Posted in hubannoo seeraa, Pdf

Yaada ADABBII SALPHISU WALIIGALAA SEERA YAKKAA ITOOPHIYAA KEEWWATA 82(1E) Vs SEERA YAKKAA KWT 575(1) (2) FI MURTII DHADDACHA IJIBBAATAA MANA MURTII WALIIGALAA FEDELAALAA JILDII 12FFAA LAKK.GALMEE IJIBBAATAA 62332 TA’E IRRATTI KENNAME

Xinxaala Dhimmaa lakk.3

Xinxaala  seera irratti hundaa’ee  taasifame

Qopheessaan Abdusalam M.

Seensa

 kaayyoon seera yakkaa biyya keenyaa nageenyaafi tasgabbii hawaasaa eeguu dha. Qaamoleen haqaa fi nageenyaas Hawaasicha kan eegu yakki akka hin raawwatamne ittisuun yoo ta’u, kanas karaa galmaan gahu keessaa tokko adabbiidha. Raawwattoonni yakkaa adabamuun isaanii akka yakka biraa raawwachuu irraa of qusatan isaan taasisa. Gara fuula duraattis namoota yakka raawwataniifis akeekkachiisa ta’a.Yakkii yeroo kamiyyuu hawaasa keessatti uumamu kan danda’u waan ta’eef kana wajjiin wal-qabatee Deemsa seeraa sirrii ta’e (Due process of law) hordofuun adabbiin  yakkamtoota irratti fudhatamuun waan hafuu miti. Gareen falmitoonni yaada adabbii bu’uura seera yakkaatiin kaa’ame erga dhiyeessan booda adabbiin ni murta’a. Adabbiin yommuu murtaa’u kewwata seeraa bu’uura  godhate haala ifaa ta’een kaa’amuu qaba. Manni murtii seera  deemsa falmii yakkaa bu’uura godhatee yaada bitaafi mirgaa erga fudhatee booda qajeelfama adabbii bu’uura godhachuun adabbii ni murteessa. Seerri  manni murtii murteessa adabbii keessatti bu’uura godhatu keessaa inni biroo Murtii dhaddacha Ijibbaataa Mana murtii Waliigalaa Federaalaati. Murtee dhaddacha ijibbaataatiin kennamu dirqisiisaa akka ta’an kan barbaachise, namni kamiyyuu tajaajila sirna haqaa wal-fakkaatu akka argatu taasiisudhaafi. Dhimmoota hanga ammaatti yaada adabbii waliin walqabatee dhaddacha ijibbaataa Mana murtii waliigalaa Federaalaatti dhiyaatanii murtaa’an keessaa dhimma  falmisiisaa tokko seeraan walbira qabnee kan ilaallu ta’a. Kaayyoon barreeffama gabaabaa kanaas dhimma qabatamaa dhaddacha ijibbaataa kanaan murtaa’e seeraan walbira qabnee xinxaaluun  gaaffii muraasa deebisuuf yaalla.

Gaaffiiwwan barreeffama Gabaabaa kanaan deebisuuf  yaalamu

  • . Seera Yakkaa kwt  575 (1) fi (2) jalatti Nama Balaa Irratti Argamu Gargaaruu Dhabuu akka yakkaatti ykn  Nama Balaa Irratti Argamu Gargaaruu akka dirqamaatti [ittigaafatamummaa namuu bahachuu qabuutti] kaa’amuun yaada adabbii salphisu Seera yakkaa kwt 82{1E} jalatti jiru[,Yakkamtichi yakkicha erga raawwatee booda dhugumaan kan gaabbe ta’uu isaa, keessumattuu nama miidhaa irratti qaqqabsiiseef gargaarsa barbaachisaa kennuun …..gaabbuu isaa gochaan kan agarsiise yoo ta’e] kan jedhu irraa fayyadamaa ta’uu ni dhoorkaa ?
  • Dhimmi nama dagannoon konkolaataan nama rukutee miidhamaa kaasee buufata fayyaa geessuun gargaarsa taasiseefi akkamitti ilaalama?
  • . Seerri yakkaa kwt 82(1E) jalatti  Yakkamtichi yakkicha erga raawwatee booda dhugumaan kan gaabbe ta’uu isaa, keessumattuu nama miidhaa irratti qaqqabsiiseef gargaarsa barbaachisaa kennuun …..gaabbuu isaa gochaan kan agarsiise yoo ta’e]  jechuun kan kaa’ame  yeroo akkamiiti hojiirra oola ?
  •  Qajeeltoo hiikkoo  seeraa ‘bakka hiikkoo seeraa barbaachisutti’ haala himatamaa deeggaruun hiikamuu qaba. jedhu waliin akkamitti ilaalama.?

