamitti sababeessuu dandeenya.

Dabalataan immoo heerri mootummaa kan bahe bara 1987 yommuu ta’u seerri adeemsa falmii hariiroo hawaasaa immoo kan bahe bara 1958 kanaaf seerri adeemsa falmii hariiroo hawaasaa  kan bahe bu’uura heeraatin miti jechuu dandeenya.

Garaagarummaa biraa, labsii lakk.25/88 irratti aangoon mirga qaamni bilisa haa bahuu kan Mana Murtii sadarkaa duraa federaalaati,bakka bu’insaan Manneen Murtii Ol’aanaa Naannolee ta’a jedha.Seera adeemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 177(1) keessatti immoo iyyata Mana Murtii Ol’aanaaf kan dhiyaatu ta’uu hubanna.Manni Murtii Ol’aanaa inni kun isa Federaalaa jechuu barbaadeti.Aangoon Mana Murtii Ol’aanaa Federaalaa immoo bakka bu’insaan kan ilaalamu Mana Murtii Waliigala Naannoleetin ta’a jechuudha.Kun immoo garaagarummaa biroo seerota lamaan (labsii 25/88 fi s/d/f/h/h)  jidduu jiruudha.

Gaaffin biraa asitti ka’u immoo iyyannoon qaamni akka bilisa bahuuf gaafatamuu yookiin dhiyaatu jalqabuma irraayyuu hariiroo hawaasaati moo yakka kan jedhu gaaffii deebi’uu qabuudha.Muuxannoowwan biyyoota biroo yommuu ilaallu dhimmicha heera mootummaa keessatti hammachiisuun dabalatatti seera yakkaa yookiin seera adeemsa falmii yakkaa keessatti hammachiisaniiru.As irratti dhugaan hubatamuu qabu akkuma seensa barreeffama kanaa keessatti caqasametti garaagarummaan dhimma yakkaa fi hariiroo hawaasaa  tarkaanfii bilisummaa namaa irratti qaban ta’uu ilaallee jirra.kanaaf dhimmi kun jalqabumayyuu  dhimma seera yakkaatin ilaalamuu qabu tureeyyu.(yaada barreessaa)   

Qabxii biraa Heera Mootummaa Federaalaatti deebinee yommuu ilaallu keewwata 52(1) jalatti aangoon ifaan mootummaa federaalaaf hin kennamne kan mootummaa federaalaafi mootummaa naannoof walitti(waloon) hin kennamne Mootummaa Naannoof kennama jedha.Kanaaf dhimma iyyata qaamni bilisa bahuu qaba jedhu tarree aangoo mootummaa sadarkaa lamaanifu hin kennine kana jechuun dhimma kana irratti naannoleen seera baasuf aangoo qabu jechuudha.Kanaaf akka waliigalaatti seerota armaan olitti ibsaman(25/88,216/11 fi seera adeemsa falmii hariiroo hawaasaa) keessaa dhimma kana irratti labsiin bu’ura heeraa qabu labsii 216/2011 ta’a jechuudha.Kana jechuun iyyanni qaamni bilisa haa bahuu dhiyaachuu kan qabu Mana Murtii Aanaatti ta’uun isaa sirrii,seeraa fi dhugaa irratti kan hundaa’edha.

Dabalataan  namni qabame tokko sa’aatii 48:00 keessatti mana murtii dhiyaachuu kan qabu ta’uu heera mootummaa federaalaa keewwata 19(3) fi seera adeemsa falmii yakkaa keewwata 29(1)  irraa hubanna.Dubbisa keewwata kanaa irraa hubachuun kan danda’amu namni tokko murtii yeroo gabaabaa keessatti argachuu akka qabuudha.Dhimma qabanne kana irratti aangoo kan qabaachu qabu Mana Murtii Ol’aanaa(naannolee)ti yoo jenne Aanolee magaala godinaa irraa baay’ee fagoo jiran ilaalcha keessa galchuun namni aanaa akkanaatti qabame tokko hanga godinatti iyyatutti guyyaa baay’ee darbees torbeewwan fudhachuu danda’a jechuudha.Kun immoo mirga kabachiifnaatti mirga sarbuun dhufa jechuudha kun immoo kaayyoo seeraa miti.Kanaaf akka waliigalaatti dhimmichi dhimma aangoo walitti agarsiisuu osoo hin taane dhimma mirga namaatin walqabatu waan ta’eef  labsiin 216/2011 akkuma jirutti ta’e seerotni isaan kaan akka fooyya’aniif qaamni dhimmi ilaalu osoo xiyyeeffannoo itti kenne

.

