insurance investment the teacher’s guide (aarp medicare supplement, Insurance, lawyer, investment, online banking & finance, homeowners insurance quote, compare life insurance term, life insurance quotes life, cover commercial truck insurance, t, aarp medicare advantage)


Barruu Qorannoo Seeraa Pdf
Kan Guulaalee:- Yirgaalem Mitikkuu (AA)
- Addisuu Taaddasa (AA)
- Sisay Eddeessaa (AA) Qophaa’e
Barruu Qorannoo Seeraa Pdf https://furtu.mhaagj.org
Namni hunduu hanga wanta ittiin himatame raawwachuun isaa irratti mirkanaa’uutti mirga akka qulqulluutti lakkaa’amuu eegumsa heeraa argate qaba. Namni tokko yakka ittiin himatame raawwachuun isaa karaalee gurguddoo lamaan kan mirkanaa’uu danda’u yoo ta’u; inni tokkoffaan, himataan ragaa himannaa isaa mirkaneessuu danda’u mara dhiyeessuun namni himatames ragaa irratti dhiyaate gaaffii qaxxaamuraa gaafachuu fi mirga dhagahamuu isaatiin ragaa ittisaa dhageessifatee bu’aa dhumaatiin balleessummaan yommuu mirkanaa’u mirgi akka qulqulluutti lakkaa’amu isaatiis kan fashalaa’u ta’a, inni lammataa ammoo namni himatame gocha ittiin himatame guutummaan guutuutti yommuu amanu jecha amantaa isaarratti hundaa’uun ragaan gama himataatiin jiru otuu hin dhagahamin jechuma himatamaa irratti hundaa’uun yommuu murtiin balleessummaa laatamudha.
Jecha amantaa irratti hundaa’anii murtii balleessummaa kennuu jechuun gochi ykn miti-gochi tokko seeraan kan dhorkame ta’ee otuu jiruu himatamaan gochicha raawwachuu isaaf sababa guutummaan guutuutti ykn gar-tokkeen dhiifama isaaf kennisiisu otuu hin qabaatin raawwatee haaluma kanaan gochicha raawwachuusaa amane irratti murtii balleessummaa ragaa himataa otuu hindhagahin kennamuudha. Qabatama hojii keessatti murtiin balleessummaa jecha amantaaf waakkii himatamaa irratti hundaa’amee mana murtii tokkoon kennamu mana murtii gara biraatiin diigamuun isaa seera tokkicha jiru irratti hojimaatni garaagarummaa qabaachuu kan agarsiisu waan ta’eef maddi rakkoo kanaa maal akka ta’ee fi dhiibbaa maaliis hordofsiisa kan jedhu mala qorannoo qulqulleessaatti fayyadamuun qorannaan kun gaggeeffame jira. Qorannoon gaggeeffame kun ogeeyyiin seeraa ulaagaa jecha amantaaf waakkii himatamaa irratti hundaa’anii murtii balleessummaa kennuu irratti hubannoo garagaraa kan qaban ta’uun isaa madda rakkoo kanaa akka ta’ee fi sababa kanaanis haqni jallachaa jiraachuu saaxilee, qaamni himatu, yeroo himatamaan(toonni) hambifannoon amanu (nanitti) jecha amantaa kennamu irratti dabalataan ragaa dhageessifachuu akka qabu; Manni murtiis yeroo himatamaan(toonni) hambifannoon amanu (nanitti) jecha amantaa kennamu irratti dabalataan ragaan akka dhagahamu taasisuu akka qabu akka yaada furmaataatti ka’amee jira.
III
v Tarreeffama gabateewwanii fi ibsitoota fakkiiwwanii- Qorannaa kana keessatti dhimmootni yakkaa mana murtiitti dhiyaatanii bu’uura seera deemsa falmii yakkaa Keewwata 134(1)’tiin manneen murtii aanaalee godina Jimmaa keessatti murtii argatan bal’inaan dhimma itti bahameera. Dabalataan murtiiwwan jecha amantaan aanaarratti murtii argatanii mana murtii olaanaa godiina Jimmatiin ilaalamanii ciman, fooyya’anii fi diigaman qorannaa kanaaf hojiirra oolanii jiru.
- Qorannoo kanaaf Heerri mootummaa Federaalawaa demokraatawaa Ripaablika Itoophiyaa, seerri Yakkaa, seerri deemsa falmii yakkaa, fi murtiiwwan dirqisiisoo dhaddacha ijibbaataa mana murtii waliigalaa federaalaatiin kennaman hojiirra oolani jiru.
v Furtuu jechootaa (gabaajeewwanii fi kottoonfattota)
SDFY= Seera Deemsa Falmii Yakkaa
SY= Seera Yakkaa
HMFDRI= Heera Mootummaa Federaalawaa Demokraatawaa Ripaablika Itoophiyaa
MMMWFDhI= Murtii Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataa Kwt= Keewwata
IV
BOQONNAA TOKKO:- Seensa Qorannoo
Seensa Qorannichaa
Duubessa qorannichaa (back ground of the study)
Kenniinsi murtii balleessummaa seera deemsa falmii yakkaa keessatti diriire ulaagaa, adeemsaa fi kaayyoo of danda’e ni qaba. Qabatama hojii keessatti akkaataa hubannaa ulaagaa kenniinsa murtii balleessummaa jecha amantaa himatamaa irratti hundaa’uun laatamu irratti jecha amantaaf waakkii tokkicha irratti hundaa’uun amaneera jedhamee murtiin balleessummaa mana murtii tokkoon kennamu mana murtii kaaniin diigamuun isaa ogeeyyii seeraa ogummaa walfakkaataa keessa jiran gidduutti jecha amantaaf waakkii himatamaa irratti hundaa’uun murtii kennuuf ulaagaa seerri kaa’e irratti garaagarummaan jiraachuusaatiif agarsiistuu ta’uu mala waan ta’eef ragaa qabatamaa irratti hundaa’uun fashaleessuu ykn mirkaneeffachuun barbaachisaadha.
Kanarraa ka’uun qorannaa kana gaggeessuun barbaachisaa ta’eetu argame.
Hima Rakkoo (statement of the problem)
Sirna seeraa biyya tokkoo keessatti mirgootni fi dirqamootni seerota muummee keessatti beekamtii argatan karaa imaammata haqa-yakkaa biyyattiin diriirsituun eegumsaa fi dawoo seeraa argatu.
Imaammati haqa yakkaa ammoo seerota muummee qofa otuu hin ta’in seerota deemsaa kaayyoo seerota muummee karaa salphaa fi baasii qusataa ta’een hojiitti hiikuun galmaan gahuu danda’aniin yoo hoogganaman bu’a qabeessa ta’u. Seerotni deemsaa amala isaaniitiin seerota muummee fi kaayyoo seerota muummee sanii gidduutti riqicha ta’uun kan tajaajilaniidha. Kanaaf, seerri deemsaa mirgoota namni tokko seerota muummee adda addaatiin goonfate haala haqaqabeessaa fi bu’a -qabeessa ta’een qixa hundaan akka hojiirra oolaniif shoora ol’aanaa taphata.
Sirna haqa yakkaa biyya keenyaa keessatti mirgoota shakkamaan heera mootummaa federaalawaa demokraatawaa federaalawaa Itoophiyaa (HMFDRI) bara 1987 ragga’ee fi waliigalteewwan idiladduunyaa biyyi keenyi mallatteessitee qaama seera biyyashee taasifatte keessatti beekamtii argatan keessa tokko; mirga namni shakkame jecha amantaa of irratti laachuudhaan (self incrimination) kan walqabatuudha. Kun abbaadhaa olitti namni ragaa bahuu danda’u hin jiru kan jedhu tilmaama kan ofkeessaa qabu ta’us adeemsi jecha fuuchuu sirnaan (strictly) yoo hin fuudhaminii fi hin ilaalamin murtii argata taanaan faayidaa tilmaamni kun qabu caalaa miidhaa inni nama yakka raawwate miliqsuun nama qulqulluu yakkisiisuu danda’u bal’aadha. Kanaaf, qaamni jecha amantaa himatamaan laatu fuudhuuf seeraan angeeffame, Manni murtii, mirgoota himatamaan qabu dhaddacharratti itti himuun, haala waliigalaa himatamaas dhaddacha irraa hubachaa dhugummaa jecha amantaa himatamaatis yaada keessa galchaa ajaja barbaachisaa ni kenna.
Ajajni karaa mana murtii darbu ammo, jecha amantaaf waakkii himatamaan dhaddacha irratti laatu irratti hundaa’ee qaamni himate (Abbaan Alangaa) yaada laatu tilmaama keessa galchuun seera faana xiinxalee ta’uu qaba. Abbaan seeraa mana murtiitti ajaja kana laatuu fi Abbaan Alangaa jecha amantaaf waakkii himatamaa irratti hundaa’ee yaada murtiin balleessummaa naaf haa kennamu ykn ragaan kiyya naaf haa dhagahaman jedhus barumsa walfakkaataa fi ogummaa tokko keessa kan jiraniidha. Haata’u malee, jecha amantaaf waakkii himatamaa irratti hundaa’uun ajaja bu’uura seera deemsa falmii yakkaa (SDFY) Kwt. 134 fi kwt.135’tiin kennamuu qabu irratti hubannaan gama ogeeyyii kanaatiin jiru maal fakkaata kan jedhu sakatta’amuu qabaata.
Kaayyoowwan seera deemsa falmii yakkaa biyya keenyaatiin galma ga’uuf yaadamanii seerri deemsa falmii yakkaa itti tumame qajeeltoowwan seera adeemsaatiin hoogganamuun murtiin yoo dabarfame mirgi shakkamaa ni kabajama; ol’aantummaan seeraas akkasuma. Bu’aan kanaa ammoo Haqa mirkaneessuun amantaa uummanni kabajamuu seeraa irratti qabu ni guddisa. Kun yoo hin ta’in hafe faallaa kanaa balaa hammaataa sarbamuu mirga himatamaa fi cabuu seeraa hordofsiisuun amantaa uummati sirna haqaa biyyattiirraa fi qaamolee haqaa irraa qabu gadi bu’aa deema.
Qaamolee haqaa gidduutti garaagarummaa hiikkoo seeraa xiqqeessuu kaayyoo isaa taasifatee kan hojjachaa jiru manni murtii waliigalaa Federaalaa fi Naannoo oromiyaa dhaddacha ijibbaataa isaaniitiin yeroo garagaraa haala yaada amantaa himatamaa irratti hundaa’uun murtiin balleessummaa himatamaa irratti darbuu qabu irratti murtii kan kennan ta’us, ammas haalli galmee jecha amantaa irra hubatamu murtiin kenname oliyyataan diigamaa jiraachuu isaati. Kunimmoo, yaadamni jecha amantaa himatamaa irratti hundaa’uun bu’uura sdfy, kwt.134 tiin murtii balleessummaa laachuun walqabatee jiru haala wal fakkaatuun hojiirra oolaa kan hin jirre ta’uu agarsiisa.
Qorannoo kanaafis sababa kan ta’e, manneen murtii aanaalee godina Jimmaatti murtiiwwan jecha amantaa himatamaa irratti hundaa’amee laatame oliyyataan haalli itti diigamaa jiru mul’achaa jiraachuu isaarraan kan ka’e, sakatta’a gaggeessuun gara fuula duraatti dhimma murteessa murtii balleessummaa fi adabbii jecha amantaa himatamaa qofaa irratti hundaa’amee laatamu irratti xiyyeeffannoon ol’aanaan itti kennamee irratti hojjatamuu akka qabu kan agarsiisudha.
Barbaachisummaa Qo’annichaa (Significance of the study)
Qorannoon gaggeeffame seeraaf qabatamni jecha amantaaf waakkii himatamaa irratti hundaa’anii murtii balleessummaa laachuu maal akka fakkaatu agarsiisuufidha. Kanaan alas qo’annaan kun faayidaalee kanaa gaditti tarreeffaman ni qabaata. Isaanis:
- Ogeessoti seeraa (Abbootiin Seeraaf Abbootiin Alangaa) jecha amantaaf waakkii himatamaa irratti hundaa’uun murtii balleessummaa kennuuf ulaagaa seerri rogummaa qabu teechise haala/bifa kamiin gara hojiitti hiikaa akka jiran akka of ilaalaniifidha.
- Argannoo qo’annaa kanaa irraa ka’uudhaan ogeeyyiin seeraa qabatama hojii keessa jiran, qaawwa hojimaata jecha amantaa fi waakkii himatamaa irratti hundaa’anii murtii balleessummaa kennuu keessatti mul’atan qorannoo kana irraa waan hubataniif hafuura seerichaa qixa barbaachisaa ta’een hojiirra akka oolchan ni gargaara.
- Qo’annichi qo’annaa gara fuula-duraa mana hojjichaatiin ykn qaama biraatin adeemsifamuufis akka ka’umsaatti ni tajaajila.
Gaaffilee qorannichaa isaan bu’uuraa (Basic research questions)
Kaayyoo qorannicha galmaan gahuuf qorannoon kun gaaffiilee bu’uura qorannichaa armaan gadii kan deebisu ta’a.
- Jecha amantaaf waakkii himatamaa irratti hundaa’uun murtii balleessummaa kennuu seerri deemsa falmii yakkaa diriirse irratti garaagarummaan hubannoo/yaadaa ogeeyyii seeraa (abbootii Alangaa fi Abbootii seeraa) gidduu jiraa?
- Seerri fi qabatamni jecha amantaa himatamaa irratti hunda’anii murtii balleessummaa kennuu akka manneen murtii aanaalee fi mana murtii ol aanaa godiina Jimmaatti jiru maal fakkaata?
- Jecha amantaa ulaagaa seerichi teechise hin guunneen murtiin balleessummaa kennamu dhiibbaa maalii hordofsiisa?
- Jecha amantaa himatamaan gocha yakkaa ittiin himatame raawwadheera jechuun kennu ilaalchisee jechi amantaa himatamaa ulaagaa seerichi teechise yoo hin guunne yaadi abbaan alangaa dhaddacha irratti laatu maal ta’uu qabaata?
Kaayyoo Qo’annichaa (Objective of the study)
Qorannoon kun kaayyoowwan armaan gadii qabaata. Isaanis: Kaayyoo gooroo fi kaayyoo gooreeti.
Kaayoo Gooroo (General objectives)
Kaayyon gooroo qorannoo kanaa Abbootiin Alangaa fi Abbootiin Seeraa mirga himatamaa kabajuu fi haqa mirkaneessuuf dirqama heeraaf seeraa fudhatanii/baadhatanii hojjachaa jiran, jecha amantaaf waakkii himatamaan dhaddacharratti kennuun wal qabatee; abbootiin alangaa yaada yoo laatan, akkasumas abbootiin seeraas jecha amantaa himatamaan kennu irraatti murtii balleessummaa ykn jal-murtii biroo yoo kennan ulaagaalee seera deemsa falmii yakkaa (s/d/f/y.kwt. 134 fi 135) keessatti tumamanii jiran hubatanii fi kabajanii hojjachuurratti maal fakkaatu kan jedhu agarsiisuudha.
Kaayyoo Gooree (Specific objectives)
Kaayyoowwan gooree qorannoo kanaa:
- Ogeeyyiin seeraa (abbootiin Seeraaf abbootiin Alangaa aanaalee fi godiina Jimmaa) jecha amantaa fi waakkii himatamaan dhaddacha irratti laatu fi seera rogummaa qabu walsimsiisuu irratti hubannaan jiru maal akka fakkaatu agarsiisuudha.
- Jecha amantaaf waakkii himatamaa irratti hundaa’anii murtii balleessummaa kennuu fi kaayyoo seera yakkaa galmaan gahuu gidduu hariiroo jiru agarsiisuu.
- Seerri fi qabatamni jecha amantaa himatamaa irratti hundaa’anii murtii balleessummaa kennuu akka manneen murtii aanaalee fi mana murtii ol aanaa godiina Jimmaatti jiru maal akka fakkaatu agarsiisuu fi hanqina gama hojimaataan jiru mul’isuun fala akeekuu dha.
- Jecha amantaa himatamaa ulaagaa seeraa hin guunneen murtii balleessummaa kennuutiin dhiibbaan mudachuu danda’u maal akka ta’e agarsiisuu.
- Jechi amantaa himatamaan yakka ittiin himatame raawwadheera jechuun dhaddacha irratti kennu ilaalchisee; yaada abbaan alangaa dhaddachaa irratti kennuu fi jal-murtiin/murtiin abbaan seeraa kennuu qabuuf yaada furmaataa akeekuudha.
Malaa Fi Tooftaa Qorannichaa
Mala Qo’annichaa – Research Methodology
Qo’annoon adeemsa waa argachuuf godhamuudha. Argannoo qo’annoo tokko irra ga’uuf immoo gosoota qo’annoo addaa addaa fi maloota qo’annoo adda addaatti fayyadamuun dirqama.
Bu’uruma kanaan qo’annoon taasifames jecha amantaa himatamaa irratti hundaa’uun kenniinsa murtii balleessummaa seeraa fi qabatama akka manneen murtii aanaalee fi godiina Jimmaatti jiru agarsiisuuf, gosoota qo’annoo beekkaman sadan keessaa gosa qo’annoo poolisiiwwan, sagantaawwanii fi raawwatamiinsa isaanii madaaluu fi gamaaggamuu (Evaluative research) dha.5
Kana malees qo’annoon kun maloota qo’annoo beekkaman lamaan (the two major research approaches) keessaa malli qo’annoo akkamtaa ykn kuwaaliteetivii faayidaarra ooleera.
Irraawwatama Qorannichaa – Total Population
Irraawwatamni qorannoo kanaa manneen murtii aanaalee Godina Jimmaa fi mana murtii ol aanaa godiina Jimmaatti galmeewwan jecha amantaa fi waakkii himatamaa irratti hundaa’amee murtiin balleessummaa irratti laatame irratti dha. Aanolee diigdamii tokko (21) godinni Jimmaa of jalaa qabdu dabalatee manneen murtii aanaa magaalaa Jimmaa fi mana murtii ol aanaa godina Jimmaa irraawwatama qorannichaa ta’u. Kanaaf, qorannichi manneen murtii aanaalee diigdamii tokkoon keessaa kudha tokko fi mana murtii ol aanaa godina Jimmaa irratti kan gaggeeffame yoo ta’u, manneen murtii dhimma kanaaf filataman baay’ina galmee isaanii fi ulaagaa biroo irratti hundaa’uun sadarkaa aanaalee biiroo A/Alangaa waliigalaa Oromiyaatiin bahe irratti hundaa’uun bifa sadarkaalee arfan sadarkaa aanotaa giddu gala godhateen itti yaadamee (purposive sampling) kan filatameedha. Manni murtii ol aanaa godina Jimmaatis galmeewwan aanaalee diigdamii tokkon irraa ol iyyataan dhiyaatan carraan ilaaluu isaa bal’aa waan ta’eef, akkasumas galmeewwan qorannoo kanaaf rogummaa qaban kan aanaalee hunda irraa dhiyaatan salphaatti argachuun waan danda’amuuf, akkasumas ejjannoon mana murtii olaanaa jecha amantaa himatamaa irratti hundaa’amee murtii kenname irratti qabu hubachuuf carraa guddaa waan qabaatuuf itti yaadamee kan filatameedha. Ibsa irraawwatama qorannichaa gabatee armaan gadii irra ilaaluun ni danda’ama.
Gabatee 1: irraawwatama qorannaan kun irratti gaggeeffamee
Maqaa Godinaa | Maqaa Aanaalee odeeffannoon irraa funaanamee |
Godina Jimmaa | Gommaa, S/Coqorsaa, L/Kossaa, magaalaa Jimmaa, Sh/Somboo, Maannaa, L/Saqqaa, Manchoo, O/Beeyyam, N/Beenjaa fi B/Xoollaay |
Maddoota Ragaa Qorannichaa
Qorataan qorannoo isaa keessatti madda ragaa tokkoffaa fi madda ragaa lammaffaa fayyadame. Madda ragaa tokkoffaan; Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa irraa odeeffannoo argame fi doowwii dhaddachaa gaggeesseen walitti qabate. Madda ragaa lammaffaan immoo; Mana murtii fi Waajjira Abbaa Alangaa godinaa dabalatee aanaalee filataman irraa galmeelee jecha amantaaf waakkiitiin murtii argatan, akkasumas kitaabootaa fi seerota qo’annichaa waliin rogummaa qabanidha.
Iddattoo fi Mala iddatteessuu qorannichaa
Irraawwatama qorannichaa keessaa wayita daawwannaa fi gamaaggama hojiitiif gara Aanaaleetti imalame, daawwannaa hojiitiin cinaatti odeeffannoo qorannaa kanaaf tajaajilu, manneen murtii Aanaalee jiran keessaa; baay’ina galmee isaanii fi ulaagaa biroo irratti hundaa’uun sadarkaa aanaalee biiroo A/Alangaa waliigalaa Oromiyaatiin bahe irratti hundaa’uun bifa sadarkaalee arfan sadarkaa aanotaa giddu gala godhateen itti yaadamee (purposive sampling) filachuun danda’ameera. Qorannaan kun gara yaada waliigalaa tokkotti dhaqqabuuf yaadota ogeessotaa
(Abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa) qofarratti kan hundaa’e osoo hin ta’in, hojii isaan qabatamaan galmee irratti agarsiisan kan hammateedha. Akka waliigalaatti, qorannaan kun abbootii seeraa aanaa 130 jiran keessaa 34 fi abbootii Alangaa 150 keessaa 43 bargaaffiin hirmaachisee jira. Akkasumas, galmeewwan dhimmichaaf rogummaa qaban 28 irratti xiinxala gaggeeffame kan haammateedha. Gabateen armaan gadiitis kanuma agarsiisa.
Gabatee 2: Ibsa iddattoo fi iddatteessuu qorannaa kanaa
T.Lakk | Madda ragaa | Kan karoorfa me | Baay’ina raawwii |
1 | Abbootii seeraa | 40 | 34 |
3 | Abbootii Alangaa | 50 | 43 |
4 | Galmee murtii M/Murtii aanaaleetti jecha amantaa himatamaatiin murtii argate | 30 | 28 |
5 | Galmee murtii M/Murtii ol aanaatti jecha amantaa himatamaatiin murtii argate | 2 | 0 |
Meeshaalee sassaabbii odeeffannoo
Qorannoo kanaaf iddattoowwan irraa odeeffannoo sassaabuuf mala adda addaatiin gargaaramneerra. Malli ragaa funaanamu baay’ee ta’us maloota kanneen keessaa: – marii garee, bar – gaaffii, Sakatta’insa Galmee fi daawwannaa Dhaddachaa dhimma itti ba’ameera.
Mala Xiinxala Ragaalee
Qorannoon kun odeffannoowwaan maddawwan qorannaa qorannichaa irraa walitti qabaman sassaabbuun toora galchuun kan cuunfameedha. Itti aansuun odeeffaannoo madda ragaa tokkoffaa fi lammaffaa walbira qabuun bifa ibsuutiin qaccessuun kan xiinxalameedha. Haaluma kanaan, ragaaleen funaanaman mala qulqulleeffannaatiin kan himamanidha.
Daangaa Qorannichaa (Scope of the study)
Qorannoon kun dhimmoota yakkaa bu’uura s/d/f/y kwt.134 tiin murtii balleessummaa fi adabbii garagaraa argatan ilaalchisee, hojii Abbootiin Alangaa fi Abbootiin seeraa manneen murtii aanaalee godina Jimmaa fi mana murtii olaanaa godina Jimmaa keessatti bara 2013-2014 dalagaman irratti qofa kan xiyyeeffatuudha. Kana waan ta’eef, qorannichi hojii manneen murtii godinaalee gara biraa keessatti raawwatamaa turan kan ilaallatu miti. Kanaafuu, qorannichi hojii Abbootii seeraa fi Abbootii Alangaa olitti caqafameen bakka eerame qofaa irratti kan daangeffamu ta’a.
Daangeeffama/Hudhaalee Qorannichaa
Qorannaan kun akkuma qorannaawwan gara biroo hudhaalee garagaraa keessa darbuun kan xumurameedha. Hudhaalee qorannaa kanaa keessaa inni ijoon hanqina yerooti. Hojichi hojii idilee cinaatti kan dalagame ijaa ta’eef hanqinni yeroo yeroo hedduu ol kaa’uu fi itti deebi’anii hojjachuun dirqama ta’ee tureera. Dabalataan, qorannaan hojii irraa kun qorattootaaf kan jalqabaa ta’uu isaatiin foormaatii hordofamuu qabu irratti hanqinni kan tureedha. Haata’u malee, hojii idileen alatti halkanii fi dhuma torbaniitti fayyadamuun hanga danda’ametti bara hojii kana keessatti xumuruun danda’amee jira. Gama biraatiin, qorannoo kanaaf maddoota odeeffannoo gara garaa Aanaaleerra socho’uun sassaabuuf baajatni gahaan waan hin turreef, baajatni gahaan ramadamuu hafuun hudhaa qorannoo kanaati. Qorannoon kun hudhaalee armaan olitti caqasaman kan isa mudatee ture ta’us, tooftaa qorannoo fayyadamneen rakkoo ka’ame hiikuun, qorannichaan argannoo adda baasuun fi rakkoowwan mul’ataniif furmaata/ kallattii fuul duraa akeekuun danda’ameera.