          Mee Gaaffiiwwan armaan olitti ka’an deebisuun dura Tumaalee seera yakkaa armaan olitti ibsaman akka itti aanutti jecha kallatiin[ Verbatim…] haa caqasnu.

Keewwata 82. Sababoota Waliigalaa Adabbii Salphisan[2]

  1. Manni murtichaa murtii seeraan tumame osoo hin darbiin adabbii kan salphisu /keewwata 179/:
  2. Yakkamtichi hanga yeroo yakkicha raawwateetti amalli isaa yeroo hundaa gaarii yoo ta’eefi kan balleesses xiqqeenya beekumsaatiin, beekuu dhabuun, garraamummaan, yookiin mudannaa hin yaadamneefi tasaan yoo ta’e;
  3. Yakkamtichi yakkicha kan raawwate fedhii kabajamaafi faayidaa dhuunfaa irratti hin hundoofneen yookiin amantaa olaanaa amantiin, safuun yookiin hawaasummaan kaka’ee yoo ta’e;
  4. Yakkamtichi yakkicha kan raawwate dhabiinsa olaanaan yookiin dararama hamilee irra gaheen, wanti balaa cimaa fiduu danda’u kan itti aggaamame se’ee, sodaan qabatamummaa qabu irra gahee yookiin sababa dhiibbaa nama aangoo isaa jalatti inni ajajamuufiin yookiin isa bulchuun yoo ta’e;
  5. Yakkamtichi yakkicha kan raawwate amalli nama miidhamee qorumsa cimaarra isa buusee, kakaastummaa jeequmsa cimaatiin yookiin sababa arrabsoo saalfachiisuun yookiin aarii cimaaf, dararama yookiin dallansuuf kan isa saaxile yoo ta’e; yookiin haala dirqamsiisa olaanaa qabuun  miira jijjiiruun yookiin  jeequmsa miiraa sababa qabu keessa seenuun yoo ta’e; yookiin
  6. Yakkamtichi yakkicha erga raawwatee booda dhugumaan kan gaabbe ta’uu isaa, keessumattuu, nama miidhaa irratti qaqqabsiiseef gargaarsa barbaachisaa kennuun, yookiin badii isaa hubachuun qaamolee haqaatti ofkennuun yookiin hanga danda’ametti miidhaa badiin yakkichaa qaqqabsiiseef beenyaa kaffaluun gaabbuu isaa gochaan kan agarsiise yoo ta’e; yookiin himatamee yommuu mana murtiitti dhiyaate tarreeffama yakkaa himannaa irratti ibsame hunda kan amane yoo ta’edha.

Keewwata 575. Nama Balaa Irratti Argamu Gargaaruu Dhabuu[3]

  1. Namni kamiyyuu ofirratti yookiin garee sadaffaa irratti haala balaa hin geessisneen nama biroo balaa ulfaataa lubbuu, qaama, yookiin fayyaa isaarra gahuu danda’u keessatti argamu karaa kallattiin yookiin alkallattiin gargaaruu osoo danda’uu, itti yaadee osoo hin gargaariin kan hafe yoo ta’e; hidhaa salphaa ji’a jaha hin caalleen yookiin adabbii maallaqaatiin ni adabama.
  2. Balleessichi:
  3. haala yookiin mala kamiiniyyuu yoo ta’e miidhamticha irratti miidhaa kan geessise himatamtichuma yoo ta’e; yookiin
  4. Miidhamticha baraaruuf yookiin gargaaruuf dirqama ogummaa yookiin waliigaltee kan yaalaa, kan galaanaa yookiin seeraa biroo kan qabu yoo ta’e;

hidhaa salphaa ji’a tokkoo hanga waggaa lamaa gahuu danda’uufi adabbii maallaqaatiin ni adabama. jechuun ifaan tumamee jira.

Dhimma Qabatamaa

Gocha Yakkaatiin nama biraa irraan namni miidhaa qaqqbsiise miidhaa erga qaqqabssisee booda miidhamaa gara iddoo yaalaa geessuun qofti gocha isaatti kan gaabbe ta’uu agarsiisa jechuun adabbii ka’umsaa gadi bu’uun salphisaniifi  akka murtaa’u gochuun kan danda’amu akka hin taane  Seera  yakkaa kwt 543/3/,59/1/,575/2/,82/1/E/ Danbii fooyya’insa geejibaa lakk.279/56 kwt 35  irratti hundaa’uun DHIJMMWF Jildii 12ffaa Lakk.galmee dhaddacha ijibbaataa 62332 ta’een  gaafa guyyaa 29/9/ 2003 ዓ/ም  Iyyataa Obbo Zallaqa Kaasaayee fi  Waamamaan/deebi kennaan/:-A/Alangaa Federaalaa  gidduu falmii gaggeeffame irraa hubachuun ni danda’ama

Murtii Dhaddacha ijibbaataa kana salphatti akka hubatamuuf jecha jechaan Hamma danda’ametti Afaan Amaaraa irraa Gara Afaan Oromootti akka itti aanutti hiikuuf yaalamee jira.

   Murtii [4]

Dhimmichi himata yakkaa yoo ta’u Mana murtii Olaanaa Federaalaatti dhiyaatee kan ture Dagannoon nama Ajjeessuu kan jedhu ture.  Himatni Abbaan Alangaa dhiyeessee  ture  Himatamaan /iyyataan ammaa/ danbii fooyya’insa geejibaa lakk.279/56 kwt 35 fi seera yakkaa bara 1996 bahe kwt 543/3/ irra  darbuun konkolaataa konkolaachisu lakk.gabatee isaa 1-10432 አ/አ  ta’een muddee 20/2001 ganama irraa sa’aatii 1:30 irratti bataskaana Yohaannis bakka addaa naannawa  sebara Babur jedhamee waamamutti  Zebraa bakka qaxxaamura lafoo deemtotaa irratti dursa kennuu dhabuun nama Takluu geetaahun jedhamutti buusee dagannoon ajjeesseera kan jedhu ture. Himata kan dhagahe manni murtii ol’aanaa Federaalaa himatamaan himata isarra dhiyaate gochicha raawwachuu amanee garuu badii isaa ta’uu waan haaleef ragaa bitaaf mirgaa dhagahee seera yakkaa kwt 59/1/A/ fi 543/3/ jalatti balleessaadha jechuun yaada adabbii bitaaf mirgaa fudhachuun hidhaa cimaa waggaa tokkoo fi ji’a jahaa fi qarshii 10,000 akka adabamu murteessee jira.  Murtii kana Abbaan Alangaa Federaalaa komachuun Mana murtii waliigalaatti oliyyata dhiyeessee Manni murtichaas erga walfalmisiisee booda Adabbichi Hidhaa Cimaa Waggaa shaniitti olkaasee murteessuun adabbii maallaqaa bakkuma jirutti kan turu ta’uu murteessee jira.  Komiin amma dhiyaate murtii kana komachuun yoo ta’u iyyataan Abukaattoo isaatiin gurraandhala 14/2003  iyyata fuula sadi kan dhiyeeffate yoo ta’u ,qabiyyeen isaa gabaabinaan Sababoota adabbii salphisan adda addaa dhiyeessuu keenyaan Manni murtii ol’aanaan tilmaamaa keessa galchee kan salphiseefi ka’umsa irraa gadi bu’ee adabuun ifa ta’ee osoo jiruu  Manni murtii waliigalaa  Miidhamaa gara iddoo yaalaa geessuun koo seeraan jechunis seera yakkaa kwt 575/2/ jalatti dirqama bahachuu qabu  bahachuu dha malee jechuun hidhaa cimaa akka adabamu  murteessuun sirrii miti kan jedhuu dha. dhimmichi ni dhiyeessisa jedhamuun Abbaan Alangaa gaafa guyyaa 10/6/2003 deebii fuula lamaan kennee jira. Yaadni ijoon deebichaa sababoonni adabbii salphisu jedhame adabbii ka’umsa irraa kan gadi buusuu ta’uu dhabuun Murtiin mana murtii walii galaa federaalaan kenname murtii sirrii waan ta’eef akka cimu jechuun falmee jira. Abukaattoon Iyyataa deebii deebiirratti kennee jira. Falmiin bitaaf mirgaa dhiyaate gababinaan akka olitti ibsame yoo ta’u ,falmiin iyyata irratti dhiyaateen Ijoo qabamee fi Seera rogummaa qaban waliin ilaaluun qoratee jira.  Akka qoratettiis dhimma kanaan manni murtii waliigalaa iyyataan adabbii ka’umsaa /hidhaa cimaa waggaa shanii /gadi sababni ittiin adabamu hin jiru jechuu sirrummaa isaa ilaaluun furmaata argachuu kan qabu ta’uu argineerra.kana irratti hundaa’uun dhaddacha ijibbaataatiin dhimmichi ni dhiyeesissa yoo jedhamu Iyyataan balaa miidhamaa irra  erga qaqqabsiise booda jechuunis miidhamaan gargaarsa yaalaa akka argatu  taasisuun seera yakkaa kwt 82(1)E) irratti hundaa’uun Adabbicha salphisuufi kan qabuu dha moo miti ? kan jedhu waan ta’eef dhaddachiis ijoo dubbii kana irraa ka’uun qofa ilaaluun furmaata argachuu kan qabu ta’uu arginee jirra. Bu’uuruma irraa nama miidhaan irraa gahe ykn balaan irra gahaa jiru gargaaruu dhiisuun  ittigaafatamummaa yakkaa  kan hordofsiisu ta’uun seera yakkaa kwt 575 jalatti kan tumame ta’uun olitti miidhaa kan qaqqabsiise  himatamaa mataasaa yeroo ta’etti  immoo irra caalatti ittigaafatamummaa yakkaa kan qabu ta’uu seera yakkaa kwt 575(2) jalaa hubachuun ni danda’ama. himatamaan ittigaafatamummaa kana hin bahatin kanaafis ittigaafatamummaa yakkaa dabalataa yakka daddabalamaan gaafatamuu akka danda’uu fi iyyataan miidhamaa gara wirtuu yaalaa geessuun ittigaafatamummaa seera yakkaatiin irra kaa’ame bahachuu kan ilaalatu ta’uu hubachuun ni danda’ama. Gama biraatiin seera yakkaa kwt 82(1)E) irratti hundaa’uun himatamaan dhugumatti kan gaabbe ta’uu Manni murtii yoo hubate adabbii salphisuufi akka danda’uu fi dhugumatti gaabbuu isaa kan ibsan keessaa nama miidhaan irra gahe tokkoof gargaarsa barbaachisu gochuun ta’uu akka danda’u taa’eera. Kana jechun Garuu himatamaan miidhamaa gara wirtuu yaalaa geessuun qofti gocha raawwateef dhugumatti gaabbeera kan jechisiisu osoo hin taane dhimmicha sadarkaa jalqabaatiin ykn oliyyataan manni murtii ilaale akka waliigalaatti ragaa bitaa fi mirgaa dhagahuun fi madaaluun guduunfaa irra gahuu dha.   Iyyataan miidhamaa gara wirtuu yaalaa geessuun akka waliigalaatti adeemsa himannaa tilmaama  keessa galchuun iyyataan dhuguma gaabbee jira moo miti? qabxiin jedhu madaallii ragaa ta’uu fi Angoon dhaddacha ijibbaataa kanaa immoo heera mootummaa kwt 10 irratti hundaa’uun dogoggora seeraa bu’uuraa sirreessuu ta’uu wajjiin   Manni murtii oliyyata dhagahe  gama kanaan guduunfaa irra gahe fudhachuun sirriidha. kana irratti hundaa’uun iyyataan miidhamaa gara wirtuu fayyaa geessuun seera yakkaatiin dirqama iyyataa irra kaa’ame bahachuudha malee adabbii salphisuuf kan gahuu miti jechuun dogoggora seeraa bu’uuraa kan qabu ta’ee hin mul’anne.  kana irratti hundaa’uun murtiin itti aanu kennamee jira.                 Murtii[5]

  • MMWF Lakk.galmee 54154 dhaddacha gaafa guyyaa  24.2.2003 ዓ/ም ooleen murtiin kenname bu’uura s/d/f/y kwt 195 /2/c/tiin cimee jira. 

                       Xinxaala dhimmichaa [6]

Murtii Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii waliigalaa Federaalaa armaan olii  Ijoo dubbii isaan qabatan,Xinxaala seera rogummaa qabu irratti hundaa’uun gaggeessan guduunfaa (conclusion) isaan irra gahan irratti hundoofnee  yoo xinxaallu  Ijoon dubbii qabatame Iyyataan balaa miidhamaa irra  erga qaqqabsiise booda jechuunis miidhamaan gargaarsa yaalaa akka argatu  taasisuun seera yakkaa kwt 82(1)E) irratti hundaa’uun Adabbicha salphisuufi kan qabuu dha moo miti ? kan jedhu waan ta’eef dhaddachiis ijoo dubbii kana irraa ka’uun qofa ilaaluun furmaata argachuu kan qabu ta’uu arginee jirra.kan jedhu yoo ta’u  Xinxaala isaaniitiinis akka ibsanitti Bu’uuruma irraa nama miidhaan irraa gahe ykn balaan irra gahaa jiru gargaaruu dhiisuun  ittigaafatamummaa yakkaa  kan hordofsiisu ta’uun seera yakkaa kwt 575 jalatti kan tumame ta’uun olitti miidhaa kan qaqqabsiise  himatamaa mataasaa yeroo ta’etti  immoo irra caalatti ittigaafatamummaa yakkaa kan qabu ta’uu seera yakkaa kwt 575(2) jalaa hubachuun ni danda’ama. himatamaan ittigaafatamummaa kana hin bahatin kanaafis ittigaafatamummaa yakkaa dabalataa yakka daddabalamaan gaafatamuu akka danda’uu fi iyyataan miidhamaa gara wirtuu yaalaa geessuun ittigaafatamummaa seera yakkaatiin irra kaa’ame bahachuu kan ilaalatu ta’uu hubachuun ni danda’ama. dhuma irrattiis Guduunfaan ykn murtiin dhumaa isaan irra gahan Angoon dhaddacha ijibbaataa kanaa immoo heera mootummaa kwt 10 irratti hundaa’uun dogoggora seeraa bu’uuraa sirreessuu ta’uu wajjiin   Manni murtii oliyyata dhagahe  gama kanaan guduunfaa irra gahe fudhachuun sirriidha. kana irratti hundaa’uun iyyataan miidhamaa gara wirtuu fayyaa geessuun seera yakkaatiin dirqama iyyataa irra kaa’ame bahachuudha malee adabbii salphisuuf kan gahuu miti jechuun dogoggora seeraa bu’uuraa kan qabu ta’ee hin mul’anne. jechuun murtii Mana murtii waliigalaa cimsanii jiru.

As irratti gaaffiin deebii argachuu qabu .

  • Seera Yakkaa kwt  575 (1) fi (2) jalatti Nama Balaa Irratti Argamu Gargaaruu Dhabuu akka yakkaatti ykn  Nama Balaa Irratti Argamu Gargaaruu akka dirqamaatti [ittigaafatamummaa namuu bahachuu qabuutti] kaa’amuun yaada adabbii salphisu Seera yakkaa kwt 82{1E} jalatti jiru[,Yakkamtichi yakkicha erga raawwatee booda dhugumaan kan gaabbe ta’uu isaa, keessumattuu nama miidhaa irratti qaqqabsiiseef gargaarsa barbaachisaa kennuun …..gaabbuu isaa gochaan kan agarsiise yoo ta’e] kan jedhu irraa fayyadamaa ta’uu ni dhoorkaa ?
  • Seerri yakkaa kwt 82(1E) jalatti  Yakkamtichi yakkicha erga raawwatee booda dhugumaan kan gaabbe ta’uu isaa, keessumattuu nama miidhaa irratti qaqqabsiiseef gargaarsa barbaachisaa kennuun …..gaabbuu isaa gochaan kan agarsiise yoo ta’e]  jechuun kan kaa’ame  yeroo akkamiiti hojiirra oola ?
  • Qajeeltoo hiikkoo  seeraa ‘bakka hiikkoo seeraa barbaachisutti’ haala himatamaa deeggaruun hiikamuu qaba. jedhu waliin akkamitti ilaalama.?jedhu yoo ilaalle .

Tumaalee armaan olii yommuu ilaallu kwt 82 (1E) jalatti bifa ifa ta’ee fi nama hin shakkisiifneen Sababota adabbii salphisan waliigalaa keessaa Yakkamtichi yakkicha erga raawwatee booda dhugumaan kan gaabbe ta’uu isaa, keessumattuu,nama miidhaa irratti qaqqabsiiseef gargaarsa barbaachisaa kennuun,….gaabbuu isaa gochaan kan agarsiise yoo ta’e jechuun ifaan caqasee jira. tumaan lammaffaa seera yakkaa keewwata 575 (2)jalatti immoo balleessichi haala yookiin mala kamiiniyyuu yoo ta’e miidhamticha irratti miidhaa kan geessise himatamtichuma yoo ta’e; gargaarsa barbaachisaa kennuu yoo dhabe yakkaan kan isa gaafachiisu ta’uun caqasamee jira. tumaa seeraa lamaan kana yoo ilaalle iddoon inni itti walfaallessu hin mul’atu. kana malees iddoon argama isaas keewwatni 82(1)E) seera yakkaa kutaa waliigalaa keessatti kan argamu yoo ta’u keewwatni 575 immoo seera yakkaa kutaa Addaa keessattii dha.  waan ta’eef namni tokko [yakkamaan tokko] gargaarsa barbaachisu nama miidhaa irra qaqqabsiiseef  taasisuu dhabuun yakkaan  adabsiisuun isaa jiraatus namni gocha yakkaatiin nama biraa irraan miidhaa erga qaqqabsiise booda miidhamaa gargaaruun akka sababa adabbii salphisuutti fudhatamuuufi wanti dhoorku hin jiru. gocha isaatti gaabbuu gochaan agarsiisuun kana caalu waan hin jirreef, Gama biraatiin immoo gaabbuun miira (feeling) keessoo waan ta’eef gochaan yeroo ibsamu miidhamaa gargaaruun ibsamuu danda’a.  fkn. Dhimmi nama dagannoon konkolaataan nama rukutee miidhamaa kaasee buufata fayyaa geessuun gargaarsa taasiseefi  keewwata kana jalatti yommuu adabbiin kennamu sababa adabbii salphisuutti qabameefi fayyadamaa ta’uu  danda’a.  Haala kanaan  sababoota adabbii salphisan jedhamee kaa’ame kana irraa fayyadamaa ta’uu yoo baate yeroon itti tumaan kun hojiirra ooluu danda’u yeroo akkamiiti ykn gargaarsi barbaachisu kan akkamitti jechuun gaaffii ta’uu danda’a. Kaayyoo dhumti seera baastonni tumaalee kanneen tumaniif gaaffii ta’uu danda’a .

Tumaaleen kunneen osoo ifa ta’uu baatee illee akkaataa qajeeltoo hiikkoo seeraatti seerri iftoomina yoo dhabee hiikoof saaxilamaa ta’e haala himatamaa deeggaruun hiikamuu akka qabu waan nama walfalmisiisuu miti.

Sigimoo Jimmaa Oromiyaa.

.


[1] LLB, MHAAGJtti A/Alangaa Aanaa Sigimoo

[2] seera yakkaa Itoophiyaa labsii lakk.414/1996

[3] kan armaan olii

[4] DHIJMMWF Jildii 12ffaa Lakk.galmee dhaddacha ijibbaataa 62332 ta’een  gaafa guyyaa 29/9/ 2003 ዓ/ም  Iyyataa Obbo Zallaqa Kaasaayee fi  Waamamaan/deebi kennaan/:-A/Alangaa Federaalaa  gidduu falmii gaggeeffame irratti murtii kenname (hiikaan afaanii qopheessaa barreeffamichaa ti.)

[5] kan armaan olii lakk.4

[6] Xinxaala Yaada dhuunfaa barreessichaa

Leave a Reply