Xinxala Muriti Dhadacha Ijibbaata

Mirga Ol’iyyannoo A /A Mirga Wabii irratti qabu S/D/F/Y/Keewwata 75(1) Vs Murtii Dhaddacha Ijibaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa lakk. galmee 110969

Mulugetaa Magarsaa

Godina Jimmaatti AA Aanaa Cooraa Botor

Midiyaa hawaasaa armaan gadii irrattii barruu kana walif dabarsaa

Seensa

Mirgi wabii mirga heerawaadha haa ta’u malee haala addaatin yeroo itti dhorkamutu jira yeroo kanatti immoo filannoon jiru ol’iyyannoodha.Poolisin nama yakka raawwate yookiin raawwachuu isaa shakke akka hidhuu danda’u seerri aangoo kenneefi jira.Kana yommuu taasisu garu of eeggannoo(dirqama) faana akka ta’e dubbisa heera mootummaa keewwata 19(3) fi seera deemsa falmii yakkaaa keewwata 29(1) hubachuun ni danda’ama.Sababni isaa immoo namni qabamee hidhame sun sa’aatii 48 keessatti mana murtii dhiyaachuu kan qabu ta’uudha.Yeroo kanattis manni murtii bu’ura seera deemsa falmii yakkaa keewwata 59 tin shakkamaan sun akka mirga wabiitiin gadi lakkifamu yookiin mana turmaataa akka turu murtii dabarsuu danda’a.Gama biraatin immoo bu’ura seera deemsa falmii yakkaa keewwata 64 tiin shakkamaan yookiin himatamaan mirgi wabii isaa akka eegamuuf barreeffamaan gaafachuu kan danda’u ta’uu hubanna.As irratti himatamaan gama lamaaninuu mirga wabii isaatii yoo  dhorkame  himatamaan bu’ura seera deemsa falmii yakkaa keewwata 75(1) ol’iyyachuun mirga isaa kabachiisuu kan danda’u ta’u hubanna.Haa ta’u malee himatamaan yookiin shakkamaan akkuma gaafate mirgi wabii isaatii yoo eegameef A/A murtii mirga wabii kana irratti ol’iyyannoo dhiyeessuu danda’a moo? hin danda’u? kan jedhu dhimma barreeffama kana keessatti ilaallu ta’a.Akka waliigalaatti mirga wabii jechuun Sirna namni yakka raawwate jedhamee tokko shakkame qabame tokko bu’uura seera yakkaa fi seera deemsa falmii yakkaatin hanga murtii dhumaa argatutti wabummaa gahaa fiduun alaa deddeebi’e falmatuu jechuudhaa.Gama biraatin ilaalchi namni yakka raawwate jedhamee shakkame qabame tokko  hanga murtii dhumaa argatutti yeroo beellamaatin hidhamee turuurra mirgi wabii eegamuu fi wayya jedhu biyyoota addunyaa maraa biratti dhimma  fudhatama argateedha..

Seenaa Gabaabaa MirgaWabii

Shakkamtootaaf mirga wabii hayyamuudhaan hanga murtiin dhumaa kennamuutti osoo hin hidhamiin ala akka turan gochuun yoom akka jalqabame ifaan ifatti dubbachuun rakkisaa ta’ullee barreeffamoonni tokko tokko akka ibsanitti yeroo durii biyya Ingiliz keessatti aangoo namoota yakka raawwatan hidhanii eeguu kan qaban “Sherifoota”warri jedhaman itti gaafatamummaa dhuunfaa fi baasii guddaa qabu of irraa hambisuuf mala yaadani uuman ta’u hin oolu tilmaama jedhutu jira.Yeroo sana keessa Abbootin Seeraa biyya Ingilizii hojii abbaa seerummaa kan hojjatan biyya keessa naanna’anii waan tureef dhimmi shakkamtoota qabanii hanga dhagahamutti yeroo dheeraa kan fudhataa ture yommuu ta’u shakkamtoota hidhaarra turaniif ammoo haalli mijataa waan hin jirreef sababa rakkoo fayyaatirraa kan ka’e dhimmi isaanii murtii dhumaa osoo hin argatin du’u ture.Haalli  gaddisisaa kun sheerifota shakkamtoonni wabii mataa isaanitin yookin immoo nama gara mana murtiitti isaan dhiheessu danda’u wabii waamsisuun  shakkamtoota akka gadhiisan isaan dirqisiisee ture.Sheerifoonni Biyya Ingiliz shakkamtoota haala kanaan kan gadhiisuu jalqaban aangoo seeraan kennameefirratti hundaa’anii osoo hin taanee waliigaltee shakkamtoota waliin umaniin akka ture seenaan ni ibsa.Adeemsa keessa hojimaanni sheerifonni uuman kun faayidaa qabeessa ta’un isaa waan itti amanameef seeraan beekkamtiin kennameefi karaa mana murtiitin akka raawwatamu sirni  adeemsaa diriireefi jedhama.Seenaa kanarraa kan hubatamu sherifonni shakkamtoota wabii dhaan gadhiisuu kan jalqaban shakkamtoonni yaada yeroo ammaa beekkamti akka addunyaatti fudhatama argate mirga shakkamtootaa akka nama qulqulluutti ilaalamuu irratti hundaa’anii osoo hin taane rakkina yeroo sanatti isaan qunname rakkina du’a shakkamtootaafi baasii irraa of hambisuuf akka ta’e ni hubatama.