Caaseffama Qorannichaa
Qorannaan kun kutaalee ykn boqonnaawwan gurguddoo afuriin caaseeffamee gaggeeffamee jira.
Boqonnaan jalqabaa seensa qorannichaa kan ibsu yommuu ta’u, barruuwwan garagaraa dhimma qorannaa kanaatiif rogummaa qaban boqonnaa lammaaffaa jalatti sakatta’amanii jiru. Boqonnaan sadaffaa qorannaa kanaa Yaadota Maddoota Odeeffannoo qorannoo kana gaggeessuuf dhimma itti ba’aman Irraa Sassaabaman tarreessuuni fi Xiinxaluun Argannoowwan Qorannichaa kan gabaasu ta’a. xumura irratti qorannichi boqonnaa afraffaa jalatti guduunfaa fi yaada furmaataa laachuun goolabamee jira.
BOQONNAA LAMA:- SAKATTA’A HOG-BARRUU (Review of literature)
Seensa
Seerri yakkaa meeshaa duudhaalee hawaasa tokkoo kan calaqqisiisuu fi tarkaanfachiisuudha.[1]
Yakki gocha yeroo kamiyyuu hawaasa keessatti uumamuu danda’u waan ta\’eef tarkaanfiin yakkamtoota irratti fudhatamuun isaa waan hafu miti.[2] Tarkaanfiin fudhatamu kun ammoo adeemsa seeraa diriire keessa darbuun (procedural due process of law) kan raawwatamuu qabudha.[3] Akkaataa tarkaanfiin seera yakkaa nama himatame irratti fudhatamu ammoo dhagaha ragaatiin dura fi/ykn booda ta’uu danda’a.[4] Dhagaha ragaatiin duratti murtiin balleessummaa kan kennamu jecha amantaa himatamaan himannaa isarratti dhiyaate irratti laatu[5] irratti kan hundaa’u yommuu ta’u dhagaha ragaatiin booda murtiin kennamu ammoo falmiin guutuun ragaa Abbaa Alangaa[6] fi ragaa ittisaa himatamaa[7] irratti hundaa’amee bu’aa qorannoo galmee irratti kan hundaa’uudha.[8] Kanaafuu, akkaataa jecha amantaaf waakkii himatamaa irratti hundaa’ee murtiin balleessummaa himatamaa irratti darbu waliin wal qabatee qabxiilee ka’uu qaban keessaa ijoon; kaayyoo seera Yakkaa,[9] ulaagaa seera deemsa falmii yakkaa jecha amantaaf waakkii himatamaan kennu irratti hundaa’anii murtii balleessummaa kennuu fi bu’aa ykn faayidaa jecha amantaa himatamaa irratti hundaa’anii murtii balleessummaa kennuun qabuu fi jecha amantaa himatamaa ulaagaa seeraa hin guunneen murtii balleessummaa kennuutiin dhiibbaan mudachuu danda’u maali kan jedhufaadha.. Kaayyoo seera yakkaa galmaan gahuuf seera deemsaa falmii yakkaa hubachuun harcaatii malee hojiitti hiikuun murteessaadha.
Sirni deemsa falmii yakkaa sirnoota seeraa gurguddoo lamaan (sirna seera siviilii fi sirna seeraa komanii) keessatti kan jiruudha. Sirnoota lamaan keessattuu, kaayyoo seera muummee galmaan gahuuf seerri deemsa falmii akka riqichaatti kan tajaajiluudha. Akka biyya keenyaatti tumaalee itti gaafatamummaa yakkaa himatamaa mirkaneessuuf diriiran keessaa tumaan jecha amantaaf waakkii himatamaa irratti hundaa’uun murtiin balleessummaa itti darbu ulaagaa isaa faana ifaan seera deemsa falmii yakkaa yeroo ammaa hojiirra jiru keessatti tumamee argama.[10] Bu’uuruma kanaan, kaayyoo seera yakkaa fi jecha amantaa himatamaa irratti hundaa’anii murtii balleessummaa kennuun boqonnaa kana jalatti kan ilaalaman ta’a.
Kaayyoo Seera Yakkaa
Biyyoota hedduu keessatti Seerri yakkaa seera bara heddu lakkoofsiseedha.[11] Dantaan dhuunfaa beenyaa kaffalchiisuun kan dhidhiibamu ykn furmaata argatu yommuu ta’u, dantaan uummataa/mootummaa ammoo gochaa yakkaa adabuudhaan dhimma bahama.[12][13] Adabbiin falaasama seeraa Kan mataa isaa fi yaad-hiddama (theories) mataa isaa kan qabu yemmuu ta’u, raawwattootni yakkaa adabbii isaanii xumuranii lammii gaarii ta’uun yemmuu gara hawaasaatti makaman kan yakka lagatanii fi kaaniifis fakkeenya gaarii akka ta’an taasisuu keessatti gaheen adeemsa murteessa adabbii ol’aanaadha.[14] Seerri yakkaa Itoophiyaa kaayyoo waliigalaatiif jecha nageenya, tasgabbii, sirna, mirgaa fi faayidaa mootummaa, uummataa fi jiraattoota biyyattii eeguufi mirkaneessuu akka ta’e keewwata 1 jalatti tumee jira. Kanarraa ka’uun, namaa fi qabeenya namaatiif eegumsa taasisuu, namni yakka akka hin raawwanne akeekkachiisuu, kan yakka raawwatee argame adabuu, fi nama adabame haaromsuun gara hawaasaatti akka makamu taasisuun kaayyoo seera yakkaa akka ta’e hubachuun ni danda’ama.[15] Kaayyooleen gurguddoo seera yakkaa kunniin ammoo akka armaan gadiitti ilaalamanii jiru.
Namaa fi qabeenya namaatiif eegumsa taasisuu
Dhalli namaa jiruuf jireenya isaa keessatti wabii nageenya qaamaa fi eegumsa qabeenyaa isa barbaachisa.15 Wabiin hawaasaaf barbaachisu kunis: wabii lubbuun jiraachuu[16] fi nagaan bahanii galuu (eegumsa qaamaa)[17] akkasumas wabii eegumsa qabeenyaa dabalata.[18] Kun ammoo kan mirkanaa’uu danda’u karaa seera yakkaa nagaaf tasgabbii hawaasichaa eeguu dandeessisu qabaachuutiin waan ta’eef, kaayyoon jalqabaa seera yakkaa seerri akka kabajamu taasisuun eegumsa hawaasaaf taasisuudha.[19] Seerri yakkaa dhimma dhuunfaa caalaa nagaa fi tasgabbii hawaasaaf eegumsa laachuu yemmuu ta’u, achi keessatti immoo namni dhuunfaa fi qabeenyi isaa eegumsa akka argatu taasisa.[20]
Yakka ittisuu ykn Akeekkachiisuu (Deterrence of criminal behaviour)
Yakka ittisuun kaayyoowwan seera yakkaa fi adabbii yakkaa keessaa isa tokkodha.21 Kaayyoon seera yakkaa kun yakka ittisuu irratti kan xiyyeeffatu yommuu ta’u, adabbii kennamuun sodaa yakka raawwachuu uumamuun yakka ittisuun ni danda’ama jedhu kan qabuudha.22 Adabbii hangamtu barsiisuu danda’a kan jedhu dhimma xiyyeeffannoo barbaadudha.[21]
Kaayyoo kana keessatti 1ffaan namticha badii yakkaa raawwate mataa isaa adabuun gara fuula duraatti yakka biraa akka hin raawwanne kallattiin barsiisuun (specific deterrence) kaayyoo akeekkachiisaa isa muummee yommuu ta’u; namoonni biroo ammoo adabbii nama yakka raawwate irratti raawwatamu ilaalanii yakka dalaguu irraa akka of qusataniif (general deterrence) karaa alkallattiin barsiisuun kaayyoo akeekkachiisaa isa biraati.24 Qajeelfamni adabbii lakk.2/2006 seensa jalatti akeekkachiisuun kaayyoo seera yakkaa ta’uu isaa bifa ifa gala ta’een kaa’ee jira.[22] Kanaaf, adabbiin yemmuu murtaa’u yaada kallattii fi al-kallattiin barsiisuu fi akeekkachiisuu jedhu ilaalcha keessa kan galche ta’uu qaba jechuudha.
Gochaa yakkaa Adabuu/punishment of criminal activity/
Kaayyoon seera yakkaa kun erga akeekkachiisi dursa laatame booda, yakkamaan yoo mirga nama biroo seeraan eegumsi laatame sarbee argame namni kun gocha isaatiif kan kaffalu seerri yakkaa namticha gochicha raawwate yeroo murtaa’eef mirga bilisummaan socho’uu isaa yoo dhorkeedha.[23]
Namni yakka raawwatef adabamuu qaba yemmuu jedhu immoo adabbiin murtaa’us gochicha waliin kan wal madaalu ta’uu akka qabus ni akeeka. qajeelfamni adabbii seensa irratti adabuun kaayyoo seera yakkaa akka ta’e agarsiisuuf yaalee jira.[24] Qajeelfamichi kwt jalqabaa sarara 4ffaa
irratti …ጥጥጥ ጥጥጥጥጥጥ ጥጥጥጥጥ ጥጥጥ ጥጥጥጥጥጥ…jechuun kaa’ee jira. Kana irraa ka’uun adabbiin kun akka kaayyoo seera yakkaa (SY) biyya keenyaa keessaa isa tokko ta’etti hubachuun ni danda’ama.
Ittisuu/Dandeettii Dhabsiisuu (Incapacitation or Disabling)
Kaayyoowwan adabbii yakkaa keessaa inni kun namootni adagamoo ta’anii fi yakka raawwachuu barsiifata taasiifatan yemmuu badii raawwatan yoo hawaasatti makaman yakka gara biraa raawwachuu danda’u yaad-rimee jedhu qabaachuun namoonni kunniin yakka biraa akka hin raawwanneef mirga walabaan socho’uu isaanii dhorkuun barbaachisaa akka ta’etti lafa kaa’a.[25] Hawaasni akkuma nama yakka raawwateen miidhaman, yakkamaanis miidhamee arguuf hawwii guddaa qabu (Emanuel Kant akka jedhutti) irraa ka’uun Kaayyoon adabbii kun mataa isaatti bal’inaan kan hojii irra tureefi ammas hojii irra ooluu irratti kan argamuudha.[26][27]
Kanaaf, yeroo ammaa kana yakkamaa ittisuun/dandeetti dhabsiisuun kun faayidaa inni argamsiisu irraa miidhaan isaa ol’aanaadha.[28] Karaa tokkoon bakki namoonni kun itti to’ataman sadarkaa yakkamtoota kanaatiin adda bahuu osoo qabuu haalli (fkn hidhamtooti hidhaa cimaa fi hidhaa salphaa) walfaana hidhaman ykn ittifaman kan jiru waan ta’eef, namoonni hagas mara hamaa hin ta’in yeroo ittifaman kana keessa haala raawwii yakkaa kan biraa baratanii bahu waan ta’eef; kara biraatiinis hanga baay’inni ittifamtootaa dabalaa deemuun baasiin mootummaan nyaata, bishaan, eegumsaa fi kanneen biroo mirgoota ittifamtootaa ta’an guutuuf baasu daraan olka’aa waan deemuuf ittisuun kun miidhaa gara lamaanii ni qabaata. Kana waan ta’eef ittisuun kun filannoo isa dhumaa ta’uu akka qabu ni gorfama.[29]
Seera yakkaa Itoophiyaa keewwata tokko jalatti akkasumas seensa seerichaa keessatti kallattiin barraa’ee jiraachuu baatuyyuu ittisuun kaayyoo seera yakkaa biyya keenyaa akka ta’e haala adabbileen bilisummaa dhuunfaa dhabsiisan itti darbuu qaban tumuuf qajeeltoo keewwata 106 fi
108 jala jiran irraa ka’uun ittisuun kaayyoo seera yakkaa biyyattii akka ta’e hubachuun ni danda’ama. 32
Sirreessuu fi Haaromsuu (Reformation or Rehabilitation of the criminal)
Kaayyoo seera yakkaa keessaa tokko kan ta’e haaromsuun bu’uuraan jijjiirraa Xiin-sammuufi amala yakkamaa fiduu irratti kan xiyyaaffatuudha.[30] Galmi kaayyoo kanaa baay’ina yakkamtootaa xiqqeessuu yemmuu ta’u, sodaachisuun osoo hin ta’in yakkamtootaaf barumsa fi leenjii barbaachisaa kennuun akkasumas hojii seera qabeessa hojjachiisuun xiinsammuu isaanii jijjiiruun yakkamtootni adabbii isaanii yommuu xumuranii bahanitti lammii gaarii ta’anii hawaasa keessa akka jiraachuu danda’an taasisuudhaani.34 Kanaafis barumsaafi xiin-sammuu taasifamuun namni kun yakka biraa gara fuula duraatti akka hin raawwanne ni taasisa yaad-rimee jedhu kan qabudha.[31]
Seera yakkaa biyya keenya keessatti yemmuu ilaalamu kwt 1ffaa jalatti akka walii galaatti keewwata 162 jalatti immoo akka addaatti kaayyoon kun kaayyoo adabbii yakkaa akka ta’e hubachuun ni danda’ama. Cuunfaatti namni yakka raawwateef adabamee haaromee sirratee hawaasatti akka makamu taasisuun namichi gara fuula duraatti yakka biraa akka hin raawwanne gochuudha.36 Akka addaatti immoo tarkaanfilee eeggannoofi adabbiilee namoota gaayilaaf hin geenye (young offendors) irratti fudhataman tumuuf boqonnaa 4ffaa Seera yakkaa jalatti keewwati jiran tarkaanfiiwwaniifi adabbiiwwan yakkamtootaa umuriin isaanii 9-15 gidduu jiran irratti fudhataman guutummaan guutuutti yaad-rimee kaayyoo kanaa kan of keessatti qabatanidha.[32] Walumaagalatti, kaayyoon seera yakkaa yakki akka hin raawwatamne ittisuu, yoo raawwatames namni yakkicha raawwate addatti bahee adabbii isaaf malu argatee innis ta’ee hawaasni akka irraa baratu gochuun nageenya hawaasaa mirkaneessuudha.[33]
2.2. Bu’uura seera deemsa falmii yakkaa Kwt 134 tiin kenniinsa murtii balleessummaa
Himatamaan adeemsa himannaa keessatti jechi amantaa inni mana murtiitti dhiyaachuun laatu gosoota ragaa fudhatamummaa qaban keessaa isa tokkodha.[34] Jechi himatamaan gocha ittiin himatame amanuun kennu ammoo himatamaa gochicha raawwachuu isaatiif jecha amantaa laaterratti malee nama biroo isa faana gochicha raawwachuu isaatiif himatamee gocha ittiin himatame hin raawwanne jedhee haalee falmu irratti raawwatiinsa hin qabaatu.[35][36] Kana jechuun jechi amantaa himatamaan mana murtiitti dhiyaatee gocha ittiin himatame amanuun laatu namichumarratti daanga’ee kan hafu malee namoota gara biroo isa faana gochicha raawwachuu isaaniitiif garee tokkoonis ta’e addatti himataman irratti raawwatiinsa hin qabaatu jechuudha.[37]
Himatamaan himannaa isarratti dhiyaate sirriitti hubatee gochicha raawwachuu isaammoo bu’uura firii himannaarratti barraa’een guutummaan guutuutti amanee jecha isaa yommuu kennetti jechisaa kun himannaa isarratti dhiyaateef ragaa ta’ee ragaadhuma kanarrattimmoo hundaa’amee murtiin balleessummaa haalli kennamuu danda’u diriiree jira.[38] Murtiin balleessummaa bifa kanaan kennamus kan mana murtii murticha laate biratti qofa daanga’ee hafu otuu hin ta’in manneen murtii sadarkaan jiraniif oliyyannaan ilaalamuu kan danda’uudha.[39] Mirga oliyyannaa eegumsa heeraa argate kana ammoo qabatama hojiitti hiikuuf sirni diriire waan jiruuf, jecha amantaa laatame irratti hundaa’amee murtii balleessummaa laatamurratti dogoggorri yoo uumame himatamaan ol’iyyataan mirga isaa kabachiifachuu ni danda’a.[40]
Haalli himatamaan jecha amantaa isaa laatee jecha amantaa isaarratti hundaa’amee balleessadha ittiin jedhame, ijoo falmii oliyyataa isaa keessatti kaafachuu danda’u gocha ittiin himatame akka himannaa narratti dhiyaateetti hin amanne garuu amaneera jedhameetan murtiin balleessummaa narratti laatame jechuun yommuu iyyatutti himatamaan tumaa seeraa irra darbeera jedhamee himatame jalatti ulaagaawwan jiran yommuu jecha amantaaf waakkii isaa laatu, haala raawwii tumaa seeraa yakkicha hundeessuutiin raawwateera moo hin raawwanne kan jedhu adda baasuuf, jechi amantaaf waakkii himatamaan kennee balleessaadha ittiin jedhame guutummaa guutuutti galmee keessatti barraa’ee yoo hin argamne manneen murtii sadarkaa oliitti argaman bu’uura tumaa SDFYKwt 134(1)’tiin murtii balleessummaa kenname sirrummaa isaa fudhachuun isaan rakkisa.[41]
Kanaaf, himannaa himatamaa irratti dhiyaate ilaalchisee yommuu himatamaan jecha amantaa fi waakkii isaa laatu, manni murtii dhimmichi dhiyaateef; raawwii yakkichaa, yeroo fi bakka addaa yakkichi itti raawwate, miidhamaa yookin qabeenya yakkichi irratti raawwatame bu’uura tarreeffama himannaatiin amanuuf amanuu dhabuu himatamtichaa adda baasuuf jecha; jecha himatamtichaa jecha jechaan galmee irratti galmeessuu qaba.[42]
Bu’uura seera deemsa falmii yakkaa Kwt 134(1)tiin murtiin balleessummaa kan kennamuu danda’u jechi himatamtichi yommuu jecha amantaa fi waakkii isaa kennatu galmeessifate bu’uura himannaa isarratti dhiyaateen guutummaan guutuutti hambifannoo tokko malee yommuu amanuun isaa mirkanaa’udha.47 Himatamtichi hafuura tumaa SDFY Kwt 134(1) tiin amaneera jechuuf ammoo jechi inni laate kan ilaalamee madaalamuu qabu tartiiba himannaa Abbaa Alangaa qofaa waliin otuu hin ta’in hafuura tumaa seeraa himannaa Abbaa Alangaa keessatti caqafamee dhiyaate waliinis ta’uu qaba.[43]
Jechi galmee irratti galmaa’e tartiiba himannaa A/Alangaa fi hafuura tumaa himannaan ittiin hundaa’e akkaataa seerri deemsa falmii yakkaa ajajuun yommuu ilaalamu kan yakkicha hundeessu ta’uu fi ta’uu dhabuun isaa yommuu shakkisiisaa ta’etti himatamaan himannaa irratti dhiyaate amaneera jedhamee balleessaadha jedhamuu hin qabu.49
Hafuura tumaa SDFY Kwt 134(1)tiin himannaa isarratti dhiyaate yommuu amanee murtiin balleessummaa fi adabbiin jechuma isaa kanarratti hundaa’ee itti laatamu, manneen murtii sadarkaa oliitti argamanitti ol iyyata fudhachuuf mirga kan qabu yoo ta’ellee, adabbii irratti yoo ta’e malee, murtii balleessummaa isaarratti ol iyyata dhiyeeffachuu hin danda’u.[44] Kana jechuun ammoo namni himatamee gocha ittiin himatame amanee murtii balleessummaa fudhatu mirga ol iyyannoo isaa kan dhiphisaa jiru ta’uun hubatamuu qaba.[45] Namni yakkaan himatamee yakkicha raawwachuun isaa fi tumaa seeraa irra darbame raawwachuu isaa amane, garuu immoo, jechi amantaa isaa sun bu’uura tarreeffama himannaatiin yoo hin taane, jecha amantaa inni gamisaan kenneen ykn jecha inni laateen alatti ba’uun, murtiin balleessummaa duuchaadhumatti akka waan amaneetti lakkaa’uun kennamuu hin qabu.[46]
2.2.1. Ulaagaa jecha amantaa himatamaa irratti hundaa’anii murtii balleessummaa kennuu
Himatamaan himanni isarratti dhiyaate dhaddacha irraa dubbifameefii sirnaan himannaa isarratti dhiyaate himatamaan akka hubatu erga taasifamee booda,53 himatamaan jecha amantaa fi waakkii akka laatuuf manni murtichaa yommuu gaafatu, jechi himatamaan raawwii yakkichaa ilaalchisee laatu[47] jecha jechaan galmee irratti galmaa’uu qaba.[48]
Himatamaan himannaa isarratti dhiyaate irratti yommuu jecha amantaaf waakkii gaafatamu, callisuu yoo filate yookin ammoo gocha ittiin himatame haalee yoo falme guutummaa guutuutti haaleera jedhamee galmee keessatti barraa’a.[49] Himatamaan yakkicha amanee garuu raawwii isaa ilaalchisee gaaffii seeraas ta’e kan biroo bifa qabuun mirga isaa eeggate kan gamisaan ykn hambifannoodhaan kan amane yoo ta’es, amaneera jedhamee galmee irratti barraa’uu hin qabu.[50] Yeroo kanatti himatamaan akka haaletti galmaa’ee ragaan kan irratti dhagahamuu qabu ta’a.[51]
Jechi himatamaan laate bu’uura tarreeffama himannaa A/Alangaatiin ykn miidhamaa dhuunfaatiin[52] hambifannoo tokko malee ta’uun isaa fi gochi inni raawwadhe jedhee dhaddacha irratti laate tumaa seeraa inni ittiin himatame waliinis60 yommuu ilaalamu himatamtichi guutummaan guutuutti kan balleessaadha isa jechisiisu taanaan manni murtichaa himatamaan ani balleessaadha jedheera jechuun galmee irratti barreessuun murtii balleessummaa irratti laachuu qaba.[53] Murtiin bifa kanaan kennamu ragaan gama A/Alangaatiin dhiyaatan otuu hin dhagahamin kan kennamuudha.[54] Namni jechi amantaa isaa ulaagaa kana guutee murtiin balleessummaa itti laatame murtii balleessummaa komatee ol iyyata fudhachuu hin danda’u.[55] Haata’umalee, adabbii ilaalchisee mirgi ol iyyata fudhachuu isaa eegamaadha.[56]
Yeroo tokko tokko ammoo himatamaan jecha amantaa hambifannoo ijoo seeraas ta’e kan ijoo dubbii otuu hin qabaatin guutummaan guutuutti himannaa isarratti dhiyaate yommuu amanetti, manni murtii jecha himatamtichaa guutuu isaa galmee irratti erga galmeessee booda barbaachisummaa jecha ragaa Abbaa Alangaatti yoo amane himatamaan gocha ittiin himatame amaneera jedhee barreessee ka’eetu, Abbaan Alangaa ragaa isaa akka dhageessifatu ajaja laachuu ni danda’a.[57]
Walumaagalatti, himannaa dhiyaate himatamaan guutummaan guutuutti yommuu amanu jechi amantaa isaa bu’uura tarree himannaa irratti dhiyaateen ta’uu fi gochi raawwatame hafuura tumaa seeraa himatamtichi ittiin himatame waliinis ilaalamuu kan qabuudha.[58]
2.2.2. Faayidaa jecha amantaa himatamaa irratti hundaa’anii murtii balleessummaa kennuu
Himatamaan yakka ittiin himatame amanuu dhiisuuf mirga guutuu qaba. Mirgi eegumsa seeraa argate kun ammoo namichuma himatameen kan hojiirra oolu waan ta’eef, yoo fedhe haaluu, yoo hin feene ammoo amanuu[59] kan danda’uudha malee, kan namni biraa akka inni amanu ykn haalu isa taasisu miti. Ragaan dirqiin himatamaa irraa argamu fudhatamummaa qabaachuus hin qabu (inadmissible evidence). Haata’u malee, himatamaan gocha raawwatee ittiin himatame raawwachuu isaa fedhii isaa guutuudhaan yommuu kennu jechumti isaa gahaa ta’ee ragaa dabalataa dhagahuun otuu hin barbaachisin adabbiin madaalawaan kan itti darbu ta’a.[60] Adeemsa adabbii murteessuu keessatti ammoo jecha amantaa irratti hundaa’uun adabbii laachuun faayidaa kanaa gadii kan qabu ta’a.