  • Mirgi Kun Daangaa qabaa?

Iyyatni qaamni bilisa haa bahuu mirga nama hundaa sababa adda addaatin qabamee, hidhamee fi uggurameeti.Mirgi hundumtuu immoo dangaa seeraan taa’eef qaba.Kanaaf mirgi iyyata qaamni bilisa haa bahuu dhiyaatu daangaa qaba moo? hin qabu? kan jedhu ittin aansun ilaalla.

 Biyya philippinsi:-iyyatni qaamni bilisa haa bahu jedhu haala kamiinuu kan hin daangofne ta’us haala addaatin garuu weerarri yookiin jeequmsi jiraatee nagaa uummataatif barbaachisaa ta’ee yoo argame qofa ta’uu hubanna.[17]

Biyya Rippublika Ayarlaanditti haala namni seeran ala hidhame itti gadi lakkifamu fi adeemsa itti iyyatni itti dhiyaatu fi mana murtii isa kamiif akka dhiyaatu erga tarreesee booda mirgi kun kan daangaa qabu ta’uu ibseera.Haa ta’u malee adeemsi kun yookiin mirgi kun yeroo waraanaa yookiin fincila loltootaa raayyaa ittisa biyyaa irratti kan hin raawwatamne ta’u kaa’era.[18]

Biyya Ameerikaatti Heera Mootummaa keewwata 1 kutaa 9 jalatti ‘’the privilege of the writ of habeas corpus shall not be suspended,unless when in cases of rebellion or invasion the public safety may require it’’.kana jechuun mirga kana irratti daangaan kan jiru ta’udha.Kanaaf sababa kan ta’u immoo yoo weerarri jiraate yookin immoo fincilli biyya keessaa yoo jiraate fi nageenya uummataatif barbaachisaa ta’ee yoo argamedha.Kanaaf akka fakkeenyaatti kaasuf  Prezidaantiin Ameerika Abrahaam Linkan bara 1861 tti yeroo waraana waliinii (Civil war) Ameerikaa keessa tureef  seera  maarshaal law baasun mirga heera mootummaan eegumsi taasifameef  qaamni bilisa haa bahuu dhorkeet(daangaa irra kaa’et) ture kana kan taasise immoo Naannoo Meerilaand jedhamuu fi Naannolee walakkeessa Lixaa jiran irratti ture.I/Gaafatamaa Mana Murtii Waliigalaa Ameerikaa  kan ture Taanleey kan jedhamu garu yaada Preezidaantichaa morme sababni isaa immoo mirga kana dhorkuu kan danda’u koongreessidha malee Prezidaantii miti jechuun booda irra Preezidantin Liinkan yaada Taanleey mormee dhorkaan kun akka itti fufu xalayaa koongreesichaaf barreesee ture haa ta’u malee yaadni preezidaantichaa kufaa ta’e.Sababa kanaan  mirga qaamni bilisa haa bahuu irratti daangaa kaa’uu kan danda’u qaama kami kan jedhu ifaan barame jechuudha.Dabalataan Yeroo waraana  addunyaa lammaffaa Prezidaantin Ameerikaa Ruuzvalt mirga iyyata qaamni bilisa haa bahuu dhorkeet  ture.[19]

Biyya keenya Itoophiyaa yommuu ilaalu immoo yeroo labsiin yeroo muddamaa(hatattamaa) bu’uura Heera Mootummaa FDRI keewwata 93tin bahu mirgootni hunduu kan danga’an ta’uu ni beekama.Haa ta’u malee keewwatni kun mirgoota yeroo kanatti daangaa itti hin godhamne(taasifamne) keewwata xiqqaa 4(c) jalatti kan tarreesse yommuu ta’u kunis keewwata 1(moggaasa maqaa biyyatti),keewwata 18(Karaa Farra Namoomaa Ta’een Qabamuun Dhoorkamuusaa),keewwata 25 (mirga walqaxxummaa) fi keewwata 39(1)(2)mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu hanga fottoquu kan ilaallatudha.Kana jalatti immoo waa’een qaama bilisa baasuu  hin kaane.Kanaaf qajeeltoo waanti ifaan hin eeyyamamne akka dhoorkametti ilaalama(lakka’ama) jedhuun   labsiin yeroo muddamaa yommuu bahu mirga kana irratti dhorkiin(daangaan) kan taasifamu ta’uudha.[20]

fm MHAAGJ

WEBSITE MHAAGJ JALATTII TAMSAAFAMA

ABOUT

sagaleeN tamsaasa fm Mana Hojii Abbaa Alangaa Godina Jimmaa kan tora interneetii irrattii tamsaafamuudhaa. Tamsaasa fm MHAAGJ kallaattidhaan hordoofuuf linkii http://www.mhaagj.org jedhuu fayyadamuu ykn Google jalattii FM Mana Hojii AA Godina Jimmaa jechuun search yoo goochun nu dhagefafchu. Fm kenya dhageffachuun baasii tokkoo malee boohartidhan bekkumsa seeraa kessan gabbifachuu dandeessuu

SPEAKING

Design Conference, 2019
Designing Teams
San Jose, CA

Design x Mental Health, 2019
Speaking Out
San Francisco, CA

Impact for Growth, 2018
Building Compatible Teams
San Francisco, CA

GET IN TOUCH

Diane is always available for side collaborations and talks worldwide. If you want to chat about design, books, wine, or anything else, don’t hesitate in reaching out.

WRITING:

Lessons from remote interviewing
April 2020

What design mentees need
December 2019

How to foster collaboration
November 2019

RIFERENCE.


[1] https://en.m.Wikipedia.org/wiki/Habeas-Corpus

[2] Isa lakk 1ffaa irratti  caqasame

[3] Isa olii

[4] constitution of the Portuguese Republic ratified 2 April 1976

[5] Portuguese criminal Procedure code (codigo de processo penal) 10 th October 2020

[6] Canadian Charter of Right and freedom

[7] May v.Ferndale Institution,2005 SCC 82(CanLII),[2005] 3 SCR 809,https://canlii.ca/t/1m7f3

[8] Basic Law of the Federal Republic of Germany

[9] Bunreacht na hEireann

  Constitution of Ireland 29 December 1937

[10] Proclamation No. 1/1995 Proclamation of the Constitution of the Federal Democratic Republic of Ethiopia

[11] Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaa Fooyya’ee Bahe Labsii Lak. 46/1994 keewwata 19

[12] International Convention on  civil and political right  art.9(4)

[13] DECREE No. 52 OF 1965 THE CIVIL PROCEDURE CODE DECREE Art.177

[14] Isa lakk 12 irratti caqasame

[15] Proclamation No. 25/1996 Federal Courts Proclamation Art.14(1)

[16] Labsii Gurmaa’ina, Aangoo fi Hojii Manneen Murtii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Irra Deebiin Murteessuuf Bahe, Labsii Lak. 216/2011 keewwata  31

[17] Heera mootummaa biyya philippinsi keewwata 3 kutaa 15

[18] Heera Mootummaa Rippublika Ayarlaandi keewwata 40.4.2

[19] https://en.m.Wikipedia.org/wiki/Habeas-Corpus

[20] Proclamation No. 1/1995 Proclamation of the Constitution of the Federal Democratic Republic of Ethiopia Art.93(4)

Habeas Corpus (Qaama Bilisa Baasuu)

Leave a Reply