Tamsaasa FM MHAAGJ

dhageffadhaa.

Mirgi wabii falmiidha

Mirgi wabii akkuma falmiiwwan idilee biroo adeemsa mataa isaa danda’e kan qabu ta’uu tumaalee waliigalaa haala mirga wabii tarreessan irraa hubachuun ni danda’ama.Kana jechuun falmiin jira taanaan qaamni walfalmu jiraachuun dirqama ta’a.Falmii qaama lama jidduutti taasifamu irratti yoomiyyuu yoo ta’e immoo dhimma jaarsummaadhaan xummuramuun alatti qamni walfalmu lama bakka jirutti qama tokkoof murtaa’uu qaama biraatti immoo itti murtaa’uun dirqama ta’a jechuudha.yeroo kanatti qaamni murtii sana irraa komii qabu ol’iyyachuun isaa kan hin oolle ta’a jechuudha.Dhimma qabanne kana irratti qaama falmii kan ta’u shakkamaa yookiin himatamaa fi A/A waan ta’uuf  kan shakkamaa yookiin himatamaa ifaan taa’eet jira waan ta’eef waanti ka’u hin jiru haa ta’u malee  A/A mirgi wabii yoo eeyyamame ol’iyyachuu danda’aa? kan jedhu gaaffii xinxala kana keessatti deebii argatuudha.

Yaad rimee Ol’iyyannoo

Yeroo baay’ee jecha ol’iyyannoo jedhu namni hunduu(ogeessa seeraa kan ta’es kan hin taanes) yommuu jedhu ni dhagahama.Haa ta’u malee dhimma kanaan walqabatee meeqaa keenyatu hanguma jechicha jennu hubannoo isaa qabna isa jedhu isiniif dhiisee gara yaadrimee isaa ija seeraatin maal fakkaata kan jedhu akka armaan gadiitti  ilaaluf yaalla.

<<An appeal is the process in which cases are reviewed by a higher authority where parties request a formal change to an official decision.Appeals function as well as a process of clarifying and interpreting law>>

Ol’iyyannoo jechuun murtii kenname manni murtii gubbaa jiru akka ilaalee jijjiiruf adeemsa ittin gaafatamu.Ol’iyyannoon hojii akkasumas adeemsa seera ifa gochuu fi hiikuti. (yaada barreessaa)

Dhimmoota armaan olii irraa ol’iyyannoon maal akka ta’e hubachuun ni danda’ama.Ulaagaawwan armaan olii irraa kan hubachuu dandeenyu kan ol’iyyatamu qaama ol’aanutti(mana murtii murtii jalqabaa kenneen olitti qaama jiru ta’uu qaba) akkasumas immoo murtiin mana murtii jalaatin kenname akka jijjiiramuuf ifaan gaafachuun barbaachisaa akka ta’ee fi kaayyoon isaa immoo seerri ifa akka ta’uu fi hiikkoo akka argatu ta’uu hubanna.

Gara seera adeemsa falmii yakkaa keenyatti yommuu deebinu kitaaba shanaffaa keessatti keewwata 181 jalatti qajeeltoo isaa yommuu ilaallu Mana murtii yakkaatti himatamaa irratti balleessaa ta’uun itti murteessun yeroodhaaf  gadi lakkifamuun yookiin  bilasa gadi lakkifamuun murtii kennamu irratti ol’iyyannoon dhiyaatu hunduu bu’ura kitaaba kanaatin kan raawwatamu ta’a jedha.Kana irraa kan hubannu immoo dhimma tokko irratti ol’iyyachuuf murtiin balleessummaa yookiin murtiin bilisaa jiraachuu qaba ergaa jedhu qaba.Kana jechuun ijoo falmii irratti falmii taasifameen ragaan dhagahamee akka barbaachisummaa isaatti ragaan ittisaa dhagahamee sana booda adeemsa jiru muldhisuuf(mul’isuuf) kan taa’e fakkaata.Haa ta’u malee dhimma mirga wabiitin walqabsiifnee yommuu ilaallu mirga wabii irratti falmiin qaama lamaa haa jiraatu malee falmichi kan taasifamu garuu ijoo dubbii irratti akka hin taane ifadha.Kanaaf  ol’iyyannoon gaaffii mirga wabiitin walqabatu dhugaadhumayyuu adeemsa kitaaba shanaffaatiin hoogganamuu qabaa kan jedhu gaaffi biraa fi qorannoo biraa kan barbaadu waan ta’eef yeroodhaf bira darbinee dhimma qabanetti yommuu deebinu dhimmi mirga wabii irratti ol’iyyatamu kutaadhuma kanaan hoogganama yoo jenne fudhanne A/A mirga wabii irratti ol’iyyachuu danda’aa kan jedhu xinxala dhimmaa faana walbira qabnee akka armaan gadiitti kan ilaallu ta’a.