2.2.2.1.Himatamaaf adabbiin ni hir’ifamaaf [61]
Namni himatamee mana murtiitti dhiyaate gocha ittiin himatame raawwachuu isaa hambifannaa tokko malee bu’uura tarree himannaa isa irratti dhiyaateen amanee yommuu jechuma isaa kanarratti hundaa’amee murtiin balleessummaa itti kennamu,[62] adabbiin kan hir’atuuf ta’a.[63] kaayyoon nama himannaa isarratti dhiyaatu amanuuf adabbii hir’isuu ammoo gochi inni raawwate badii ta’uu isaa guutummaa guutuutti itti amanee gara fuula duraatti gocha akkasii irraa of qusachuuf (specific deterance) qophaahaa ta’uu isaa kan agarsiisu waan ta’eefi.[64] Kanamalees, namoonni kaan akkuma isaa yakka raawwatan yoo gocha raawwatan amananii murtii balleessummaa fudhatan adabbiin akka hir’achuufii danda’u barumsa laachuufidha (general deterance).[65] Haata’u malee, kaayyoon jecha amantaa laachuu adabbii hir’isiifachuuf otuu hin taane, gocha yakkichaa irraa barachuuf qophaa’ummaa inni qabu agarsiisuuf ta’uu qaba.[66]
2.2.2.2. Dhamaatii miidhamaanis ta’e ragaan jecha ragummaa isaanii laachuuf taasisan keessatti yeroo fi baasii isaanii kan xiqqeessu ta’a[67]
Dhimma yakkaa irratti miidhamaan nama dhuunfaa qofa miti. Yakki fedhii hawaasaa irratti akka raawwatametti kan lakkaawwamu waan ta’eef mootummaanis miidhamaadha.[68] Himannaan yakkaatis kan dhiyaatu hanga Abbaan Alangaa hin himadhu jedhee miidhamaa dhuunfaa himannaaf angeessuutti abbuma Alangaadhaani.[69] Kanaaf, miidhamaan dhuunfaa akka miidhamaatti otuu hin ta’in akkuma ragaatti ragoota abbaa alangaa biroo waliin jecha ragummaa isaa kan kennu ta’a. Dhimmoota qorannaan isaanii xumura argatee himannaaf dhiyaatan irratti himatamaan gocha raawwate guutummaan guutuutti hambifannoo tokko male amanee murtiin balleessummaas bu’uura jecha amantaa isaatiin yommuu itti laatamu[70] miidhamaan dhuunfaas ta’e ragootni jecha isaanii otuu mana murtiitti dhiyaatanii kakatanii[71] hin laatin murtiin balleessummaa waan laatamuuf, yeroo fi baasii ragoota abbaa alangaa ni qusata.[72]
Yeroo fi qabeenya mootummaan dhimmicha qorachuu fi himannaa (dhagaha) keessatti baasuu danda’us kan qusatu ta’a.81 Hojii haqa yakkaa mirkaneessuu keessatti qorannaanis ta’e himannaa fi dhagahi dhimmaa baasii mootummaatiin kan gaggeeffamuudha.[73] Shakkamaan ammoo gocha ittiin shakkame irratti jechi amantaa inni himannaan duratti yeroo qorannaa kennu hojii qorannaa yakkaa kan salphisus ni ta’a.[74]
Qorannaan xumuramee dhimmicha irratti murtiin ni himachiisaa qaama himatuun yogguu darbu,[75] himatamaan himannaa irratti dhiyaate mana murtiitti dhiyaatee[76] bu’uura tarree himannaa A/Alangaatiin raawwachuu isaatiif jecha isaa dhaddacha yakkaa sana irratti yoo laate, jechuma isaarratti hundaa’amee murtiin balleessummaa waan irratti laatamuuf,[77] ragaa himataa fi himatamaa dhagahuu fi qorachuuf yeroon itti fudhatu ni xiqqaata, waraqaan jecha ragaa fi qorannaa jecha ragaatiif illee qisaasa’amu kan xiqqaatu ta’a.87 Yeroo jecha ragaa fudhachuu irratti dabarsuuf malus, manni murtii dhimma gara biraa ilaaluu isa dandeechisa waan ta’eef, kuufama galmees ni xiqqeessa.88 Walumaagalatti, qisaasamni yeroo fi baasii mootummaa irratti gahuu malu kan xiqqaatu ta’a.
2.2.3. Dhiibbaa jecha amantaa himatamaa ulaagaa seeraa hin guunne irratti hundaa’anii murtii balleessummaa kennuu
Jecha amantaa himatamaan laatu manni murtii jecha jechaan galmee irratti galmeessuuf dirqama qaba.[78] Jechi himatamaan kennu kan amantaati jedhamee himatamaan gocha ittiin himatameef balleessaadha jedhamuuf, jechichi galmee irratti galmaa’ee ajajni irratti laatamuu qaba.[79] Jechi duuchaadhumatti himatamaan gochicha raawwadheera jedheera jedhamee galmee irratti barreessuun qofa murtiin balleessummaa laatamu bu’uura seeraa kan hin qabneedha.[80] Jecha amantaaf waakkii ulaagaa jecha amantaa hin guunne irratti hundaa’amee murtiin balleessummaa yoo laatame, himatamaan silaa hanga adabbii qofaarratti ol iyyachuu qabu,[81] jecha hin laanneen murtiin balleessummaa narratti laatame jedhee komachuuf carraa waan uumuufiif, carraan galmeen akkasii diigamuu bal’aa ta’a.93 Manni murtii ol iyyataan dhimmicha ilaalus ol iyyataan maal jedhee murtiin balleessummaa akka isarratti laatame hubachuuf waan rakkatuuf galmee jechi amantaa sirnaan otuu hin galmaa’in murtiin balleessummaa irratti laatame kan diigu ta’a.[82]
Galmeen irra deebi’amee akka dhagahamuuf ajajamee yommuu diigamu, himatamaan hanga himanni mana murtii jalaatti cufate deebi’ee socho’uutti kan gadi lakkifamu waan ta’eef, carraan himatamaan haqa jalaa miliquu fi galmeen sababa himatamaan dhabamuutiin yeroof cufamuu uumamuun, haqni jal’achuu ni danda’a.[83]
BOQONNAA SADII:- Dhiyeessa Yaadota Maddoota Odeeffannoo Irraa Sassaabamanii, Xiinxala Taasifamee Fi Argannoowwan Qorannichaa (Data Presentation, Analysis and Findings)
Yaadota maddoota odeeffannoo irraa sassaabamanii dhiyaatan
Odeeffannoowwan qorannoo kanaaf barbaachisan meeshaalee sassaabbii odeeffannoo hojiirra oolaniin sassaabamanii jiru. Odeeffannoon sassaabame kun ogeeyyiin seeraa sadarkaa yaadaatti murtii bu’uura s/d/f/yakkaa Kwt 134(1)’tiin kennamu kaayyoo seera yakkaa waliin akkamitti akka ilaalan, jecha amantaa fi waakkii irratti ajaja kennamuu qabu irratti ejjannoo qaban, qabatama hojii keessatti tumaan SDFY Kwt 134(1) haala kamiin akka hojiirra oolaa jiru ifa baasanii jiru.
Meeshaaleen ragaan kun ittiin funaaname ragaa argame faana akka kanaa gadiitti tarraa’eera.
A. Marii garee (Focus group discussion)
Mallii kun gaaffii afaanii garee hirmaattotaa waliin godhamu yoo ta’u yeroo fi baasii kan qusatu odeeffannoo yaadota garaagaraatiin gabbate argachuufis kan dandeessisu dha. Qorannoo kana keessattis bu’aawwan isaa kanarraa ka’uun teeknooloojii teelegraamiitiin fayyadamuun chaanaalii ogeeyyiin seeraa yaada irratti wal jijjiiran karaa waajira Abbaa Alangaa godina
Jimmaa hundaa’een gaaffilee marii gargaaramuun barbaachisaa ta’uun itti amanamee mariin garee irratti gaggeeffameera.
marii gaggeeffame kanaan tumaa seera yakkaa Kwt 82/1(d) fi sdfy kwt 134 walitti hidhuun nama himannaa isa irratti dhiyaate raawwachuu isaa amanee gaabbuu isaa agarsiiseef adabbiin kan salphatuuf ta’uu kaasaniiru. Karaa ittiin kaayyoo seera yakkaa galmaan gahan keessaa tokko murtii bu’uura sdfy kwt 134’n kennamu akka ta’ee fi tumaan SDFY kwt.134 kaayyoo seera yakkaa faana walitti dhufeenya kallattii qabu jechuun sadarkaa yaadaatti waliigalaniiru.
B. Bar-Gaafffii (Questionnaires)
Malli daataan ittiin funaanamu kun gaaffilee qorannichaaf gargaaran qorataadhaan qophaa’uun hirmaattota mataa isaanitiin guutamee kan qorataaf deebi’udha. Qorannoo kana keessatti garuu, haala addaatiin gaaffileen barreeffamaa kunniin gaaffilee jecha amantaa himatamaa irratti hundaa’amanii manneen murtii aanaatti murtiin balleessummaa itti laatamee mana murtii ol aanaa godiinaatiin ammoo ulaagaa hin guunne jedhamanii diigaman irratti xiyyeeffachuun qophaa’anii eega raabsamanii booda guutamanii deebi’anii jiru.
Bargaaffiin dhiyaate dhimmoota qabatamaa manneen murtii aanaalee godina Jimmaa irratti jecha amantaa himatamaan kennuun murtiin balleessummaa kennamuun ol iyyataan godina dhufee, ulaagaa jecha amantaa bu’uura SDFYKwt 134 guutee kan kenname miti jedhamuun sadarkaa mana murtii ol aanaa irratti murtiin jalaa diigamee ajajni ragaan Abbaa Alangaa irra deebiin aanaarratti haadhagahamu jechuun himatamaan gadhiifameedha. Bu’uuruma kanaan, cuunfaan bargaaffii abbootii seeraa fi abbootii alangaatiif dhiyaatee irratti deebiin laatame waldura duubaan akka itti aanutti dhiyaateera.
Gabatee 3: yaada abbootiin seeraa jecha amantaa fi waakkii himatamaa bargaaffii keessatti dhiyaateef irratti hundaa’uun kennanT/L | Gaaffii bargaaffiidhaan dhiyaate | Yaada Abbootii seeraan kenname lakkoofsaa fi dhibbentaadhaan | |||
Bu’uuruma jecha amantaa isaatiin murtiin balleessummaa itti kennamuu qaba kan jedhan | %’ dhaan | Amaneera hin jechisiisu waan ta’eef ragaan A/Alangaa dhagahamuu qabu kan jedhan | %’ dhaan | ||
1. | Himatamaan buna seeraan alaa konkolaataatti fe’ee socho’aa osoo jiruu qabamuu isaatiin yakkaan himatamee jecha amantaaf waakkii akka kennuuf mana murtiin wayita gaafatamu “bunni seeraan alaa konkolaataan ani oofaa jiru keessaa qabamuun isaa sirriidha. Ta’us ani buna kana eenyu akka itti fe’e hin agarre” yoo jedhee fi Abbaan Alangaas bu’uuruma jecha amantaa isaa kanaan murtiin balleessummaa akka itti kennamu yoo gaafate | 1 | 2.94 | 33 | 97.06 |
2. | Himatamaan shiishaa xuuchisaa osoo jiruu qabame yoo himatamu jecha amantaa kenneen “himanni narratti dhiyaate sirriidha, shiishaa xuuchisuun yakka ta’uu waanan hin beekneefan hojjadhe” kan jedhe yoo ta’e | 21 | 61.21 | 13 | 38.24 |
3. | Himatamaan yakka gudeeddii raawwachuu isaatiin himatame gocha kana raawwattemoo hin raawwanne jedhamee yommuu gaafatamu jecha amantaaf waakkii kenneen “raawwadheera” jennaan Abbaan Alangaa bu’uuruma jecha amantaa isaatiin murtiin balleessummaa itti naaf hakennamu yoo jedhe | 5 | 14.7 | 29 | 85.3 |
4. | Himatamtuun “Z” jedhamtu hospitaala keessatti mucaashee dhukkubsachiisaa osoo jirtuu mucaa kana wayta mana fincaanii geessitu boorsaa bilbilli fi qarshiin keessa jiru argitee boorsicha banuun qarshii 16600 fi mobaayilii tilmaamni isaa 800 ta’u keessaa fudhattee gara kutaa ciisichaa dhukkubsataa galuu isheetiin qarshiif mobaayiliin harkatti qabamuun yakka hannaatiin himatamtee jecha amantaaf waakkii yoo kennitu “mucaa koo mana fincaanii yoon geessu boorsaa birrii fi mobaayiliin keessa jiru argee banee keessaa fudhee kutaa kootti galee osoon jiruu birriif mobaayiliin na harkatti qabame; yeroon fuudhu birrii meeqa akka ta’e hin beeku. Birrii fi mobaayiliin kan eenyuu akka ta’e | 11 | 32.4 | 23 | 67.6 |
26
otuun hin beekinan callisee fuudhe. Qarshii kana waanan rakkadheefan fuudhe. Qabeenya namaa fuudhuun koo garuu balleessaadha” Yoo jettee Abbaan Alangaa bu’uuruma jecha amantaa ishee kanaan murtii balleessummaa yoo gaafate | |||||
5. | Himatamaan “T” jedhamu labsii bosonaa 1065/2010 irra darbuun bara 2007-2013’tti bosona mootummaa hayyama malee hektaara 2.5 mancaasee lafa qonnaatti jijjiiruu isaatiin himatamuun jecha amantaaf waakkii isaa yoo kennu “ ani dhuguma lafa bosonaa kana osoon hin beekin lafa bakka sanii bitee biqiltuu ittecha, mi’eessaa, sooxalloo, kan jedhaman irraa ciree qoteen jira. San booda garuu qaamni mootummaa nagaafachuu jalqabnaan sodaadheen dhiise. Kanaaf yakka kana raawwadheen jira manni murtii dhiifama naaf haagadhu” jedhee Abbaan Alangaas bu’uuruma jecha amantaa isaa kanaan murtiin balleessummaa akka itti kennamu yoo gaafate | 8 | 23.5 | 25 | 73.5 |
6. | Himatamaan A jedhamu meeshaa waraanaa hayyama itti hin qabne mana isaa keessa dhoksee qabatee argamuu isaatiin yakkaan himatamee jecha amantaaf waakkii isaa yommuu kennu: “gaafa 12/09/2012 guyyaa keessaa sa’aatii11:00 irratti bakkuma himannaarratti ibsametti meeshaa kana sababni qabadheef namaan wal lolee jennaani. Shugguxii kana gaafa 12/09/2013 guyyaa naannoo sa’aatii 7:30 waajira poolisiitti galmeessus hayyama harkaan hin gahanne malee meeshaa hayyama itti qabuudha” jedhee Abbaan Alangaas bu’uuruma jecha amantaa isaa kanaan murtiin balleessummaa akka itti kennamu yoo gaafate | 6 | 17.6 | 27 | 79.4 |
IDA’AMA | 52 | 25.49 | 150 | 73.53 |
BAAYYINA IDDATTOO= 34 KAN YAADA LAATAN= 34, kana keessaa bargaaffiin tokko (1) gaaffii 5ffaa fi 6ffaa hin guunne
Kanneen yaada laatan muuxannoo hojii qabaniin yommuu ilaalaman namoonni lama (%5.9) muuxannoo hojii waggaa tokkoo, namni 1(%2.94) muuxannoo waggaa 2 kan qabu, namoonni 6(%17.65) muuxannoo waggaa sadii, namoonni 4 (%11.76) muuxannoo waggaa afurii kan qaban yommuu ta’u namoonni 19(%55.9) ammoo muuxannoo hojii waggaa 5- 27 kan qabaniidha. Namoota (Abbootii seeraa) yaada kennan 34 keessaa 2 (%5.9) odeeffannoo muuxannoo isaanii kanneen hin ibsineedha.
Odeeffannoo gabatee armaan olii kanarraatti hundaa’uun ejjannoon abbootiin seeraa jecha amantaaf waakkii bargaaffii keessatti ibsame irratti qaban akka armaan gadiitti walitti fiduun dhiyaateera.
27
CUUNFAA DEEBII BARGAAFFII YAADA ABBOOTII SEERAA AANAA IRRAA QORANNAA JECHA AMANTAA FI WAAKKII HIMATAMAA IRRATTI HUNDAA’UUN MURTII KENNAMU ILAALCHISEE GAGGEEFFAMUUF SASSAABAME- Abbootii seeraa jiran kana keessaa kan bargaaffiin dhiyaateef —— 34
- Baayyina gaaffii/galmee jecha amantaaf waakkii dhiyaate ———– 6
- Gaaffiin dhiyaates jecha himatamaan kenne akkuma jirutti fudhachuun ta’ee jecha amantaaf waakkii bu’uura SDFYKwt 134’tiin kennameedhamoo miti kan jedhu yommuu ta’u:
ü Gaaffii 1ffaa irratti Abbootii seeraa waliigalaan yaada kennan 34 keessaa dhibbeentaan
2.94 kan ta’an jechi himatamaan kun kenne bu’uura SDFYKwt 134 kan guutuudha kan jedhan yommuu ta’u, dhibbeentaan 97.06 ammooyyuu jechi kun ulaagaa SDFYKwt 134 kan guutu waan hin taaneef ragaan A/Alangaa dhagahamuu qaba malee murtiin balleessummaa kennamuu hin qabu ejjannoo jedhu kan qabaniidha.
- Gaaffii 2ffaa ilaalchisee Abbootii seeraa waliigalaan yaada kennan 34 keessaa dhibbeentaan 61.76 manni murtii jecha himatamaa kanarratti hundaa’uun murtii balleessummaa bu’uura SDFYKwt 134’tiin kennuun isaa sirriidha ejjannoo jedhu kan qaban yommuu ta’u, dhibbeentaa 34.24 qofatu jechi amantaaf waakkii himatamaa kanaa ulaagaa SDFYkwt 134 hin guutu waan ta’eef ragaan A/Alangaa dhagahamuu qaba jedhan.
- Gaaffii 3ffaa ilaalchisee Abbootii seeraa waliigalaan yaada kennan 34 keessaa dhibbeentaan 14.7 manni murtii jecha amantaaf waakkii himatamaa kanarratti hundaa’uun murtii balleessummaa bu’uura SDFYKwt 134’tiin kennuun isaa sirriidha kan jedhan yommuu ta’u, dhibbeentaan 85.3 ammoo jechi amantaaf waakkii himatamaa kanaa ulaagaa SDFYkwt 134 hin guutu waan ta’eef ragaan A/Alangaa dhagahamuu qaba ejjannoo jedhu calaqqisiisaniiru.
- Gaaffii 4ffaa ilaalchisee Abbootii seeraa waliigalaan yaada kennan 34 keessaa; dhibbeentaan 32.4 manni murtii jecha amantaaf waakkii himatamaa kanarratti hundaa’uun murtii balleessummaa bu’uura SDFYKwt 134’tiin kennuun isaa sirriidha kan jedhaniidha. Dhibbeentaan 67.6 ammoo jechi amantaaf waakkii himatamaa kanaa ulaagaa SDFYkwt 134’tiin taa’ee jiru hin guutu waan ta’eef ragaan A/Alangaa dhagahamuu qaba ejjannoo jedhu kan qabaniidha.
28
- Gaaffii 5ffaa ilaalchisee Abbootii seeraa waliigalaan yaada kennuu qaban 34 keessaa kan yaada kennan 33 yommuu ta’an; akka waliigalaatti dhibbeentaan 23.5 manni murtii jecha amantaaf waakkii himatamaa kanarratti hundaa’uun murtii balleessummaa bu’uura SDFYKwt 134’tiin kennuun isaa sirriidha kan jedhan yommuu ta’u, dhibbeentaan 73.5 ammoo jechi amantaaf waakkii himatamaa kanaa ulaagaa SDFYkwt 134 hin guutu waan ta’eef ragaan A/Alangaa dhagahamuu qaba ejjannoo jedhu qabataniiru. Haata’u malee gaaffii 5ffaa kanarratti dhibbeentaan 2.94 yaada kennuurraa kan of qusatan ta’ee argameera.
- Gaaffii 6ffaa ilaalchisees Abbootii seeraa waliigalaan yaada kennuu qaban 34 keessaa kan yaada kennan 33 yommuu ta’an namni tokko (%2.94) yaada isaa kennuurraa of qusateera. Akka waliigalaatti yommuu ilaalamu dhibbeentaan 17.6 manni murtii jecha amantaaf waakkii himatamaa kanarratti hundaa’uun murtii balleessummaa bu’uura SDFYKwt 134’tiin kennuun isaa sirriidha kan jedhan yommuu ta’u, dhibbeentaan 79.4 ammoo jechi amantaaf waakkii himatamaa kanaa ulaagaa SDFYkwt 134 hin guutu waan ta’eef ragaan A/Alangaa dhagahamuu qaba ejjannoo jedhu qabataniiru.
29
Gabatee 4 Gabatee yaada abbootiin Alangaa jecha amantaa fi waakkii himatamaa bargaaffii keessatti dhiyaateef irratti hundaa’uun kennan
T/L | Gaaffii bargaaffiidhaan dhiyaate | Yaada Abbootii Alangaa kenname lakk fi dhibbentaadhaan | |||
Bu’uuruma jecha amantaa isaatiin murtiin balleessummaa itti haa kennamu | %’ dhaan | Hambifannaa qaba waan ta’eef ragaan haadhagahamu | %’ dhaan | ||
1. | Himatamaan buna seeraan alaa konkolaataatti fe’ee socho’aa osoo jiruu qabamuu isaatiin yakkaan himatamee jecha amantaaf waakkii akka kennuuf mana murtiin wayita gaafatamu “bunni seeraan alaa konkolaataan ani oofaa jiru keessaa qabamuun isaa sirriidha. Ta’us ani buna kana eenyu akka itti fe’e hin agarre” yoo jedhee yaadni Abbaan Alangaa mana murtiif kennuu qabu | 8 | 18.6 | 35 | 81.4 |
2. | Himatamaan shiishaa xuuchisaa osoo jiruu qabame yoo himatamu jecha amantaa kenneen “himanni narratti dhiyaate sirriidha, shiishaa xuuchisuun yakka ta’uu waanan hin beekneefan hojjadhe” kan jedhe yoo ta’e yaadni A/Alangaa mana murtiif kennuu qabu | 27 | 62.7.21 | 16 | 37.3 |
3. | Himatamaan yakka gudeeddii raawwachuu isaatiin himatame gocha kana raawwattemoo hin raawwanne jedhamee yommuu gaafatamu jecha amantaaf waakkii kenneen “raawwadheera” jedhee yoo deebisee fi manni murtii A/Alangaa maal jettu jedhee yoo gaafate yaadni A/Alangaa mana murtiif kennuu qabu | 23 | 54.5 | 20 | 46.5 |
4. | Himatamtuun “Z” jedhamtu hospitaala keessatti mucaashee dhukkubsachiisaa osoo jirtuu mucaa kana wayta mana fincaanii geessitu boorsaa bilbilli fi qarshiin keessa jiru argitee boorsicha banuun qarshii 16600 fi mobaayilii tilmaamni isaa 800 ta’u keessaa fudhattee gara kutaa ciisichaa dhukkubsataa galuu isheetiin qarshiif mobaayiliin harkatti qabamuun yakka hannaatiin himatamtee jecha amantaaf waakkii yoo kennitu “mucaa koo mana fincaanii yoon geessu boorsaa birrii fi mobaayiliin keessa jiru argee banee keessaa fudhee kutaa kootti galee osoon jiruu birriif mobaayiliin na harkatti qabame; yeroon fuudhu birrii meeqa akka ta’e hin beeku. Birrii fi mobaayiliin kan eenyuu akka ta’e otuun hin beekinan callisee fuudhe. Qarshii kana waanan rakkadheefan fuudhe. Qabeenya namaa fuudhuun koo garuu | 19 | 44 | 24 | 56 |
30
balleessaadha” Yoo jettee yaadni A/Alangaa mana murtiif kennuu qabu | |||||
5. | Himatamaan “T” jedhamu labsii bosonaa 1065/2010 irra darbuun bara 2007-2013’tti bosona mootummaa hayyama malee hektaara 2.5 mancaasee lafa qonnaatti jijjiiruu isaatiin himatamuun jecha amantaaf waakkii isaa yoo kennu “ ani dhuguma lafa bosonaa kana osoon hin beekin lafa bakka sanii bitee biqiltuu ittecha, mi’eessaa, sooxalloo, kan jedhaman irraa ciree qoteen jira. San booda garuu qaamni mootummaa nagaafachuu jalqabnaan sodaadheen dhiise. Kanaaf yakka kana raawwadheen jira manni murtii dhiifama naaf haagadhu” yoo jedhe yaadni A/Alangaa mana murtiif kennuu qabu | 15 | 35 | 28 | 65 |
6. | Himatamaan A jedhamu meeshaa waraanaa hayyama itti hin qabne mana isaa keessa dhoksee qabatee argamuu isaatiin yakkaan himatamee jecha amantaaf waakkii isaa yommuu kennu: “gaafa 12/09/2012 guyyaa keessaa sa’aatii11:00 irratti bakkuma himannaarratti ibsametti meeshaa kana sababni qabadheef namaan wal lolee jennaani. Shugguxii kana gaafa 12/09/2013 guyyaa naannoo sa’aatii 7:30 waajira poolisiitti galmeessus hayyama harkaan hin gahanne malee meeshaa hayyama itti qabuudha” kan jedhu yoo ta’e yaadni A/Alangaa mana murtiif kennuu qabu | 5 | 11.6 | 38 | 88.4 |
IDA’AMA | 97 | 37.6 | 161 | 62.4 |
BAAYYINA IDDATTOO= 43 KAN YAADA LAATAN= 43,
Odeeffannoo gabatee armaan olii kanarraatti hundaa’uun eejjannoon abbootiin seeraa jecha amantaaf waakkii bargaaffii keessatti ibsame irratti qaban akka armaan gadiitti xiinxalameera.
31
- Abbootiin Alangaa akka godiina Jimmaatti jiran ———- 150
- Abbootii Alangaa jiran kana keessaa kan bargaaffiin dhiyaateef —— 43 (29%)
- Baayyina gaaffii/galmee jecha amantaaf waakkii dhiyaate ———– 6
- Gaaffiin dhiyaates jecha himatamaan kenne akkuma jirutti fudhachuun ta’ee jecha amantaaf waakkii bu’uura SDFYKwt 134’tiin kennameedhamoo miti/hambifannoo qabamoo miti kan jedhu yommuu ta’u:
- Gaaffii 1ffaa irratti Abbootii Alangaa waliigalaan yaada kennan 43 keessaa dhibbeentaan 18.6 kan ta’an jechi himatamaan kun kenne bu’uura SDFY kwt.134 kan guutuudha waan ta’eef ragaan otuu hindhagahamin murtiin balleessummaa irratti hakennamu kan jedhan yommuu ta’u, dhibbeentaan 81.4 ammooyyuu jechi kun hambifannaa qaba waan ta’eef ulaagaa SDFY kwt. 134 kan guutu miti kanaaf akka haaletti qabamee ragaan akka dhagahamu gaafatamuu qaba ejjannoo jedhu kan qabaniidha.
- Gaaffii 2ffaa ilaalchisee Abbootii Alangaa waliigalaan yaada kennan 43 keessaa dhibbeentaan 62.7 kan ta’an jechi himatamaan kun kenne bu’uura SDFY kwt.134 kan guutuudha waan ta’eef ragaan otuu hindhagahamin murtiin balleessummaa irratti hakennamu kan jedhan yommuu ta’u, dhibbeentaan 37.3 ammooyyuu jechi kun hambifannaa qaba waan ta’eef akka haaletti qabamee ragaan akka dhagahamu gaafatamuu qaba ejjannoo jedhu kan qabaniidha.
- Gaaffii 3ffaa ilaalchisee dhibbeentaan 54.5 kan ta’an jechi himatamaan kun kenne bu’uura SDFY kwt.134 kan guutuudha waan ta’eef, ragaan otuu hindhagahamin murtiin balleessummaa irratti hakennamu jedhamee gaafatamuun sirriidha kan jedhan yommuu ta’u, dhibbeentaan 46.5 ammooyyuu jechi kun hambifannaa qaba waan ta’eef ulaagaa SDFYKwt 134 kan guutu miti. Kanaaf, akka haaletti qabamee ragaan akka dhagahamuu gaafatamuu qaba malee akka amanetti fudhatamee murtiin balleessummaa akka itti kennamu gaafatamuun dogoggora ejjannoo jedhu kan qabaniidha.
- Gaaffii 4ffaa ilaalchisee dhibbeentaan 44 kan ta’an jechi himatamaan kun kenne bu’uura SDFY kwt.134 kan guutuudha waan ta’eef, ragaan otuu hindhagahamin murtiin balleessummaa irratti hakennamu jedhamee gaafatamuun sirriidha kan jedhan yommuu ta’u, dhibbeentaan 56 ammooyyuu jechi kun hambifannaa qaba waan ta’eef ulaagaa SDFY kwt. 134 kan guutu miti kanaaf akka haaletti qabamee ragaan akka dhagahamuu gaafatamuu qaba malee akka amanetti fudhatamee murtiin balleessummaa akka itti kennamu gaafatamuun dogoggora kan jedhaniidha.
- Gaaffii 5ffaa ilaalchisee dhibbeentaan 35 kan ta’an jechi himatamaan kun kenne ulaagaa
SDFY kwt. 134 kan guutuudha waan ta’eef ragaan otuu hindhagahamin murtiin balleessummaa irratti hakennamu jedhamee gaafatamuun sirriidha kan jedhan yommuu ta’u, dhibbeentaan 65 ammooyyuu jechi kun hambifannaa qaba waan ta’eef ulaagaa SDFYKwt 134 kan guutu miti. Kanaaf, akka haaletti qabamee ragaan akka dhagahamu gaafatamuu qaba malee akka amanetti fudhatamee murtiin balleessummaa akka itti kennamu gaafatamuun dogoggora kan jedhaniidha.
- Gaaffii 6ffaa ilaalchisee dhibbeentaan 11.6 kan ta’an jechi himatamaan kun kenne ulaagaa SDFY kwt.134 kan guutuudha waan ta’eef, ragaan otuu hindhagahamin murtiin balleessummaa irratti hakennamu jedhamee gaafatamuun sirriidha kan jedhan yommuu ta’u, dhibbeentaan 88.4 ammooyyuu jechi kun hambifannaa qaba waan ta’eef ulaagaa SDFY kwt.134 kan guutu miti. Kanaaf, akka haaletti qabamee ragaan akka dhagahamu gaafatamuu qaba malee akka amanetti fudhatamee murtiin balleessummaa akka itti kennamu gaafatamuun dogoggora ejjennoo jedhu kan calaqqisiisaniidha.
CUUNFAA YAADA ABBOOTII SEERAA FI ABBOOTII ALANGAA
Bargaaffiin tokko gaaffiiwwan 6 of keessatti qabatee abbootiin seeraa 34 yaada isaanii kan ibsan yommuu ta’u, abbootiin seeraa soddomii afran gaaffii jaha jaha isaaniif dhiyaate irratti yaadaaf ilaalcha seeraa (Ejjannoo) isaanii calaqqisaniiru. Baay’ina gaaffilee bargaaffii irra jiran irratti hundaa’uun gaaffiiwwanii 1X6X34=204[84] keessaa gaaffiin lama kan hin deebine waan ta’eef abbootiin seeraa 34 gaaffiiwwan 202 irratti ejjannoo isaanii ibsaniiru. Bu’uuruma kanaan gaaffiiwwan 52 (%25.49) manni murtii jecha amantaaf waakkii himatamaa bargaaffiin dhiyaaterratti hundaa’uun murtiin balleessummaa kennamuun isaa sirriidha kan jedhan yommuu ta’u, gaaffiiwwan 150 (%73.53) ammoo jechi amantaaf waakkii himatamaan laate ulaagaaf kaayyoo jecha amantaaf waakkii irratti hundaa’anii bu’uura SDFYkwt 134’tiin murtii balleessummaa kennuu waan hin guunneef yaadni abbaan alangaa jecha amantaa himatamaa irratti hundaa’ee murtiin balleessummaa itti nuuf hakennamu jechuun gaafatame kufaa ta’ee ragaan abbaa Alangaa dhagahamuu qaba ejjannoo jedhu kan qabataniidha. Gaaffiin 2 (%0.98) ammoo kan yaadni deeggarsaas ta’e moormii itti hin kennamne ta’ee argameera.
Bargaaffiin tokko gaaffiiwwan 6 of keessatti qabatee abbootiin Alangaa 43 yaada isaanii kan ibsan yommuu ta’u, baay’ina gaaffilee bargaaffii irra jiran irratti hundaa’uun waliigala baay’ina gaaffiiwwanii 1X6X43=258[85] ta’an irratti abbootiin Alangaa 43 gaaffiiwwan 258 irratti ejjannoo isaanii ibsaniiru. Bu’uuruma kanaan gaaffiiwwan 97 (%37.6) jecha amantaaf waakkii himatamaa bargaaffiidhaan dhiyaaterratti hundaa’uun murtiin balleessummaa akka irratti kennamuuf Abbaan Alangaa yaada kennachuu qaba kan jedhan yommuu ta’u, gaaffiiwwan 161 (%62.4) ammoo faallaa kanaa jechi amantaaf waakkii himatamaan laate ulaagaa SDFY kwt 134 jalatti jecha amantaa irratti hundaa’anii adabbii laachuu hin guutu ijaa ta’eef, Abbaan Alangaa jecha amantaa himatamaa irratti hundaa’ee manni murtii murtii balleessummaa himatamaa irratti halaatu yaada jedhu laachuu hin qabu waan ta’eef ragaasaa dhaggeessifachuu qaba ejjannoo jedhu kan qabataniidha.
Waliigala ogeessooti seeraa 77 bargaaffii dhiyaaterratti yaada isaanii laataniiru. Kana keessaa ogeeyyiin %32.4 jechi amantaaf waakkii himatamaan kennate amaneera ni jechisiisa waan ta’eef murtiin balleessummaa itti dabarfamuu qaba kan jedhan yommuu ta’u, ogeeyyiin %67.6 ammooyyuu faallaa kanaa jechi amantaaf waakkii bargaaffii keessatti dhiyaate ulaagaa jecha amantaaf waakkii SDFY kwt.134(1) jalatti taa’e hin guutu ijaa ta’eef ragaan A/Alangaa irratti dhagahamuu qaba ejjannoo jedhu calaqqisiisaniiru.
C. Do’annaa Dhaddachaa (Court Observations)
Do’annaa hojii dhaddachaarratti argamuun godhamuun maloota kaan caalaa daataa bifa garagaraa argachuuf nama dandeessisa. Qorannoo kana keessatti qorataan akka qorataa qofaatti osoo hin ta’in akka hojjataa fi akka abbaa dhimmaatti galmee mataa ofiitiin qabateen alatti kan Abbaa alangaa birootiin qabame irrattis do’ataa dhaddachaa ta’uun odeeffannoo qorannaa isaatiif tajaajilu funaannateera.
Qorataan guyyaa galmeen haaraan saaqamee dhagahaaf dhaddachaaf dhiyaatu fi guyyaa galmeen jecha amantaa himatamaa irratti hundaa’amee murtii argate aanaalee irraa ol iyyataan dhiyaatee falmiin gaggeeffamu Abbaa Alangaa waliin Dhaddacha seenuun kan ilaale yoo ta’u, guyyoota do’annaa dhaddachaa gaggeesse sadi (3) keessaa tokko himata kallatti mana murtii olaanaa godina Jimmaatiif dhiyaaterratti himatamaan himannaa isarratti dhiyaate amanee abbaan alangaatis jechi himatamaa hambifannoo kan hin qabne ta’us ragaan dabalataa akka irratti dhagahamu gaafatee ragaan Abbaa Alangaa akka irratti dhagahamu taasifamee jira.
Guyyaa lammaffaa do’annaa dhaddachaatti ammoo ol iyyata himatamaan mana murtii jalaa dhiyeeffate irratti himatamaan jechi kiyya guutuun mana murtii jalaatti naaf hin galmoofne sababan gochicha raawwadheef ibsadhee otuun jiruu otuu hin galmeessin amanteetta jedhamee murtiin balleessummaa narratti laatame kan jedhu kaasee manni murtiis kanuma irratti ijoo qabee A/Alangaa falmisiisee jira.
Guyyaa sadaffaa doowwii dhaddachaa taasifameen jecha amantaa “amaneera” jedhamee qofa haalli raawwii isaa hin ibsamne irratti ol iyyatni dhiyaatee manni murtii olaanaa godina Jimmaa ni dhiyeessisa jedhee erga waamee booda sirrummaa jecha amantaa irratti erga walfalmisiisee booda murtii balleessummaa cimsee adabbii fooyyeessee galmee cufee jira.
D. Sakatta’a Galmee
Akkuma beekamu mata-duree filatameef odeeffannoo sirrii fi ifa gala ta’e maloota armaan olii kana qofaan madaaluun qorannaa kana dadhabaa taasisuu ni danda’a jedhamee waan amanamuuf, darbees qabatamaan hojii jiru agarsiisuuf gargaarsa ol’aanaa kan qabu sakatta’a galmeewwanii ogeessotni kun hojjetanii taasisuun barbaachisaadha. Bu’uuruma kanaan, kurmaana 3ffaa fi 4ffaa bara 2013 fi kurmaanota lamaan duraanii bara 2014 keessa Galmeewwan aanaalee qorannoo kanaaf filataman kudha tokko (11) keessatti jecha amantaa himatamaa irratti hundaa’uun murtiin balleessummaa irratti laatame diigdamii lama (22) bifa carraatiin filatamanii qorataa kanaan sakatta’amaniiru. Dabalataan ammo, galmeewwan bargaaffiidhaaf dhimma itti ba’ame jahan keessaa galmeen afur (4), kan itti yaadamee filatame, mana murtii jalaatti galmeen isaa deebi’ee socho’uuf socho’uu dhabuun isaa sakatta’ameera. Waliigala galmeewwan diigdami jaha haala itti aanuun sakatta’iinsi irratti gaggeeffameera.
Galmewwan Sakatta\’aman
Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 1ffaa
Himatamtoota Saaj/Ol. Hayiluu Baay’isaa Araggaa fa’a N-4 irratti Abbaan Alangaa aanaa L/Saqqaa SDFY Kwt 32(1)(A), 298(1) fi 340 irra darbuun ‘yakka hogganaa Olaanaaf ajajamuu diduutiin’ mana murtii aanaa L/Saqqaatti himate.
Himatamtootni jecha amantaaf waakkii laataniin hunduu gocha ittiin himatamne raawwanneerra jedhanii yommuu haala raawwii isaa ibsan: sababa miseensi keenya muraasa (nama 45) qofa ta’anii fi meeshaa waraanaa garee kan jedhamu kan akka bireenii fi Boombii gahaa hin qabnu ta’eef, bakki nuti turre ammoo diinni kan itti baay’atuu fi diinaan marfamaa jiraachuu keenya odeeffannee hogganaan ol’aanaan meeshaa fi humna dabalataa akka nuuf ramadu gaafannee har’a bor jechaa otuu nuuf hin raawwatin waan hafaniif humna xiqqaan qabnu nu harkatti hin miidhamin jennee ajaja malee gaafa 23/11/2013 halkan sa’aa 11:30 iddoo itti ramadamne gadhiifnee baanee jirra. Borumtaa isaa gaafa 24 walgahii nukaa’anii nugaafannaan meeshaaf humna gaafannaan meeshaanis hin jiru humnis hin jiru kanumaan deebi’aa dhaqaa ijaa nuun jedheef didne jedhanii jecha isaanii kennatan.
Abbaan Alangaa yaada kenneen bu’uura jecha amantaa isaaniitiin murtiin balleessummaa itti nuuf halaatamu jedhee jira.
Manni murtiis himannaa dhiyaate, jecha himatamtootni kennanii fi seera ittiin himataman waliin walbira qabee madaaluun bu’uura s/d/f/y kwt.134(1)’tiin jecha amantaa isaaniitiin amananiiru jechuun himatamtootni balleessaadha jedhamanii adabaman.
Miseensi nurkatti dhumurra jennee ajaja didnee baane otuu jennuu murtiin balleessummaa nutti kennamuu hin qabu jechuun ol iyyata himatamtootni fudhatan manni murtii olaanaa godina Jimmaa L/Galmee 61070 ta’e irratti komiin fudhatama hin qabu jedhee adabbii foyyesse.
Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 2ffaa
Himatamaa Mahaammad Abdulmannaan Hajii irratti Abbaan Alangaa aanaa L/Kossaa labsii meeshaa waraanaa lakk 1177 Kwt 22(2) irra darbuun yakka hayyama otuu hin qabaatin meeshaa waraanaa shugguxii turkii jedhamu qabatanii argamuutiin mana murtii aanaa L/Kossaatti himate.
Himataman jecha amantaaf waakkii isaa yommuu kennu meeshaa waraanaa himannaa keessatti ibsame kan hayyama hin qabne qabadhee otuun jiruu guyyuma himannaa keessatti ibsametti qabadhee argameera waan ta’ef badii kooti jedheera.
Abbaan Alangaas bu’uuruma jecha amantaa isaatiin murtiin balleessummaa itti naaf halaatamu jedhee gaafateera. Manni murtiis himatamaan gocha ittiin himatame guutummaa guutuutti raawwachuu isaa waan amaneef Kwt.ittiin himatamee jalatti bu’uura SDFY kwt. 134(1)’tiin balleessaadha jedheera. Himatamaan murtii balleessummaa fi adabbii irratti komatee hin dhiyeessisu jedhameera.
Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 3ffaa
Himatamaa Seefuu A/Boor A/Foggii irratti Abbaan Alangaa aanaa Manchoo labsii meeshaa waraanaa lakk 1177 Kwt 4(1) fi 22(2) irra darbuun yakka meeshaa waraanaa seeraan alaa shugguxii turkii jedhamu qabatanii argamuutiin mana murtii aanaa Manchootti himate.
Himatamaan yommuu jecha amantaaf waakkii laatu ani meeshaa kana mootummaadhumatu bitadhaa jedhee jennaan badiidhaaf otoo hin taane ittiin of eeguufan bitadhe. Hayyama ammoo anaa baafachuuf jiruu gaafa 25/1/2014 galgala narkatti qabame jedheera.
Manni murtiis himatamaan gocha ittiin himatame amaneera jedhee erga galmeessee booda yaada
Abbaa Alangaa gaafateen; Abbaan Alangaa bu’uura jecha isaatiin ragaa dhagayuun otuu nu hin barbaachisin murtiin balleessumaa akka itti kennamu gaafatee, manni murtichaa himatamaan gocha ittiin himatame dhaddacha irratti waan amanee fi jechi amantaa bu’uura SDFY kwt.35’niin L/Galmee 05646 ta’e irratti laates gocha kana raawwachuu himatamaa waan mirkaneesseef jechuun bu’uura SDFYKwt 134(1)’tiin murtii balleessummaa kennee adabee jira.
Himatamaan murtii balleessummaa fi adabbii irratti L/Galmee 61179 ta’e irratti ol iyyatee murtiin balleessummaa cimee adabbiin fooyya’eera.
v Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 4ffaa
Himatamaa Rashaad A/Nagaa Alamaayyoo faa N-2 irratti Abbaan Alangaa aanaa magaalaa Jimmaa himatamtootni ‘…. mi’ichi kan argame sababa yakka qabeenya tokko irratti raawwatameen ta’uu isaa osoo beekanii …’ jechuun SY kwt. 682(1) irra darbuun yakka dhoksaa raawwataniif matamataatti himannaa shan shaniin mana murtii aanaa magalaa Jimmaatti himate.
Himatamtootni dhaddacha irratti dhiyaatanii himatamaa 1ffaan laameeraa baay’inni isaa shan ta’e mooraa nama dhuunfaa duwwaa ta’ee fi ganaa ijaaramaa jiru keessatti ol seenee fuudhee himatamaa 2ffaa kanatti gurgureera waan ta’eef balleesseera jedhee jira.
Himatamaa 2ffaan ammoo balbala laameeraa shan qabeenyummaan isaa kan eenyuu akka ta’e kanan hin beekne himatamaa 1ffaan fidee biti naan jennaan kan isaa se’ee waliigala qarshii 3700’n biteera waan ta’eef balleesseera” jedhee jira.
Abbaan Alangaa ragaan otuu hin dhagahamin murtiin balleessummaa akka itti kennamuuf gaafateera. Manni murtichaas bu’uuruma gaaffii Abbaa Alangaatiin himatamtooti himannaa Abbaa Alangaa waan amananiif jechuun murtii balleessummaa laatee adabbii laateera. Himatamtootni murtii balleessummaa fi adabbii irratti ol iyyatanii murtiin balleessummaa cimee adabbiin fooyya’eera.
v Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 5ffaa
Himatamaa Eliyaas Nabsoo Shee Shifaa irratti Abbaan Alangaa aanaa Gommaa SY kwt. 556/2 (a) jalatti himatamaan miidhamaa dhuunfaa uleedhaan cinaacha bitaa, sarbaa miila mirgaa, morma gara duubaa irra rukutee qaamni miidhamaa akka luqqa’u waan taasiseef jechuun mana murtii aanaa Goommaatti himate.
Himatamaan dhaddachatti dhiyaatee jecha amantaaf waakkii lateen; ‘miidhamaa kana uleedhaan cinaacha bitaa fi sarbaa miila mirgaa rukuteera, garuu morma isaa hin rukunne….’ jedheera.
Abbaan Alangaa himatamaan gocha ittiin himanne raawwachuu amanee jira waan ta’eef, bu’uura SDFY kwt. 134(1)’tiin murtiin balleessummaa akka itti kennamu gaafateera.
Manni murtichaatis jechi himatamaa kan amantaati jechuun bu’uura SDFYKwt 134(1)’tiin murtii balleessummaa laatee adabeera.
Murtii balleessummaa fi adabbii irratti ol iyyatee murtiin balleessummaa cimee adabbiin fooyya’eera.
v Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 6ffaa
Himatamaa Masfiin Balaay Kabbadee irratti Abbaan Alangaa aanaa magaalaa Jimmaa SDFY kwt. 670(1) jalatti himatamaan miidhamaa dhuunfaa harkaa mobaayila Teeknoo kamoon 12 ta’e qarshii 7,500 baasu butee waan fiigeef himate.
Himatamaan dhaddachatti dhiyaatee jecha amantaa lateen ‘..mobaayilichi kan akkamii akka ta’e hin beeku, qarshii 5000 ni baasa, hoteela boonii fulduratti otuu wifi fayyadamnuu harkaa buteen ture, rakkadheen harkaa fuudhe..’ jedheera.
Abbaan Alangaa himatamaan gocha ittiin himatame guutummaan guutuutti amanee jira waan ta’eef buu’uura SDFY kwt. 134(1)’tiin ragaa dhagahuun otuu hin barbaachisin murtiin balleessummaa itti naaf hakennamu jedhee gaafateera.
Manni murtii aanaa magaalaa Jimmaas, himatamaan yakka ittiin himatame guutummaan guutuutti amanee jira jechuun bu’uura gaaffii A/Alangaatiin murtii balleessummaa kennee jira.
Himatamaan otuun guutummaan guutuutti hin amanin amaneera jedhameen murtiin balleessummaa natti laatame jechuun murtii balleessummaa fi adabbii irratti ol iyyata gaafatee Abbaan Alangaa murtiin balleessummaa fi adabbiin mana murtii jalaa akka cimu gaafateera.
Manni murtii olaanaa godiina Jimmaa oliyyataan L/Galmee 61103 ta’e irratti dhimmicha ilaale tumaa himannaa 670(1) gara 665(1)’tti jijjiiruun murtii balleessummaa kennee adabbii fooyyeessee jira.
v Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 7ffaa
Himatamaa Jamaal A/Zinaab A/Foggii irratti Abbaan Alangaa aanaa Saqqaa Coqorsaa labsii meeshaa waraanaa lakk 1177 Kwt 22(2) irra darbuun yakka hayyama otuu hin qabaatin meeshaa waraanaa shugguxii turkii jedhamu qabatanii argamuutiin mana murtii aanaa S/Coqorsaatti himate.
Himataman dhaddachatti dhiyaatee jechasaa yommuu laatu “…raawwadheera, ani seera qabeessa gochuuf gandatti ibsee otuun jiruu akka tasaa na harkatti qabame…” waan ta’ef badii kooti jedheera.
Abbaan Alangaa bu’uuruma jecha isaatiin murtiin balleessummaa itti naaf halaatamu jechuun gaafateera.
Manni murtichaa himannaa dhiyaate, jecha himatamaa fi seeraan wal bukkee qabee yommuun ilaalu himatamaan himannaa irratti dhiyaate amanuu isaa hubadheera jechuun bu’uura SDFY kwt.134(1)’tiin murtii balleessummaa kennee adabeera.
Himatamaan murtii balleessummaa fi adabbii irratti ol iyyatee abbaan Alangaatis L/Galmee 02/05709 ta’e irratti murtiin balleessummaa fi adabbiin mana murtii jalaa akka cimu gaafatee, manni murtii ol aanaa godiina Jimmaa L/Galmee 61130 ta’e irratti murtii balleessummaa cimsee adabbii fooyyeesseera.
v Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 8ffaa
Himatamaa Naziif Naasir Goobanaa irratti Abbaan Alangaa aanaa magaalaa Jimmaa labsii meeshaa waraanaa lakk 1177 Kwt 22(2) irra darbuun yakka hayyama otuu hin qabaatin meeshaa waraanaa shugguxii seeraan alaa qabatanii argamuutiin mana murtii aanaa magaalaa Jimmaatti himate.
Himataman dhaddachatti dhiyaatee jechasaa yommuu laatu “….raawwadheera, meeshaa himannaa A/Alangaa keessatti ibsame kana guyyuman bitadhen qabame waan ta’eef lakkoofsa meeshichaa hin beeku, garuu hayyama itti hin qabu waan ta’ef badii kooti jedheera.
Abbaan Alangaa himatamaan himannaa irratti dhiyaate amaneera waan ta’eef bu’uura SDFY kwt.
134(1)’tiin murtii balleessummaa itti naaf halaatamu jechuun gaafateera.
Manni murtichaa jecha amantaaf waakkii himatamaa yommuun ilaalu himatamaan yakka ittiin himatame guutummaan guutuutti amanuu isaa hubadheera jechuun bu’uura SDFY kwt. 134(1)’tiin murtii balleessummaa kennee adabeera.
Himatamaan murtii balleessummaa fi adabbii irratti ol iyyatee abbaan Alangaatis L/Galmee
02/05692 ta’e irratti murtiin balleessummaa fi adabbiin mana murtii jalaa akka cimu gaafatee, manni murtii ol’aanaa godiina Jimmaa L/Galmee 61097 ta’e irratti murtii balleessummaa cimsee adabbii fooyyeesseera.
v Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 9ffaa
Himatamaa Tashoomee Gazzaany Joggoo irratti Abbaan Alangaa aanaa magaalaa Jimmaa SY kwt. 693(1) jalatti himatamaan akkaawuntii isaarraa qarshii akka hin qabne otuu beekuu cheekii qarshii kuma shantamaa (50,000) waan barreessee kenneef himate.
Himatamaan dhaddachatti dhiyaatee jecha amantaa laateen ‘…. raawwadheera, osoon qarshii akkaawuntii koo irraa hin qabaatin cheekii himata A/Alangaa irratti ibsame kana miidhamaaf kennuun koo dhugaadha. Garuu, cheekicha akka qabdiitti akka na amanuufin itti laadhe, akka qarshiin irra hin jirre itti himeen itti laadhe waan ta’eef balleessaa hin qabu…’ jedheera.
Abbaan Alangaa himatamaan gocha ittiin himatame haalee jira waan ta’eef ragaan naaf hadhagahamu jedhee gaafateera.
Manni murtichaa ammoo ijoo himatamaan gocha himatame amaneera moo waakkateera? kan jedhu qabatee qorachuuf beellama qabatee qoratee miidhamaan wabiif akka ta’uuf cheekicha qabachuun isaa ykn yeroo cheekichi kennamu gochi goyyomsuu raawwatamuu dhabuun isaa yakka ta’uu hin hambisu waan ta’eef mormii himatamaan gochi goyyomsuu ani himatamaa irratti raawwadhe hin jiru jechuun kaase kufaa taasisuun himatamaan gocha ittiin himatame amaneera jechuun bu’uura SDFY kwt. 134(1)’tiin ragaa dhagahuun otuu hin barbaachisin balleessaadha jedhee; yaada adabbii salphisuu A/Alangaa yakkicha amanuu himatamaatiif kaase ammoo himatamaan badii hin qabu jedhee gar-tokkeen haaleera waan ta’eef jechuun kufaa godheera.
Himatamaan otuun guutummaan guutuutti hin amanin fi balleessaa hin qabu otuun jechaa jiruu amaneera jedhameen murtiin balleessummaa natti laatame waan ta’eef murtiin natti laatame adeemsa seeraa hin eegganne waan ta’eef dhimmichi ragaan qulqullaa’ee murtii argachuu qaba jechuun murtii balleessummaa fi adabbii irratti ol iyyata gaafatee Abbaan Alangaa murtiin balleessummaa fi adabbiin mana murtii jalaa akka cimu gaafateera.
Manni murtii olaanaa godina Jimmaa ol’iyyataan L/Galmee 49994 ta’e irratti dhimmicha ilaale murtii mana murtii jalaa cimsee jira.
v Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/ kwt.134’n y adabbii argate 10ffaa
Himatamaa Gazzuu Moosisaa Sufii irratti gaafa 07/02/2013 Abbaan Alangaa aanaa Noonnoo Beenjaa labsii meeshaa waraanaa lakk 1177, kwt. 22(2) irra darbuun yakka hayyama otuu hin qabaatin meeshaa waraanaa shugguxii seeraan alaa rasaasa shan waliin qabatanii argamuutiin mana murtii aanaa Noonnoo Beenjaatti himate.
Himatamaan dhaddachatti dhiyaatee jechasaa yommuu laatu “…dhugaadha meeshaa waraanaa turkii xiqqaa ta’e namarraa bitee qabadhee meeshaa kana irratti hayyama baafachuuf otuun gara magaalaa Algaa dhufaa jiruu miseensi poolisii naharkatti qabee jira” jedheera.
Abbaan Alangaa himatamaan meeshaa kana namarraa bitadhee hayyama itti baafachuuf otuun gara magaalaa Algaa dhufaa jiruu naharkatti qabame hajedhuyyuu malee akka tumaa seerichaatti namni tokko meeshaa waraanaa qabatee socho’uun duratti hayyama qabachuu qaba, hayyama otuu hin qabaatin qabatee argamuun qofti murtii balleessummaa laachuuf firii dubbii tumaa seerichaa kan guutu fi himatamaan ammoo haaleera kan jechisiisu waan hin taaneef himannaa irratti dhiyaate akka amanetti fudhatamee bu’uura SDFYKwt 134(1)’tiin murtii balleessummaa itti naaf halaatamu jechuun gaafateera.
Manni murtichaa jecha amantaaf waakkii himatamaa yommuun ilaalu; himatamaan meeshaa kanatti hayyama baafachuufan deemaa ture haajedhuyyuu malee hayyama osoo hin qabaatin qabatee argamuun ibsuun isaa tumaa himannaa hundeessuuf gahaadha waan ta’eef jechuun bu’uura SDFY kwt. 134(1)’tiin murtii balleessummaa kennee adabeera.
Himatamaan adabbii irratti ol iyyatee abbaan Alangaatis L/Galmee 02/05485 ta’e irratti murtiin balleessummaa fi adabbiin mana murtii jalaa akka cimu gaafatee, manni murtii ol aanaa godina
Jimmaa L/Galmee 49490 ta’e irratti galmeen ni dhiyeessisa erga jedhee booda guyyaa beellamaa ol iyyataan adabbii ji’a shanii fixate bahuun waan adda baheef galmeen ol iyyataa ni cufame.
v Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 11ffaa
Himatamaa Cheerinnat Gaashaaw Tasammaa irratti Abbaan Alangaa aanaa Saqqaa Coqorsaa labsii to’annoo fi galmeessa farra ilbisootaa federaalaa lakk 674/2010, kwt 20/1(b) fi 33/3(6) jalatti himatamaan wantoota itti fayyadamni isaa balaafamaa ta’an karaa seeraan ala ta’een geejjibuutiin, akkasumas, labsii sirna too’annoo dorgommii daldaltootaa shamatootaa federaalaa bahe lakk
813/2006 Kwt 43(5) irra darbuun yakka meeshaalee bu’uuraa zaytaa fi sukkaara hayyama malee bakkaa fi bakkatti geejjibuutiin himatee ture.
Himatamaan dhaddachatti dhiyaatee jecha amantaaf waakkii lateen ‘… magaalaa Jimmaadhaa qorqorroof daakuun itti fe’amuun beeka, kan itti fe’e warra dallaalaati meeshaaleen addaddaatis jiru ture, Angaccaa bakka jedhamu irraan fe’ee bahe; yeroo zaytii fi qorichi fe’amu bira hin turre. Ani konkolaataa kana konkolaachisaa yeroon keellaa magaala saqqaa gahu konkolaataan poolisiidhaan sakatta’amee meeshaan himannaa keessatti caqasame argamee jira waan ta’eef balleesseera.’ jedheera.
Abbaan Alangaa himatamaan gocha ittiin himatame raawwachuu isaa guutummaan guutuutti amanee waan jiruuf ragaa dabalataa dhagahuun otuu hin barbaachisin murtiin balleessuummaa irratti akka nuuf laatamu jedhee gaafateera.
Manni murtii aanaa Saqqaa coqorsaatis himannaa dhiyaate, yaada abbaa alangaa fi jecha amantaa himatamaa, akkasumas, ragaa barreeffamaa waajira qonnaa fi qabeenya uumamaa fi waajira Daldalaa aanaa S/Coqorsaa irraa dhiyaate seeraan ala geejjibaa jiraachuu himatamaa kan mirkaneessan yommuu ta’u, himatamaan ammoo meeshaa bu’uuraa kana seera qabeessummaa isaa osoo hin mirkaneeffatin geejjibuun isaa badii ta’uu isaa guutummaan guutuutti amanee waan jiruuf jechuun bu’uura SDFYKwt 134(1)’tiin ragaa dhagahuun otuu hin barbaachisin balleessaadha jedheera.
Himatamaan ani yeroo qorichi fi zaytiin fe’amu hin argine dallaalaatu fe’e jedhee himannaa haalee otuun jiruu, jechuma balleesseera jedhu dubbateera jechuun otuun guutummaan guutuutti hin amanin amaneera jedhamee murtiin balleessummaa natti laatame mirga meeshaan kun bakka ani hin jirretti duddubakoo nama biraatiin akka fe’ame ragaa ittisaatiin hubachiifachuuf qabu waan sarbuuf adeemsa seeraan alaatiin mirga dhagahamuu eegumsa heera qabus waan najalaa dhiphisef jechuun murtii balleessummaa fi adabbii irratti ol iyyata gaafatee Abbaan Alangaa L/Galmee 02/05606 ta’e irratti murtiin balleessummaa cimee adabbiin ammoo shallaggii irratti dogoggora waan qabuuf haasirratu jechuun gaafateera.
Manni murtii olaanaa godina Jimmaas oliyyataan L/Galmee 49994 ta’e irratti dhimmicha ilaale himatamaan/ol iyyataan yeroo meeshaan kun fe’amu ani hin agarre jedhee jira waan ta’eef akka haaletti qabamee ragaan irratti haadhagahamu jechuun murtii mana murtii jalaa diigee jira.
v Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 12ffaa
Himatamaa Tawaldee Gambiraaw Argaw irratti Abbaan Alangaa aanaa Shabee Somboo labsii meeshaa waraanaa lakk 1177, kwt 22(2) irra darbuun yakka hayyama otuu hin qabaatin meeshaa waraanaa shugguxii seeraan alaa rasaasa afur waliin qabatanii argamuutiin mana murtii aanaa Shabee Sombootti himateera.
Himatamaan dhaddachatti dhiyaatee jechasaa yommuu laatu ‘…. dhugaadha gocha ittiin himatame kana raawwadheera. Meeshaa kana qabeenya kiyya ittiin eeggachuufan bitadhe. Hayyama garuu itti hin qabu’ jedheera.
Abbaan Alangaa himatamaan himannaa irratti dhiyaate guutummaan guutuutti waan amaneef bu’uura SDFY kwt 134(1)’tiin murtii balleessummaa itti naaf halaatamu jechuun gaafateera.
Manni murtichaas himatamaan gocha ittiin himatame guutummaan guutuutti amaneera jechuun bu’uura SDFY kwt 134(1)’tiin murtii balleessummaa kennee adabeera.
Himatamaan murtii balleessummaa fi adabbii irratti ol iyyatee abbaan Alangaatis L/Galmee
02/05612 ta’e irratti murtiin balleessummaa fi adabbiin mana murtii jalaa akka cimu gaafatee, manni murtii ol aanaa godina Jimmaas L/Galmee 49857 ta’e irratti murtii balleessummaa cimsee adabbii fooyyeesseera.
v Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 13ffaa
Himatamaa Ol’aana Magarsaa Barsiisaa irratti Abbaan Alangaa aanaa Botor Xoollaay labsii misooma eegumsaa fi itti fayyadama bosona mootummaa federaalaa lakk 1065/2010 Kwt 25(4) fi 26(4) irra darbuun yakka bosona uumamaa kan mootummaa hayyama qaama aangoo qabuu malee keessa seenuun itti fayyadamuutiin mana murtii aanaa Botor Xoollaayitti himateera.
Himatamaan dhaddachatti dhiyaatee jechasaa yommuu laatu; “…gocha himannaa Abbaan Alangaa ittiin na himate kana raawwadheen jira. Innis lafa bosona mootummaa biqiloota baddeessaa, daasee, machaaraa, jajjabaa fa’a of irraa qaba ture. Ergan qotuu jalqabee waggaa sadi ni ta’a lafa walakkaa hektaaraa ta’u qofan itti darbee qotadhe waan ta’eef manni murtii dhiifama naaf haa godhu” jedheera.
Abbaan Alangaa himatamaan himannaa irratti dhiyaate guutummaan guutuutti waan amaneef bu’uura SDFY kwt.134 (1)’tiin murtii balleessummaa itti naaf halaatamu jechuun gaafateera.
Manni murtichaas himatamaan gocha ittiin himatame, jecha amantaaf waakkii himatamaa fi seera jalatti himatame faana ilaaluun himatamaan guutummaan guutuutti amaneera jechuun bu’uura SDFY kwt.134(1)’tiin murtii balleessummaa kennee adabeera.
Himatamaan murtii balleessummaa fi adabbii irratti ol iyyatee abbaan Alangaatis L/Galmee
02/05602 ta’e irratti murtiin balleessummaa fi adabbiin mana murtii jalaa akka cimu gaafatee, manni murtii ol aanaa godiina Jimmaa L/Galmee 49820 ta’e irratti murtii balleessummaa cimsee adabbii fooyyeesseera.
v Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 14ffaa
Himatamaa Usmaa’el Sulxaan Imaam irratti Abbaan Alangaa aanaa Limmuu Saqqaa SY kwt. 543(3) fi dambii nageenya tiraafikaa Oromiyaa lakk 194/2009 kwt. 10/1 fi 27(1) irra darbuun yakka dambii ifa ta’e darbuun dagannoon nama ajjeesuutiin mana murtii aanaa Limmuu Saqqaatti himateera.
Himatamaan dhaddachatti dhiyaatee jechasaa yommuu laatu; ‘…himanni narratti dhiyaate dhugaadha, raawwadheera. Miidhamaa Nuuraa Huseen jedhamu gaafa 10/8/2012 iddoo fi sa’aatii himanna keessatti caqafame irratti motoora gabatee hin qabne otuun konkolaachisuu ittiin rukutee ajjeeseera. Kun ammoo badiidha” jedheera.
Abbaan Alangaa himatamaan himannaa irratti dhiyaate guutummaan guutuutti waan amaneef bu’uura SDFY kwt. 134(1)’tiin murtii balleessummaa itti naaf halaatamu jechuun gaafateera.
Manni murtichaas himatamaan gocha ittiin himatame duraanis jecha bu’uura SDFY kwt.35 tiin kennee fi jecha amantaaf waakkii amma laateen guutummaan guutuutti amaneera jechuun bu’uura SDFY kwt 134(1)’tiin murtii balleessummaa kennee adabeera.
Himatamaan murtii balleessummaa fi adabbii irratti ol iyyatee abbaan Alangaa godinaas L/Galmee 02/05269 ta’e irratti murtiin balleessummaa fi adabbiin mana murtii jalaa akka cimu gaafatee, manni murtii ol aanaa godina Jimmaa L/Galmee 47964 ta’e irratti murtii balleessummaa cimsee adabbii fooyyeesseera.
v Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 15ffaa
Himatamtuu Mulunesh Huseen Hasan irratti Abbaan Alangaa aanaa Limmuu Kossaa labsii nyaataaf qoricha bulchuuf bahe lakk 1112/2011 kwt. 67/1 fi 4 fi SY kwt 525/1(b) irra darbuun yakka qorichoota seeraan alaa daldaluu raawwatteef mana murtii aanaa Limmuu Kossaatti himate.
Himatamtuun dhaddachatti dhiyaattee jechashee yommuu laattu; ‘…raawwadheen jira, naannoo keenya hunduu waan gurguruuf yommuu gara magaalaa Jimmaa deemnu binnee galla. Qoricha kana ammoo mana qorichaatii yommuun bitu kan qorraa, dhukkubbii manaa … jedheen bita. Jarri ammoo akka ani liqimsu itti fakkaata waan ta’eef naaf laatu, akkan ani gurgurachuuf bitu hin beekani. Qorichoota kana gurguruuf hayyama itti hin qabu ogummaa isaatis hin qabu, kanaaf balleesseen jira ‘jetteetti.
Abbaan Alangaa himatamtuun himannaa irratti dhiyaate guutummaan guutuutti waan amanteef bu’uura SDFYKwt 134(1)’tiin murtii balleessummaa itti naaf halaatamu jechuun gaafateera.
Manni murtichaas himatamtuun gocha ittiin himatamte hambifannaa male guutummaan guutuutti amantee jirti jechuun bu’uura SDFYKwt 134(1)’tiin murtii balleessummaa kennee adabeera.
Himatamtuun adabbii irratti ol iyyattee abbaan Alangaatis L/Galmee 02/05538 ta’e irratti murtiin balleessummaa fi adabbiin mana murtii jalaa akka cimu gaafatee, manni murtii ol aanaa godina
Jimmaas L/Galmee 49639 ta’e irratti tumaan SY Kwt 525/1(b) hanga waggaa 25’tti adabsiisa waan ta’eef manni murtii aanaa aangoo hundee dubbii otuu hin qabaatin murtiin kenne sirrii miti jechuun murtii mana murtii jalaa diigee jira.
Galmee Jecha s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 16ffaa
Himatamaa Abbaay Balaachoo Yetnabbark irratti Abbaan Alangaa aanaa Limmuu Kossaa labsii meeshaa waraanaa lakk 1177 Kwt 22(2) irra darbuun yakka hayyama otuu hin qabaatin meeshaa waraanaa shugguxii seeraan alaa rasaasa afur waliin qabatanii argamuutiin mana murtii aanaa Limmuu Kossaatti himateera.
Himatamaan dhaddachatti dhiyaatee jechasaa yommuu laatu ‘…. gocha ittiin himatame kana raawwadheera. Meeshaa kana bara 2010 bitadhee otuun qabuu gaafa 28/4/2012 bulchaan gandaa meeshaa kana fidi yoo poolisiin sirkatti qabe ni adabamta naan jennaan shugguxii kana dabarsee bulchaa gandaatti laadheera. Hayyama male qabachuun koo badiidha, balleesseera’ jedheera.
Abbaan Alangaa himatamaan himannaa irratti dhiyaate guutummaan guutuutti waan amaneef bu’uura SDFY kwt. 134(1)’tiin murtii balleessummaa itti naaf halaatamu jechuun gaafateera.
Manni murtichaas himatamaan gocha ittiin himatame hambifannoo tokko malee waan amaneef jechuun bu’uura SDFYKwt 134(1)’tiin murtii balleessummaa kennee adabeera.
Himatamaan murtii balleessummaa fi adabbii irratti ol iyyatee abbaan Alangaatis L/Galmee 02/05507 ta’e irratti murtiin balleessummaa fi adabbiin mana murtii jalaa akka cimu gaafatee, manni murtii ol aanaa godina Jimmaas L/Galmee 49544 ta’e irratti bu’uura labsicha kwt 23(2)’tiin guyyaa labsichi bahee qabee waggaa tokko keessatti hayyama itti baafachuu waan danda’uuf jechuun murtii mana murtii jalaa diigee ol iyyataa bilisaan gaggeessee jira.
v Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 17ffaa
Himatamaa Tamriik Sulxaan A/Goojjam irratti Abbaan Alangaa aanaa Limmuu Kossaa SY kwt.
626(1) irra darbuun yakka ijoollee umuriin isaanii gaa’elaaf hin geenye waliin quunnamtii saalaa raawwachuutiin mana murtii aanaa Limmuu Kossaatti himate.
Himatamaan dhaddachatti dhiyaatee jechasaa yommuu laatu; ‘…guyyaa isaa hin yaadadhu, ji’a sadi dura, baruma kana keessa guyyaa keessaa tilmaamaan sa’aatii 10:00 ni ta’a, aanaa Limmuu Kossaa, ganda Caffee ilfataa iddoo silo siiddoo jedhamu midhaan mishiingaa keessatti intala samiiraa Badruddiin jedhamtu waliin saal-quunnamtii raawwannee jirra, kanumaan isheenis ulfooftee jirti.’ jedheera.
Abbaan Alangaa himatamaan himannaa irratti dhiyaate guutummaan guutuutti waan amaneef bu’uura SY kwt. 134(1)’tiin murtii balleessummaa itti naaf halaatamu jechuun gaafateera.
Manni murtichaas himatamaan gocha ittiin himatame hambifannoo malee amanuu isaa hubadheera jechuun bu’uura SDFY kwt. 134(1)’tiin murtii balleessummaa kennee adabeera.
Himatamaan murtii balleessummaa fi adabbii irratti ol iyyatee abbaan Alangaatis L/Galmee 02/05548 ta’e irratti murtiin balleessummaa fi adabbiin mana murtii jalaa akka cimu gaafatee, manni murtii ol aanaa godina Jimmaas L/Galmee 49669 ta’e irratti murtii balleessummaa cimsee umuriin ol iyyataa waggaa 17 waan ta’eef jechuun adabbii fooyyeessee jira.
v Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 18ffaa
Himatamaa Salamon Gabree G/Mikaa’el irratti Abbaan Alangaa aanaa magaalaa Jimmaa labsii meeshaa waraanaa lakk 1177 Kwt 22/2 irra darbuun gaafa guyyaa 26/2/2013 yakka hayyama otuu hin qabaatin meeshaa waraanaa Maaskobichii jedhamu kaa’ee argamuutiin mana murtii aanaa magaalaa Jimmaatti himate.
Himataman dhaddachatti dhiyaatee jechasaa yommuu laatu; ‘…raawwadheera, qawwee kana hayyama otuun itti hin qabaatin mana jireenyaa koo keessatti qabameera’ jedheera.
Abbaan Alangaa himatamaan himannaa irratti dhiyaate amaneera waan ta’eef bu’uura SDFY kwt.134(1)’tiin murtii balleessummaa itti naaf halaatamu jechuun gaafateera.
Manni murtichaa jecha amantaaf waakkii himatamaa yommuun ilaalu, himatamaan yakka ittiin himatame amaneera jechuun bu’uura SDFYKwt 134(1)’tiin murtii balleessummaa kennee adabeera.
Himatamaan murtii balleessummaa fi adabbii irratti ol iyyatee abbaan Alangaatis L/Galmee 02/05381 ta’e irratti murtiin balleessummaa fi adabbiin mana murtii jalaa akka cimu gaafatee, manni murtii ol aanaa godiina Jimmaas L/Galmee 49194 irratti bu’uura labsicha kwt 23(2)’tiin guyyaa labsichi bahee qabee waggaa tokko keessatti hayyama itti baafachuu waan danda’uuf jechuun murtii mana murtii jalaa diigee ol iyyataa bilisaan gaggeessee jira.
Galmee Jecha s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 19ffaa
Himatamaa Malkaamuu Geetaachoo Asaayyee irratti Abbaan Alangaa aanaa Shabee Somboo labsii meeshaa waraanaa lakk 1177 Kwt 22(2) irra darbuun gaafa guyyaa 24/03/2013 yakka hayyama otuu hin qabaatin meeshaa waraanaa boombii F1 jedhamu mana keessa kaa’ee argamuutiin mana murtii aanaa Shabee Sombootti himate.
Himataman dhaddachatti dhiyaatee jechasaa yommuu laatu; ‘…. gaafa 24/3/2013 anaa rafaa jiruu poolisoonni dhufanii hayyama sakatta’iinsaatiin yommuu mana koo sakatta’an boombii tokko arganii fuudhan’ jedheera.
Abbaan Alangaa himatamaan himannaa irratti dhiyaate amaneera waan ta’eef bu’uura SDFY kwt.
