Seensa
Dhimmoota rakkoo ta’anii yeroo ammaa kana akka biyya keenyatti maqaa gaarii hinqabaanne xureessaa jiru keessaa tokko godaansa seeraan alaa fi daldala namaa akka ta’e beekamaa dha.Gama biraatiin heera mootummaa naannoo oromiyaa fi heera mootummaa feedaraalaatiin godaansi seeraan alaa fi namaan daldaluun sarbama mirga namaa ta’uu isaa heericha keessatti tumameera. Akkasumas gochi kun yakka ta’uu isaa Labsii lakkoofsa 909/2007 keessatti namaan daladaluu, goodaansa seeraan alaan daangaa ceesiisuun yakka akka ta’e ofi danda’ee tumameera. Yakkoota kana ittisuun maqaa gaarii biyyattiin qabdu tursiisuuf qaamooleen dhimmi kun ilaallatu hundii isaanii akkaataa gahee hojii mana isaanitti qindoominaan hojjechuun rakkoo godaansa seeraan alaatiin walqabatee akka naannoo Oromiyaatti hiikuun barbaachisaa ta’ee waan argameef, koree olaanoon ittisa godaansa seeraan alaa naannoo Oromiyaa hundeeffamee jira.
Hojicha kana kan raawwachiisu waajjira qindeessaa “Focal Person” tokko qabu Biiroo Haqaa keessatti kan gurmaa’u ta’ee koreen sadarkaa Godina, Bulchiinsa Magaalaa fi Aanaa haaluma walfakkaatuu fi walisimuun gurmaa’ee gahee hojii isaa kana bahu ta’a.