Xinxala dhimmaa

Murtii Dhaddacha Ijibaataa M/M Waliigala Federaalaa  lakk.galmee 110969 irratti

Dhimmichi kan yakkaa ta’ee falmii raawwii mirga wabii yommuu ta’u kan jalqabames waamamaan Mana Murtii Ol’Aanaa Federaalaatti iyyataan ammaa himatamaa 1ffaa kan turaniifi nama biro tokko irratti himannaa dhiyeesseen ka’umsa himatamtoonni gaaffi mirga wabii kaasan irratti.

Dhufaatii dhimmichaa ilaalschisee:-himannaan kan dhiyaate himatamtoonni labsii 761/2004 keewwata 9(1) (a) fi (b) irra darbuun yakka waliin dhahuu telekoom raawwataniiru jedhamanii yommuu ta’u mirgi wabii isaanii akka kabajamuuf iyyata himatamtoonni dhiyeessaniin Manni Murtii Ol’aanaa Federaalaa gaaffii mirga wabii irratti falmii bitaaf mirgaa erga dhaggeeffatee booda tumaan himannaa irratti caqasame hidhaa cimaa waggaa 10 hanga waggaa 20 qaqqabuu danda’uun kan adabsiisuu fi adabbii maallaqaa dacha faayidaa seeraan ala argamee ta’uu isaa tumaan himatamtoonni jalatti himataman mirga wabii kan hin dhoorkisiifne ta’uu fi iyyataan teessoo guutuu kan qabanifi hojii daldalaa irratti hirmaatanii kan argaman waan ta’aniif wabiidhaan yoo bahan dirqama isaanii kabajanii hin dhiyaatan jechuun waamamaan tumaa seera deemsa falmii yakkaa keewwata 67(a) bu’ura godhachuun falmiin dhiyeessan fudhatama kan hin qabne ta’uu ibsuun iyyataan qarshii 500,000(kuma dhibba shan) namni himatamaa 2ffaa turan immoo qarshii 80,000(kuma saddeettama) wabii dhiyeessanii wabiidhan ta’anii akka falman lakk galmee 153018 gaafa guyyaa 27/05/2007 dhaddacha ooleen ajaja kennuun ajajicha komachuun waamamaan ol’iyyannoo dhiyeessen Mana Murtii Waliigala Federaalaa falmii bitaaf mirgaa erga dhaggeeffatee booda ulfaatina adabbii himatamtoota eegu bu’ureeffachuun wabiidhan yoo bahan dirqama isaanii kabajanii hin  dhiyaatan tilmaamni jedhu madaallii kan kaasu ta’e argachuu ibsee ajaja Mana Murtii Ol’aanaa diiguun himatamtoonni dhimma isaanii Mana Amala Sirreessaa  ta’anii akka hordofan lakk.galmee 109570 gaafa guyyaa 17/06/2007 dhaddacha ooleen murtii kennuu isaa iyyataan iyyata ijibaataa kana kan dhiyeessanis qabiyyeen isaa murtii Manni Murtii Ol’Iyyataa dogoggora seeraa bu’uraa kan irratti raawwatame ta’uu isaatin sirraa’uu qaba jechuun akka ta’e garagalchii galmee ni muldhisa(mul’isa).

Iyyatni ijibaataa qoratamee iyyataadhaaf mirgi wabii mana Murtii Ol’aanaa Federaalaatti eeyyamame ol’iyyata waamamaatin Mana Murtii Waliigala Federaalaatti diigamuun isaa ija seera deemsa falmii yakkaa keewwata 75(1)  yommuu ilaalamu A/Alangaa wabiin maalif eeyyamame jechuun mirga ol’iyyachuu  qaba moo hin qabu kan jedhu waamamaan bakka jirutti qulqulleessuf akka danda’amu dhimmichi ijibaataaf akka dhiyaatu taasifamuun bitaaf mirgi barreeffamaan falmii waljijjiraniiru.Dhufaatin dhimmichaa fi qabiyyeen falmichaa isa gubbaatti ilaalle yommuu ta’u nutis murtiin iyyatni irratti dhiyaate dogoggora seeraa bu’uraa ta’ee kan raawwatame ta’uu fi dhiisuu ijoo falmiif qabame faana qoranneerra.