134(1)’tiin murtii balleessummaa itti naaf halaatamu jechuun gaafateera.
Manni murtichaas himatamaan yakka ittiin himatame amaneera jechuun bu’uura SDFY kwt.134(1)’tiin murtii balleessummaa kennee adabeera.
Himatamaan murtii balleessummaa fi adabbii irratti ol iyyatee abbaan Alangaatis L/Galmee 02/05401 ta’e irratti murtiin balleessummaa fi adabbiin mana murtii jalaa akka cimu gaafatee, manni murtii ol aanaa godina Jimmaas L/Galmee 49293 irratti murtii balleessummaa cimsee adabbii fooyyeesseera.
v Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 20ffaa
Himatamaa Anuwaar Awwal A/Zinaab irratti Abbaan Alangaa aanaa Shabee Somboo SY kwt. 686(2) irra darbuun yakka qabeenya nama biroo irratti jeequmsa raawwachuutiin mana murtii aanaa Shabee Sombootti himateera.
Himatamaan dhaddachatti dhiyaatee jechasaa yommuu laatu; ‘…bunni kun kan abbaa koo kan Awwal A/Zinaab yoo ta’u, duraanuu kanuman funaannachaa ture, ammas funaannadhe male qabeenyi kan miidhamaa dhuunfaa miti. Bunichi qabeenya abbaakoo ta’ee otuu jiruu manni murtii seeraan ala natti murteessee miidhamaadhaaf raawwate. Ammammoo waanan rakkadheef buna seenee funaannadheera. Kanan amma funaanes sababan rakkadheefidha.
Abbaan Alangaa himatamaan himannaa irratti dhiyaate amaneera waan ta’eef bu’uura SDFY Kwt 134(1)’tiin murtii balleessummaa itti naaf halaatamu jechuun gaafateera.
Manni murtichaas himatamaan yakka ittiin himatame amaneera jechuun bu’uura SDFY kwt.134(1)’tiin murtii balleessummaa kennee adabeera.
Abbaan Alangaa aanaa adabbii irratti ol iyyatee abbaan Alangaa godinaatis L/Galmee 02/05408 ta’e irratti murtiin balleessummaa cimee adabbiin mana murtii jalaa akka fooyya’u gaafatee, manni murtii ol aanaa godiina Jimmaa L/Galmee 49367 irratti hin dhiyeessisu jechuun murtii balleessummaa fi adabbii mana murtii jalaa cimseera.
v Galmee Jecha amantaa bu’uura s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 21ffaa
Himatamaa Issubaalaw Ambaa Meku’aanint irratti Abbaan Alangaa aanaa Oomoo Beeyyam labsii meeshaa waraanaa lakk 1177 Kwt 22(2) irra darbuun yakka hayyama otuu hin qabaatin meeshaa waraanaa xiyyitii kilaashii 143, kan maskoobichii 15 fi ka chichi 1 waliigala meeshaa seeraan alaa rasaasa 159 kaa’ee argamuutiin mana murtii aanaa oomoo Beeyyamitti himateera.
Himatamaan dhaddachatti dhiyaatee jechasaa yommuu laatu; ‘…manni koo yommuu sakatta’amu xiyyitiin argame bara dargiin kufee yihadagiin galu loltuu dargiitu natti laatee ture. Yeroo meeshaan waraanaa deebi’aa ture ani Finfinnee waanan tureef haatimanaa kiyya kilaashii fi xiyyitii isaa simachiiftee kan amma qabame kun hafee waan tureef ergan finfinneedhaa dhufee yoon xiyyitii kana ka’ee geesse meeshaa isaa fidi naan jedhu jedheen sodaadhee dhiise malee waan biraatiif hin kuusne; meeshaatti malee xiyyitiitti hayyamni ni baha jedhee ijaan hin yaadneefan dhiise male dhimma biraaf miti’ jedheera.
Abbaan Alangaa himatamaan himannaa irratti dhiyaate guutummaan guutuutti waan amaneef bu’uura SDFY kwt.134(1)’tiin murtii balleessummaa itti naaf halaatamu jechuun gaafateera.
Manni murtichaas himatamaan gocha ittiin himatame hambifannoo tokko malee amaneera, hata’u malee bu’uura Kwt 23(2) labsii 1177/2012’tiin seera yakkaa idilee jalatti gaafatamuu waan qabuuf jechuun bu’uura SDFY kwt.113(2)’tiin tumaa himannaa gara kwt. SY kwt.808(1) jalatti balleessaa ta’uu qaba jechuun bu’uura SDFY kwt. 134(1)’tiin murtii balleessummaa kennee adabeera.
Abbaan Alangaa aanaa adabbii irratti ol iyyatee abbaan Alangaa godinaatis L/Galmee 02/05374 ta’e irratti murtiin balleessummaa fi adabbiin akka fooyya’u gaafatee, manni murtii ol aanaa godina Jimmaa L/Galmee 49205 irratti murtii balleessummaa fi adabbii mana murtii jalaa cimseera.
Galmee Jecha s/d/f/y kwt.134’n adabbii argate 22ffaa
Himatamtoota Abduu A/Goojjam A/Shaaroo fa’a N4 irratti Abbaan Alangaa aanaa Maannaa labsii meeshaa waraanaa lakk 1177 Kwt 22(1) irra darbuun gaafa guyyaa 21/2/2013 yakka hayyama otuu hin qabaatin meeshaa waraanaa Shugguxii jedhamu mana kaa’anii argamuutiin mana murtii aanaa Maannaatti himate.
Himataman dhaddachatti dhiyaatee jechasaa yommuu laatu ‘…raawwadheera, qawwee kana hayyama otuun itti hin qabaatin mana jireenyaa koo keessatti qabameera’ jedheera.
Abbaan Alangaa himatamaan himannaa irratti dhiyaate amaneera waan ta’eef bu’uura SDFY kwt. 134(1)’tiin murtii balleessummaa itti naaf halaatamu jechuun gaafateera.
Manni murtichaa himannaa A/Alangaa jecha amantaaf waakkii himatamtootaa fi jecha isaan duraan bu’uura SDFY kwt. 35’tiin kennan faana ilaalun himatamtootni yakka ittiin himataman amananiiru jechuun bu’uura SDFY kwt. 134(1)’tiin murtii balleessummaa kennee adabeera.
Himatamtootni murtii balleessummaa fi adabbii irratti ol iyyatanii abbaan Alangaatis L/Galmee
02/05369 ta’e irratti murtiin balleessummaa fi adabbiin mana murtii jalaa akka cimu gaafatee, manni murtii ol aanaa godina Jimmaas L/Galmee 49192 irratti bu’uura labsicha kwt 23(2)’tiin guyyaa labsichi bahee qabee waggaa tokko keessatti hayyama itti baafachuu waan danda’uuf jechuun murtii mana murtii jalaa diigee ol iyyattoota bilisaan gaggeessee jira.
Xiinxala maddoota odeeffannoo sassaabaman irratti taasifame
Xiinxala Cuunfaa Galmeelee yakkaa sakatta’aman irratti taasifame
Bu’uuruma kanaan ulaagaa jecha amantaa himatamaa irratti hundaa’uun murtii balleessummaa kennuuf seerri teechisee fi qabatama hojiirra jiru yommuu xiinxallu: –
Galmeewwan sakatta’aman diigdamii lamaan keessaa jechi amantaaf waakkii kan hambifannoo male himatamaan kennate irratti hundaa’amee murtiin balleessummaa fi adabbiin itti laatame galmeewwan kudha tokko (11)’dha. Kunis harki walakkaan (%50’ni) jecha amantaaf waakkii himatamaa hambifannoo ijoo dubbii, ijoo seeraa fi amananii garuu sababeessa gochicha qaban akka amananitti fudhatamanii murtiin balleessummaa itti kennameera.
Galmeewwan hambifannaa ijoo dubbii/seeraa/sababeessa gochaa otuu qabanii murtiin balleessummaa mana murtii jalaatiin irratti laatamee ol iyyataan gara mana murtii ol aanaa godina Jimmaa dhufan 11’n keessaa galmeewwan lama (%18.18) kan diigamanii mana murtii jalaatti deebi’an yommuu ta’u, galmeewwan 9 (%81.82) ammoo murtiin balleessummaa kenname cimee garuu adabbiin salphateefii jira.
Galmeewwan jecha amantaaf waakkii hambifannoo hin qabne irratti hundaa’uun murtiin balleessummaa kenname 11 keessaa galmeewwan lama (18.18) himatamaan amaneera waan ta’eef jechuun bu’uura SDFYKwt 113(2)’tiin tumaan himannaa jijjiiramee murtiin balleessummaa kan itti kennamedha.
Galmeewwan jecha amantaaf waakkii hambifannoo hin qabne irratti hundaa’uun murtiin balleessummaa kenname 11 keessaa galmeewwan lama (%18.18) jechi amantaaf waakkii jecha duraan himatamtichi bu’uura SDFYKwt 35’tiin kennee akka ragaatti himannaa A/Alangaa faana dhiyaate waliin xiinxalamee amaneera jechuun murtiin balleessummaa kan itti kennamedha. Galmeen jecha amantaa hambifannoo qabu tokko (%9.09), akkasumas, jecha duraan himatamtichi bu’uura SDFY kwt. 35’tiin kennee akka ragaatti himannaa A/Alangaa faana dhiyaate waliin xiinxalamee amaneera jechuun murtiin balleessummaa kan itti kennamedha.
Galmeewwan jecha amantaaf waakkii hambifannoo qabanis ta’e hin qabne hunda (22) keessaa galmeewwan diigdamii tokko (%95.45) irratti Abbaan Alangaa himatamaan amaneera waan ta’eef ragaa dhagahuun otuu hin barbaachisin murtiin akka itti kennamu gaafatee kan bu’uuruma gaaffii A/Alangaatiin murtii balleessummaa itti laatame yommuu ta’u, galmee tokko (%4.56) ammoo kan hambifannoo ijoo seeraa qabu Abbaan Alangaa ragaan kiyya naaf hadhagahamu jedhee gaafate manni murtii qorannoof bulchee xiinxala irratti gaggeessee jechuma amantaaf waakkii irratti hundaa’ee murtii balleessummaa erga irratti laatee booda, Abbaan Alangaa himatamaan amaneera waan ta’eef adabbiin hasalphatuuf jedhee gaafatus manni murtii sababeessuun gaaffii A/Alangaa kufaa taasisuun amanus adabbiin hir’achuufii hin qabu jechuun adabbii dabarsee kunumti mana murtii ol aanaatti cimee jira.
Galmeewwan jecha amantaaf waakkii hambifannoo ijoo seeraas ta’e ijoo dubbii otuu hin qabaatin kenname irratti hundaa’uun murtii balleessummaa kennamee himatamaan ol iyyate 11’n keessaa galmeewwan sadi (%27.27) jechi amantaa ulaagaa seeraa kan guutu ta’us himatamtootni labsiin
meeshaa waraanaa bahee hanga waggaa tokkoo gidduutti hayyama baafachuu waan danda’aniif jechuun ragaan A/Alangaa otuu irratti hin dhagahamin karaa mana murtii olaanaa godiina Jimmaa himatamtootni (ol iyyattootni) bilisaan gaggeeffamanii jiru. Murtiin mana murtii ol iyyata dhagahuu kun tumaa yeroo cehumsaa labsichaan taa’e keessatti namni kamuu meeshaa waraanaa seeraan alaa akka barbaade qabachuu akka danda’uuf hayyama kennuu akka ta’etti hubachuun kaayyoo labsichaa hiikkoo laachuun ulaagaa seerri deemsa falmii yakkaa jecha amantaatiifis ta’ee kanneen birootiif diriirseen ala bahuun murtii kennameedha. Dhimma kana irratti manni murtii waliigalaa federaalaa dhaddacha ijibbaataa isaatiin dhaddacha gaafa guyyaa 27/3/2014 ooleen kaayyoon tumaa labsii lakk 1177/2012 Kwt 23(2) adeemsa galmeessa meeshaa keessatti rakkinni akka hin uumamneef malee yeroo waggaa tokkootiif namni kamuu meeshaa seeraan alaa akka hidhatuuf hayyama kennuuf miti jechuun hiikkoo dirqisiisaa irratti laatee jira. Murtiin mana murtii olaanaa godiina Jimmaatiin nama jecha amantaa isaa hambifannaa tokko malee kennee adabamee dhufe bilisaan gadi dhiisuun kenne faallaa seera deemsaa ta’ee kan haqa jal’isuu fi kaayyooSDFY Kwt 134 ala bahuun seeraaf qabatamni hojii garaagar ta’uu isaa kan agarsiisuudha.
Galmeen jechi amantaa himatamaa ulaagaa seeraa hin guutu jedhamee ragaan A/Alangaa akka irratti dhagahamuuf ajajamee murtiin balleessummaa mana murtii aanaatiin laatame diigamee himatamaan gadi-dhiifame deebi’ee ragaan irratti dhagahamuuf dhiisuu adda baafachuuf galmeewwan sakatta’aman afur keessaa lama sababa manni galmee garagalcha fuudhee aanaaf hin ergineen galmeen otuu furmaata hin argatin mana galmee A/Alangaa godinaa biratti hafee argame waan ta’eef galmeen mana murtii jalaatti irra deebi’ee socho’ee furmaata hin arganne.
Galmeewwan lamaan xalayaan itti barraa’ee garagalchi murtiis itti fuudhame keessaa galmeen tokko kan mana murtii aanaa Manchoo deebi’ee socho’ee kan furmaata argate yommuu ta’u, kan magalaa Jimmaa ammoo xalayaanis itti qophaa’ee garuu sababa mana hojii A/Alangaa aanichaaf hin ergamneen galmeen kunis deebi’ee socho’ee furmaata hin arganne.
Kanarraa ka’uun, galmeewwan gadi deebi’anii ha ilaalaman jedhaman keessaa galmeen tokko ykn dhibbentaan 25 kan deebi’ee socho’ee furmaata argate yommuu ta’u, galmeewwan sadi ykn dhibbentaa 75 (75%) kan ta’an ammoo sababa garagalchi fuudhamee aanaaleedhaaf hin ergamin hafeen kan deebi’anii socho’anii furmaata hin argannedha. Kun ammoo hanqinni galmeen mana murtii jalaatti kennamu fudhatee dhufu qaamolee garagaraa (Abbaa seeraa mana murtii ol aanaa kenniinsa murtii irratti fi mana galmee waajjira Abbaa Alangaa godiinaa garagalcha murtii fuudhanii aanaaleef erguu dhabuun) hirmaachisee haqni akka jallatu kan taasisaa jiru ta’uu kan agarsiisudha.
Gabatee 5: xiinxala cuunfaa galmeelee yakkaa sakatta’aman irratti taasifamee
lak k | Abbootii dhimmaa | Mana murtii dhimmicha ilaale | lakk galmee | Kwt Seera yakkaa himannaan ittiin saaqame | Ibsa (himannaa + J/Amantaa + seera ittiin himatame) | |
AAGJ | MMG J | |||||
1. | A/Alangaa Vs Usmaa’el Sulxaan | L/Saqqaa | 02/05269 | 47964 | 543(3) fi dambii 194/09 Kwt 10/1 fi 27(1) | Jecha amantaa 35’n kennee fi jecha amantaa himannaa irratti laateen himannaa amaneera jedhame. A/Alangaa godinaa murtiin fi adabbiin akka cimu gaafatee murtiin cimee adabbiin fooyya’eera. – Hambifannaa hin qabu |
2. | A/Alangaa Vs Abduu A/Goojjam N4 | Maannaa | 02/05369 | 49192 | Labsii lakk 1177 Kwt 22(1) | Jecha duraan bu’uura SDFYKwt 35’n kennanii fi jecha amantaaf waakkii laatan himannaa faana madaalee balleessaadha jedhe. Ol iyyataan labsichi bahee waggaa 1 hin guunne jechuun bilisaan gaggeeffaman – Hambifannaa hin qabu |
3. | A/Alangaa Vs Salamon Gabree | Magaalaa Jimmaa | 02/05381 | 49194 | Labsii lakk 1177 Kwt 22(2) | Himannaa fi jecha amantaa fi waakkii madaalee balleessaadha jedhe. A/Alangaa godiinaa murtiin balleessummaaf adabbiin akka cimu gaafatee labsiin erga bahee qabee hanga waggaa 1’tti hayyama itti baafachuu ni danda’a jechuun ol iyyataa bilisaan gaggeesseera. – Hambifannaa hin qabu |
4. | A/Alangaa Vs Olaanaa Magarsaa | B/Xoollaay | 02/05374 | 49205 | Labsii lakk 1177 Kwt 22(2) | Amaneera jedhamee, bu’uura SDFYKwt 113(2)’tiin tumaa himannaa jijjiiree 800(1) jalatti 134(1)’n balleessaadha jedhe. – hambifannaa hin qabu |
5. | A/Alangaa Vs Malkaamuu Geetaachoo | Sh/Somboo | 02/05401 | 49293 | Labsii lakk 1177 Kwt 22(2) | Himannaa fi jecha amantaa fi waakkii madaalee balleessaadha jedhe. A/Alangaa godiinaa murtiin balleessummaaf adabbiin akka cimu gaafatee murtiin balleessummaa cimee adabbiin fooyya’e. – Hambifannaa hin qabu |
6. | A/Alangaa Vs Anuwaar Awwal | Sh/Somboo | 02/05408 | 49367 | 686(2) | Hambifannoodhaan amanee otuu jiruu hiikkoodhaan himannaa amaneera jedhame. Tumaa himannaa haala hundeessuun hin amanne. Rakkadheen funaannadhe! Jedhe. Adabbii irratti A/Alangaa ol iyyatee hin dhiyeessisu jedhame. -Hambifannaa ijoo seeraa qaba. |
7. | A/Alangaa Vs Gazzuu Moosisaa | N/Beenjaa | 02/05485 | 49490 | Labsii lakk 1177/2012 Kwt 22(2) | Jechaaf himannaa madaalee hayyama baafachuufan deemaa ture jechuun himatamaa balleessummaa /yakkummaa hin hambisu jechuun balleessaadha jedhe. -Sababeessaa ture |
8. | A/Alangaa Vs Issubaalaw Ambaa | O/Beeyyam | 02/05506 | 49510 | Labsii lakk 1177 Kwt 22(2) | Himannaa fi jecha amantaa fi waakkii madaalee 113(2)’n balleessaadha jedhe. A/Alangaa godiinaa murtiin balleessummaaf adabbiin akka cimu gaafatee murtiin balleessummaa fi adabbiin cimeera. – hambifannaa ijoo seeraa qaba |
9. | A/Alangaa Vs Abbaay Balaachoo | L/Kossaa | 02/05507 | 49544 | Labsii lakk 1177 Kwt 22(2) | Himannaa fi jecha amantaa fi waakkii madaalee balleessaadha jedhe. A/Alangaa godiinaa murtiin balleessummaaf adabbiin akka cimu gaafatus M/Murtii ol iyyataan hanga waggaa 1’tti hayyama baafachuu ni danda’a jechuun murtii diigee bilisaan gaggeesse. -Faallaa seeraa fi murtii MMWFDhI L/G 205827 ta’en gaafa guyyaa 27/3/14 kennameeti – hambifannaa hin qabu |
10. | A/Alangaa Vs Mulunesh Huseen | L/Kossaa | 02/05538 | 49639 | Labsii lakk 1112/2011 Kwt 67/1 fi 4 fi SDFY Kwt 525(1)(B) | Jecha amantaaf waakkii himannaa A/Alangaa faana madaalee balleessaa jedhe. A/Alangaa godiinaa murtiin balleessummaaf adabbiin akka cimu gaafatus tumaan SDFY 525(1)(b)’n hanga waggaa 25’tti adabsiisa waan ta’eef angoo hin qabneen murteesse jechuun diigame. – Hambifannaa hin qabu. |
11. | A/Alangaa Vs Tamriik Sulxaan | L/Kossaa | 02/05548 | 49669 | SDFY Kwt 626(1) | Himannaa fi jecha amantaa fi waakkii madaalee balleessaadha jedhe. A/Alangaa godiinaa murtiin balleessummaaf adabbiin akka cimu gaafatee murtiin |
balleessummaa cimee adabbiin fooyya’e. – hambifannaa hin qabu | ||||||
12. | A/Alangaa Vs Tawaldee Gambiraaw | Sh/Somboo | 02/05612 | 49857 | Labsii lakk 1177/2012 Kwt 22(2) | Himannaa fi jecha amantaa madaale. A/Alangaa godinaa murtiin fi adabbiin akka cimu gaafatus murtiin cimee adabbiin fooyya’eera. – hambifannoo hin qabu |
13. | A/Alangaa fi Rashaad A/Nagaa N2 | Magaala Jimmaa | 02/05652 | 49965 | 682(1) | Himannaaf jecha amantaa xiinxale murtiin balleessummaa cimee adabbiin ni fooyya’e. -hambifannaa ijoo dubbii qaba |
14. | A/Alangaa fi Tashoomee Gazzaany | Magaala Jimmaa | 02/05677 | 49994 | 693/1 | Akkaawuntiirra qarshiin akka hin jirre itti himeen akka na amanuufan itti laadhe otuu jedhuu jecha amantaa seeraaf himannaa faana xiinxalee otuu A/Alangaa ragaan naaf hadhagahamu jedhuu murtii balleessummaa laate. A/Alangaa godiinaa murtiin balleessummaa fi adabbiin akka cimu gaafatee murtiin balleessummaaf adabbiin cime. -Hambifannoo ijoo seeraa qaba |
A/Alangaa Vs Cheerinnat Gaashaaw | S/Coqorsaa | 02/0560 26 | 49829 | Labsii lakk 674/2010 Kwt 20(1b) fi 33(3)(6) FI 813/06 Kwt 43/5 | zaytii fi qorichi fe’amu hin barre, nama biraatu fe’e otuu jedhuu ragaa barreeffamaaf jecha amantaa irratti hundaa’uun balleessaadha jedhame. A/Alangaa godinaa murtiin akka cimu gaafatus ragaan akka dhagahamu jedhamee murtiin diigameera. – Hambifannaa qaba garagalchi murtii fuudhamee aanaaf hin ergamne. | |
15. | A/Alangaa fi Saaj/Hayluu Fayyisaa F4 | Limmuu Saqqaa | 02/05703 | 61070 | 298(1) fi 340 | Sababa qabna otuu jedhanii balleessineerra waan jedhaniif balleessaadha jedhaman. adabbiin ni foyya’e -amananii garuu sababeessan |
16. | A/Alangaa fi Naziif Naasir | Magaalaa Jimmaa | 02/05692 | 61097 | 1177/2012 Kwt 22/2 | Jecha amantaaf waakkii himannaa A/Alangaa waliin madaalee balleessaa jedhe. A/Alangaa godiinaa murtiin balleessummaa fi adabbiin akka cimu gaafateera murtiin balleessummaa cimee adabbiin fooyya’e -Hambifannaa hin qabu |
17. | A/Alangaa fi Masfiin Balaay Kabbadee | magaalaa Jimmaa | 02/05708 | 61103 | 670/1 | Gosa mobaayilichaa hin beeku otuu jedhuu fi tilmaama qarshii |
ittiin himatameen gadidha otuu jedhuu amaneera jedhame. Ol iyyataan tumaan balleessuummaa 665(1)’tti jijjiiramee adabbiin fooyya’e. -Hambifannoo ijoo dubbii qaba | ||||||
18. | A/Alangaa fi Jamaal A/Zinaab | S/Coqorsaa | 02/05709 | 61130 | 1177/2012 Kwt 22/2 | Anaa seera qabeessa taasifachuuf adeemsarra jiruu narkatti qabame otuu jechaa jiruu himannaa, jecha amantaaf waakkii himatamaa fi himannaa madaalee balleessaadha jedhe. A/Alangaa godiinaa murtiin balleessummaa fi adabbiin akka cimu gaafateera murtiin balleessummaa cimee adabbiin fooyya’e. gochicha amanee garuu sababeessaa ture |
19. | A/Alangaa fi Mahaammad Abdulmannaan | Limmuu Kossaa | 02/05707 | 61139 | 1177/2012 Kwt 22/2 | Ulaagaa 2’n duraatiin qofa xiinxalame. Hin dhiyeessisu jedhame -Hambifannaa hin qabu |
20. | A/Alangaa fi seefuu A/Boor | Mancoo | 02/05818 | 61179 | 1177/2012 Kwt 22/2 | Jecha amantaa fi waakkii jecha amantaa 35’niin duraan kenne faana madaalee balleessaadha jedhe. A/Alangaa godiinaa murtiin balleessummaa fi adabbiin akka cimu gaafateera murtiin balleessummaa cimee adabbiin fooyya’e -sababeessaa ture |
21. | A/Alangaa fi Eliyaas Nabsoo | Goommaa | 02/05825 | 61200 | 556(2)(A) | Miila mirgaa male moorma hin rukunne otuu jedhuu jechi laatame kan amantaati jechuun akkaataa himannaatiin otuu hin amanin amaneera jedhame. Ol iyyatus murtiin balleessummaa ni cime. Adabbiin ni fooyya’e. – Hambifannoo ijoo dubbii qaba |
Gabatee 6: xiinxala galmeewwan bargaaffiif dhimmi itti ba’amee galmeewwan gadi deebi’anii ragaan
A/Alangaa akka irratti dhagahamuuf ajajaman xumura argachuu isaanii adda baasuuf taasifamee
lakk | Abbootii dhimmaa | Mana murtii dhimmicha ilaale | lakk galmee | Sababa diigameef | Ibsa | |
AAGJ | MMGJ | |||||
1. | A/Alangaa Vs Taaddasee Surraa | B/Xollaay | 02/05657 | 49979 | Ragaan A/Alangaa akka dhagahamuuf | Galmeen hin sochoone (garagalchi murtii qajeelfama waliin ergameera) |
2. | A/Alangaa Vs Alamii A/Sambii | Manchoo | 02/05379 | 61132 | Ragaan A/Alangaa akka dhagahamuuf | Galmeen socho’ee murtii argateera |
3 | A/Alangaa Vs Zubee Kamaal | Jimmaa | 02/05700 | 61107 | Ragaan A/Alangaa akka dhagahamuuf | Galmeen hin sochoone (garagalchi murtii fuudhamee xalayaanis itti barraa’ee garuu aanaaf hin ergamne |
4 | A/Alangaa Vs Cheerinnat Gaashaw | S/Coqorsaa | 02/056026 | 49829 | Ragaan A/Alangaa akka dhagahamuuf | Galmeen hin sochoone (garagalchi murtii hin fuudhamne, xalayaan barraa’e galmee keessa jira.) |
3.2.2. Xiinxala Cuunfaa Yaadota bar-gaaffiiwwan raabsamanii fi do’annaa dhaddachaa taasifame irratti gaggeeffame
Ejjannoo abbootiin seeraa fi abbootiin alangaa dhimma walfakkaataa tokkicha irratti qabaachuu malan hubachuuf sakatta’a gaggeeffameen ogeeyyoonni seeraa kunniin barumsa walfakkaataa baratanii, ogummaa seeraatiin dalagaa kan jiranii fi seera deemsa falmii yakkaa tokkichaan hogganamanii dhimma isaaniif dhiyaate tokkicha haala garagaraan kan hubatan ta’ee argameera.
Abbootiidhuma seeraa fi abbootiidhuma Alangaa gidduutti jechuma amantaaf waakkii walfakkaataa irratti ejjannoon garagaraa kan irratti calaqqise ta’ee argameera. Irra jireessaan ammoo jecha amantaaf waakkii himatamaan kennatee bargaaffiif dhiyaate abbootiin alangaa jecha ulaagaa SDFY Kwt 134 kan guutuudha kan jedhan yommuu ta’u, irra jireessi Abbootii seeraa ammoo ulaagaa kana hin guutu waan ta’eef ragaan Abbaa Alangaa irratti dhagahamuu qaba ejjannoo jedhu calaqqisiisuun isaanii abbootii Seeraa fi Abbootii Alangaa gidduutti sadarkaa
(Degree) jechi amantaaf waakkii jecha amantaa jedhamuu danda’u irratti qabu garaagara ta’uu isaa kan hubachiisudha. Kana jechuun Abbootiin Seeraa sadarkkaa olaanaatti akka amanu kan barbaadan yommuu ta’u abbootiin Alangaa ammoo jechi amantaaf waakkii jecha amantaati jedhamuun ragaa Abbaa Alangaa otuu hin dhagahin murtiin balleessummaa akka itti kennamuuf sadarkaan jechichaaf laatan gadi aanaa ta’uu isaa kan agarsiisu ta’ee argameera. Kanneen irraa ka’uun ogeeyyii seeraa kana gidduu hubannaan tumaa seera deemsaa falmii yakkaa Kwt 134 irra jiruu qabatama hojiitti yommuu jijjiiramu garaagarummaa kan qabu akka ta’u ni hubatama.
Doo’ii dhaddachaa taasifameenis sadarkaa godiinaatti galmeen kallattii yommuu dhiyaatu himatamaan guutummaatti amanee otuma jiruu abbaan alangaa ragoota isaa kan dhageessifatu ta’uun isaa hubatameera. Galmeewwan jecha amantaatiin mana murtii aanaatti murtii argatanii ol iyyataan dhufanii doowwataman irraa ammoo jechi amantaaf waakkii ulaagaa jecha amantaa hin guutni kan amaneera jechuun qofa murtiin balleessummaa itti kenname ol iyyataanis otuu hin sirratin kan hafaa jiru ta’uun hubatameera. Kun ammoo ulaagaa tumaan SDFY kwt 134 kaa’e qixa sirrii ta’een hojiitti hiikamaa kan hin jirre ta’uu kan agarsiisudha.
3.2.3. Xiinxala Yaadota marii garee irraa argame irratti taasifame marii garee teeknolojiin deeggaramee Abbootii Alangaa godiina Jimmaa sadarkaa aanaa fi Godiinaatti argaman faana taasifameen tumaa seera yakkaa Kwt 82(1)(d) fi sdfy kwt 134 walitti hidhuun nama himannaa isa irratti dhiyaate raawwachuu isaa amanee gaabbuu isaa agarsiiseef adabbiin kan salphatuuf Karaa ittiin kaayyoo seeraa yakkaa ittiin galmaan gahan keessaa tokko murtii bu’uura SDFY kwt 134’n kennamu akka ta’e fi tumaan SDFYKwt 134 kaayyoo seera yakkaa faana walitti dhufeenya kallattii qabu jechuun sadarkaa yaadaatti kan waliigalan ta’us, jechi amantaaf waakkii tarree gochaa amanuun hambifannoo ijoo seeraa faana kenname akka jecha amantaa ulaagaa SDFY Kwt 134 kan guutu akka ta’eetti irra jireessa hirmaattootaatiin hubatamee jira. Kun ammoo dirqama himannicha hubachiisuu Abbaa Alangaa irraa gara himatamaatti bifa jijjiiruu danda’uun hubatamee jiraachuu dhimmichaa kan agarsiisuudha waan ta’eef seerri fi qabatamni hojii garaagarummaa qabaachuun isaa mul’ateera.
3.3. Argannoowwan Qorannichaa (Findings)
Qorataan qorannoo isaa keessatti odeffannoowwan maddawwan qorannaa qorannichaa irraa walitti qabame sassaabbatee toora galchuun kan cuunfedha. Itti aansuun odeeffaannoo madda ragaa tokkoffaa fi lammaffaa walbira qabuun waan hubate bifa ibsuutiin kan qaaccessedha. Haaluma kanaan ragaaleen funaanaman xiinxalamuun mala qulqulleeffannaatiin argannoon irra gahame haala kanaa gadiitiin himamaniiru.
Qorannoon gaggeeffame kunis sababa mataa isaa danda’e, boqonnaa 1ffaa keessatti kan ibsame kan qabu, yemmuu ta’u, jecha amantaa himatamaa irratti hundaa’ame kenninsa murtii balleessummaa ilaalchisee seeraa fi hojimaanni godina Jimmaa maal akka fakkaatu xiinxalameera. Haaluma kanaan, argannoowwan kanaa gadii tarreeffamaniiru.
- Tumaa seera yakkaa kwt. 82/1(d) fi sdfy kwt. 134 walitti fiduun yemmuu ilaalamu; nama himannaa isa irratti dhiyaate raawwachuu isaa amanee gaabbuu isaa agarsiiseef adabbiin akka salphatuuf taasisuun kaayyoo seeraa yakkaa galmaan gahu keessaatti gahee mataa isaa ni qabaata. Kaayyoon SDFY kwt. 134(1) himatamaan maalummaa yakka ittiin himatame beekee hambifannaa malee yoo amanee fi gaabbe gam tokkoon gocha ofii irraa barachuun gara fulduraatti badii walfakkaataa gara biroo dalaguu irraa of qusata, gama biraatiin immoo baasii fi yeroo, akkasumas, dhamaatii ragaa fi qaamolee haqaa qusataa ni qusata waan ta’eef, ogeeyyiin seeraa nama hambifannoo malee amane irratti ragaan otuu hin dhagahamin murtii balleessummaa kennuun kaayyoo seera yakkaa akka galmaan gahutti hubachuun isaanii adda baheera.
- Tokkoon tokkoon bargaaffii dhiyaateerratti gaaffii walfakkaataa dhiyaateef ogeeyyiin %32.4 jechi amantaaf waakkii himatamaan kennate amaneera ni jechisiisa waan ta’eef, murtiin balleessummaa itti dabarfamuu qaba kan jedhan yommuu ta’u, ogeeyyiin %67.6 ammooyyuu faallaa kanaa jechi amantaaf waakkii bargaaffii keessatti dhiyaate ulaagaa jecha amantaaf waakkii SDFY kwt. 134 jalatti taa’e hin guutu ijaa ta’eef ragaan A/Alangaa irratti dhagahamuu qaba ejjannoo jedhu calaqqisiisaniiru. Kanarraa ka’uun, ogeeyyiin seeraa kun tumaa SDFY
kwt 134 bifa garaagarummaa qabuun kan hubatanii jiran ta’ee argameera.
- Jecha amantaaf waakkii himatamaa bargaaffiidhaan dhiyaaterratti abbootii alangaa deebii kennan keessaa %37.6 fi abbootiin seeraa %25.49 murtiin balleessummaa akka irratti kennamu gaafatamuu fi laatamuun isaa sirriidha kan jedhan yommuu ta’u, Abbootiin Alangaa %’n 62.4
fi Abbootiin seeraa (%73.53) ammoo faallaa kanaa jechi amantaaf waakkii himatamaan laate ulaagaa SDFY kwt.134 jalatti jecha amantaa irratti hundaa’anii murtii balleessummaa fi adabbii laachuu hin guutu ijaa ta’eef, ragaan Abbaa Alangaa irratti dhagahamuu qaba ture jedhaniiru. Kanarraa ka’uun abbootii Alangaaf Abbootii seeraa gidduutti fi Abbootii seeraaf abbootii seeraa gidduutti, akkasumas, abbootii alangaa fi abbootii alangaa gidduuttillee ulaagaa jecha amantaa himatamaa seeraan taa’e irratti hundaa’anii murtii balleessummaa kennuu irratti garaagarummaan hubannaa kan jiru ta’uun bira gahameera.
- Jechi amantaaf waakkii himatamaa gochicha amanee garuu sababeessuun ibsu (justifying the act), kan hambifannoo ijoo seeraa of keessaa qabuu fi hambifannaadhuma tarree himannaa qabu raawwadheera ijaa jedheef qofa akka jecha amantaatti qabamuu otuu hin qabaatin akka amanetti fudhatamee murtiin balleessummaa darbee darbee laatamaa jiraachuun, jecha himannaan dura qorannaa irratti bu’uura SDFYKwt 35’tiin kennamee fi ragaa barreeffamaa himannaa faana dhiyaate jecha amantaa fi waakkii faana madaaluun bu’uura SDFYKwt 134(1)’tiin murtii balleessummaa laachuun bal’inaan kan jiru ta’uun; Himatamaan jechi inni amantaaf waakkii irratti laatu himannaa fi tumaa seeraa himannaan ittiin dhiyaate faana xiinxalamuu otuu qabuu, himannaa fi jecha qofa madaaluun keewwata seeraa jecha amantaaf waakkii laatame waliin rogummaa hin qabne jalatti murtiin balleessummaa kennamaa jiraachuun, akkasumas, amaneera jechaa tumaa seeraa himannaan ittiin dhiyaate jijjiiruun jechuma amantaatiin murtii balleessummaa laachuun akka jiru adda baheera.
- Jecha amantaa bu’uura seeraa guutus ta’e hin guunne (keessattuu meeshaa waraanaa seeran alaatiin wal qabatee) irratti hundaa’uun murtiin balleessummaa kennamee yommuu ol iyyatamu, manni murtii ol iyyata dhagahu ragaan akka irratti dhagahamu qajeelchuu otuu qabuu, jechuma amantaa fi seera tumaa ce’umsaa labsichaa caqasuun adeemsa seeraa diriireen ala bahuun ragaan otuu irratti hin dhagahamin bilisa jechuun jiraachuun fi galmeewwan ulaagaa jecha amantaa hin guutne galmee waliigalaa sakatta’ame %50 ta’an keessaa himatamaan amaneera jedhamanii murtiin balleessummaa irratti laatame irra jireessi isaanii cimanii baay’ee muraasni ammoo diigamuun isaanii seeraaf qabatama gidduu garaagarummaan jiraachuusaa mirkaneesseera.
- Jecha amantaaf waakkii himatamaa hambifannoo ijoo seeraa qabu kan himatamaan gochichi badii akka hin taane ibse hiikkoo seeraatiin akka amanetti fudhatamee garuu mirga namni amane adabbiin akka salphatuufii qabu kan seeraan taa’e mulquun jiraachuunii fi mirga ragaa ittisaa dhiyeeffachuu himatamaa kan sarbame ta’uun, mirga dhagahamuu fi ragaa ittisaa dhageessifachuu himatamaa eegumsa heeraa fi seeraa qabu kan mulqu, akkasumas, nama amaneef ammoo adabbiin salphachuudhaa malu dhorkuun, dhiibbaa jecha amantaa fi waakkii ulaagaa seeraa hinguutneen murtii balleessummaa kennuutiin himatama irra dhaqqabu akka ta’e adda bahe jira.
- Jecha amantaa fi waakkii ulaagaa seeraa hinguutneen murtiin balleessummaa kenname yommuu diigamee ragaan A/Alangaa akka irratti dhagahamuuf qajeelfamaan gadi deebi’ee, ol iyyataanis (himatamaan jalaa) gadi dhiifamu, sababa galmeen jalatti hinsaaqamneen haqni jallachaa jiraachuun isaa qorannaa kanaan adda bahee jira.
BOQONNAA AFUR:- Guduunfaa fi yaada furmaataa (Conclusion and recommendation)
Guduunfaa
Jecha amantaaf waakkii himatamaa irratti hundaa’uun akkaataa SDFY kwt. 134/1’tiin murtii balleessummaa kennuun karaa kaayyoo SY galmaan gahan keessaa isa tokko akka ta’etti ogeeyyiin seeraa kunniin kan irratti waliigalan ta’us, Seerri fi qabatamni hojii jecha amantaa fi waakkii himatamaa irratti hundaa’ani murtii balleessummaa kennuu ejjannoo ogeeyyii irratti hundaa’ee garaagarummaa kan qabu ta’uu fi dogoggorri mana murtii jalaatiin raawwatame kallattii seerri jedhuun mana murtii ol iyyata dhagahuunis darbee darbee sirrachaa hin jiru.
Qixa kanaan, ejjannoo ogeeyyiin seeraa qabatan irraan kan ka’e adeemsa seeraan diriireen ala bahuun nama hambifannoon amane ykn amanee sababa dhiyeeffachaa jiru irratti ragaan otuu hin dhagahamin murtii balleessummaa kennamuun mirgi heeraan namni himatame dhagahamuuf qabu akka mulqamuuf sababa ta’eera.
Galmeewwan jecha amantaa irratti hundaa’uun murtii argatanii qajeelfamaan ragaan A/Alangaa akka irratti dhagahamuuf mana murtii ol iyyata dhagahuun diigamanii himatamaan gadilakkifamu mana murtii jalaatti dhiyaatanii kan furmaata hin arganne jiraachuun isaanii, jecha amantaaf waakkii ulaagaa jecha amantaa hin guutne irratti hundaa’anii murtii balleessummaa kennuun dhimmi tokko furmaata otuu hin argatin akka turu taasisuun haqa irratti dhiibbaa uumaa jiraachuu kan mul’ise dha. Gama ogeeyyiitiinis nama gocha isaa guutummaan guutuutti himannaa irratti dhiyaate hin amanne, akka amanetti qabamee murtiin balleessummaa akka itti kennamu yaadi gama Abbaa Alangaatiin ka’uu fi murtiin balleessummaa gama mana murtiitiin kennamu, akkasumas, gama mana murtii ol iyyata dhagahuutiinis murtii jecha amantaa himatamaa irratti hundaa’amee kenname irratti ol iyyatni yommuu irratti fudhatamu sababa kamiinuu hanga ragaan Abbaa Alangaa irratti hin dhagahamneetti himatamaan bilisa jechuun gadi lakkisuun hojimaata badaa hafuura seeraa hin hordofne jiraachuun hubatameera.
Yaada Furmaataa (recommendation)
Jecha amantaaf waakkii ulaagaa jecha amantaa hin guutneen murtiin balleessummaa kennamaa jiraachuun isaa, jecha amantaaf waakkii himatamaa irratti hundaa’uun murtiiwwan balleessummaa laataman keessatti hanqinaaleen argaman akkaataa ulaagaa seeraan taa’een sirrachaa kan hin jirre ta’uun fi murtiiwwan balleessummaa jecha amantaa irratti hundaa’uun laataman irra jireessaan tarree himannaa fi tumaa seeraa himannaan ittiin dhiyaate faana xiinxalamanii murtiin ballessummaa kan itti laatamaa hin jirre ta’uun, akkasumas, sababa jecha amantaaf waakkii ulaagaa jecha amantaa hin guutneen laatamuun namni ol iyyate murtiin balleessummaa isaa diigamee himatamaanis to’annaa jalaa akka bahuu fi ragaan akka itti dhagahamu ajajamee osoo jiruu galmee mana murtii jalaatti socho’uu hafuunii fi himatamaanis sababa kanaan miliquun seeraaf osoo hin dhiyaatin hafaa jiraachuun isaa adda baheera. Kanarraa ka’uun yaadi furmaataa armaan gadii akeekamaniiru.
- Jechi amantaa fi waakkii himatamaan kennatu hambifannaa ijoo seeraas ta’e ijoo dubbii of keessaa qaba taanaan murtiin balleessummaa himatamaa akkasii irratti otuu ragaan hin dhagahamin kennamu mirga dhagahamuu himatamtichaa kan dhiphisuu fi hojimaata badaaf qaawwa kan uumu waan ta’eef, manni murtii, himatamaan jecha amantaaf waakkii isaa yoo laatu, jechi isaa guutummaan guutuutti erga galmaa’ee booda, hambifannoo qabaachuuf dhiisuu xiyyeeffannoon erga adda baasee booda, hambifannoo qabaachuun jecha amantaa kan jiru yoo ta’e qofa dabalataan ragaan A/Alangaa akka irratti dhagahamu taasisuu qaba.
- Jechi amantaa fi waakkii himatamaan kennatu hambifannaa ijoo seeraas ta’e ijoo dubbii of keessaa qaba taanaan abbaan alangaa ragaan isaa akka dhagahamuuf mana murtii gaafachuu qaba. Jechi amantaa himatamaan kennatu garuu immoo hambifannaa ijoo seeraas ta’e ijoo dubbii kan of keessaa qabu taanaan bu’uura s/d/f/y kwt.134 tiin murtiin balleessummaa akka kennamu taasisuun tumaan seericha qixa barbaadameen akka hojiirra oolu gochuu keessatti gahee isaa sirnaan bahachuu qaba.
- Biiroon abbaa alangaa Waliigala Oromiyaas ta’e Inistitiiyuutiin leenjii fi Qorannoo seeraa Oromiyaa Qaamolee haqaatiif leenjii hubannaa cimsu kennuu qaba.
TARREEFFAMOOTA WAABIILEE/MADDOOTA ODEEFFANNOO
Gabatee Seerotaa
Kan federaalaa
- Seera Deemsa Falmii Yakkaa Itoophiyaa, labsii lakk 1/1954, Gaazexaa Nagaarit, Bara 1954 Lakk 1, Finfinnee, 23 Onkololeessa 1954
- Heera Rippaablika Demokraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa labsii lakk 1/1987, Gaazexaa Federaal Nagaarit, bara 1 lakk 1, Finfinnee, Hagayya 15/1987
- Qajeelfama adabbii mana murtii waliigalaa federaalaatiin fooyya’ee bahe, qajeelfama lakk 02/2006, Finfinnee,
- Seera yakkaa rippaablika demokraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa labsii lakk 414/1996, Gaazexaa Birhaaninnaa salaam, bara 1 lakk 1, Finfinnee, Caamsaa 01/1997
Kan Naannoo
Ø Labsii mana hojii Abbaa Alangaa waliigalaa Oromiyaa hundeessuuf bahe labsii lakk
214/2011, Magalata Oromiyaa, bara 2011 lakk ___, Finfinnee, 28 Fulbaana 2011
Kitaabota
- Aadde Glory Nirmala K. fi Obbo Serkaddis Zegeye, criminal law I teaching material, 2009
- Adderaajaw Tasfaayee fi Kadir Mohaammad, Ethiopian criminal procedure teaching material, Bitootessa 2009,
- Dajanee Girmaa fi Mokonnon Fallaqee, Sentencing and excusion teaching material,2009,
- Dajanee Girmaa Jaankaa, A handbook on the criminal code of Ethiopia, Finfinnee, 2013
- Filip Graven, an introduction to Ethiopean penal law (Arts 1-84 of penal law), walta’iinsa yunivarsitii Oksifoord Finfinnee-Naayiroobii fi faakaalitii seeraa Yunivarsitii
Haylesillaasee 1ffaatiin kan maxxanfame, Finfinnee, 1965,
Barruulee
- Abrahaama Yohaannis, confession, crime, Ethiopian criminal law, Ethiopian criminal procedure, 2017
- American Bar Association, Standards for Criminal Justice: Pleas of Guilty, maxxansa 3ffaa, 1999
- Sentencing council, reduction in sentence for a guilty plea, definitive guideline, Waxabajjii 2017
Galmeewwan Dhimmoota Mana Murtii Federaalaatiin Murtaa’anii
1. Murtii mana murtii waliigalaa federaalaa L/Galmee 94450 ta’e irratti dhaddacha gaafa guyyaa 25/07/2006 ooleen kenname. Murtii dhaddacha ijibbaataa mana murtii federaalaa jildii 17ffaa, Obbo Guddanaa Lamaa Gazzaany fi Komishinii Naamusaa Vs farra malaammaltummaa naannoo sabaaf sablammoota fi uummattoota Kibba, L/Galmee
96310 ta’e irratti gaafa guyyaa 26/03/2007 laatame
- Murtii mana murtii dhaddacha ijibbaataa federaalaa jildii 18ffaa, Koloneel Takluu Fissahaa fi koloneel Tsahaay Waaluu Vs Abbaa Alangaa waliigalaa Oromiyaa, L/Galmee 111742 ta’e irratti gaafa guyyaa 30/11/2007 laatame, fuula 291
- Murtii mana murtii dhaddacha ijibbaataa federaalaa jildii 20ffaa, Bihonany Damillee Vs Abbaa Alangaa naannoo Tigraay, L/Galmee 88542 ta’e irratti gaafa guyyaa 17/11/2005 laatame, fuula 338. Akkasumas Seera Deemsa Falmii Yakkaa Itoophiyaa bara 1954 bahe, labsii lakk 1/1954 Kwt 185(1)
- Murtii dhaddacha ijibbaataa mana murtii federaalaa jildii 14ffaa, Obbo Saamii Huseen Vs
Abbaa Alangaa Federaalaa, L/Galmee 77842 ta’e irratti gaafa guyyaa 03/4/2005 laatame fuula 237
Toora interneetii
- < https://chilot.me/knowledge–base/general–objectives–of–criminal–law/> kan gaafa 21/08/2014 saaqame
- <https://chilot.me/knowledge–base/general–objectives–of–criminal–law/> kan gaafa 21/08/2014 saaqame.
- <https://www.facebook.com/GHLixaati–Abukaatoo–ittisaa–mana–murtii–aanaa–xulloo402391480331715/?__cft__[0]=AZXMWBHsYbOr6fyJHHcjfbFZkqqpnRMf1PLzwSZO9UiThZIX8s0iQSdMnrl7y8DHoyaXFSP_k6E8tGq_MqUHyQ8CNdTOP8FXKR_jfyWKR XHPzo9V05_QnyEIfPgUuWxzVAss0zTi9raWJJ2x9kDh_85&__tn__=–UC%2CP–R> kan gaafa guyyaa 25/06/2014 saaqame
- <https://www.abyssinialaw.com/study–on–line/item/1074–theories–of–sentencing kan gaafa guyyaa 25/06/2014>
- <https://www.abyssinialaw.com/study–on–line/item/1074–theories–of–sentencing> kan gaafa guyyaa 25/06/2014>
- <https://chilot.me/2017/11/02/confession/> 11/2/2022 ilaalame irratti ni argama
- <https://www.facebook.com/login/?privacy_mutation_token=eyJ0eXBlIjowLCJjcmVhdGlvbl90aW1lIjoxNj Q0MjEzNjQwLCJjYWxsc2l0ZV9pZCI6Mzc4Mzc1MTU5OTY2NjIxfQ%3D%3D&next=https%3A%2F%2Fwww.f acebook.com%2FTebekaSamuel%2F> gaafa guyyaa 01/06/2014 saaqame.
- <https://www.americanbar.org/groups/criminal_justice/publications/criminal_justice_section_archive/cri mjust_standards_guiltypleas_blk/> gaafa guyyaa 01/6/2014 saaqame
- <https://www.facebook.com/login/?privacy_mutation_token=eyJ0eXBlIjowLCJjcmVhdGlvbl90aW1lIjoxNj Q0MjEzNjQwLCJjYWxsc2l0ZV9pZCI6Mzc4Mzc1MTU5OTY2NjIxfQ%3D%3D&next=https%3A%2F%2Fwww.f acebook.com%2FTebekaSamuel%2F> gaafa guyyaa 01/06/2014 saaqame
- <https://www.facebook.com/login/?privacy_mutation_token=eyJ0eXBlIjowLCJjcmVhdGlvbl90aW1lIjoxNj Q0MjEzNjQwLCJjYWxsc2l0ZV9pZCI6Mzc4Mzc1MTU5OTY2NjIxfQ%3D%3D&next=https%3A%2F%2Fwww.f acebook.com%2FTebekaSamuel%2F> gaafa guyyaa 01/06/2014 saaqame
- Insurance Education marketing & advertising Online Banking finance & investment medical lifestyle photography & film making software automotive web hosting
Miiltoowwan
Gabatee Galmeewwanii fi Maddoota Biroo
lak k | Abbootii dhimmaa | Bakka dhimmichi itti ilaalame | lakk galmee | |
AAGJ | MMGJ | |||
1. | A/Alangaa Vs Usmaa’el Sulxaan | Limmuu Saqqaa | 02/05269 | 47964 |
2. | A/Alangaa Vs Abduu A/Goojjam N4 | Maannaa | 02/05369 | 49192 |
3. | A/Alangaa Vs Salamoon Gabree | Magaalaa Jimmaa | 02/05381 | 49194 |
4. | A/Alangaa Vs Olaanaa Magarsaa | B/Xoollaay | 02/05374 | 49205 |
5. | A/Alangaa Vs Malkaamuu Geetaachoo | Sh/Somboo | 02/05401 | 49293 |
6. | A/Alangaa Vs Gazzuu Moosisaa | N/Beenjaa | 02/05485 | 49490 |
7. | A/Alangaa Vs Issubaalaw Ambaa | O/Beeyyam | 02/05506 | 49510 |
8. | A/Alangaa Vs Abbaay Balaachoo | L/Kossaa | 02/05507 | 49544 |
9. | A/Alangaa Vs Mulunesh Huseen | L/Kossaa | 02/05538 | 49639 |
10. | A/Alangaa Vs Tamriik Sulxaan | L/Kossaa | 02/05548 | 49669 |
11. | A/Alangaa Vs Tawaldee Gambiraaw | Sh/Somboo | 02/05612 | 49857 |
12. | A/Alangaa Vs Cheerinnat Gaashaaw | S/Coqorsaa | 02/056026 | 49829 |
Suuraawwan
Suuraa marii garee gareen abbootii alangaa aanaalee fi godiinaa Jimmaa toora interneetiitiin chaanaalii telegiraamii irratti dhimma tumaa SDFY Kwt 134 irratti yommuu mari’atan agarsiisu 3

Unkaalee Bar-Gaaffii
Bar-gaaffii Abbootii Seeraatiif dhiyaate
T/L | Gaaffii bargaaffiidhaan dhiyaate | Yaada Abbootii seeraan kenname lakkoofsaa fi dhibbentaadhaan | |
Amaneera waan ta’eef murtiin balleessummaa itti kennamuu qaba | Amaneera hin jechisiisu waan ta’eef ragaan A/Alangaa dhagahamuu qaba | ||
1. | Himatamaan buna seeraan alaa konkolaataatti fe’ee socho’aa osoo jiruu qabamuu isaatiin yakkaan himatamee jecha amantaaf waakkii akka kennuuf mana murtiin wayita gaafatamu “bunni seeraan alaa konkolaataan ani oofaa jiru keessaa qabamuun isaa sirriidha. Ta’us ani buna kana eenyu akka itti fe’e hin agarre” yoo jedhee fi Abbaan Alangaas bu’uuruma jecha amantaa isaa kanaan murtiin balleessummaa akka itti kennamu yoo gaafate | ||
2. | Himatamaan shiishaa xuuchisaa osoo jiruu qabame yoo himatamu jecha amantaa kenneen “himanni narratti dhiyaate sirriidha, shiishaa xuuchisuun yakka ta’uu waanan hin beekneefan hojjadhe” kan jedhe yoo ta’e | ||
3. | Himatamaan yakka gudeeddii raawwachuu isaatiin himatame gocha kana raawwattemoo hin raawwanne jedhamee yommuu gaafatamu jecha amantaaf waakkii kenneen “raawwadheera” jennaan Abbaan Alangaa bu’uuruma jecha amantaa isaatiin murtiin balleessummaa itti naaf hakennamu yoo jedhe | ||
4. | Himatamtuun “Z” jedhamtu hospitaala keessatti mucaashee dhukkubsachiisaa osoo jirtuu mucaa kana wayta mana fincaanii geessitu boorsaa bilbilli fi qarshiin keessa jiru argitee boorsicha banuun qarshii 16600 fi mobaayilii tilmaamni isaa 800 ta’u keessaa fudhattee gara kutaa ciisichaa dhukkubsataa galuu isheetiin qarshiif mobaayiliin harkatti qabamuun yakka hannaatiin himatamtee jecha amantaaf waakkii yoo kennitu “mucaa koo mana fincaanii yoon geessu boorsaa birrii fi mobaayiliin keessa jiru argee banee keessaa fudhee kutaa kootti galee osoon jiruu birriif mobaayiliin na harkatti qabame; yeroon fuudhu birrii meeqa akka ta’e hin beeku. Birrii fi mobaayiliin kan eenyuu akka ta’e otuun hin beekinan callisee fuudhe. Qarshii kana waanan rakkadheefan fuudhe. Qabeenya namaa | ||
fuudhuun koo garuu balleessaadha” Yoo jettee Abbaan Alangaa bu’uuruma jecha amantaa ishee kanaan murtii balleessummaa yoo gaafate | |||
5. | Himatamaan “T” jedhamu labsii bosonaa 1065/2010 irra darbuun bara 2007-2013’tti bosona mootummaa hayyama malee hektaara 2.5 mancaasee lafa qonnaatti jijjiiruu isaatiin himatamuun jecha amantaaf waakkii isaa yoo kennu “ani dhuguma lafa bosonaa kana osoon hin beekin lafa bakka sanii bitee biqiltuu ittecha, mi’eessaa, sooxalloo, kan jedhaman irraa ciree qoteen jira. San booda garuu qaamni mootummaa nagaafachuu jalqabnaan sodaadheen dhiise. Kanaaf yakka kana raawwadheen jira manni murtii dhiifama naaf haagadhu” jedhee Abbaan Alangaas bu’uuruma jecha amantaa isaa kanaan murtiin balleessummaa akka itti kennamu yoo gaafate | ||
6. | Himatamaan A jedhamu meeshaa waraanaa hayyama itti hin qabne mana isaa keessa dhoksee qabatee argamuu isaatiin yakkaan himatamee jecha amantaaf waakkii isaa yommuu kennu: “gaafa 12/09/2012 guyyaa keessaa sa’aatii11:00 irratti bakkuma himannaarratti ibsametti meeshaa kana sababni qabadheef namaan wal lolee jennaani. Shugguxii kana gaafa 12/09/2013 guyyaa naannoo sa’aatii 7:30 waajira poolisiitti galmeessus hayyama harkaan hin gahanne malee meeshaa hayyama itti qabuudha” jedhee Abbaan Alangaas bu’uuruma jecha amantaa isaa kanaan murtiin balleessummaa akka itti kennamu yoo gaafate | ||
IDA’AMA |
Bar-gaaffii Abbootii Alangaaf dhiyaate
T/L | Gaaffii bargaaffiidhaan dhiyaate | Yaada Abbootii Alangaa kenname | |
Amaneera waan ta’eef murtiin balleessummaa itti haa kennamu | Hambifannaa qaba waan ta’eef ragaan haadhagahamu | ||
1. | Himatamaan buna seeraan alaa konkolaataatti fe’ee socho’aa osoo jiruu qabamuu isaatiin yakkaan himatamee jecha amantaaf waakkii akka kennuuf mana murtiin wayita gaafatamu “bunni seeraan alaa konkolaataan ani oofaa jiru keessaa qabamuun isaa sirriidha. Ta’us ani buna kana eenyu akka itti fe’e hin agarre” yoo jedhee yaadni Abbaan Alangaa mana murtiif kennuu qabu | ||
2. | Himatamaan shiishaa xuuchisaa osoo jiruu qabame yoo himatamu jecha amantaa kenneen “himanni narratti dhiyaate sirriidha, shiishaa xuuchisuun yakka ta’uu waanan hin beekneefan hojjadhe” kan jedhe yoo ta’e yaadni A/Alangaa mana murtiif kennuu qabu | ||
3. | Himatamaan yakka gudeeddii raawwachuu isaatiin himatame gocha kana raawwattemoo hin raawwanne jedhamee yommuu gaafatamu jecha amantaaf waakkii kenneen “raawwadheera” jedhee yoo deebisee fi manni murtii A/Alangaa maal jettu jedhee yoo gaafate yaadni A/Alangaa mana murtiif kennuu qabu | ||
4. | Himatamtuun “Z” jedhamtu hospitaala keessatti mucaashee dhukkubsachiisaa osoo jirtuu mucaa kana wayta mana fincaanii geessitu boorsaa bilbilli fi qarshiin keessa jiru argitee boorsicha banuun qarshii 16600 fi mobaayilii tilmaamni isaa 800 ta’u keessaa fudhattee gara kutaa ciisichaa dhukkubsataa galuu isheetiin qarshiif mobaayiliin harkatti qabamuun yakka hannaatiin himatamtee jecha amantaaf waakkii yoo kennitu “mucaa koo mana fincaanii yoon geessu boorsaa birrii fi mobaayiliin keessa jiru argee banee keessaa fudhee kutaa kootti galee osoon jiruu birriif mobaayiliin na harkatti qabame; yeroon fuudhu birrii meeqa akka ta’e hin beeku. Birrii fi mobaayiliin kan eenyuu akka ta’e otuun hin beekinan callisee fuudhe. Qarshii kana waanan rakkadheefan fuudhe. Qabeenya namaa fuudhuun koo garuu balleessaadha” Yoo jettee yaadni A/Alangaa mana murtiif kennuu qabu | ||
5. | Himatamaan “T” jedhamu labsii bosonaa 1065/2010 irra darbuun bara 2007-2013’tti bosona mootummaa hayyama malee hektaara 2.5 mancaasee lafa qonnaatti jijjiiruu isaatiin | ||
himatamuun jecha amantaaf waakkii isaa yoo kennu “ ani dhuguma lafa bosonaa kana osoon hin beekin lafa bakka sanii bitee biqiltuu ittecha, mi’eessaa, sooxalloo, kan jedhaman irraa ciree qoteen jira. San booda garuu qaamni mootummaa nagaafachuu jalqabnaan sodaadheen dhiise. Kanaaf yakka kana raawwadheen jira manni murtii dhiifama naaf haagadhu” yoo jedhe yaadni A/Alangaa mana murtiif kennuu qabu | |||
6. | Himatamaan A jedhamu meeshaa waraanaa hayyama itti hin qabne mana isaa keessa dhoksee qabatee argamuu isaatiin yakkaan himatamee jecha amantaaf waakkii isaa yommuu kennu: “gaafa 12/09/2012 guyyaa keessaa sa’aatii11:00 irratti bakkuma himannaarratti ibsametti meeshaa kana sababni qabadheef namaan wal lolee jennaani. Shugguxii kana gaafa 12/09/2013 guyyaa naannoo sa’aatii 7:30 waajira poolisiitti galmeessus hayyama harkaan hin gahanne malee meeshaa hayyama itti qabuudha” kan jedhu yoo ta’e yaadni A/Alangaa mana murtiif kennuu qabu |
[1] Aadde Glory Nirmala K. fi Obbo Serkaddis Zegeye, criminal law I teaching material, 2009, F1.
[2] Akkuma gubbaa
[3] Adderaajaw Tasfaayee fi Kadir Mohaammad, Ethiopian criminal procedure teaching material, Bitootessa 2009, F3.
[4] Seera Deemsa Falmii Yakkaa Itoophiyaa bara 1954 bahe, labsii lakk 1/1954, Kwt 134 fi 136.
[5] Akkuma 4ffaa, Kwt 134.
[6] Akkuma 4ffaa, Kwt 136-140.
[7] Akkuma 4ffaa, Kwt 142.
[8] Akkuma 4ffaa, Kwt 149(1).
[9] Seera yakkaa rippaablika demokraatawaa Itoophiyaa bara 1996 bahe, labsii lakk 414/1996, Kwt 1.
[10] Akkuma 5ffaa
[11] Dajanee Girmaa Jaankaa, A handbook on the criminal code of Ethiopia, Finfinnee, 2013, F4
[12] < https://chilot.me/knowledge–base/general–objectives–of–criminal–law/> (Abrahaam Yohaannis, Waxabajjii
[13] ,2013) kan gaafa 21/08/2014 saaqame
[14] <https://chilot.me/knowledge–base/general–objectives–of–criminal–law/> kan gaafa 21/08/2014 saaqame.
[15] Akkuma 1ffaa, fuula 6. 15 Akkuma 14ffaa
[16] Heera Rippaablika Demokraatawaa Federaalawaa Itoophiyaa Bara 1987 Bahe, labsii lakk 1/1987, Kwt 14
[17] Akkuma 16ffaa, Kwt 16
[18] Akkuma 16ffaa, Kwt 40
[19] Akkuma 14ffaa
[20] Filip Graven, an introduction to Ethiopean penal law (Arts 1-84 of penal law), walta’iinsa yunivarsitii Oksifoord
Finfinnee-Naayiroobii fi faakaalitii seeraa Yunivarsitii Haylesillaasee 1ffaatiin kan maxxanfame, Finfinnee, 1965, F5 21 Dajanee Girmaa fi Mokonnon Fallaqee, Sentencing and excusion teaching material,2009, F3 fi akkuma 9ffaa 22 Akkuma 21ffaa, yaadannoo 1ffaa
[21] Akkuma 1ffaa, F7 24 Akkuma 22ffaa
[22] Qajeelfama adabbii mana murtii waliigalaa federaalaatiin bahe qajeelfama adabbii lakk 02/2006 F8
[23] Akkuma 23ffaa
[24] Akkuma 25ffaa
[25] Akkuma 22ffaa, F10
[26] G/H/Lixaati Abukaatoo ittisaa mana murtii aanaa xulloo, <https://www.facebook.com/GHLixaati–
Abukaatoo–ittisaa–mana–murtii–aanaa–xulloo–402391480331715/?__cft__[0]=AZXMWBHsYbOr6fyJHHcjfbFZkqqpnRMf1PLzwSZO9UiThZIX8s0iQSdMnrl7y8DHoyaXFSP_k6E8tGq_MqUHyQ8CNdTOP8FXKR_jfyWKRXHPzo9V
[27] _QnyEIfPgUuWxzVAss0zTi9raWJJ2x9kDh_85&__tn__=–UC%2CP–R> kan gaafa guyyaa 25/06/2014 saaqame
[28] Dajanee Girmaa fi Mokonnon Fallaqee Adolessa 15/2005, dabalataan toora interneetaa https://www.abyssinialaw.com/study–on–line/item/1074–theories–of–sentencing kan gaafa guyyaa 25/06/2014 ilaalame irratti ni argama.
[29] Akkuma 30ffaa 32 Akkuma 22ffaa, F11.
[30] Akkuma 22ffaa, F3. 34 Akkuma 14ffaa.
[31] Akkuma 14ffaa, 36 Akkuma 1ffaa, F8.
[32] Akkuma 9ffaa, Kwt 157-168
[33] Akkuma 9ffaa
[34] Akkuma 4ffaa, Kwt 27,35 fi 134 wal bira qabuun yommuu ilaalamu jechi shakkamummaa waajira poolisiitti kenname kan amantaa yommuu ta’etti himannaadhaan dura jechi shakkamaan mana murtiitti dhiyaatee laatu yeroo himannaa akka ragaatti kan tajaajiludha. Yeroo himannaan dhiyaatee himatamaan jecha amantaa isaa laatutti gocha ittiin himatame yogguu amanu jala murtiin kennamu kan balleessummaa waan ta’eef jechi amantaa bifa kanaan kennamu gosoota ragaa fudhatamummaa qaban keessaa isa ijoodha.
[35] Murtii mana murtii waliigalaa federaalaa L/Galmee 94450 ta’e irratti dhaddacha gaafa guyyaa
[36] /07/2006 ooleen kenname. Murtiin kun kennamuu isaa MMMWFDhI jildii 17ffaa, F207, L/Galmee 96310 ta’een gaafa guyyaa 26/3/2007 dhimma Obbo Gudanaa Lammaa fi komishinii farra malaammaltummaa Naannoo Ummattoota Kibbaa irratti kenne irraa kan hubatamudha.
[37] Akkuma 40ffaa
[38] Murtii dhaddacha ijibbaataa mana murtii federaalaa jildii 17ffaa, Obbo Guddanaa Lamaa Gazzaany fi Komishinii
Naamusaa Vs farra malaammaltummaa naannoo sabaaf sablammoota fi uummattoota Kibba, L/Galmee 96310 ta’e irratti gaafa guyyaa 26/03/2007 laatame
[39] Akkuma 16ffaa, Kwt 19(5) fi 20(6), Akkuma 4ffaa Kwt 185(1)
[40] Akkuma lakk 4ffaa , Kwt 182-287
[41] Abrahaam Yohaannis, confession, crime, Ethiopian criminal law, Ethiopian criminal procedure, 2017 dabalataan toora interneetaa https://chilot.me/2017/11/02/confession/ 11/2/2022 ilaalame irratti ni argama
[42] Saamu’eel Girmaa, Jecha amantaaf Waakkii: Jecha amantaa himatamaa
https://www.facebook.com/login/?privacy_mutation_token=eyJ0eXBlIjowLCJjcmVhdGlvbl90aW1lIjoxNjQ0MjEzNj QwLCJjYWxsc2l0ZV9pZCI6Mzc4Mzc1MTU5OTY2NjIxfQ%3D%3D&next=https%3A%2F%2Fwww.facebook.com%2FT ebekaSamuel%2F gaafa guyyaa 01/06/2014 saaqame, Murtii mana murtii dhaddacha ijibbaataa federaalaa jildii 18ffaa, Koloneel Takluu Fissahaa fi koloneel Tsahaay Waaluu Vs Abbaa Alangaa waliigalaa Oromiyaa, L/Galmee 111742 ta’e irratti gaafa guyyaa 30/11/2007 laatame, F291. 47 Akkuma 46ffaa, yaadannoo 2ffaa
[43] Akkuma 47ffaa 49 Akkuma 47ffaa
[44] Murtii dhaddacha ijibbaataa mana murtii waliigalaa Federaalaa jildii 20ffaa, Bihonany Damillee Vs Abbaa Alangaa naannoo Tigraay, L/Galmee 88542 ta’e irratti gaafa guyyaa 17/11/2005 laatame, F338. Akkasumas yaadannoo lakk 4ffaa Kwt 185(1).
[45] American Bar Association, Standards for Criminal Justice: Pleas of Guilty, maxxansa 3ffaa, 1999, F3. Dabalataan toora interneetaa https://www.americanbar.org/groups/criminal_justice/publications/criminal_justice_section_archive/crimjust_sta ndards_guiltypleas_blk/ gaafa guyyaa 01/6/2014 saaqame irraa ni argama.
[46] Murtii dhaddacha ijibbaataa mana murtii waliigalaa federaalaa jildii 14ffaa, Obbo Saamii Huseen Vs Abbaa Alangaa Federaalaa, L/Galmee 77842 ta’e irratti gaafa guyyaa 03/4/2005 laatame F237. 53 Akkuma 4ffaa, Kwt 132(1).
[47] Akkuma 4ffaa
[48] Akkuma 4ffaa, Kwt 132(3)
[49] Akkuma 4ffaa, Kwt 133(1)
[50] Akkuma 4ffaa, Kwt 133(2)
[51] Akkuma 57ffaa
[52] Bu’uura Seera Deemsa Falmii Yakkaa Itoophiyaa bara 1954 bahe Kwt 44(1), 45(2), 46 fi 47’tiin yakkoota iyyannaa dhuunfaatiin dhiyaatanu irratti Abbaan Alangaa bu’uura SDFY Kwt 42(1)(a)’tiin murtii hin himachiisu jedhu yommuu kennutti miidhamaan dhuunfaa yookin bakka bu’aan isaa himannaa yakkaa akka dhiyeessuuf hayyamee garagalcha murtii hin himachiisu jechuun laate ammoo mana murtii dhimmicha ilaaluuf angoo qabutti erga. 60 Akkuma 47ffaa
[53] Akkuma 4ffaa, Kwt 134(1)
[54] Dubbisa garagalchoo yaadannoo lakk 4ffaa Kwt 134(2) irraa kan hubatamuudha.
[55] Yaadannoo 4ffaa Kwt 185(1)
[56] Yaadannoo 63ffaa
[57] Akkuma 4ffaa, ,Kwt 134(2)
[58] Akkuma 47ffaa
[59] Akkuma 5ffaa
[60] Akkuma 61ffaa
[61] Sentencing council, reduction in sentence for a guilty plea, definitive guideline, Waxabajjii 2017, F4.
[62] Akkuma 61ffaa
[63] Akkuma 9ffaaKwt 82(1)(e)
[64] Akkuma 22ffaa, F4.
[65] Akkuma 22ffaa, F3-4.
[66] Akkuma 69ffaa
[67] Akkuma 69ffaa
[68] Akkuma 3ffaa, F1
[69] Akkuma 4ffaa Kwt 40(1) fi 42(2)
[70] Akkuma 61ffaa
[71] Akkuma 4ffaa, Kwt 147(1)
[72] Akkuma 4ffaa, Kwt 94(1) 81 Akkuma 69ffaa
[73] Labsii mana hojii Abbaa Alangaa waliigalaa Oromiyaa hundeessuuf bahe lakk 214/2011 Kwt 21: manni hojii Abbaa Alangaa bajata mootummaatiin hojii isaa kan hojjatu ta’uu ni ibsa. Labsii lakk 242/2014 Kwt 41 hojiin qorannaa yakkaa komishinii poolisii Oromiyaa bajata mootummaatiin buluun kan gaggeeffamudha. Akkuma 9ffaa Kwt 79(5) jalatti manni murtii bajata mootummaatiin hojii isaa kan hojjatu ta’uu ibsa.
[74] Akkuma 4ffaa, Kwt 27(2)’tiin waajira poolisiitti fi 35’niin ammoo mana murtiitti dhiyaatee jechi inni kennu kan akka ragaatti lakkaawwamudha.
[75] Akkuma 3ffaa, F179, Akkuma 4ffaa Kwt 40(1) fi 42(2)
[76] Akkuma 4ffaa, Kwt 123
[77] Akkuma 61ffaa, 87 Akkuma 69ffaa 88 Akkuma 3ffaa, F191.
[78] Akkuma 55ffaa
[79] Akkuma 61ffaa
[80] Akkuma 52ffaa
[81] Akkuma 4ffaa, Kwt 185(1) 93 Akkuma 46ffaa.
[82] Akkuma 46ffaa.
[83] Sisaay Eddessaa, Hogganaa waajira Abbaa Alangaa godiina Jimmaa, Amajjii 12/2014 https://t.me/c/1698876944/1484 Jan 20/2022 kan barraa’ee 25/6/2014 kan saaqame
[84] 1= baayyina bargaaffii, 6=baayyina gaaffiiwwan bargaaffii tokkorra jiranii, 34= baayyina Abbootii Seeraa bargaaffii irratti hirmaatanii
[85] 1=baayyina bargaaffii, 6=baayyina gaaffiiwwan bargaaffii tokkorra jiranii, 34=baayyina Abbootii Seeraa bargaaffii irratti hirmaatanii