Bu’uruma kanaan Heera Mootummaa Federaalawaa Dimookraatawaa Rippubliika Itoophiyaatinis ta’ee tarree seerotaan mirga  himatamaaf  mirkanaa’e keessaa tokko mirga wabii ta’uun kan beekamu ta’us yeroo kamuu fi haala kamiinu kan mirkanaa’u osoo hin taane sirumayyuu sababoota seeraan ibsamaniin daanga’uu kan danda’uudha.Dhimma qabanneen iyyataan yakki ittiin himataman mirga wabii bu’urumaan kan eeyyamu ta’us waamamaan gaaffii mirga wabii iyyataa kan morme tumaa seera adeemsa falmii yakkaa keewwata 67(a) bu’ura godhachuun yommuu ta’u Manni Murtii Ol’iyyataas ajaja Mana Murtii Ol’aanaa diiguun iyyataan dhimma isaanii Mana Amala Sirreessaa ta’anii akka hordofan murtii kan kenne tumaa kana bu’ura godhachuudhaani.

Ajaja gaaffii mirga wabii hin fudhadhu jedhuu irratti haala ol’iyyata itti  jedhamu ilaalchisee iyyata waraqaa wabummaatin gadi lakkifamu  dhiyaate Manni murtii kan hin fudhanne yoo ta’e himatamaan haala keewwata 182(1) irratti ibsameen mana Murtii Ol’iyyataaf guyyaa digdama keessatti iyyata isaa dhiyeeffachuu kan danda’u ta’uu seera adeemsa falmii yakkaa keewwata 75(1) jalatti tumameera.Qaamni himatu ajaja wabummaan eyyamamuun kenname irratti ol’iyyannoo dhiyeessuu kan danda’u ta’uu seerri adeemsaa haala addaatin tumaan hammachise hin jiru.Kana ta’uun  garuu dubbisa  seera adeemsaa keewwata 75(1) wabummaa eeyyamuun ajaja kennamu irratti A/Alangaa ol’iyyata akka hin dhiyeessine seerichi karaa sirrii(ifaa) hin taanen dhorkeera akkaataa jedhuun hiikuu kan dandeessisuu miti.Hiikkoon akkanaa haala waliigalaa mirga ol’iyyannoo dhiyeeffachuu seera adeemsaa keessa jiruu faana kan walsimu miti.Sirumayyuu himatamaan mirga wabii isaatii yeroo dhorkamu mirga ol’iyyachuu kan qabu ta’uu seera baastun lakk.75(1) addatti tumuun isaa barbaachisummaa mirga wabii ilaalcha keessa galchuudhaan dhimmichaaf xiyyeeffannoo kennuuf yaadun akka ta’e qabiyyee tumaa kanaa fi qajeeltoo waliigalaa mirga wabii seera adeemsichaa irraa hubachuun ni danda’ama.Seera adeemsa falmii yakkaa lakk. 75(1) jalatti tumaan ibsame wabummaa eeyyamuun ajaja kenname irratti mirga ol’iyyata dhiyeeffachuu himataa karaa al-kallattiidhaan kan  dhorke taasifamee hiikamuu kan hin qabne ta’uu isaatiin Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddacha Ijibaataa lakk.galmee 113436 ta’e irratti dursee dhiyaateefin dhimma walfakkaataa ta’e irratti murtii dirqisiisaa kenne ijoo dhimma galmee kana keessatti dhiyaateef raawwatiinsa kan qabu ta’uu mirkaneeffanneerra.

Yommuu goolabamu murtiin iyyatni irratti dhiyaate dogoggora seeraa bu’uraa kan irratti raawwatame jechuuuf kan danda’amu ta’ee  hin argamnee.

Xinxala Muriti Dhadacha Ijibbaata

Yaada Goolabbii

Mirgi wabii mirga bu’uraa heera mootummaadhaan beekamtii fi eegumsi taasifameefidha.Mirgi kun garuu yeroo tokko tokko  seeraan daanga’uu danda’a.Kunis falmiin irratti taasifamuu danda’aa yeroo kanatti immoo mirgi wabii shakkamaa yookiin himatamaa yeroo eeyyamametti A/Alangaa murtii kenname irraa komii yoo qabaatee akkuma dhimmoota kaanii ol’iyyachuudhaan murtii mana murtii jalaa diigsisuu kan danda’u ta’uu murtii dirqisiisaa manni murtii Waliigala federaalaa kenne kan  irraa hubachuun ni danda’ama.

Mulugetaa Magarsaa

Published by Mana Hoji AA Godina Jimma. የጅማ ዞን አቃቤህግ መስሪያቤት

this is my page on jimmaa attorney website

Leave a Reply

%d bloggers like this: